Oromia Legal Training and Research Institute
前往频道在 Telegram
显示更多
📈 Telegram 频道 Oromia Legal Training and Research Institute 的分析概览
频道 Oromia Legal Training and Research Institute (@ilqso1) 是活跃参与者。目前社区聚集了 10 181 名订阅者,在 法律 类别中位列第 872,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 3 271 位。
📊 受众指标与增长动态
自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 10 181 名订阅者。
根据 11 九月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 185,过去 24 小时变化为 4,整体触达仍然可观。
- 认证状态: 未认证
- 互动率 (ER): 平均受众互动率为 35.59%。内容发布后 24 小时内通常能获得 14.40% 的反应,占订阅者总量。
- 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 3 622 次浏览,首日通常累积 1 465 次浏览。
- 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 6。
📝 描述与内容策略
尚未提供频道描述。
凭借高频更新(最新数据采集于 12 九月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 法律 类别中的关键影响点。
10 181
订阅者
+424 小时
+347 天
+18530 天
数据加载中...
吸引订阅者
九月 '26
九月 '26
+56
在4个频道中
八月 '26
+222
在6个频道中
Get PRO
七月 '26
+348
在9个频道中
Get PRO
六月 '26
+275
在21个频道中
Get PRO
五月 '26
+161
在10个频道中
Get PRO
四月 '26
+170
在5个频道中
Get PRO
三月 '26
+145
在7个频道中
Get PRO
二月 '26
+184
在6个频道中
Get PRO
一月 '26
+209
在6个频道中
Get PRO
十二月 '25
+235
在12个频道中
Get PRO
十一月 '25
+229
在12个频道中
Get PRO
十月 '25
+239
在13个频道中
Get PRO
九月 '25
+143
在6个频道中
Get PRO
八月 '25
+182
在9个频道中
Get PRO
七月 '25
+362
在27个频道中
Get PRO
六月 '25
+202
在11个频道中
Get PRO
五月 '25
+179
在6个频道中
Get PRO
四月 '25
+178
在4个频道中
Get PRO
三月 '25
+180
在11个频道中
Get PRO
二月 '25
+268
在24个频道中
Get PRO
一月 '25
+246
在25个频道中
Get PRO
十二月 '24
+379
在34个频道中
Get PRO
十一月 '24
+514
在18个频道中
Get PRO
十月 '24
+469
在8个频道中
Get PRO
九月 '24
+304
在2个频道中
Get PRO
八月 '24
+394
在12个频道中
Get PRO
七月 '24
+615
在6个频道中
Get PRO
六月 '24
+473
在4个频道中
Get PRO
五月 '24
+499
在2个频道中
Get PRO
四月 '24
+151
在0个频道中
Get PRO
三月 '24
+581
在4个频道中
Get PRO
二月 '24
+434
在3个频道中
Get PRO
一月 '24
+180
在7个频道中
Get PRO
十二月 '23
+2 538
在1个频道中
| 日期 | 订阅者增长 | 提及 | 频道 | |
| 12 九月 | +4 | |||
| 11 九月 | +4 | |||
| 10 九月 | +3 | |||
| 09 九月 | +7 | |||
| 08 九月 | +9 | |||
| 07 九月 | +7 | |||
| 06 九月 | 0 | |||
| 05 九月 | +8 | |||
| 04 九月 | +7 | |||
| 03 九月 | +3 | |||
| 02 九月 | +3 | |||
| 01 九月 | +1 |
频道帖子
| 2 | #Baga_Nagaan_Jala_Bultii_Bara_Haaraa_Geessan!
Inistiitiyiitin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Baga Bara Haaraa 2019 Nagaan Geettan jechaa,
Barri Haaraan kan Nagayaa, kan Fayyaa, kan jaalalaa, kan Guddinaa Hunda keenyaf Haa ta'u jechuun hawwii qabu ibsa.
#Ayyaana_Gaarii! | 1 448 |
| 3 | 没有文字... | 1 274 |
| 4 | ILQSOn Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Dheeraatti Mana Harmee ijaaruuf Dhagaa Bu’uura kaaye.
(Qaammee 4, 2018
ILQSO,Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Godina Arsii magaalaa Dheeraatti hojii kenna tajaajilaa lammumaatin ijaarsa mana harmee, Qooddii Maaddii fi barattoota maatii harka qal’eeyyitiif guyyaa kaleessaa deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisee.
Hojii kenna tajaajila lammummaa kanaan mana harmee tokkoo ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaayun qooddii maaddii zayitaa fi daakuu harka qal’eeyyii 60 fi barattoota maatii harka qal’eeyyii 60f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.
I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, simannaa taasifame galateeffachuun , hojiiwwan gama leenjii, qorannoo fi qo’annoo seeraa gaggeessuu fi tajaajila gorsa seeraa kennaa jiruun cinatti hojii tola ooltummaatinis kallattii mootummaan kaayen bara kana Bulchiinsa magaalaa Dheeraatti mana harmee ijaaruuf hojii waaqaa fi nama biratti jaalatamaa tahe kana hojjachuuf carraa argachuutti gammachuu qaban ibsanii jiru.
Dabalatanis Obbo Taaddasaan ILQSOn mana harmee ijaaramu kana istaandardii mootummaan kaayen ijaaree meeshaa guutuu waliin kan kennu tahuu ibsuun, ayyaana bara haaraa sababeeffachuun qooddiin maaddii fi meeshaalee barnootaa deeggarsa gochuu himanii jiru.
I/Gafaatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinnaa Godina Arsii Aaddee Ra’iisaa Aadam hojiin tajaajila lammuummaa kallattii mootummaan kaayen hojjatamaa jiru hawaasa keenya fayyadamaa taasisaa jira jechuun, ILQSOnis hojii boonsaa kana hojjachuuf baga nagaan dhuftan jechuun gammachuu qaban ibsanii jiru.
Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Dheeraa Obbo Nuuraa Huseen haasaa taasisaniin baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda, tajaalila lammummaatin hanga ammaatti manni harka qal’eeyyii 17 ijaaramuu ibsuun, ILQSOn amma hojii tola ooltummaatin nutti makames yeroo gabaabaa keessatti mana harmee ijaarsisee xumuruun rakkoo gama kanaan jiru furu keessatti gahee irraa eegamu akka bahu abdii qaban ibsanii jiru.
Dhuma irrattis Bulchiinsi magaalaa Dheeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif kennaa Aadaa Arsii biratti kabaja qabu kennee jira. | 1 172 |
| 5 | 没有文字... | 2 148 |
| 6 | Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu Hojjattootaaf kenname.
(Qaammee 3/2018/ ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif mata duree Istaandardii kenna Tajaajilaa fi Naamusa Hojjattoota Mootummaa jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyaa kaleessaa kennee jira.
kaayyoon leenjichaa maamila giddugaleessa godhatanii tajaajila kennuu keessatti ogummaa naamusaan dabaalameen tajaajila irraa eegamu akka kennaniif tahuun ibsame.
Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad leenjicha woyta eegalchiisan akka jedhanitti, barbaachisummaan leenjii kanaa hojii keessan akkaataa istaandardii baheetiin karaa naamusa qabuun hojjachuun milkaa’ina hojiif gahee keessan akka baatan jechuun dhaamanii jiru.
I/A Daayrekterra Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Taaddasaa Nugusee ergaa hojjattootaaf dabarsaniin, fedhii leenjii bara jalqabarratti hojjattoota keennaf barbaachisan jennee adda baasne keessaa matadureewwan guyyaa har’aa leenjiin irratti kennaman kun murteessaa tahuu ibsuun, hojjataan naamusa irraa eegamu beekee tajaajila kennamu fooyyessuuf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf kannamu kana xiyyeeffannoon akka hordofan dhaamanii jiru.
Leenjicha kan kennan Biiroo Pabiliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatti Obbo Taaddalaa Amansiisaa ,Daayrekteera Hordoffii fi Deeggarsa Istaandardii Kenna Tajaajilaa fi Obbo Malaakuu Fallaqaa Daayrekteera Bobba’iinsa Hooggansa Qabeenya Namaati. | 2 079 |
| 7 | 没有文字... | 2 648 |
| 8 | Qaammee 2/2018
Walharkaa fuudhinsi pirojektii ijaarsa Mana kitaabaa fi kaafteeriyaa ILQSO bakka Hooggansi Ol’aanoon argamanitti Gaggeeffame.
Pirojektiin Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mana kitaabaa, Kaafteeriyaa fi Mana Eegumsaa ijaarsisaa ture xumuruun guyyaa har’aa walharkaa fuudhinsi gaggeeffame.
sagantaa kana irratti ogeessonnii fi gorsitoonni projektichaa dhiimmi ilaallatu jalqaba irraa hanga xumuraatti ijaarsa pirojektichaa hordofaa kan turan ta’auun ibsameera.
Walharkaa fuudhinsa ijaarsa pirojektii kanaa irratti kan argaman Pirezidantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gazaalii Abbaasimal akka jedhanitti, pirojektii kan jalqaba irraa kaasee hanga ammaatti gara ILQSO woyta dhufan hordofaa turuu fi hooggansi garanatti dhufus xiyyeeffannaan akka hordofu taasisaa turuu ibsanii jiru.
Dabalataanis Obbo Gazaaliin pirojektiin kun qabeenya guddaa qaamolee haqaa akka tahe ibsuun waan ogessota dhimmi ilaalu waliin irra deemanii ilaalanitti gammachuu qaban ibsanii jiru.
Akka waliigalaatti Pirojektiin kun sababoota garaagaraatin yeroo taa’ef keessatti xumuramuu baatus, haalli ijaarsa gaarii tahuu ibsuun haala teeknikaa ogeessonni akkaataa ogummaa isaanitiin xiyyeeffannoo kennuu akka qaban dhaamanii jiru.
Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad haasaa taasisaniin, qaamolee adda addaa ijaarsa piroketii kanaa keessatti gorsa ogummaa fi hordoffii taasisaa turan hunda galateeffachuun pirojektichi sadarkaa kana irra gahee walharkaa fuudhinsa gaggeessuu isaanitti gammachuu qaban ibsanii jiru. | 2 507 |
| 9 | 没有文字... | 2 897 |
| 10 | Leenjiin Duudhaalee Aadaa, Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa Cimsu kennamaa jira.
(Hagayaa 30/2018, ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n leenjifamtoota lenjii hojiin duraa marsaa 19ffaaf mata duree “Duudhaalee Aadaa ,Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa” jedhu irratti leenjii gabaabaa naamusa ogummaa cimsu kennaa jira.
ILQSOn ogeessota seeraa naamusaa fi dandeettii ol’aanaa qaban horachuuf ogummaa naamusaa sagantaa leenjii idileetiin kennamu irratti dabalataan barbaachisummaa isaatti amanuun mata duree kana irratti leenjii naamusa ogummaa cimsu leenjitootaaf kennaa jira.
kaayyoon leenjii kanaa Ogimmaa Naamusaa Abbootii Seeaa fi Abbootii Alangaatiif danbiin taa’en dabalatatti ogeessota seeraa naamusaa fi safuu Oromootin dagaagan horachuuf akka tahe ibsame.
Leenjii kana irratti haasaa baniisaa kan taasisan B.B Daayrekteera Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Abdii Asafaa ergaa leenjifamtootaaf dabarsaniin “ILQSOn ogummaa naamusaa idilee ogeessota seeraatiif sagantaa idileetiin kennamu cinaatti mata duree kana irratti leenjiin akka kennamu kan taasisseef ogeessota seeraa qaroominaan aadaa fi safuu hawaasa isaa eegee tajaajila irraa eegamu haqaan kennuf hubannoo cimsuuf tahuu ibsuun leenjifamtoonni ogummaa naamusaa qaban irrati waan leenjii kana irraa argatan akka hojiitti hiikan dhaamani jiru.
Leenjicha kan kennan Hayyuu Aadaa fi Afoola Oromoo, Barsiisaa fi Qorataa Aadaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa, Obbo Leeniin Quuxoo ti. | 2 401 |
| 11 | 没有文字... | 2 887 |
| 12 | Hagayya 29/2018
#ILQSOn Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 19ffaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Daawwachiise.
Inistiitiyuutiun Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n xumura leenjii sababeeffachuun Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Pirojektii Bishaan Qabbanaa daawwachiise.
Daawwannaa kana irratti Hooggansa, Leenjistootaa fi Qorattoonni Inistiitiyuutichaa hirmaatanii jiru.
Manni Murtii Waliigala Oromiyaa daawwattootaaf simannaa erga taasisee booda Galma Caffee Araaraatti haala ijaarsa gamoo fi tajaajila sirna haqaa fooyyessuuf kennamaa jiru ibseera.
Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti Itti gaafatamaan waajjira Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa Obbo Fayyeeraa Hayluu woyta ibsa kennan, xiyyeeffannoo Mootummaan fooyya’iinsa sirna haqaatiif kenneen gamoon kun ijaaramuu ibsuun, Gamichi bakka dur Oromoon taa’ee itti wal araarsutti ijaaramuun adda isa taasisa jedhanii jiru.
Dabalataanis tajaajiloota gamoo kana keessatti kennaman bal’innaan ibsuun teeknoolojii fayyadamuun tajaajila sirna haqaa saffisaafi qaqqabamaa taasisuun uummata keenya fayyadamaa taasiseera jedhan.
Leenjifamtoonnis ILQSOn sagantaa akkasii qopheesssee iddoowwan seena qabeessa kana daawwachiisuutti gammaduun galateeffatanii jiru. | 2 530 |
| 13 | 没有文字... | 8 471 |
| 14 | Hagayya 28 /2018
#Marsaa_5ffaa_kutaa_12ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #12ffaan
Mirgi Abbaa Qabiyyummaa lafa baadiyaa maali?
Bulchiinsa lafa baadiyaa gaa’ela keessatti qabeenya biroo irraa maaltu adda taasisa?
Barbaachisummaan labsii kanaa hoo maali?
Gaa’ela keessatti qabiyyeen lafa baadiyaa akkamitti ilaallama?
Diiggaa gaa’ela keessatti uumamuun walqabatee qoqqooddin qabiyyee lafa baadiyaa ija seeraatiin akkamitti ilaalama?
Gaa’elli dhaabbataa ta’ee akka itti fufuuf gaheen hawaasaa fi walfuutotaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota
qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Abbabaa_Jootee ti.
Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya. | 2 946 |
| 15 | 没有文字... | 11 |
| 16 | 没有文字... | 4 796 |
| 17 | Hagayya 22 /2018
#Marsaa_5ffaa_kutaa_11ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #11ffaan
Kaayyoon Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Bishaanii maali?
Qabeenya bishaanii qabnu akkaataa kamiin qulqullina isaa eeguu dandeenya?
Labsii Bulchiinsaa fi itti fayyadama Bishaanii ilaalchiisee gochoonni dhoorgaman maal fa’a?
Qulqullina bishaanii eeguuf gochoota seeraan dhoorgaman yoo darban tarkaanfii akkamii hordofsiisa?
Labsiin kunis akka hojii irra oolu gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama bishaaniin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Zabbanaa_Shibashii ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya. | 4 425 |
| 18 | 没有文字... | 4 422 |
| 19 | Hagayya 21/2018
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa itti fayyada Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti leenjii gabaabaa hubannoo uumuu kenne.
ILQSOn itti fayyadama Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti Daayrekteroota, Dursitoota Garee fi Ogeessota Ol’aanoof leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu Magaalaa Bishooftuuttti kennee jira.
Kaayyoon leenjii gabaabaa kanaa kallattii akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaa’ameen karooraa fi raawwii hojii Daayirektoreetii, Dursitoota Garee fi hojjettoota dhuunfaa ragaa qabatamaa irratti hundaa'uun karaa qulqullina qabuun madaaluuf akka tahe ibsameera.
Leenjii kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, ILQSOn kallattii Mootummaan kaa’e kanaan raawwii hojii mana hojichaa hanga hojjetaa dhuunfaatti madaaluuf qaawwa jiru adda baasee leenjii kana qopheessuu ibsuun, qaamoleen leenjii kana irratti hirmaatan hubannoo fi beekumsa leenjii kana irraa argame gara qabatama hojiitti jijjiiruu waan qabaniif leenjichaaf xiyyeeffannoo olaanaan akka kennamu dhaamanii jiru.
Dhuma irrattis Obbo Taaddasaan leenjii kana irraa hubannoon argame Daayrektteroonni fi Dursitoonni garee gara hojjattoota isaaniitti gadi buusuun wal hubachiisuun milkaa’ina hojii kanaaf gahee isaanii akka bahan dhaamsa dabarsanii jiru.
Leenjicha kan kennan Waajjra Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ogeessa Sooftlweer Pirogiraamarii kan ta’an Obboo Taaddasaa Malkaa ti. | 3 278 |
| 20 | 没有文字... | 3 940 |
