en
Feedback
Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯

Ortodoksiin Deebi Qabdi📖📖💯

Open in Telegram

Kaayyoo Channel Kanaa Barumisaa gaffi fi Deebii Shakkitootaa Deebisuu fi Barumsa Ortodoksii Barsiisuuf

Show more
The country is not specifiedReligion & Spirituality97 527
224
Subscribers
+124 hours
+37 days
+830 days
Posts Archive
𝐐𝐔𝐋𝐐𝐔𝐋𝐋𝐄𝐄𝐓𝐓𝐈𝐈 𝐃𝐔𝐁𝐑𝐎𝐎 𝐌𝐀𝐀𝐑𝐈𝐘𝐀𝐀𝐌 ═════════⊱🌹⊰═════════ 𝕀𝕝𝕒𝕒 𝕙𝕒𝕒𝕕𝕙𝕒 𝕜𝕠𝕠 𝕞𝕦𝕔𝕒𝕒 𝕜𝕖𝕖 𝕚𝕝𝕒𝕒 𝕚𝕝𝕞𝕒 𝕜𝕠𝕠 𝕙𝕒𝕒𝕕𝕙𝕒 𝕜𝕖𝕖! 𝕐𝕠𝕙 19÷27 ➧Situ du'aa hin kaaneefi malee silaa duaa kaumsi dubree Maariyaamii gaaffii sitti hin tau ture. ➧Namoonni tokko tokko osoo hin du'in duanii taau; waan jiran fakkaatu. Efe 2:1 “Isin cubbuu keessan irraa kan kae du'oota turtan” akkuma jedhu Namoonni kaan garuu erga duaniiyyuu ni jiraatu. Yoh 6:54 "... jireenya bara baraa qaba ... du'aa isa nan kaasa." ➧Waan warri lubbuun jiran fakkaatanis ni beeku Luq 16:25. Yeroo ammaa kana garuu lafa dhiphisaa kan jiru "nama osoo lubbuu fi foon isaa adda hin ba'in du'ee jirudha". ➧Namni akkasii dhaabiitti duee waan jiruuf lubbuu dhiigaa qofaan yaada. Kanaaf falmii baayisuu irraa kan hafe qoratee fi qo'ate hubachuu hin dandau. Itti himtus hin galuuf. ➧Arrabnisaa arrabsoodhaan piroofeeseruummaa isaa waan hojjete fakkaata. ➥ Mee ilaalaa; erga namni caqasa gaafachuutti ka'ee amantiin laphee namaa keessaa bade. Bara Abrahaam lafa kana irra jiraataa ture kitaabni qulqulluun hin jiru ture. Abrahaam garuu ilmasaa aarsaa dhiyeessuuf caqasa hin gaafanne, seer.uum 22:1-13. ➥ Yaaiqoobis yeroo hangafummaa Eesawu irraa fudhate amantii qofaani malee muuxannoo akkasii namarraa fudhate hin qabu; caqasas hin dubbifne seer.uum 25:31-33. ➥ Saaraan waggaa 90ffaa isheetti “Mucaa ni deessi” yemmuu ittiin jedhamu gaaffii hin baay'ifne, caqasas hin gaafanne seer.uum 17:16-17. ➧Utuu har'a ta'ee Saaraan gaaffii heddu gaafattin se'a. Tarii “Eenyufaatu waggaa sagaltamatti dahe; caqasa isaa naaf kenni” jettii laata? ➥ Akkuma Saaraan amantiidhaan waggaa sagaltammaaffaa isheetti mucaa argachuudhaan nama jalqabaa taatee seer.uum 21:2 ➧Qulqulleettin Dubree Maariyaamiinis waggaa 15ffaa isheetti dhiira osoo hin beekin “Ilma Waaqayyoo” Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoosiin dauudhaan nama jalqabaa fi nama xumuraa taateetti. Luq 1:34; 2:11. ➥ Yeroo Ergamichi sagalee gammachuu itti himetti “Akkuma jecha keetii naaf haa tau” jettee amantii guutuudhaan waan fudhatteef ulfoofte. Luuq 1:38. Mar 9:23 Kan amaneef hundumtuu ni dandaama ➥ Dubree Maariyaamiin duaa kaatetti. Argu malee hin amanu jetta yoo tae immoo hin argitus hin amantus. Yoh 20:19 " osoo hin argin kana amanan garuu eebbifamootadha. Mee gaaffiin si gaafadha. ➠ Du'aa ka'uu moo icciitii adda ta'een Waaqni nama ta'uutuu caala? ➠ Duaa kaumsatti ni amanta mitii? ➠ Ofii keetiis duaa akka kaatu beekta mitii? ➥ Maarree dubree Maariyaamiin si dursitee du'aa ka'uun ishee waan si caaltuufiim. Isheen haadha isa du'aa si kaasu sanaati. Haadha isa si fayyise sanaati. Haadha isa ati “lubbuu koo caalaattan jaaladha jettuun sanaati. ➪ Maarree ati maaliif yeroo “Dubree Maariyaamiin du'aa kaatee mirga ilmashee dhaabbattee jirti” jedhan dhiphatta? ➪ Waaee mataa keetiif hin dhiphattuu? ➪ “Anoo mirgasaa nan argadhaa laataa” jettee hin kadhattu?  ➪ Warra si caalaa Waaqatti dhiyoo ta'anitti hin himattu? ➥ Yaadadhuu Saboonni Israa'el yeroo dhiphatanitti Museedhaan nuuf kadhadhu jedhan. seer.lakk 21:7 ➥ Ayyaanni du'aa ka'umsa Giiftii Keenya Qulqulleettii  Dubree Maariyaam erga kabajamutti ka'ee waggaa 1962ffaa ga'eera. ➥ Ayyana kana yeroo jalqabaatiif Duuka Bu`ootatu kabaje, Itti aansuudhaanis warri barumsa Duuka Bu'ootaa fudhatan hundumtuu wal harkaa fuudhanii kabjuu itti fufan.                                               𝔼𝕖𝕓𝕓𝕚𝕚 𝕗𝕚 𝕒𝕣𝕒𝕒𝕣𝕤𝕦𝕞𝕞𝕒𝕒𝕟 ℍ𝕒𝕒𝕕𝕙𝕒 𝕎𝕒𝕒𝕢𝕒 𝔻𝕦𝕓𝕣𝕠𝕠 𝕄𝕒𝕒𝕣𝕚𝕪𝕒𝕒𝕞 𝕟𝕦𝕣𝕣𝕒𝕒 𝕒𝕕𝕕𝕒 𝕙𝕚𝕟 𝕓𝕒𝕙𝕚𝕚𝕟! 𝔸𝕞𝕖𝕖𝕟🙏                                                                      ♥♥      ♥♥                        ♥         ♥         ♥                        ♥                       ♥                            ♥               ♥                                 ♥     ♥                                      ♥ https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

Ol baate maariyaam Ol baate Maariyaam akka ilmashee(2) Kabaajaniis ergamootan marfamtee Ol baatee... Kabajaan gara samii Ergamootan marfamtee Galannii isheef haa ta'uu Maariyaam kabajamtuu Biraa hin turree Tomaasoon iddoo sanaa(2) Itti dhufnaan itti laattee kafanaa Biraa hin turree... Yemmu isheen ol baatettii Eenyuu biraa hin turree Tomaason itti dhufee Kafanaashee irraa fuudhee Kafaana ishees arganii amananii(2) Hundi isaanii ajaabsiifatanii Kafaana ishee... Tomaason fidee dhufee Duuka bu'ootatti kennee Isaano arganituu Baay'ee gammadaniruu Ulfinaan teessee mirga ilmashee(2) Haa kabajamtuu hin jiruu kan akkashee Ulfinaa teessee... Daawit akkaa dubbatee Uffataa warqee uffattee Raajonni kan raajanii Kunoo har'aa mul'atee       ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

Maariyaam ol baatee garaa samiittii Duutee yoom haftee kaateetti isheenii Dumeessa keessattii Toomaastu argee Sabbataa mudhii ishee isaatti kennitee Akkuma ilmashee olbaatee isheenii Du'aa kaatee jirtii ol baate durbeenii Toomaas ishee argee eebbashee fudhatee Fayyuu ijoollee addaamiif sabaaba kan taatee Arguudhaaf ka'anii duuka bu'oonni ishee Soomaaf kadhannadhan qabatan subaa'ee Du'aa ka'uushee isaan amananii Ijoollee tewaayidoof fayyina labsanii Bool'a keessa dhabaan akkuma ilmashee Isaanis hubataan samiitti ol ba'eeshee Mirga ilmashee jirtii Maariyaam durbeenii Dumessaan baatamtee uffata warqeenii Of tuulummaani tayifooniyaanii Foonshee akka miidhuuf ayyudoonni erganii Qaana'eetu adeemee dinqiishee hubatee Kan ishee jibbaniif fakkeenyaa ni ta'ee Warrii hin amannee akkaa amananii Daawwit ni dubbatee faaruu isaanii Mootittiin fayamtee uffataa warqeenii Baraan nuuf dhaabatti       ✥✥✥✥✥ http://t.me/FaaruuSAIAHU http://t.me/faaruuHuSAIA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲           ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ     ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ

+1
ተናገራ እዝራ ተናገራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /4/ ተናገራ ከእናቱ ጋር ታየ ዳዊት ዘመራ ተናገራ በበረት ተወልዶ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ የአብ ልጅ እየሱስ ዳዊት ዘመራ ተናገራ ከሰማያት ወርዶ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ እጅ መሻ ያዙ ዳዊት ዘመራ ተናገራ ግቡ ከግርግሙ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ ጎንበስ ቀና በሉ ዳዊት ዘመራ ተናገራ ከደጀ ሰላሙ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /4/ ተናገራ እመቤተ ማርያም ዳዊት ዘመራ ተናገራ የወርቅ መሰላል ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ ጌታችን ሰው ሆነ ዳዊት ዘመራ ተናገራ ካንቺ ከድንግል ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ ማርያምን ለመውሰድ ዳዊት ዘመራ ተናገራ አትፍሩ ሁላችሁ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ እናት አድርጓታል ዳዊት ዘመራ ተናገራ ቅዱስ አምላካችሁ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /4/ ተናገራ በእዝራ መሰንቆ ዳዊት ዘመራ ተናገራ በዳዊት በገና ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ ይከብራል ጌታችን ዳዊት ዘመራ ተናገራ ይወደሳል ገና ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ አለምን ያዳነ ዳዊት ዘመራ ተናገራ በበጎ ፍቃዱ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ ተናገራ ጽድቅና ሰላም ነው ዳዊት ዘመራ ተናገራ የጌታ መንገዱ ዳዊት ዘመራ ተናገራ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /2/ እዝራ ተናገራ ዳዊት ዘመራ /4/

+        🍂  #Abune_Aregawwii     +          #Baga_Gessan🙏     Abbaan isanii✥ mootichaa yisihaq Haatii isanii  ✥  Idina 🍂Maqaa isanii jalqabaan ze_Mika'eel yeroo jedhaman Qulqulloota saglan kessaa isan tokkoo dha.muca mootii ta'anii osoo jiranii wan adduunyaa kana wan tuffaataniif gara abbaa phaaqumis deemun waggaa 14 ffaa isanittii sirna monoksumma fudhataniiru. 🍂Haatii isanii mootittiin Idinas jireenyii minane/kawwaala wan ishee harkiseef/hawwateef gara kawwaala dhufuun akka ilma ishee monokostettii . 🍂Wa'ee Qulqulleettii biyyaa itoophiyaa macafaa irraa wan dubbiisaniif akkasumas Giiftii keenyaa dubroo maariyaamiif biyyaa kennaa tatee kennamuu ishee erga hubatanii booda biyyaa qulqulleettii kana dawwachuuf gara itoophiyaa dhufuun dawwatanii gara roomitti deebi'aniiru . 🍂Achiis deebi'anii Hirriyyoota isanii 8n Biyyaa isanittin agarsiisa duuka bu'an osoo ishee hin barsiisin seera fi sirna isatiin jabattee kan jirattuu jedhanii hiriyyoota isanii 8n waliin walga'ii #Kelqedon booda gara itoophiyaa dhufaniiru. 🍂Abban keenyaa Abune Aregawwin bakka buufata barbaacha yeroo baay'ee dadhabaniiru boodas eyyeema waaqayyoon #Bakka_Debre_Damoo jedhamuu ga'aniiru isan ,Fiixe gaara isaa irrattii ifti yoo isanitti mul'atees ol ba'uuf wan ittiin ba'an wan isaan rakkiseef Jawween isaniif abbomamee fiixe gaara sana irrattii ol.isan baasera. 🍂Waggaa 99 yeroo guutan gooftaan keenyaa halkan walakkaa isaniif mul'atee mootummaa biyya lafaa dhistee wan na tajaajilteef mootumma koo dhumaa fi darbuun ittii hin jirree sin dhalchisaa jedhee waada isaniif galeera. 🍂Maqaa keetin kan na kadhatee hanga dhaloota 15ttii nan siif maara #Atis_Humna_Du'a jalaa dhokatteeta isaniin jedheera. Akkuma inni ittii dubbatees akka henoki fi Eliyas du'a osoo hin argiin dhokateera. 🙏 Ebbii fi kadhannaan Abune Aregawwii nurraa addaa hin ba'iin 🙏 ☞Ayyaana Gaarii . --🙏#Yeroo_Gaarii https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12  

🌹"አባታችን አቡነ አረጋዊ ሆይ ስራችን በተገለጠ ጊዜ ወደ ምታስፈራ ባህረ እሳት ውስጥ እንዳገባ እኛ ልጆችህን አድነን ከመከራ ስጋ ከመከራ ነፍስ ሰውረን ስራችን ኑሯችን ህይወታችን ሀገራችንን ባርክ
🌹"አባታችን አቡነ አረጋዊ ሆይ ስራችን በተገለጠ ጊዜ ወደ ምታስፈራ ባህረ እሳት ውስጥ እንዳገባ እኛ ልጆችህን አድነን ከመከራ ስጋ ከመከራ ነፍስ ሰውረን ስራችን ኑሯችን ህይወታችን ሀገራችንን ባርክልን አሜን በእውነት♥ 🌷መልካም ዕለተ ሀሙስ ይሁንልን

Akka arjummaa keetti maaloo na fayyisi (x2) Akka Araaraa keetti dhiifama naaf godhi Dhiifama naaf kenni Cubbuu narraa dhiqi yakkaa koo baayyeerraas Badii koo hundarraas Cubbuu hamtuu sanaaf bitamaa akkan taane (x2) Anis balleessaa koo badii koos nan beekaa Badii koo yeroon beeku Gonka kan fayyisu arjummaa keeti'oo x2 Si qofattin yakke hammeenyas raawwadhe Badiis nan hojjedhe Maaloo Amma naaf dhiisi Si duratti kufe Fuuldura keetti kufe Fuuldura keetti kufee yeroon si kadhadhu Yemmuun si waammadhu Kufatii koo laalii Yaa Waaqayyoo ifaa Yaa Waaqayyoo nagaa Ammas nuuf eebbisi biyya keenyatini Itiyoophiyaatini Gooftaa koo nuuf ergi Afuura Qulqulluu Dubree Maariyaamiini Ammas nuuf dhaga'i kadhannaa keenyasi Iyyanna keenyasi Yaa Gooftaa nuuf ergi Qulqulluu Mikaa'eli Qulqulluu Gabri'eeli        ==•|•==      ━━━━━━━━━━━ 👇👇Join godhaa 👇👇👇 ╭══•|❀:✞✟✞❀|•══╮ ✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥ @FaruuHaara ✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥ ╰══•|❀:✞✟✞❀|•══╯

Gaaffii keetiif Galatoomi!   •“Gooftaan Keenya bartoota (Duuka bu’oota) 12n keessaa Maaliif Namoota 3 Qofa filate?” Jalqaba irratti Gaaffii Gaafachuudhaan Dursatti Maxxansaa Wahee “Ayyaana Tulluu taabor”  ilaalchisee barsiisaan Maxxansan dubbisuu Qabdu; Achirratti bal’inaan Ibsameera Waan ta'eef! Akka barsiisa Mana kiristaanaa Keenyattis ta'e; Akka bu’uura Kitaaba Qulqulluu keenyaatti Gooftaan keenya iyyesuus kristoos Duuka bu’oota Hundumaa keessaa Namoota Sadii ( Yaa’iqoob ilma Zebdiyoos; Yohaannis fi Pheexiroos) filatee Gara tulluu taaboritti Ol ba’uun isaa Hiikkaa Guddaa fi Iccitii Cimaa ta'e Of keessaa Qaba! — Mee Hiikkaa fi Iccitii Isaa tokko tokkoon Gabaabsinee Haa ilaallu!        •“Yaa’iqoob Ilma Zebdiyoos (Fakkeenya Wareegamummaa): — Duuka bu’aan kun; Akkuma Duuka bu’oota Warreen biroo Sagalee Misiraachoo (Wangeela) Afaan Gooftaa Keenya irraa kan baratee fi Booda irra immoo Gooftaa keenya Harkaa Adaraa (Maat 28:19)  fudhatee Addunyaa Amantaa Xaa’otiin Dukkanoofte Balleessuun Ifa Wangeelaan Kan Addunyaa Mi’eesseedha! Qulqulluun Yaa’qoob Himaanaa Gooftaa Keenya harkaa Erga fudhatee booda Geggeessaa Mana kiristaanaa Iyyerusaalem Keessatti Hundeeffamtee ta'uun Akkasumas Eesiyaa keessatti Tajaajila kan tureedha! — Booda irraa  Gara Ijoollee Israa’el Warra bittimfamaniitti deebi’ee Afaan Isaaniitiin Isaan Barsiisaa Kan tureedha! Bara Sana Mootii kan ture Mootichi “Heerods Agriphaa” Barumsa Qulqulluu yaa’iqoobitti Inaafee Loltoota isaatiin Erga Isa Qabeen booda; Magaalaa Iyyerusaalem Keessatti Wareegamummaa Akka fudhatu taasisee jira!; Egaa Qulqulluun yaa’iqoob duuka bu’oota Hunduma dursee Waan Wareegamummaa Waan argateef “Duuka bu’aa Fakkeenya Wareegamummaa” jedhamuun Waamama!  (HOE 12:1—2)      •“Yohaannis(Obboleessa Yaa’iqoob): — Duuka bu’aan kun duuka bu’oota Icciitii Kanneen jedhaman keessa tokko yommuu ta'u; Gooftaan keenya Wajjin Gara tulluu taaboritti Kan Ol ba'e keessaa Isa tokkodha;  Qulqulluun Yohaannis Jaalala Adda ta'e Gooftaa keenyaaf Waan Qabuuf Duukan bu’aa Jaalalaa (Jaalallee Gooftaa) “Fiqru igzi’ii” Jedhamuun Kan Waammamuudha;  Sababa Kanaaf Manni kiristaanaa keenya “Duuka bu’aa jaalala” jettee Qulqulluu Kana nii Waamti!       •“Pheexiroos” (Simi'oon Ilma yoonaa): — Duuka bu'aan kun Qulqulluun Pheexiroos immoo Fakkeenyaa Nama Amantii Cimaa Qabuutti Fakkeeffama; Kunis duursee Gooftaan keenya “ Isin Hoo llma Namaatiin eenyu jettu?” jedhe yommuu Gaafatu; Duuka bu’oota Biroo irraa addatti Wahee Kiristoos Amantiidhaan Hubate “Ati ilma Waaqayyooti” jedhee dhugaa waan ba’eef; Fakkeenya Amantiitti fakkeeffamaa! (Maat 16:16) Dabalataanis Gabaan shan Kanneen Kiristoosiin Hordofaa turan; Of duuba yemmuu deebi’an Gooftaan Duuka bu'oota isaatiin “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?” (Yoh 6:67)  jedhee yommuu Gaafatu; Qulqulluun Pheexiroos immoo Deebisee “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa'ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba'o” (Yoh 6:68) jedhee dubbachuudhaan Fakkeenya Amantii Cimaa agarsiisee jira! Egaa Walumaa Galatti Gooftaan Keenya Duuka bu’oota iccitii Guddaa Of keessa Qaban kana fudhatee Gara tulluu taaboritti Ol ba’uun isaa Namoonni Waaqayyo irratti; Amantii dhugaa fi jabaa ta'e, Jaalala; Akkasumas wareegamummaa Qabaachuu Akka Qaban ibsuuf Isaan Kana filate!   

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen ➨➨"Taaborii fi Armooniyeem maqaa keetiin ni gammadu”Faar 89:12                   ▪️▪️▪️  #Tulluu_Taabor ▪️▪️▪️ ➽Tulluun Taaboor galaana galiilaa irraa gara kibba dhihaatti kiilomeetira 10 fagaatee sirrii galaanaa irraa meetira 572 ol ka’ee kan argamuudha ➽Bara kakuu haaraas iddoo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos icciitii guddaadhaan aangoo kabaja Waaqummaa isaa raajotaa fi duuka bu’oota isaatiif irratti mul’iseedha…Mat 17:5 ➽Akka mana amantaa Ortodoksii walooma Itiyoophiyaatti bara baraan yeroo hundumaa ayyaanni kabaja tulluu taabor Hagayyaa guyyaa 13 haala hoo'aa ta'een kabajamee oola ➽Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos duuka bu’oota isaa kudha lamaan keessaa Pheexiroos,Yohaannisii fi Yaa’iqoob,raajota keessaa immoo Muusee iddoo awwaalaatii kaasee,Eeliyaas samii jiraattotaa keessaa fidee Tulluu Taaboor irratti walitti isaan qabe…Mar 9:2-4 ➽Waaqummaan isaa Abbaa wajjiin kan qixxaatu,ijoollee Addaam fayyisuudhaaf samii teessoo kabaja isaa irraa bu’ee Dubaroo Maariyaamii irraa dhalatee foon yoo uffatellee inni Gooftaa gooftotaa kan addunyaan guutuun aangoo isaatiin uumame ta’uu isaa kan itti agrsiiseedha ➽Namoonni aangoo waaqummaa isaa shakkuudhaan kuun isaanii inni Eeliyaasi,kuun isaanii immoo inni Muuseedha jechuudhaan dubbii ganumsaa kan dhaloota gufachiisee hiree isaanii miidhu afarsaa waan turaniif (Mat 16:14) ➽Gooftaan keenya garuu,Waaqa Muusee,Waaqa Eeliyaas,...addunyaa guutuu uumee kan hoogganu,biyya  lafaa kana hunda dabarsee ofii isaatiif bara baraan kan jiraatu ta’uu isaa guyyaa haala dinqisiisaa ta’een itti addunyaadhaaf ifa baaseedha ➽Yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos ani fannoorratti fannifameen addunyaa kana fayyisa jedhee dubbatetti,Qulqulluun Pheexiroos yaa Gooftaa koo gochi kun gonkumaa sirratti raawwatamuun hin barbaachisu jechuudhaan dubbatee ture...Maat 16:22 ➽Guyyaa kanatti immoo Kiristoos wajjiin tulluu Taabor irratti argamuudhaan Yaa Gooftaa asitti argamuun nuuf wanta gaariidha...Mat 17:4 jedhee tulluu taaboriitiin kan fakkeeffamtu waa’ee kabajaa fi ol aantummaa mana amantaa(Maat 16:18)sagalee ol kaasee ragaa bahe ➽➽Egaa nutis ijoolleen tawaahidoo:- ➦➦Waaqummaa Gooftaa keenyaa lallabuun keenya ➦➦Araarsummaa Dubaroo Maariyaam himuun keenya ➦➦Humna Fannoo Kiristoos ragaa bahuun keenya ➦➦Foonii fi dhiiga Kiristoos fudhachuun keenya ➦➦Gargaarsa Qulqullootaa barsiisuun keenya ➦➦Fayyisuu tsabalaa dubbachuun keenya ➤Nu'iifis #wanta_gaarii fi karaa qajeelummaa lubbuu keenyaaf galaa jireenyaa ittiin qopheeffannu waan ta'eef Waaqa mana ishee dhugaa kana keessa nu jiraachiseef galanni haa ta'u https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

🌄 7. Maaliif tulluun filatamee? Kitaaba Qulqulluu keessatti Tulluun yeroo baay’ee bakka namni addunyaa irraa ol ka’ee Waaqayyotti dhiyaatuf fakkeenya ta’a. Museen tulluu irratti Waaqayyoon wal arge. Eliyaasis tulluu irratti sagalee Waaqayyoo dhaga’e. Ammas Kiristoos Tulluu Tabor irratti ulfina isaa mul’ise. Akkasumas tulluurra namni bahe waan hunda ofjalatti iraaa lafa fagoos ni arga. 📚 Kanaaf Tabor: bakka kadhannaa, bakka mul’ata Waaqummaa, bakka ifaa fi bakka ulfinaa ta’e. 🌿 8. Tulluun Taabor nuuyin maal barsiisa? Tulluun Taabor seenaa bara durii qofa miti. Har’as jireenya Kiristaanaa keessatti ergaa guddaa qaba. ① Kiristoosiin beekuu Kiristoos nama gaarii qofa miti. Inni Gooftaa fi Fayyisaa keenya, Ilma Waaqayyoo isa jiraataa dha. ② Kadhannaatti cichuu: Kiristoos bartoota isaa wajjin tulluutti ol ba’e. Kunis jireenya kadhannaa fi Waaqayyotti dhiyaachuu nu yaadachiisa. ③ Ulfina gara fuulduraa abdachuu: Rakkoon jireenyaa keenya hundi dhumaa miti. Kiristoos akka ulfinaan mul’ate, warri isa amananiis ulfina mootummaa Waaqayyoo Mootummaa isaa ni abdatu. ④ Jireenya keenya jijjiiruu: Tulluun Tabor Kiristoos qofa ilaaluuf miti; nutis jireenya keenya keessatti cubbuu irraa gara qulqullinaatti, dukkana irraa gara ifaatti akka ceenu nu waama. 🌟 Iccitii guddaan Tulluu Taabor: Dhuma irratti tulluun daabor kan nutti dubbatu isaan kanneeni: Kiristoos ifa qaama biraa irraa hin fudhanne; Inni ofiitiyyu Ifa dhugaa fi madda ifaadha. Taabor irratti Ifti kan uumame miti; Ulfinni kiristoos Duka bu'ootaaf mul'ate. Kiristoos ulfina hin liqimsine; Inni Ulfina qaba. Kanaaf Tulluun taabor: Mul'ina Waaqummaa, Ulfinaa Iyyasuus, Raawwii seera Raajotaa, Abdii du'aa ka'umsaa fi Iccitii ilma namaa gara kabajaatti Waamuuti. Kanaaf Abbootiin amantii yeroo Tabor barsiisan, iccitii Namummaa fi Waaqummaa Kiristoos sirriitti hubachuuf nu qajeelchu. “Nuti hundinuu fuula keenya haguuggii malee, ulfina Gooftaa akka daawwannuutti, ulfina irraa gara ulfinaatti fakkaattii isaa taanee jijjiiramna.” — 2 Qorontos 3:18 🔥 Xumura Tulluun Tabor bakka Kiristoos eenyu akka ta’e mul’ateedha. Bartoonni isaa nama qofa hin argine; ulfina Ilma Waaqayyoo argan. Museen Seera fidee dhufe. Eliyaas raajota bakka bu’ee dhufe. Bartoonni ragaa ta’an. Abbaan samii irraa dubbate. Kiristoos immoo gidduu isaanii Ulfina isaa keessatti mul’ate. Itti Fufa... https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

🔥MUL'achuu fi Ulfina Waaqumma🔥 Ijoollee Ortodooksii taatee barnoota kana hin beektu, kan gaafatamteef deebi'ii hin deebistu taanan.... Baga Ayyaana Tulluu Taaboor/ Taaboree/ Ukeen Geessani!, nu gahe!. Mee Maddaa Hubannaa fi Ogummaa kan taate Barumsa mana Amantaa Keenyaa kanaa dhamdhamaa!. ⛰️ Tulluun Taabor bakka iccitii fi ulfinni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bartoota isaa duratti itti mul’ateedha. Kunis Wangeela keessatti “jijjiirama bifa Kiristoos” (Transfiguration) jedhamee beekama. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Pheexiroos, Yaaqoob fi Yohaannis fudhatee tulluutti ol ba’e. Achittis fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaa akka ifaatti adii ta’e. “Fuulli isaa akka aduutti ife; uffanni isaas akka ifaatti adii ta’e.” — Maatewos 17:2 BU'uura kanaa raajii cimaan tulluu taabor irraatti raawwatame kun maal ibsa yoo jedhamee... ✨ 1. Tabor irratti Kiristoos eenyummaa haaraa hin arganne Iccitiin guddaan Tabor kun: Kiristoos Tabor irratti Waaqa hin taane irraa gara Waaqaatti hin jijjiiramne. Inni duraanuu Ilma Waaqayyoo, Waaqa dhugaa fi nama dhugaa dha. Garuu ulfinni fi ifni Waaqummaa isaa, kan fooniin dhokatee ture, bartoota isaa duratti hamma isaan arguu danda’anitti mul’ate. Kanaaf, Taabor irratti Kiristoos hin jijjiiramne; ulfinni isaa dhokatee ture mul’ate. Kun barsiisa Abbootaa keessatti hubannoo Kiristoosiin sirriitti beekuu keessatti iddoo guddaa qaba. 🔥 2. Ifni Tulluu Tabor maalidha? Wangeelli ifa Tulluu Tabor akkana jechuun ibsa: “Fuulli isaa akka aduutti ife.” Ifni kun ifa aduu qofa miti. Ifichaaf fakkeenya waan hin qaabneef Akkasumas namni Ifa afuu qofa waan beekuuf itti fakkeeffame. Tulluu Tabor irratti mul’achuun isaa ulfinni Waaqummaa Kiristoos mul’achuu isaa agarsiisa. Kana jechuun Kiristoos ifa alaa irraa hin fudhanne; Inni ofii isaatii Madda Ifaa dha. Kanaaf Tabor nu barsiisa: Kiristoos ifa qofa kan qabu miti; Kiristoos Ifa dhugaa dha. 📜 3. Musee fi Eliyaas maaliif mul’atan? Wangeela keessatti Musee fi Eliyaas Kiristoos wajjin haasa’anii mul’atan. “Kunoo, Musee fi Eliyaas isaa wajjin haasa’aa jiran isaanitti mul’atan.” — Maatewos 17:3 📚 Kunis hiika guddaa qaba. ፩. Museen → Seera bakka bu’a. ፪. Eliyaas → Raajota bakka bu’a. ፫. Kiristoos → Seeraa fi Raajota raawwachiisa. Kanaaf Tabor irratti Seerri fi Raajonni Kiristoositti akeekaa akka turan ifatti mul’ate. Kiristoos nama Seera qofa barsiisu miti; Inni kaayyoo Seeraa fi Raajotaa ti. ☁️ 4. Duumessa, ifaa fi sagalee Abbaa Ergasii duumessi ifaan isaan haguuge. Duumessicha keessas sagaleen dhaga’ame: “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammaduudha; isa dhaga’aa!” — Maatewos 17:5 💥 Kun iccitii Sillaasee Qulqulluu hubachiisuufis barbaachisaa dha. Abbaan Ilma isaaf dhugaa ba’a. Kunis Kiristoos nama qofa, raajii qofa ykn barsiisaa qofa akka hin taane mul’isa. Inni Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa, isa Abbaan dhugaa bahuufii dha. 😇 5. Pheexiroos: “Asitti argamuun keenya gaarii dha” Pheexiroos ulfina Tulluu Taabor yeroo argu akkana jedhe: “Gooftaa, asitti argamuun keenya gaarii dha.” — Maatewos 17:4 Pheexiroos ulfina Kiristoos arguun isaa gara isaa turuu barbaade. Kunis waan guddaa nu barsiisa: Yeroo namni ulfina Kiristoos qalbii isaatiin hubatu, wantoonni addunyaa isa gammachiisan hundi xiqqoo itti fakkaatu. ✝️ 6. Tabor fi Fannoo Tulluu Taaborii fi Fannoon adda addaa miti; lamaan isaanii hojii fayyinaa Kiristoos wajjin walitti hidhata qabu. Kiristoos Tabor irratti ulfina isaa bartootatti mul’ise; yeroo gabaabaa booda immoo gara Fannoo deeme. Maaliif? Bartoonni isaa yeroo Fannoo argan akka abdii hin kutanneef, duraan ulfina isaa akka argan godhe. Kanaaf: 🔹 Tulluu Tabor → Ulfina Kiristoos. 🔹 Fannoo → Dhiphina fi du’a Kiristoos. 🔹 Du’aa ka’uu → Mo’icha du’aa. 🔹 Ol-ba’uu → Ulfina mootummaa samii kan arlgarsiisanidha. TulluunTaabor kanaaf abdii Du’aa Ka’uu dursee mul’isuudha.

❓Dungoo yookiin Shaamaa Fi Xuwaafiin Maalif barbaachisa Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii keessatti? ✍️Akkuma beekamu Mana Amantaa Ortodoksii Amantaa biroo irraa adda kan ishee godhan keessaa tokko Meeshaalee isheen itti fayyadamtuu dha Meshaalee Heedduu isheen itti fayyadamtu keessaa Tokko Shaamaa Fi Xuwaafiidha. 👇 👉Yeroo Sirna Qulqulleessaa(ቅዳሴ) 👉Yeroo Maahileetii (ማህሌት) 👉Yeroo Kidaanii fi Yeroo yaa'ii garaa garaa Xuwaafiin Nii bobeeffama Kunis Gatii ibsaan hin jirreef Ibsachuufosoo hin taanee Hiikoo guddaa Waan qabuufidha! ✍️Hikoon Isaa Maali? Maal ibsas kan jedhuuf akka armaan gadiitti gabaabinaan waliin ilaalla. Hiikaa jalqabaatiin👇 👉Hundeen Waan kanaa jecha kiristoos dubbateedha Kiristoos wangeela Maat. 5÷14 "Isin Ifa Addunyaati" jechuun duukabu'oota isaaf dubbatee ture! 👉Xuwaafiin {Shaamaan} Ifa laatee dukkana akkuma balleessu Dabalataanis Namaafifa laachaa ofii isaatii ammoo akkuma cophee dhumu, Qulqulloonni Osoo reebamanuu Osoo du'anuu Osoo dhiigni isaanii lola'uu ofii isaaniitii Du'aa Addunyaa dhaaf ifa laataanii Wangeela llallabanii Addunyaa dukkana cubbuu keessaa turte bilisa akka baasan yaadachuu dhaaf Ni bobeeffama! 👇Hiikoo 2ffaa 🔥👇 👉Ifni Shaamaa Ergamoota Waaqayyootiinis Ni Fakkeeffama. Nuuti yemmuu Xuwaafii (Shaamaa) Bobeessinu Ergamoonni ifaa Nufaana akka jiran yaadaanna. Akkuma Ifti shaamaa dukkanaa balleessu Ergamoonni waaqayyoo Nu waliin ta'anii hojii seexanaa akka Akka diiganu akka nu eeganu ittiin ibsuudhaa Ni bobeeffama! Hiikoo 3ffaa 🔥👇 👉Shaamaan yookaan Xuwaafiin Wantoota lama (2) irraa Hojjetamu isaanis Kirrii fii Gagaadha. 👉Gagaan Qofaa isaa yoo abiddi tuqe Baqee dhuma. Kirriinis Qofaa isaa yoo Abiddi itti qabate Aluma sana boba'ee dhuma! Garuu ammoo Yoo lamman jaraa iddoo tokkotti Wal-fudhatanu (Hojjetamanu) garuu yeroo dheeraa dhaaf ifa laachuu nii danda'u! 👉Akkuma Kirriin Gagaa malee Gagaan Kirrii malee dafee dhumu Amantaan hojii malee hojiin Immoo Amantaa malee du'aa akka ta'eef faayidaa akka hin qabne Ibsuu dhaaf nii bobeeffama! 👉Kirriif Gagaan yemmuu waliin ta'an yeroo dheeraaf akkuma ifanu Hojiiniif Amantaanis walfaana yoo ta'an Mootummaa waaqayoon nugahuu akkka danda'an yaadachuu dhaaf Nii Bobeeffama. Kanammoo qulqulluun yaa'iqoob Yaaq. 2÷26 irratti "Amantaan Hojii malee du'aadha":jechuun Ragaa baheera! Kanaaf Manni Amantaa Ortodoksii Osoo ibsaan jiruu Xuwaafiif Shaamaa kan isheen fayyadamtu Boodatti Haftuu taatee osoo hin taanee Oolmaa Qulqullootaa gatii hin daganneef Oolmaa qulqulloonni isheef Oolan ragaa bahuufi! Warreen Arma haadha jaraa deebisanii ciniinan Oolmaa Qulqulloota dagatan garuu wanna kana Nii mormu! Waaqni hubannaa jaraaf haalaatu!🙏 Kanaafani Yeroo Hundumaa Meeshaaleen Ortodoksii qoftiyyuu qofaa jaraa wangeelaa nii lallabu kanan jedhuuf! https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

♦𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮𝗳𝗮 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗤𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝘂𝘂 Mikaa'eel♦ ✔✟✔ “Mikaa'el ergamoota gurguddoota warra duraa keessaa inni
♦𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮𝗳𝗮 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗤𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝘂𝘂 Mikaa'eel♦            ✔✟✔ “Mikaa'el ergamoota gurguddoota warra duraa keessaa inni tokko, na gargaaruudhaaf in dhufe”   — Dan. 10:13 Xalayyaa du'a koo jireenyatti kan  jijjirtee bollaa lencaa kessa osoon jirus kan naf qaqqabdee Abbaa koo mika'ee har'as na jabessii mootumma isa akkan dhaluu kadhannan kee araarsumman kee na haa jabessuu...Mika'eel nu haa ararsuu bakka jirtanittii isin haa Eeguu, hirkoo gaddiisa,abbaa,tiksee isiniif haa ta'uu!! Yaa mika'eel kadhanna warra rakkaatan hundumaa dafee kan dhaga'uu gurroota keef nagaan ni ta'a yaa ergamaa dhiifama mika'eel rakkoo koo naf salphiisi dhiphinaa koo naf ballessii gorsa akka naf kennituu ogummaas akka na barsiistuu abba koo akkan si godhaa dhee atis ilma kee na taasisii! Ebbii fi kadhannaan Hangafaa ergamoota Qulqulluu mika'eel nurra olee haa buluu...Biyyaa keenyaa nagaa nuf haa tasisuu 👉 YOU TUBE|  #Subscribe_👇 https://youtu.be/FZoO-CN9Wms  TIKTOK|#Follow👇 https://vm.tiktok.com/ZMSJshoht/   🧿𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞🤍💫  

EEBBISUUDHAAF... Eebbisuudhaaf ayyaana waggaa Raagu'eeli wajjinii Koottu (2) maariyaamii haadha waaqayyoo Koottu (2) maariyaami harmee hunda keenya Eebbisuudhaaf Ayyaana waggaa yohaannisi wajjinii Koottu(2) maariyaamii haadha waaqayyoo Koottu(2) maariyaami harmee hundaa keenya አውደ አመቲ ተባሪኮ ባሪኮ አውደ አመቲ [2] ነይ ማረያም  ለምህረት ወሳሒለ/ል/[4]እህ                            🌻                            🌼                            🌻                       🌻🌻🌻                            🌻          ==•|•== 👇👇Miseensa ta'aa ╔═════════════╗ ♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon  ♨️ ╚═════════════╝ + @Faarfataa     #share

🔜Ayyaanni gooftaa Iyyesuus Kiristoos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keenyaa wajjin haa ta'u! 2Qor. 13:13 🥀A𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣𝙖 G𝙖𝙖𝙧𝙞𝙞!!! 🥀Ameen https://t.me/BaruumsaaOrtodoksii12

Iyyesuus Kiristoosis inni Museen duraan waaqummaa ko ragaa bahe inni Yohaannis amma waaqummaa koo ragaa bahaatti jiru ani "Waaqayyodha" jedhee nu barsiisuudhaaf 🔜Duraan Eeliyaasiif kennaa kennuudhaan waggaa 3f ji'a 6f bokkaan akka hin roobneef samiin akka hidhamtu taasisee waggaa kana booda immoo samiin hiikamte bokkaa roobuu akka dandeessu akkuma goosise sana PHeexiroosiifis kennaa "hidhuuf hiikuu" isaaf kennuudhaan ""Bantuu mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a" (Maatewos 16: 19) jedhee kennaa guddaa kana isaaf kennuu isaa nu hubachiisuufi dha. 3.Raajii dubbatame raawwachuuf. 🔜Tulluu Taaboriin kan inni filateef Duraan dursee ulfinni waaqummaa isaa Tulluu kana irratti akka mul'atu raajotaan dubbatamee waan tureef raajii kana raawwachuuf Tulluuwwan jiran keessaa Taaboriin qofa filate! kunoo 👇 🔜Gara bitaa fi gara mirgaa situ uume, tulluun Taaborii fi Armooniyeem maqaa keetti nii ililchu (gammadu)!." Faar 88(89): 12) 🔜Guyyaa kanattis waaqayyo Abbaan duumessa keessaan ilmi koo an jaal'adhu isaatii, isa dhaga'aa jedhe! kunoo 👇 ⛔️Yommus duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, "Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa dhaga'aa!" jedhe. Mar. 9:7 🔜har'a biyyi lafaa nagaa kan argatu waan ilmi waaqayyoo jedhe yoo dhaga'ee ittiin jiraate qofaadha. malee hangafa nagaa kan ta'e #Iyyesuusiin dhiisanii, kaanis #gananii walga'ii nagaa yeroo adda addaatti taa'uun nagaa hin argamsiisu. kanaafuu waan ilmi waaqayyoo jedhu haa dhageenyu! 🔜Guyyaa Ayyaana kanaa:- 🥀xomboorri maaliif qabsiifama?, 🥀Qacceen Maaliif xaaxa'aa? 🥀Daabboon maaliif hojjetamaa? Deebiin isaa:- kunoo 👇 ✝️Qacceen kan xaxxaaxeffamuuf yeroo gooftaan keenya Tulluu Taaboor irratti ifa waaqummaa isaa mul'isu waaqayyo Abbaan duumessa keessaan ilmi koo an jaal'adhu isa, isa dhaga'aa jedhee sagalee dhageessiseera. Sagalee kana yaadachuufis Qacceen ni xaaxeffama. Gama biraatiin Qacceen kan xaaxeffamuuf Akka Abbootni keenya barsiisanutti Yeroon itti Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus kiristoos Humna waaqummaa (ifa waaqummaa) isaa itti mul'ise gara #galgalaatti ture. yeroo kana Gooftaan ifa waaqummaa isaa waan mul'iseef Tulluun taaboor irri ni ife. tiksitoonnis bakki kaan dukkana waan tureef ifa kana ilaalanii gammadaniis dinqisiifachaa qaccee #xaxxaaxessaa turan. fakkeenya kana godhachuun baadiyyaatti ijoolleen qaccee xaxxaaxessu. Magaalaatti immoo #richitii fi kanneen sagalee qaban biraa xaaxessu. 🔜Warri maatii tiksitootaas ijoolleen jaraa akka duraaniitti yeroon horii galchuu waan hafaniif ijoollee jaraa barbaacha #xomboora qabsiifatanii, waan jarri nyaatan daabboo harkatti qabatanii gara ijoollee jaraa deeman. 🔜kana fakkeenya godhachuunis guyyaa Ayyaana Tulluu Taaboor Daabboon ni tolchama, xomboorris ni ifsama. 🔜Gama biraatiin xomboorri kan qabsiifamuuf Ayyaanichi Ayyaana ifaa ta'uu isaatiini Guyyaa itti ilmi waaqayyoo ifa waaqummaa isaa itti mul'ise waan ta'eef #xomboora qabsiisu. 🔜Jalbultii Ayyaana kanaa irrattis ijoollonni gammachuu jaraa ibsachuuf mana irra naanna'uun ni faarfatu. namoonnis qarshiis ta'ee daabboo waan qabanu ni kennuuf. 🔜ha ta'u malee namoota qarishii kennan eebbisanii, kan waan kennan dhaban abaaruun, Ayyaanicha #Ayyaana qarishii itti walitti qabatan godhanii ilaaluun, sirbuu fi dhuganii machaa'uun hiikaa ayyaanicha dhabsiisa waan ta'eef irraa of qusachuu qabna. 🔜Sababni isaa Ayyaanichi Ayyaana kiristaanaati. kiristaanni immoo Ayyaaneffachuu kan qabu baay'ee dhuguu fi sirbuu (dhiichisuu)'n osoo hin taane mana waaqayyootti argamuun sagalee waaqayyoo barsiisuu fi barachuun, gaabbii galuun foonii fi dhiiga gooftaa fudhannee kan ittiin wal dhabnetti araaramuun ta'uu qaba.

🔜Phexros gidduutti, "Yaa barsiisaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha! Kottaa asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif in ijaarraa" jedhee Yesusitti dubbate.” Mar. 9:5 🔜dhugaattuu bakka kiristoosii fi qulqulloonni jiran jiraachuun akkam namatti tolaa??? 2.Waadaa Museef galee ture raawwachuuf. ☑️Akkuma Ba'uu 33:17-23 irratti barreeffame Museen walitti dhufeenya cimaa waaqayyo waliin qabu irraa kan ka'e "Maaloo Fuula kee natti agarsiisi!" jedhee waaqayyoon kadhatee ture! waaqayyos kadhannaa isaa kanaaf akkas jedhee deebii kenneef! "Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu." (Seera Ba'uu 33:20) ☑️sababni inni akkas jedheef waaqayyo waaqummaa isaatiin eenyumtillee arguu waan hin dandeenyeef,yoo arges jiraachu waan hin dandeenyeefidha. waaqayyo ammas itti fufee Museedhaan akkana jedheen... "(Kunoo ana bira as iddoo kana kattaa irra dhaabadhu! Yeroo ulfinni koo darbuutti jiru, holqa kattaa keessa sin kaa'a, hamma ani darbuttis harka kootiin sin golbooba. Ani harka koo si duraa nan fuudha, ati immoo #dugda koo in argita; fuulli koo garuu hin argamu" jedhe.(Seera Ba'uu 33 ) ☑️Dugda koo ni argita jechuun isaa dugdi booda keenyatti akka argamu "gara boodaatti waaqayyo ilmi durbee Maariyaam irraa dhalachuudhaan Tulluu Taabor irratti yeroo mul'atu nii argita" jechuu isaati! ☑️kattaa irra dhaabbadhu "jechuun isaa waggaa 5500 xumuramee foon namaa uffadhee dhaladhee #Tulluu #Taabor irratti hamman mul'adhutti ati duutee awwalcha keessa nii turta jechuu isaati. (na arguudhaaf hamma kana eeguu qabda jechuusaati) ☑️harka kootiin sin golbooba!" jechuun isaa dhaladhee hamman Tulluu Taabor irratti mul'adhutti #aangoo(humna) koo sirra nan kaa'a jechuu isaati. ☑️Ani harka koo siduraa nan fuudha!" jechuun isaa foon namaa uffadhee yeroon dhaladhutti aangoo du'aa sirraa nan fuudha. du'aa sin kaasa jechuu isaati 🔜Egaa Waaqayyo akkuma waadaa isaaf gale kanatti yeroo yeroon isaa gahetti haadha keenya durbee Maaryaam irraa dhalachuudhaan ulfina waaqummaa isaa Tulluu Taabor irratti yeroo mul'isutti raajota keessaa Museef Eeliyaas duuka bu'oota keessaa immoo PHeexiroos ,Yohaannisiif Yaa'iqoob Tullicha irratti akka argaman taasise. 🔜#Hubadhaa Museen hawwii waaqayyoon arguuf qabu osoo hin raawwataminiif yoo boqote illee waaqayyo (Iyyesuus kiristoos) Awwaala keessaa waamee tulluu Taaboor irratti waadaa galeef raawwateeraaf. 🌹Waaqayyo kakuu siif gale (waan sitti dubbate) osoo siif hin raawwatin hin hafuum. kunoo 👇 🔜Kunoo, ani sii wajjinan jira, iddoo ati dhaqxu hundumaatti sin eega; biyya kanatti sin deebisa, waan ani sitti dubbadhe #siifan #raawwadha malee, si hin gatu!" akkuma jedhu. Uma. 28:15 🔜kakuu moofaa keessaa Museef Eeliyaasiin, kakuu haaraa keessaa bartoota sadan fudhatee tullicha irratti argamuun isaas:- ☑️Tulluun Taabor fakkeenya #Mana #kiristaanaa (Bataskaanaa) yommuu taatu mana kiristiyaanaa keessatti immoo kakuu moofaa fi kaakuu haaraan gonkumaa kan addaan hin baaneef wajjin kan jiraatan ta'uu isaa nu hubachiisuufidha. 🔜Manni Kiristiyaanaa dubbii raajonni kakuu moofaa keessatti dubbachaa turanii fi duuka buutonni gooftaa kakuu haaraa keessatti barsiisaa turan fudhachuudhaan waaqummaa Iyyesuus kiristoos kan amantuu fi barsiistu ta'uu ishee nu hubachiisuuf. 🔜Tulluun Taabor fakkeenya Mootummaa waaqayyoo yommuu taatu mootummaa waaqayyoo immoo raajonnis duuka bu'oonnis kan dhaalan ta'uu isaa nu barsiisuuf 🔜Museen kan fuudhe yommuu ta'u Eeliyaas garuu hin fuune. mootummaan waaqayyoo, warri fuudhanis warri hin fuunes qajeelummaatti jiraannaan kan dhaalan ta'uu nu barsiisuuf 🔜Museen seera uumamaa yeroo barreessu "jalqaba irratti waaqayyo samiif lafa uume"jechuun jalqabe. seera uum.1:1 Yohaannis immoo yeroo wangeela barreessu "jalqaba irratti sagaleetu ture" jechuun jalqabe! Yoh 1:1