Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯
Open in Telegram
Kaayyoo Channel Kanaa Barumisaa gaffi fi Deebii Shakkitootaa Deebisuu fi Barumsa Ortodoksii Barsiisuuf
Show moreThe country is not specifiedReligion & Spirituality97 527
224
Subscribers
+124 hours
+37 days
+830 days
Posts Archive
Baga Ayyaana Tulluu Taaboor
(Buhee) Nagaan Geechan!
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan Afuura Qulqulluu waaqayyo tokko Ameen.
🔜Kun ilma koo isa ani jaalladhu,
isa dhaga'aa!
Mar. 9:7
🔜Ayyaanni #Taaboree ayyaanota Gooftaa Gurguddoo manni amantaa keenya kabajju 9'n keessaa tokko yoo ta'u waggaa waggaadhaan hagayya 13 haala ho'aa fi miidhagaa ta'een kabajama!!
🔜Gama biraatiin Ayyaanni kun Ayyaana Buhees ni jedhama. Buhee jechuunis mul'achuu, ifoomuu, beekamuu jechuudha.
Kunis waaqummaa Iyyesuus kiristoos warreen shakkaa turaniif guyyaa itti ifoome waan ta'eefi.
🔜Guyyaa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos Duuka bu'oota isaa keessaa PHeexiroos, Yohaannisiif Yaa'iqoobin, warra du'an kessaa waggaa 1644 booda Musee, warra jiran keessaa immoo "Eliyaasiin" fidhuudhaan inni (Iyyesuus Kiristoos) Waaqa warra jiraatanii, Waaqa warra du'anii waaqa barabaraan jiraataa kan ta'e ta'uu isaa tullicha irratti Kan mul'ise ta'uu isaatu barreeffamee argama. Mat 17:1-9, Marq 9:2-8 Luq 9:28-36
☑️Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyesuus kiristoos Maaliif ifa waaqummaa isaa Tulluu Taaboor irratti mul'isee???
1.🔜Waaqummaa Iyyesuus kiristoos irratti shakkii namoota gidduu ture hambisuuf.
🔜Akkuma Mat 16:13 irraa hubannu gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee eenyummaa isaa yeroo duuka buutota isaa gaafatutti (namoonni Eenyu jedhanii na waamu?) jedhee yammuu gaafatu baay'en isaanii
🥀ati Eeliyaasidha,
🥀ati Museedha
🥀ati Ermiyaasdha
🥀kaan immoo raajota keessaa isa tokko siin jedhu jedhanii duuka bu'oonni isaa deebisaniiruuf. Deebiin jaraa kun gooftaa keenya iyyesuus kiristoosiin waan hin ifsineef duuka buutota isaatiin immoo isinoo eenyu naan jettu jedheen.
☑️Gooftaanis isin warri barumsa Afaan kootii, dinqiiwwan harka kootii agartan eenyu eenyu naan jettu? jedhee duuka buutota isaa gaafate. yeroo kana Hangafti Duuka buutota gooftaa Qulqulluun Pheexiroos akkas jedheen:-
kunoo
👇
🔜Simoon Phexros deebisee, "Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti" jedhe.
Mat. 16:16
🔜Eeyyee Amantaan keenyas kan bu'uureffame #Amantaa Pheexiroos kana irrattidha. gooftaanis kana foonii fi dhiiga osoo hin taane #Afuura #Abbaa koo isa samii irraatu siif ifse malee erga jedheeniin booda #furtuu mana qulqullummaa isa samii gubbaa kenneeraaf. kan inni lafa iraatti hidhe samii irratti akka hidhamu, kan inni lafa irratti hiike samii irratti akka hiikamu waadaa galeeraaf.
kunoo
👇
🔜Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a" jedhe.
Mat. 16:19
🔜Har'as Amantaaleen heedduun biyya lafaa kana irra jiran gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin maqaa sirriin hin waaman. kaan iyyesuus har'as araarsaadha jedhu, kaan immoo Iyyesuus Nabiyyii rabbiiti jedhu, kaan Waaqayyo hin dhalus hin dhalchus jechuun ammallee ilmi waaqayyoo "𝙬𝙖𝙖𝙦𝙖𝙮𝙮𝙤" hin dhalanne jedhu kkf jedhu.
☑️Egaa Amantaa Qulqulleettii Tewaahidoon hamma dhumaatti jiraachuun akka Qulqulluu Pheexiroos warra Iyyesuus ilma #waaqayyoo isa #jiraataati! jennu waaqayyo nu haa gargaaru.
🔜kanaaf jecha gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos #Musees, #Eeliyas, Ermiyaasiinis kan hin taane ta'uu isaafi inni #Waaqa Musee, Eeliyaa fi Ermiyaas faa ta'uu isaa namoota #shakkaa turan hubachiisuuf Museef Eeliyaas tullicha irratti akka argaman isaan taasise
🔜Yeroo kana qulqulluun Pheexiroos gooftaadhaan, as jiraachuun nuuf gaariidha! godoo sadiis asitti ijaarra tokko si'iif, tokko Museef, tokkos Eliyaasiif jedhe. tokko ofii kootiif hin jenne sababni isaa qulqulloonni anaaf jechuu irraa obboleessa kootiif jechuu filatuum.
kunoo
👇
Haa bubbisu bubbeen
Haa bubbisu bubbeen
Yoomuu ni faarfatamti burbeen
Sobaaf gurra koo hin ergisuu
Si farfachuu eenyuree kan na dangessuu
Haadhaaf ilmaa adda baaftaa
Garaaf jettee of dhamaaftaa
Ilmi haadha malee argamaaree
Dubbiin kunii yaadamaaree
Manni qaalluu diigameeraa
Jawwichisii hiidhameeraa
Suuran kan kee diina afuufaa
Si faarfachuunii itti fufaa
Yaa goomattuu na hindandeessuu
Jechi kan kees na hin madeessuu
Yaa caraanuu inni caraanuu
Sin faarfadha harmee koo ani baraanuu
Hin qeeqinaa hin qeeqamtuu
Haadha gooftati hin shakkaamtuu
Isheedhan oolan badiisaa
Haadha gooftaa koo nan leellisaa
Madaa kootu isheen qooree
Yeroon jooree isheet na sooree
An haadha koo sin kabajaa
Sirraa adda baanan nan fajaajaa
F/taa Toliinaa Immiruu
✥✥✥✥✥
http://t.me/FaaruuSAIAHU
http://t.me/faaruuHuSAIA
♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
#Kana_beektu_laata?
#Lakkoofsa_Torbaa (7) Macaafa Qulqulluu keessati
💠#𝙉𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖_𝙐𝙢𝙪𝙧𝙞𝙞𝙣_𝙞𝙨𝙖𝙖𝙣𝙞_𝟫𝟢0_𝙤𝙡_𝙩𝙖'𝙖𝙖𝙣 𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖
𝟣 Addaam waggaa 930 jiraate
2 Seet waggaa 912 jiraate
3 Yaareed waggaa 962 jiraate
4 Noon waggaa 950 jiraate
5 Maatusalan waggaa 969 jiraate
6 Heenos waggaa 905 jiraate
7 Qanaaniyaan waggaa 910 jiraate
💠 #𝙆𝙚𝙣𝙣𝙖𝙖_𝙦𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙪𝙪_𝘿𝙖𝙖𝙬𝙞𝙩𝙞𝙞𝙛_𝙠𝙚𝙣𝙣𝙖𝙢𝙚 𝟩
𝟣Kennaa raajuu
2 kennaa baganaa rukutuu
3 kennaa fayyisuu
4 kennaa humnaa
5 kennaa ma'awii
6 kennaa motummaa
7 kennaa lubummaa.
💠 #𝙄𝙘𝙘𝙞𝙩𝙞𝙞_𝙢𝙖𝙣𝙖_𝙠𝙞𝙧𝙞𝙨𝙩𝙖𝙣𝙖𝙖 𝟩
𝟣 Cuphaa
2 Gabbii
3 Meerooni
4 Qurbaana
5 Qandiilii
6 lubumma
7 Taklilii
💠 #T𝙎𝙤𝙤𝙢𝙖𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙩𝙪_𝙟𝙞𝙧𝙖
𝟣. TSooma Angafaa
2. TSooma duuka bu'oota
3. TSooma Raajotaa
4. TSooma Nanawwe
5. TSooma Gahadii
6. TSooma Filsataa
7. TSooma Fayyina
💠 #𝙀𝙧𝙜𝙖_𝙙𝙪u𝙠𝙖_𝙗𝙪'𝙤𝙤𝙣𝙞 #𝙢𝙖𝙣𝙖_𝘼𝙢𝙖𝙣𝙩𝙖𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣𝙞𝙛_𝙗𝙖𝙧𝙚𝙚𝙨𝙖𝙣 7
𝟣. Mana kiristana Efeson
𝟤. Mana kiristana Sermines
𝟥. Mana kiristana Phargemon
𝟦. Mana kiristana Tiyaxiros
𝟧. Mana kiristana Serdos
𝟨. Mana kiristana Fidalfiyaa
𝟩. Mana kiristana Lodoqiya
💠 #𝘼𝙣𝙜𝙖𝙛𝙖_𝙚𝙧𝙜𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
𝟣. Qulqulluu mika'el
𝟤. Qulqulluu Gabri'el
𝟥. Qulqulluu Rufa'el
𝟦. Qulqulluu Raagu'el
𝟧. Qulqulluu Ura'el
𝟨. Qulqulluu Faanu'el
𝟩. Qulqulluu Saaqu'el
💠#𝘿𝙖𝙖𝙦𝙤𝙣𝙤𝙩𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
𝟣. Isxifaanos
2. Filiphos
𝟥. Phirokross
𝟦. Xiimonaa
𝟧. Niqaroonaa
𝟨. Phermeenaa
𝟩. Niqolawos
💠 #𝙅𝙚𝙘𝙝𝙤𝙤𝙩𝙖_𝙜𝙤𝙤𝙛𝙩𝙖𝙖𝙣_𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖_𝙖𝙣𝙖𝙖_𝙟𝙚𝙙𝙝𝙚_𝙙𝙪𝙗𝙗𝙖𝙩𝙚_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖
1. Budden jireenya anadha( yoh 6:35)
2. Ifiti addunyaa anadha ( yoh 8:12)
3. Tiksee gaarin anadha ( yoh 101:1)
4. Balbalii hoolota anadha( 10:7)
5. Ka'uumsi fi jireenyi anadha(yoh 11:25)
6. Daandin fi jireenyi anadha (yoh 14:6)
7. jirmii wayni dhugaa anadha ( yoh 15:1)
💠 #𝙎𝙖𝙢𝙞𝙬𝙬𝙖𝙖𝙣_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
𝟣.Tsera Ariyaam
2. Tesso motummaa
3. Iyerus
4. Iyoor
5. Erar
6. Raamaa
7. Samaay Wuddid
💠 #𝙍𝙖𝙖𝙟𝙞𝙬𝙬𝙖𝙣_Gooftaan_𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤_𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙞_𝙧𝙖𝙖𝙬𝙬𝙖𝙩𝙚_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
1. Urjiiwwan harca'aan
2. Addeessi dhiiga uffatee
3. Kattawwan babaqaqanii
4. Warri du'an ni ka'an
5. Maggarajan mana qulqullumma bakka lammati tarsa'ee
6. Adduun ifaa dhorkaate
7. Bakakkan ni bu'e
💠#𝙅𝙚𝙘𝙝𝙤𝙩𝙖𝙖_𝙜𝙤𝙤𝙛𝙩𝙖𝙖𝙣_𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤_𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞_𝙙𝙪𝙗𝙗𝙖𝙩𝙚_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
1. Abba Abba maalif na dhiftee
2. Yaa Abbba waan godhan hin bekkaniti dhifamma godhifi
3. Kunoo haadha kunoo ilmii kee jedhe giifti Maariyaam yohanisitti latee
4.Dheebodhe
5. Har'a anaa dukaa gannaatatti ni Galataa
6. Raawwatamee
7. Yaa Abba lubbu koo Adaraa sitii ladhee
Guyyoota torbaan
1 Sanbataa Guddaa
2 Sanbataa Xiqqaa
3 Wiixata
4 Kibxata
5 Robi
6 Kamisa
7 Jimataa
Repost from N/a
#Kana_beektu_laata?
#Lakkoofsa_Torbaa (7) Macaafa Qulqulluu keessati
💠#𝙉𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖_𝙐𝙢𝙪𝙧𝙞𝙞𝙣_𝙞𝙨𝙖𝙖𝙣𝙞_𝟫𝟢0_𝙤𝙡_𝙩𝙖'𝙖𝙖𝙣 𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖
𝟣 Addaam waggaa 930 jiraate
2 Seet waggaa 912 jiraate
3 Yaareed waggaa 962 jiraate
4 Noon waggaa 950 jiraate
5 Maatusalan waggaa 969 jiraate
6 Heenos waggaa 905 jiraate
7 Qanaaniyaan waggaa 910 jiraate
💠 #𝙆𝙚𝙣𝙣𝙖𝙖_𝙦𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙪𝙪_𝘿𝙖𝙖𝙬𝙞𝙩𝙞𝙞𝙛_𝙠𝙚𝙣𝙣𝙖𝙢𝙚 𝟩
𝟣Kennaa raajuu
2 kennaa baganaa rukutuu
3 kennaa fayyisuu
4 kennaa humnaa
5 kennaa ma'awii
6 kennaa motummaa
7 kennaa lubummaa.
💠 #𝙄𝙘𝙘𝙞𝙩𝙞𝙞_𝙢𝙖𝙣𝙖_𝙠𝙞𝙧𝙞𝙨𝙩𝙖𝙣𝙖𝙖 𝟩
𝟣 Cuphaa
2 Gabbii
3 Meerooni
4 Qurbaana
5 Qandiilii
6 lubumma
7 Taklilii
💠 #T𝙎𝙤𝙤𝙢𝙖𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙩𝙪_𝙟𝙞𝙧𝙖
𝟣. TSooma Angafaa
2. TSooma duuka bu'oota
3. TSooma Raajotaa
4. TSooma Nanawwe
5. TSooma Gahadii
6. TSooma Filsataa
7. TSooma Fayyina
💠 #𝙀𝙧𝙜𝙖_𝙙𝙪u𝙠𝙖_𝙗𝙪'𝙤𝙤𝙣𝙞 #𝙢𝙖𝙣𝙖_𝘼𝙢𝙖𝙣𝙩𝙖𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣𝙞𝙛_𝙗𝙖𝙧𝙚𝙚𝙨𝙖𝙣 7
𝟣. Mana kiristana Efeson
𝟤. Mana kiristana Sermines
𝟥. Mana kiristana Phargemon
𝟦. Mana kiristana Tiyaxiros
𝟧. Mana kiristana Serdos
𝟨. Mana kiristana Fidalfiyaa
𝟩. Mana kiristana Lodoqiya
💠 #𝘼𝙣𝙜𝙖𝙛𝙖_𝙚𝙧𝙜𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
𝟣. Qulqulluu mika'el
𝟤. Qulqulluu Gabri'el
𝟥. Qulqulluu Rufa'el
𝟦. Qulqulluu Raagu'el
𝟧. Qulqulluu Ura'el
𝟨. Qulqulluu Faanu'el
𝟩. Qulqulluu Saaqu'el
💠#𝘿𝙖𝙖𝙦𝙤𝙣𝙤𝙩𝙖_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
𝟣. Isxifaanos
2. Filiphos
𝟥. Phirokross
𝟦. Xiimonaa
𝟧. Niqaroonaa
𝟨. Phermeenaa
𝟩. Niqolawos
💠 #𝙅𝙚𝙘𝙝𝙤𝙤𝙩𝙖_𝙜𝙤𝙤𝙛𝙩𝙖𝙖𝙣_𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖_𝙖𝙣𝙖𝙖_𝙟𝙚𝙙𝙝𝙚_𝙙𝙪𝙗𝙗𝙖𝙩𝙚_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖
1. Budden jireenya anadha( yoh 6:35)
2. Ifiti addunyaa anadha ( yoh 8:12)
3. Tiksee gaarin anadha ( yoh 101:1)
4. Balbalii hoolota anadha( 10:7)
5. Ka'uumsi fi jireenyi anadha(yoh 11:25)
6. Daandin fi jireenyi anadha (yoh 14:6)
7. jirmii wayni dhugaa anadha ( yoh 15:1)
💠 #𝙎𝙖𝙢𝙞𝙬𝙬𝙖𝙖𝙣_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
𝟣.Tsera Ariyaam
2. Tesso motummaa
3. Iyerus
4. Iyoor
5. Erar
6. Raamaa
7. Samaay Wuddid
💠 #𝙍𝙖𝙖𝙟𝙞𝙬𝙬𝙖𝙣_Gooftaan_𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤_𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙞_𝙧𝙖𝙖𝙬𝙬𝙖𝙩𝙚_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
1. Urjiiwwan harca'aan
2. Addeessi dhiiga uffatee
3. Kattawwan babaqaqanii
4. Warri du'an ni ka'an
5. Maggarajan mana qulqullumma bakka lammati tarsa'ee
6. Adduun ifaa dhorkaate
7. Bakakkan ni bu'e
💠#𝙅𝙚𝙘𝙝𝙤𝙩𝙖𝙖_𝙜𝙤𝙤𝙛𝙩𝙖𝙖𝙣_𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤_𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞_𝙙𝙪𝙗𝙗𝙖𝙩𝙚_𝙩𝙤𝙧𝙗𝙖𝙣
1. Abba Abba maalif na dhiftee
2. Yaa Abbba waan godhan hin bekkaniti dhifamma godhifi
3. Kunoo haadha kunoo ilmii kee jedhe giifti Maariyaam yohanisitti latee
4.Dheebodhe
5. Har'a anaa dukaa gannaatatti ni Galataa
6. Raawwatamee
7. Yaa Abba lubbu koo Adaraa sitii ladhee
Guyyoota torbaan
1 Sanbataa Guddaa
2 Sanbataa Xiqqaa
3 Wiixata
4 Kibxata
5 Robi
6 Kamisa
7 Jimataa
➥Sababni isaa Ayyaanichi Ayyaana kiristaanaati. kiristaanni immoo Ayyaaneffachuu kan qabu baay'ee dhuguu fi sirbuu (dhiichisuu)'n osoo hin taane mana waaqayyootti argamuun sagalee waaqayyoo barsiisuu fi barachuun, gaabbii galuun foonii fi dhiiga gooftaa fudhannee kan ittiin wal dhabnetti araaramuun ta'uu qab
Ayyaanni gooftaa Iyyesuus Kiristoos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keenyaa wajjin haa ta'u!
2Qor. 13:13
Galannii waaqayyoof
Haadha isa durbee maariyaamif
Ulfaata fannoo isaf Bara Baraan haa ta'uu Ameen!🙏
◉═────═༻✟༺═────═◉
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12
#Share_Follow_me_my_page
➥Museen kan fuudhe yommuu ta'u Eeliyaas garuu hin fuune. mootummaan waaqayyoo, warri fuudhanis warri hin fuunes qajeelummaatti jiraannaan kan dhaalan ta'uu nu barsiisuuf
➥Museen seera uumamaa yeroo
barreessu "jalqaba irratti waaqayyo samiif lafa uume"jechuun jalqabe. seera uum.1:1 Yohaannis immoo yeroo wangeela barreessu "jalqaba irratti sagaleetu ture" jechuun jalqabe! Yoh 1:1
➠Iyyesuus Kiristoosis inni Museen duraan waaqummaa ko ragaa bahe inni Yohaannis amma waaqummaa koo ragaa bahaatti jiru ani "Waaqayyodha" jedhee nu
barsiisuudhaaf
➥Duraan Eeliyaasiif kennaa kennuudhaan waggaa 3f ji'a 6f bokkaan akka hin roobneef samiin akka hidhamtu taasisee waggaa kana booda immoo samiin hiikamte bokkaa roobuu akka dandeessu akkuma goosise sana PHeexiroosiifis kennaa "hidhuuf hiikuu" isaaf kennuudhaan ""Bantuu mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite,
waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a"
(Maatewos 16: 19) jedhee kennaa guddaa kana isaaf kennuu isaa nu hubachiisuufi dha.
➌.Raajii dubbatame raawwachuuf.
➥Tulluu Taaboriin kan inni filateef Duraan dursee ulfinni waaqummaa
isaa Tulluu kana irratti akka mul'atu raajotaan dubbatamee waan tureef raajii kana raawwachuuf Tulluuwwan jiran keessaa Taaboriin qofa filate!
➥Gara bitaa fi gara mirgaa situ uume, tulluun Taaborii fi Armooniyeem maqaa keetti nii ililchu (gammadu)!."
Faar 88(89): 12)
➥Guyyaa kanattis waaqayyo Abbaan duumessa keessaan ilmi koo an
jaal'adhu isaatii, isa dhaga'aa jedhe!
➥️Yommus duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, "Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa dhaga'aa!" jedhe.
Mar. 9:7
➥har'a biyyi lafaa nagaa kan argatu waan ilmi waaqayyoo jedhe yoo
dhaga'ee ittiin jiraate qofaadha. malee hangafa nagaa kan ta'e #Iyyesuusiin dhiisanii, kaanis #gananii walga'ii nagaa yeroo adda addaatti taa'uun nagaa hin argamsiisu. kanaafuu waan ilmi waaqayyoo jedhu haa dhageenyu!
➧Guyyaa Ayyaana kanaa:-
➠xomboorri maaliif qabsiifama?,
➠Qacceen Maaliif xaaxa'aa?
➠Daabboon maaliif hojjetamaa?
➥Qacceen kan xaxxaaxeffamuuf yeroo gooftaan keenya Tulluu Taaboor irratti ifa waaqummaa isaa mul'isu waaqayyo Abbaan duumessa keessaan ilmi koo an jaal'adhu isa, isa dhaga'aa jedhee sagalee dhageessiseera. Sagalee kana yaadachuufis Qacceen ni xaaxeffama. Gama biraatiin Qacceen kan xaaxeffamuuf Akka Abbootni keenya
barsiisanutti Yeroon itti Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus kiristoos Humna waaqummaa (ifa waaqummaa) isaa itti mul'ise gara #galgalaatti ture. yeroo kana Gooftaan ifa waaqummaa isaa waan mul'iseef Tulluun taaboor irri ni ife. tiksitoonnis bakki kaan dukkana waan tureef ifa kana ilaalanii gammadaniis dinqisiifachaa qaccee #xaxxaaxessaa turan. fakkeenya kana godhachuun baadiyyaatti ijoolleen qaccee
xaxxaaxessu. Magaalaatti immoo #richitii fi kanneen sagalee qaban biraa xaaxessu.
➥Warri maatii tiksitootaas ijoolleen jaraa akka duraaniitti yeroon horii galchuu waan hafaniif ijoollee jaraa barbaacha #xomboora qabsiifatanii, waan jarri nyaatan daabboo harkatti qabatanii gara ijoollee jaraa deeman.
➥kana fakkeenya godhachuunis
guyyaa Ayyaana Tulluu Taaboor Daabboon ni tolchama, xomboorris ni ifsama.
➥Gama biraatiin xomboorri kan qabsiifamuuf Ayyaanichi Ayyaana ifaa ta'uu isaatiini Guyyaa itti ilmi waaqayyoo ifa waaqummaa isaa itti mul'ise waan ta'eef #xomboora qabsiisu.
➥Jalbultii Ayyaana kanaa irrattis
ijoollonni gammachuu jaraa ibsachuuf mana irra naanna'uun ni faarfatu. namoonnis qarshiis ta'ee daabboo waan qabanu ni kennuuf.
➥Haa ta'u malee namoota qarishii kennan eebbisanii, kan waan kennan dhaban abaaruun, Ayyaanicha #Ayyaana qarishii itti walitti qabatan godhanii ilaaluun, sirbuu fi dhuganii machaa'uun hiikaa ayyaanicha dhabsiisa waan ta'eef irraa of
qusachuu qabna.
➥kanaaf jecha gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Musees, Eeliyas, Ermiyaasiinis kan hin taane ta'uu isaafi inni Waaqa Musee, Eeliyaa fi Ermiyaas faa ta'uu isaa namoota shakkaa turan hubachiisuuf Museef Eeliyaas tullicha irratti akka argaman
isaan taasise
➥Yeroo kana qulqulluun Pheexiroos gooftaadhaan, as jiraachuun nuuf gaariidha! godoo sadiis asitti ijaarra tokko si'iif, tokko Museef, tokkos Eliyaasiif jedhe. tokko ofii kootiif hin jenne sababni isaa qulqulloonni anaaf jechuu irraa obboleessa kootiif jechuu filatuum.
➥Phexros gidduutti, "Yaa barsiisaa!
Asitti argamuun keenya attam gaarii dha! Kottaa asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif in ijaarraa" jedhee Yesusitti dubbate.”
Mar. 9:5
dhugaattuu bakka kiristoosii fi qulqulloonni jiran jiraachuun akkam namatti tolaa?
➋.Waadaa Museef galee ture raawwachuuf.
➥Akkuma Ba'uu 33:17-23 irratti barreeffame Museen walitti dhufeenya cimaa waaqayyo waliin qabu irraa kan ka'e "Maaloo Fuula kee natti agarsiisi!" jedhee waaqayyoon kadhatee ture! waaqayyos kadhannaa isaa kanaaf akkas jedhee deebii kenneef! "Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu." (Seera Ba'uu 33:20)
➥️sababni inni akkas jedheef waaqayyo waaqummaa isaatiin eenyumtillee arguu waan hin dandeenyeef,yoo arges jiraachu waan hin dandeenyeefidha.
➥Waaqayyo ammas itti fufee Museedhaan akkana jedheen... "(Kunoo ana bira as iddoo kana kattaa irra dhaabadhu! Yeroo ulfinni koo darbuutti jiru, holqa kattaa keessa sin kaa'a, hamma ani darbuttis harka
kootiin sin golbooba. Ani harka koo si duraa nan fuudha, ati immoo #dugda koo in argita; fuulli koo garuu hin argamu" jedhe.(Seera Ba'uu 33 )
➥️Dugda koo ni argita jechuun isaa dugdi booda keenyatti akka argamu "gara boodaatti waaqayyo ilmi durbee Maariyaam irraa dhalachuudhaan Tulluu Taabor irratti yeroo mul'atu nii argita" jechuu isaati!
➥️kattaa irra dhaabbadhu "jechuun isaa waggaa 5500 xumuramee foon namaa uffadhee dhaladhee #Tulluu #Taabor irratti hamman mul'adhutti ati duutee awwalcha keessa nii turta jechuu isaati. (na arguudhaaf hamma kana eeguu qabda jechuusaati)
➥️harka kootiin sin golbooba!" jechuun isaa dhaladhee hamman Tulluu Taabor irratti mul'adhutti #aangoo(humna) koo sirra nan kaa'a
jechuu isaati.
➥️Ani harka koo siduraa nan fuudha!" jechuun isaa foon namaa uffadhee yeroon dhaladhutti aangoo du'aa sirraa nan fuudha. du'aa sin kaasa jechuu isaati
➥Egaa Waaqayyo akkuma waadaa isaaf gale kanatti yeroo yeroon isaa gahetti haadha keenya durbee Maaryaam irraa dhalachuudhaan
ulfina waaqummaa isaa Tulluu Taabor irratti yeroo mul'isutti raajota keessaa Museef Eeliyaas duuka bu'oota keessaa immoo PHeexiroos ,Yohaannisiif Yaa'iqoob Tullicha irratti akka argaman taasise.
➥#Hubadhaa Museen hawwii waaqayyoon arguuf qabu osoo hin raawwataminiif yoo boqote illee waaqayyo (Iyyesuus kiristoos) Awwaala keessaa waamee tulluu
Taaboor irratti waadaa galeef raawwateeraaf.
➧Waaqayyo kakuu siif gale (waan sitti dubbate) osoo siif hin raawwatin hin hafuum.
➥Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe #siifan #raawwadha malee, si hin gatu!" akkuma jedhu.
Uma. 28:15
➥kakuu moofaa keessaa Museef Eeliyaasiin, kakuu haaraa keessaa bartoota sadan fudhatee tullicha irratti argamuun isaas:-
➠️Tulluun Taabor fakkeenya #Mana #kiristaanaa (Bataskaanaa) yommuu taatu mana kiristiyaanaa keessatti immoo kakuu moofaa fi kaakuu haaraan gonkumaa kan addaan hin baaneef wajjin kan jiraatan ta'uu isaa
nu hubachiisuufidha.
➥Manni Kiristiyaanaa dubbii raajonni kakuu moofaa keessatti dubbachaa turanii fi duuka buutonni gooftaa kakuu haaraa keessatti barsiisaa turan fudhachuudhaan waaqummaa Iyyesuus kiristoos kan amantuu fi barsiistu ta'uu ishee nu hubachiisuuf.
➥Tulluun Taabor fakkeenya Mootummaa waaqayyoo yommuu
taatu mootummaa waaqayyoo immoo raajonnis duuka bu'oonnis kan dhaalan ta'uu isaa nu barsiisuuf
🏔𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐓𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐓𝐚𝐚𝐛𝐨𝐨𝐫(𝐁𝐮𝐡𝐞𝐞)🏔
<><>━═━═━═━═━═━═━<><>
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan Afuura Qulqulluu waaqayyo tokko Ameen.
" Kun ilma koo isa ani jaalladhu,
isa dhaga'aa "
Mar. 9:7
➥Ayyaanni #Taaboree ayyaanota Gooftaa Gurguddoo manni amantaa keenya kabajju 9'n keessaa tokko yoo ta'u waggaa waggaadhaan hagayya 13 haala ho'aa fi miidhagaa ta'een kabajama!!
gurguddoo Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos keessa isa tokkodha. Ayyaanota Gurguddoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos saglan kan jedhamanis;
Ayyaanota Gurguddoo fi Xixiqqoo
Gooftaa Saglan
Ayyaanota Gurguddoo Gooftaa Saglan
1. Missiraachoo
2. Dhaloota – Mudde 29
3. Cuuphaa – Amajjii 11
4. Dabra Taaboor – Hagayyaa 13
5. Hoosaa’inaa
6. Fannoo (Siqlat)
7. Du’aa Ka’umsa
8. Olba’iinsa (Irget)
9. Paaraaqilixoos (Ayyaana Guyyaa Shantammaffaa)
Ayyaanota Xixiqqoo Gooftaa Saglan
1. Fannoo (kan ji’a Fulbaanaa) – Fulbaana17
2. Lallaba – Mudde 7-13 Bara Lallabaa
3. Ifa – Mudde 14-20
4. Noolaawwii – Mudde 21-27
5. Gizrat – Amajjii 6
6. Dhaloota Simi’oon – Gurraandhala 8
7. Qaanaa ZaGaliilaa – Amajjii 12
8. Dabra Zayit
9. Fannoo (kan ji’a Bitootessa)–Bitootessa 10
➥Gama biraatiin Ayyaanni kun Ayyaana Buhees ni jedhama. Buhee jechuunis mul'achuu, ifoomuu, beekamuu jechuudha.
Kunis waaqummaa Iyyesuus kiristoos warreen shakkaa turaniif guyyaa itti ifoome waan ta'eefi.
➥Guyyaa gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos Duuka bu'oota isaa keessaa PHeexiroos, Yohaannisiif Yaa'iqoobin, warra du'an kessaa waggaa 1644 booda Musee, warra jiran keessaa immoo "Eliyaasiin" fidhuudhaan inni (Iyyesuus Kiristoos) Waaqa warra jiraatanii, Waaqa warra du'anii waaqa barabaraan jiraataa kan ta'e ta'uu isaa tullicha irratti Kan mul'ise ta'uu isaatu
barreeffamee argama. Mat 17:1-9, Marq 9:2-8
Luq 9:28-36
➧️Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyesuus kiristoos Maaliif ifa waaqummaa isaa Tulluu Taaboor irratti mul'isee???
➊.Waaqummaa Iyyesuus kiristoos irratti shakkii namoota gidduu ture hambisuuf.
➥Akkuma Mat 16:13 irraa hubannu
gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee eenyummaa isaa yeroo duuka buutota isaa gaafatutti (namoonni Eenyu jedhanii na waamu?) jedhee yammuu gaafatu baay'en isaanii
➠ati Eeliyaasidha,
➠ati Museedha
➠ati Ermiyaasdha
➠kaan immoo raajota keessaa isa tokko siin jedhu jedhanii duuka bu'oonni isaa deebisaniiruuf. Deebiin
jaraa kun gooftaa keenya iyyesuus kiristoosiin waan hin ifsineef duuka buutota isaatiin immoo isinoo eenyu naan jettu jedheen.
➥Gooftaanis isin warri barumsa Afaan kootii, dinqiiwwan harka kootii agartan eenyu eenyu naan jettu? jedhee duuka buutota isaa gaafate. yeroo kana Hangafti Duuka buutota gooftaa Qulqulluun Pheexiroos akkas jedheen:-
➥Simoon Phexros deebisee, "Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti" jedhe.
Mat. 16:16
➥Eeyyee Amantaan keenyas kan bu'uureffame #Amantaa Pheexiroos kana irrattidha. gooftaanis kana foonii fi dhiiga osoo hin taane #Afuura #Abbaa koo isa samii irraatu siif ifse malee erga jedheeniin booda #furtuu mana qulqullummaa isa samii gubbaa
kenneeraaf. kan inni lafa iraatti hidhe samii irratti akka hidhamu, kan inni lafa irratti hiike samii irratti akka hiikamu waadaa galeeraaf.
➥Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a" jedhe.
Mat. 16:19
➥Har'as Amantaaleen heedduun biyya lafaa kana irra jiran gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin maqaa sirriin hin waaman. kaan iyyesuus har'as araarsaadha jedhu, kaan immoo Iyyesuus Nabiyyii rabbiiti jedhu, kaan Waaqayyo hin dhalus hin dhalchus jechuun ammallee ilmi waaqayyoo "𝙬𝙖𝙖𝙦𝙖𝙮𝙮𝙤" hin dhalanne jedhu kkf jedhu.
➧Egaa Amantaa Qulqulleettii Tewaahidoon hamma dhumaatti
jiraachuun akka Qulqulluu Pheexiroos warra Iyyesuus ilma #waaqayyoo isa #jiraataati! jennu waaqayyo nu haa gargaaru.
Repost from Dirree Faarfannaa
Dhufnerraa Waggaanii Akkam Turtanii
Taaborin Nu Geessee Baga Geessanii
Faarfannaa Ayyaan Tulluu Taabor Haaraa Faarfattoota 6n
Walaloon isaa Gara Olii 👆
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
Repost from Dirree Faarfannaa
Dhufneerraa Waggaanii Akkam Turtanii
Taaborii Nu Geesse Baga Geessannii
Taabor Jedhaa /2/ Hoooo
Kiristaanonnii Hoooo
Galateeffadhaa Hoooo
Ilma Namaatiin
Maal jedhu Namoonni
Yeroo Isaa Waamanii
Mee Maal Dubbatanii
Kan Muuse Siin Jedhuu
Eliyaasiis Jedhuu
Raajota Keessaallee
Tokkoodha Siin Jedhuu
Warri Na Beektanii
Bartoonni Koo hundii
Raajii Kan Harka Koo
Warri Argitanii
Isin Maal Jettanii
Na Waamtu Anaanii
Jedhee Isaan Gaafatee
Kiristoos Gooftaanii
Pheexroos Ariifatee
Bakka Ta'uu Ka'ee
Yaa Gooftaa Koo Ati
Ilma Waaqayyooti
Masii Isa Jiraataa
Mootii Moototaati
Jedhee Ragaa Bahee
Addunyaadhaaf Himee
Guyyaa Jaha booddaa
Bartoota Isaa Keessaa
Yaa'iqoob Yohaannis
Akkasumaas Pheexroos
Olbahe Qabateee
Tulluu Taaboritti
Iccitii Rawwaachuuf
Ifeetoo Mul'achuuf
Gooftaan Keenyaa
Mootiin Addunyaa
Ni Calaqqisee
Ifee Muldhatee
Museef Eliyaas
Gooftaa Wajjiinii
Tulluu Taaboriitti
Ni Muldhatanii
Sagaleen Dhufee
Samii Gubbaatii
Abbaan Ni Dubbatee
Inni Mucaa Kooti
Yaa'iqoob Yohaannis
Akkasumas Pheexroos
Wanta Arganii
Raajeffatanii
Iccitiin Sillaasee
Guyyaa Rawwatee
Waaqummaan Gooftaa
Guyyaa Muldhatee
Warri Hin Amannee
Yoo Baay'atanii
Ni Amanna Nutii
Waaqummaa Isaatti
Waggaa Waggaadhaanii Yaa Waaqayyoo Nu Gahii
Cubbamoota Taanus
Nuti Si Yakkinuus
Yaa Waaqayyo Ati
Abbaa Dhiifamaati
Ati Nun Dhiisinii
Jaalala Nuuf Kennii
Waggaa waggaadhaanii
Bara Hamaa Kanaa
Si Qabannee Ceenaa
Amantaan Jabannee
Tokkummaan Dhaabannee
Akka Si Faarsinuuf
Eeyyama kee haa ta'uu
Waggaa Waggaadhaanii
Bara Dhufuus Geenyee
Biyyaa keenyaas
Nageenya Buusteefi
Akka Walagarruuf
Waggadhaan Nugahii
Osoo Nun hir'isiin
Baranaan Nu geesse
Kan dhufuus Nu gahii
Yaa Waaqayyo Gooftaa
Ati Nu Dhagahi
Mana kee keessattis
Cimsiiti Nu Dhaabii
Cubbuu Keenya Himannee
Akka Gallu Gabbii
Soomaaf kadhannaadhaan
Nuti akka jabaannuu
Foonif Dhiiga Keetiin
Akka Qulqulloofnuu
Yaa Waaqayyoo Yaa Waaqayyoo
Nagaadhaan nu Gahii
Yaa Waaqayyoo nagaadhaan Tiksi
Yaa Waaqayyoo Yaa Waaqayyoo
Nagaadhaan nu Gahii
Faarfannaa Haaraa F/ttoota_6n
━━━━━━━━━━━
✅ @DirreeFaaruu02
✅ @DirreeFaaruu02
♡ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
Repost from "ቤተ ማርያም መንፈሳዊ ሚዲያ💒
*<< ሞት ⚰⚰ !!*
ባንወደውም ዕለት ዕለት የምንጓዘው ወደ ሞት ነው፣ ሞት የኋላ ዕዳ ነው። የሚገርመው ሟች ሰው ሰውን መግደሉ ነው። ከቃሉ ያልተማረ ከሞትም አይማርም።
*ለእነ እገሌ ያልሆነ ዓለም ለእኔ ይሆናል ብሎ ማሰብ ሞኝነት ነው።* የፍርድ ቤት ጥሪ ከአገር ቢወጡ ያመልጡታል፣ የምርቃት ጥሪ ካልፈለጉ ይቀሩበታል ፥ የሞት ጥሪ ግን ያለ ምክንያት ይሄዱበታል።
ያን ቀን እንቢ ላንል ዛሬ ለንስሐ እንቢ ማለታችን ይገርማል። ሞት እያንዣበበን ንስሐ ካልገባን መቼ ልንገባ ነው ? እነ እገሌ በሞኝነት ሞተው እኛ በብልጠት አልቀረንምና ንስሐ እንግባ፣ እንታረቅ ።
እግዚአብሔር ትክክለኛውን የፍርድ ሚዛን ለሞት አስጨብጦታል። ባንወደውም ዕለት ዕለት የምንጓዘው ወደ ሞት ነው።
*ትልቁ ሞት ግን ከእግዚአብሔር መለየት ነው ኑ እናምልጥ።*
Repost from Faaruuwwan Haaraa orthodox Tewahido
✝Lapheen koo✝
Lapheen koo waa'ee kee waan gaarii dubbataa
Eyyeen ni dubbata
Akka abba hiriyaaqosi sigalateeffata
Darbatamee hin kufuu siin daandii eegalee
Haadha waaqa kootii kooluun sitti gale
Sirraa addaan hin bahuu Maariyaam sin jaalladha
Akka abboota kootii maqaa keen jajadha
Bultoo waaqa ta'uu kee warri hubatani
Qulqulloonni qoomma'uun miilla keetti kufani
Ogummaan lafarra kan isaan hin bitnee
Siwaammachuudhaafii yoomiyyu hin callisne
Yoo si jibbaniyyu warri hin amanne
Kan mi'aakee baree lapheensaa sihin ganne
Bultoo ilmaa taatee kan waaqa uumamaa
Ulfinaan mul'adhuu at yeroo hundumaa
Magaalaa waaqayyoof gaarri imbaaqoomi
Maaliin fakkeessinaa faaraan Maariyaami
Ati Qulqulluudhaa kan cubbuu hin qabnee
Fayyisaa biyya lafaa karaa kee arganne
👇👇Join godhaa 👇👇👇
╭══•|❀:✞✟✞❀|•══╮
✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥
@FaruuHaara
✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥
╰══•|❀:✞✟✞❀|•══╯
Ulfinni Dubroo Haadha Isaa Qulqulleettii Maariyaamiif,
Ulfinni Fannoo Isaa Kabaja-qabeessaaf,
Ameen! ✝️🙏
ከጌታችን ሳይለዩ አገልግለው በኋላም መንፈስ ቅዱስ በወረደበት ጊዜ አብረው
ስለነበሩ ግማሾቹ ከሐዋርያት ጋር ተከፋፍለው ተሰማርተዋል፡፡
ከእኔ የበረታችሁ አስቡኝ በጸሎታችሁ ገብረመስቀል
በረከታቸው ይድረሰን
ወስብሐት ለእግዚአብሔር
ወለወላዲቱ ድንግል
ወለመስቀሉ ክቡር
አሜን
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12
✥ Maqaa Dubartoota Qulqulloota 36'ni fi Guyyaa Yaadannoo Isaanii ✥
የ36ቱ_ቅዱሳት_አንስት_ስም_ዝርዝርና_የሚውሉበት_ቀን
1🔹Qulqulleettii Elsaabeeti— Guraandhala 16
👉ቅድሰት ኤልሳቤጥ የካቲት 16 ቀን
2🔹 Qulqulleettii Haannaa — Fulbaana 7
👉ቅድሰት ሐና መስከረም 7 ቀን
3🔹Qulqulleettii Berzeedaan yookaan Berist — Muddee 10
👉ቅድሰት ቤርዜዳን ወይም ቤርስት ታህሳስ 10 ቀን
4🔹Qulqulleettii Meltidaan yookaan Maartaa — Amajjii 4
👉 ቅድሰት መልቲዳን ወይም ማርና ጥር 4 ቀን
5🔹 Qulqulleettii Saloomee — Caamsaa 25
👉ቅድሰት ሰሎሜ ግንቦት 25 ቀን
6🔹 Qulqulleettii Maariyaam Maqidalaawi — Hagayya 6
👉ቅድሰት ማርያም መቅደላዊት ነሐሴ6 ቀን
7🔹 Qulqulleettii Maariyaam Inta Ifraat — Guraandhala 6
👉ቅድሰት ማርያም እንተ እፍረት የካቲት 6 ቀን
8🔹Qulqulleettii Haannaa Raajittii — Guraandhala 20 fi Onkololeessa 6
👉ቅድሰት ሐና ነቢይት የካቲት 20 እና ጥቅምት 6 ቀን
9🔹 Qulqulleettii Maariyaam Haadha Daa’imman Zabdawoos — Amajjii 18
👉ቅድሰት ማርያም እሞሙ ለደቂቅ ዘብድዎስ ጥር 18 ቀን
10🔹 Qulqulleettii Sofiyaa (Barberaa) — Amajjii 30
👉ቅድሰት ሶፍያ (በርበራ) ጥር 30 ቀን
11🔹Qulqulleettii Yuuliyaanaa (Yoonaa) — Sadaasa 18
👉.ቅድሰት ዮልያና (ዮና) ኅዳር 18 ቀን
12🔹 Qulqulleettii Sofiyaa (Merkeza) — Amajjii 30
👉ቅድሰት ሶፍያ (መርኬዛ) ጥር 30 ቀን
13🔹Qulqulleettii Awugaanayaan (Pilaagiyaa) — Onkololeessa 11
👉ቅድሰት አውጋንያን (ጲላግያ) ጥቅምት 11 ቀን
14🔹 Qulqulleettii Arseemaa — Caamsaa 11
. 👉ቅድሰት አርሴማ ግንቦት 11 ቀን
15🔹 Qulqulleettii Yoostiinaa — Amajjii 30
👉ቅድሰት ዮስቲና ጥር 30 ቀን
16🔹 Qulqulleettii Xeegilaa Hagayya 6
👉ቅድሰት ጤግላ ነሐሴ 6 ቀን
17🔹Qulqulleettii Arnii (Sofiyaa) — Sadaasa 10
👉ቅድሰት አርኒ (ሶፍያ) ኅዳር 10 ቀን
18 🔹Qulqulleettii Eleenii — Amajjii 29
👉ቅድሰት እሌኒ ጥር 29 ቀን
19 🔹Qulqulleettii lyoopraakliyaa — Bitootessa 26 fi Hagayya 2
👉ቅድሰት ኢዮጰራቅሊያ መጋቢት 26 እና ነሐሴ 2 ቀን
20 🔹Qulqulleettii Teewoklaa (Teewodiraa) — Amajjii 4
👉.ቅድሰት ቴዎክላ (ቴኦድራ) ጥር 4 ቀን
21🔹 Qulqulleettii Kiristiyaanaa (Axiruniis) — Sadaasa 18
👉 ቅድሰት ክርስቲያና (አጥሩኒስ) ኅዳር 18
22🔹Qulqulleettii Xiqimoolaa (Amoonaa) — Amajjii 30
👉ቅድሰት ጥቅሞላ (አሞና) ጥር 30 ቀን
23🔹 Qulqulleettii Piis — Amajjii 30
👉 ቅድሰት ጲስ ጥር 30 ቀን
24🔹 Qulqulleettii Alaapiis — Amajjii 30
👉ቅድሰት አላጲስ ጥር 30 ቀን
25🔹 Qulqulleettii Agaapiis — Amajjii 30
👉 ቅድሰት አጋጲስ ጥር 30 ቀን
26🔹 Qulqulleettii Ersooniyaa (Arnii) — Amajjii 30
👉ቅድሰት እርሶንያ (አርኒ) ጥር 30 ቀን
27🔹 Qulqulleettii Pilaagiyaa — Amajjii 30 fi Onkololeessa 11
👉ቅድሰት ጲላግያ ጥር 30 እና ጥቅምት 11 ቀን
28🔹 Qulqulleettii Anxooliyaa (Luukiyaa) — Guraandhala 25
👉 ቅድሰት አንጦልያ (ሉክያ) የካቲት 25 ቀን
29🔹 Qulqulleettii Amoonaa (Sofiyaa) — Amajjii 15 fi Hagayya 3
👉ቅድሰት አሞን (ሶፍያ) ጥር 15 አና ነሐሴ 3 ቀን
30🔹 Qulqulleettii Iyeluuxaa -Hagayya 6
👉ቅድሰት ኢየሉጣ ነሐሴ 6 ቀን
31🔹 Qulqulleettii Mariinaa Adoolessa 27
👉ቅድሰት መሪና ሐምሌ 27 ቀን
32🔹 Qulqulleettii Maartaa, obboleettii Ala’aazaar — Amajjii 18 fi Caamsaa 27
👉ቅድሰት ማርታ እህተ አልአዛር ጥር 18 እና ግንቦት 27 ቀን
33🔹 Qulqulleettii Maariyaam, haadha Maarqos — Amajjii 30
👉ቅድሰት ማርያም የማርቆስ እናት ጥር 30 ቀን
34🔹 Qulqulleettii Saaraa (Sofiyaa), haadha Yihuudaa — Amajjii 30
👉 ቅድሰት ሣራ (ሶፍያ) የይሁዳ እናት ጥር 30 ቀን
35🔹 Qulqulleettii Yohaannaa (Yoolaanaa) haadha mana Kuusaa — Muddee 26
👉 ቅድሰት ዮሐና (ዮላና) የኩዛ ሚስት ታህሳስ 26 ቀን
36🔹Qulqulleettii Suusannaa — Caamsaa 12
👉 ቅድሰት ሶስና ግንቦት 12 ቀን ናቸው፡፡
🖥️•Isaan kunneen Gooftaa keenya irraa osoo adda hin baane, Isa tajaajilaa turaniidha. Erga Gooftaan keenya gara samiitti ol ba’ee booda, yeroo Hafuura Qulqulluun bu’e illee amanamummaadhaan Kiristoosii fi ergamoota Isaa waliin turan. Isaan keessaa gariin duuka bu'oota waliin qoodamanii, Wangeela Kiristoosii lallabuuf gara iddoowwan gara garaatti faca’anii tajaajilan.
🙏 Eebbi Qulqulloota Hundummaa keenya waaliin haa jiraatuu!
Ulfinni Waaqayyoof,
WAA'EE SILLAASEE ABBOONNI
Abboonni Akkaas Jechuun Waa'ee Uumaa Keenya Sillaasee barsiisu
✍🏻Hunda dura qaamaan adda, qulqullummaan tokko kan ta'e Sadummaa ni barsiifna. Innis Abbaa, Ilmaa, fi Afuura qulqulluudha " Qulqulluun Qeerloos
✍🏻 ‘’Abbaan ifa, Abbaarra kan dhalate sagaleen Ilmis ifa ifarraa argame, Abbaarra kan bahe Afuurri Qulqulluunis ifa ifarraa argame, Abbaarraa Ilmi dhalachuu, Afuurri Qulqulluu bahuun baayyee nama ajaa’ibsiisa malee hin himamu (himuun hin danda’amu)’’ Qulqulluu Diyonaaniyoos isa Ariyoosfaagisis
✍🏻"Abbaan waaqa, Ilmi waaqa, Afuurri qulqulluun waaqa, garuu Waaqa sadi hin jedhaman Waaqa tokko malee" Qulqulluun Atnaatiyoos Kan Iskindiriyaa
✍🏻 “Akkeenyummaan qama sadanii gonka tokko ta’uu beekuu qabna; akkeenyummaa isaaf ta’u tokko gooneee haa waloomsinu; amantaa Abbaan kan dhaluu fi kan baasu jettutti haa amannuu; Ilmi Abbaarraa dhalateera; Hafuurri Qulqulluuniis Abbaarraa argameera waan ta’eef; Abbaan Ilma, Ilmiiis Hafuura Qulqulluu osoo hin dursin Ilmi Abbaarraa dhalachuu isaatiin Hafuurri Qulqulluuniis Abba irraa ba’uu isaatiin akkeeenyummaan sadummaa uumaa keenyaa tokko ta’a.” Qulqulluun Baasiliyoos biyya Qisaariyaa
✍🏻 “Beekumsaa fi amantaa irra kan fagaatan shakkitoonni akkeenyummaa Sillaasee irraa qoodamiinsa qaamaan salphina fiduudhaaf akka hin fidneef gochuu hin qaban; Waaqoolii sadi jennee hin sagadnu; Waaqa tokko jennee sagadna malee; maqaadhaan sadi jenna; Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu, amalan tokko; akkeenyummaa tokkoo, amala tokkoon qaamooli sadi yoo ta’an, sadan irraa tokko kan caalu, tokko kan xiqqaatuu miti; kabaja tokkittii hin qoratamneen walqixa malee. Qulqulluu Gorgooriyoos
Eebbi Uumaa keenyaa hunda keenya wajjiin haa ta'u!
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12
🌹#Baga_Gessan🙏
Jiini galee guyyaa 6ttii Yaadannoo Ayyaana haadha keenyaa qulqulletti arseema dha🌹
👰"“Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.”
— Fak. 31:30."Qulqulleeti arseema"Waaqayyoon kan sodattuu fi waldaa qulqulloota waregamtoota fi balbalaa gannatattii waregamtuu firii jireenyaa aragmsistee dha.
⛪️Qabeenya lafarra miidhaginaa jedhees #haadha_Mana_mootii #Mootittii_jedhamuu hundumaa lakkii jettee diddee lafaafis samiifis mootii kan ta'ee #Iyesus kiristoosif misirroo kan tatee wa'ee isafis #lubbuu isheetin gidiraa kan fudhattee waregamtuu qulqullettii dha "Gidiraa fi dhiphinaa hedduun mootummaa #waaqayyoo galuu qabnaa"akka jedhuu macafnii qulqulluun #H/d/bu'oota 14፥22) Qulqullettiin #Arseema ba'aa gidiraa sana labooba abidda sanaa #obsitee. kanaafis mootummaa waaqayyoo #Dhaaltee. isheen #Durbee maariyaamin gadittii #Dubartoota irraa #Ni_Caltiiti kadhannaa Qulqullettii wareegamtuu #Arseeman kan amanuu kan ebbifamee dha. #Yadannoo ishees ixaana fi arsaan #kan taasisuu kan ebbifamee dha. wa'ee qulqullettii #Arseemaf biddeen xoofo bishaan #Hiyyeessaf kan kennuu ebbifamaa dha. Addunyaa kanattii foon isaf fayyiina dachaa dachaan ni argataa. Adduunyaa isa dhufuttis gatii gaarii fi #Jireenyaa hin darbinee gonkaa ni argataa.jechii wangeela #Gooftaa keenyaa #iyesus #kiristoos => " Mat. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴⁰ iyesus! "Namni isin simu ana simuu isaa ti, namni ana simus isa ana erge simuu isaa ti.
⁴¹ Namni, raajii tokko raajii ta`uu isaatiif sime, gatii raajii tokkoo in argata; namni nama qajeelaa tokko qajeelaa ta'uu 'isaatiif simes, gatii nama qajeelaa tokkoo in argata.
⁴² Dhuguman isinitti hima, eenyu illee isaan xixinnayyoo kana keessaa isa tokkoof, waan inni bartuu koo ta'eef, bishaan qabbanaa'aa willee tokko illee yoo kenne, gatii isaa hin dhabu" jedhe.Ebbii,sugnii,kadhannan haadha keenyaa qulqulletti arseema nurra haa buluu. Ameen.
☞#Yeroo_Gaarii💕🙏
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12
🌹#Baga_Gessan🙏
Jiini galee guyyaa 6ttii Yaadannoo Ayyaana haadha keenyaa qulqulletti arseema dha🌹
👰"“Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.”
— Fak. 31:30."Qulqulleeti arseema"Waaqayyoon kan sodattuu fi waldaa qulqulloota waregamtoota fi balbalaa gannatattii waregamtuu firii jireenyaa aragmsistee dha.
⛪️Qabeenya lafarra miidhaginaa jedhees #haadha_Mana_mootii #Mootittii_jedhamuu hundumaa lakkii jettee diddee lafaafis samiifis mootii kan ta'ee #Iyesus kiristoosif misirroo kan tatee wa'ee isafis #lubbuu isheetin gidiraa kan fudhattee waregamtuu qulqullettii dha "Gidiraa fi dhiphinaa hedduun mootummaa #waaqayyoo galuu qabnaa"akka jedhuu macafnii qulqulluun #H/d/bu'oota 14፥22) Qulqullettiin #Arseema ba'aa gidiraa sana labooba abidda sanaa #obsitee. kanaafis mootummaa waaqayyoo #Dhaaltee. isheen #Durbee maariyaamin gadittii #Dubartoota irraa #Ni_Caltiiti kadhannaa Qulqullettii wareegamtuu #Arseeman kan amanuu kan ebbifamee dha. #Yadannoo ishees ixaana fi arsaan #kan taasisuu kan ebbifamee dha. wa'ee qulqullettii #Arseemaf biddeen xoofo bishaan #Hiyyeessaf kan kennuu ebbifamaa dha. Addunyaa kanattii foon isaf fayyiina dachaa dachaan ni argataa. Adduunyaa isa dhufuttis gatii gaarii fi #Jireenyaa hin darbinee gonkaa ni argataa.jechii wangeela #Gooftaa keenyaa #iyesus #kiristoos => " Mat. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴⁰ iyesus! "Namni isin simu ana simuu isaa ti, namni ana simus isa ana erge simuu isaa ti.
⁴¹ Namni, raajii tokko raajii ta`uu isaatiif sime, gatii raajii tokkoo in argata; namni nama qajeelaa tokko qajeelaa ta'uu 'isaatiif simes, gatii nama qajeelaa tokkoo in argata.
⁴² Dhuguman isinitti hima, eenyu illee isaan xixinnayyoo kana keessaa isa tokkoof, waan inni bartuu koo ta'eef, bishaan qabbanaa'aa willee tokko illee yoo kenne, gatii isaa hin dhabu" jedhe.Ebbii,sugnii,kadhannan haadha keenyaa qulqulletti arseema nurra haa buluu. Ameen.
☞#Yeroo_Gaarii💕🙏
#Abba_Gebre_Menfes_Qidus✞
📌Abban keenyaa gebre menfes qidus biyyii isanii #Nihisa_Gibtsii dha Abbaan isanii simi'oon haatii isanii Aqlesiyaa jedhamuu. muca dhabanii wagga 30 gaddaa jirataniruu. guyyaa tokkoo aqlezhiyan mana waaqayyoo mana kiristana sentee suura sillasee jalattii kuftee yeroo kadhattuu mucaa kabajnii isa ol guddinsaa samii irraa kan caluu hodhuu fudhadhuu sagalee jedhuu dhagessee.
♨️haala kanan qulqulluu abban keenyaa gebre menfes qidus Bitootessa 29 garatti hafanii Muddee 29 dhalatanii.
♨️Abban keenyaa yeroo ijaa isani saqan wan argamuu irraa akkaa hin bufannee isanis yeroo dhalatanitti ka'anii «Galannii abbaf galannii ilmaf galannii afuura qulqulluuf » jedhanii galateffataniruu.
♨️booda nyaata lafaa osoo hin nyaatin hin dhugiin galataaf jabatanii jirachuu isaniitin ergamoota fakkatuu.
Abban keenyaa abune gebre menfes qidus itoophiyatti waggaa 262 jiratanii waggaa 562 isanitti abdii isanitti kan amanee wadaa isanitti kan kadhatee gooftaan gidiraa foonii gidiraa lubbuu isaniif fayyisuuf abdii waada isanii fudhatanii guyyaa sanbataa/Dilbata boqotaniruu
♨️Ergamonnii gara iyerusalemitti fudhatanii yemane mesewa'itti awwalaniruu
♨️Yaa Gebre Menfes Qidus፤misrachoo ergamaan kan garattii haftee garatti hafuu keetiif ji'a muddee kessa dhalachuu keef dhaloota keef nagaan jedhaa.
❤️Yaa Gebre menfes qidus:-ifa mana mana kiristaana kan tatuu kan filatamtee harma kabajamtuu haadha kee hodhuu dhisuu dhan kunuunsa afuura qulqulluun kan guddatee wa'ew guddina keef nagaan jedhaa.
Ebii, sugnii kadhanan abbaa keenyaa abuyee gebre menfes qidus nurra addaa hin ba'iin ameen🙏
Galannii waaqayoof
Haadha isa durbee maariyaamif
Ulfaata fannoo isaf haa ta'uu bara baran ameen.
---🙏#Yeroo_Gaarii💕🙏
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12
