es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete 👈

🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Ir al canal en Telegram

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Mostrar más
1 534
Suscriptores
Sin datos24 horas
-17 días
+1130 días
Archivo de publicaciones
Kan sammuu kee toohataa jiru eennu jedhii uf gaafadhu, deebiin kan kee"Darka Psychology" waan jedhamu waan taheedhaaf uf argadhu. ila Namootni naannawa kee jiran irra hedduun amala isaanii isa dhugaa sitti hin argisiisanii beeki, gariin isaanii dhoksaadhaan jiraatu,toohannoo ufii jala si galchuufis qor-qalbii kee si jalaahatuu taajjabi adeemsi akkasii qorannoon"Dark Psychology" jedhaanii hubadhu. Jaaloo "Dark psychology" bifa afuriin sitti fayyadamuu beeki, Narcissism, Machiavellianism, psychopathy and sadism" kan jedhamaniin sitti taphatuu sirritti xiinxalli. Obbolaa "Narcissism" inni jedhamu, daangaan ala uf kaabuu fi uf jaalachuu irraa kan ka'e, olaantummaa isaanii siiti mul'isuudha, hamilee kee si cabsuufi tuffii kee heddummeessu, osoo ufiifuu bakka kee hin geenne gadi galoo akka taate sitti agarsiisu. "Machiavellianism" inni jedhamu immoo, galma isaanii gahuudhaaf jecha sirra ejjatanii sirraan tarkaanfatu, soba, kijiba akkasuma dubbii waliin dhahuu akka ijootti fayyadamanii galma ufii gahu. "Psychopathy"kan jedhamu, dogongorri tokko osoo itti hin dhagahamne akka nama sirrii jiruutti erga si miidhanii, cubbuu sirratti raawwatan booda ammas si wajji imaluuf deemu, akka homaa tokko sitti hin dhagahmnetti si miidhu. "Sadism" kan jedhamu, yeroo namni gaddu, yeroo namni rakkatuufi miidhamu, yeroo namni gadi aantummaan itti dhagahamee xinnaatu keessatti gammaduu heddummeessu, yoo dandahanis miidhaa fi cubbuu irratti dabaluuf hawwu. Haloo "Dark Psychology keessatti" namootni karaa sadihiin si toohatuu beeki, inni jalqabaa 1. "Gaslighting" jedhama. ani akkas hin jenne, situ hubannoorratti dogongore siin jechuudhaan, akka ati uf shakkitu si taasisu. 2. "Love Bombing" jedhama. yeroo jalqaba walbarattan hedduu ol si fuudhanii si dhaadhessuufi kennaa adda addaa sii laatuudha, du'aa'ii sii godhuudha, erga harkatti si galfatan booda amala isaanii isa duriitti deebi'anii si cinquu fi hara galfii si dhoorguun harkatti si galfatu. 3. "Silent Treatment" jedhama. akka rakkoo kee hin himanne si taasisanii akka ufiin dhiifama gaafattu si dirqu, dogongorri keetis osoo hin beekkamne yakka sirratti muruudhaan akka sitti dhagahamaa jiraattu si godhuudha. Hohohoo. Karaan dheeraan kuni hundi, namuma tokko qofa sakaalanii hambusuuf tooftaa itti fayyadaman yoo tahu, walqooduudhaan kuun jaarsa fakkaatee, kuun hayyuu fakkaatee, kuun fira garaa aannanii, kuun barataafi qorataa fakkaatee, kuun gara laafessa fakkaatee gareen hojjatuu ufirraa tiksi. Yooo Waan gurguddaa hojjachuun kee umrii guddaa qabaachuu kee osoo hin taane, bilchina kee ibsaa, gowwaa doofummaan dulloomee hiriyoomfatee si nyaatuuf hidhii xuuxaturraa baqadhu. Koobaa Sammuu.

⚠️ NAMNI BARATAA TA’E FATWAA KENNUU NI DANDA’A? 🌿 هَلْ يَجُوزُ لِطَالِبِ الْعِلْمِ أَنْ يُفْتِيَ؟ 📌 1. Barataan hundi muftii miti! Barataan beekumsa Shari’aa barachaa jiru hundi ofumaan fatwaa kennuuf gahumsa hin qabu. 📖 2. Waan beeku barsiisuu danda’a. Waan ragaa Qur’aanaa fi Sunnah irraa sirriitti beeke, daangaa beekumsa isaa osoo hin darbin barsiisuu fi ibsuu danda’a. ❓ 3. Waan hin beekne Ulaama'ii (hayyuu) gaafachuu qaba. Namni waan hin beekne irratti dubbachuu mannaa, ulamaa amanamoo fi beekumsa qaban gaafachuun isaaf wayya. 📖 قَالَ اللَّهُ تَعَالَىٰ: ﴿فَاسْأَلُوا أَهْلَ الذِّكْرِ إِنْ كُنْتُمْ لَا تَعْلَمُونَ﴾ (سورة النحل: ٤٣) “Yoo hin beekne, warra beekumsa qaban gaafadhaa.” ⚖️ 4. Dhimma ulfaataa ulamaa’itti deebisuu qaba. Dhimmoonni fatwaa gadi fagoo fi qorannoo barbaadan, ulamaa beekumsa gahaa fi gahumsa fatwaa kennuu qabanitti deebifamuu qabu. 🚫 5. Ragaa malee waa’ee Rabbii dubbachuu irraa of eegi! Namni beekumsa gahaa fi ragaa malee waan tokko halaala ykn haraama jechuun murteessuu irraa of qusachuu qaba. 📖 قَالَ اللَّهُ تَعَالَىٰ: ﴿وَلَا تَقْفُ مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ﴾ (سورة الإسراء: ٣٦) “Waan ati beekumsa isaa hin qabne hin hordofin (Deemin).” 🌿 YAADACHIISA طالب العلم، تعلَّم قبل أن تتكلَّم، وتثبَّت قبل أن تُفتي. Barataan ilmii, dubbachuu kee dura baradhu; fatwaa kennuu kee dura mirkaneeffadhu! 🤲 Rabbiin beekumsa faayidaa qabu nuuf haa kennu; waan hin beekne keessatti “Hin beeku” jechuu nu haa barsiisu. Shekni Keenyaa Sheekh muussaa Su'aalaa Saganta Fatwaa itti fufa jiran Bulti 15 15tti Guyyaan Jumu’aa guyyaa Oollee Galgala Saftii kotaa qooda irra furadha

Yoo sirrii hojjatte hin ibsin,yoo dogongorte hin mormin,kana lamaan jidduu dhugatu jiraa akkasitti hubadhu. ila Waan jibbamtuuf,waan abaaramtuuf,waan halkanii guyyaa ciniinamtuuf beekuuun dirqama keetii argi. Jaaloo Ufiiin bultu nama biratti gowwaa taataa beeki, ajaja namaa fudhattee bultu nama biratti doofaa taataa hubadhu,dhugaa dubbattu nama birratti gogaa taataa laali,soba nama wajji leellistu nama biratti daboo jedhamtaa argi,gara tokkottuu nama jalaa hin baatuu,tasa hargufamtee duwwaa tahuu kee irra,ufiin uf bulchuu baradhu. Obbolaa Namni waa hedduuf si qimmiidaa beeki,biyya kophaa keetii ijaarratte argaa jira,bilisummaa sammuu keetii daawwataa jira,dhahannaa sirrii kan qalbii teetii dhaggeeffataa jira,murtii mataa keetiitti buluu kee hubataa jira,olaantummaa ati ufirratti qabdu laalaa jira,yoo yaadaan daakee qaxxaamuree si bira gahuu dadhabe deemsa isaatii deebi'ee si qimmiidaa hubadhu. Jaaloo Namni gariin hanga wanti sirra gahe,isarra gahutti sindhagahuu hubadhu,nama akkasiitti uf ibsuuf hin cinqaminii dhiisi,jecha gochatu hinjifataa,waan dubbatturra wanti hojjattu sirrii tahuu qofa laalii sirrii tahuu kee mirkaneeffadhu,isa gaafa inni dukkana keessa jiru duungoo qabsiifteeftu uff jechuun ifaa kee dhaamsuuf hafuurri citaa ufirraa eegi,aduun ufuuffaan dhaamtu takkallee hinjirtuu duumessaa ol bahii itti ifi. Haloo Wanti si hinjaalanneef waan kijibaan harka waliin hin tumneefi beeki,wanti sinjaalanneef waan wajji murtii dabootti hin hirmaanneefii hubadhu,wanti si hinjaalanneef waan nama irratti jara wajji yakka hin raawwaneefii taajjabi,wanti si jibbaniif hammeenyi kee cubbuu isaanii caalee osoo hin taane,cubbamtoota irraa siquu keetiifii hubadhu. Yoooo Kan dubbii sirra barbaadu,yeroo galaana ceetu dhukkee kaaste jedhee si himataa,nama kufaatii kee barbaadutti uf ibsuuf yeroo kee hin fixinii dhiisi.

وَإِذْ يَمْكُرُ بِكَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِيُثْبِتُوكَ أَوْ يَقْتُلُوكَ أَوْ يُخْرِجُوكَ ۚ وَيَمْكُرُونَ وَيَمْكُرُ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ. Obboo Shirri si qofarratti hinjalqabnee ol jedhi,gurguddaa hunda kan kararraa dabarsaniin karama anbiyoota ittii qormaatan saniinii beeki,kan cabe immoo, obsa dhabeetii beeki,karaan ittiin guddatanii ol bahan,abbaa cubbuu Rabbitti ol kennanii ufii obsaan kaayyoo qabatan galmaan gahuu irratti cichuunii waa baradhu. Yes. Teettee bobboohaa hin oolin,ati eenyuunuu caaltee yookaa eenyuuyyuu gadi taatee shirri sirratti hin xaxamnee beeki,jiruma biyya lafaattu dirree qormaataati malee,dirree bashanbanaatii mitii hubadhu. Ohooo Strength does not come from winning,your struggles develop your strengths,when you go through hardships and decide not to surrender, that is strength." Be strong! Ya. Dont forget! The brocken glass is not weak it's dangerous.

Yoo humna qabaatte dubbisii waa irraa fudhadhu. Eeee. ilmi namaa dagataadha,waa dagachuu guddisa, al-tokko yoo gammade,al kudhan akka gadda keessummeessaa jiraatu ni irraanfata,kennaa guddaa Rabbiin nutti oolerraa daguun kennaa guddaadhaa hubadhu. ila Osoo waa walii dagachuu dadhabnee,osoo walii dhiisuu baannee,silaa jiruun teenna hundi haaloodhaan guuttamtee,lafarraa wal-duguugnee bannee jirraa hubadhu. Jaaloo ilmi namaa namaaf qorsa,akkasuma namaafis summiidhaa beeki,gaafa kufte hubataafis tahee gubataaf sitti dhufa,yookaa sitti kolfa yookaa siif gadda,gaafa ol baatee mul'atte immoo,shakkii tokko malee kufaatii kee hawwa,sakaallaa sitti heddumeessaa,maqaa si xureessa,shakkii sitti naqee hawaasa keessaa si balleessa,namni beela si wajji qoodata malee quufa kee arguu sammuun hin dandahuu hubadhu,nama Rabbi onnee isaa hinaaffaa irraa uf qusachiise malee. Obbolaa ilmi nama si dhiisii Anbiyoota Rabbii kuffisuuf yaalee dadhabee beeki,ol ka'uu kee keessa diina alaa osoo hin taane,kanuma yeroo nagaa qabu si faarsutu dadhabaa xiinxalli,Nabi ibraahimiin abbaa isaa irraa dadhabanii beeki,Nabi Muusaa abbaa guddise irraa dadhabanii yaadadhu,Nabi yuusuf Obboleewwan isaa irraa dadhabanii argi,Nabi saalih hawaasa isaa irraa dadhabanii taajjabi, nabi iisaanis akkasumaa beeki,inni kan kee immoo isa jaraa sanuu hingahuu uf qusadhu. Yooo Kan yeroo ammaa namaan lolu,kan namaati aaru, kan halkanii guyyaa dallanu algaa mitii beeki,osoo duutee immoo,kan galata kee himuuf hidhii isaa muuxatu isaa taajjabi,kan sirraa dadhaban kuni irra hedduun fira garaa aannaniiti,maatii keeti, ardaafi gosa keeti,hiriyaafi jaalalloo keti,kan maqaa si xureessee,ija namaa keessatti akka haphattu si taasisu isaan sanii hubadhu,hanga ormi si jaallatu firri si hin aanfatuu hubadhu, gaafa garii alagaa sii nahuun kan wal lolu fira keetii hin dagatin,obsi kan kee kan madaalamu fira baachuu dandahuu keetiinii hubadhu. Haloo Gaafa ol kaate,xixinnaa ganda keessaa qofa osoo hintaane gurguddamatu si dadhabaa qayyabadhu, Nabi ibraahimiin Namruudtu yookaa biyyaa ari'uu, yookaa ajjeesuu yoo hin taane ibi***ddatti darbuu jedhee murteessee ibi***ddatti darbanii, Rabbiin ibi***ddaan nagaa tahi jedhee ibi***dda keessaa baasee hubadhu. قَالُوا حَرِّقُوهُ وَانصُرُوا آلِهَتَكُمْ إِن كُنتُمْ فَاعِلِينَ * قُلْنَا يَا نَارُ كُونِي بَرْدًا وَسَلَامًا عَلَىٰ إِبْرَاهِيمَ. Nabi Muusaa Fir'a***wni ufumaa guddisee ufumaa ajjeesuuf ari'ee argi,kanaafis tarsiimoo baasee kijibsiisuu yaale,sihrii itti dalagsiisee sobuu yaalee fashale, dadhabnaan biyya balleessaa jira jedhee kijibsiisee ajjee****chaa itti murteesse, وَقَالَ فِرْعَوْنُ ذَرُونِي أَقْتُلْ مُوسَىٰ وَلْيَدْعُ رَبَّهُ ۖ إِنِّي أَخَافُ أَن يُبَدِّلَ دِينَكُمْ أَوْ أَن يُظْهِرَ فِي الْأَرْضِ الْفَسَادَ Nabi yuusuf boollatti darban.kan kana godhe ilmaan abbaa isaati,obboleewwan dhugaati, اقتلوا يوسف أو اطرحوه أرضا يخل لكم وجه أبيكم وتكونوا من بعده قومًا صالحين,قَالَ قَائِلٌ مِّنْهُمْ لَا تَقْتُلُوا يُوسُفَ وَأَلْقُوهُ فِي غَيَابَتِ الْجُبِّ يَلْتَقِطْهُ بَعْضُ السَّيَّارَةِ إِن كُنتُمْ فَاعِلِينَ. Nabiyyallaah Saalih,ajjee****chaa fonqolcha itti mar'atan,sana booda Rabbi shira isaaanii isaanitti deebisee osoo jarri mariif olii gadi raatahan murtii irratti dabarse. ​وَمَكَرُوا مَكْرًا وَمَكَرْنَا مَكْرًا وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ * فَانظُرْ كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ مَكْرِهِمْ أَنَّا دَمَّرْنَاهُمْ وَقَوْمَهُمْ أَجْمَعِين. ​Nabi iissaa (AS) ergam isaa fudhachuu diddaaf nugusa Roomaa wajji walii galanii fanni***sanii ajjee****suu itti murteessan,,ajjee***suus tahee fanni***suus hin dandeenne,Rabbiin jalaa gara samiitti ol fudhate. وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ... بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ. Nabi Muhammad (SAW) maqaa hedduu itti maxxansan,saahira,maraataa,sobaa jedhanii hanga ilkaan isaanii cabsanitti ajjee***chaafis lola hedduu geggeessan,dhii***ga isaaniis jig**sanii gosti hundi akka qoodamtuuf dargaggeessa gosa hundarraa filanii itti ergan,dhumarra dachee irratti dhalatanirraa baasan.

Qabriin mana jalqaba Akhiraati Usmaan bin Affaan (R.A) yeroo qabrii bira dhaabbatu, hanga areedni isaa jiidhutti boo'ee imimmaan dhangalaasa ture. Akkana isaan jedhame: "Ati waa’ee Jannataa fi Jahannam yeroo yaadattu hin boossu,bakka qabrii kanatti immoo ni boossaa?" Maaliif jedhaniin. Usmaan bin Affaan (R.A) akkana jedhe: "Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: 'Qabriin mana Aakhiraa (jireenya booddee) irraa ishee jalqabaati. Namni ishee irraa nagaa ba’e, wanti ishee booda jiru hunduu ni salphataaf. Namni ishee irraa nagaa hin ba’in immoo, wanti ishee booda jiru hunduu itti jabaata.'" Akkasumas (Uthmaan) akkana jedhe: Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: " waan qabrii caalaa akkaan nama naasisu fi suukanneessu takka hin agarre (ከመቃብር የበለጠ እጅግ አስፈሪና አሰቃቂ ትዕይንት ከቶ አላየሁም።») Yeroo du’aa fi qabrii yaadannu, dhiphinni addunyaa kan gurguddaaf xixinnaan hundi nuu salphata, sababni isaas godaansa dhuma hin qabnee fi jalaa baqachuu hin dandeenye ta’uu isaa waan beeknuuf.

#Yaa_Rabbii_koo_haadha_Tiyyaa Awwaadha moo #Salaata kiyya #Guuttadha. #kutaa_2ffaa Intalattiin badii hojjachuun beekkamtu sun #Jureyjiin bira yoo geettu #Jureeyji Salaata ufiititti jira, bareedina ufii isatti mul'isaa isa Afoo deddemte, akka inni badii isii Irratti Raawwatuuf waan gochuu qabdu hunda goote, garuu #Jureeyji gara isiituu achi hin ilaalle inni #Ibaadaa isaatti fufe, erga Isa irraa Abdii kutattee Gurbaa #Re_oota Namaa guyyaa kiraa tiksaa oolee galfala hoxxee jireyji ibaadaa Irratti hojjatu jela bulutti dhuftee Isa wojjiin badiii hojjattee isuma irraa ulfoofte, turtii booda erga deetee ummata bira deemtee #Daa_imni kun kan #jureeyjiiti isa irraa argadhe , isatu badii narratti Raawwate jettee dubbatte, Ummannis gar malee Dallananii #jureeyjiin nuti ibaadaa isaa faarsinu Adaa kana hojjataa? Jedhan kallattimaan gara isaa qajeelan, erga isa bira gahanii hoxxee / Daashoo isaa irraa Harkisanii gabduusan, Arrabsuu , tummuu jal qaban, hoxxee isaas guutumaan guututti jelaa diigan. #Jureeyjis jara keenna maal taatan , an maal balleesse jedhee gaafannaan ummannis intala tanatti #Zinaa Raawwattee daa'imaa siirraa deetteemii hujiin kee kanaa jedhaniin, innis gar malee Rifatee mee yeroo xiqqoo #Rqbbii_kiyyaa Salaataa Na dhiisaa jedheen, ummannis irraa dhaabatan, innis erga Salaatee geessee daa'ima intalattiinndeette akka gara isaa fidan gaafate, ummannis daa'ima qabanii itti fidan , #Jureeyjis daa'imaan akkana jedhe? Yaa mucaa #Abbaan kee eennu jedheen, Daa'imni dhalatee guyyaa caalaa hin turre Abbaan kiyya Namticha #Re_oota tiksu kan daashoo kee jela buluu san jedheen, Ergasii Ilamman Israa'iil booyichaan jureeyjitti qajeelan , #Yaa_jureejii keenna Dhiifama nuu godhi jedhaniin, ammas hoxxee tee tan dogongoraan si jelaa diignee worqiin bakkatti deebifnee sii ijaarra jennaan #Jureeyjjis Lakkii akkuma duraan biyyee irraa ijaarmtee turte san naa deebisaa jedheen. Dhugaan ni qaldhatti Malee hin cittu. Xumureeraa Galatoomaa

Dubbisi jachaa hayyuu addunyaa Wantootni shanan kun hundi abbuma isaanii miidhu. Garuu, shanan kana keessaa kan irra caalaa nama miidhu kami? 👇 🅰️ Wallala 🅱️ Boona 🅲️ Aaraa 🅳️ Arraba 🅴️ Bolola

#يارب_أمي_وصلاتي #Yaarabbii_Koo_Haadha_Tayyaa Awwaadha Moo #Salaata__Kiyya_Guuttadha. جريج JUREYJI Nabiyyiin Muhammad S.A.W Akka nuu himanitti Zamana Armaan duraa Ilmaan #Israa_il keessa Nama maqaan isaa #Jureyji jedhamu tokkotu jira Namni kun #Rabbiin Gabbaruu keessatti akka fakkeenyaatti fudhatama ture, Hujii Ummata keessa jiruu jibbee ummata irraa fagaatee Hoxxee ijaaratee Rabbiin gabbara ture ,Gaafa tokko isaa Salaatatti seeneeruu #Harmeen isaa itti dhuftee Yaa #Jureyji jettee waamte, innis qalbii isaa keessaa #Yaarabbii_koo_Haadha_Tiyyaa Awwaadha Moo #Salaata_Kiyyw_Guuttadha jedhee , Salaatatti fufe, Haati isaa biraa deemtee guyyaa biroo yoo deebitu ammas Salaata irra jira, Yaa #Jureyji jettee waamte, innillee har'as #Yaarabbii_Koo_Haadha_Tiyyaa Awwaadha Moo #Salaata_Kiyyw_Guuttadha jedhee Salaatatti fufe, haati Isaa guyyaa baayyee erga itti deddeebitee Awwaannaa isaa dhabdee akkana jettee, Yaarabbi Ilma kiyya kana Hanga fuula dubartii Gumnittii ( Zinaa hojjattuu) argisiiftu malee isa hin ajjeesin jettee deemte, Ummanni Isaas Waa'ee Ibaadaa #Jureyjii faarsuu jalqaban, faaruu ummanni isaa isa faarsu intaalti Gumnittiin takka erga dhageettee Ummataan akkana jette #Jureyjii isin ibaadaa isaa faarsitan kana amma bira deemee bareedina kiyyaan isa qormaataa na eegaa jettee itti qajeelte. Kutaan 2ffaan itti fufa in shaa Allaah

Baayyee hin haasahin,baayee uf hin mul'isin,takka himtee lammaffaa osoo hin geessin,dubbiin sirna qabdu si harkatti dhumtii uf qusadhu,wallaalli kee beekkumsa kee harka hedduun caalaa ufitti himi. ila Kabajni kan argamu,bakka kabajni jirutti malee bakka rakishaatti mitii,bakka haasawni rakishaa jiru irraa uf qusadhu. Ekaa. Kophee si qabdeefi nama gatii kee hinbeekne wajji turraan,deemsi kee gufataadhaa argi,osoo bakka rakishaatti waan qabdu hunda haasoftee gatii kee hin mul'isin,jalqaba namoota naannawa kee jiran toohadhu. Jaaloo Hedduu hin haasahin,bofti zamana kanaa,laallatee si idduu malee,hin hasaasuu taajjabi,bofaan wal- barre jedhanii kiisatti baatanii deemuun hin taatuu hubadhu,kanaafuu namoota bifa bofaa qaban irraa uf qusataa imali. Obbolaa Osoo guyyaa tokkoof namni hunduu waan fedhii isaa haa dalagu,itti gaafatamummaan hinjiru bilisa jedhanii labsiin bahee,irra hedduun namaa,hanna kijiba,cirata,cubbuu ,yakka gurguddaa raawwachuu irratti akka hirmaatu shakkii hin godhinii xiinxalli, akkuma sana,qulqullina keetirraa kaatee abbaan barbaade akka onnee kee seenu yoo carraa laatteef,si kabajee si faarsuu dhiisii,Rabbii isaa ufirratti sodaatee rahmata sii hin godhuu ufitti himii,afaan kee walitti qabadhuu hujii kee itti fufi. Haloo Hanga feetellee dheebottu,namoota bishaan na obaasaa jettee gaafachuun si hin barbaachisnetu jiraa,laalii irraa uf qusadhu. Ekaa Namni hundi si jaalachuu hin dandahuu,jaalala namaa argadha jettee dhama'uu dhiisii kabaja kee tikfadhu,wanti addunyaan tuni bilaashatti namaaf laattu tokkollee hinjiruu kaayyoo kee galmaan gahuu barbaadnasn,gatii sirraa eeggamu kaffali, kophaa kee dhaabbachuus leenji'i,erkattummaa jalaa miliqi,nama hunda gammachiisuufis hedduu hin ifaajin,bofa gogaa jijjiiratee jiraachuu dandahu harka buutaa uf qusadhu. Santu Seera.

waan argamu hunda qabaachuun kee, waan barbaadde hunda argatte jechuu miti. Bilbila qabda; garuu yeroo kee dhabde. Hiriyoota hedduu qabda; garuu nama dhugaa siif yaadu dhabuu dandeessa. Suuraa bareedaa maxxansita; garuu qalbii kee keessatti gadda dhoksitee jirta. Namoota hedduu gammachiifta; garuu yeroo baay’ee ofii kee gammachiisuu dadhabda. Like hedduu argachuun kabajaa miti; qalbii namaa keessatti iddoo qabaachuutu kabaja. Followers hedduu qabaachuun milkaa’ina miti; jireenya kee keessatti kaayyoo qabaachuutu milkaa’ina. waan namni sirraa arguu barbaaduuf osoo hin jiraatin, waan Rabbiin sirraa barbaaduuf jiraadhu. Har’a addunyaan siif harka rukutuu danda’a; bor garuu namni hundi si dagachuu danda’a. Kanaaf, maqaa kee namoota biratti guddisuu caalaa, maqaa kee Rabbi biratti bareechi. Yeroon ni darba. Namni ni jijjiirama. Qabeenyi ni dhabama. Addunyaanis ni hafa. Garuu waan ati Rabbiif hojjette qofatu si waliin deema. yeroo kee hin gubin; jireenya keetitti hin taphatin. Kaayyoo qabaadhu, Rabbii kee yaadadhu, har’a waan bor itti gaabbitu hin hojjetin.

“Galatoomi, Nabiyyi keenya Yuusuf!” 1. Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Haasaa gaarii fi mul’ata gaarii nama hundaaf Akka hin himne. Yuusuf (عليه السلام) abbaa isaa yaa Abii jedhee mul’ata isaa itti hime. Abbaan isaas: ﴿يَا بُنَيَّ لَا تَقْصُصْ رُؤْيَاكَ عَلَىٰ إِخْوَتِكَ﴾ “Yaa ilma koo! Mul’ata kee obboloota kee irratti hin himin.” Kana irraa, waan hundumaa nama hundaaf himuun sirrii akka hin taane baranna. 2. Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Jaalalli Rabbii yeroo tokko tokko karaa qormaataa dhufa. Obboloonni isaa isa jibbani,boolla keessatti darban, gabrummaatti gurguran. Garuu wantoonni kun hundi dhuma irratti gara kabajaa fi aangoo isaatti isa geessan. 3. Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Qormaanni har’aa dhuma jireenyaa miti. Yuusuf har’a boolla keessa ture; bor immoo mana mootummaa keessatti kabajamaa ta’e. Kanaaf, yeroo rakkoon si mudatu, “jireenyi koo kana irratti xumurame” hin jedhin. 4.Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Qulqullummaa tikfachuun injifannoo guddaadha. Yeroo badiin itti dhihaatetti, Yuusuf (عليه السلام) Akkana jedhe: ﴿مَعَاذَ اللَّهِ﴾ “Rabbitti Maganfadha! Namni cubbuu dhiisee Rabbiin filatu, yoo yeroo gabaabaa keessatti rakkoo keessa galellee, dhuma irratti kabaja argata. 5.Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Namni Obsu dhuma gaarii qaba. Yuusuf (عليه السلام) waggoota dheeraaf qormaata keessa ture. Garuu obsa hin dhabne. Dhuma irratti Rabbiin isa olkaase. 6.Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Yeroof haqni kee mul’achuu dhabus, dhugaan hin badu. Yuusuf yakka hin qabneen mana hidhaa seene. Namoonni isa hubachuu dhiisan. Garuu Rabbiin dhugaa isaa gaafa yeroon isaa ga’etti ifa godhe. 7.Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Nama si miidheef araaramuun amala warra qalbii guddaa ti. Yeroo obboloonni isaa fuula isaa dura dhaabbatani, inni isaanin akkana jedhe: ﴿لَا تَثْرِيبَ عَلَيْكُمُ الْيَوْمَ﴾ “Har’a isin irratti komiin hin jiru.” Kana jechuun, yoo Rabbiin siif aangoo kenne, haaloo ba’uu caalaa araaramu filadhu. 8. Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Nama tokko qofa osoo hin taane, hawaasa guutuu fayyaduuf beekumsa keenna Akka Fayyadamu qabnu! Yuusuf (عليه السلام) beekumsa isaa fayyadamuun rakkoo diinagdee Misraa waggoota hongee keessatti mudatuuf furmaata qopheesse. 9.Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Nama Rabbi Abdatuufi dhumni isaa gaarii ta’a. Yuusuf boolla irraa gara mana mootummaa, gabrummaa irraa gara aangoo, hidhaa irraa gara bilisummaa geeffame. Haalli kee har’aa, haala kee boruu murteessuuf dirqama miti. 10.Galatoomi yuusuf Seenaa tee irraa baranne: Wanni Rabbiin qopheesse yeroo isaaf malee irrtti ta'a. Yuusuf mul’ata isaa ijoollummaa keessatti arge. Hiikni isaa garuu waggoota hedduu booda mul’ate. Kanaaf, yoo rakkoon ykn tursiifamni waan ati hawwitu si mudate, abdii hin kutin. Rabbiin yeroo sirrii qaba. Dhaamsa xumura! Yoo har’a boolla rakkoo keessa jirta ta’e, abdii hin kutin. Yoo namoonni si dagatan, Rabbiin si hin dagatu. Yoo haqni kee dhokate, Rabbiin ni beeka. Yoo karaan hundi cufame fakkaate, Rabbiin karaa ati hin eegne siif bana. Yuusuf boolla keessa taa’ee mootummaa hin argu ture; garuu Rabbiin isaa mootummaa isaaf qopheessaa ture. Kanaaf, obsii… Rabbiitti hirkadhu… cubbuu irraa fagaadhu… waan Rabbiin siif qopheessetu guddaadha hin ariifatin.

Seenaa namaa guutuu isaa yoo kan hinbeekne tahe, akka nama dhugaa beekuutti waa hedduu hin haasawinii dhiisi. ila Yeroo hedduu, haalaafi amala namaa laaltee garaa namatti jabaachuuf yaaluu dhiisii, daangaa keetiifi daangaa namaa jidduu waan jiru jabeessuuf yaali. Jaaloo Hoolaa dadhabaa nama keessa oolu sana tahuu mannaa, bineensa kophaa jiraatee uf kabajjisiisu leenca daggalaa tahanii du'uu wayyaa beeki. Obbolaa Namootni kophaa bahanii jiraatan hundi, kophaa jiraachuu filataniiti hin sehin, kan osoo seenaa nama tokkoo hin beekne, seenaa walitti laaqu wajji ooluu dadhabanii kophaa tahuu filatanii taajjabi. Haloo ilma namaa jalaa bahuun salphaa mitii beeki, kan godhuu qabdu, uf argachuu qofa laali, dheerattu rakkoo, gabaabbattu cinqii, furdattu arraba, qal'attu rifaatuu sitti gadi lakkisanii argi. Yooo Tola diddu ulee hindidduu,kan daangaa darbee karaa malee sitti dhufe,shimala dhugaatiin dhahii, karaa isaatti deebisi.

Maallaqni qofti mana hin ijaaru. Maqaan maatii qofti mana hin ijaaru. Diinii, amala gaarii, amanamummaa, obsa fi rahmanni mana keessatti yeroo dheeraa jiraatu. --- 7. Gaa’ila keessatti namni mudaa hin qabne hin jiru Nama perfect barbaaddee hin fuudhin; nama perfect hin argattu. Nabiin ﷺ dhiirri mu’minaa dubartii mu’minaa amala tokkoon yoo jibbe, amala biraatiin waan isa gammachiisu akka argachuu danda’u barsiisan. 📚 Sahih Muslim 1468b Bilchina jechuun: “Ati mudaa qabda; kanaaf si dhiise” jechuu qofa miti. Bilchina jechuun: “Mudaa wal keessaa beeknee, waan sirreeffamuu qabu sirreessinee, waan obsaan darbuu qabus obsaan haa dabarre” jechuu danda’uudha. --- 8. Gaa’ilaaf qophaa’uun amala kee irraa jalqaba Rasuulli Allaah ﷺ: «“Isin keessaa namni caalaan, nama maatii isaatiif caalaa gaarii ta’edha.”» jedhan. 📚 Jami’ at-Tirmidhi 3895 – Sahih Kanaaf nama gaa’ilaaf qophaa’e jechuun nama ayyaana cidhaa guddaa qopheesse qofa miti. Nama amala isaa qopheessedha. Aarii isaa qopheesse. Arraba isaa qopheesse. Maallaqa isaa sirnaan bulchuu barate. Dhaggeeffachuu barate. Dhiifama gaafachuu barate. Dhiifama gochuu barate. Mirga nama biraa beekuu barate. --- Kanaaf, kan ani siin jedhu… Osoo hin bilchaatin gaa’ilatti hin seenin. Garuu “hanga jireenyi kee perfect ta’utti hin fuudhin” jechaa hin jiru. Namni perfect hin jiru. Jireenyis perfect hin ta’u. Ani kanan siin jedhu: Gaa’ilaaf osoo hin taane, gaa’ila keessa jiraachuuf qophaa’i. Cidhaaf qofa maallaqa hin kuufatin; mana ijaaruuf amala kuufadhu. Nama bareedaa qofa hin barbaadin; nama Rabbii sodaatu barbaadi. Namni si jaalatu qofa hin barbaadin; nama yeroo aarii keessattis si kabaju barbaadi. Ati ofii kees nama akkasii ta’uuf hojjedhu. Sababni isaas: Gaa’illi nama lama wal jaalatan qofa walitti fiduu miti; nama lama itti-gaafatamummaa fudhachuuf qophaa’an jireenya tokko keessatti walitti fida. ❤️ Jaalalli gaa’ila jalqabsiisuu danda’a; garuu diinii, obsi, kabajni, amanamummaan fi itti-gaafatamummaan gaa’ila tiksu. Allaah dargaggootaa fi shamarran keenyaaf hiriyaa gaarii, diinii fi amala gaarii qabu haa kennu. Warra gaa’ilatti seenanis jaalalaa, rahmataa fi tasgabbii irratti mana isaanii haa ijaaru. Aamiin.

“KAN ANI SIIN JEDHU: OSOO HIN BILCHAATIN GAA’ILATTI HIN SEENIN.” Obboleessa koo, obboleettii koo! Gaa’illi waan salphaa guyyaa tokko keessatti jalqabamee akkuma fedhanitti dhiifamu miti. Gaa’illi waadaa, itti-gaafatamummaa, obsa, amanamummaa fi jireenya nama biraa ofitti fudhachuudha. Namni tokko fuudhuu ykn heerumuuf umuriin isaa qofti gahaa miti. Qaamaan guddataa ta’uun qoftis bilchina miti. Sammuun kee bilchaachuu qaba. Amantiin kee jabaachuu qaba. Itti-gaafatamummaa baachuu barachuu qabda. Mirga nama biraa kabajuu barachuu qabda. Rakkoo yeroo dhufu mariidhaan hiikuu barachuu qabda. 1. Gaa’illi boqonnaa, jaalalaa fi rahmata irratti ijaarama Allaah Subhaanahu wa Ta’aalaa gaa’ila ilaalchisee, hiriyoota jireenyaa keessatti tasgabbii akka argattan, gidduu keessan jaalalaa fi rahmata akka kaa’e dubbata. 📖 Qur’aana, Ar-Ruum 30:21 Kanaaf gaa’ila jechuun suuraa cidhaa bareedaa, uffata, ayyaana fi gammachuu guyyaa muraasaa qofa miti. Gaa’illi: “Ani nama kana yeroo gammachuu qofa osoo hin taane yeroo rakkoo illee akkamitti kunuunsuu danda’a?” jedhanii of gaafachuudha. --- 2. Qur’aanni bilchina — “Rushd” — nu yaadachiisa Allaah Qur’aana keessatti yeroo umrii gaa’ilaa ga’anitti bilchina yaadaa fi murtii sirrii (rushd) jiraachuu isaa ilaaluun barbaachisaa ta’uu agarsiisa. Aayanni kun kallattiidhaan qabeenya yatiimaa bulchuu irratti dubbatus, umrii qaamaa qofa osoo hin taane murtii sirrii kennuu danda’uun maal akka ta’e nu barsiisa. 📖 Qur’aana, An-Nisaa 4:6 Kanaaf: Umuriin kee gaa’ilaaf gahuu danda’a; garuu sammuun kee itti-gaafatamummaa gaa’ilaa baachuuf qophaa’eeraa? Kun gaaffii guddaadha. --- 3. Nabiin ﷺ “dandeettii qabu haa fuudhu” jedhan Rasuulli Allaah ﷺ dargaggootaan: «“Namni isin keessaa gaa’ila danda’u haa fuudhu…”» jedhan; namni yeroo sana hin dandeenye ammoo soomanaan of eegu akka qabu gorsan. 📚 Sahih al-Bukhari 5066; Sahih Muslim 1400c As keessatti wanti guddaan tokko jira: Nabiin ﷺ “dargaggeessa taanaan fuudhi” qofa hin jenne. “kan Danda’e” jedhan. Ulamaa’onni jecha hadiisaa al-baa’ah jedhu irratti ibsa kennaniiru. Imaam An-Nawawii dandeettiin kun gaa’ilaaf qophaa’uu fi baasii isaa danda’uu wajjin walqabata jedha. Ibn Taymiyyahis dandeettii baasii gaa’ilaa baachuu irratti xiyyeeffatee ibseera. Kana jechuun garuu mana guddaa qabaachuu, konkolaataa qaalii qabaachuu ykn dureessa ta’uu miti. Akka nama itti-gaafatamaa tokkootti waan bu’uuraa baachuu danda’uu jechuudha. --- 4. Hiyyummaan qofti sababaa gaa’ila dhiisuu miti Gama biraatiin, namni: “Maallaqa miliyoona hin qabu; kanaaf hin fuudhu” jedhee hanga jireenyi isaa guutumaan guutuutti täydellinen ta’utti eeggachuu hin qabu. Allaah: namoota gaa’ila hin qabne akka fuusisan/heerumsiisan, yoo hiyyeeyyii ta’anis Allaah tola Isaa irraa isaan gahoomsuu akka danda’u dubbata. 📖 Qur’aana, An-Nuur 24:32 Garuu aayah itti aanu keessatti, namni yeroo sana karaa gaa’ila ittiin danda’u hin arganne qulqullummaa isaa haa eegu hanga Allaah tola Isaa irraa isaaf bal’isutti jechuun gorsa. 📖 Qur’aana, An-Nuur 24:33 Kanaaf madaalli Islaamaa giddu-galeessa: Dureessa ta’uun dirqama miti; garuu itti-gaafatamummaa irraa baqachuunis sirrii miti. --- 5. Osoo fuudhin/heerumin dura of gaafadhu “Nama bareedaa argadheeraa?” qofa hin gaafatin. Of gaafadhu: Salaata koo nan eeggadhaa? Aarii koo to’achuu nan danda’aa? Dogoggora koo amanee dhiifama gaafachuu nan danda’aa? Nama biraa dhaggeeffachuu nan danda’aa? Maallaqa xiqqoo qabaadhellee sirnaan bulchuu nan danda’aa? Yeroo rakkoon dhufu baqachuu moo furmaata barbaaduu nan filadhaa? Haadha manaa ykn abbaa manaa kiyya kabajuu nan danda’aa? Maatii nama biraa kabajuu nan danda’aa? Gaaffilee kanaaf deebiin kee yeroo hunda “lakki” yoo ta’e, gaa’ila qofaaf ariifachuun furmaata miti. Jalqaba of ijaari. --- 6. Nama fuudhu/heerumtu filachuuttis hin ariifatin Nabiin ﷺ dubartiin qabeenya, sanyii/maqaa maatii, bareedinaa fi amantii isheetiif fuudhamuu akka dandeessu ibsanii, nama amantii qabdu filachuun akka barbaachisu gorsan. 📚 Sahih al-Bukhari 5090 Kanaaf bareedinni qofti mana hin ijaaru.

nama kufe ol kaasi malee hin dhiitin. Nama dogoggore gorsi malee hin saaxilin. Nama cubbame gara Rabbii deebisi malee abdii hin kutachiisin. Nama Rabbiin haguuge (Sattare), ati hin saaxilin. Maa’iz رضي الله عنه yeroo zina hojjate, gara ilma Adeera isaa Hazzaal bira dhaqee, cubbuu isaa itti hime.ilmi Adeera isaa garuu akka tawbaa godhu isa gorsuu mannaa, gara Nabiyyii ﷺ dhaqee ofii isaa akka himatu isa kakaase. Maa’iz gara Nabiyyii ﷺ dhaqee cubbuu isaa ifatti hime. Nabiyyiin ﷺ immoo waan ta’uu qabu raawwachiisan. Ergasii Nabiyyiin ﷺ Hazzaalin akkana jedhan: > «لَوْ سَتَرْتَهُ بِثَوْبِكَ كَانَ خَيْرًا لَكَ» “Uffata keetiin osoo isa dhoksitee, siif wayya ture.” 💔 Mee dhaamsa kana qalbii keetti qabsiifadhu… Namni har’a cubbuu hojjate, boru tawbaa gochuu danda’a. Namni har’a kufe, boru ka’ee nama gaarii ta’uu danda’a. Nama Rabbiin hanqina isaa haguuge, ati maaliif saaxilta? Nama tokko cubbuu isaa keessatti argitee, maqaa isaa hin balleessin. Hanqina isaa namoota biratti hin facaasiin. Iccitii isaa gabaa hin godhin. Ati har’a nama tokko irratti kolfaa jirta ta’a; garuu Rabbiin cubbuu kee haguugaa jiraachuu danda’a. “Cubbuu namaa haguugi; Akka inni rabbiin Wal Argatu godhi! Rabbitti Nama deebisi ,Rabbirraa Nama hin deebisin!.

Imaamu Shaafi’iin (Rabbiin Rahmata isaanii haa godhu) akkana jedhan;- Waa 4️⃣ Sammuu nama gabbisa. 1️⃣ Haasawa faayidaa hin qabne dhiisuu. 2️⃣ Namoota gaggaaritti waahiloomuu. 3️⃣ Ilkaan rigatuu bay'isuu. 4️⃣ Ulamaa'aa fi hayyoota waliin taa’uu. Sammuun kee akka siif gabbatu yoo feete bakka ooltuufii Namoota waliin ooltu filadhu. اللهم انفعنا بما علمتنا وعلمنا ما ينفعنا..

🌿🤍 NAAMUSA SALAAMTAA 🤝🕊️ بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ🫀🫀 Salaamni mallattoo jaalala, obbolummaa, nagaa fi qalbii qulqulluu ti. 🤍🌿 Muslimni obboleessa isaa yeroo argu, jecha gabaabaa ta’us, “Assalaamu’alaaykum” jechuun qalbii isaa gammachiisa; akkasumas jaalala fi tokkummaa gidduu isaanii jabeessa. 🫂❤️ Nabiin keenya ﷺ akkana jedhan: “Jannata hin seentan hanga amantanitti; hin amantan hanga wal jaalattanitti. Mee waan yoo isa hojjattan wal jaalattan isinii himuu? Salaamtaa heddummessaa jidduu keessanitti.” (Muslimtu galmeesse.) 🌹 Kanaaf, salaamni jecha qofa miti; karaa gara qalbii nama biraa itti seennu, jaalala itti facaasnu fi obbolummaa itti cimsinuudha. 🤍 1️⃣ 🤝 Muslima hundarratti salaammachuu Muslima hundarratti salaammachuun amala gaarii fi hojii Islaamaa jaalatamaadha. Nabiyyiin ﷺ yeroo “Hojiin Islaamaa kamtu caala?” jedhamee gaafataman, akkana jechuun deebisan: “Nyaata nyaachista; nama beektuufi kan hin beekneefis salaamtaa qaraata.” (Bukhaarii fi Muslim.) 🌿 Nama beektu qofa osoo hin taane, nama hin beeknes salaami. Tarii salaamni ati nama tokkoof kennite sun guyyaa isaa jijjiiruu danda’a. 😊🤍 2️⃣ ⚡ Salaamtaa daddafsiisuu Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: “Caalaan isaan lameenii, kan salaamtaan jalqabe.” (Bukhaarii fi Muslim.) Kana malees akkana jedhan: “Xiqqaan guddarratti haa salaammatu; kan deemu kan taa’urratti haa salaammatu; namni lakkoofsaan xiqqaanis namoota baay’eerratti haa salaammatu.” (Bukhaarii.) 🌸 Eegaa hin turin! Nama argite salaamni itti jalqabsiisuun mallattoo tawwaduu fi qalbii gaarii ti. 🤍 3️⃣ 🕊️ Salaamtaa deebisuu Salaamtaa jalqabsiisuun sunnaa jaalatamtuu, salaamtaa deebisuun immoo dirqama (waajiba) dha. Salaamni sagaleedhaan yookaan barreeffamaan yoo siif dhufe, deebisuun dirqama. Ati nama sana argite yookaan hin argin, salaamni yoo sirra gahe deebii gaarii kenni. 🌿 Aayyoo Aa’ishaan رضي الله عنها akkana jette: Nabiyyiin ﷺ naan jedhan: “Yaa Aa’ishaa! Jibriil kunoo salaamtaa siin jedha.” Isheenis, osoo isa hin argin: “Wa’alaaykumussalaam warahmatullaahi wabarakaatuh.” (Bukhaarii.) 🤍 Salaamni yoo si gahe, deebii isaa bareechi. Jecha xiqqoodhaan nama gammachiisuu dandeessa. 🌹 4️⃣ 🔄 Salaamtaa irra deddeebi’uu Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: “Tokkoon keessan obboleessa isaatti yeroo dhaqu haa salaammatu. Eegasii yoo gidaarri, dhagaan yookaan mukni isin jidduu bahe, irra deebi’ee haa salaammatu.” (Abuu Daawud.) 🌿 Kana jechuun, salaamni yeroo tokko qofaan daangeffamee hin hafu. Yeroo wal arginu, yeroo adda baanu fi yeroo irra deebinee wal qunnamnu, salaamni keenya haa jiraatu. 🤝❤️ 5️⃣ 🤝 Yeroo salaamtaa harka wal fuudhuu Nabiyyiin keenya ﷺ akkana jedhan: “Muslimoonni lama yeroo walitti dhufanii harka wal fuudhan, osoo addaan hin bahiin dura isaaniif araaramama.” (Abuu Daawud.) 🥹❤️ Mee yaadi! Harka obboleessa kee qabachuun qofa, sababaa araaramaatiif ta’uu danda’a. Kanaaf yeroo wal argitan, salaamaa, fuula gammachuu qabaadhaa, harka wal fuudhaa, jaalala facaasaa. 🤍🫂 6️⃣ 👶🤍 Joollee xixiqqoo irratti salaammachuu Anas ibn Maalik رضي الله عنه akkana jedhe: “Nabiyyiin ﷺ joollee irra dhufanii isaan irratti salaammatan.” (Muslim.) 🌸 Kun barsiisa guddaadha. Ijoolleen xixiqqoonis kabaja fi jaalala keenya ni malu. Salaamni ati har’a mucaa tokkoof kennite, boru amala isaa ta’uu danda’a. 🥰🌱 7️⃣ 🚶‍♂️👋 Salaamtaa yeroo deemsaaf ka’an Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: “Tokkoon keessan yeroo teessoo tokkootti dhufu haa salaammatu; yoo taa’uu fedhe haa taa’u. Eegasii yeroo ka’u immoo haa salaammatu. Salaamnni duraa yookaan boodaa caalaa jabaataa miti.” (Tirmizii fi Abuu Daawud.) 🤍 Yeroo dhufnus salaamni, yeroo deemnus salaamni. Salaamni walitti nu fidu qofa osoo hin taane, yeroo wal irraa gorretti illee qalbii keenya walitti hidha. 🫂🌿 8️⃣ 📱💌 Salaamtaa barruu fi miidiyaa irraa dhufte deebisuu Sheek Abdul’aziiz ibn Baaz رحمه الله akkana jedhan:

"Qoriin hundi waanuma isa keessa jiru dhangalaasa" "كُلُّ إِنَاءٍ بِمَا فِيهِ يَنْضَحُ" Namni hundi waan garaa isaa keessa jiru jecha isaatiin agarsiisa. Jechi namni afaan isaatiin dubbatu gaariis ta'ee yookaan badaa, haala guddina isaa, maatii akkamii keessatti dhalatee akka guddate, amantii isaa irratti nama akkamii akka tahe, haala isaa, amala isaa fi eenyummaa isaa ragaa baha. Namni nama xiqqeessu, nama salphisu, maqaa namaa balleessu, yookaan eeybii fi hanqina namaa nama jala deemee saaxilu, amala gadhee fi qalbii fokkottuu akka qabu ragaa ofirratti bahaa jira.. Warri keenna dur akkana jechuun mammaaku: “Xiqqaan maaliif nama xiqqeessa Jennaan Xiqqeenna isaatiifi.” Jedhan. Namni lubbuu isaatiif kabajaa qabu nama biraa hin xiqqeessu, maqaa namaa hin balleessu, nama hin arrabsu, nama hamatuuf oliif gadi hin deemu, Eeybii fi hanqina namaa jala deemee hin saaxilu. Rabbiin gocha fokkotaa akkanaa kana irraa akkana jechuun nu seere. قال الله تبارك وتعالى؛ «يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِنْ قَوْمٍ عَسَى أَنْ يَكُونُوا خَيْرًا مِنْهُمْ وَلَا نِسَاءٌ مِنْ نِسَاءٍ عَسَى أَنْ يَكُنَّ خَيْرًا مِنْهُنَّ وَلَا تَلْمِزُوا أَنْفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا بِالْأَلْقَابِ ۖ بِئْسَ الِاسْمُ الْفُسُوقُ بَعْدَ الْإِيمَانِ ۚ وَمَنْ لَمْ يَتُبْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ» [حجرات ٤٩:١١] “Yaa warra rabbitti amantan! Tuutti takka tuuta biraa hin tuffatin lsaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin) Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala Tokkoon keessan nama biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa, Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota. ───────•••●○۝○●•••─────── Namni kabajaa qabu, kan maatii kabajaa qabu keessatti dhalatee guddate, kabaja nama biraatiifis qaba. Arrabni kee eenyummaa kee hima. Ati nama biraa yeroo arrabsite, nama san yoo xiqqeessite, maqaa isaa yoo balleessite ykn eeybii isaa yoo jala deemtee saaxilte, ati waan guddaa ittiin faarfamtu dalayde osoo hin taane, ati nama akkamii akka taate nama gadhee namummaa hin qabne akka taate ragaa ofirratti bahaa jirta. Rabbiin keenna (S.W) Qur’aana isaa keessatti nama amala akkasii qabuuf waan qopheesse akkanatti hima. قال الله تبارك وتعالى؛ «وَيْلٌ لِكُلِّ هُمَزَةٍ لُمَزَةٍ» [الهمزة ١٠٤:١] “Badiin guddaan sabattee jirti cufa nama nama arrabsuu fi maqaa namaa balleessuutiif.” Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo sifaa fi amala Muslimni qabu ibsan akkana jedhan: «قَالَ رَسُولُ اللهِ ﷺ: «الْمُسْلِمُ مَنْ سَلِمَ الْمُسْلِمُونَ مِنْ لِسَانِهِ وَيَدِهِ» [رواه مسلم] “Muslimni dhugaa nama Muslimoonni biroo arrabaa fi harka isaa irraa nagaa bahaniidha.” Muslimni dhugaa nama biraa arraba isaatiin hin madeessu, harka isaatiinis nama hin miidhu. Arrabaan nama madeessuun yeroo baay'ee madaa qaamaa caalaa nama dhukkubsa, madaan qaamaa dafee fayya, Madaan arrabaan uumame yeroo dheeraaf qalbii nama cabsee nama keessa tura. Akkuma yeroo mammaakan jedhan; “Arrabni lafee hin qabu, lafee nama cabsa.” Namni keessa isaatti nagaa qabu jecha isaatiin nama hin gahu. Nama biraa salphisuun kee kabajaa siif hin dabalu. Nama biraa arrabsuun kee beekumsa kee hin mul'isu. Maqaa namaa balleessuun kee ulfina kee hin dabalu. Rabbiin Gurra nama xureessuufii Dhiiga namaa irraa nuhaa qulqulleessu.

#Dhaamasa_Dhama_Qabdu_3_Mootii_Islaamaa_Ajaa_ibaa Maqaana Isaanii #Suleymaan_Al_qaanuunii jedhama. Mootota Usmaaniyyootaa ( Otomaani) keessa Nam cimaadha. Nama Bal'inna wolakkaa Adunyaa #Bulchaa_Tureeru. Gaafa Dhibamee akka dhibee kana irraa hafaa hin jirre uf arge dhaamsa 3 Dhaamate. 1ffaa Siree Reeffa kiyyaa Doktoroota Malee akka hin baadhanne. 2 ffaa Qabeenna kiyya Ziqayaa fi Meetii Karaa janaazni kiyya ittiin gaggeeffamu irratti facaasaa. 3ffaa Harka kiyya Lamaan Qullaa Kafana janaazaa keessaa gad baasaa Gara Qabrii Naan deemaa. Erga inni kana dhaamatee Maaf akkana godha jetta jedhanii gaafannaan. 1ffaa An Mootii hangana gahu ta'ee doktoroonni Lubbuu kiyya hanbisuuf wonti isaan hin raawwanne hin jiru , garuu guyyaan kiyya waan gaheef na hanbisuu hin danda'an , kanaafuu isaanummaan na yaalaa turan , kan na hanbisuuf carraaqaa turan Lubbuu hanbisuu akka hin dandeenne haa beekaniif. 2ffaa Qabeenni an qabu Ziqayaa fi Meetiin an qabu du'a irraa na hanbisuu akka hin dandeenne ummanni haa arguuf. 3ffaa Wonti harka kiyya lamaan Qullaa Kafana janaazaa keessaa gad baasaa jedheef nuti akkuma gaafa garaa haadha teennaatii baanu harka Qullaa Dhufne, Gaafa Ganda Qabrii deemnus Harka Qullaa akka deemnu ummanni gorsa haa argatuuf jedhee deebise #سبحان_الله Dubbiin dhugaadha Rabbiin nuuf haa laaffisu.