🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍
Kanalga Telegram’da o‘tish
Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa
Ko'proq ko'rsatish1 469
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-17 kunlar
-1330 kunlar
Postlar arxiv
🕰️ Gorsa Ijoollee Sa’aatii Kubbaa fi Taphatti Fixanif
Yaa obboleeyyan koo…
Sa’aatiin yeroo keessaa qabeenya guddaadha. Namni yeroo isaa eegu mootummaa ofii ijaarrata; namni yeroo isaa balleessu mootummaa ofii diiga.
⚽ Kubbaa ilaaluun badaa miti…
Garuu yeroo hundaa kubbaa qofa irratti fixuun sammuu fi egeree namaa dadhabsiisa.
📚 Sa’aatii tokko kitaaba dubbisuun,
🕌 sa’aatii tokko Qur’aana qara’uun,
💡 sa’aatii tokko beekumsa barachuun
bor mootummaa jireenyaa siif banu danda’a.
⏳ Yeroon har’a taphaan darbe, bor deebi’ee hin dhufu.
😄 Yeroo kolfuu hin qabnetti kolfitee,
😢 yeroo kolfuu qabdutti akka hin boonne.
Namni yeroo isaa harcaasu yeroo mootummaa isaa booya.
Namni yeroo isaa tikfatu ammoo yeroo mootummaa isaa gammada.
الوقت أشد من الموت
“Yeroon du’a caalaa cimaadha.”
Sababni isaa duuti yeroo tokko qofaan nama irraa kutti;
yeroon garuu guyyaa guyyaan umrii keenya irraa hir’ifamaa jira.
Hardha yoo darbe “darbe” jedhama;
deebi’ee hin dhufu.
Daqiiqaan fi sekondiin umrii keenya irraa hir’ifamaa jiru.
Kanaafuu:
Yeroo kee qoodi
Taphas qabaadhu
Barnootas qabaadhu
Ibaadaas hin dagatin
Kaayyoo jireenya kees ijaaradhu
Karoora yeroo kee ittiin fayyadamtu mataa keetiif baafadhu;
namni karoora qabu yeroo isaa hin gubu.
“Ijoolleen yeroo isaanii tikfatan, egeree isaanii mootummaa godhatu.”
💪 Abjuu kee waan xiqqoon hin gurguriin
✊ Biyya si eegaa jiraa
Akkuma dhalattetti hin du'in
Haala Jireenya Namaati fi Hariiroo Isaan Rabbii Waliin Qaban
Yoo sirriitti xiinxalte, ilmi namaa haala jireenya isaanii fi ajaja Rabbii godhuu irratti hundaa'anii bakka afuritti qoodama tahuu argita.
1.Ajaja Rabbiiti godha,akkasuma jireenya isaa keeysattiis gammachuu qaba.
2.Ajaja Rabbiiti godha,garuu jireenya isaa keeysatti rakkataadha.
3.Ajaja Rabbii hin godhu,jirrenya keeysatti ammoo gammachuu qaba.
4.Ajaja Rabbii hin godhu,akkasuma jireenya isaa keeysattiis rakkataadha.
•Yoo oggaa if laaltu haalli kee lakkoofsa #1 keeysa jiraate kun beekkamaadha sababni Rabbiin akkana ja’a ;
«مَنْ عَمِلَ صَالِحًا مِّن ذَكَرٍ أَوْ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَلَنُحْيِيَنَّهُ حَيَاةً طَيِّبَةً وَلَنَجْزِيَنَّهُمْ أَجْرَهُم بِأَحْسَنِ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ»
“Nama gaarii dalagate dhiirarraa tahuu yookan dubartii taatu (duniyatti) jireenya gaari isaan jiraachifna,mindaa isaanitillee irra gaarii waan isaan dalaganitin galata galchinaaf (jannata kanninaaf).”
•Yoo oggaa if laaltu haalli kee kee lakkofsa #4 keeysa jiraatte kunis beekkama sababni Rabbiin akkana ja’a ;
«وَمَنْ أَعْرَضَ عَن ذِكْرِي فَإِنَّ لَهُ مَعِيشَةً ضَنكًا وَنَحْشُرُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَعْمَىٰ»
”nama na yaadachurraa gara gale ,jireenya rakkootu isaanif jira ,guyyaa qiyaamatis ballaa gooneti isaan kaafna.”
•Ammaas yoo oggaa if laaltu haalli kee lakkofsa #2 keeysa jiraate kuni haala lama qaba.
1. Rabbiin si jaalata obsa kee laaleeti sadarkaa tee ol si fuudhuf deema sababni Rabbiin akkana ja’a;
«وَلَنَبْلُوَنَّكُم بِشَيْءٍ مِّنَ الْخَوْفِ وَالْجُوعِ وَنَقْصٍ مِّنَ الْأَمْوَالِ وَالْأَنفُسِ وَالثَّمَرَاتِ وَ بَشِّرِ الصَّابِرِينَ »
“Sodaa, beela, hir'ina qabeenyaa, lubbuu fi midhaan dhabuun isin mokkoruuf jirra. Warra obsa qaban naaf gammachiisi.”
2. Ati ajaja Rabbitillee gootu haala Rabbiin sirraa jaalatutti isa gabbarutti hin jirtu,ammaas dilii irraa dagatte ta irraa hin towbatinitu sirra jira saniif Rabbiin si mokkare.
Rabbiin akkana ja’a ;
«وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنَ الْعَذَابِ الْأَدْنَىٰ دُونَ الْعَذَابِ الْأَكْبَرِ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ»
“Akka gara keenyatti deebi'aniif, adabbii isa guddaa dura adabbii isa xiqqaa (kan dunyaa) isaan dhandhamsiifna.”
•Yoo oggaa if laaltu haalli kee lakkofsa #3 keeysa jiraate lubbuu tee if eegi ammaas if eegi sababni Rabbiin qaba siif qabu jira (warning keessa jirta )
bakki tun bakka akkaan hamtuuti,booddeen isiitis si rifachiisti,qixaaxni yoo ati hin gorfamne Rabbi biraa sitti dhufuun shakkii hin qabu Rabbiin akkana ja’a ;
«فَلَمَّا نَسُوا مَا ذُكِّرُوا بِهِ فَتَحْنَا عَلَيْهِمْ أَبْوَابَ كُلِّ شَيْءٍ حَتَّىٰ إِذَا فَرِحُوا بِمَا أُوتُوا أَخَذْنَاهُم بَغْتَةً فَإِذَا هُم مُّبْلِسُونَ»
“Yeroo waan ittiin gorfaman irraanfatan, balbala waan hundaa isaaniif banne. Odoo isaan waan kennamaniin gammadaa jiraniis, akka tasaa isaan qabne; yosuu isaan abdii kutatan.”
Aniis,isiniis ka dubbisa kana dubbise eysa keeysa akka jirru if beeyna Rabbiin rahmata isaatin nama gama isaa deebi’uu nu haa godhu.!!
☆ "ifumaaf nama if tuffachiiftaa?"
👉 Yaa nama khiyya ati qaalii tahuu khee beekhi. Ati nama khabajamaadha. Rabbiin nama godhee wanti si uumeef, kabajamaa tahuu kee si beeysisuufi. Uffata kabajaa kan Rabbiin sitti khaaye namoota gammachiisuuf jettee yoo saaqqatte, ifumaaf nama if tuffachiiste. Namoonni yoo fedhii fi faaydaa isaanii eeyde malee, yoo mataarratti isaan baatte malee sin kabajan. Jiddu gala wahii tokko irra dhaabbatanii si jaalatu taanaan yokaan si jibbu taanaan, if dhaqqabii talaallii tana fudhu. Mee takka dhaabbadhuu if laali. Moggaa keetiis laali. Namoonni siin marsanii jiran kan kabaja siif qabani moo kan si rakhisheeysanii jiranii dha?
👉 Siif haa galtuu haala keeysa jirtu siitu beekha waan teheef, naannoo kee qoradhuu yoo gadi galootti kan si ilaalaa jiran tehe, wantoota armaan gadii kanaan #hoddufoor irraa hooqi, yoo akkas hin goone tuffatamtee tuffatamuu keetiis amala godhattee walbarteenii tuffatamuu kee sanuu jaalattee jiraatta. Kolkolow !
👉Nama biraa biratti kabaja horachuufii akka si hin tuffanne gochuuf, jalqaba ilaalcha ati ofiif qabdu sirreessuufii amala kee irratti hojjechuutu sirraa eeggama.
Malli ittiin kana gochuu dandeessu qabxii armaan gaditti dhihaatan kanaan gabaabsinee kaahuu dandeenya.
1. Ofitti Amanamummaa Kee Cimsi
• Dhaabbata kee sirreessi:- Yeroo deemtuufii namatti dubbattu gadi jettee hin ilaaliin, ol jedhi.
• Ija keessa ilaali:- Namoota haasofsiistu ija isaanii keessa ilaaluun itti dubbadhu.
• Akkaataa uffannaa:- Yeroo hundaa qulqullina keetiifii uffannaa kee sirreessi. Naguma Rabbii waan takka fakkaattee hin deemin akka nama manaafii Alawaadaa jidduu deddeebi'uutti jiruu.
2. Dubbii Keetii fi Gorsa Kee Madaali
• Gadi fageenyaan dhaggeeffadhu:- Dubbachuun dura namoota hunda caalaa dhaggeeffachuuf xiyyeeffannoo kenni. Nama na dhaggeeffatu arkadhe jettee mataa naman wareersin, hedduu haasawuun kee si tuffachiisa malee beekhaa sin godhu! [Gabbiittoo?]
• Dubbii kee gabaabsi:- Haasawa baay'isuun salphina fida. Dubbii kee gabaabaa, ifaafi qabatamaa godhi. Naguma Rabbii khulaa khulbus hunda haasooytee akka dubbii maraataatti ta qabatanii fi ta dhiisan naman wallaalchisin !
• Waan hin beeyne dubbachuu dhiisi:- Waan beektu qofa irratti ejjennoo dhaan dubbadhu. Hayyu hayyuu yoo si goggodhe #Akhii_Namaa waan hin beeynu si afaan fideeti kijibaa taatee qaanyooytee tuffatamta
3. Daangaa Kee Kabachiisi
• 'Lakkii' jechuu bari:- Waan sitti hin tolle ykn humna keetiin ol ta'e didii lakkii jedhi.
• Yeroo kee kabaji:- Namni akka fedhetti akka si ajaju ykn yeroo kee akka qisaasessu hin heyyamiin. "Laaftutti yoo si arkatan, situffatan" sii himegaa ani!
• Iccitii kee eeggadhu:- Jireenya kee, hanqina keetii fi iccitii kee namatti odeessuu hin baay'isin. "Si beekhe, situffadhee" jedha Amaarri [bakka kana namni Afaan Amaariffaatti hiikee Koomentii jala kaahe badhaasa qaba]😂?
4. Amala fi Hojii Kee
• Waan jette raawwadhu:- Waadaa galte eegi. Kun namoota biratti amanamummaa guddaa siif kenna. Baallamaas Kabaji. Yoo beeylama guutuu hin barin, gaafa namoota jajjaboo waliin walitti dhufte ni salphatta, ni tuffatamta?
• Of irratti hojjedhu:- Beekumsa kee, dinagdee keetiifii dandeettii kee guddisuuf carraaqi. Namni hojii qabuufii of danda'e hin tuffatamu. *Mee bakka tana irra deddeebi'ii dubbisi please *
• Nama hundumaa gammachiisuuf hin dhiphatin:- Namni hundi akka si jaallatu gochuuf hin daadarkaawin kun kabaja si dhabsiisa malee kabajaa siif hin kennu! Nama hunda gammachiisuu yoo feete maallaqa tahuu qabda, kan nama hunda gammachiisu maallaqa qofa !
👉Walumaa galatti wantoota armaan olii kana fi kanneen biroo fayyadamtee ilaalcha mataa keetiif qabdu sirreessuu dandeessa. Yeroo ati #qaalii tahuu kee sammuu kee amansiifte "if tuffachiisuu jalaa Walaboomtee" guyyaa walabummaa #tuffatamummaa keetii boontee kabajatta jechuudha.
👉 Yoo kana gochuu hin feene duba "ifumaaf nama if tuffachiiftaa?" ?Maal jechuudha je'e Qaallichi ! 😂
Tabi’in beekamaan Abu Muslim Al-Khawlaanii (Rabbi rahmata haa godhuuf) nama akkaan Rabbi sodaatu ture.
Abu Muslim yeroo hundaa masjiidaa yoo deebi’an, akkuma hulaa mooraa gahuun sagalee ol kaasanii "Allahu Akbar" jachuu turan. Haati mana isaa , akkuma sagalee isaa dhageesseen keessaa lallabdee "Allahu Akbar" jettee deebistiif.
San booda, yeroo inni moora ol seenee ammaas irra deebi’ee takbiirtaa ja’a, isiiniis ni deebistiif. Dhuma irratti, yeroo hulaa mana jireenyaa dura gahuus yeroo sadaffaaf takbiirtaa ja’a, isiiniis ammas kabajaan isa simatti.
Akkuma mana seenuun haati manaasaa huccuu fi kophee isaa irraa fuutee, ol galchitee, nyaata dhiyeessitiif. Jireenyi isaanii tasgabbii fi nagaa kanaan guutamee odoo jiruu, guyyaa tokko wanti hin yaadamne tokko ta’e.
Halkaan tokko Abu Muslim akkuma amala isaanii masjiidaa deebi’an. Karra guddaa bira gahanii "Allahu Akbar" ja’an, garuu deebiin hin jiru! Maaltu ta’e laata ja’e ,moora seenee yeroo Lammadaaf takbiirtaa ja’an, ammas caldhisa qofa.
Hulaa mana jireenya dura gahnii yeroo sadaffaaf takbiirta ja’e deebii tokko hin arganne.
Yeroo ol seenan manni dukkana, ifaan hin jiru. Haati mana saa akka amala isii isa simachuu dhiistee, mataa gadi qabattee, dallansuun muka Tokko lafaan diddirti.
Abu Muslim ajaa’inee : "Maali, maaltu si qunname?" Ja’eeni gaafate.
Haati manaasaa mataa ol qabattee akkana jetteen: "Ati erga Amiira Mu’uminaa (Mu’aawiyaa) biratti kabajaa fi bakka guddaa qabda, maaliif hojjetaa mana keessatti nu gargaaru nuuf hin gaafanne? Jireenya rakkinaa kana keessaa baanee akka nuuf bal’isu maaliif qarshii isaa hin gaafanne?" jetteen.
Abu Muslim garuu dubbiin kun dubbii haadha manaasaa akka hin taane yeroma sanitti hubatan. Dubartiin hamtuun, hinaaftuun tokko mana dhuftee haadha mana isaa itti jijjirtr, "Jaarsi kee Mu’awiyaa biraa kabaja akkasii qabaa, osoo isa isiniif kadhate qananii keessa jiraattan ,?" jettee summii gaa’ela isaanii keessatti facaastee akka deemte beekan.
Abu Muslim gara Rabbii harka isaanii ol kaasanii akkana ja’anii du’aa’ii intala sanirratti godhan:
"Yaa Rabbi! Nama jireenya haadha manaa koo natti balleesse fi bultii tiyya diige, ija isaa jaamsi!"
Du’aa’iin sun yeroma sanatti gara samii baate. Dubartiin shira xaxxe odoo mana ishee teessu, agartuun ija isii duraa badde; dukkanaa keessatti hafte. Naasuun: "Ifaa ni dhaamsitanii?" jettee warra manaa gaafatte. Isaanis: "Lakki, Ifaan ni ifa" ja’aniin.
Yeroma sanitti dubartiin tun adabni kun maaliif akka isii qunname hubatte. Shirri isiin mana Abu Muslim irratti xaxxe isitti deebi’uu argite.
Eeganaa booyaa gara mana Abu Muslimitti fiigde. Fuula isaanii duratti kuftee, akka dhiifama isiif godhan fi iji ishee akka deebi’uuf Rabbii akka kadhatan booyaa kadhatte.
Abu Muslim, garaanis laafeefi, harka isaanii ol kaasanii ammas Rabbii isaanii kadhatan. Rabbiinis du’aa’ii isaa dhagayee agartuu ija intala sanii deebiseef.
Rasuulli ﷺ “Namni jaartii jaarsatti jallise (jibbisiise) nurraahi miti” ja’e.
📚 *Maddi Seenaa Tana:
Al-Muntadham fii Taariikh al-Mulook wa al-Umam (Vol 5 / Fuula 331)
Guyyaa arafaa boruu kana maal godhuu qabna?
1, Soomanuu; Maalif?
guyyaa tokkichaa kana soomanuun diliin bara lamaa nuuf araaramti yoo rabbi ja’e.
2, Salaata; Salaata fardii jam’aan masjiidatti salaatuu fi Sunnaalee salaataa heddummeeysuu; Maalif?
Salaanni irra jaalatamtuu ibaadaati.
Rasuulli rabbii irra caaltuun dalagaa rabbi biratti jaalatamtu kami jechuun gaafatamee, Salaata yeroo isii irratti salaatuudha ja’an
3, Qur’aana qara’uu fi Zukrii heddummeeysuu; Maalif?
Qur’aana yeroo qaraanu harfii tokkorratti sawaaba 10 arganna, juuza lamaa fi sadi qara’uun qofti sawaaba Kuma dhibbaan lakkaawamu argachuu dandeenya
Akkasuma Zikriilee gara garaa tan arraba irratti laaftuu kan galanni isii guddaa haa zakkarru.
Subhaanallaahi wabi hamdihii, Subhaanallaahi wabi hamdihii Subhaanallaahil Aziim; Laa’ilaaha illallaah wahdahuu laa Shariika lahuu lahul mulku wa lahul hamdu wahuwa alaa kulli sheey’in qadiir fi kkf heddummeeysuu
4, Yoo dandeenye, Sadaqaa kennachuu heddummeeysuu, Maalif? Sadaqaan ibaadaalee akkaan jabduu keeysaa tokko tahuu fi ibaadaa warri ibidda seenan osoo duniyaa irratti deebi’an godhuu hawwaniidha, ati lubbuun waan jirtuuf ammuna godhi.
5, Waan rabbiin hin feene hundarraa fagaachuu. Dilii dalaguun guyyaa kaan keeysallee hamtuu taatu guyyaa guddaa akkanaa kana keeysa waan rabbiin hin jaalanne hojjechuun ammoo qalbii goggogina irraahi kanaaf hanga dandeenyetti hamtuu irraa lubbuu keenya haa tiiysinu
Luqmaan Al-Hakiim ilma isaatiin akkana ja’e:
• Yeroo salaata keessa jirtu, qalbii kee eeggadhu.
• Yeroo nama keessa jirtu, arraba kee eeggadhu.
• Yeroo mana namaa jirtu, ija kee eeggadhu.
• Yeroo nyaata irratti namaa wajjiin walitti qabamte, garaa kee eeggadhu.
Waa Lama gonkumaa hin yaadatin:
1. Hammeenya namoonni si irratti raawwatan.
2. Gaarii ati namootaaf goote.
Waa Lama immoo gonkumaa hin dagatin:
1. Rabbii kee.
2. Ganda Aakiraa.
Hamii (Al-Ghiibah).
Hamii jechuun bakka namni tokko hin jirretti wanta inni jibbuun kaasudha. Hamiin gocha badaa fi dhoowwamaa hariiroo fi obbolummaa namoota balleessudha. Hamiin hanqinna dhokataa (eybii) nama tokko ifa baasun ummata keessa facaasu waan ta'eef, isaan jidduu ibidda diinummaa qabsiisa. Akkasumas, namni tokko yommuu eybii (nawrii) namaa namoota keessa facaasu, namoonni cubbuu (dilii) haala salphaan akka ilaalanii fi wanta fokkuutti akka taran taasisa. Keessumaayyu, namni hamatamu suni nama amala gaarii fi istiqaaman (gadi dhaabbannaan) beekkame ykn daa'i yoo ta'e, hamiin badii fi wantoonni fokkuun namoota keessa akka faca'uuf karaa bana. Maaltu gara hamiitti nama kakaasaa? Wantoonni gara hamiitti nama kakaasan baay'edha. Isaan keessaa:
1ffaa-Nama hamatu san keesso ofiitti jibbuu- namni kuni keesso isaatti nama tokko kan jibbuu fi jibba isaa alatti baasu kan hin barbaanne yoo ta'e, carraa hamiitti fayyadamuun kabaja isaa qalbii namootaa keessatti gadi xiqqeessuuf carraaqa. Namni kuni jibba nama kanaaf qabu yoo ifa baase, "faaydalee baay'ee nan dhaba ykn gara wal loluutti nu geessun badii guddaa fida" jedhee waan sodaatuuf, dhoksaatti isa hamata.
2ffaa-Waanyuu (hinaaffii) wal-dorgommii irraa dhalate- namni haasidni (kan hinaafu) hinaaffin isaa akka isarraa beekkamu hin barbaadu. Garuu ibidda hinaaffi qalbii isaa gubu waliin jiraachu waan hin dandeenyef,wanta qalbii isaa keessa jiru eybii (nawrii) nama inni hinaafuu ifa baasu fi hamachuun ibsa. Kabajaa fi sadarka nama sanii gadi buusun mataa ofiiti immoo bakka isaa qabachuuf bakka taa'u hundatti isa hamata. Garuu kuni isaaf hin milkaa'u. Namni nama salphisuuf tattaafatu dhumarratti waan salphatuuf.
3-Hanqinnaa fi wanta fokkuu isaa namoota amansiisuuf- Namni kuni hanqinnaa fi amala fokkuu yoo qabaate, nama kabajamaa hanqinna isaa namootatti odeessun ni hamata. Kan akkana godhuuf namoonni hanqinnaa fi wanta fokkuu isaatirra ija akka gadi qabatanii fi kabaja nama sanii qalbii isaanii keessaa haxaawufi. Kuni immoo gocha fafee ykn gadheedha. Namni hanqinnaa fi wanta fokkuu qabuu jijjiruuf tattaafachu qabaa malee nama biraa hamachuun nama guutuu fi kabajamaa ta'uu danda'aa?
Kitaaba wabii: Al-Akhlaaqu Islaamiyyat wa ususuha-Abdurahman Habanka
Qophii Ifa Islaamaa
Dubartiin tokko akkas jettee Sheek Al-Albaanii gaafatte,
"Yaa Sheek, fuudhaa fi heeruma koo dura dubartii yeroo hunda soomanaa fi salaata salaattun ture. Qur'aana keessatti gammachuu guddaa qaban ture. Amma, mi'aa ibaadaa dhabeen jira." Sababni isaa maali jetteen
Innis, Rabbiin isaaf haa araaramu, "xiyyeeffannoon ati abbaa manaa keetiif kennite jirtu akkami jedhee gaafaten?"
Isheenis akkana jette: "Yaa Sheek waa'ee Qur'aana, sooma, salaataa, mi'aa ibaadaa si gaafachaan jira, ati immoo waa'ee abbaa manaa koo na gaafachaa jirtaa?!"jettee.
Innis akkana jedhe: "Eeyyee obboleettii koo. Dubartoonni tokko tokko mi'aa amantii, gammachuu ibaadaa keessaafi dhiibbaa ibaadaa maaliif akka hin arganne beektaa?"
Nabiyyiin nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatu akkana jedhan:
"Dubartiin hanga ajaja abbaa warraa ishee guuttutti mi'aa iimaanaa hin argattu."
Jedhanin
- Saahih al-Targhib (1939)
«ilmaan jallachuu fii baduun Abboottiin isaanii Rakkoo qaban jechuu miti».ღ
«Gaafa ilma jallaa,badaa fii faajira tokko agarte haadhaa fii abbaa isaatti zannii baddee guddisaa fii kunuunsa isaaf godhan keessatti rakkoo qabu jechuun yaaduurraa eeggadhu. Haadhaa fii abbaa meeqaatu jira kan ilmaan isaanii isaaniif qajeelanii gaggaarii fii babbareedoo akka isaaniif ta'aniif jecha yeroo,qabeenya,beekumsa,humnaa fii yaada isaanii humnaa ol baasanii ilmaan isaanii immoo baduu fii jallachuu malee didan. Inumaa gaaf-garii ilmaan hundi tokko malee kan qajeelaa ta'antu jira. ati isuma jallatee karaa hoongoo karaa warra ibiddaa filate san agarta. Yeroo kana komiin ilma jallataa mataa jabaate kan karaa jallinaa filaterra jira malee haadhaa fii abbaan gaggaariin,toltu yaadoo fii gara laafoon mararfatoon komatamuu fii tuttuqamuu hin qaban.»
«Nama meeqa kan gaafa badiinsaa fii hammeenya nama tokkoo agare maatii isaa irratti murteessuutu jira. Abadan akkas hin godhin ati. Yoo akkas dalayde fuula rabbii duratti irraa gaafatamuuf teeysa. Ammallee nama maatii nama saniitiis isuma jallaa badaa sanii waliin arrabsuutu jira. Wallaahulmusta'an.»
«Wawallaahi silaa gaarumiinsaa fii toliinsi abbootaa tolaa fii gaarumiinsa ilmaanii ta'ee silaa ilmaan anbiyootaatu irra gaggaarii fii toloo namaa ta'a. Rabbiin ﷻ qur'aana keessatti seenaa ilma mataa jabaate kan abbaa isaa didee seenaa ilma nabi nuuh ﷺ waa'ee isaatirraa nuuf himee jira. Inumaa jallinaa fii ku.f.r.i.i haadha manaa isaatiifii haadha manaa nabi luux ﷺ fii jallinaa fii ku.f.r.i.i abbaa nabi ibraahiim ﷺ nutti himee jira. Kun hundi qalbiin garbootaa harka Rabbii ﷻ jirti malee harka abboottii isaanii akka hin jirre nu barsiisuufi.»
«Nama tokkoon ilmaan isaa itti jallatee fii isatti mataa jabaateef:- lubbuu tee gaddaa fii of dhabuun isa jalatti hin gaggabsin. Balaa sitti dhufte gara rabbii keetii waywaatuu,isaaf of gad cabsuu,haajamummaa tee addatti isatti mul'ifachuu fii du'aa'iitti jajjabaadhu dura dhaabbadhu.»
«Sunnaa Rabbii ﷻ keessaa; gaafa asiin balbala fitinaa fii balaa sitti bane asiini mogguma isiitiin balbala kennaa siif bana. Balbaloonni kennaa yeroo hedduu gaafa balbaloonni balaa banaman malee hin banamtu. Saniifuu Gammadaa,kheeyrii eeggachaa rabbii keetitti yaada bareeffadhu.»
«ilma Abbaa fii haadha isaatti jallatee isaanitti mataa jabaateef;- guyyoonni ati duniyaa kanarraa qabdu lakkaawamtuudha. Dalagaaleen ati dalagaa jirtu Rabbi ﷻ biratti beekkamtuudha galmeeyfamtuudha. Rabbiin ﷻ qaba siif qaba malee sin lakkisu. Suuta suuta si qaba malee isa jalaa hin baatu. Yoo sammuu fii diin waa si bira jiraate daddafii gara Rabbii ﷻ toowbadhu. Gara haadhaa fii abbaa keetii deebi'ii isaanitti tola ooli. Dhugumatti hedduu sirratti dadhaban. Akka isaaniif gargaarsa,irkoo,gammachuu fii dasii ija isaanii taatuuf si guddisan. Atimmoo kana dhiisteeti qoree laagaa seentee fii yaaddoo qomaa hin baane isaanitti taate.»
«Wallaahi yoo Towbattee gara isaanii deebi'uu baatte qottoo,qoree fii gufuu meeqaan duniyaa tanarrattii fii du'a boodallee waraanamtee diramuuf teeysa. Yaaddoo, cinqii fii rakkoo hedduus agaruuf jiraatta.»
«akka itti rabbiin sadarkaa fii haqa isaanii guddisee ulfeeysee ol fuudhe hin barree ati? akka inni itti haqa isaatii fii haqa isaanii walitti qabee dubbatte hin agarree?
۞ وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعۡبُدُوۤا۟ إِلَّاۤ إِیَّاهُ وَبِٱلۡوَ ٰلِدَیۡنِ إِحۡسَـٰنًاۚ ۞
«Wawallaahi! Osoo haadhaa fii abbaan kee faajiroota kaa.f.i.r.oota kan fujjaarummaa fii ku.f.r.u.mmaa sanitti kan si waamaan illee ta'anii isaanitti mataa jabaachuu fii isaan diduun siif hin hayyamamu siif hin danda'amu. Kan gaafa akkana ta'anuu akkanaa gaafa gaggaarii saalihtoota mu'mintoota ta'anii gara iimaanaa,gara kheeyrii diinii fii duniyaa keetiin dhaabbachuutti si waaman ta'an hoo??»ღ
✓. Yaa Rabbi! Qalbii Abbaa fii haadha ilmaan harkatti jallatanii mata itti jabaatanii isaan mokkortee suphii kheeyriitti isaaniif jijjiiri.»
👉#imaamni masgiida tokko akkana ja’a ;
Salaata Subhii eega Salaanne booda mucaa umriin isaa 13 tokkootu natti dhufe ;Abbaan kiyyaa haajaa jabduuf si barbaada naan ja’e.!!
Manni isaanii masjiduma biratti dhihoo waan taheef ka’eti gara mana isaanii wajjiin deeme.
Yeron mana ol seenu kuno abbaan isaani nama umriin amata 50 gahu akkana naan ja’e ;
Yaa Sheeka intalti tiyya Sakaraata du’aa keeysa jirti sakaaranni itti jabaate koottu qur’ana itti naafi qara’ii naan ja’e.☝️😭😭
Fulla isirra waan akka abaayaa takkaatu irra jira oggaan sakaraata jirti jachuu beeke ;laa ilaaha illallah muhammad rasuulallaah ja’iin jachuntti seene.
Akka isiin jacha kana naaf jattu kajeeludhaafi jacha yero hedduun irra daddeebi’e.
Ammo isiin maal akka jattu ni beeytanii??😭☝️
Wallaahi isiin jacha tokko qofa jatti kan ittin idanne .
Yaa hallaka kiyya qomti tiyya na rakkatte ,yaa hallaka kiyya qomti tiyya na rakkatte jatti.
Ammo jacha tokko kan akka bakakkatti narratti gadi bu’e kan bakkaan jiru na irraanfachiise jachutti seente.
Miciiyyon tun akkana jatti ; wallaahi anii iddo tiyya tan ibiddaatin arku jira,wallaahi anii iddo tiyya tan ibiddaatin arku jira.je,eti subahan Allaha
Osoo jacha kana jattu ruuhiin isii keeysa baate.
Rifadheetin abbaa isirratti achii gara galee maaliifi akkanatti kaatimaan isii badde je’een?.
Abbaan booyaati ;wallaahi isiin muziiqaadhaan😭 qalbiin isii guttamte,yeruma takkallee muziqarraa addaan hin baatu Salaataas hin salaattu isiin kadhadhus nan dhageeysu ja’e.
Akkasitti oggaa laailaa ha illallaah dhageeyse qalbiin isii rakkatte.
Yaa ummata muhammad.!
Shabaaban keenya laailah illa laah malee duniyarraa deemu jiran nama rabbiin rahmata godheefi malle.
…yoom iffi yadanna..!! Obbollottaa ko🫂😭☝️
Doktortichi tokko akkana ja’a makiinaan joollee universititiin deemtu takka gara galteeti ;namni 24 shahaadaa nu jalaa deebisuu didan ,mucaa dardaraa tokko malee.!je'e subahan Allaha
Yoom towbanna.!yoom gara rabbii achi deebina.!
Yoom dilii lakkifne gama rabbii jaallachu yaana.!
Seenaa Aalima Guddaa kana Beektuu?
Maqaan isaanii guutuun:- Sheek Muhammad ibn Saalih al-Useeymiin (Rahiimahullaah) Jedhamu. hayyuu guddaa jaarraa 20ffaa keessatti addunyaa Islaamaa keessatti dhiibbaa guddaa uumeedha. seenaa isaanii akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessa:
1. Dhaloota fi Guddina Isaanii✅️
Sheek Useeyimiin bara 1929 (Hijiraa 1347) magaalaa Unayzah, mantiqaa (Godina) Qasiim, Sa'udii Arabiyaa keessatti dhalatan. Maatiin isaa maatii amantii fi beekumsa qaban turan. Maqaan isaa guutuun: Muhammad ibn Saalih ibn Muhammad ibn Sulaymaan ibn Abdur-Rahmaan al-Useeyimiin al-Wahiibii al-Tamiimii dha.
2. Barumsa Isaanii✅️
ijoollummaa isaatii kaasee barumsa diinii irratti xiyyeeffannoo guddaa kenne.
• Qur'aana: Akaakayyuu isaa Sheek Abdur-Rahmaan ibn Suleeymaan al-Daamig biratti Qur'aana qara'ee xumure.
• Ustaazota Isaa: Ustaazni isaa inni guddaan fi dhiibbaa guddaa irratti uume Sheek Abdurraahmaan al-Sa'adii dha. Isarraa Fiqhii, Tawhiida, Tafsiira fi luga Arabiffaa barate.
• Akkasumas, hayyuu guddaa Sheek Abdul-Aziiz bin Baaz biratti barumsa Hadiisaa fi kkf barateera. Sheek Bin Baaz ustaaza isaa lammaffaa akka ta'etti ilaalama.
3. Hojii fi Tajaajila Isaanii✅️
Sheek Useeyimiin jireenya isaa guutuu barumsa barsiisuu fi ummata tajaajiluun dabarsan:
• Barsiisummaa: Masjiida guddaa Unayzah keessatti waggoota 47 ol barsiisan. Akkasumas, Yuunivarsiitii Islaamaa; Imaamu Muhammad bin Sa'uud keessatti piroofeesara ta'anii hojjetanii jiru.
• Miseensa Hayyootaa: Miseensa "Council of Senior Scholars" (Lajnatul Daa'ima) Sa'udii Arabiyaa turan.
• Imaamummaa: Masjiida guddaa magaalaa Unayzah keessatti Imaama fi Khaxiiba turan.
4. Amaloota Isaanii✅️
amaloota gaggaarii baay'eedhaan beekaman:
• Salphaatti barsiisuu: Akkaataan isaan barnoota itti dhiyeessan baay'ee salphaa, ifa fi kan sammuu namaa keessa galu ture.
• Zuhdii: Isaan nama qabeenya addunyaatti hin gowwoomne, jireenya salphaa jiraatu turan.
• Yeroo eeggachuu: Yeroo isaan biratti baay'ee qusatamaa ture; takkaa yeroo isaanii osoo faayidaa hin qabne hin dabarsine.
5. Kitaabota Isaanii✅️
kitaabota 100 ol kan mata-duree adda addaa (Fiqhii, Aqidaa, Tafsiira, Luga) irratti barreessan qaban. Isaan keessaa muraasni:
• Sharhul Mumti’ ala Zaadil Mustaqni’ (Kitaaba Fiqhii baay'ee beekamaa).
• Tafsiirul Qur’aanil Kariim.
• Al-Aqidah al-Wasitiyyah (Ibsa isaa).
• Kitaabu Al-Ilm (Kitaaba waa'ee barumsaa dubbatu).Fi kanneen kana fakkaatan baay'ee barreessanii jiran.
6. Du'a Isaanii✅️
Sheek Muhammad ibn Saalih al-Useeyimiin waggaa 74ffaa isaanitti, bara 2001 (Hijiraa 1421), ji'a Shawwaal keessa magaalaa Jiddaa keessatti addunyaa kanarraa boqotan. Salaatni janaazaa isaa Masjiid al-Haraam (Makkah) keessatti irratti salatamee, achumatti awwaalame.
Du'a isaa irratti namoonni miliyoonaan lakkaawaman salaatanii jiru, kunis jaallatamummaa isaan ummata biratti qaban agarsiisa. Hayyu Islaamaa fi beekaa har'as qalbii Muslimtoota addunyaa keessa jiraniidha. Kitaabota isaanii addunyaa guututu irraa barachuu fi ittiin jijjiiramutti jira.
Rabbiin (sw) rahamata haa godhuuf, firdawsul a'laa haa kennuuf.
Obboleeyyan muslimaa baga Rabbiin halkan Ramadaana 29ffaan nu gaye‼️
Kana booda Zakaa Fixrii qopheeyfatuu nu barbaachisa.
✳️ Zakaan fixrii sababa Soomana Ramadaanaa fixuuf kennama, kennaa nama muslima tahe; xiqqaa fi guddaa, dhiiraafii dhalaa, bilisaafii gabrarratti dirqama.
✳️ Zakaan fixrii midhaan naannoo jireenyaatti heddumminaan nyaatamu irraa kennama.
✳️ Zakaan fixrii nama tokkorraa Suguda tokko( 2.5 kg) kennamuu qaba.
✳️ Yaroon kennamu gara dirree Eidaa deemuun duratti.
⏯ Zakaa fixrii kana bakka midhaanii maallaqa buusuun hin tahu.
Odoo maallaqni ni taha tahee Ergamaan saw nuuf ibsu turan. Gaafa saniis maallaqni ni jira.
■ Maallaqa namni hwdduu fedha waan taheef itti hin fayyadamu kiisha kaayyateetuma maaliif hin kennuu cal je'ee barcaafaan bitata.
Hulaalee jannataa Saddeettan (8) beektaa?
Yoo hin beeyne baradhu, yoo beeyte ammoo #Share godhii warra hin beeyneef dabarsi.
1. #Baabu_Salaat (Hulaa Salaataa)
Warra Salaata isaanii qalbii fi yeroon salaataniif kan banamtuudha.
2, #Baabu_Jihaad (Hulaa Jihaadaa)
Warreen karaa rabbiirratti wareegamaniif banamtuudha.
3, #Baabu_Sadaqah (Hulaa Sadaqaa/Arjoomuu)
Hulaa Jannataa warra qabeenya rabbiin isaaniif kenne irraa karaa rabbiirratti kennataniif banamtuudha
4, #Baabu_Rayyaan (Balbala Rayyaan)
Hulaan tuni hulaa warra soomane qofaaf banamtuudha, akka dirqamaatti soomana Ramadaanaa akka sunnaatti soomanoota sunnaa warra soomananiif tan banamtuudha
5, #Baabul_Hajj (Balbala Hajjii)
Tan warra hajjii godhe qofaaf banamtuudha
6, #Baabu_Al_Kaazimiinal_Gheeyz_Aafiin_Aninnaas)
Hulaa warra Aara/mufii isaanii to’atanii ilma namaa isaanitti balleeyseef dhiifama godhaniif banamtuudha
7, #Baabul_iimaan (Hulaa iimaanaa)
Balbala warra dhugaan rabbitti amananii rabbiirratti of dhiisaniif banamtuudha
8, #Baabu_Zikr (Balbala Zikrii)
Balbala warra halkanii fi guyyaa rabbii isaanii yaadachuun dabarsuuf fedhii guddaa qabaniif banamtuudha
Yoo rabbi siif laaffise obboloota kee islaamaaf qoodi
Fawaz Ahmed Oromia irraa
Ulaagaalee Soomanaa
•••••••••••••••••••••••
1. Soomanni dirqama taha hunda nama muslimaa, qalbiin fayyaa, kan ufbaree, kan soomanuu danda'uu, taa'aa biyyaa kan karaa deemaa hin tahin, waan soomana dhoowurraa qulqulluu kantahe hundarratti
dirqama.
2. Kaafirri soomanuun isaaf hin tahu, soomanus irraa hin qeebalamu,
3. Joollee xiqqoo soomanni irratti dirqamaa miti, garuu yoo soomanan ni tahaaf, inumaa leenjiif jecha
soomansiisuun barbaachisaadha.
4. Maraataan waan soomanuuf hin qabu, irraayis hin qeebalamu
5. Dadhabaan akka dhukkuba irraa hin fayyineen qabamee faa, ni fura, guyyarraa beelawaa tokko nyaachisa.
6. Dhukkubsataan fayyuun isaa kajeelamu yoo dadhabe ni fura, eega fayyee ammo qadaa kafala.
7. Dubartiin ilmoo hoosftuufi tan garaa qabdu yoo soomanni itti ulfaate yookaa ilmoo isiirratti miidhaa fidaa sodaatte ni furti, booda garuu qadaa kafalti.
8. Namni nama halaakamuu deemu -kan bishaan nyaatee fi kan ibiddi gubedhaqqabee baasuuf deemu yoo furuun isa barbaachise ni fura,booda qadaa kafala.
9. Namni karaa deemu yoo fedhe nisoomana yoo fedhe ni fura, booda qadaa kafala.
10. Dubartii dhiiyni baatii fi dhiiyni ulmaa itti jiru ni furti, soomanuun isiif hintahu,booda nikafalti.
Rabbiin warra Ramadaana keessa milkaawu sanirraa nu haa godhuu
Gudunfaa
Dhibee munaafiqummaa irraa qulqullaa’uf yeroo hundaa of eeggannoon tarkaanfachuu qabna. Dhibeen kuni hamaa akka ta’e beekne qalbii teenya isarraa qulqulleessuf carraaqi addaan hin cinne taasisu qabna. Dhibee kanarraa qulqullaa’uun sammuu keenyaa nageenya, jireenya keenyaf tasgabbii, kabaja keenyaf faaya ta’a. Munaafiqummaan nama salphisa. Namni hanga fedhe nama jalaa miliquuf haa tattaafatu garuu Rabbiin jala miliquu hin danda’u. Rabbiin yeroo hundaa akka nu argu beekne keessa keenya ala caalaa bareechisuf carraaqu qabna. Alhamdulillah har’aaf asirratti nu gaha torbaan hanga kutaa itti aanun walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.
By Ibsaa Jireenyaa
Wiirtuu Qoricha Aadaa Kuush
Munaafiqummaan dhibee salphaa miti. Umar Ibn Al-Khaxxaab(RA) dhibee munaafiqummaatin of shakkuun Huzeeyfa(RA) kan galmeen munaafiqota isa bira jiru gaafataa ture. ‘Maqaan kiyya galmee Munaafiqootaa keessa ni jiraa sila?” jedhe Huzeeyfaa gaafata. Huzeeyfaniis “Lakki hin jiru.” Jechaani ture. Dhibee kana ofirratti beekne fayyisuuf carraaqi gochuu qabna. Namni munaafiqa ta’ee gonkumaa dhibee kanarraa hin fayyuu jechuu keenya miti. Qoricha isa barbaachisu yoo argate ni fayya. Qorichi munaafiqummaa:
▪ Beekumsa dhugaa barbaadu– beekumsi dhibee qalbii kamiyyuu fayyisuu danda’u beekumsa Qur’aana fi Sunnah Ergamaa Rabbiiti(SAW). Qur’aanni qalbii dhibamte kan fayyisuudha. Beekumsa kana argachuuf yeroo murteessufii, qalbii teenya akka fudhattuuf banaa gochuu , niyyaan (xiyyeefannoon) dhageefachuu yookiin dubbisuu, wanta baratame hojii irra oolchuf kaka’umsa qabaachu. Guyyaa guyyaan beekumsa waa’ee Islaama dabalachuuf carraaqun nurra jira. Beekumsa kana yoo arganne kan baraaramnu. Hanga feene yeroo hin qabnu jenne haa yaadnu guyyaa tokko duniyaa tanna gannee ni deemna. Amanti keenya karaa adda addaatin barachuuf yeroo murteessufi qabna. Yeroo teknoolojiin akkanatti babal’ate kanatti yoo amanti keenya barachuu dhiisne sababa Rabbiin fuunduratti dhiheessu hennu maalidhaa? Guyyatti vidiyoo Islaama tokko hanga dhumaa obsaa fi xiyyeefannoon haa ilaallu /dhageefannu yookiin kitaaba haa dubbisnu yookiin bakka da’awan kennamutti haa hirmaannu. Yoo akkana goone Insha Allah dhukkuba qalbii irraa ni fayyina.
▪ Cubbuu irraa fagaachu– akkuma durattu jenne cubbuun qalbii haguuga. Ifa akka hin agarre taasisa. Akkuma cubbuu irraa fagaannu fi gara Rabbii dhiyaachaa adeemnun akkasuma dhibee qalbii irraa fayyaa adeemna. Filmii fi moovin guyya guyyaan ilaallu qalbii teenya akkamitti hin jaamsinee, akkamitti hin dukaneessinee? Sobni, nama gowwomsuun, hanni fi kkf akkamitti hin gurraachesinee? Dhugumatti cubbuuwwan kunniin qalbii teenya ni gurraachessu, ni jaamsu, shakkiin qalbii akka haguugu taasisu, dandeetti dhugaa fi soba addaan baasu qancarsu. Dandeetti xinxalli fi ol fageessanii yaadu ajjeesa. Gabaabumatti cubbuu irraa yoo dheessine dhibee qalbii miidhu irraa nagaha baana.
▪ Towbaa fi hojii gaggaari–
qalbiin teenya cubbuu gargaraatin erga gurraachofte booda karaan nuti ishii ittiin dhiqnu fi miidhagsinuu towbaa (gara Rabbii dhugaan deebi’u fi hojaa badaa san dhiisu) fi hojii gaggaari hojjachuudha. Towbaa fi hojii gaggaarin ba’aa cubbuu namarraa buusa. Erga gara Rabbii deebine booda hojii badaa duraan hojjataa turre dhiisun gara hojii gaarii fiigudha. Towbanne yoo hojii gaarii hin hojjatin carraan gara hojii badaa sanatii deebi’uu baay’ee guddaadha. Towbachuun jireenya fafee duraan hordofaa turan dhiisanii boqonnaa haarawa jireenya gaarii banuudha. Hojii gaggaarii hanga humna keenya kan hojjannuu yoo taane dhibee qalbii irraa insha Allah ni fayyina. Fakkeenyaf soomu, sirnaan (kushu’an) salaatuuf carraaquu, sadaqaa kennu, rakkattoota gargaaru fi kkf.
▪ Hiriyyaa badaa irraa fagaachu– hiriyyaa gara zikrii Rabbiitti nu kakaasu qabaachu fi hiriyyaa gara baditti nu harkisuu irraa fagaachun dhibee munaafiqummaa irraa fayyuu ni dandeenya.
▪ Tawwakula fi du’aa'ii-
Mataa keenya qofaan dhibee munaafiqummaa ta’ii kan biraa irraa of qulqulleessu hin dandeenyu. Gargaarsi Rabbii nu bira yoo hin jiraatin. Garuu dhibee keenya fayyisuuf yoo carraaqne, Rabbitti yoo hirkanne fi du’aayi yoo goone Rabbiin akka nu gargaaru waadaa nu gale jira.29:69
“Warroota Nuuf qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti Rabbiin warroota hojiiwwan gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69
Yaa Rabbii qalbii teenya qulqulleessi.
Munaafiqummaan maddoota garagaraa irraa burquu danda’a. Isaan keessaa hundeen munaafiqummaa wallaalummaa, fedhii ofii jala deemu, cubbuu fi hiriyyaadha. Wallaalummaa yoo jennu amantii ofii sirnaan beeku dhiisuu, barachuuf qophii ta’uu dhiisuu, osoo carraan waa’ee amantii ofii itti baratan baay’ee ta’ee jiru ‘Uff! Ani hin danda’u,yeroo hin qabu.’ Jedhanii dhiisu, jireenya aakiraa yeroo dheeraaf turuu dhiisanii faaydama addunya jala fiiguun amantii ofii irraanfachuu dhumarratti of irraanfachudha. Namni Islaama yoo beeke fi barate of beeka. Eenyummaa ofii kan beeku amanti kana yoo barateedha. Filoosofin yookiin tiyoorin gonkumaa qalbii teenya dhibeewwan garagaraa irraa fayyisuu keessatti shora wayitu hin taphatan. Yeroo ammaa haala nama gaddisisuun namoonni baay’een barnoota ammayyaaf lubbuu ofii kennanii barnoota Islaama guutumaan guututti irraanfatu. Bu’aan isaan argatan maaliree? Goginsa qalbii ,dhiphinna sammuu , jireenya dukkanaa hordofuu fi kkf adabbii isaani ta’eef. Wallaalumman madda badiiti, dhibeedha.
2 Fedhii Lubbuu Jala Deemuu
Burqaan lammataa munaafiqummaa immoo fedhii ofii jala deemudha. Nafsiyaan wanta badaa fi gaarittis nama ajajji. Namni dandeetti fi filannoo wanta gaarii fi badaa addaan baasu kennameefi jira. Kana irratti dabalataan wantoota kanniin sirritti akka hubatuu fi daandii sirrii irra akka deemuf wahyiin ( Ergaan Rabbirraa karaa Ergamtoota Rabbiitin) isaa ergamee jira. Karaan badaa fi gaariin, ibiddaa fi Jannatatti nama geessan isaaf ifa godhamee jira. Ergaa kana fudhachuu fi dhiisun filannoo isaati. Ergaa kana yoo fudhatee fi hordofe ni milkaa’a. Garuu yoo dhiise fi fedhii ofii jala deeme adabbii hamaatu isa eeggata. Fedhii ofii jala deemun yookaa ergaa kana guutumaan guututti akka hin fudhanne nama dhoowwa yookiin immoo erga fudhatiini booda sirnaan akka hin hordofne nama taasisa. Fedhii darbitu tana guuttachuuf ergaa Rabbii miidhagaa kana maddittii achii dhiisa. Faaydaa addunyaa argachuuf amantii ofii gurgura. Faaydan yoo warra kaafiroota bira jiraatte isaanitti maxxana yoo warra Musliimota bira jiraatte immoo isaanitti maxxana. Takka as takkaa achi ta’a. Gadi dhaaba hin qabu. Qalbiin isaa haafa’insaa fi sodaan tan guuttamteedha.
3 Cubbuu
Burqaan sadaffaa immoo cubbuudha. Cubbuu fi ifni beekumsa waliif diina. Tokko tokko balleessa. Bakka tokko waliin jiraachu hin danda’an. Namtichi yeroo hundaa cubbuu kan hojjatuu fi gara Rabbii kan hin deebine yoo ta’e qalbiin isaa ni daandi’oofti,ni dukkanoofti. Ifa beekumsa akka hin fudhanne cubbuun ni haguuga. Cubbuun dhugaa akka hin hubanne fi hin fudhanne nama godha. Dirqama Rabbiin namarra kaa’e akka hin hordofne gufuu hamaa namatti ta’a, akka gaaritti namatti ulfeessa. Shakkii fi dhama’iinsaf karaa bana. Namni Guyyaa Qiyaama kan kijibsiisu yookiin dhufaati ishii kan hin amanne sababa cubbuu/badii inni hojjatuuni. Cubbuun immoo qalbii /onnee haguuga.
“Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii! Guyyaa Murtii kanneen kijibsiisaniif. Namni isa (Guyyaa Murtii) kijibsiisu hin jiru, daangaa darbaa, dillaawaa hunda malee. Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifaman, ‘Oduu warra duriiti.” jedha. Haa dhoorgaman! Wanti isaan hojjataa turan qalbii isaanii haguuge.” Suuratu Al-Muxaffifin 83:10-14
4 Hiriyyaa Badaa
Maddii afraffaan immoo hiriyyaadha. Hiriyyaan jireenya keessatti yookaa gara badiitti yookiin immoo gara gaariitti nama qajeelcha. Namoonni yeroo baay’ee wanta hiriyyaan hojjatu hordofu. Hiriyyaan badaan qilee badiitti nama darba. Sababa hiriyyaatin haqa ibiddaa fi dhuma hamaa irraa isa bararuu dhiisa. Namni sababa hiriyyaatin imaana ofii dhaba. Hiriyyaan suuta suutan karaa qajeela irraa nama qola/buta. Hiriyyaan haqa akka hin hordofne gufuu namatti ta’a.
Rabbiin waa’ee Munaafiqoota yommuu dubbatu akkana jedha:2:14
“Yeroo warra amanan qunnamaniis ‘Nuti amanneera.’jedhu. Yeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaani waliin kophaa ba’an immoo ‘Dhugumatti nuti isin waliin jirra; nuti isaanitti qishnummaa (qoosa) godhuuf akkas goone ‘ jedhu.” Suuraa Al-Baqaraa 2:14
Qoricha Munaafiqummaa!
Munaafiqummaa
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
Munaafiqummaa jechuun fuula lama ta’uu, garagaltoo lama ta’uu. As yoo dhufu nama kana fakkaachu, achi yoo dhaqu nama san fakkaachu. Keessi wanta hadhaa fi badaa osoo yaadu arrabaan nama sobuu. Keessi isaa hadhaa fi summiin kan guuttamee osoo ta’ee jiru arrabni isaa immoo akka sukkaraa mi’aawa. Ijjannoo fi kaayyoo gadii dhaabbataa hin qabu. Yeroo hundaa bakka faydan duniyaa jirtutti fiiga. Daangaa Rabbii fi gabroota Isaa eegutti haajaa hin qabu. Ani qofti haa argadhu,ani qofti haa jiraadhudha. Dhugumatti dhibeen munaafiqummaa dhibee hamaadha. Baay’een keenya munaafiqummaa ofirratti hin beeknu.
Mallatoollen Munaafiqaa maal fa’a?
Abu Hureeyran(RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
آيَةُ الْمُنَافِقِ ثَلاَثٌ إِذَا حَدَّثَ كَذَبَ، وَإِذَا وَعَدَ أَخْلَفَ، وَإِذَا اؤْتُمِنَ خَانَ
“Mallattoolen munaafiqa sadii: Yommuu dubbatuu ni soba, yommuu waadaa seenu, (waadaa) ni diiga,
yommuu amanamuu ni gana, ni kaada (amaanaa yoo itti kennite si hin deebisu, ‘natti hin kennine’ jedhe si gana.)” Sahih Al-Bukhaari 33
“Munaafiqni yommuu nama waliin mormuu amala fafee fi gadhee agarsiisa. Nama arrabsa.” Namoonni akka isaanitti hin aarref yookiin akka itti gammadaniif yommuu sobu Rabbiin kakata.(ilaali suuraa At-Towbaa 9:56,62)
Yommuu salaataf deemu ni rincica. Salaata yoo fedhe ni salaata yoo fedhe ni dhiisa. 4:142
“Dhugumatti munaafiqoonni Rabbiin ganu. Innis (mindaa dalagaa isaanitif) isaan gana. Yeroo gara salaata ka’an taatiyaahaa(rincicaa), nama agarsiifataa dhaabbatu. Xiqqoo malee Rabbiin hin faarsan (hin yaadatan).” Suuraa An-Nisaa 4:142
Munaafiqoonni wanta badatti ni ajaju wanta gaarii irraa ni dhowwu. Sadaqaa kennaa yommuu jedhaman yaada qabeenya keenya ni hir’ata jedhu kuufachun kennu hin fedhan. Yoo kennanis fedhiin osoo hin ta’in jibbaa kennu. Rabbiin keessaa ala namaa beeku akkana nun jedha:9:67
“Munaafiqoonni dhiirati fi munaafiqoonni dubartii gariin isaani garii irraayi(woluma fakkaatu). Waan jibbamatti nama ajaju waan gaarii irraa immoo ni dhorgu. Harka isaanii (waa kennaa) irraa ni deeffatu. Rabbiin ni dagatan,Innis isaan ni dhiise. Dhugumatti munaafiqonni isaanumatu finciltoota.” Suuraa At-Towbaa 9:67
Mallatoolle munaafiqummaa hanga kana erga hubanne, mataa keenya sakatta’uun hin barbaachisu ree?
Ani amala munaafiqaa qaba moo hin qabu jennee of gaafachu fi amala san sirreessuf carraaqu nu barbaachisaa mitiree?
Ani mu’umina qulqulluu amala munaafiqummaa hin qabne jenne yoo ardii irra deemne sheyxaanni nu gowwoomsaa jiraa jechuudha. Balaan munaafiqaan dhufu balaa hangana jedhamuu miti. Sababa munaafiqaatin ardiin ni maanxofti, Islaamni akka hin babal’anne fi onnee namoota keessatti hidda akka hin qabanne ta’a, tokkummaan fi haqummaan akka hin uumamne gufuu ta’a. munaafiqni addunyaa aakiratti ni salphata.
Adabbiin Munaafiqaa maaliidha?
Addunyaa kanarratti munaafiqni qalbiin isaa goguu fi Islaama irraa fagaachun adabama. Dhugaa jiru arguu hin danda’u. Qalbiin isaa shakkiin tan guuttamtedha. Shakkiin shakkiirratti yoo dabalamee qalbii gogsa. Dukkana keessa akka raata’an nama godha. Adabbiin aakiraa immoo kana caalaa.4:145
“Dhugumatti munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa gadii keessa ta’u. Grgaaraa (Tumsaa) hin argitan.” Suuraa An-Nisaa 4:1459:68
“Rabbiin munaafiqota dhiiraa, munaafiqota dubartii fi kaafirootaf ibidda Jahannam ishee keessatti kan hafan ta’anii beellameefi jira. Isheen isaanif gahoodha. Rabbiin isaan abaareera. Isaanif adaba itti fufatu jira.” Suuraa At-Towbaa 9:68
Maddoota Munaafiqummaa!
1 Wollaala.
Doolaara Miliyoona Waan Siif Caalu
Qophii: Urjii Ahmad
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan:
“Namni guyyaa Jum’aa mataa fii qaama Isaa dhiqate, Kan ganamaan deeme (khuxbaa dhaqqabate), Miilaan ka deeme osoo hin yaabbatin, Imaamatti kan dhihaatee, kan caqase/dhageefate, kan hin haasawin/taphatin, Isaaf (nama saniif) tarknaaftii takkaan dalagaa amataatu tahaaf, galata soomanaa fii salaata isii.”
Hadiisni Sahiiha Imaamu Ahmad, Ibnu Maajah, Ibnu Hibbaan fii haakimtu gabaase. Albaaniin Sahiihu Al-Jaami’i 6405 irratti sahiiha jedheen.
Ulamaa’iin akki ja’an: Hadiisa sahiiha hanga hadiisa kanaa sawaaba guddaa walitti qabate agarree hin beeynu.
Afaan Arabaatiin Hadiisni akkana:
{ ﻣﻦ ﻏﺴﻞ ﻳﻮﻡ ﺍﻟﺠﻤﻌﺔ ﻭﺍﻏﺘﺴﻞ ﺛﻢ ﺑﻜﺮ ﻭﺍﺑﺘﻜﺮ ﻭﻣﺸﻰ ﻭﻟﻢ ﻳﺮﻛﺐ ﻭﺩﻧﺎ ﻣﻦ ﺍﻹﻣﺎﻡ ﻓﺎﺳﺘﻤﻊ ﻭﻟﻢ ﻳﻠﻎ ﻛﺎﻥ ﻟﻪ ﺑﻜﻞ ﺧﻄﻮﺓ ﻋﻤﻞ ﺳﻨﺔ ﺃﺟﺮ ﺻﻴﺎﻣﻬﺎ ﻭﻗﻴﺎﻣﻬﺎ }
Jecha Ghassal fii Wa ightasal jedhu hoggaa hiikan Ulmaa’iin gariin lamaanu tokkuma, qaama guutuu mataa wajjiin dhiqate jechuudha jedhan. Gariin ammoo ifiif dhiqatee jaartiis kan dhiqqachiise jechuudha jedhan. Jaartii wajjiin wal qunnamtii godhuun isaa fii Jaartilleen qaama kan dhiqatan jedhan.
Bakkara fi wa ibtakara jecha jedhus ganamaan deeme jechuudha lamaanu tokkuma jedhan. Salaata jum’aa yeroon ka dhaqe, kan khuxbaa dhaqqabate jechuutu itti fedhame.
Walumaa galattu hadiisni kuni tarkaanfii takkittii namni suni gama masjidaa tarkaanfatuun dalagaa amata takkaa soomanaa fii salaata isii wajjiin argata je’a.
Sharxiin namni suni guutuu qabu:
1. Qaama guutuu dhiqatuu (Jaartii wajjiin qunnamtii godhee Isiis dhiqqachiisu akka hikkaa Ulamaa’ii gariitti)
2. Ganamaan gama Masjidaa deemuu (waqxii khuxbaa duratti masjida dhaquu qaba)
3. Miilaan deemuu qaba (osoo karaa garii isaa yaabbates garii miilaan deemu qaba sharxii guutuuf)
4. Imaamatti dhihaatuu qaba.
5. Khuxbaa dhaggeefatuu qaba (osoo imaama jala taa’ee dhaggeefatuu baate sharxii hin gunne, muuguun tahuu, haala biraatiin yoo hin dhaggeefatin warra dhaggeefaterraa hin tahu.)
6. Kan hin taphatin (kan hin haasawin, Khuxbaa dhageefaturraa kan if hin shaakalin tahuu qaba)
Qaphii 6 kana tarreeyse hadiisni.
San booda garuu Nama kan guuteef tarkaanfiidhaan dalagaa amata takkaa soomanaa fii Salaata isii wajjiin argata.
Tarkaanfii 10 ykn 100 ykn 1000 tarkaanfattu sharxii hadiisa kheeysatti tarraawe gunnaan Guyyaa qiyaamaa galata amata hedduu qabatee dhihaata. Way waa milkaawe namni gaafa san dalagaa gaariin Isaa heddummaatteef!
Guyyaa san ammoo qabeenyaa fii ilmaan akkasuma aangoon nama hin fayyaddu, dalagaa gaarii malee.
Duuba kuni doolaara Miliyoona hin caaluu??
Yeroo Soomannu Wantoota Armaan Gadii Kanneen Haa Niyyannu :-
1. Soomanni fakkeenya (waan isatti qixxaayu) kan hin qabne tahuu niyyadhu
2. Soomanni kan Rabbiiti, isatu jazaa naaf deebi’aa jechuu niyyadhu
3. Soomanni soomannu kun Ibidda jahannam irraa tika naaf ta’aa jechuu niyyadhu
4. Sababa hamtuu irraa of qabiinsaa naaf ta’aa jechuu niyyadhu
5. Rabbiin biratti manguddummaa naaf dhaabbata jechuu niyyadhu
6. Gammachuu lamaa argachuu niyyadhu Gammachuun takka yeroo soomana faxxaru
(furu), Tuun immoo yeroo Rabbiin wolgahu
(guyyaa Qiyaamaa).
7. Fooleen afaan nama soomanaa Rabbii biratti hafuura miskiirra urgooyti jechuu niyyadhu
8. Nama soomannu du’aa’iin isaa waan qeebalamtuuf, kadhaa tiyya Rabbiin naaf qeebala niyyadhu
9. Warra booddeen isaanii soomana irratti taate teessoon isaanii Jannata waan taheef isaan irraa tahuu niyyadhu
10. Balbala Jannata Rayyaan jedhamtu tan warri soomannu qofti seenan san seenu niyyadhu
Endi mavjud! Telegram Tadqiqoti 2025 — yilning asosiy insaytlari 
