ch
Feedback
Ephrem Diriba

Ephrem Diriba

前往频道在 Telegram

📖 Barumsa Macaafa Qulqulluu 🎧 Faarfannaa ✒️ Walaloo fi Ergaa Gabaabaa 🎬 Viidiyoo & Fiilmiiwwan Amantii 📢 @EphremDiriba 💬 @EphremDiribaChat 🏠 https://t.me/EphremDiriba/2287 🔏 t.me/EphremDiriba?direct YouTube.com/@EphremDiriba

显示更多
Buy Ad
4 381
订阅者
-324 小时
+117
-3930

数据加载中...

标签云
无数据
有任何问题?请刷新页面或联系我们的客服
进出提及
---
---
---
---
---
---
吸引订阅者
八月 '26
八月 '26
+71
在1个频道中
七月 '26
+62
在0个频道中
Get PRO
六月 '26
+35
在0个频道中
Get PRO
五月 '26
+24
在1个频道中
Get PRO
四月 '26
+36
在1个频道中
Get PRO
三月 '26
+29
在0个频道中
Get PRO
二月 '26
+21
在0个频道中
Get PRO
一月 '26
+36
在0个频道中
Get PRO
十二月 '25
+101
在0个频道中
Get PRO
十一月 '25
+151
在1个频道中
Get PRO
十月 '25
+157
在86个频道中
Get PRO
九月 '25
+26
在5个频道中
Get PRO
八月 '25
+30
在0个频道中
Get PRO
七月 '25
+204
在88个频道中
Get PRO
六月 '25
+312
在90个频道中
Get PRO
五月 '25
+23
在1个频道中
Get PRO
四月 '25
+8
在0个频道中
Get PRO
三月 '25
+35
在0个频道中
Get PRO
二月 '25
+20
在0个频道中
Get PRO
一月 '25
+78
在3个频道中
Get PRO
十二月 '24
+15
在1个频道中
Get PRO
十一月 '24
+20
在1个频道中
Get PRO
十月 '24
+23
在0个频道中
Get PRO
九月 '24
+198
在105个频道中
Get PRO
八月 '24
+436
在97个频道中
Get PRO
七月 '24
+115
在3个频道中
Get PRO
六月 '24
+645
在2个频道中
Get PRO
五月 '24
+159
在4个频道中
Get PRO
四月 '24
+74
在3个频道中
Get PRO
三月 '24
+163
在113个频道中
Get PRO
二月 '24
+311
在85个频道中
Get PRO
一月 '24
+826
在121个频道中
Get PRO
十二月 '23
+950
在88个频道中
Get PRO
十一月 '23
+38
在3个频道中
Get PRO
十月 '23
+303
在0个频道中
Get PRO
九月 '23
+648
在0个频道中
Get PRO
八月 '23
+60
在0个频道中
Get PRO
七月 '23
+99
在0个频道中
Get PRO
六月 '23
+1 020
在0个频道中
Get PRO
五月 '23
+365
在0个频道中
Get PRO
四月 '23
+33
在0个频道中
Get PRO
三月 '23
+21
在0个频道中
Get PRO
二月 '23
+28
在0个频道中
Get PRO
一月 '23
+110
在0个频道中
Get PRO
十二月 '22
+38
在0个频道中
Get PRO
十一月 '22
+32
在0个频道中
Get PRO
十月 '22
+36
在0个频道中
Get PRO
九月 '22
+27
在0个频道中
Get PRO
八月 '22
+44
在0个频道中
Get PRO
七月 '22
+71
在0个频道中
Get PRO
六月 '22
+47
在0个频道中
Get PRO
五月 '22
+43
在0个频道中
Get PRO
四月 '22
+12
在0个频道中
Get PRO
三月 '220
在0个频道中
Get PRO
二月 '220
在0个频道中
Get PRO
一月 '22
+4
在0个频道中
Get PRO
十二月 '21
+11
在0个频道中
Get PRO
十一月 '21
+14
在0个频道中
Get PRO
十月 '21
+29
在0个频道中
Get PRO
九月 '21
+29
在0个频道中
Get PRO
八月 '21
+53
在0个频道中
Get PRO
七月 '21
+119
在0个频道中
Get PRO
六月 '21
+98
在0个频道中
Get PRO
五月 '21
+22
在0个频道中
Get PRO
四月 '21
+21
在0个频道中
Get PRO
三月 '21
+35
在0个频道中
Get PRO
二月 '21
+34
在0个频道中
Get PRO
一月 '21
+29
在0个频道中
Get PRO
十二月 '20
+2 598
在0个频道中
日期
订阅者增长
提及
频道
30 八月0
29 八月+1
28 八月+4
27 八月+9
26 八月+2
25 八月+5
24 八月+10
23 八月+1
22 八月+2
21 八月+1
20 八月+5
19 八月+1
18 八月+1
17 八月+3
16 八月+2
15 八月+1
14 八月+2
13 八月0
12 八月+2
11 八月+3
10 八月0
09 八月+4
08 八月+1
07 八月+1
06 八月+2
05 八月0
04 八月+2
03 八月+3
02 八月+2
01 八月+1
频道帖子
LAMI DANIEL𖣔ꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋ ᡃ⃝ᡃ⃝ᡃ⃝ᡃ⃝ Læmi●•:
— 1Qor. 12:30 “Hundumatu kennaa dhukkubsatoota fayyisuu qabaa ree? Hundumafu afaan hin beekamneen dubbataa ree? Hundumatu isa dubbatame hiikaa ree?”
— 1Qor. 12:9 “isa kaaniif amantiitu hafuuruma sanaan kennameef, isa kaaniif immoo kennaa warra dhukkubsatan fayyisuutu hafuura tokkicha sanaan kennameef;”
Deebii: Amantoonni ofii isaaniitiin dhukkubsataf kadhachuuf aboo qabu jedhee deebiin kenne irratti caqasni kun akka mormiitti dhiyaate. Garuu caqasni kun kan odeessu waa'ee kadhannaa utuu hin ta'iin waa'ee kennaa ayyaanaati. Kennaan fayyisuu dandeettii addaa Waaqayyoo namoota tokko tokkof kennudha malee nama hundumatu qaba miti. Kunis akka isaan ittiin galma mataa isaanii ijaaranii dhuunfaan sooramaniif utuu hin ta'iin, akka isaan ittiin waldaa tajaajilaniifidha. Akkuma namni tokkichi qaama garagaraa qabu, waldaanis namoota kennaa garagaraa qabaniin of ijaarti. Barumsa Dabalataaf As Tuqi. Ammas taanaan garuu amanaan kamiyyuu dhimma kam irratti iyyuu Waaqayyo abbaa isaa kadhatee dhageessifachuuf aboo guutuu qaba. Waaqayyo garuu yeroo mataa isaa fi akka barbaachisummaa isaatti gaaffii keenyaaf deebii nuuf kenna. Namni amane tokko ofiin yoo kadhate, Waaqayyo sababa inni "raajii kennaa addaa qabu" hin taaneef kadhannaa isaa hin dhowwatu. Waaqayyo abbaa keenyadha; abbaan immoo iyyata ilma isaa ni dhaga'a. Kanaaf Phaawulos, yeroo dhukkubsattan gara raajotaatti fiigaa jechaa jira utuu hin ta'iin, waldaa keessatti Waaqayyoo ga'ee garagaraa nuuf kenneera jechaa jira. #Deebii@EphremDiriba

2
siyyaasaa: Ephrem akkam atii waan tokkotu gaafii nati ta'a inis Namnii yesus kirstoosti amane tokko ofii isaatii kadhatee dhukubaa,seexan ofiraa ifachuu hin dand'uu kana namooni yeroo baayyee yoo wanti kun isaan iratii muulatee gara raajotati deemuu kana mee haalan naaf ibsi ama ayyaanii waaqayyoo sii gargaare macaafa keesaa Fkn naa fudhuutii dirqma namni amamuu Amantii yaa qabatuu kadhatamuu fii qaba Deebii: Nagaan siif haa ta'u obbole. Amanaan dhugaa tokko Waaqayyoon kadhatee dhageessifachuuf aboo guutuu qaba. Yoo ofii dhukkubsate, nama dhukkubsateefis kadhachuuf, yoo seexana ofirraa loluu barbaade, nama hafuura hamaan qabame keessaa ifachuufis aboo qaba. Maarqos 16:17 Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu. Nuuf abbaa gidduu kan jiru Kiristoos qofa, malee namni biraa tokko illee galuu hin qabu, hin danda'us! 1 Ximotewos 2:5 Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha. Kakuu haaraa keessatti namni addatti dibame hin jiru, amanaan hundumtuu luba kallattiin fuula Waaqayyoo dura dhaabbachuu danda'udha. 1 Phexros 2:9 Isin garuu qomoo fo'amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa'aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame. Sabni kun ofiin Waaqayyoon kadhachuu irra "raajii" barbaaduu isaaf sababni baayyeedha. • Raajonni akka Waaqayyo karaa isaanii qofa hojjetu godhanii of dhiyeessuun saba sana saamuu waan barbaadaniif dhugaa wangeela itti hin himani. Kun immoo Waaqayyoon caalaa akka isaan raajota abdatan saba godheera. Amantoonni baayyeen raajiin sun ana caalaa Waaqayyotti dhiyoodha jedhanii yaadu. Waaqayyo garuu raajota sobaa sana caalaa amana sirrii garuu hafuuratti dadhabaa ta'e kana jaallata. • Sagalee Waaqayyoo wallaaluunis dogoggora baayyeef nama saaxila. Sagalee Waaqayyoo wallaaluun isaanii raajii sobaa fi dhugaa adda baafachuu akka hin dandeenye isaan godheera. Humna akka qabani fi akkamitti akka itti fayyadaman hin beekani. Walumaa gala amanaan tokko dhimma kam irratti iyyuu giddu galeessummaa nama biraa utuu hin barbaachisiin kallattiin Waaqayyoon kadhachuuf aboo guutuu qaba. Garuu yeroo kadhatu fedha Waaqayyoo gidduu galeessa gochuu qaba. Waanti nuti kadhannu kadhanneef qofa utuu hin ta'iin fedha Waaqayyoo yoo ta'edha nuuf raawwatama. Viidiyoon Kanaan Wal Qabatu As Jira. #Deebii@EphremDiriba
170
3
Nageenya Biyyaa fi Kiristaanummaa Haala nageenya biyya keenyaa ilaalchisee akka kiristaanaatti maal gochuu qabna? Maal gochuu
Nageenya Biyyaa fi Kiristaanummaa Haala nageenya biyya keenyaa ilaalchisee akka kiristaanaatti maal gochuu qabna? Maal gochuu immoo hin qabnu kan jedhu hubachuun nurraa eegama! Sababni isaas nuti Kiristaana! Kiristaanni hawaasa utuu hin ta'iin kiristoosiin hordofa. Akka hawaasni ta'u hin taanu, akka kiristoos nu barsiise taana malee! Dhimma kana irratti video 2 isiniif hojjedheera. Akka Kiristaanaatti Maal Gochuu Hin Qabnu?: https://youtu.be/gTtTY590npY?si=uwCZQwaUejaO2deB Maal Gochuu Qabna?: https://youtu.be/9vObH92qkY4?si=fdTD4VkSyvMavN7g Akka barreeffametti haa jiraannu!
220
4
Nagaan Isiniif Haa Ta'u! Link as jala jiruun Telegram irratti soorata hafuuraa; Barumsaa fi faarfannaa kan isiniif dhiyeessan "Telegram Channels" baayyee barbaachisoo fi jaallatamoo ta'an argattu. Al tokko qofa tuqa: https://t.me/addlist/qzL4PckcHLY4Yzg0
374
5
Lovable @: Wangeela luqaas 22:35-38 irra kan jiruu yadaa kutaa sana naf ibsime Deebii: Luqaas 22:35-38 ³⁵ Yesus ammoo, "Horii, qalqalloo, kophees utuu hin fudhatin yeroo ani isin erge, waa isinitti hir'ate tureeree?" jennaaniin, isaan immoo, "Homtinuu nutti hin hir'anne" ittiin jedhan. ³⁶ Inni immoo deebisee, "Amma garuu, horii, qalqalloos kan qabu haa fudhatu; namni waa hin qabne immoo wayyaa isaa gurguree billaa haa bitatu! ³⁷ Macaafa keessatti, 'Warra seera cabsituutti lakkaa'ame' jedhamee kan caafame kun, anatti raawwatamuun akka ta'u isinittan hima; wanti na ilaalu hundinuu raawwatamuutti jira" jedhe. ³⁸ Isaan immoo, "Ilaa, gooftaa, billaan lama as jira" jennaan, innis deebisee,"In ga'a" ittiin jedhe. Kana dura Luqaas 9 keessatti Yesuus bartoota isaa lama lamaan ergee ture. Yeroo sana harkaa duwwaa akka deeman godhe. Sababni isaas oduu misiraachoo labsuu fi dinqii hojjechuu waan deemaniif sabni gammachuun isaan simatu, nyaata fi bultii isaaniif kennu malee isaan irratti hin ka'an. Har'a garuu guyyaa qabamuu isaati. Inni dabarfamee kennamee kakuun haaraa jalqabuufi. Inni kun seexanaaf mata dhukkubbii guddaadha. Kana jechuun biyyi lafaa akka duraatti isaan simachuu dhiiftee isaan mormuu eegalti jechuudha. Akkuma beekamu guyyaa sanaa jalqabee haga har'aatti waldaan kiristaanaa bifa garagaraan ari'atamaa jirti. Kanaaf "Amma garuu, horii, qalqalloos kan qabu haa fudhatu" jechuun ofii keessanii waan qabdaniin of jiraachiftu malee biyyi lafaa akka duraa sana isin hin simattu jechuudha. Billaa akka isaan qabatan kan inni isaan ajaje immoo Yakkamaa of fakkeessuufi. Lakkoofsa 38 irratti "Macaafa keessatti, 'Warra seera cabsituutti lakkaa'ame' jedhamee kan caafame kun, anatti raawwatamuun akka ta'u isinittan hima" jedheera. Innis afaan raajotaan akka Gooftaan akka yakkamaatti ilaalamu dubbatameera. (Isa 53:12) Kanaaf inni ykn bartoonni isaa billaa qabatanii yoo argaman yakkamtoota namoota miidhuuf adeemanitti lakkaa'amu jechuudha. Malee akka isaan ittiin nama miidhaaniif akka hin ta'iin gaafa Pheexros gurra namichaa kutu, waan akkasii akka hin hojjenne akeekkachiiseera. As tuquun gaaffiiwwan kana dura gaaafatamani fi deebii isaanii ilaalaa 👇 #Deebii@EphremDiriba
420
6
Haala Nageenya Biyya Keenyaa Ilaalchisee Akka Kirstaanaatti Maal Gochuu Qabn https://youtu.be/gTtTY590npY?si=IazSOYUZJrjW3t0p
369
7
Sami Be Fiqaadu: macaafni weedduu maal ibsaa? Deebii: Kitaaba "Weedduu Weeddotaa ykn Weedduu Weedduu Caalu" kan barreesse mooticha Solomoon akka ta'e beekamaadha. Inni kitaabota 3 nuuf barreesseera. Bara dargaggummaa isaa kitaaba "Weedduu" bara ga'eessummaa isaa kitaaba "Fakkeenyaa" bara dulluma isaa immoo kitaaba "Lallabaa" akka barreesse beektonni dubbatu. Namoonni baayyeen jaalala foonii fi saalaa gaa'ela keessaa akka cubbuutti waan ilaalaniif, macaafni kun waa'ee Kiristoos fi Waldaa qofa dubbata jedhanii gara hafuuraatti jijjiiruuf yaalu. Kun dogoggoradha. Solomoon bara dargaggummaa isaa kitaaba kana miira jaalala foonii dhiira fi durba gidduu jiruuf barreesse. Waaqayyo uumaa saalaa (sexuality) ti. Utuu cubbuun addunyaa hin faaliin dura, Waaqayyo dhiiraa fi dubartii walitti fide. Macaafni kunis jaalalli fi wal-gammachiisuun dhiiraa fi dubartii gaa'ela keessaaa cubbuu fi waan saalfachiisaa utuu hin taane, kennaa Waaqayyoo isa guddaa ta'uu isaa agarsiisa! Kitaabichi hariiroo jaalalaa dargaggeessaa fi dargaggeetti gidduu jiru akka gaariitti barsiisa. Yaadota gurguddoo achi keessa jiran yeroo dhiyootti video dhaan YouTube irratti isiniifin hojjedha. Subscribe gochuu hin dagatiinaa: YouTube.com/@EphremDiriba Ta'us Macaafni Qulqulluu al kallattiidhaan Yesuus Kiristoosiin nuuf ibsuudhaaf hafuura qulqulluun barreeffame. Luqaas 24:27 HABH Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse. Fakkeenyaf Yisihaq qoraan irratti qalamee gubatu baatee akkuma gaaratti ol ba'e, Yesuusis muka irratti fannifamu baate golgootatti ol ba'e. Akkas akkasitti macaafonni hundumtuu gara Yesuusitti hiikamu. Haaluma kanaan kitaaba Weedduu keessattis jaalala Kiristoosi fi Waldaa Kiristaanaa argachuu dandeenya. Efesoon 5:31-33 ³¹ Caaffanni qulqullaa'aan, “Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u” in jedha. ³² Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa'ee Kristosii fi waa'ee waldaa kristiyaanaa in dubbata jechuu koo ti. ³³ Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu! Caqasa kana keessatti gaa'elli lafa irratti dhiira tokko fi dubartii tokko gidduutti geggeeffamu hundi fakkeenya icciitii gaa'ela isa guddaa Kiristoos fi Waldaa gidduutti geggeeffamuu akka ta'e dubbata. Dhiirri abbaaf haadha isaa in dhiisa kan jedhu isa Kiristoos ulfina isaa dhiisee nu barbaacha dhufe dubbata malee waa'ee dhiiraa fi dubartii duwwaa miti. Subscribe for more: YouTube.com/@EphremDiriba #Deebii@EphremDiriba
465
8
Worku Dereje: Gafii qabaa anii macafaa maatwosii 10:34 Deebii: Maatewos 10:34 Yesus ammoo, “Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne.” Macaafni Qulqulluu Yesuus abbaa nagaa ta'uu isaa dubbata. Yesuus iyyuu ani nagaa koo isiniifin kenna jedhee dubbateera. Kutaan kun garuu waan yaada kana faallessu fakkaata. Ta'us Macaafni Qulqulluu wal hin faallessu. Yoos ergaan kutaa kanaa maali? Yaada kutaa kana hubachuuf itti fufanii dubbisuun barbaachisaadha. Maatewos 10:34-39 ³⁴ Yesus ammoo, “Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. ³⁵ Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. ³⁶ Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta'u. ³⁷ Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti. ³⁸ Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti. ³⁹ Namni jireenya ofii isaatiif barbaaddatu jireenyi isaa isa duraa in fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa in argata” jedhe. Yesuus kutaa kana keessatti “akka namoonni wal fixaniif billaa itti kenneen akka isaan nagaa hin qabaanne godha” nuun jechaa hin jiru. Kan inni jechaa jiru; “namoota natti amananii fi hin amanne gidduutti garaagarummaan ni uumama, biyyi lafaa isheen na mormitu warra na hordofan ni ari'atti, maatiin sababa kootiin wal lolu, diina walii ta'u, billaa walitti fudhatu” jechaa jira. Kun guutummaatti raawwatameera, raawwatamaa jiras. Amantoonni sababa Yesuus Kiristoositti amanan qofaaf billaa fi waan garagaraatiin ajjeefamaa turaniru, maatiinis nama isaan keessaa Yesuusiin fudhate lolanii manaa ari'aniiru. Biyya keenya keessattis kan akka faarfataa Tamaam Faares faa namoonni baayyeen Yesuusiif jedhanii maatii isaanii waliin nagaa dhabaniiru. Yesuus jaalala fi nagaa qofa utuu hin ta'iin dhugaadhas. Dhugaan immoo soba (biyya lafaa) wajjiin walii galuu hin danda'u, yeroo kana walitti bu'iinsi uumama. Isa kana namoota maatii amantii biraa hordofan keessaa gara Kiristoos dhufantu hubata. Walitti bu'iinsa siif maatii kee gidduutti uumameef gaafa Yesuus sababa ta'u kutaan kun siif gala! #Deebii@EphremDiriba
427
9
Worku Dereje: Gafii qabaa anii macafaa maatwosii 10:34 Deebii: Maatewos 10:34 Yesus ammoo, “Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. ” Macaafni Qulqulluu Yesuus abbaa nagaa ta'uu isaa dubbata. Yesuus iyyuu ani nagaa koo isiniifin kenna jedhee dubbateera. Kutaan kun garuu waan yaada kana faallessu fakkaata. Ta'us Macaafni Qulqulluu wal hin faallessu. Yoos ergaan kutaa kanaa maali? Yaada kutaa kana hubachuuf itti fufanii dubbisuun barbaachisaadha. Maatewos 10:34-39 ³⁴ Yesus ammoo, “Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. ³⁵ Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. ³⁶ Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta'u. ³⁷ Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti. ³⁸ Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti. ³⁹ Namni jireenya ofii isaatiif barbaaddatu jireenyi isaa isa duraa in fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa in argata” jedhe. Yesuus kutaa kana keessatti “akka namoonni wal fixaniif billaa itti kenneen akka isaan nagaa hin qabaanne godha” nuun jechaa hin jiru. Kan inni jechaa jiru; “namoota natti amananii fi hin amanne gidduutti garaagarummaan ni uumama, biyyi lafaa isheen na mormitu warra na hordofan ni ari'atti, maatiin sababa kootiin wal lolu, diina walii ta'u, billaa walitti fudhatu” jechaa jira. Kun guutummaatti raawwatameera, raawwatamaa jiras. Amantoonni sababa Yesuus Kiristoositti amanan qofaaf billaa fi waan garagaraatiin ajjeefamaa turaniru, maatiinis nama isaan keessaa Yesuusiin fudhate lolanii manaa ari'aniiru. Biyya keenya keessattis kan akka faarfataa Tamaam Faares faa namoonni baayyeen Yesuusiif jedhanii maatii isaanii waliin nagaa dhabaniiru. Yesuus jaalala fi nagaa qofa utuu hin ta'iin dhugaadhas. Dhugaan immoo soba (biyya lafaa) wajjiin walii galuu hin danda'u, yeroo kana walitti bu'iinsi uumama. Isa kana namoota maatii amantii biraa hordofan keessaa gara Kiristoos dhufantu hubata. Walitti bu'iinsa siif maatii kee gidduutti uumameef gaafa Yesuus sababa ta'u kutaan kun siif gala! #Deebii@EphremDiriba
2
10
Worku Dereje: Gafii qabaa anii macafaa maatwosii 10:34 Deebii: Maatewos 10:34 Yesus ammoo, “Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. ” Macaafni Qulqulluu Yesuus abbaa nagaa ta'uu isaa dubbata. Yesuus iyyuu ani nagaa koo isiniifin kenna jedhee dubbateera. Kutaan kun garuu waan yaada kana faallessu fakkaata. Ta'us Macaafni Qulqulluu wal hin faallessu. Yoos ergaan kutaa kanaa maali? Yaada kutaa kana hubachuuf itti fufanii dubbisuun barbaachisaadha. Maatewos 10:34-39 ³⁴ Yesus ammoo, “Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. ³⁵ Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. ³⁶ Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta'u. ³⁷ Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti. ³⁸ Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti. ³⁹ Namni jireenya ofii isaatiif barbaaddatu jireenyi isaa isa duraa in fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa in argata” jedhe. Yesuus kutaa kana keessatti “akka namoonni wal fixaniif billaa itti kenneen akka isaan nagaa hin qabaanne godha” nuun jechaa hin jiru. Kan inni jechaa jiru; “namoota natti amananii fi hin amanne gidduutti garaagarummaan ni uumama, biyyi lafaa isheen na mormitu warra na hordofan ni ari'atti, maatiin sababa kootiin wal lolu, diina walii ta'u, billaa walitti fudhatu” jechaa jira. Kun guutummaatti raawwatameera, raawwatamaa jiras. Amantoonni sababa Yesuus Kiristoositti amanan qofaaf billaa fi waan garagaraatiin ajjeefamaa turaniru, maatiinis nama isaan keessaa Yesuusiin fudhate lolanii manaa ari'aniiru. Biyya keenya keessattis kan akka faarfataa Tamaam Faares faa namoonni baayyeen Yesuusiif jedhanii maatii isaanii waliin nagaa dhabaniiru. Yesuus jaalala fi nagaa qofa utuu hin ta'iin dhugaadhas. Dhugaan immoo soba (biyya lafaa) wajjiin walii galuu hin danda'u, yeroo kana walitti bu'iinsi uumama. Isa kana namoota maatii amantii biraa hordofan keessaa gara Kiristoos dhufantu hubata. Walitti bu'iinsa siif maatii kee gidduutti uumameef gaafa Yesuus sababa ta'u kutaan kun siif gala! #Deebii@EphremDiriba
1
11
Kumera Alemayohu: Efe. 2 ⁴ Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan jaallate. ⁵ Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du'oo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan. Gaaffii:- garaagarummaan Araaraa Waaqayyoo fi Ayyaana Waaqayyoo maali? Moo tokkumaa? Deebii: Gaaffii bareedaadha. Jechoonni kun lamaan garaagarummaa qabu, waliin hojjetus! Araara (Mercy): araara jechuun nama balleessaa isa adabsiisu hojjete tokko irraa adaba sana hambisuu jechuudha. Nuti cubbuu keenyaan du'aa fi dheekkamsa Waaqayyoo argachuun nuuf mala ture. Waaqayyo garuu firdii nuuf malu sana nu irratti fiduu dhiisee nu oolche. Araarri Adabbii siif malu kan si oolchudha. Ayyaana (Grace): ayyaanni immoo badhaasa ykn kennaa guddaa nuti gonkumaa hojii keenyaan argachuu hin dandeenye, kan nuuf hin malle argachuudha. namicha balleessa sitti hojjetee dhiifama/araara gooteef sanaaf oolmaa isaaf hin malle ooluufii jechuudha. Waaqayyo balleessa keenya hundumaaf Yesuusiin adabee, nuuf immoo araara godhe. Kanaaniis dheekkamsa nuuf malu jalaa oolle. Garuu dhiifama nuuf godhee hin dhiifne, ayyaana isaa nuuf kenne. Innis ijoollee isaa taanee barabaraan isa waliin akka jiraannu nu taasise! Gabaabumaatti: Araarri dhiifama gochuu, ayyaanni ofitti fudhachuu bakka bu'a! Hashtag #️⃣ kana yoo tuqxan gaaffiiwwan kana dura deebiin kennameef argattu👇 #Deebii@EphremDiriba
447
12
Waaqayyoon Sodaachuu #3 Waaqayyoon Sodaachuun isaaf gadi jedhanii ulfina kennuu duwwaa utuu hin ta'iin ofiif iyyuu bu'aa gurguddaa argachuudha. Namni Waaqayyoon sodaachuu isaatiin bu'aa akkamii argachuu danda'a? Namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqayyoon sodaatanii darban maal buufatan? Mee viidiyoo kana ilaalaa: https://youtu.be/Ljc5b8s2918?si=SiySwCJTgl36T3qi
444
13
Waaqayyoon Sodaachuu 2 Waaqayyoon Sodaachuun waan jechaan ibsamu utuu hin ta'ii, waan gochaan mul'atudha. Macaafa Qulqulluu keenya keessa namoonni Waaqayyoon sodaachuun fakkeenya nuuf ta'an baayyeen jiru. Video kana keessatti garuu nama 2: Abrahaam fi Yoosefiin fakkeenya godhannee ilaalleerra. Waaqayyoon Sodaachuu Keenya Maaliin Mul'ifna? Guutuu isaa link kanaan ilaalaa: https://youtu.be/hSX2yDPlls0?si=jQc9GjiLjFUTanXK
559
14
Waaqayyoon Sodaachuu Fakkeenya 1:7 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu. Waaqayyoon Sodaachuu jechuun cubbuu keenyaaf badisa nutti fidna jennee kan ittiin dhiphannu utuu hin ta'iin, abbaa koo hin gaddisiisu jennee kan ittiin cubbuu irraa baqannudha. Kiristaanonni baayyeen sodaa garbummaa jala jiru, kan nurraa eegamu garuu sodaa ilmummaadha. Dhugumaan jaalalli Waaqayyoo nu keessa jira yoo ta'e inni sodaa garbummaa nu keessaa baasee gata. 1 Yohannis 4:18 Jaalala keessa sodaan hin jiru; jaalalli inni iddoo ga'e sodaa gad baasee in gata; sodaan adabatti hidhamee waan jiruuf, namni sodaatu jaalalli isaa iddoo hin geenye. Link kanaan guutuu isaa daawwadhaa: https://youtu.be/dsrnG2gZpjA?si=OJVuz_yobRUOVYjX
567
15
Lovable @: Epha nagaan sif haa ta'u gaffii 1xim 2:11_12 irrati waldoota bayee kessatii yeroo ammaa tajajiltoni wangela, pastor durba bayeetu jiru kana akkamiti ilalare Akka macafaa qulqulluuti. Deebii: • Akkuma atuu jette gaaffii hafuuraa tokkoof yeroo deebii kenninu ykn waan hafuuraa yeroo qorannoo Macaafa Qulqulluu irra dhaabbanneeti malee waan waldoonni kiristaanaa tokko tokko giddu galeeffannee miti. Waldaan akkasii akkas gooti waan ta'eef akkas ta'uu qaba waanti jedhamu hin jiru. Abaluun kana irrattis akkas jedha jenneen filannoo hin dhiyeessinu. Macaafni Qulqulluu qofaa isaa murteessaadha. Fakkeenyaaf: waldaa kiristaanaa baayyee keessatti kadhanni "Yaa Abbaa keenyaa" kan ittiin sagantaa xummuranidha. Kun garuu bartee mana amantaati malee waan Macaafa Qulqulluudhaan deeggarame miti. Bartee bara dheeraa ture waan ta'eef sirrii hin ta'u. Akkasuma waldoonni tokko tokko (keessumaa waldoonni dhuunfaa) Raajii, Pastor fi Hoogganaa waldaa godhanii dubartoota waan muudaniif isaan duukaa hin buunu. Macaafa Qulqulluu (keessumaa kakuu haaraa) keessatti dubartiin dhiira irratti gooftummaa akka qabaattu hin heyyemamu. Kun dubartii gadi qabu fi dhiira immoo ol qabuu utuu hin ta'iin, Yesuusiin ol qabanii, waldaa kiristaanaa (namoota) isa jalatti gadi qabuudha. Dhiirri fakkeenye dhirsa misirroo, gooftaa Yesuusidha. Dubartiin immoo fakkeenya waldaa kiristaanaa ykn amantoota ykn mushurraa Yesuusidha. Dhiirri mataa bakka bu'a, dubartiin immoo immoo qaama. Qaama keenya haa ilaallu, mataan jala ta'ee qaamni keenya irra yoo ta'e 🤸‍♂️ jireenyi keenya toora hin galu. Mataan irra oolee🧍‍♂qaamni keenya jalatti yoo bule garuu seera uumamaa eegee gabiitti jiraata! Qaamni mataa hin bulchu, hin hoogganu, hin geggeessu. Garuu akka mataan yaada isaa galmaan ga'uuf qaamni murteessaadha. Argitanii? Dhimmichi waa'ee ga'ee ofii adda baafachuudha malee sadarkaa waliif kennuu miti. 1 Ximotewos 2:10-15 ¹⁰ Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta'uttis, wanta gaarii haa argisiisan. ¹¹ Dubartiin abboomamuu hundumaan gab jettee haa bartu. ¹² Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee, haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu; ¹³ Addaam duraan dursee tolfame, Hewwaan immoo ergasii tolfamte. ¹⁴ Addaam hin sossobamne, dubartittiin garuu sossobamtee, seera-cabsituu taate. ¹⁵ Haa ta'u iyyuu malee, dubartittiin mucaa da'uudhaan in fayyiti; warri kaanis amantiitti, jaalalatti, qullaa'ummaattis of qabuudhaan yoo jiraatan in fayyu. YouTube.com/@EphremDiriba irratti barumsa "Waaqayyoon Sodaachuu" jedhu kan kutaa 3 qabu dabarsaan jira. Yoo Waaqayyo jedhe isa xummurree dhimma kana irratti barumsa bal'aa fudhachuu dandeenya. Subscribe gochuu hin dagatiinaa! Ayyaanni Isiniif Haa Baayyatu!
557
16
Faarfannaa Wangeelaa('Bible-centered' ta'e qofa) 'lyrics' isaa waliin dhaggeeffachuuf 'channel' kana hordofi! Join and share :- https://t.me/faarfannaa_wangeelaa_lyrics
461
17
Firo Berhanu: 1xim 2:11_12akka naf ibsitu jaalala gooftaanii Deebii: 1 Ximotewos 2:11-12 ¹¹ Dubartiin abboomamuu hundumaan gab jettee haa bartu. ¹² Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee, haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu; Ka'umsi yaadichaa gara seenaa bara sana tureetti nu deebisa. Phaawuloos xalayaa kana Ximotewos isa Tiksee (Pastor) waldaa Efesoon ta'eef barreesse. Bara sana magaalaa Efesoon keessa mana waaqeffannaa waaqa-tolfamtuu baayyee beekamtuu fi namoonni bakka garagaraa irra dhufanii waaqeffatan kan "Arxeemis" jedhamtutu ture. Isheefis akka lubaatti kan tajaajilani fi aangoo mana sana keessaa qaban dubartoota. Dhiironni immoo isaan jala turan. Erga wangeelli magaalaa sana seenee fi waldaan kiristaanaa dhaabbattee booda, dubartoonni magaalaa sanaa gara kiristaanummaatti yeroo dhufan, barsiisa sobaa fi dhiibbaa aadaa sanaan waldaa keessatti jeequmsa uumanii turan. Phaawulos kana sirreessuuf ergaa kana barreesse. Ta'us itti fufnee yoo dubbifne yaadi Phaawuloos fi ergaan macaafichi nuuf qabu waa'ee aadaa bara Efesoon qofa akka hin ta'iin hubanna. Dhiiraa fi Dubartiin waa'ee fayyinaa fi fudhatama karaa Yesuus Kiristoos qaban ilaalchisee garaagarummaa tokkoyyuu akka hin qabne Macaafni Qulqulluun sirriitti barsiisa. Galaatiyaa 3:28 Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru. Gama tajaajilaatiin yeroo ilaalamus saalli lamaanuu hojii Waaqayyoof waamicha guutuu qabu. Garuu tajaajila barsiisuu fi gooftummaa (aangoo) argachuu ilaalchisee garaagarummaan kaa'amee jira. Waldaalee kakuu haaraa keessatti, aangoo ol'aanan sagalee Waaqayyoo lallabuu fi waldaa geggeessuun dhiirota qofaaf kenname. Dubartiin; paasterii, jaarsa waldaa fi geggeessaa akka taatu Macaafni Qulqulluu hin heyyemne! Garuu tajaajiloota biroo hedduu (tajaajila dubartootaa, ijoollee, tajaajila gargaarsaa, daaqonummaa, faarfannaa fi kkf) keessatti dubartoonni baay'ee barbaachisoo fi humna waldaati. Kun garaagarummaa ga'ee hojiiti malee cunqursaa ykn tuffii miti. Sadan Tokkummaa Waaqayyoo keessatti, Ilmi (Yesuus) fi Abbaan, jireenya fi ulfinaan wal qixa. Garuu Kiristoos Abbaadhaaf ni abboomama, ergaa Abbaa ni raawwata. Akkuma kana, dubartiin dhiiraa gadi miti; fudhatama fi fayyina Kiristoos keessatti qabaniin guutumaan guutuutti wal-qixa. Garuu sirna waldaa keessatti gaheen Waaqayyo kaa'e addaa adda. Kun tuffii osoo hin ta'in Sirna Waaqayyooti. Subscribe for more: YouTube.com/@EphremDiriba #Deebii@EphremDiriba
490
18
🕐NAGAAN SINIIF HAA TA'U 🙏 Telegram channel kanaan 🔘Barnoota walitti fufaa 🔘Faarulee MP3 fi MP4 🔘Gfi fi deebii Macaafa Qulqullu 🔘walaloo hafuuraa fi kkf argachu dandeessu Ammuma ♦️Join gochuun qooddattoota sagantichaa ta'aa!         👇👇 ✅️🍥Join: @KIRISTANUMMAA ✅️🍥Join: @KIRISTANUMMAA ♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲      🔕         ✉️    ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
450
19
T......: Ibroota 7:25 Kana irraa kan ka'es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a. Caqasa kun akka Yesuus nuuf kadhatu dubbata. Roomaa 8:27 Hafuurichi akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif in kadhata; Waaqayyo inni garaa namaa fonqolchu immoo, yaada hafuurichaa in beeka. Caqasni kun immoo akka Hafuurri Qulqulluu nuuf kadhatu dubbata. Lamaanuu nuuf kadhatu jechuudhaa? Deebii: Eeyyee, lamaanuu nuuf kadhatu. Garuu akkataa fi kaayyoon kadhannaa isaanii gargari. Kadhannaa Yesuus Bakka : Abbaa bira ykn mirga abbaa Kaayyoo : Amanaan cubbuu isaatiin akka hin badnee fi seexanni akka isa abbaatti hin hadheessine, dhiiga ofii isaatiin akka bite falmuu. Akkaataa : Yeroo nuti cubbuu hojjennu ykn yeroo dadhabnu, Seexanni Abbaa duratti nu hadheessa. Garuu Yesuus mirga Abbaa dhaabbatee, "Ani cubbuu nama kanaaf kaffaleera" jedhee nuuf falma. Kun falmii seeraa dha. Zakaariyaas 3:1-5 ¹ Yeroo kan biraa immoo Iyaasuun angafni lubaa ergamaa Waaqayyoo dura utuu dhaabatuu, Seexanni immoo isa hammeessuudhaaf gara mirgaa isaa dhaabachaa utuu jiruu inni anatti in argisiise; ² yommus ergamichi [Waaqayyoo] Seexanaan, “Waaqayyo si haa ifatu Seexana nana! Waaqayyo inni Yerusaalemin fo'ate si haa ifatu! Namichi kun akka mukukkula ibidda boba'aa jiru keessaa butamee ti mitii ree?” jedhe. ³ Yeroo sanatti Iyaasuun uffata xuraa'aa uffatee ergamicha dura in dhaabata ture. ⁴ Ergamaan sun warra isa dura dhaabatan sanaan, “Uffata isa xuraa'aa sana isa irraa baasaa!” jedhe; Iyaasuudhaan immoo, “Kunoo, ani yakka kee si irraa fuudheera, uffata cidhaa immoo sitti nan uffisa” jedhe. ⁵ Ergasiis, “Marata qulqullaa'aa mataa isaatti maraa!” nan jedhe; isaanis utuu ergamaan Waaqayyoo achi dhaabachaa jiruu, maraticha mataa isaatti maranii uffata isatti in uffisan. Kadhannaa Hafuura Qulqulluu Bakka : Amanaa keessa (dhagna keenya keessa taa'ee) Kaayyoo : Amanaa keessa taa'ee kadhannaa isaa qajeelchuu, waan inni kadhatachuu hin beekne kadhachuufii, cubbuu isaatti gaddee akka deebi'u gochuu fi jabeessuu. Akkaataa : Yeroo baay'ee dhiphina fi gaddaa irraa kan ka'e maal jennee akka kadhannu yeroo wallaallu, Hafuurichi imimmaan fi aaduu garaa keenya keessa jiru gara kadhannaa fudhatama qabuutti jijjiiree Abbaatti dhiyeessa. Waan nuti hin beeknes nu keessa waan jiru fi Waaqa waan ta'eef nu caala beeka. Kanaafis gaafa nuti isaan geggeeffamne kadhannu fi gaafa inni nuuf kadhatu kadhannaan keenya abbaa nuuf qaqqaba jechuudha. #Deebii@EphremDiriba
571
20
T......: ilmis afuurri qulqullunis nuuf kadhatu? Deebii: Gaaffiin obboleessa keenyaa caqasoota lamaan armaan gadii irratti hundaa'a! Ibroota 7:25 Kana irraa kan ka'es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a. Caqasa kana keessatti Yesuus Kiristoos lubu (abukaatoo) isa abbaa bira nuuf dhaabbatu ta'ee dhiyaata. inni yeroo hundumaa warra isatti amananiif waan kadhatuuf isaan keessaa tokko ille gara badisaa hin dhaqu.
35