Ephrem Diriba
前往频道在 Telegram
📖 Barumsa Macaafa Qulqulluu 🎧 Faarfannaa ✒️ Walaloo fi Ergaa Gabaabaa 🎬 Viidiyoo & Fiilmiiwwan Amantii 📢 @EphremDiriba 💬 @EphremDiribaChat 🏠 https://t.me/EphremDiriba/2922 🔏 t.me/EphremDiriba?direct YouTube.com/@EphremDiriba
显示更多4 271
订阅者
+124 小时
-17 天
-6030 天
帖子存档
4 271
Music kun piano 🎹 faarfanna English baayyee beekamaa fi jaallatamaa "Way Maker" jedhamu irratti hojjetamedha. Namoonni yeroo kadhattan music akkasii bantanii kadhachuu jaallattan fayyadamuu dandeessu!
4 271
Kottaa, Waliif Haa Kadhannuu!
Eeyyee, As jalatti ba'aa qabnu fuula Waaqayyoo fi obbolootaa duratti barreessina. Galgala kana akkuma akka dhuunfaa keenyaatti yeroo mijeeffannee ofii keenyaa fi obboloota keenyaaf Waaqayyoon kadhanna!
“Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!” — Efe. 6:18Yeroo xummurru "ani kadhadheera" jennee wal beeksifna. Kunis waliin jiraachuu keenya kan argisiisu fi tokkummaa keenya kan cimsu ta'a. Waaqayyo tokkummaa keenya baayyee jaallata!
Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas! Faarfannaa 133:1Waaqayyo Nu Wajjiin Jira! Obboleessa koo Latii ayyaanni siif haa baayyatu, gooftaan kadhanna kee siif haa dhaga'u, haa deebisus 🙏 Obboloonni yaada kana fudhattanii hojiirra oolchitan hundumtuu eebbifamaa! Waaqayyo isin waliin haa ta'u, Ayyaanni isiniif haa baayyatu 🙏
4 271
YouTube.com/@NewGenerationTube
YouTube channel namni hundumtuu hordofuu fi subscribe gochuu qabu. Faarfannaa fi barumsa Macaafa Qulqulluu bifa garagaraan kan dhiyeessudha!
4 271
Yeroo namni "Naa kadhadhu/naa kadhadhaa" jedhu, tole hin jedhiinaa. Tole hin jedhamu! Kun sababa dagannaadha. Yerooma sana "maal rakkattee, dhimma kam irratti?" jedhaa gaafadhaa. Waan inni isinitti himatu erga dhageessanii achumatti bilbilaanis haa ta'u qaamaan, tole Waaqayyoon kadhannaa jettanii itti fufuudha. Maal eegnaree?
• Mana qulqullummaa deemnee achitti kadhanna akka hin jenne manni qulqullummaa numadha.
• Lubatti dhaqnee himna akka hin jenne luboonni kakuu haaraa numadha.
• Dura aarsaa dhiyeessina akka hin jenne aarsaan kakuu haaraa numadha.
Sirni waaqeffannaa meeshaa, bartee fi fooniin utuu hin ta'iin dhugaa fi hafuuraan ta'eera. Ammumma yaada keenya sassaabbannee hafuuraan guutamne dhugumaan abbaatti dhimma keenya maqaa Yesuusiin dhiyeessuu dandeenya.
Naa kadhadhaa 🥹🙏
4 271
1. Dubbicha Faarfachuu: Faarfannaa
Faarfannaan keenya dhugaa Macaafa Qulqulluutiin haa guutamu. Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhugaa dubbii Waaqayyotti gammadnee Waaqayyoon haa faarfannu.
2. Dubbicha Dhaga'u: Dubbisa Caaffata Qulqullaa’oo
Guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu keenya dubbisuudhaan kallattiin sagalee Waaqayyoo haa dhageenyu. Jireenyi keenya sagalee isaatiin haa geggeeffamu.
3. Dubbichaan Kadhachuu: Kadhannaa
Kadhannaan keenya fedhii keenya qofa irratti osoo hin taane Dubbii fi abdii Waaqayyoo irratti haa hundaa’u. Yaada fi jireenya keenyaaf dhugaa Dubbichaa haa deebifnu.
4. Dubbicha Lallabuu: Lallaba
Dhugaa Dubbii Waaqayyoo ofii keenyaafis namoota biroottis haa lallabnu. Falaasama namootaa osoo hin taane, jireenya keenya keessatti aangoo Dubbichaa ol haa kaafnu.
5. Dubbicha Ilaaluu: Icciitii (Cuuphaa fi Irbaata Gooftaa) .
Wangeelli dhugaa ifa ta’ee fi fakkeenyaan jireenya kiristaanummaa keenya keessatti mul’atudha. Du'uu fi du'aa ka'uu Kiristoos irratti abdii cimaa qabnu asitti haa mirkaneessinu. Waaqayyo hunda keenyaaf ayyaana haa dabalu! Dubbichi jireenya qaba, Dubbicha haa jaalannu.
Translated from Anti Word.
4 271
Hiika Sirrii Ibroota 6:4-6
Ibroota 6:4-6 ⁴ Warri ga'an yoo garagalan immoo, attamitti isaan deebisuun danda'ama ree? Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqa irraa miyeeffataniiru; Hafuura Qulqulluuttii hirmaataniiru. ⁵ Gaarummaan dubbii Waaqayyoof humni bara isa dhufuuf jiruu isaanitti dhaga'ameera. ⁶ Warri akkasii kun amantii irraa garagallaan, deebi'anii yaada garaa isaanii geddarachuudhaaf haareffamuu hin danda'an; isaan ofuma isaaniitii ilma Waaqayyoo deebisanii fannisaniiru, mul'inattis isa tuffachiisaniiru.Kutaan kun waa'ee eenyuu haasa'a? Namoonni akkasitti caqasaman kun warra amananii fayyanidhaa? Moo gareen biraa jiru? Mee video kana ilaalaa, deebii quubsaa argattu. Yoo gaaffii isinitti uume, achumaan gaafachuu dandeessu. Yoo deebii keessaa argattan immoo hiriyyoota keessaniif qooduu hin dagatiinaa: https://youtu.be/VKMVCkx4j_I?si=8td080AP9EByQeqT #Verses@EphremDiriba
4 271
Ibroota 6:4-6 ⁴ Warri ga'an yoo garagalan immoo, attamitti isaan deebisuun danda'ama ree? Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqa irraa miyeeffataniiru; Hafuura Qulqulluuttii hirmaataniiru. ⁵ Gaarummaan dubbii Waaqayyoof humni bara isa dhufuuf jiruu isaanitti dhaga'ameera. ⁶ Warri akkasii kun amantii irraa garagallaan, deebi'anii yaada garaa isaanii geddarachuudhaaf haareffamuu hin danda'an; isaan ofuma isaaniitii ilma Waaqayyoo deebisanii fannisaniiru, mul'inattis isa tuffachiisaniiru.Kutaan kun waa'ee eenyuu haasa'a jettani?
4 271
Luqaas 18:8 “..., ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?" jedhe.”Yesuus maal jechaa jira? Yeroo inni deebi'ee dhufu namni amantii qabu (namni fayyu) jiraachuun isaa haga kana shakkisiisaa? Moo kutaan kun hiika biraa qaba? Kan namoonni "Yesuus yeroon deebi'ee dhufu nama tokko illee lafa irratti argadhaa laata?" jedhe jedhanio maalidha? Gaaffiiwwan kanneeniif viidiyoo deebii quubsaa fi dhugaa Macaafa Qulqulluu irratti xiyyeeffate qabatee jiru kana isin affeereera. daawwaadha waan guddaa buufattu: Link kun kallattin video sana isiniif bana: https://youtu.be/QgVgxF8nP9M?si=5MK2UjlzzG_0cZaf #Verses@EphremDiriba
4 271
Yesuus Tiksee Kooti! Ani Tiksummaa Yesuusitti Quufeera! Sababa Komii Tokko Hin Qabu! Hoolaa Yesuus Ta'uun Attam Nama Gammachiisa?!
4 271
Maatewos 7:21-23 ²¹ Yesus, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti. ²² Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?’ anaan jedhu. ²³ Ani immoo yeroo sanatti, ‘Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mul'inatti isaanitti hima” jedhe.Kutaan kun waa'ee eenyuu haasa'a? Kutaa kana keessa qomoo/garee lamatu jiru. Isaan keessaa tokko amantootaa? Yeroo baayyee kan nutti lallabamu fi hiikni kutaa kana inni sirriin baayyee faallaadha. Jaalalli abbaa namni raawwatee ittiin Mootummaa Waaqayyootti galu hoo? Tarii hojii gaarii fi qajeelummaa keenyadha? Mee Video Kana Ilaalaa: https://youtu.be/N11lJpkpDh8?si=3ojvdUEdY6n8HN-U #Verses@EphremDiriba
4 271
Gaaffii:
Gaaffii tokko si gaafadha macaafa qulqullu irratti hundaa'un naf deebisi. Yesuus Obbolessa keenya moo Abbaa keenyadha?
Deebii:
⚠️ Akeekkachiisa: Macaafa Qulqulluu keessatti Yesuus obboleessa keenya ta'uun isaa ibasameera. Haa ta'u malee akeekkachiifni ani isiiniif kennee darbu barbaadu; Raawwatee ilmummaan keenya fi ilmummaan Yesuus Kiristoos tokko miti. Barumsi "Ani fi Yesuus tokko" jedhu barumsa dogoggoraa utuu hin ta'iin summii seexanati.
Yesuus Obbolessa Keenya Malee Abbaa Keenya Miti! Maatii tokko keessa abbaan lama hin jiru. Abbaan keenya Waaqayyo abbaadha! Yesuus barabaraa keessa ilma Waaqayyoo ture, ilmummaan isaa bara hin qabu. Garuu obboleessa keenya hin turre. Nutis ijoollee Waaqayyoo hin turre. Jaalalli Waaqayyo guddaadha. Hammam nu jaallate beektuu? Hamma tokkicha ilma isaa obboleessa nuuf godhutti, hamma diinota isaa ijoollee nu godhatutti nu jaallate! Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos foon uffatee gara biyya lafaa kana yeroo dhufetti, dhiigaa fi foon keenyaan nuun qixxee ta'eera.
Maatewos 12:46-50
Maatewos 28:10
Yohannis 20:17
Roomaa 8:29
Ibroota 2:11-14,17
Yesuus obboleessa keenya yeroo jennu, Gooftaa keenya, Waaqa keenya, Mootii keenya fi Fayyisaa keenya ta'uu isaas guutummaatti amanuu qaba!
#Deebii@EphremDiriba
4 271
Yesuus obboleessa keenya yeroo jennu, Gooftaa keenya, Waaqa keenya, Mootii keenya fi Fayyisaa keenya ta'uu isaas guutummaatti amanuu qaba!
#Deebii@EphremDiriba
4 271
Wangeelli Maal Jedha?1. Waaqayyo Jaalala Addaa Ilmaan Namaa Jaallateera
Yohannis 3:16 Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!2. Warri Isatti Amanan Ijoollee Waaqayyo Ta'aniiru
Yohannis 1:12 Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amananii dha.3. Isaan Kun Bara Baraan Hin Badan Jedha
Yohannis 10:28 Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu.4. Isaan Cubbuutti Qabamanii Hin Jiraatan Jedha
1 Yohannis 3:9 “Namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu, sanyii Waaqayyoo waan ta'eef cubbuutti qabamee hin jiraatu; mucaa Waaqayyoo waan ta'eefis cubbuutti qabamee jiraachuu hin danda'u.”5. Yoo Cubbuu Hojjetan Karaa Yesuus Dhiifama Argatu
1 Yohannis 1:9 “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.”6. Yoo Cubbuu Mul'ata Hojjetan Ni Adabamu
Mul'ata 3:19 Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mul'isa, barsiisuudhaafis nan adaba; ammas dhimmiitii yaada garaa kee geddaradhu!7. Gaafa Gooftaan Deebi'ee Dhufu Warri Du'an Ka'anii, Warra Jiran Waliin Qaama Du'aa Ka'uu Uffatanii Bara Baraan Jiraatu
1 Tasalooniqee 4:16-17 ¹⁶ Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu. ¹⁷ Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.8. Achi Keessattis Akka Akka Hojii Isaanittis Gooftaa Isaanii Irraa Badhaasa Fudhatu
1 Qorontos 3:11-15 ¹¹ Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos. ¹² Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara. ¹³ Hojiin namaa adduma addaan ibiddaan mul'ifamee in beekama, guyyaan firdii bakkeetti in baasa; hojiin namaa adduma addaan maal akka ta'e, ibiddi qoree in mul'isa. ¹⁴ Hojiin namicha isa irratti ijaaree, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii isaa in fudhata. ¹⁵ Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta'u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba'eetti in oola.Ibsa Bal'aaf Video Ilaalaa! #Barumsa@EphremDiriba
4 271
Gaaffii:
Dubartii Durbummaa Hin Qabne Fuudhuun Cubbuudhaa?
Deebii:
Tasumaa, dubartii durbummaa hin qabne fuudhuun cubbuu miti. Dhugaa jiru walitti himtanii walii gallaan waanti gaa'ela keessan daangessu hin jiru.
Namoonni baay'een durbummaan kan badu saal-qunnamtii qofaan akka ta'etti yaadu. Garuu saayinsii fi qorannoon tokko tokko akkaa mirkaneessutti: Sochii qaamaa jabaa (fakkeenyaaf: farda yaabbachuu, ba'isikilitii oofuu, fi ispoortii adda addaa). Sababa uumama qaamaatiin (dubartoonni tokko tokko durbummaa malee dhalatu jedhu, isa ani hin beeku). Gocha humnaan gudeeddii (rape) miidhamuutiin ta'uu danda'a. Dubartii kanaan miidhamte fuudhuun gaa'ela irratti cubbuu ta'uu hin danda'u; inumaayyuu obboloota akkasiif jaalalaa fi kabaja kennuutu barbaachisa. Abbaan manaa gaarii xiinsammuu haadha manaa isaatiif of eeggata.
Haa ta'u malee salqunnamtii gaa'ela duraatiin durbummaa ishee yoo dhabde ejjite/cubbuu hojjetteetti. Kiristiyaanummaa keessatti dhugaan guddaan tokko dhiifamuu cubbuuti. Dubartiin kun durbummaa ishee kan dhabde cubbuu saal-qunnamtii gaa'ela duraatiin yoo ta'e iyyuu, Gooftaan Yesuus Kiristoos fannoo irratti dhiiga isaa kan dhangalaase cubbuu akkasii hundaafidha. (1 Yohannis 1:9) Waaqayyo duratti cubbuun erga dhiifamee, namni sun qulqulluu dha; durbummaa qabaachuu fi dhabuun ishee immoo Waaqayyo biratti fudhatama ishee hin dhabsiisu. Akka isin cubbuutti hin jiraanneef jedhee dhugaa hin jallisu. Cubbuutti jiraachuu irraa kan nama fayyisu dhugaadha malee akeekkachisa ykn sodaachisuu miti.
Kana jechuun garuu utuu gaa'elatti hin galiin akka barbaanne taanee boodarra gaa'ela dhaabbachuu dandeenya ykn rakkoo hin qabu jechuu miti. Hin gowwoomiinaa! Namni Akkasii Waaqayyo irraa araara utuu hin ta'iin adaba/dheekkamsa argata. Waaqayyo hin gowwoomfamu! (Galaatiyaa 6:7). Sababa garagaraan cubbuu kanatti kufanii warra gaabbanii yaada garaa geedderataniif malee Araarri Waaqayyo kan itti qoosani fi heyyema cubbuu miti.
Qoosaa akkasii hin dhaabbatiinaa, waanti akkasii utuma Waaqayyo irraa araara argataniiyyuu dhukkuba xiinsamuu guddaa sammuu fi gaa'ela keessaniif kaa'ee darba. Dubartiin ykn dhiirri tokko wallaalummaadhaan ykn dadhabbiin kufee, booda garuu garaa guutuun gaabbee yoo deebi'e Waaqayyo ni dhiisaaf; gaa'elli isaanis qulqulluudha. Garuu ta'e jedhanii "akka natti toletti jiraadhee booda qalbii nan diddiirradha" jedhanii karoorsuun Waaqayyoon gowwoomsuuf yaaluu waan ta'eef, namni akkasii cubbuu guddaa keessa jira.
Waliigala Dubartii durbummaa hin qabne fuudhuun cubbuu miti. Inni guddaan hundarra caalu, namni sun gara fuulduraatti gaa'ela qulqulluu fi amanamaa ta'een jiraachuuf qophaa'aa ta'uu ishee, Kiristaanummaa ishee fi jaalala dhugaa isin gidduu jirudha!
#Deebii@EphremDiriba
4 271
Gaaffii:
Ofiin Ofirraa Baasuun Cubbuudhaa?
Deebii:
Eeyyee, ofiin ofirraa baasuun (masturbation) cubbuudha. Salqunnamtiin gaa'ela keessatti qofa akka raawwatamuuf eebba Waaqayyo ittiin gammaduu fi wal hormaataaf nuuf kennedha. 🤗 Kun gaa'elaan ala yoo raawwatame "ejja" jedhama. Kakuu moofaa (seera musee) keessatti namni ejjee argame gara laafina tokko malee ajjeefama. 😳 (Ba'uu 20:14) Kun baayyee kan Waaqayyoon gaddisiisu ture. Kakuu haaraa (seera Kiristoos) keessattis ejji hin heyyemamne. Inumaayyuu isa duraa caalaa kan cimu, "namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera." jedhame. 😬 (Maatewos 5:28)
Ofiin ofirraa baasuun akkamitti cubbuu ta'a?
1. Hawwii salqunnamtii gaa'elaan alaa irraa waan madduuf ejjedha. Ofiin ofirraa baasuun yeroo baay'ee yaada hawwii foonii fi fedha gadhee sammuu keessatti uumamuun walqabata. Gocha kana raawwachuuf sammuun kee nama biraa hawwuu ykn suuraa fedha foonii kaasu ilaaluu danda'a. Kunimmoo abboommii Maatewos 5:28 irra jiru cabsuudha.
2. Dhagna Hafuurri Qulqulluu keessa jiru xureessuu waan ta'eef cubbuudha. Dhagni keenya mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluuti. Fedha keenya qofa ba'achuuf yommuu fedha isaa (qulqullummaa) ofirraa dhiibnu, yommuu nuyi dhagna keenya xureessinu, hafuuricha gaddisiifna. Kunimmoo abboommii 1 Qorontos 6:18-20 irra jiru cabsuudha. Kana malees dhagna Waaqayyoof bitame kana dhukkuba fi miidhama garagaraa qaqqabsiisuun dhagna keenyaa fi hafuura keenya akka malee miidha.
3. Of To'achuu dadhabuu waan ta'eef cubbuudha. Ija hafuurri qulqulluu amantootaa keessatti baafatu keessaa tokko of qauudha. Nuti immoo hafuuraa geggeeffamuu didnee fooniif gaafa bitamnu cubbuu kana hojjenna jechuudha. Foon keenyaaf garba ta'uu hin qabnu. (1 Tasaloniiqee 4:3-4)
4. Sanyii seera uumamaan ala gatuu waan ta'eef cubbuudha. Waaqayyo sanyii dhiiraa keessa humna sanyii wal-horsiisuu fi jireenya uumuu kaa'eera. Sanyii kana gaa'elaan alatti, kaayyoo Waaqayyo uumeen alatti bifa kanaan gatuun ykn dhangalaasuun kaayyoo uumamaa Waaqayyoo fashaleessuu fi uumama isaa jal'isuudha. (Uumama 38:9-10)
Furmaanni isaa maali?
Obboleessa ko, cubbuu kana keessaa ba'uuf humna keetiin hin dandeessu. Ayyaanaa fi araara Waaqayyoo si barbaachisa! Caqasoota kana dubbifachuu qabda 👌
1. Garaa guutuun gaabbi: Cubbuu kee Waaqayyotti himadhu, dhiifamas gaafadhu. Dhiigni Yesuus Kiristoos cubbuu hundumaatti nu qulqulleessa. 1 Yohannis 1:9 🤕
2. Kallattii ija keetii fi sammuu keetii jijjiri: Wanta fedha foon kee kakaasu (suuraa, fiilmii, ykn yaada xuraa'aa) irraa fagaadhu. Baqadhus 2 Ximotewos 2:22, Iyoob 31:1, Faarfannaa 101:3
3. Humna Hafuura Qulqulluutti amanadhu: Sagalee Waaqayyoo qayyabadhu, kadhannaatti jabaadhu.
Waaqayyo gooftaan humna cubbuu kana mo'achuu siif haa kennu! Roomaa 8:13
4. Sammuu kee waanta qulqulluu ta'een guuti: Gara waldaa deemi, obboloota waliin yeroo dabarsi, kitaaba dubbisi, kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu. Filiphisiiyus 4:8, Faarfannaa 119:9
5. Gaa'ela dhaabbachuuf yaali: gorsi Phaawulos obboloota dhibee kanaan rakkataniif qabu kana. Namni miira isaa to'achuu hin dandeenye cubbuu kana keessa turee ofiis miidhamee Waaqayyoonis gaddisiisuu mannaa gaa'ela yoo dhabbate isaaf wayya. 1 Qorontos 7:9
"Video salqunnamtii ilaaluun cubbuudhaa?" Jettee akka nan gaafanne, dubartii dingata karaa adaamtu ija hawwiitiin yoo ilaalteyyu achuma dhaabbadhuu Gooftaa dhiifama gaafadhu! 🫡 Ifadhaa?
4 271
Wangeelli Maal Jedha? Dhugaa Wangeelaa Namni Hundumtuu Hubachuu Qabu 8 YouTube Irratti Isiniif Gadhiiseera. Kiristaanonni Hundumtuu Dhaggaffachuu fi Warra Misiraachoo Kana Dhaga'uu Qaban Hundaaf Qooduu Qabna!
https://youtu.be/ehVveJ72uz8?si=zYnbQ7rJY5E6fkak
Ayyaanni Isiniif Haa Baayyatu!
4 271
Gaaffii Macaafa Qulqulluu Qabdaa?
@EphremDiribaChat
Dhuunfaatti Gargaarsa Hafuuraa Barbaaddaa?
http://t.me/EphremDiriba?direct
Social Media Biroo:
• YouTube • TikTok • Facebook •
