en
Feedback
Oromia Legal Training and Research Institute

Oromia Legal Training and Research Institute

Open in Telegram

📈 Analytical overview of Telegram channel Oromia Legal Training and Research Institute

Channel Oromia Legal Training and Research Institute (@ilqso1) is an active participant. Currently, the community unites 10 156 subscribers, ranking 879 in the Law category and 3 268 in the Ethiopia region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 10 156 subscribers.

According to the latest data from 06 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 169 over the last 30 days and by -1 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 34.42%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 15.33% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 3 494 views. Within the first day, a publication typically gains 1 556 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 5.

📝 Description and content policy

Channel description not provided.

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 07 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Law category.

10 156
Subscribers
-124 hours
+167 days
+16930 days
Posts Archive
Leenjiin Duudhaalee Aadaa, Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa Cimsu kennamaa jira. (Hagayaa 30/2018, ILQSO, Adaamaa) Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n leenjifamtoota lenjii hojiin duraa marsaa 19ffaaf mata duree “Duudhaalee Aadaa ,Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa” jedhu irratti leenjii gabaabaa naamusa ogummaa cimsu kennaa jira. ILQSOn ogeessota seeraa naamusaa fi dandeettii ol’aanaa qaban horachuuf ogummaa naamusaa sagantaa leenjii idileetiin kennamu irratti dabalataan barbaachisummaa isaatti amanuun mata duree kana irratti leenjii naamusa ogummaa cimsu leenjitootaaf kennaa jira. kaayyoon leenjii kanaa Ogimmaa Naamusaa Abbootii Seeaa fi Abbootii Alangaatiif danbiin taa’en dabalatatti ogeessota seeraa naamusaa fi safuu Oromootin dagaagan horachuuf akka tahe ibsame. Leenjii kana irratti haasaa baniisaa kan taasisan B.B Daayrekteera Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Abdii Asafaa ergaa leenjifamtootaaf dabarsaniin “ILQSOn ogummaa naamusaa idilee ogeessota seeraatiif sagantaa idileetiin kennamu cinaatti mata duree kana irratti leenjiin akka kennamu kan taasisseef ogeessota seeraa qaroominaan aadaa fi safuu hawaasa isaa eegee tajaajila irraa eegamu haqaan kennuf hubannoo cimsuuf tahuu ibsuun leenjifamtoonni ogummaa naamusaa qaban irrati waan leenjii kana irraa argatan akka hojiitti hiikan dhaamani jiru. Leenjicha kan kennan Hayyuu Aadaa fi Afoola Oromoo, Barsiisaa fi Qorataa Aadaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa, Obbo Leeniin Quuxoo ti.

Hagayya 29/2018 #ILQSOn Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 19ffaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Daawwachiise. Inistiitiyuutiun Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n xumura leenjii sababeeffachuun Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Pirojektii Bishaan Qabbanaa daawwachiise. Daawwannaa kana irratti Hooggansa, Leenjistootaa fi Qorattoonni Inistiitiyuutichaa hirmaatanii jiru. Manni Murtii Waliigala Oromiyaa daawwattootaaf simannaa erga taasisee booda Galma Caffee Araaraatti haala ijaarsa gamoo fi tajaajila sirna haqaa fooyyessuuf kennamaa jiru ibseera. Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti Itti gaafatamaan waajjira Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa Obbo Fayyeeraa Hayluu woyta ibsa kennan, xiyyeeffannoo Mootummaan fooyya’iinsa sirna haqaatiif kenneen gamoon kun ijaaramuu ibsuun, Gamichi bakka dur Oromoon taa’ee itti wal araarsutti ijaaramuun adda isa taasisa jedhanii jiru. Dabalataanis tajaajiloota gamoo kana keessatti kennaman bal’innaan ibsuun teeknoolojii fayyadamuun tajaajila sirna haqaa saffisaafi qaqqabamaa taasisuun uummata keenya fayyadamaa taasiseera jedhan. Leenjifamtoonnis ILQSOn sagantaa akkasii qopheesssee iddoowwan seena qabeessa kana daawwachiisuutti gammaduun galateeffatanii jiru.

Hagayya 28 /2018 #Marsaa_5ffaa_kutaa_12ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #12ffaan Mirgi Abbaa Qabiyyummaa lafa baadiyaa maali? Bulchiinsa lafa baadiyaa gaa’ela keessatti qabeenya biroo irraa maaltu adda taasisa? Barbaachisummaan labsii kanaa hoo maali? Gaa’ela keessatti qabiyyeen lafa baadiyaa akkamitti ilaallama? Diiggaa gaa’ela keessatti uumamuun walqabatee qoqqooddin qabiyyee lafa baadiyaa ija seeraatiin akkamitti ilaalama? Gaa’elli dhaabbataa ta’ee akka itti fufuuf gaheen hawaasaa fi walfuutotaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Abbabaa_Jootee ti. Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.

Hagayya 22 /2018 #Marsaa_5ffaa_kutaa_11ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #11ffaan Kaayyoon Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Bishaanii maali? Qabeenya bishaanii qabnu akkaataa kamiin qulqullina isaa eeguu dandeenya? Labsii Bulchiinsaa fi itti fayyadama Bishaanii ilaalchiisee gochoonni dhoorgaman maal fa’a? Qulqullina bishaanii eeguuf gochoota seeraan dhoorgaman yoo darban tarkaanfii akkamii hordofsiisa? Labsiin kunis akka hojii irra oolu gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama bishaaniin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Zabbanaa_Shibashii ti. Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.

Hagayya 21/2018 Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa itti fayyada Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti leenjii gabaabaa hubannoo uumuu kenne. ILQSOn itti fayyadama Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti Daayrekteroota, Dursitoota Garee fi Ogeessota Ol’aanoof leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu Magaalaa Bishooftuuttti kennee jira. Kaayyoon leenjii gabaabaa kanaa kallattii akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaa’ameen karooraa fi raawwii hojii Daayirektoreetii, Dursitoota Garee fi hojjettoota dhuunfaa ragaa qabatamaa irratti hundaa'uun karaa qulqullina qabuun madaaluuf akka tahe ibsameera. Leenjii kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, ILQSOn kallattii Mootummaan kaa’e kanaan raawwii hojii mana hojichaa hanga hojjetaa dhuunfaatti madaaluuf qaawwa jiru adda baasee leenjii kana qopheessuu ibsuun, qaamoleen leenjii kana irratti hirmaatan hubannoo fi beekumsa leenjii kana irraa argame gara qabatama hojiitti jijjiiruu waan qabaniif leenjichaaf xiyyeeffannoo olaanaan akka kennamu dhaamanii jiru. Dhuma irrattis Obbo Taaddasaan leenjii kana irraa hubannoon argame Daayrektteroonni fi Dursitoonni garee gara hojjattoota isaaniitti gadi buusuun wal hubachiisuun milkaa’ina hojii kanaaf gahee isaanii akka bahan dhaamsa dabarsanii jiru. Leenjicha kan kennan Waajjra Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ogeessa Sooftlweer Pirogiraamarii kan ta’an Obboo Taaddasaa Malkaa ti.

Waliigalteen Dirqama Hojii Hooggansa Ol’aanaa fi Daayrekteroota Mana Hojichaa Gidduutti Gaggeeffame. (Hagayya 20/2018,ILQSO, Adaamaa) Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO) Waliigaltee Dirqama Hojii Hooggansa Ol’aanaa waliin walii mallatteessee jira. Koreen Bulchiinsa ILQSO karoora Hojii bara 2019 irratti erga marii taasisee booda karooricha galmaan gahuuf dirqama hojii bara 2019 keessa hojjatamu irratti waliigaluun walii mallatteessan. Karoorri Hojii bara 2019 kun Daayrekteroota, Dursitoota Garee akkasumas Hojjattoota hunda biratti kan hooggansa dhiyoo isaanii waliin walii mallatteessun hojiileen bara 2019 ittiin milkaa'u tahuun ibsamee jira. Daayrekteerri Ol'aantun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad, dirqamni hojii hooggansaa fi koree Bulchiinsaa jiddutti walii mallattaa'e kun sadarkaa sadarkaan gadi bu'ee hojjattoota hunda bira gahuun hojjattoonni hundii milkaa'ina karoora bara hojii kana keessatti gahee irraa eegamu bahuu akka qaban dhaamanii jiru.

Hagayya 19/2018 Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Hordoftoota Amantaa Islaamaa maraan Baga guyyaa dhaloota Nabi Mahaammad S.A.W Waggaa 1501ffaa / Ayyaana Moowlidaatin/ isin gahe jechaa, Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka tahu hawwii qabu ibsa. Ayyaana Gaarii!

Hagayya 14/2018 #Marsaa_5ffaa_kutaa_10ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #10ffaan Bakka bu’ummaa jechuun maal jechuudha ? Faayidaan Bakka bu’ummaa hoo maali? Gosoonni Bakka Bu’ummaa maal fa’a? Mirgaa fi Dirqamni bakka bu’aa fi bakka buusaa irraa eegamu kan akkamiiti? Bakka bu’ummaan akkaataa kamiin addaan cituu danda’a? Bakka bu’aa fi Bakka buusaa jidduutti walitti bu’iinsi akka hin uumamne maaltu godhamuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota bakka bu’ummaan walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Abdullaahii _Shaafii ti. Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn_Yunivarsiitii_Arsii waliin atoominaan hojjachuuf Sanada Wal-hubannoo (MoU) walii Mallatteessee jira. (Hagayya 11/2018, ILQSO, Adaamaa) Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Yunivarsiitii Arsii waliin dhimmoota qorannoo fi leenjii seeraa irratti Atoominaan waliin hojjachuuf Sanada Wal_hubannoo walii mallatteessanii jiru. Kaayyoon waliigaltee kanaa dhimmoota sirna haqaa keessatti rakkoo ta’an irratti qorannoo fi qo'annoo seeraa rakkoo qabatamaa hawaasaa furuu danda’an irratti waliin hojjachuu, leenjiiwwan seeraa dandeettii raawwachiisummaa cimsanii fi barumsa hubannoo seeraa hawaasaa kennuu irratti qindoominaan waliin hojjechuuf akka tahee fi waliigalteen kun waggaa 5niif kan turu ta’uun ibsamee jira. Sanadni Walhubannoo kun I/A Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee fi Pirezidantii Yunivarsiitii Arsii Fiqaaduu Mitikkuu (PhD) mallatteessanii jiru. I/A Daarekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee jila kanaan baga Nagaan Dhuftan erga jedhanii booda, ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee gama leenjii seeraa ogeessota qaamolee haqaatiif kennuu fi qorannoowwan seeraa sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti gahee ol’aanaa qaban gaggeessuun akka hojiirra oolu taasisaa jiraachuu ibsuun, dhimmoota qorannoo fi qo'annoo sirna haqaan walqabatan gaggeessuu, leenjii seeraa kennuu, tajaajila gorsa seeraa fi dhimmoota seeraa biroo irratti Yunivarsiitii Arsii waliin qindoominaan hojjachuun hojiilee keenya caalmatti akka milkeessinuuf carraa guddaa tahuu ibsanii jiru. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Arsii Fiqaaduu Mitikkuu (PhD) haasaa taasisaniin Yunavarsiitichi kolleejjii 5 , Mana Barnootaa Seeraa 1 fi dhimmoota sirna haqaatiin walqabatan Aanaalee 10 irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, yeroo hawaasni keenya haqa barbaadu kanatti ILQSO waliin hojjachuun hojiilee sirna haqaa fooyyessuu keessatti eegalle daran akka milkeessinu nutaasisa jechuun gammachuu itti dhagahame ibsanii jiru. Sirna mallattoo Sanada Walhubannoo kana irratti Koreen Bulchiinsaa manneen hojii lamaanii kan argaman yommuu ta'u, sanadni walhubannoo kunis xiyyeeffannoo olaanaa fi walhubannaan hojiirra kan oolu ta'uun isaa eerameera.