cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Walaloon Jaalala

Youtube Irraattis nu Argattu https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot

نمایش بیشتر
فنلندة56زبان مشخص نشده استموسیقی1 123
Advertising posts
51 185مشترکین
+6324 ساعت
+4937 روز
+1 62830 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Sin jaaladha giiftii koo Jaalallee too dhugaa Waa'ee yaadadheen Halkaniif guyyaa mugaa Guyyaa si argerraa kaasee tan biraa hin laaluu Takka hin agarre Bareeda si caaluu Yoo ati yaalte malee Doktorri fedhe dhufee Dhibee kiyyan yaalu Qashtii nyaara kuulaa Ta funyaan konkonaa Si yaadaan jiraadha Ani gannaaf bona Baddaa baalee kanaa Qamadiin asheetee Fageenyat na dhoowwee Waan si dhiise seetee Halkanillee siyaadaa bakka bulu ciisee Jiraachuun dandayu an ____too dhiisee Abdii Jr Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
نمایش همه...
👍 13 5🔥 3
Repost from Kaachuu Promotion
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
نمایش همه...
Seenaa
Walaloo
Aadaa
Ispoortii
Oduu
Hojii
Teeknooloojii
Siyaasa
All in one
Repost from Walaloon Jaalala
Dambalii Jaalalaa Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
نمایش همه...
5👍 1
Dambalii
Jaalalaa
❤️❤️❤️
❤️Dambalii Jaalalaa❤
Seequun kee ana sobaa An asiin uradhee cobaa Nama anaaf qaaliitti of akkeessitaa Nama 'siifan du'a' jedhu of fakkeessitaa Keessan gurraachoftee Gubbaan natti iftaa Summii hin muldhanne Dhoksitee natti biiftaa Soogiddadha ati Garuu sobdee taata damma Damma jedhee si dhamdhama Garuu soogiddatu natti namma Ajaa'iba! Bitaachi yoo darbu Mirgattin akkeeffamuu Soogiddi soogiddaa Dammattin fakkeeffamuu Ati soogiddadha Kuraa'aa bifaan adii Yoomuu damman taatuu Ija koo duraa badii! Jamaal Rashiid Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
نمایش همه...
🥰 8 5👍 4🔥 1
Siif maraadhee lachuu dhabee Siif gufadhee kichuu cabee Maraattuu sirnaa tahee Namummaa keessaa bahee Siif marmaaree lafa hundaa Siif abaaree nama guddaa Ati naaf hin hubanne💔 Onneen koo siif gaggabuu Lafeen koo siif caccabuu Siif okkolee, siif meelachuu Siif dhukkaa'ee, siif eelachuu Xiyyaara yaadan siif imaluu Ati hin beekne siif hin galu Gad hin ciisne takkaa dirraan Si jaaladha keessaf irraan...... Jaalala koo naaf hubadhuu Na yaali mee na fudhadhuu BY:- Abdii Nagahoo Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
نمایش همه...
👍 14 6💔 3🔥 1🥰 1
OBSII Obsiimee obsaa koo Dandaa'a hundumaa Bara fakkaataa koo Obsii kee addumaa Guyyaa darbuu jirtuu Hundumaa fudhaatte Boruu hundaa argitaa Yoo obsaa qabaattee Soba sitti faarsee Si halluus dhugaa kee Waqayyoo si baasaa Barbaddee Gumaa kee Humnaa obsi qabu Bultuus arguun oltuu Har'af guyyaan hundu Sitti dukkanooftus Sami chalchisa Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
نمایش همه...
25👍 14🥰 6🔥 4👏 2🗿 2
Repost from Kaachuu Promotion
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
نمایش همه...
Seenaa
Walaloo
Aadaa
Ispoortii
Oduu
Hojii
Teeknooloojii
Siyaasa
All in one
Repost from Kaachuu Promotion
Eenyutu injifata?
نمایش همه...
Arseenaal
Chalsii
Wal qixa ba'u
Balleessaa kee dhoksuudhaaf Dadhabbii koo lakkooftu Jecha kee waa'ee hin baafnen Sababa naaf funaantu Fuulli kee dukkanaa'u Garaan kee fagoo yaaddee Gaafasuma naaf gale Deemuu akka barbaadde Ani!! Dhaabee si hin qabuuf malee Sokkuun kee na dhukkuba Innin foolii kee bare Kan biraattoo na dhiba Na hin hubanneef malee Dhugaa onnee koo  jalaa Iccitii   koodha   ati Sirra maaltu naaf caala! ✍Gemechu Dima Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
نمایش همه...
14👍 6🥰 4👎 2🔥 1👏 1
Of Dagachuuf Dhuga! Cabee hin ciisu jedhee. Kokkolfaa okkolu Dhiiga dhangalaasee Ofumaaf wal lolu Harki bitaaf mirgaa Yoo ofii wal qalu Cabus ciiseen laalu Ana natti hin tolu Wal hin dhaabu wal buqqisu Biyyaaf labsii baasu Ofiif of buqqisaa Mee eenyutti labsuu Dhadhaa baasa jedhee Dhiiga jigsaa raasu Nuttaa hafuu dhiisaa Dhadhaaf dhiiga raasuu. Garam adeemutti Qaalii lubbuu baasu Eenyuuf eenyuun ajjeesu Eenyuuf immoo labsuu Dhukkuba jibbiinsaa Wal keessa facaasu An bilisa jedhee Anaa kophaa yaaduu Yaada gaddatti jijjiiree Fagaadheetiin badu Osoo akkas taa'ee Jiraachuuf yaaddayu Maaliif machaa'uun koo Gaaffii sitti ta'uu ? Kanaafan akka raatuu Daandii gubbaa kaadhee Akeeka qabaafan mataa gad qabadhee Keessatti of dhoksuudhaaf Dhugaatii bitadhee Qabadhee naannaya Ishii fira godhee. Dhukkubni jibbiinsaa Na keessatti wal horee Firri na baqannaan Dhugaatitti gore Jibbiinsi na guute Sammuun na tortore Oduu hin dhaggeeffadhu Dhagayee aaruurra Dhugaatii bitadhee Ishiin ta'e fira. Naaf beekaa adaraa An hin qabuu nagaa Kanaafan machaa'ee Asiif achitti jiga Dhiiga koo jibbitee Foon koo jaalattaaree Maal koo barbaaduudhaaf Ana na gorsitaree Ana kan hin argin Miidhama koo gartaaree? Du'aa boollaa baaftee Jiraa awwaaltaaree Osoo narra yaa'uu Imimmaan makee dhiigaa Keessa koon kulkule Dhoksuuf irra gogaa Hin dhugin hin jedhin Of dagachuuf dhugaa! Dave kanure. Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
نمایش همه...
23👍 8🔥 1🥰 1👏 1😁 1