Oromia Legal Training and Research Institute
📈 Telegram kanali Oromia Legal Training and Research Institute analitikasi
Oromia Legal Training and Research Institute (@ilqso1) kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 10 283 obunachidan iborat bo'lib, Qonun toifasida 877-o'rinni va Efiopiya mintaqasida 3 332-o'rinni egallagan.
📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika
невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 10 283 obunachiga ega bo‘ldi.
14 Oktabr, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni 62 ga, so‘nggi 24 soatda esa 0 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.
- Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
- Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 28.82% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 15.85% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
- Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 2 952 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 1 623 ta ko‘rish yig‘iladi.
- Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 8 ta reaksiya keladi.
📝 Tavsif va kontent siyosati
Kanal uchun tavsif kiritilmagan.
Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 15 Oktabr, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Qonun toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.
Ma'lumotlar yuklanmoqda
| Sana | Obunachilarni jalb qilish | Esdaliklar | Kanallar | |
| 15 Oktabr | +39 | |||
| 14 Oktabr | 0 | |||
| 13 Oktabr | +2 | |||
| 12 Oktabr | 0 | |||
| 11 Oktabr | 0 | |||
| 10 Oktabr | +5 | |||
| 09 Oktabr | +6 | |||
| 08 Oktabr | +19 | |||
| 07 Oktabr | +3 | |||
| 06 Oktabr | +1 | |||
| 05 Oktabr | +2 | |||
| 04 Oktabr | +4 | |||
| 03 Oktabr | +4 | |||
| 02 Oktabr | +3 | |||
| 01 Oktabr | +14 |
| 2 | Matn yo'q... | 2 105 |
| 3 | Onkololeessa 4/2019
#Marsaa_5ffaa_Kutaa_15ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #15ffaan
Labsiin kireessaa fi kireeffataa maali?
Waliigalteen kireessaa fi kireeffataa gidduttii raawwatamu maal fa’a hammata?
Waliigaltee kiraa mana jireenyaa keessa Mootummaan maalif jidduu seenuu barbaachise?
Waliigalteen kiraa mana jireenyaa ulaagaa akkamii guutuu qaba?
Gatiin waliigaltee kiraa mana jireenyaa akkaataa kamiin murtaa’a?
Mirgaa fi dirqamni kireessaa fi kireeffataa irraa eegamu maali?
Waliigalteen kiraa mana jireenyaa akkaataa kamiin adda cituu danda’a?
Seerri fi labsiin kun akka hojii irra oolu hawaasni fi mootummaan akkaataa kamiin gahee isaanii bahuu qabu ? kan jedhuu fi dhimmoota kiraa mana jireenyaatiin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obbo_Jamaal_Qumbii ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya. | 2 102 |
| 4 | https://youtu.be/u0iplRHJDXk?si=C-akM2o11vE-Yd5S | 1 569 |
| 5 | https://youtu.be/u0iplRHJDXk?si=uuf-wziCqC7NUSGs | 1 |
| 6 | https://youtu.be/u0iplRHJDXk?si=COTrjYtLDSlj9CJx | 110 |
| 7 | https://youtu.be/u0iplRHJDXk?si=9ytzyO6rcP92wJ2q | 1 |
| 8 | https://youtu.be/DSRe_ClbAIA?si=XTc1ZHPi9YAAcwyW | 3 178 |
| 9 | https://www.facebook.com/share/1F5vJPEKGg/ | 164 |
| 10 | https://www.facebook.com/share/r/14thAErxAQr/ | 1 |
| 11 | Matn yo'q... | 3 586 |
| 12 | Fulbaana 30/2019
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 19ffaa guyyaa har'aa eebbisiise.
ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa kaasee leenjiiwwan hujiin duraa, leenjii hojii irraa akkasumas qorannoo fi qo'annoo seeraa gaggeessuun sirna haqaa cimsuu keessatti gahee isaa bahachaa kan jiru yoo ta'u, leenjifamtoota bara 2018 simatee waggaa tokkoof leenjisaa ture Gargaartota Abbootii seeraa fi Kaadhimamtoota Abbootii Alangaa 191 eebbisiisee sirna haqaa naannichaatti akka makaman taasiseera.
Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi I/A Walitti qabaa Gumii ILQSO Obboo Guyyoo Waariyoo sagantaa kana irratti argamuun Eebbifamtootan “Baga Gammaddan!” erga jedhanii booda ergaa dabarsaniin, “ ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee ogeyyii seeraa simatee leenjisuun sirna haqaa naannoo keennaa fooyyessuu keessatti gahee isaa bahachaa kan jiruu fi gama qorannootin qorannoowwn hedduu rakkoo hiikan hojjataa jiraachuu ibsuun bu’aa qorannoo inistiitiyuutichaa kan tahe Mana Murtii Aadaa akka fakkeenyatti kaasanii jiru.
Dabalataanis Obbo Guyyoon tajaajila qulqulluu kennuuf naamusa qabaachuun barbaachisaa tahuu ibsuun ogeessonni teelnoolojitti madaquun jijjirrama amma mootummaan barbaadun tajaajila dhaqqabamaa fi haqa qabeessa hawaasaf akka kennan dhaamanii jiru.
Daayrekteerri Ol'aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad ,hirmaattota sirna eebbaa kanarratti argamaniin “baga nagaan dhuftan!” akkasumas eebbiflamtootaan “baga bu'aa bayii keessa dabartanii guyyaa kananaan isin gahe!” erga jedhanii booda haasaa taasisaniin, Inistiitiyuuchi akka biyyaatti fooyya'iinsa sirna haqaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibasnii jiru.
Eebbifamtoonni guyyaa har’aas ummatasaaniif amanamaa ta'uun rakkoo sirna haqaatiin walqabatan hambisuun tajaajila qulqulluu ummataaf kennuuf imaanaa fi itti gaafatamummaa dachaa fudhatanii hojirra oolchuu akka qaban Aaddee Addunyaan dhaamanii jiru.
Bakka bu’aan Leenjifamtoota Lernjii Hojiin Duraa Marsaa 19ffaa Obbo Tolosaa Gaaddisaa haasaa taasisaniin, ILQSO’n ogeessota seeraa gahumsaa fi naamusa olaanaa qaban leenjisuun sirna haqaa fooyyessuu keessatti shoorri isaa guddaa tahuu ibsuun bakka deemanitti hawaasaf tajaajila haqa qabeessa akka kennan leenjifamtootaaf dhaamanii jiru.
I/A pirezidantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Taaddasaa Qana’i woyta kallattii waliigalaa kaa’an akka jedhanitti, ILQSOn sirna haqaa naannoo keenyaa fooyyessuu keessatti gumaachaa ol’aanaa gochaa jiraachuu ibssuun ogeessonni beekumsaa fi dandeettii horatan naamusaan dabaaluun hawaasa haqaan akka tajaajilan dhaamanii jiru.
Dabalataanis Obbo Taaddasaan gahuumsa ogummaa argatanii fi beekumsaa fi dandeettii qaban kana naamusaan utubuun tajaajila haqa qabeessa kennuun fakkeenya tahuu qabdan jechuun leenjifamtootaaf dhaamanii jiru.
Dhuma irrattis Leenjifamtoota qabxii olaanaa galmeessanif geebaa fi waraqaan ragaa kennameefii jira. | 2 900 |
| 13 | Matn yo'q... | 3 143 |
| 14 | Fulbaana 29/2019
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Qaamolee adda addaa waliin Karoora Qindoominaa Bara 2019 irratti mari’ate.
Kaayyoon marii kanaa humna namaa fi leecaalloo qabnu walitti fiduun fooyya’iinsa sirna haqaa milkeessuuf akka tahe ibsameera.
Qaamoleen karoora qindoominaa kana irratti hirmaatan pirezidantoota Manneen Murtii Godinaalee 6’n Oromiyaa fi Manneen Murtii Ol’aanoo Magaalotaa, Itti gaafatamtoota waajjira Gumii fi Inispeekshinii, kenna tajaajila Abbaa Seerummaa fi Qindeessitoota Dhaabbii MMWO sadan hirmaatanii jiru.
karoora dhiyaate keessatti kaayyoo fi galmi ILQSO akkasumas hojiilee Inistiitiyuutichi hojjachaa jiruu ibsuun kallattii fuula duraattis manneen murtii waliin ta’uun qindoominaan wanti hojjatamuu qabu ibsameera.
Karoora qindoominaa dhiyaate irratti hirmaattonni yaada bal’aa kan kaasan yoo tahu, ILQSOn jijjiirama sirna haqaa keessatti ashaaraa guddaa akka qabu ibsuun qaamoleen haqaa gadi bu’anii hawaasa keenya tajaajilan omisha ILQSO waan tahaniif manneen murtii itti dhiyeenyan inistiitiyuuticha waliin hojjachuu qaba jechuun kaasanii jiru.
Gama biraatiin filannoo leenjifamtootaa irraa kaasee hordoffii yeroo shaakalaa fi madaalliin walqabatee qaamolee ogeessonni biratti ramadamaniin wal hubannoon waliin hojjachuun barbaachisaa akka tahe ibsameera.
ILQSOn gahuumsa leenjifamtootaa qofa osoo hin taanee yeroo yeroon gahummsa leenjistootaa irrattis hojjachuuf leenjii leenjistootaa akka barbaachisu akkasumas gama teeknoolojiitinis xiyyeeffannoo kennee hojjachuu akka qabu yaadni bal’aan ka’eera.
Daarekteerri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad ILQSOn mul’ata isaa bira gahuuf gama leenjii fi Qorannootiin waan hedduu hojjachaa jiraachuu ibsuun yuunivarsiitiwwan Oromiyaa keessa jiranii fi seera barsiisan waliin atoominaan hojjachaa jiraachuu dubbatanii jiru.
Dabalataanis Aaddee Addunnyaan haala kanaan waliin mari’achuun yaada galtee fi waan waliin hojjachuu qabnu irratti yaada waljijjiiruun sirna haqaa fooyyessuu keessatti shoora ol’aanaa qaba jechuun hojiiwwan garaagaraa ILQSOn hojjatu keessatti hirmaachuu akka qaban dhaamanii jiru.
I/A Daarektera Ol’aanaa ILQSO Obbo Taaddasaa Nugusee yaada galtee hirmaattonni kaasaniif galateeffachuun,haala kanaan mari’achaa deemuun rakkoolee hedduu furuun akka danda’amu ibsuun waan gama ILQSOtiin ilaalamuu qabu xiyyeeffannoon kan hojjatamu tahuu dubbatanii jiru. | 5 212 |
| 15 | Matn yo'q... | 3 472 |
| 16 | Fulbaana 28/2019
#Marsaa_5ffaa_Kutaa_14ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #14ffaan
Saaybariin maali?
Yakkoonni Saaybariin raawwataman maal fa’a?
Dhiibban yakki kun geessu kan akkamiiti?
Yakki Saaybarii kun Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa irratti dhiibbaa akkamii fiduu danda’a?
Yakka kana ittisuuf kan qoratuu fi kan hoogganu eenyu?
Namoonni yakka kana irraa akkamiin of eeguu qabu?
Yakki saaybarii Kanaan raawwatamu adabbii akkamii hordofsiisa?
Namoonni teeknoolojii fayyadaman akkaataa kamiin fayyadamuu qabu? kan jedhuufi dhimmoota Yakka Saaybariitin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa MMO fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obbo_Kidaanee_Shifarraa ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya. | 3 358 |
| 17 | Matn yo'q... | 5 244 |
| 18 | Fulbaana 20 /2019
#Marsaa_5ffaa_kutaa_13ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #13ffaan
Albuudni maali?
Bulchiinsa Albuudaatiin wal qabatee Seerri maal jedha?
Misooma Albuudaatiin walqabatee iddoowwan dhoorkamanii fi gochaawwan dhoorkaman maal fa’a?
Hojiiwwan Albuudaa raawwachuuf ulaagaa akkamii barbaachisa?
Yakkoota Albuuda irratti raawwaman ilaalchisee tarkaanfii fi adabbii akkamii hordofsiisa?
Qabeenya guddaa kana haalan akka itti fayyadaman gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota
Bulchiinsa Albuudaan walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Sintaayyoo_Fayyisaa ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya. | 4 501 |
| 19 | Matn yo'q... | 2 842 |
| 20 | #Galata!
kabajamoo Obboo Gazaalii Abbaasimal yeroo dheeraa Pirezidantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Walitti qabaa Gumii Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) turanitti hojii dhaabbatichaa cimsuu fi galma isaa milkeessu miseensota waliin qindoominaan hojjechuu keessatti gahee olaanaa bahaa turanii jiru.
kabajamoo Obbo Gazaaliin hojiilee bal’aa sirna haqaa fooyyessuu keessatti akka guutuu naanoo Oromiyaatti hojjataniin cinatti Inostiitiyuutii keenyaaf xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuun gama leenjii fi qorannootiin cimsuu keessatti itti dhiyeenyaan hojiin isaan miseensota gumii waliin tahuun ILQSO gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf hojjachaa turan yoomillee kan dagatamuu miti.
Inistiitiyuutiin keenya hojii, yeroo fi humna isaan dhaabbatichaaf kennaniif galata guddaa qaba. Yeroo hoggansa isaanii keessatti gahee isaan taphatan ni dinqisiifanna.
Hogganaa keenya yeroo darbeef hojii gaarii fi tajaajila isaan inistiitiyuutichaaf kennaniif galata guddaa dhiyeessina. Yeroo itti aanu keessattis jireenya isaanii, hojii isaanii fi karoora isaanii keessatti milkaa'ina, fayyaa fi badhaadhina hawwinaaf
Kanaaf, maqaa Inistiitiyuutii keenyaa fi miseensota hundaa bakka bu'uun, Hogganaa keenya kabajamoo Obbo Gazaalii Abbaasimal hojii hoggansaa keessatti nuuf taasisan hundaaf galata guddaa qabna.
Fulbaana 18/ 2019
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa | 3 114 |
