Oromia Legal Training and Research Institute
رفتن به کانال در Telegram
نمایش بیشتر
📈 تحلیل کانال تلگرام Oromia Legal Training and Research Institute
کانال Oromia Legal Training and Research Institute (@ilqso1) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 10 214 مشترک است و جایگاه 865 را در دسته قانونی و رتبه 3 249 را در منطقه أثيوبيا دارد.
📊 شاخصهای مخاطب و پویایی
از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 10 214 مشترک جذب کرده است.
بر اساس آخرین دادهها در تاریخ 04 اکتبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 75 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 4 بوده و همچنان دسترسی گستردهای حفظ شده است.
- وضعیت تأیید: تأیید نشده
- نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 23.04% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 10.22% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب میکند.
- دسترسی پستها: هر پست به طور میانگین 2 354 بازدید دریافت میکند. در اولین روز معمولاً 1 044 بازدید جمعآوری میشود.
- واکنشها و تعامل: مخاطبان بهطور فعال حمایت میکنند؛ میانگین واکنش به هر پست 7 است.
📝 توضیح و سیاست محتوایی
توضیحی برای کانال ارائه نشده است.
به لطف بهروزرسانیهای پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 05 اکتبر, 2026)، کانال همواره بهروز و دارای دسترسی بالاست. تحلیلها نشان میدهد مخاطبان بهطور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته قانونی تبدیل کردهاند.
10 214
مشترکین
+424 ساعت
+487 روز
+7530 روز
آرشیو پست ها
Fulbaana 20 /2019
#Marsaa_5ffaa_kutaa_13ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #13ffaan
Albuudni maali?
Bulchiinsa Albuudaatiin wal qabatee Seerri maal jedha?
Misooma Albuudaatiin walqabatee iddoowwan dhoorkamanii fi gochaawwan dhoorkaman maal fa’a?
Hojiiwwan Albuudaa raawwachuuf ulaagaa akkamii barbaachisa?
Yakkoota Albuuda irratti raawwaman ilaalchisee tarkaanfii fi adabbii akkamii hordofsiisa?
Qabeenya guddaa kana haalan akka itti fayyadaman gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota
Bulchiinsa Albuudaan walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Sintaayyoo_Fayyisaa ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
#Galata!
kabajamoo Obboo Gazaalii Abbaasimal yeroo dheeraa Pirezidantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Walitti qabaa Gumii Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) turanitti hojii dhaabbatichaa cimsuu fi galma isaa milkeessu miseensota waliin qindoominaan hojjechuu keessatti gahee olaanaa bahaa turanii jiru.
kabajamoo Obbo Gazaaliin hojiilee bal’aa sirna haqaa fooyyessuu keessatti akka guutuu naanoo Oromiyaatti hojjataniin cinatti Inostiitiyuutii keenyaaf xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuun gama leenjii fi qorannootiin cimsuu keessatti itti dhiyeenyaan hojiin isaan miseensota gumii waliin tahuun ILQSO gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf hojjachaa turan yoomillee kan dagatamuu miti.
Inistiitiyuutiin keenya hojii, yeroo fi humna isaan dhaabbatichaaf kennaniif galata guddaa qaba. Yeroo hoggansa isaanii keessatti gahee isaan taphatan ni dinqisiifanna.
Hogganaa keenya yeroo darbeef hojii gaarii fi tajaajila isaan inistiitiyuutichaaf kennaniif galata guddaa dhiyeessina. Yeroo itti aanu keessattis jireenya isaanii, hojii isaanii fi karoora isaanii keessatti milkaa'ina, fayyaa fi badhaadhina hawwinaaf
Kanaaf, maqaa Inistiitiyuutii keenyaa fi miseensota hundaa bakka bu'uun, Hogganaa keenya kabajamoo Obbo Gazaalii Abbaasimal hojii hoggansaa keessatti nuuf taasisan hundaaf galata guddaa qabna.
Fulbaana 18/ 2019
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa
Fulbaana 16/2019
#Baga_Nagaan_Jala_Bultii_Ayyaana_Masqalaa_Geessan!
Inistiitiyiitin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraan Baga Jala Bultii Ayyaana Masqalaa/Damaraa Bara 2019 Nagaan Geettan jechaa, Ayyaanichi kan Nagayaa fi jaalalaa haa ta’u jechuun hawwii qabu ibsa.
#Ayyaana_Gaarii!
Ayyaana Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaatiif!
(Fulbaana 15/2018,ILQSO, Adaamaa)
Hojjattoonni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) Sanada Marii Kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 2019 irratti mari’atan.
kaayyoon marii kanaa Ayyaani Irreechaa bara kana karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akka kabajamu hojjattoonni hundi iddoo jiranitti gahee irraa eegamu akka bahaniif tahuun ibsame.
Sanada marii kan dhiyeessan I/A Daarekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, qabiyyee sanadichaa bal’innaan erga dhiyeessanii booda akka irratti mari’atamu taasifameera.
Hojjattooni Inistiitiyuutichaas marii taasisan keessatti, Ayyaanni Irreechaa ayyaana guddaa fi kabajamaa uummata Oromoo fi Ayyaana Galateeffannaa, akkasumas ayyaana diinagdee fi tuuriizimii tahuu kaasuun milkaa’ina ayyaanichaatiif gahee isaanii akka bahan ibsanii jiru.
Dhuma irrattis Obbo Taaddasaan, kallattii kaa’aniin Irreechi dirree araaraa, galataa, nagaa fi tokkummaa dagaagsuu, hawaasummaa cimsuu akkasumas hariiroo saboota biyya keenyaa jabeessuu keessatti ga'ee guddaa qabaachuu ibsuun. tokkmmaan waardiyummaa dhaabbannee milkaa’ina ayyaanichaatiif gahee nurraa eegamu bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
Ayyaanni kunis, Fulbaana 23 Hora Finfinneefi Fulbaana 24 Hora Harsadeetti duudhaa isaa eeggatee kan kabajamuudha.
#Baga_Nagaan_Jala_Bultii_Bara_Haaraa_Geessan!
Inistiitiyiitin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Baga Bara Haaraa 2019 Nagaan Geettan jechaa,
Barri Haaraan kan Nagayaa, kan Fayyaa, kan jaalalaa, kan Guddinaa Hunda keenyaf Haa ta'u jechuun hawwii qabu ibsa.
#Ayyaana_Gaarii!
ILQSOn Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Dheeraatti Mana Harmee ijaaruuf Dhagaa Bu’uura kaaye.
(Qaammee 4, 2018
ILQSO,Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Godina Arsii magaalaa Dheeraatti hojii kenna tajaajilaa lammumaatin ijaarsa mana harmee, Qooddii Maaddii fi barattoota maatii harka qal’eeyyitiif guyyaa kaleessaa deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisee.
Hojii kenna tajaajila lammummaa kanaan mana harmee tokkoo ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaayun qooddii maaddii zayitaa fi daakuu harka qal’eeyyii 60 fi barattoota maatii harka qal’eeyyii 60f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.
I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, simannaa taasifame galateeffachuun , hojiiwwan gama leenjii, qorannoo fi qo’annoo seeraa gaggeessuu fi tajaajila gorsa seeraa kennaa jiruun cinatti hojii tola ooltummaatinis kallattii mootummaan kaayen bara kana Bulchiinsa magaalaa Dheeraatti mana harmee ijaaruuf hojii waaqaa fi nama biratti jaalatamaa tahe kana hojjachuuf carraa argachuutti gammachuu qaban ibsanii jiru.
Dabalatanis Obbo Taaddasaan ILQSOn mana harmee ijaaramu kana istaandardii mootummaan kaayen ijaaree meeshaa guutuu waliin kan kennu tahuu ibsuun, ayyaana bara haaraa sababeeffachuun qooddiin maaddii fi meeshaalee barnootaa deeggarsa gochuu himanii jiru.
I/Gafaatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinnaa Godina Arsii Aaddee Ra’iisaa Aadam hojiin tajaajila lammuummaa kallattii mootummaan kaayen hojjatamaa jiru hawaasa keenya fayyadamaa taasisaa jira jechuun, ILQSOnis hojii boonsaa kana hojjachuuf baga nagaan dhuftan jechuun gammachuu qaban ibsanii jiru.
Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Dheeraa Obbo Nuuraa Huseen haasaa taasisaniin baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda, tajaalila lammummaatin hanga ammaatti manni harka qal’eeyyii 17 ijaaramuu ibsuun, ILQSOn amma hojii tola ooltummaatin nutti makames yeroo gabaabaa keessatti mana harmee ijaarsisee xumuruun rakkoo gama kanaan jiru furu keessatti gahee irraa eegamu akka bahu abdii qaban ibsanii jiru.
Dhuma irrattis Bulchiinsi magaalaa Dheeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif kennaa Aadaa Arsii biratti kabaja qabu kennee jira.
Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu Hojjattootaaf kenname.
(Qaammee 3/2018/ ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif mata duree Istaandardii kenna Tajaajilaa fi Naamusa Hojjattoota Mootummaa jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyaa kaleessaa kennee jira.
kaayyoon leenjichaa maamila giddugaleessa godhatanii tajaajila kennuu keessatti ogummaa naamusaan dabaalameen tajaajila irraa eegamu akka kennaniif tahuun ibsame.
Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad leenjicha woyta eegalchiisan akka jedhanitti, barbaachisummaan leenjii kanaa hojii keessan akkaataa istaandardii baheetiin karaa naamusa qabuun hojjachuun milkaa’ina hojiif gahee keessan akka baatan jechuun dhaamanii jiru.
I/A Daayrekterra Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Taaddasaa Nugusee ergaa hojjattootaaf dabarsaniin, fedhii leenjii bara jalqabarratti hojjattoota keennaf barbaachisan jennee adda baasne keessaa matadureewwan guyyaa har’aa leenjiin irratti kennaman kun murteessaa tahuu ibsuun, hojjataan naamusa irraa eegamu beekee tajaajila kennamu fooyyessuuf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf kannamu kana xiyyeeffannoon akka hordofan dhaamanii jiru.
Leenjicha kan kennan Biiroo Pabiliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatti Obbo Taaddalaa Amansiisaa ,Daayrekteera Hordoffii fi Deeggarsa Istaandardii Kenna Tajaajilaa fi Obbo Malaakuu Fallaqaa Daayrekteera Bobba’iinsa Hooggansa Qabeenya Namaati.
Qaammee 2/2018
Walharkaa fuudhinsi pirojektii ijaarsa Mana kitaabaa fi kaafteeriyaa ILQSO bakka Hooggansi Ol’aanoon argamanitti Gaggeeffame.
Pirojektiin Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mana kitaabaa, Kaafteeriyaa fi Mana Eegumsaa ijaarsisaa ture xumuruun guyyaa har’aa walharkaa fuudhinsi gaggeeffame.
sagantaa kana irratti ogeessonnii fi gorsitoonni projektichaa dhiimmi ilaallatu jalqaba irraa hanga xumuraatti ijaarsa pirojektichaa hordofaa kan turan ta’auun ibsameera.
Walharkaa fuudhinsa ijaarsa pirojektii kanaa irratti kan argaman Pirezidantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gazaalii Abbaasimal akka jedhanitti, pirojektii kan jalqaba irraa kaasee hanga ammaatti gara ILQSO woyta dhufan hordofaa turuu fi hooggansi garanatti dhufus xiyyeeffannaan akka hordofu taasisaa turuu ibsanii jiru.
Dabalataanis Obbo Gazaaliin pirojektiin kun qabeenya guddaa qaamolee haqaa akka tahe ibsuun waan ogessota dhimmi ilaalu waliin irra deemanii ilaalanitti gammachuu qaban ibsanii jiru.
Akka waliigalaatti Pirojektiin kun sababoota garaagaraatin yeroo taa’ef keessatti xumuramuu baatus, haalli ijaarsa gaarii tahuu ibsuun haala teeknikaa ogeessonni akkaataa ogummaa isaanitiin xiyyeeffannoo kennuu akka qaban dhaamanii jiru.
Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad haasaa taasisaniin, qaamolee adda addaa ijaarsa piroketii kanaa keessatti gorsa ogummaa fi hordoffii taasisaa turan hunda galateeffachuun pirojektichi sadarkaa kana irra gahee walharkaa fuudhinsa gaggeessuu isaanitti gammachuu qaban ibsanii jiru.
Leenjiin Duudhaalee Aadaa, Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa Cimsu kennamaa jira.
(Hagayaa 30/2018, ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n leenjifamtoota lenjii hojiin duraa marsaa 19ffaaf mata duree “Duudhaalee Aadaa ,Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa” jedhu irratti leenjii gabaabaa naamusa ogummaa cimsu kennaa jira.
ILQSOn ogeessota seeraa naamusaa fi dandeettii ol’aanaa qaban horachuuf ogummaa naamusaa sagantaa leenjii idileetiin kennamu irratti dabalataan barbaachisummaa isaatti amanuun mata duree kana irratti leenjii naamusa ogummaa cimsu leenjitootaaf kennaa jira.
kaayyoon leenjii kanaa Ogimmaa Naamusaa Abbootii Seeaa fi Abbootii Alangaatiif danbiin taa’en dabalatatti ogeessota seeraa naamusaa fi safuu Oromootin dagaagan horachuuf akka tahe ibsame.
Leenjii kana irratti haasaa baniisaa kan taasisan B.B Daayrekteera Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Abdii Asafaa ergaa leenjifamtootaaf dabarsaniin “ILQSOn ogummaa naamusaa idilee ogeessota seeraatiif sagantaa idileetiin kennamu cinaatti mata duree kana irratti leenjiin akka kennamu kan taasisseef ogeessota seeraa qaroominaan aadaa fi safuu hawaasa isaa eegee tajaajila irraa eegamu haqaan kennuf hubannoo cimsuuf tahuu ibsuun leenjifamtoonni ogummaa naamusaa qaban irrati waan leenjii kana irraa argatan akka hojiitti hiikan dhaamani jiru.
Leenjicha kan kennan Hayyuu Aadaa fi Afoola Oromoo, Barsiisaa fi Qorataa Aadaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa, Obbo Leeniin Quuxoo ti.
Hagayya 29/2018
#ILQSOn Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 19ffaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Daawwachiise.
Inistiitiyuutiun Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n xumura leenjii sababeeffachuun Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Pirojektii Bishaan Qabbanaa daawwachiise.
Daawwannaa kana irratti Hooggansa, Leenjistootaa fi Qorattoonni Inistiitiyuutichaa hirmaatanii jiru.
Manni Murtii Waliigala Oromiyaa daawwattootaaf simannaa erga taasisee booda Galma Caffee Araaraatti haala ijaarsa gamoo fi tajaajila sirna haqaa fooyyessuuf kennamaa jiru ibseera.
Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti Itti gaafatamaan waajjira Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa Obbo Fayyeeraa Hayluu woyta ibsa kennan, xiyyeeffannoo Mootummaan fooyya’iinsa sirna haqaatiif kenneen gamoon kun ijaaramuu ibsuun, Gamichi bakka dur Oromoon taa’ee itti wal araarsutti ijaaramuun adda isa taasisa jedhanii jiru.
Dabalataanis tajaajiloota gamoo kana keessatti kennaman bal’innaan ibsuun teeknoolojii fayyadamuun tajaajila sirna haqaa saffisaafi qaqqabamaa taasisuun uummata keenya fayyadamaa taasiseera jedhan.
Leenjifamtoonnis ILQSOn sagantaa akkasii qopheesssee iddoowwan seena qabeessa kana daawwachiisuutti gammaduun galateeffatanii jiru.
