Walaloon Jaalala
Youtube Irraattis nu Argattu https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot
Больше51 266Подписчики
+2424 часа
+4987 дней
+1 69330 дней
- Подписчики
- Просмотры постов
- ER - коэффициент вовлеченности
Загрузка данных...
Прирост подписчиков
Загрузка данных...
Deemuu keetii....?
Osoo waa'ee kee
Tartiiban tarreessuu
Osoo seenaa kee
Dhiiga koon barreessuu
Osoo barbaacha keef
Gufadhee caccabuu
Osoo hafuura keef
Sardamee gaggabuu
Osoo gaarummaa kee
Namootaf lallabuu
Osoo siif fiigee
Argaa keef dadhabuu
Ati deemuu keetii?
Naan jijjiirtee meetii
@Abdii_Nagahoo
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
🥰 25👍 17❤ 13💔 7💋 7🔥 3
SHAKKIIN KOOS DHUGAA TAATE
Shakkiin koos dhugaa taate
Safuudha kaa kun jaama
Akkaamin yoon maal godhee
Ani namaa amana
Sobni guyyaan shee baay'ee
Kan turtee gadii baatu anan
Haa nyaattu dhugaan somba
Soban bookoktuu..............
Dhugaan dhugaan beekama
Hin qabu jechaa biraa akkami
Dubbiin soba dhugaadhan
Akeekamaa kunillee sirri miti
Hubaadha kaa yaa jaama
Sami chalchisa
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
👍 12❤ 5🥰 3🔥 2
#KUULANIIKOO
Ganamaan ganamfadhee
yeroon hirribaa ka'u,
Arfiiwwan jaalalakee
sammuukootti walga'u.
Anis of dadammaqseen
ka'ee si dhandhamadha.
Jechootakee sanattin
afaan bule hiikkadha.
Akka damma daammuuti
dhandhamni jaalalakee;
Fuunfadhee hinquufu
urgaa foolii mormakee.
Jechoota jaalalakeetu
yaadakoo jige tumsa;
Gorora jaalalakee sanan
habbuuqqadhee liqimsa.
Abbaafi haatikee sunis
wareegamaan si dhalchanii,
Bareechanii kuulanii
harkakoo si galchani.
Kuulaniikoon siin jedha
anillee mararfadhee,
Maal-jedhuu namaa dhiisee
ofitti si hammadhee!
Maal-jedhuun warra ormaa
maal abbaashee na gooti?
Sinjaalladha kuulaniikoo
ati yoomiyyuu kankooti!
Sababa jaalalakoof jettee
alagaadhaan jibbamtee,
Baroota darban hedduudhaaf
waan hintaanes jedhamtee,
Har'as gargar nu baasuuf
yaaliin ormaa danuudha;
Anaaf sirraa adda ba'uun
eenyummaakoo ganuudha.
Yeroo siin si cabsani
Na dhukkuba addatti;
Naan haajibbani malee
eenyuunuu hindhiisu sirratti.
Hiika eenyummaakootii
situu na hubachiise;
Afaankoo si godhadheen
seenaakoo dubbachiise.
Seenaakoo doofummaarraa
kan luba baafte lubeekoo,
Yoomiyyuu sinjaalladha
naaf jiraadhu Qubeekoo!
Gaaddisaa Margaa
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
❤ 23👍 8🥰 3🔥 1
JAALALA KOO SIMADHU
Diyaamendii yoon dhabees
Isa gatiinsaa cimaa
Onneerraan si jaalladha
Jilbeenfadheen sitti hima!
~~~~
Murteessaan warqee mitiim
Warqee isa gatii jabaa
Jaalalli dhugaa taanan
Abaaboon hiika qaba!
~
Utuun onnee siif laadhee
Sagal kufee siif cabuu
Garaan kee amma kana
Natti jabaachuu hin qabu!!
~~
Kennaa waaqaatii malee
Jaalalli hin qabu cubbuu
Onneerraan si jaalladhaa
Tole naaf jedhi lubbu!!!
@Oro_Technolgy
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
❤ 11👍 10
Sin jaaladha giiftii koo
Jaalallee too dhugaa
Waa'ee yaadadheen
Halkaniif guyyaa mugaa
Guyyaa si argerraa kaasee
tan biraa hin laaluu
Takka hin agarre
Bareeda si caaluu
Yoo ati yaalte malee
Doktorri fedhe dhufee
Dhibee kiyyan yaalu
Qashtii nyaara kuulaa
Ta funyaan konkonaa
Si yaadaan jiraadha
Ani gannaaf bona
Baddaa baalee kanaa
Qamadiin asheetee
Fageenyat na dhoowwee
Waan si dhiise seetee
Halkanillee siyaadaa
bakka bulu ciisee
Jiraachuun dandayu an
____too dhiisee
Abdii Jr
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
👍 27❤ 13❤🔥 2🔥 2
Repost from Kaachuu Promotion
Sobaan hin beeksisnu
Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Seenaa
Walaloo
Aadaa
Ispoortii
Oduu
Hojii
Teeknooloojii
Siyaasa
All in one
Repost from Walaloon Jaalala
Dambalii Jaalalaa
Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
❤ 5👍 1
Dambalii
Jaalalaa
❤️❤️❤️
❤️Dambalii Jaalalaa❤
Seequun kee ana sobaa
An asiin uradhee cobaa
Nama anaaf qaaliitti of akkeessitaa
Nama 'siifan du'a' jedhu of fakkeessitaa
Keessan gurraachoftee
Gubbaan natti iftaa
Summii hin muldhanne
Dhoksitee natti biiftaa
Soogiddadha ati
Garuu sobdee taata damma
Damma jedhee si dhamdhama
Garuu soogiddatu natti namma
Ajaa'iba!
Bitaachi yoo darbu
Mirgattin akkeeffamuu
Soogiddi soogiddaa
Dammattin fakkeeffamuu
Ati soogiddadha
Kuraa'aa bifaan adii
Yoomuu damman taatuu
Ija koo duraa badii!
Jamaal Rashiid
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
🥰 11👍 7❤ 6🔥 1
Siif maraadhee lachuu dhabee
Siif gufadhee kichuu cabee
Maraattuu sirnaa tahee
Namummaa keessaa bahee
Siif marmaaree lafa hundaa
Siif abaaree nama guddaa
Ati naaf hin hubanne💔
Onneen koo siif gaggabuu
Lafeen koo siif caccabuu
Siif okkolee, siif meelachuu
Siif dhukkaa'ee, siif eelachuu
Xiyyaara yaadan siif imaluu
Ati hin beekne siif hin galu
Gad hin ciisne takkaa dirraan
Si jaaladha keessaf irraan......
Jaalala koo naaf hubadhuu
Na yaali mee na fudhadhuu
BY:- Abdii Nagahoo
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
👍 17❤ 6💔 5🔥 1🥰 1
OBSII
Obsiimee obsaa koo
Dandaa'a hundumaa
Bara fakkaataa koo
Obsii kee addumaa
Guyyaa darbuu jirtuu
Hundumaa fudhaatte
Boruu hundaa argitaa
Yoo obsaa qabaattee
Soba sitti faarsee
Si halluus dhugaa kee
Waqayyoo si baasaa
Barbaddee Gumaa kee
Humnaa obsi qabu
Bultuus arguun oltuu
Har'af guyyaan hundu
Sitti dukkanooftus
Sami chalchisa
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
❤ 28👍 16🥰 6🔥 4🗿 3👏 2