cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Walaloon Jaalala

Youtube Irraattis nu Argattu https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot

إظهار المزيد
فنلندا57لم يتم تحديد اللغةالموسيقى1 132
Advertising posts
51 263المشتركون
+2424 hour
+4987 يوم
+1 69330 يوم

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Deemuu keetii....? Osoo waa'ee kee Tartiiban tarreessuu Osoo seenaa kee Dhiiga koon barreessuu Osoo barbaacha keef Gufadhee caccabuu Osoo hafuura keef Sardamee gaggabuu Osoo gaarummaa kee Namootaf lallabuu Osoo siif fiigee Argaa keef dadhabuu Ati deemuu keetii? Naan jijjiirtee meetii @Abdii_Nagahoo Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
🥰 24👍 14 12💔 7💋 7🔥 3
SHAKKIIN KOOS DHUGAA TAATE Shakkiin koos dhugaa taate Safuudha kaa kun jaama Akkaamin yoon maal godhee Ani namaa amana Sobni guyyaan shee baay'ee Kan turtee gadii baatu anan Haa nyaattu dhugaan somba Soban bookoktuu.............. Dhugaan dhugaan beekama Hin qabu jechaa biraa akkami Dubbiin soba dhugaadhan Akeekamaa kunillee sirri miti Hubaadha kaa yaa jaama Sami chalchisa Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
👍 12 5🥰 3🔥 2
#KUULANIIKOO Ganamaan ganamfadhee yeroon hirribaa ka'u, Arfiiwwan jaalalakee sammuukootti walga'u. Anis of dadammaqseen ka'ee si dhandhamadha. Jechootakee sanattin afaan bule hiikkadha. Akka damma daammuuti dhandhamni jaalalakee; Fuunfadhee hinquufu urgaa foolii mormakee. Jechoota jaalalakeetu yaadakoo jige tumsa; Gorora jaalalakee sanan habbuuqqadhee liqimsa. Abbaafi haatikee sunis wareegamaan si dhalchanii, Bareechanii kuulanii harkakoo si galchani. Kuulaniikoon siin jedha anillee mararfadhee, Maal-jedhuu namaa dhiisee ofitti si hammadhee! Maal-jedhuun warra ormaa maal abbaashee na gooti? Sinjaalladha kuulaniikoo ati yoomiyyuu kankooti! Sababa jaalalakoof jettee alagaadhaan jibbamtee, Baroota darban hedduudhaaf waan hintaanes jedhamtee, Har'as gargar nu baasuuf yaaliin ormaa danuudha; Anaaf sirraa adda ba'uun eenyummaakoo ganuudha. Yeroo siin si cabsani Na dhukkuba addatti; Naan haajibbani malee eenyuunuu hindhiisu sirratti. Hiika eenyummaakootii situu na hubachiise; Afaankoo si godhadheen seenaakoo dubbachiise. Seenaakoo doofummaarraa kan luba baafte lubeekoo, Yoomiyyuu sinjaalladha naaf jiraadhu Qubeekoo! Gaaddisaa Margaa Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
22👍 8🥰 3🔥 1
JAALALA KOO SIMADHU Diyaamendii yoon dhabees Isa gatiinsaa cimaa Onneerraan si jaalladha Jilbeenfadheen sitti hima! ~~~~ Murteessaan warqee mitiim Warqee isa gatii jabaa Jaalalli dhugaa taanan Abaaboon hiika qaba! ~ Utuun onnee siif laadhee Sagal kufee siif cabuu Garaan kee amma kana Natti jabaachuu hin qabu!! ~~ Kennaa waaqaatii malee Jaalalli hin qabu cubbuu Onneerraan si jaalladhaa Tole naaf jedhi lubbu!!! @Oro_Technolgy Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
11👍 10
Sin jaaladha giiftii koo Jaalallee too dhugaa Waa'ee yaadadheen Halkaniif guyyaa mugaa Guyyaa si argerraa kaasee tan biraa hin laaluu Takka hin agarre Bareeda si caaluu Yoo ati yaalte malee Doktorri fedhe dhufee Dhibee kiyyan yaalu Qashtii nyaara kuulaa Ta funyaan konkonaa Si yaadaan jiraadha Ani gannaaf bona Baddaa baalee kanaa Qamadiin asheetee Fageenyat na dhoowwee Waan si dhiise seetee Halkanillee siyaadaa bakka bulu ciisee Jiraachuun dandayu an ____too dhiisee Abdii Jr Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
👍 27 13❤‍🔥 2🔥 2
Repost from Kaachuu Promotion
Sobaan hin beeksisnu Chaanaalota Afaan Oromoo Filatamoo ta'an bakka tokkotti argachuu feetuu? Chaanaalota mimmidhagoo itti fayyadamtan kanneen jabaa siniin jenneerra kunoo 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
إظهار الكل...
Seenaa
Walaloo
Aadaa
Ispoortii
Oduu
Hojii
Teeknooloojii
Siyaasa
All in one
Repost from Walaloon Jaalala
Dambalii Jaalalaa Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
إظهار الكل...
5👍 1
Dambalii
Jaalalaa
❤️❤️❤️
❤️Dambalii Jaalalaa❤
Seequun kee ana sobaa An asiin uradhee cobaa Nama anaaf qaaliitti of akkeessitaa Nama 'siifan du'a' jedhu of fakkeessitaa Keessan gurraachoftee Gubbaan natti iftaa Summii hin muldhanne Dhoksitee natti biiftaa Soogiddadha ati Garuu sobdee taata damma Damma jedhee si dhamdhama Garuu soogiddatu natti namma Ajaa'iba! Bitaachi yoo darbu Mirgattin akkeeffamuu Soogiddi soogiddaa Dammattin fakkeeffamuu Ati soogiddadha Kuraa'aa bifaan adii Yoomuu damman taatuu Ija koo duraa badii! Jamaal Rashiid Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
🥰 11👍 7 6🔥 1
Siif maraadhee lachuu dhabee Siif gufadhee kichuu cabee Maraattuu sirnaa tahee Namummaa keessaa bahee Siif marmaaree lafa hundaa Siif abaaree nama guddaa Ati naaf hin hubanne💔 Onneen koo siif gaggabuu Lafeen koo siif caccabuu Siif okkolee, siif meelachuu Siif dhukkaa'ee, siif eelachuu Xiyyaara yaadan siif imaluu Ati hin beekne siif hin galu Gad hin ciisne takkaa dirraan Si jaaladha keessaf irraan...... Jaalala koo naaf hubadhuu Na yaali mee na fudhadhuu BY:- Abdii Nagahoo Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
👍 17 6💔 4🔥 1🥰 1
OBSII Obsiimee obsaa koo Dandaa'a hundumaa Bara fakkaataa koo Obsii kee addumaa Guyyaa darbuu jirtuu Hundumaa fudhaatte Boruu hundaa argitaa Yoo obsaa qabaattee Soba sitti faarsee Si halluus dhugaa kee Waqayyoo si baasaa Barbaddee Gumaa kee Humnaa obsi qabu Bultuus arguun oltuu Har'af guyyaan hundu Sitti dukkanooftus Sami chalchisa Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot @Walaloon_Jaalala
إظهار الكل...
28👍 16🥰 6🔥 4🗿 3👏 2