ch
Feedback

不要被骗子欺骗!Telemetrio 会找到并标记这些频道 👉 如果想查看标记,请订阅

Oromia Legal Training and Research Institute

Oromia Legal Training and Research Institute

前往频道在 Telegram

📈 Telegram 频道 Oromia Legal Training and Research Institute 的分析概览

频道 Oromia Legal Training and Research Institute (@ilqso1) 是活跃参与者。目前社区聚集了 10 540 名订阅者,在 法律 类别中位列第 859,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 3 266 位。

📊 受众指标与增长动态

自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 10 540 名订阅者。

根据 18 十一月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 233,过去 24 小时变化为 6,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 44.16%。内容发布后 24 小时内通常能获得 15.51% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 4 654 次浏览,首日通常累积 1 635 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 7。

📝 描述与内容策略

尚未提供频道描述。

凭借高频更新(最新数据采集于 19 十一月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 法律 类别中的关键影响点。

10 540
订阅者
+624 小时
+427 天
+23330 天
帖子存档
photo content
18 11月, 06:24

Sadaasa 9/2019 #Marsaa_5ffaa_Siimpooziyeemii_Biyyaalessaa Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa bara hundeeffama isaa irraa eegalee Leenjii Hojiin Duraa, Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa, Tajaajila Gorsa Seeraa, Qorannoo fi Qo’annoo Seeraa, Joornaalii Seeraa Maxxansiisuu fi Siimpooziyeemii Biyyaalessaa gaggeessuun fooyya’iinsa sirna haqaa Naannichaa keessatti hojii boonsaa hojjachaa tureera. Ammas hojjachaa jira. #ILQSOn Bara 2015 irraa eegalee mata dureewwan woytaawaa ta’an irratti Siimpooziyeemii Biyyaalessaa si’a 4 kan gaggeesse yoo tahu, bara kanas mata duree, Indigenous Systems, Legal Pluralism and Cultral Transformation for Nation Building and National Consensus, jedhu irratti Siimpooziyeemii Biyyaalessaa qopheessuf sochii taasisaa jira. kanaaf Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ogeessota fedhii qaban akka hirmaatan affeeree jira. #ILQSO_Wiirtuu_Gahoomina_Seeraa!
18 11月, 06:23

12 11月, 05:18

Sadaasa 3 /2019 #Marsaa_5ffaa_kutaa_19ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #19ffaan Yakki maallaqa ykn qabeenya gocha seeraan alaatiin argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyerssuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu maali? Yakki kun akkamiin raawwatama? Gochoonni yaaka kanaaf ka’uumsa tahan maal fa’a? Amalli addaa yakka kanaa maali? Yakka kana ittisuuf tarkaanfiin fudhatame hoo? Yakka kana ilaalchisee gochoonno labsiidhaan dhoorkaman maal fa’a? Yakka kana raawwachuun adabbi akkamii hordofsiisa? Yakka maallaqa ykn qabeenya gocha seeraan alaatiin argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyerssuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu kana ittiisuuf gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota yakka kanaan walqabatan irratti ibsa bal’aa kan kennan Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Getaachoo_Kabbadaa ti. Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
12 11月, 04:57

photo content
+7
06 11月, 05:59

Kabaja Ayyaana Sabaa fi Sablammoota Uummattoota Itoophiyaa 21ffaa Sababeeffachuun Leenjiin Gabaabaan Hubannoo Uumu Hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif kenname. (Onkololeessa 27/2019,ILQSO, Adaamaa) kabaja Ayyaana SSUI sababeeffachuun Leenjiin gabaabaan Hojjattoota Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif Mata duree “Feederaaliizimii fi Daneessummaa: Maalummaa, Barbaachisummaa fi Hiika Biyya Itoophiyaa ijaaruuf Qabu” jedhu irratti kennamee jira. Sanada qophaa’e irratti leenjii kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Abdii_Gurmeessaa(PhD) yoo ta’u, mata durecha keessatti qabiyyeewwan hedduu kaasuun leenjii hubannoo cimsu kennanii jiru. Leenjii kana irratti hirmaattonni barbaachisummaa feederaalizimii fi daneessummaa irratti yaada bal’aa kaasuun biyya akka Itoophiyaa Sabaa fi Sablammoonni hedduun keessa jiraatu fi Afaan hedduun keessatti dubbatamu keessatti waldanda’uu fi wal kabajuun barbaachisaaa tahuu kaasanii jiru. Kabaja Ayyaana Sabaa fi Sablammoota Uummattoota Itoophiyaa 21ffaa fuuldura kanatti kabajamu irrattis sirna feederaalizimii fi daneessummaa cimsuun walqixxummaa sabaa fi sablammootaa mirkaneessuun cimee itti fufuu qaba jedhameera. Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO Abdii Gurmeessaa (PhD) yaada bal’aa fi dhimmoota feederaalizimiin walqabatan akka gaafitti hirmaattota biraa ka’aniif deebii kennuun, Guyyaan kabaja Ayyaana Sabaa fi Sablammoota Uummattoota Itoophiyaa ibsama eenyummaa sabaaf fi sablammoota biyya keenyaa hunda waantaheef aadaan wal danda’uu fi tokkummaan biyya ijaaruu cimuu akka qabu dhaamanii jiru. #ILQSO_Wiirtuu_Gahoomina_Seeraa!
06 11月, 05:58

05 11月, 04:35

Onkololeessa 26/2019 #Marsaa_5ffaa_kutaa_18ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #18ffaan Waliigalteen Wabummaa maali? Dirqamni Wabummaa karaa meeqaan hundaa’a? Kaayyoo fi Barbaachisummaan Wabummaa maali? Gosoonni Wobummaa Maal fa’a? Waliigalteen Wabummaa ulaagaalee akkamii qaba? Hawaasni waliigaltee wabummaa yoo walii seenan maal gochuu qabu? kan jedhuu fi dhimmoota waliigaltee wabummaatiin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Abbabaa_Jootee ti. Qophicha fuula dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
05 11月, 04:15

30 10月, 06:50

Onkololeessa 20/2019 #Marsaa_5ffaa_Kutaa_17ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa. Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #17ffaan AI (Artificial Intelligence)n maali? Faayidaa fi Barbaachisummaan AI hoo maalidha? Miidhaa AI/ Artificial Intelligence’n qaqqabsiisu ittisuuf seeronni bahanii hojiirra jiran maal fakkaatu? AI(Artificial Intelligence) fayyadamuun yakkoota akkamiittu raawwatama? Yakkoonni gama kanaan raawwataman yoo argaman adabbii akkamii hordofsiisu? AI’n Faayidaan isaa ol’aanaa waan taheef Hawaasni akkaataa kamiin itti fayyadamuu qabu? Duudhaa fi Safuu Hawaasaa akka hin cabsineefis Mootummaa fi Hawaasa irraa maaltu eeggama? kan jedhuufi dhimmoota Itti fayyadama AI’n walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obbo_Kidaanee_Shifarraa ti. Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
30 10月, 04:14

photo content
+4
29 10月, 13:37

Gumiin Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Gurmaa'insa fi Caasaa Inistiitiyuutichaa Haaraa Mirkaneesse. (Onkololeessa 19/ 2019, ILQSO,Adaamaa) Gumiin ILQSO guyyaa har’aa walgayii isaa idilee magaalaa Bishooftuutti gaggeesseen akkaataa Dambii Hundeeffama Inistiitiyuutichaa Lakk.77/99 Keewwata 10 Keewwata Xiqqaa 8tiin aangoo kennameef irratti hundaa'uudhaan gurmaa'insaa fi caasaa haaraa Inistiitiyuutichaa qorannoo irratti hundaa'ee hojjetamee dhihaate irratti mari'achuun yaadota galtee ta'an itti dabaluudhaan mirkanaa'ee akka hojiirra oolu murteessee jira. Gurmaa'insi fi caasaan Inistiitiyuutichaa haaraan qoratamee dhihaate kun gurmaa'insa mootummaa Naannichaatiin hojiirra oolee jiru bu'uureeffachuudhaan hojiiwwaan Inistiitiyuutichi gama leenjii seraa, tajaajila gorsa seeraa, qorannoo fi qo'annoo seeraatiin hojjetu sadarkaa olaanaatti ceesisuun Inistiitiyuutichi sirna haqaa fi seeraa Naanichaa itti fufiinsaan fooyyeessuu keessatti gahee isaa karaa bu'a qabeessa ta'een akka bahu kan taasisu ta'uun isaa ilaalameera. #ILQSO_Wiirtuu_Gahoomina_Seeraa!!
29 10月, 13:36

photo content
+7
24 10月, 09:01

Onkololeessa 14/2019 Qajeelfama ramaddii hojjattoota mootummaa haaraya irratti hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif hubannoon kenname Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Qajeelfama ramaddii hojjattoota mootummaa haaraya lakk.34/2019 bahe irratti hojjattoota Mana Hojichaatiif leenjiin hubannoo uumu guyyaa kaleessaa kennamee jira. Daayrekteerri Ol’aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee leenjii kan irraatti argamuun ergaa dabarsaniin hojjettoonni mootummaa qajeelfamicha sirnaan hubatanii, ramaddiin hojjattootaa seera qabeessa, iftoominaa fi haqa qabeessummaa irratti hundaa’uun akka raawwatamuuf hubannoo qabaachuu murteessaa ta'uu ibsanii jiru.
24 10月, 08:52

photo content
+7
23 10月, 13:17

Onkololeessa 13/2019 #Oduu_Muudamaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Walharkaaa Fuudhinsi Hojii Hooggansa Haaraa fi Duraanii Jidduutti Gaggeeffame. Gumiin Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa walgayii gaafa 11/02/2019 gaggeesseen gurmaa'insa haaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin hojiira oole bu'uureeffachuun muudama Daayirektera Olaanaa fi Itti Aantota Daareektara Olaanaa raawwateera. Haaluma kanaan Itti Aanaa Daareektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa kan turan #Obbo_Taaddasaa_Nugusee Ittaanaa yeroo ammaa Daareektara Ol'aanaa Inistiitiyuutichaa ta'uun muudamanii jiru. Gama biraatiin akkaataa caaseffama haaraatiin ILQSOn Itti Aanaa Daayrekteroota Olaanaa 2 qabaachuu waan qabuuf bu’uuruma kanaan: 1.Obbo Beenyaa Tarrafa Fufaa I/A Daayrekteera Ol'aanaa fi Itti Gaafatamaa Damee Keenninsa Leenjii Seeraa ta'uun kan muudaman yoo ta’u. 2.Obbo Shimallis Simee Badhaasaa immoo I/A Daayrekteera Ol'aanaa fi Itti Gaafatamaa Damee Qorannoo Seeraa ILQSO ta'uun mudamanii jiru. Hooggansi haaraa muudaman guyyaa har'aa bakka Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutichaa argamanitti walharkaa fuudhinsa hojii gaggeessuun miseensota Koree Bulchiinsaa wajjin walbaruun karooraa bara kanaa fi hojiiwwan hanga yoonaa hojjetaman irratti mariin gaggeeffameera. Daarekterri Olaatuun ILQSO duraanii Kabajamoo Aadde Addunyaa Ahimad sirna walharkaa fuudhinsa hojii kana irratti argamuun erga dabarsaniin hooggansi haaraan ramadamee dhufe hojiiwwan rifoormii Inistiitiyuutichatti jalqabaman karaa bu'a qabeessa ta'een akka raawwataman dhaamaniiru. Daarekterri Olaanaan Inistiitiyuutichaa haaraa muudaman Obbo Taaddasaa Nugusee Aadde Addunyaa Ahimad hojiiwwan gaggarii Inistiitiyuutichatti hojjechaa turaniif galateeffachuudhaan hojiiwwan gama leenjii, qorannoo fi tajaajila gorsa seeraatiin eegalamanii jiran sadarkaa olaanaan ràawwachuun ILQSO 'Wiirtuu Gahoomina Seeraa' taasisuuf kan hojjetamu ta'uu isaa ibsuun kallattiin hojii gara fuula duraa kaa'uudhaan sagantichi goolabameera.
23 10月, 13:16

22 10月, 06:58
22 10月, ~07:19

22 10月, 06:45

Onkololeessa 12/2019 #Marsaa_5ffaa_Kutaa_16ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa. Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #16ffaan Waliigaltee Bittaa fi Gurgurtaa Qabeenya Socho’aa Addaa fi Hin sochoone ilaalchisee Seerri Maal jedha ? Qabeenya Socho’aa Addaa fi Hin Sochoone ilaalchisee ulaagaaleen waliigaltee seera qabeessa raawwachuuf barbaachisan maali? Labsiiwwan dhimoota kanneenin wal qabatanii bahan maal agarsiisu? Waliigalteen kun yoo hin jiraanne miidhaa akkamii qaqqabsiisa? Hawaasni waliigaltee bittaa fi gurgurtaa qabeenya socho’aa addaa fi Hin Sochoonee ilaalchisee maal gochuu qabu? kan jedhuu fi dhimmoota wqliigaltee bittaa fi gurgurtaan walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Leenjistuu Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO) #Aaddee_Tigist_Asfaaw ti. Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
22 10月, 05:50

photo content
+7
18 10月, 08:49