Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯
Open in Telegram
Kaayyoo Channel Kanaa Barumisaa gaffi fi Deebii Shakkitootaa Deebisuu fi Barumsa Ortodoksii Barsiisuuf
Show moreThe country is not specifiedReligion & Spirituality97 818
224
Subscribers
-124 hours
+37 days
+830 days
Data loading in progress...
Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
September '26
September '26
+6
in 1 channels
August '26
+20
in 1 channels
Get PRO
July '26
+112
in 0 channels
Get PRO
June '260
in 1 channels
Get PRO
May '26
+104
in 2 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 09 September | +1 | |||
| 08 September | 0 | |||
| 07 September | 0 | |||
| 06 September | +1 | |||
| 05 September | 0 | |||
| 04 September | +2 | |||
| 03 September | 0 | |||
| 02 September | +1 | |||
| 01 September | +1 |
Channel Posts
Repost from Kutaa Faaruu WDB Wiirtuu Waacaalee.
Kootta gammadaa ✝
Kotta gammad nutti yaatolu
hundii keesssan gammada
waaqni nuflaate ebba adda
hundi keessan gammadaa
faarfachuuf dhufne waqayyo (2)
waaqa farfaachuudhaf dhufne×2 yoohanisin finne
Waaqa faarfachudhaf dhufne
Hababoon meerre(2) ....Kunoo
kanwaqni uume
bokkan guddisee
lafti gammojji
jiidha magarsee
bara moofichaa
nurra dabarsee
gogaan mijjate
margi margeraa duddandhagahee
jaamaan argeraa
Hababoo×2 late goftaan nuuf laatee
rakkinichaaf dhiphina gudda nuraati gatee
Bokka kan robsu .... Waaqa kan aduu baasu
dukkana keessa
kan nama baasu
qamadiin gahee
nu asheeteraa
hababoonwagga
babbareederaa
dukkani ife
lafti bari'e
gamaachun quufaa
inni beela'e
Hababoo Hababoo ifee
Rakkini hin hafe
Inni diinni nurratti raaje hundumti hafe
Sumaaf dadhabaan
Sumaan abdataan
Simbiroon samii
Harkakee eegataan
Bishaan niguute
Coqorsi jira
Hunduu gammadee
siwaamaa jira
Namni siwaame
Maqaakee eebbise
Mukni inni goge
Kunoo lalisee
Bineensaaf horii
Budeena baseef
Hababoo×2 jenne waaqa faarfaanne ×2
Ijooleensaa hundumti keenya isumaa abdanne ×
Haadha gaarii giiftidha ati eyyen giiftidha ati
Harka diinarratti nugatiin ati
Nu eegderta hamma yoonatti
Eyyeen giiftidha ati
Nugadhiisiin harka diinatti
Eyyeen giiftidha ati
Eyyeen giiftidha ati×3
Abbiyyee eyyeen dhufeera mana kee
Ammasa yaa haadhakoo
nagaa yaa'ee hin dhumne
Naaf kenne waaqnikoo ×2
Ulfinaan turaa ulfinaani
Qalbiin sinduraa badinii
Gadde yaa leeyya'u diinni
Qalbii keessan jijjiraadha
Fooniif dhiigaa isaa fudhadha
Amantiin cimaa dhaabbadhaa
Mana waaqatii bahinaa
Isiniif yaa laatu fayyinaa
×2
https://t.me/farOrthodox
https://t.me/farOrthodox
| 2 | Burte(kotta hund).mp3 | 11 |
| 3 | Woow Faruu Haaraa
Faruu Baraa Haaraa🌻
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🍁
New Ethiopian Orthodox Mezmur 2026
🎙Cigoo Haaraa🌻
💽New Ethiopian Orthodox mezmur
👇👇Join godhaa 👇👇👇
╭══•|❀:✞✟✞❀|•══╮
✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥
@faruuHaara
✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥
╰══•|❀:✞✟✞❀|•══╯ | 13 |
| 4 | #Goorsa 𝗔𝗯𝗯𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮
✍• " 𝐒𝐞𝐞𝐱𝐚𝐚𝐧𝐧𝐚𝐧 𝐚𝐥𝐚 𝐝𝐢𝐧𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 .𝐝𝐨𝐠𝐨𝐠𝐨𝐫𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐨𝐫𝐚𝐭𝐢𝐧 ,𝐜𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐨𝐛𝐛𝐨𝐥𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝙠𝙚𝙚𝙩𝙞 𝙝𝙞𝙣 𝙢𝙪𝙡𝙞𝙨𝙞𝙣𝙣𝙞 ,
✍•.𝙠𝙪𝙛𝙖𝙩𝙞𝙞 𝙤𝙗𝙗𝙤𝙡𝙡𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙩𝙞 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙙𝙚𝙚𝙗𝙞𝙩𝙚𝙚 𝙝𝙞𝙣 𝙤𝙙𝙚𝙚𝙨𝙨𝙞𝙞𝙣
✍•𝙂𝙤𝙤𝙛𝙩𝙖𝙖 𝙞𝙨𝙖𝙖 𝙬𝙖𝙖𝙣 𝙝𝙞𝙣 𝙩𝙖𝙖𝙣𝙚𝙚𝙛 𝙘𝙪𝙗𝙗𝙪𝙪 𝙢𝙖𝙩𝙖𝙖 𝙠𝙚𝙩𝙞𝙞 𝙢𝙖𝙡𝙚𝙚 𝙠𝙖𝙣 𝙣𝙖𝙢𝙖 𝙗𝙞𝙧𝙖𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙝𝙞𝙣 𝙢𝙪𝙧𝙩𝙚𝙚𝙨𝙨𝙞𝙣
✍•𝙘𝙪𝙗𝙗𝙪𝙪𝙨𝙖𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖𝙖 𝙖𝙠𝙠𝙖 𝙙𝙚𝙚𝙗𝙞'𝙪𝙪𝙛 𝙜𝙖𝙖𝙧𝙜𝙖𝙧𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙜𝙤𝙧𝙨𝙖𝙖 𝙩𝙖𝙝𝙞𝙞𝙛 . 𝙙𝙤𝙜𝙤𝙜𝙜𝙤𝙧𝙖 𝙞𝙣𝙣𝙞 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖𝙩𝙩𝙞 kufєє 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚊𝚊 𝚊𝚔𝚔𝚊𝚊 𝚋𝚊'𝚞𝚞𝚏 𝚓𝚊𝚓𝚓𝚊𝚋𝚎𝚎𝚜𝚜𝚒𝚒 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚠𝚊𝚊𝚚𝚢𝚢𝚘𝚘 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚢𝚘𝚘 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚊𝚝𝚎𝚎𝚊𝚔𝚔𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚌𝚒𝚍𝚒𝚒 𝚒𝚋𝚒𝚍𝚍𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚋𝚞'𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧 𝐜𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐦𝐢𝐢 , 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐜𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐡𝐨𝐣𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐮𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐚𝐚𝐲𝐢𝐬𝐢𝐧𝐧𝐢𝐢
✍•𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐇𝐮𝐛𝐚𝐭𝐚 𝐠𝐚𝐦𝐧𝐚 𝐭𝐚'𝐢 , 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐮𝐮𝐦𝐦𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐚𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐝𝐡𝐮𝐮 , 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐢, 𝐧𝐚𝐚𝐠𝐚 𝐲𝐨𝐨 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐟𝐮𝐥𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐡𝐚𝐚 𝐢𝐟𝐮.
✍•. 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢, 𝐠𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐬𝐨𝐠𝐠𝐢𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐰𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐥𝐜𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚'𝐚𝐚 𝐡𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐮𝐮, 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐢 𝐡𝐮𝐧𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐚𝐧
✍•. 𝗶𝗰𝗰𝗶𝘁𝘁𝗶 𝙝𝙞𝙧𝙞𝙮𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙩𝙞𝙞 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐨𝐝𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐧 𝗸𝗮𝗻 𝘀𝗶𝗷𝗮𝗹𝗹𝗮𝘁𝗻 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗳 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮 𝘁𝗮'𝗶𝗶
✍•𝐆𝐚𝐫𝐚 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐰𝐧𝐭𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐚𝐠𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮𝐮 , 𝐤𝐚𝐧 𝐬𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚'𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐮𝐮𝐟𝐚𝐧𝐞𝐞𝐠𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐬𝐞𝐞𝐧𝐢𝐧"
@ 𝙌𝙪𝙡𝙦𝙪𝙪𝙡𝙪𝙪 𝙀𝙛𝙧𝙚𝙚𝙢𝙞 𝙞𝙨𝙖 𝙨𝙤𝙤𝙧𝙞𝙮𝙖
⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪
Link armaan gadii xuquun miseensa ta'aa
👇👇👇👇👇👇👇👇
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪ | 32 |
| 5 | Guyyoota kaan irra kan addaa ishee godhuu keessa.
➦ Waggaa waggaan ji’a phaagumee kana keessa kan kabajamu ayyaanni Ergamaa Rufaa’elii phaagumee 3 kan kabajamuudha.
➦ Barteef darbii darboon guyyoota kana keessa namoonni Keessattuu guyyaa kabaja Ergamaa Rufaa’eel samiiwwan guyyaa itti banaman jechuun amanuun gara bishaanii deemuun dhiqatu, kanis Xabala cuuphamu,kan immoo guyyoota hundayyuu cuuphamuu yknlaga barii obboroon deemuun lagatti dhiqatu. Waqayyoo baraa haaraa dhufaa jiruu kana kan eebbaa kan gammachuu nuuf haa taasisuu❤️🙏
Guyyoota kaan irra kan addaa ishee godhuu keessa.
➦ Waggaa waggaan ji’a phaagumee kana keessa kan kabajamu ayyaanni Ergamaa Rufaa’elii phaagumee 3 kan kabajamuudha.
➦ Barteef darbii darboon guyyoota kana keessa namoonni Keessattuu guyyaa kabaja Ergamaa Rufaa’eel samiiwwan guyyaa itti banaman jechuun amanuun gara bishaanii deemuun dhiqatu, kanis Xabala cuuphamu,kan immoo guyyoota hundayyuu cuuphamuu yknlaga barii obboroon deemuun lagatti dhiqatu. Waqayyoo baraa haaraa dhufaa jiruu kana kan eebbaa kan gammachuu nuuf haa taasisuu❤️🙏 | 32 |
| 6 | ⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪
Link armaan gadii xuquun miseensa ta'aa
👇👇👇👇👇👇👇👇
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪ | 30 |
| 7 | Phaagumee_Keessa_Xabala_Maaliif_halkaniin_dhiqanaa?
◌━━━✦◌◦◌✦━━━◌
Akka mana Amantaa Ortodoksiitti Xumura waggaa irratti Guyyaan Argamtu Guyyaa 𝑷𝒉𝒂??𝒈𝒖𝒎𝒆𝒆 Halkan halkan gara lagaa dhaquun dhaqna dhiqachuun dabarsina! Maalifi ?
➦ Jechi "𝐏𝐡𝐚𝐚𝐠𝐮𝐦𝐞𝐞" Jedhu Jecha Afaan Giriik "ἐπαγόμενοι "𝑖𝑝ℎ𝑎𝑔𝑢𝑚𝑖𝑛𝑜𝑜𝑠" Jedhu Irraa Kan dhufe Yoo ta'u "𝐊𝐚𝐧 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚𝐦𝐞" Jechuudha. Afaan Oromootiin "Qaam'ee" Jedhane Waamna!
➦ Yeroo baay'ee Waa'ee 𝐩𝐡𝐚𝐚𝐠𝐮𝐦𝐞𝐞_𝐝𝐡𝐢𝐪𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 irratti gaaffiin yemmuu ka'u deebiin namoota baay'ee Bara haaraatti qulqulla'anii darbuu dhaafi kan jedhu dha!
Haata'u malee kun qofti deebii quubsaa miti Dabalataan Seenaa macaafa qulqulluus qabaachuu isaa beekuun murteessaadha!
➬ 𝗠/𝗤𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝘂𝘂𝗻 𝗪𝗮𝗮'𝗲𝗲 𝗣𝗵𝗮𝗮𝗴𝘂𝗺𝗲𝗲 𝗺𝗮𝗮𝗹 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗮❓
➦ Akkuma gara Olii irratti ilaalle 𝗣𝗵𝗮𝗮𝗴𝘂𝗺𝗲𝗲𝗻 bara haaraatti qulqulla'anii darbuuf haata'u malee Kan qulqulla'amu garuu Xurii Foonii irraa Osoo hin taanee xurii lubbuu kan ta'e Cubbuu irraati!
Macaafni akkas jedha
1ffaa_Phex_3_21
➭" Kunis fakkeenya cuuphaa isin ittiin Fayyitaniiti cuuphaan waan ittiin karaa du'aa ka'uu Iyyesuus Kiristoos yaada garaa nama hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin #xurii_dhagnaa_qulqulleeffatan miti."
𝗛𝗶𝘇_36_25 irraattis ➭#𝙱𝚒𝚜𝚑𝚊𝚊𝚗_𝚝𝚊𝚕𝚒𝚒𝚕𝚊 _𝚒𝚜𝚒𝚗𝚒𝚝𝚝𝚊𝚗_𝚏𝚊𝚌𝚊𝚊𝚜𝚊_𝚒𝚜𝚒𝚗𝚒𝚜_𝚗𝚒𝚚𝚞𝚕𝚚𝚞𝚕𝚕𝚘𝚘𝚏𝚝𝚞! Akkuma jedhu
➭ Caqasoota lamman gara Olii irratti akkuma ilaalle
Bishaanni Nuti dhiqannu Tsabala Yoota'u kan Nuti irraa qulqulloofnu Ammoo Cubbuu irraati Kunis Akkuma qulqulluun pheexiroos 1ffaa_Phe_4_3 irratti Barri_isin_Cubbuu_dhaan_deddeebitan_Barri_inni_darbe_isin_gaha jedhe
Nutis sanuma ibsuufbara haaraa Kanatti Cubbuu irraa Qulqulloofnee darbuu keenya ittiin kan ibsinuufii waaqayyoof kan ittiin waadaa seennu dha!
𝐌𝐚𝐚𝐥??𝐟_𝐇𝐚𝐥𝐤𝐚𝐧_𝐝𝐡𝐢𝐪𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚
➬ isa Jedhuuf Ammoo Dukkana cuubbuu keessaa gara Ifa qulqullummaatti ba'aa jiraachuu keenyaibsuu dhaafi!
𝐈𝐧𝐧𝐢 2ᶠᶠᵃᵃ
➦ ??_𝘆𝗼𝗱𝗶𝘁_Boqonnaa_8 Eegalee Amma Boqonnaa xumuraatti Yoo'ilaalle
Qulqulleettiin_Yoodiit saba israa'elii Mootii Naabuukedenetsoor irraa biliisa baasuuf Ajejaa waraanaa 𝐇𝐨𝐨𝐥𝐢𝐢𝐟𝐨𝐨𝐫𝐧𝐢𝐬 jedhamuirraa Oolchuu dhaaf Tsoomii isheen tsoomte dha!
➦ Dabalataan Yoodiit Gara godoo mootichaa Erga deemtee booda Hojii fi Shira mootii sana irraa Qulqulluu ta'uu ishee Agarsiisuuf jettee guyyoota #Shaniif {5} Halkan_Halkan Gara__Lagaa deemtee dhanna ishee akka dhiqataa turtee Yod_12_7 irratti nii dubbata
➦ Guyyaa Shan{5} booda Ajejaa waraanaa Hooliifoornisjedhamu sana Ajjeestee Saboota israa'eliin Bilisa akka isheen baaste Nii dubbisna
➦ Kanaaf Akkuma Qulqulluun phaawuloos 𝐈𝐛𝐫_13_7 irratti Warreen_Isin_dura_turan_abboota_keessan_yaadadhaa_firii_Amantaa_keessa jedhe
➦ Nutis kanuma fakkeenya godhachuu dhaan hojii sexanaa irraa qulqullaa'uuf bilisa ba'uu keenya Mullisuuf Phaagumee Dhiqanna!
➦ Maalif_Tsoomama Isa jedhuuf Ammoo Guyyoota kana shanan keessaatti Yoodiit Tsoomaa waan turteefi
Kanaafidha Maqaan Phaagumee kanaa inni tokko Tsoomii_Yoodiit Jedhamuun kan waamamuuf!
✍ Mana kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti baatiin phaagumee bakka guddaa qabdi.
➦ Sooma Fedhii lamaan mana kiristaanaa keenya keessa jiran keessaa tokkoo sooma Qaammee keessa soomamu. Kunis sooma Yooditti jedhamee beekama. Soomni kun akka sooma fedhii isa tokko baay'ee beekama miti. Sooma Yoodit kan jedhameefis isheen waan soomteef. Seenaa Yoodit Macaafa Yood 2:2-7,8:2 irra dubbisaa!
➦ kan bira yeroon kun fakkeenya dhufaatii Gooftaatti lakkaa'ama. Kunis Qaammeen Cehumsaa waggoota, waqtii Gannaa yeroo dukkanaa irraa gara waqtii Birraa ifatti kan darbamuu akkumaa ta'ee yeroo dhufaa isaatti bakka jireenya yeroof irra gara jireenya bara baraatti, lafa kana irraa gara samiitti kan itti ce'amuu waan ta'eef. Kanarraa kan ka’e uummanni kiristaanaa waqtii phaagumee kana kadhannaa, soomaa fi subaa'ee galuun dabarsu. | 28 |
| 8 | የ2019 ዓ .ም ባህረ ሀሳብ በኦሮሚኛ ቋንቋ
Barnoota Bahaara Hassaab (Lakkoofsa baraa fi Ayyaanaa) Afaan Oromootiin.
።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።
Barreessan:- TerbinosTolessa
Wabii fi Seensa Bahaara Hassabii/Lakkaawwii Baraa
Hayyichi Qulqulluu Dimeexiroos: (Liiq Paapasi 12ffaa Iskindiriyaa, bara 180-222) soomaa fi ayyaanonni guyyoota jalqaba irratti oolan irraa akka hin jijjiiramne hawaa ture.
➾SoomaSooma Nanawwee, Sooma Guddaa, Sooma Duuka Bu'ootaa Wiixata irraa akka hin jijjiiramne.
➾Dabra Zayitii, Hosaa'inaa, Du'aa Ka'uu, Pharaaqiliixoos immoo Dilbata akka hin lakkisne .
➾RikbaRikba Kaahinaatii, Sooma Fayyinaa : Roobii akka hin lakkisne.
➾OlOl ba'uun : Kamisa akka hin lakkisne.
➾AyyaanniAyyaanni Fannoo: Jimaata akka hin lakkisne kadhachaa ture.
Ergamaa Waaqayyoo fi Subaa'ee: Ergamaan dhufee subaa'ee akka galu hubachiise. Kanumaan:-
➾HalkanHalkan: Subaa'ee 23 (Abaqtee).
➾GuyyaaGuyyaa: Subaa'ee 7 (Maxqii).
1. Shallaggii Hundee Abaqtee fi Maxqii
Seera1ffaa waliigalaa: Lakkoofsi 30 irra caale 30n hirama (hirphama).
Dhaha Guyyaa (Maxqii): 7x 7 = 49 49/30 = 1 ga'ee hafteensaa Maxqi jedhama.
Kanaaf Maxqi=19.
Dhaha Halkanii (Abaqtee): 23x 7 = 161. Ammas 161 30n hirree hafteen argamu Abaqtee ta'a. 161/30=5 ga'ee hafteen 11Abaqtee dha.
Abaqtee = 11
Seera 2ffaa: Abaqtee + Maxqii = 30
ta'a (30 irra hin caalu, 30 irraa hin hir'atu).
Guyyootaafi Marsaalee Waggaa
Guyyoota Sadan:-
1. Guyyaa Dilbataa:- Uumamni kan itti jalqabame.
2. Guyyaa Kiibxataa:- Biqiltoonni ni uumaman (lakkoofsis guyyaa kana jalqabame).
3. Guyyaa Yoon/Bariisaa (Roobii): Aduu, Ji'a fi Urjiitu uumaman.
✔️ Marsaalee Waggootaa 7n (Awdaat):
➢MarsaaMarsaa Guyyaa:- Wiixataa hamma Dilbataa.
➢MarsaaMarsaa Ji'aa:- Aduudhaan guyyoota 30, Ji'aann 29/30.
➢Marsaa Baraa:- Aduudhaan guyyaa 365 fi sa'aati 6; Ji'aan guyyaa 354 fi Keekirosii 22 dha.
➢Marsaa Abaqtee (Qamara/lakkoofsa Xiqqaa):- Bara 19 dha.
➢Marsaa Aduu: Baroota 28 dha.
➢Marsaa Maahaantam: Bara 76 dha.
➢Marsaa Guddicha /Abiy Qamar: Bara 532n marsee/deebi'ee kan dhufuu dha.
Lakkaawwii Baraa kan Bara 2019
✍️ Bara Addunyaa = Kakuu moofaa +
Kakuu haaraa. (5500+2019=7519)
✍️Bara Wangeelaa:- Argachuuf Bara Addunyaa Afuriin hirree Hafteen yoo 0 Ta'e= Bara Yohaannis, Hafteen yoo 1ta'e= maatewoos, Yoo hafteen 2 ta'e Bara Maarqoos, Yoo Hafteen 3 ta'e bara Luqaas ta'a.
Kanaaf 7519÷4=1879 Ga'ee Hafteen 3 ta'a.
Hubadhu:- Ga'een(1879) Maxana Raabi'iit(Ga'ee Tokki Afraffaa) jedhama.
Kanaaf barri 2019 Bara Luqaas ta'a jechuu dha.
✍️Mabaachaa Argachuuf:- 7519+1879=9398÷7
Hafteen 0 yoo ta'e Wiixata
Hafteen 1 yoo ta'e Kiibxata
Hafteen 2 yoo ta'e Roobii
Hafteen 3 yoo ta'e Kamisa
Hafteen 4 yoo ta'e Jimaataa
Hafteen 5 yoo ta'e Sambata Xiqqaa
Hafteen 6 yoo ta'e Dilbata ta'a.
Haaluma kanaan 9398÷7=1342 Ga'ee Hafteen 4 ta'a.
Kanaaf Mabaachaan/Fulbaanni Bultiin Tokko Guyyaa Jimaataa Oola jechuu dha.
1. Wanbar (Teessoo Baraa) argachuuf Bara Addunyaa Lakkoofsa Marsaa guddichaaf (532) Hirree hafteen argannu yoo 30 ol ta'e Ammas Lakkoifsa marsaa xiaqicha (19) liif hirree Haftee dhumarratti argannu Irraa tokko hir'isnee Manbarii ta'a jechuu dha. Maaf tokko irraa hir'ifna? Gaaffiin jedhu yoo ka'e "Tokko Baraaf kenni" kan jedhu seera/Tiyooramiitu jira waan ta'eefi.
➢7519/532=14 ga'ee hafteen 71. Ammas 71>30 waan ta'eef, 71/19=3 ga'ee hafteen 14
Kanaaf 14 - 1 =13 (Wanbar = 13) dha.
2. Abaqtee fi Maxqii Baraa
✍️Abaqtee:=Argachuuf Manbarii 11n baat'isnee 30n hirree haftee argamuu dha. 11x13 = 143/30 = 4 ga'ee hafteen 23.
Kanaafuu Abaqteen = 23 ta'a.
✍️Maxqii: Argachuuf Manbarii19n bayy'isnee 30n hirree haftee argannuu dha. 13x19 = 247/30 = 8 ga'ee Hafteen 7 ta'a. Kanaafuu Maxqii = 7
3. Mabaajaa Hamar:-
Kana argachuuf Immoo Maxqiin Yoo 14 Irra xiqqaate Onkololessa, Yoo 14 irra
caale immoo Fulbaana keessa deemnee lakkoofnee guyyaa Oole Tawsaakii(dabalata) guyyichaa Maxqiidhaan walitti idaanee 30n hirree haftee argannuu dha.
⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪
Link armaan gadii xuquun miseensa ta'aa
👇👇👇👇👇👇👇👇
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪ | 56 |
| 9 | No text... | 43 |
| 10 | ⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪
Link armaan gadii xuquun miseensa ta'aa
👇👇👇👇👇👇👇👇
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
@BaruumsaaOrtodoksii12
⛪🎚️⛪⛪🎚️⛪⛪⛪🎚️⛪⛪⛪ | 41 |
| 11 | #Arrabni keenya bara 2018 keessa maal dubbachaa ture❓ Nama itti balleessinee fi itti yakkine hin qabnu laata❓
Egaa waa'ee arraba Kitaabni Qulqulluun waan baay'ee nuun jedha.
Jechi "#Arraba" jedhu Kitaaba qulqulluu afaan oromoo abbaa jaatamii ja'aa irraa caqasa (xiksii) sagaltamii afur (94) qaba.
"Afaanii (arraba irraa) bahee gooftaa namaaf ta'a" akkuma jedhu mammaaksi Oromoo ko, Wangeellis immoo "Namni #arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; namni of eeggachaa hin dubbanne garuu, jireenya isaa balleessa" (Fakk.13:3).
Itti daddabalees "Gowwaa #arraba isaatu isa balleessa, wanta afaan isaa dubbateenis qabama" (Fakk.18:7). Ammas waa'ee arraba (dubbii) keenyaas Kitaabni Qulqulluun akkas nuun jedhu : -
"Dubbii kee hundumaan siif murteeffama, dubbii kee hundumaanis sitti murteeffama"(Maat.12:37).
"Afaannii isaanii gara awwaala banamaatti nama geessa, #arraba dhadhaa dibatanii dubbatu." (Faar.5:9).
"Dubbii afaan isaa keessaa ba’u keessaa abaarsa, wallaalchisa, gad nama qabuutu guute; #arraba isaa jala jal’inaa fi hamminatu jira." (Faar.10:7)
"Hidhii sobaan namatti kuulu hundumaa, #arraba jajuu gurguddaa dubbatus, gooftichi haa kukkutu!" (Faar.12:3).
"Isaan #arraba isaanii akka billaa qaratu, dubbii hadhaa'aas akka xiyyaa iddaatti kaa'atu." (Faar.64:3).
"Dubbiin #arraba isaanii isaan gufachiisa." (Faar.64:8).
"... #arraba isaaniitiin akka bofaa nama hiddu." (Faar.140:3).
"Jal'ina dubbachuu afaan keettii, dubbii micciiramaas #arraba keettii fageessi!" (Fakk.4:24).
"Namni waa'ee hin baafne, namni jal'aan #arraba isaa isa micciiramaa fudhatee, asii fi achi deema" (Fakk.6:12).
"Yommuu dubbiin baay'atu cubbuun hin hafu, namni #arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha #arrabni nama qajeelaa akka meetii fo'amaati, yaadni nama jal'aa garuu gatii hin qabu;
#arrabni nama qajeelaa nama baay'ee soora, warri gowwoonni garuu qalbii dhabuu isaaniitiif du'u." (Fakk.10:19-21).
"Duunii fi jireenyi aboo #arrabaa jala jiru." (Fakk.18:21).
"Namni afaan isaa fi #arraba isaa eeggatu, rakkinatti akka hin galleef of eega." (Fakk.21:23).
"Namni #arraba tole lafee nama cabsa." (Fakk.25:15).
"... #Afaan keessaniin soba dubbattu, #arraba keessaniinis micciiramummaa dhageessiftu." (Isa.59:3).
"Ollaan ollaa isaa gowwoomsa, dhugaa kan dubbatus hin jiru; isaan #arraba isaaniitiin soba dubbachuu, micciiramummaadhaanis hojjechuu amala godhatan; karaa isaanii kana irraas deebi'uu dadhaban." (Erm.9:5).
"... #arraba isaaniitiin akka xiyyaatti waraananii nama ajjeesu; afaan isaaniitiin ollaa isaaniitti nagaa dubbatu, garaa isaanii keessatti garuu isa gaadu." (Erm.9:8).
"... ani akka ati isaanitti dubbachuu, isaan ifachuus hin dandeenyetti, #arraba kee laagaa keetti nan maxxansa;" (Hisq.3:26).
"Namni nama amantii qabu of se'ee, #arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee amantiin isaa waa'ee hin baasuuf." (Yai.1:26).
"Garuu namni #arraba leejisuu danda'u hin jiru; inni (arrabni) hamaa gabii hin qabnee dha, hadhaa du'a fiduunis guutuu dha. Arrabaan maqaa Waaqayyoo gooftaa eebbifna (galateeffanna, faarfanna, lallabna, ...) isumaanis namoota fakkaattii Waaqayyootti uumaman arrabsina.
Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi ba'a; kun akkas ta'uun irra hin jiru, obboloota ko! Burqaan tokko bishaan miyaa'aadhaa fi hadhaa'aa yaasaa ree? Obboloota ko! Mukti harbuu ija ejersaa, mukti wayniis ija harbuu godhachuu danda'aa ree? Akkasuma immoo burqaan horaa bishaan namni dhugu yaasuu hin danda'u." (Yai.3:8-12).
"Namni jireenyatti gammaduu barbaadu, inni bara gaarii arguu fedhus, #arraba isaa hamaa dubbachuuttii, afaan isaas haxxummaadhaan dubbachuuttii haa ittisu." (1Pheex.3:10).
Egaa Walumaagalatti yaa michoota ko! "Yoos #arraba kee hamaattii, afaan kees soba dubbachuuttii eegi!" (Faar.34:13).
Xumura itti dhaamsi koo, Bara dhuftu kanatti "Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan wal jaallannaa!" (1Yoh.3:18).
Ammaaf kun as irratti barreessuuf ni ga'a natti fakkaata. Hedduutu jira waan ta'eef isa kaan immoo isinumti barbaadaatii dubbisa kitaaba qulqulluu keessa jira. | 397 |
| 12 | No text... | 65 |
| 13 | Qaammee (Phaagumee)
✍ Phaagumeen ji’oota waggaa kan Itiyoophiyaa keessaa tokko yoo ta'uu, akka dhaha lakkoofsa biyya keenyatti ji’a dhuma (13ffaa) jechuudha. Ji'i phaagumee kun ji'a biyyaa keenya biyyoota biraa irraa adda taasistudha.
Phaagumee jechuun "Dabalata" jechuudha. Kun immoo dhuma bara waggaa irratti guyya 5 ykn 6 ta'uun kan dhuftuu jechudha. Kunis waggaa 4 keessatti ala tokko 6 yoo ta'uu, innis bara wangeela qulqulluu Yohaannis (Yammuu bara Yohaannisitti galuuf deemu) phaagumeen 6n oola jechuudha. Kanaanis biyyi keenya Itiyoophiyaan Biyya "kennaa" ji'a ykn baati 13 qabdu jedhamuun Addunya kanarratti addumaan ittiin beekamti. (Thirty months of sunshine).
Phaagumeen bara galuumsa Yohaannis, bara xumura Luqaas yeroo Qaammeen jaha ta'u kanas tsoomni raajoota/soomni Gannii / Sadaasa 15 eegalee Muddee 28 xumurama/hiikama/.
✍ Mana kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti baatiin phaagumee bakka guddaa qabdi.
sooma fedhii lamaan mana kiristaanaa keenya keessa jiran keessaa tokkoo sooma Qaammee keessa soomamu. Kunis sooma Yooditti jedhamee beekama. Soomni kun akka sooma fedhii isa tokko baay'ee beekama miti. Sooma Yoodit kan jedhameefis isheen waan soomteef. Seenaa Yoodit Macaafa Yood 2:2-7,8:2 irra dubbisaa!
kan bira yeroon kun fakkeenya dhufaatii Gooftaatti lakkaa'ama. Kunis Qaammeen Cehumsaa waggoota, waqtii Gannaa yeroo dukkanaa irraa gara waqtii Birraa ifatti kan darbamuu akkumaa ta'ee yeroo dhufaa isaatti bakka jireenya yeroof irra gara jireenya baraa baraatti, lafa kana irraa gara samiitti kan itti ce'amuu waan ta'eef. Kanarraa kan ka’e uummanni kiristaanaa waqtii phaagumee kana kadhannaa, soomaa fi subaa'ee galuun dabarsu.
Guyyoota kaan irra kan addaa ishee godhuu keessa.
Waggaa waggaan ji’a phaagumee kana keessa kan kabajamu ayyaanni Ergamaa Rufaa’elii phaagumee 3 kan kabajamuudha.
Barteef darbii darboon guyyoota kana keessa namoonni Keessattuu guyyaa kabaja Ergamaa Rufaa’eel samiiwwan guyyaa itti banaman jechuun amanuun gara bishaanii deemuun dhiqatu, kanis Xabala cuuphamu, kan immoo guyyoota hundayyuu cuuphamu ykn laga barii obboroon deemu lagatti dhiqatu.
✍ Barri ammaa itti seenuuf jirru barri 2019 bara maali jedhamaa?
Barri 2018 bara Marqoos waan tureef barri 2019 immoo bara Luqaas ta'a. Kanaaf Qaammeen bara kanaa guyyaa shan jechuudha.
✍ Barri dhufuus
+Bara waan hojjennuu itti milkoofnu
+Bara hojii gaarii itti qabannuu
+Bara Nageenya, Jaalalaa, amantii fi Tokkummaa itti qabannuu Waaqayyo hunda keenyaaf haa taasisuu.
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12 | 66 |
| 14 | #Faarfannaa_Dawwit
═━━━━━━━━═
“Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya; godoota jal'inaa keessa taa'uu koo irra, balbala mana Waaqayyo koo dura ijaajjuu nan fo'adha.”
— Far. 84:10
“Inni kennaa kee hundumaa siif haa yaadatu, faaraanis gara aarsaa qalma keetii siif haa ilaalu!”
— Far. 20:3
“Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, iddoon buufata kee maal maal namatti tolaa!”
— Far. 84:1
“Lubbuun koo oobdii mana Waaqayyoo yaaddee in gaggabdi! Lubbuun koo fi foon koo Waaqayyo isa jiraataatti gammadanii in ililchu.”
— Far. 84:2
“Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, mootii ko Waaqayyo kos, iddoo aarsaa keetti dinbiitiin illee mana, girrifnis mann'ee cuucota ishee keessa kaa'attu argatte;”
— Far. 84:3
“warri mana kee keessa jiraatanii, yeroo hundumaas jajuu kee faarfatan haa gammadan!”
— Far. 84:4
“Namoonni gara mana keetti adeemuu garaa keessaa qabaatanii si biraa humna argatan, haa gammadan!”
— Far. 84:5
“Isaan yeroo dachaa gogee nama boossisu keessa adeeman, iddoo sana lafa bishaan burqu in godhatu; bokkaan inni dura roobus eebba isa irra in diriirsa.”
— Far. 84:6
“Isaan caalaa humna godhachaa in adeemu, tulluu Xiyoon gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti in argamu.”
— Far. 84:7
“Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, kadhata koo anaaf dhaga'i, yaa Waaqayyo isa kan Yaaqoob, gurra kee as qabi!”
— Far. 84:8
“Waaqayyo gooftaan biiftuu dha, gaachanas; inni ayyaana, ulfinas in kenna; gooftichi wanta gaarii ta'e warra balleessaa malee deddeebi'an duraa hin hambisu.”
— Far. 84:11
“Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, namni si amanatu gammachuu attamii qaba!”
— Far. 84:12
️Galannii waaqayyoof
Haadha isa durbee maariyaamif
Ulfaata fannoo isaf Bara Baraan haa ta'uu Ameen!🙏
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12
#Share_Follow_me_my_page | 75 |
| 15 | ✝Ulee amantaa✝
Ulee amantaa abbootii hin jijjiiramne
Galma eebbifamtu hin moofofne
Maariyaam sidhaa hirkoon qulqullootaa
Maariyaam sidhaa jabbinni amantoota
Haadha dhugaaf qajeeltu
Sillaaseef sagaduu kan barsiistu
Nuuf kadhadhu ilma kee araara
Araarsummaan kennaa siif taa'eera
Nama kami kan sin beekne
Ulfina kee argee kan sin waamne
Dhugaaf taanaan waa'een kee hin dhokatu
Ni dubbataa kankee wangeelatu
Kan jiraatte durbummaani
Addeessa aduu deesse ulfinaani
Haalota hundaa darbee ni himama
Kasoominni kan kee nii faarfama
Jaalalli kee nu mo'ee
Faarsaan keenya maariyaam kan siif ta'e
Kan laliste ulee aaron caalaa
Durba keessa eenyu siin madaala
@Galateeffamaadha | 52 |
| 16 | ⚜𝐐𝐔𝐋𝐐𝐔𝐋𝐋𝐔𝐔 𝐅𝐀𝐘𝐘𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐀𝐃𝐃𝐔𝐍𝐘𝐀𝐀⚜
<><><>══━━━⊱𝟚𝟟⊰━━━══<><><>
"𝑎𝑏𝑏𝑎𝑎𝑛 𝑖𝑙𝑚𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑓𝑎𝑦𝑦𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑏𝑖𝑦𝑦𝑎 𝑙𝑎𝑓𝑎𝑎 𝑔𝑜𝑑ℎ𝑒𝑒 𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑒𝑟𝑔𝑒, 𝑛𝑢𝑦𝑖 𝑎𝑟𝑔𝑖𝑛𝑒𝑒𝑟𝑟𝑎, 𝑑ℎ𝑢𝑔𝑎𝑎𝑠 𝑖𝑛 𝑏𝑎𝑎𝑛𝑎" (1Yoh 4፥14).
➥ Maqaan “Fayyisaa Addunyaa” jedhu maqaa gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos ittiin waamamu keessaa isa tokko yemmuu ta’u; moggaasa gochaa fi ga’ee inni biyya lafaa kana dhufeef kan mul’isu fi fayyisaa ta’uusaa ibsuuf kan itti fayyadamnudha. “Waaqayyo isa jiraataa,isa Fayyisaa Addunyaa, keessattuu immoo isa fayyisaa amantootaa ta’etti amanneerra.” (1Xim. 4:10).
➧ “Ilmas ni deessi; innis uummaticha cubbuu isaanii irraa ‘fayyisa’; maqaa isaas ‘Iyyesuus’ jetta.” (Maat. 1:21). “Iyyesuus” jechuudhumtiyyuu “Fayyisaa” jechuudha.
➧ “Har’a magaalaa Daawititti ‘fayyisaan’ — innis Gooftaa kan ta’e, Kiristoos isiniif dhalateera.” (Luq. 2:11).
➧ “Qoricha’ keenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa kennaa fi dhiifamni, nagaanis siif haa ta’u!” (Tiit. 1:4).
➧ “Egaa, kennaa fi beekumsa Gooftaa fi ‘fayyisaa’ keenya Iyyesuus Kiristoosiin guddadhaa!” (2Pheex. 3:18).
➧ “Fayyinni’ kan biraatiin eenyuuniyyuu hin jiru; fayyinni kan ittiin nuuf ta’u, namootaaf maqaan kenname samii gaditti kan biraa hin jiru.” (H.D.B. 4:12).
➧ “Ani Waaqayyodha, ana malee kan ‘fayyisu’ hin jiru.” (Isa. 43:11).
➧ “Ana malee Waaqayyo biraa hin jiru. Ani Waaqa tolaa fi qoricha (Fayyisaa) dha; ana malee homtuu hin jiru.” (Isa. 45:21).
➧ “Waaqa qoricha keenya nu deebisi; dheekkamsa kees nurraa deebisi!” (Faar. 84(85):4, 7)
➧ “Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.” (Faar. 84(85):9).
➧ “Waaqayyo, namoonni hundumtuu akka fayyaniif, dhugaa beekuu biras akka ga’aniif barbaada.” (1Xim. 2:3).
➧ “Inni dhukkuba keenya fudhatee, dhukkubbii keenyas baate; waa’ee keenyaafis dhukkubate; nutis akka dhukkubsateetti lakkoofne. Inni garuu, sababa cubbuu keenyaaf garafamee madaa’e; waa’ee balleessaa keenyaafis dhukkubsate; madaa’uu isaatiin fayyine.” (Isa. 53:4—5).
➥ Egaa, maqaan Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos maqaa fayyisaadha; maqaa dhugaadhaan waamamu, maqaa humnaa fi aangoo qabu, maqaa nama baraarudha. Maqaa minyaa’aa hundumaarra ilma namaatti toludha. Kan maqaa Isaa waame hin qaana’u; kan maqaa isaa waame bara baraaf jiraata; ni fayyas.
➥ Kanaaf, Qulqulluun Phaawuloos (Room. 10:13) irratti, “Namni maqaa Waaqayyoo waamu hundinuu ni fayya.” jedheera. Qulqulluun Pheexiroosis (H.D.B. 2:38) irratti, “Gaabbii galaa; hundi keessanuu maqaa Iyyesuus Kiristoosiin cuuphamaa; cubbuun keessanis isiniif dhiifama; kennaa Afuura Qulqulluus fudhattu” jedheera.
️Galannii waaqayyoof
Haadha isa durbee maariyaamif
Ulfaata fannoo isaf Bara Baraan haa ta'uu Ameen!🙏
༺═───═༻✞༺═───═༻
✍
https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12 | 108 |
| 17 | B/saa keenyaawaaqayyoo sagalee jireenyaa isin haa dhagechisuu eebbifamaa | 84 |
| 18 | https://youtu.be/0yDJyiWAVZU?si=6fZAMFRPUG7UTCnn | 86 |
| 19 | No text... | 90 |
| 20 | —⟩ Debre Zeyitii: Guraandhala 28 — Eebila 2
—⟩ Hosaa’inaa: Bitootessa 19 — Eebila 23
—⟩ Fannoo: Bitootessa 24 — Eebila 28
—⟩ Yaa’ii Lubootaa: Eebila 20 — Caamsaa 24
—⟩ Ol-ba’iinsa: Caamsaa 5 — Waxabajjii 9
—⟩ Pharaaqiliixoos: Caamsaa 15 — Waxabajjii 19
—⟩ Tsooma Duuka Bu’ootaa: Caamsaa 16 — Waxabajjii 20
—⟩ Tsooma Fayyinaa: Caamsaa 18 — Waxabajjii 22 gadi hin bu’an, olis hin darban.
9. Ayyaanotaa fi Tsoomiiwwan Bara 2019
Ayyaanotnii fi tsoomiiwwan guyyaa isaan irra oolan baruuf:
• Ayyaana/Tsoomii = Tsooma Naanawwee (15) + Tewusaakii isaa barbaannu [Yoo 30 caale hirree haftee fudhanna].
Haaluma kanaan kan bara 2019:
—⟩ Tsoomii Guddicha: 15 + 14 = 29. [30 gad waan ta’eef,] Guraandhala 29 eegala. Wiixata oola.
—⟩ Ayyaana Debre Zeyit: 15 + 11 = 26. Kanaaf, Bitootessa 26 ta’a. Dilbata oola.
—⟩ Ayyaana Hosaa’inaa: 15 + 2 = 17. Kanaaf, Eebila 17 ta’a. Dilbata oola.
—⟩ Guyyaa Fannoo: 15 + 7 = 22. Kanaaf, Eebila 22 ta’a. Jimaata oola.
—⟩ Du’aa Ka’umsa: 15 + 9 = 24. Kanaaf, Eebila 24 ta’a. Dilbata oola.
—⟩ Yaa’ii Lubootaa: 15 + 3 = 18. Kanaaf, Caamsaa 18 ta’a. Roobii oola.
—⟩ Ol—ba’uu (Ergat): 15 + 18 = 33. [33 ÷ 30 = 1, haftee 3]. Kanaaf, Waxabajjii 3 ta’a. Kamisa oola.
—⟩ Ayyaana Pharaaqiliixoos: 15 + 28 = 43. ([43 ÷ 30 = 1, haftee 13]. Kanaaf, Waxabajjii 13 ta’a. Dilbata oola.
—⟩ Tsooma Duuka Bu’ootaa: 15 + 29 = 44. [44 ÷ 30 = 1, haftee 14]. Kanaaf, Waxabajjii 14 ta’a. Wiixata eegala.
—⟩ Tsooma Fayyinaa: 15 + 1 = 16. Kanaaf, Waxabajjii 16 ta’a. Roobii oola).
[Hubachiisa: Guyyaa isaan irra oolan kanneen mirkaneeffachuuf foormulaa: ((10 + Guyyaa Barbaannu + Dachaa Ji’aa) ÷ 7) fayyadamaa].
Xumureera; galatoomaa! Fakkeenya kanatti fayyadamuun kan bara barbaaddan kamiillee hojjechuu dandeessu. Bakka isiniif hin galletti na gaafadha. | 91 |
