cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Ephrem Diriba

Subscribe godhaa: YouTube.com/@EphremDiriba Yaada fi Gaaffiif: @Ephrem_Diriba Come See My Studio: @EphaStudio

Більше
Фінляндія1 185Мова не вказанаФільми36 684
Рекламні дописи
5 702
Підписники
-1124 години
-447 днів
+1030 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Deebii Gaaffii Keessanii | 29 Gaafficha: 2 ,“Isaan gaaricha irraa utuu gad bu`uutti jiranii Yesus, "Ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa hamma kaafamutti, mul'ata argitan kana nama tokkotti iyyuu hin himinaa!" jedhee bartoota isaa abboome.” — Mat. 17:9 Malifii hin himnaa jedhaa bakka bayyetii dinqii yerroo hojjatuu himnaa jedhee bararatotaa isaa abomaa? Deebii: Sababa Garagaraa 3 Haa Kaafnu. 1. Yesuus Naamusa Qabeessa. Waaqayyo Waa'ee Isaa; “inni hin iyyu, hin wacu, sagaleen isaas karaa irratti akka dhaga'amu hin godhu” Jedhee Raajotaan Dubbateera. 2. Inni Of Mullisuu Hin Barbaadu. Raajonni Keenya Garuu, Yeroo Seexanni Iyyu "Mic Itti Qabi" Yeroo Dhukkubsataan Fayyu "Mic Itti Qabi, Amma Yeroo Ani Siif Kadhadhu Maaltu Sitti Dhagaa'ame?" Jechuudhaan Yesuus Biraa Akka Hin Ta'iin Of Saaxilu. Yesuus Amala Akkasii Hin Qabu. Fayyuu Isaaniitti Malee Fayyisuu Isaatti Iddoo Hin Kennu. 3. Abboota Amantii Yeroo Sanaatiin Mormamaa Akka Ture Beekamaadha. Waaqayyo Karaa Isaanii Aarsaa Ta'ee Akka Inni Dhiyaatu Waan Barbaadeef Eenyummaa Isaa Kana Mul'isuun Gaarii Hin Turre. Sababni Isaas Masihicha Ta'uu Yoo Amanan Isa Hin Fannisiisan, Inni Yoo Hin Fannifamu Ta'emmoo Fayyinni Keenya Maaliniree?
Показати все...
🙏 9 4👍 2
Namoota Gooftaa Hin Qabneef Erguun Ittiin Dhugaa Ba'uu Dandeessu. Share Godhaa Maaloo...
Показати все...
14👏 1
Deebii Gaaffii Keessanii | 28 Gaafficha: Nagaan Waaqayyo siif haa baay'atuu! Gaafi tokkon qabaa. Gaafichis kuno akkas jedhaa, Akka macaafnni qulqulluun jedhutti namni gaafa du'uu in boqootaadhaa(rafaa) (Yoh.11:11). Du'uu jechuun foonif lubbuun gargar ba'uu jechuudhaa. Eegaa erga gargar ba'aanii foonni biyyo irraa waan dhufeef biyyotti deebi'aa( Lal.12:7). Lubbuuno eessa dhaqxii? Deebii: Namni Waa Sadii Jechuunis; Foon, Lubbuu fi Hafuura Akka Qabu Beekamaadha. Foon = Ijaan Kan Mul'atu, Biyyoo Irraa Kan Tolfame fi Biyyootti Kan Deebi'udha. Lubbuu = Beekumsa, Fedhii, Miira fi Yaada Keenya Jechuudha. Hafuura = Humna Lubbuu Jiraachisu Waaqayyo Biraa Nuuf Kenname fi Gaafa Inni Nu Keessaa Fudhatamu Kan Lubbuun Keenya Du'udha. Meeshaa Humna Elektirikiidhaan Hojjetu Fakkeenya Haa Fudhannu. Qaamni Fuulduraa fi Dudduubaa Isa Golge Jira (Foon) Akkasumas Humna Ibsaa Yoo Argate Kan Sosochu fi Faayidaa Garagaraa Nuuf Argamsiisu Keessa Isaa Jira (Lubbuu) Faayidaa Garagaraa Akka Argannuuf Immoo Humni Elektirikii Jira (Hafuura). Egaa Akkuma Humna Elektirikii Yeroo Dhabu Meeshaan Kun Hojjechuu Hin Dandeenye, Hafuura Waaqayyoo Malee Lubbuun Keenya Yaadu fi Fedhii Kamiyyuu Qabaachuu Hin Danda'u. Ni Du'a. Caqasni Kun Sirriitti Siif Ibsa: “Yeroo hafuurri isaa keessaa baatu, inni deebi'ee biyyoo in ta'a; guyyuma sanas akeeki isaa in bada.”   — Faarfannaa 146:4 — Hafuurri = keessaa ba'a Foon = Biyyoo Ta'a Lubbuun (Akeeki Isaa) = In Bada #ComingSoon On YouTube.com/@EphremDiriba
Показати все...
👍 6 3
“Harreen nama si jibbu tokkoo ba'aa baatee kufee yoo argite, gargaari malee dhiiftee bira hin darbin!” — Seera Ba'uu 23:5 — Al Tokkotti Dhukkuba Hafuuraa fi Foonii Kan Namatti Fidu Jibba (Haaloo Qabachuu) Yoo Ta'u, Kiristaanota Irraa Waan Hin Eegamnedha. Keessumatti Dhaloonni Dhuma Baraa Irra Jirru Kun Isa Kana Irraa Bilisa Ta'uu Qabna. Ka'umsi Tajaajila Dhaabuu, Gammachuu Dhabuu, Waaqeffannaa Hir'isuu fi Dhukkuba Garaachaa Namoota Baayyee Isa Kanadha - Jibba. Kun Seexanni Gonfoo Nu Dhabsiisuuf Kiyyoo Inni Ittiin Nu Hidhedha... Akka Durii Hojii Waaqayyoof Fiiguu Nama Dadhabsiisa... Kottaa, Namoota Nu Gaddisiisaniif Dhiifama Goonaa (Utuma Isaan Dhiifama Nun Gaafatiin) Kottaa, Namoota Gaddisiifne Dhiifama Gaafannaa. Bilisa Ba'aa...
Показати все...
23👍 1
“Garaa galateeffatuu fi yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!” — Qolosaayis 4:2 — Yeroo Tokko Tokko Gaarii Sitti Fakkachuu Dhiisuu Danda'a; Ta'us Waanti Waaqayyo Hojjetu Hundinuu Gaariidha. Haala Kam Keessa Yoo Jiraatte Iyyuu Galateeffachuu Irraa Duubatti Hin Jedhiin. Gaafa Waaqayyo Maaliif Akka Akkas Godhe Hubattu Hin Gaabbituutii. Yaada Dammaqaadhaan Kadhadhu. Lafa Kanarraa Akka Deemuuf Jirtuu fi Mana Kee Isa Waaqa Irraa Utuu Hin Dagatiin, Waanuma Kara-Deemaaf Barbaachisu Kadhadhu Malee Akka Nama Iddoo Ga'eetti Waanuma Lafatti Hin Hidhamiin... Dammaqi... Galmi Kee As Miti.
Показати все...
20👍 4🙏 4
“⁵ Wanti halkan nama sodaachisu, xiyyi guyyaa namatti gad dhiifamus si hin sodaachisin! ⁶ Dha'icha dukkanaan namatti dhufu, dhukkuba adeemaa saafaa nama balleessus hin sodaatin!” — Faarfannaa 91:6 — Yaa Waaqayyo Abbaa, Ganama Haaraa Waan Nuu Dabalteef Waa'ee Koo fi Waa'ee Obboloota Koo Hundumaaf Maqaa Ilma Kee Yesuus Kiristoosiin Guddiseen Si Galateeffadha. Galanni Siif Haa Ta'u! Waanta Sodaachisaa Halkan Seexana Biraa Nutti Ergame Utuu Nu Bira Hin Ga'iin, Utuu Nuti Hin Argiin Waan Nurraa Qolatteef Si Galateeffannaa Galatoomi. Ameen 🙏
Показати все...
🙏 22 12👍 4👏 1
“Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.” — Roomaa 5:8 — Waa'ee Kutaa Kanaa Itti Yaaddanii Beektuu? 1. "Qulqulloota Taanee Utuu Jirruu" Jedha Miti "Cubbamoota Taanee Utuu Jirruu" Jedha 2. "Nu Ajjeessuu Isaatiin" Jedha Miti "Nuuf Du'uu Isaatiin" 3. "Hammam Akka Nu Jibbe" Jedha Miti "Hammam Akka Nu Jaallate" Jedha Kan Waaqayyo Sitti Argisiisu Jaalala Isaadha. Ati Garuu Ammayyuu Gowwoomsaa Seexanaa Isa Inni Sobee Waan Waaqayyo Si Hin Jaallanne Sitti Fakkeessu Sana Amantaa Mitii? Na Amani, Waaqayyo Si Jaallata! Eeyyee Si'umaani. ❤️
Показати все...
50👍 3
CHANNEL BARNOOTA GUDDAA DABARSAA JIRU ISIN AFFEERRE JIRRA JOIN GODHACHUUN ITTI FAYYADAMAA. 👇👇👇👇👇
Показати все...
Jechoota sammuu bohaarsan
Jechoota hayyootaa
Barnoota guddina dhuunfaa keenyaaf
Seenaa
Mudannoo
Walaloo jaalala
Bashannana Hundumaaf
Join godhachuun irraa baradha
Tasgabbaa'i • Akka Waan Yaada Seexanaa Yaada Keetiin Mo'attuu Dhiphattee Of Hin Yaaddessiin, Harka Waaqayyoo Jala Of Galchi, Inni Waan Godhu Beekaatii... Ati Tasgabbaa'i • Akka Waan Lubbuun Kee Ogeessa Fayyaa ykn Raajii Harka Jiruu Yoon Isa Bukkee Deeme Malee Jettee Ofis Namas Hin Dhiphisiin, Waaqayyo Waan Godheef Qabaatii... Ati Tasgabbaa'i Mee Waaqayyo Irratti Of Gati... Tasgabbaa'i Beqqaa Tasgabbaa'i
Показати все...
35👍 11🙏 6
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.