uz
Feedback
Oromia Legal Training and Research Institute

Oromia Legal Training and Research Institute

Kanalga Telegram’da oā€˜tish

Ko'proq ko'rsatish

šŸ“ˆ Telegram kanali Oromia Legal Training and Research Institute analitikasi

Oromia Legal Training and Research Institute (@ilqso1) kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 10 181 obunachidan iborat bo'lib, Qonun toifasida 872-o'rinni va Efiopiya mintaqasida 3 271-o'rinni egallagan.

šŸ“Š Auditoriya koā€˜rsatkichlari va dinamika

невіГомо sanasidan buyon loyiha tez oā€˜sib, 10 181 obunachiga ega boā€˜ldi.

11 Sentabr, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga koā€˜ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni 185 ga, soā€˜nggi 24 soatda esa 4 ga oā€˜zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.

  • Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
  • Jalb etish (ER): Auditoriya oā€˜rtacha 35.59% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 14.40% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni toā€˜playdi.
  • Post qamrovi: Har bir post oā€˜rtacha 3 622 marta koā€˜riladi; birinchi sutkada odatda 1 465 ta koā€˜rish yigā€˜iladi.
  • Reaksiyalar va oā€˜zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga oā€˜rtacha 6 ta reaksiya keladi.

šŸ“ Tavsif va kontent siyosati

Kanal uchun tavsif kiritilmagan.

Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 12 Sentabr, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli boā€˜lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Qonun toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini koā€˜rsatadi.

10 181
Obunachilar
+424 soatlar
+347 kun
+18530 kun
Postlar arxiv
#Baga_Nagaan_Jala_Bultii_Bara_Haaraa_Geessan! Inistiitiyiitin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Baga Bara Haaraa 2019 Nagaan Geettan jechaa, Barri Haaraan kan Nagayaa, kan Fayyaa, kan jaalalaa, kan Guddinaa Hunda keenyaf Haa ta'u jechuun hawwii qabu ibsa. #Ayyaana_Gaarii!

ILQSOn Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Dheeraatti Mana Harmee ijaaruuf Dhagaa Bu’uura kaaye. (Qaammee 4, 2018 ILQSO,Adaamaa) Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Godina Arsii magaalaa Dheeraatti hojii kenna tajaajilaa lammumaatin ijaarsa mana harmee, Qooddii Maaddii fi barattoota maatii harka qal’eeyyitiif guyyaa kaleessaa deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisee. Hojii kenna tajaajila lammummaa kanaan mana harmee tokkoo ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaayun qooddii maaddii zayitaa fi daakuu harka qal’eeyyii 60 fi barattoota maatii harka qal’eeyyii 60f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera. I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, simannaa taasifame galateeffachuun , hojiiwwan gama leenjii, qorannoo fi qo’annoo seeraa gaggeessuu fi tajaajila gorsa seeraa kennaa jiruun cinatti hojii tola ooltummaatinis kallattii mootummaan kaayen bara kana Bulchiinsa magaalaa Dheeraatti mana harmee ijaaruuf hojii waaqaa fi nama biratti jaalatamaa tahe kana hojjachuuf carraa argachuutti gammachuu qaban ibsanii jiru. Dabalatanis Obbo Taaddasaan ILQSOn mana harmee ijaaramu kana istaandardii mootummaan kaayen ijaaree meeshaa guutuu waliin kan kennu tahuu ibsuun, ayyaana bara haaraa sababeeffachuun qooddiin maaddii fi meeshaalee barnootaa deeggarsa gochuu himanii jiru. I/Gafaatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinnaa Godina Arsii Aaddee Ra’iisaa Aadam hojiin tajaajila lammuummaa kallattii mootummaan kaayen hojjatamaa jiru hawaasa keenya fayyadamaa taasisaa jira jechuun, ILQSOnis hojii boonsaa kana hojjachuuf baga nagaan dhuftan jechuun gammachuu qaban ibsanii jiru. Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Dheeraa Obbo Nuuraa Huseen haasaa taasisaniin baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda, tajaalila lammummaatin hanga ammaatti manni harka qal’eeyyii 17 ijaaramuu ibsuun, ILQSOn amma hojii tola ooltummaatin nutti makames yeroo gabaabaa keessatti mana harmee ijaarsisee xumuruun rakkoo gama kanaan jiru furu keessatti gahee irraa eegamu akka bahu abdii qaban ibsanii jiru. Dhuma irrattis Bulchiinsi magaalaa Dheeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif kennaa Aadaa Arsii biratti kabaja qabu kennee jira.

Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu Hojjattootaaf kenname. (Qaammee 3/2018/ ILQSO, Adaamaa) Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif mata duree Istaandardii kenna Tajaajilaa fi Naamusa Hojjattoota Mootummaa jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyaa kaleessaa kennee jira. kaayyoon leenjichaa maamila giddugaleessa godhatanii tajaajila kennuu keessatti ogummaa naamusaan dabaalameen tajaajila irraa eegamu akka kennaniif tahuun ibsame. Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad leenjicha woyta eegalchiisan akka jedhanitti, barbaachisummaan leenjii kanaa hojii keessan akkaataa istaandardii baheetiin karaa naamusa qabuun hojjachuun milkaa’ina hojiif gahee keessan akka baatan jechuun dhaamanii jiru. I/A Daayrekterra Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Taaddasaa Nugusee ergaa hojjattootaaf dabarsaniin, fedhii leenjii bara jalqabarratti hojjattoota keennaf barbaachisan jennee adda baasne keessaa matadureewwan guyyaa har’aa leenjiin irratti kennaman kun murteessaa tahuu ibsuun, hojjataan naamusa irraa eegamu beekee tajaajila kennamu fooyyessuuf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf kannamu kana xiyyeeffannoon akka hordofan dhaamanii jiru. Leenjicha kan kennan Biiroo Pabiliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatti Obbo Taaddalaa Amansiisaa ,Daayrekteera Hordoffii fi Deeggarsa Istaandardii Kenna Tajaajilaa fi Obbo Malaakuu Fallaqaa Daayrekteera Bobba’iinsa Hooggansa Qabeenya Namaati.

Qaammee 2/2018 Walharkaa fuudhinsi pirojektii ijaarsa Mana kitaabaa fi kaafteeriyaa ILQSO bakka Hooggansi Ol’aanoon argamanitti Gaggeeffame. Pirojektiin Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mana kitaabaa, Kaafteeriyaa fi Mana Eegumsaa ijaarsisaa ture xumuruun guyyaa har’aa walharkaa fuudhinsi gaggeeffame. sagantaa kana irratti ogeessonnii fi gorsitoonni projektichaa dhiimmi ilaallatu jalqaba irraa hanga xumuraatti ijaarsa pirojektichaa hordofaa kan turan ta’auun ibsameera. Walharkaa fuudhinsa ijaarsa pirojektii kanaa irratti kan argaman Pirezidantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gazaalii Abbaasimal akka jedhanitti, pirojektii kan jalqaba irraa kaasee hanga ammaatti gara ILQSO woyta dhufan hordofaa turuu fi hooggansi garanatti dhufus xiyyeeffannaan akka hordofu taasisaa turuu ibsanii jiru. Dabalataanis Obbo Gazaaliin pirojektiin kun qabeenya guddaa qaamolee haqaa akka tahe ibsuun waan ogessota dhimmi ilaalu waliin irra deemanii ilaalanitti gammachuu qaban ibsanii jiru. Akka waliigalaatti Pirojektiin kun sababoota garaagaraatin yeroo taa’ef keessatti xumuramuu baatus, haalli ijaarsa gaarii tahuu ibsuun haala teeknikaa ogeessonni akkaataa ogummaa isaanitiin xiyyeeffannoo kennuu akka qaban dhaamanii jiru. Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad haasaa taasisaniin, qaamolee adda addaa ijaarsa piroketii kanaa keessatti gorsa ogummaa fi hordoffii taasisaa turan hunda galateeffachuun pirojektichi sadarkaa kana irra gahee walharkaa fuudhinsa gaggeessuu isaanitti gammachuu qaban ibsanii jiru.

Leenjiin Duudhaalee Aadaa, Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa Cimsu kennamaa jira. (Hagayaa 30/2018, ILQSO, Adaamaa) Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n leenjifamtoota lenjii hojiin duraa marsaa 19ffaaf mata duree ā€œDuudhaalee Aadaa ,Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaaā€ jedhu irratti leenjii gabaabaa naamusa ogummaa cimsu kennaa jira. ILQSOn ogeessota seeraa naamusaa fi dandeettii ol’aanaa qaban horachuuf ogummaa naamusaa sagantaa leenjii idileetiin kennamu irratti dabalataan barbaachisummaa isaatti amanuun mata duree kana irratti leenjii naamusa ogummaa cimsu leenjitootaaf kennaa jira. kaayyoon leenjii kanaa Ogimmaa Naamusaa Abbootii Seeaa fi Abbootii Alangaatiif danbiin taa’en dabalatatti ogeessota seeraa naamusaa fi safuu Oromootin dagaagan horachuuf akka tahe ibsame. Leenjii kana irratti haasaa baniisaa kan taasisan B.B Daayrekteera Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Abdii Asafaa ergaa leenjifamtootaaf dabarsaniin ā€œILQSOn ogummaa naamusaa idilee ogeessota seeraatiif sagantaa idileetiin kennamu cinaatti mata duree kana irratti leenjiin akka kennamu kan taasisseef ogeessota seeraa qaroominaan aadaa fi safuu hawaasa isaa eegee tajaajila irraa eegamu haqaan kennuf hubannoo cimsuuf tahuu ibsuun leenjifamtoonni ogummaa naamusaa qaban irrati waan leenjii kana irraa argatan akka hojiitti hiikan dhaamani jiru. Leenjicha kan kennan Hayyuu Aadaa fi Afoola Oromoo, Barsiisaa fi Qorataa Aadaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa, Obbo Leeniin Quuxoo ti.

Hagayya 29/2018 #ILQSOn Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 19ffaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Daawwachiise. Inistiitiyuutiun Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n xumura leenjii sababeeffachuun Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Pirojektii Bishaan Qabbanaa daawwachiise. Daawwannaa kana irratti Hooggansa, Leenjistootaa fi Qorattoonni Inistiitiyuutichaa hirmaatanii jiru. Manni Murtii Waliigala Oromiyaa daawwattootaaf simannaa erga taasisee booda Galma Caffee Araaraatti haala ijaarsa gamoo fi tajaajila sirna haqaa fooyyessuuf kennamaa jiru ibseera. Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti Itti gaafatamaan waajjira Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa Obbo Fayyeeraa Hayluu woyta ibsa kennan, xiyyeeffannoo Mootummaan fooyya’iinsa sirna haqaatiif kenneen gamoon kun ijaaramuu ibsuun, Gamichi bakka dur Oromoon taa’ee itti wal araarsutti ijaaramuun adda isa taasisa jedhanii jiru. Dabalataanis tajaajiloota gamoo kana keessatti kennaman bal’innaan ibsuun teeknoolojii fayyadamuun tajaajila sirna haqaa saffisaafi qaqqabamaa taasisuun uummata keenya fayyadamaa taasiseera jedhan. Leenjifamtoonnis ILQSOn sagantaa akkasii qopheesssee iddoowwan seena qabeessa kana daawwachiisuutti gammaduun galateeffatanii jiru.

Hagayya 28 /2018 #Marsaa_5ffaa_kutaa_12ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #12ffaan Mirgi Abbaa Qabiyyummaa lafa baadiyaa maali? Bulchiinsa lafa baadiyaa gaa’ela keessatti qabeenya biroo irraa maaltu adda taasisa? Barbaachisummaan labsii kanaa hoo maali? Gaa’ela keessatti qabiyyeen lafa baadiyaa akkamitti ilaallama? Diiggaa gaa’ela keessatti uumamuun walqabatee qoqqooddin qabiyyee lafa baadiyaa ija seeraatiin akkamitti ilaalama? Gaa’elli dhaabbataa ta’ee akka itti fufuuf gaheen hawaasaa fi walfuutotaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Abbabaa_Jootee ti. Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.

Hagayya 22 /2018 #Marsaa_5ffaa_kutaa_11ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #11ffaan Kaayyoon Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Bishaanii maali? Qabeenya bishaanii qabnu akkaataa kamiin qulqullina isaa eeguu dandeenya? Labsii Bulchiinsaa fi itti fayyadama Bishaanii ilaalchiisee gochoonni dhoorgaman maal fa’a? Qulqullina bishaanii eeguuf gochoota seeraan dhoorgaman yoo darban tarkaanfii akkamii hordofsiisa? Labsiin kunis akka hojii irra oolu gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama bishaaniin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Zabbanaa_Shibashii ti. Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.

Hagayya 21/2018 Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa itti fayyada Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti leenjii gabaabaa hubannoo uumuu kenne. ILQSOn itti fayyadama Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti Daayrekteroota, Dursitoota Garee fi Ogeessota Ol’aanoof leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu Magaalaa Bishooftuuttti kennee jira. Kaayyoon leenjii gabaabaa kanaa kallattii akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaa’ameen karooraa fi raawwii hojii Daayirektoreetii, Dursitoota Garee fi hojjettoota dhuunfaa ragaa qabatamaa irratti hundaa'uun karaa qulqullina qabuun madaaluuf akka tahe ibsameera. Leenjii kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, ILQSOn kallattii Mootummaan kaa’e kanaan raawwii hojii mana hojichaa hanga hojjetaa dhuunfaatti madaaluuf qaawwa jiru adda baasee leenjii kana qopheessuu ibsuun, qaamoleen leenjii kana irratti hirmaatan hubannoo fi beekumsa leenjii kana irraa argame gara qabatama hojiitti jijjiiruu waan qabaniif leenjichaaf xiyyeeffannoo olaanaan akka kennamu dhaamanii jiru. Dhuma irrattis Obbo Taaddasaan leenjii kana irraa hubannoon argame Daayrektteroonni fi Dursitoonni garee gara hojjattoota isaaniitti gadi buusuun wal hubachiisuun milkaa’ina hojii kanaaf gahee isaanii akka bahan dhaamsa dabarsanii jiru. Leenjicha kan kennan Waajjra Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ogeessa Sooftlweer Pirogiraamarii kan ta’an Obboo Taaddasaa Malkaa ti.