ch
Feedback
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

前往频道在 Telegram

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

显示更多
1 526
订阅者
+124 小时
+37 天
+2030 天
帖子存档
Seenaa namaa guutuu isaa yoo kan hinbeekne tahe, akka nama dhugaa beekuutti waa hedduu hin haasawinii dhiisi. ila Yeroo hedduu, haalaafi amala namaa laaltee garaa namatti jabaachuuf yaaluu dhiisii, daangaa keetiifi daangaa namaa jidduu waan jiru jabeessuuf yaali. Jaaloo Hoolaa dadhabaa nama keessa oolu sana tahuu mannaa, bineensa kophaa jiraatee uf kabajjisiisu leenca daggalaa tahanii du'uu wayyaa beeki. Obbolaa Namootni kophaa bahanii jiraatan hundi, kophaa jiraachuu filataniiti hin sehin, kan osoo seenaa nama tokkoo hin beekne, seenaa walitti laaqu wajji ooluu dadhabanii kophaa tahuu filatanii taajjabi. Haloo ilma namaa jalaa bahuun salphaa mitii beeki, kan godhuu qabdu, uf argachuu qofa laali, dheerattu rakkoo, gabaabbattu cinqii, furdattu arraba, qal'attu rifaatuu sitti gadi lakkisanii argi. Yooo Tola diddu ulee hindidduu,kan daangaa darbee karaa malee sitti dhufe,shimala dhugaatiin dhahii, karaa isaatti deebisi.

Maallaqni qofti mana hin ijaaru. Maqaan maatii qofti mana hin ijaaru. Diinii, amala gaarii, amanamummaa, obsa fi rahmanni mana keessatti yeroo dheeraa jiraatu. --- 7. Gaa’ila keessatti namni mudaa hin qabne hin jiru Nama perfect barbaaddee hin fuudhin; nama perfect hin argattu. Nabiin ﷺ dhiirri mu’minaa dubartii mu’minaa amala tokkoon yoo jibbe, amala biraatiin waan isa gammachiisu akka argachuu danda’u barsiisan. 📚 Sahih Muslim 1468b Bilchina jechuun: “Ati mudaa qabda; kanaaf si dhiise” jechuu qofa miti. Bilchina jechuun: “Mudaa wal keessaa beeknee, waan sirreeffamuu qabu sirreessinee, waan obsaan darbuu qabus obsaan haa dabarre” jechuu danda’uudha. --- 8. Gaa’ilaaf qophaa’uun amala kee irraa jalqaba Rasuulli Allaah ﷺ: «“Isin keessaa namni caalaan, nama maatii isaatiif caalaa gaarii ta’edha.”» jedhan. 📚 Jami’ at-Tirmidhi 3895 – Sahih Kanaaf nama gaa’ilaaf qophaa’e jechuun nama ayyaana cidhaa guddaa qopheesse qofa miti. Nama amala isaa qopheessedha. Aarii isaa qopheesse. Arraba isaa qopheesse. Maallaqa isaa sirnaan bulchuu barate. Dhaggeeffachuu barate. Dhiifama gaafachuu barate. Dhiifama gochuu barate. Mirga nama biraa beekuu barate. --- Kanaaf, kan ani siin jedhu… Osoo hin bilchaatin gaa’ilatti hin seenin. Garuu “hanga jireenyi kee perfect ta’utti hin fuudhin” jechaa hin jiru. Namni perfect hin jiru. Jireenyis perfect hin ta’u. Ani kanan siin jedhu: Gaa’ilaaf osoo hin taane, gaa’ila keessa jiraachuuf qophaa’i. Cidhaaf qofa maallaqa hin kuufatin; mana ijaaruuf amala kuufadhu. Nama bareedaa qofa hin barbaadin; nama Rabbii sodaatu barbaadi. Namni si jaalatu qofa hin barbaadin; nama yeroo aarii keessattis si kabaju barbaadi. Ati ofii kees nama akkasii ta’uuf hojjedhu. Sababni isaas: Gaa’illi nama lama wal jaalatan qofa walitti fiduu miti; nama lama itti-gaafatamummaa fudhachuuf qophaa’an jireenya tokko keessatti walitti fida. ❤️ Jaalalli gaa’ila jalqabsiisuu danda’a; garuu diinii, obsi, kabajni, amanamummaan fi itti-gaafatamummaan gaa’ila tiksu. Allaah dargaggootaa fi shamarran keenyaaf hiriyaa gaarii, diinii fi amala gaarii qabu haa kennu. Warra gaa’ilatti seenanis jaalalaa, rahmataa fi tasgabbii irratti mana isaanii haa ijaaru. Aamiin.

“KAN ANI SIIN JEDHU: OSOO HIN BILCHAATIN GAA’ILATTI HIN SEENIN.” Obboleessa koo, obboleettii koo! Gaa’illi waan salphaa guyyaa tokko keessatti jalqabamee akkuma fedhanitti dhiifamu miti. Gaa’illi waadaa, itti-gaafatamummaa, obsa, amanamummaa fi jireenya nama biraa ofitti fudhachuudha. Namni tokko fuudhuu ykn heerumuuf umuriin isaa qofti gahaa miti. Qaamaan guddataa ta’uun qoftis bilchina miti. Sammuun kee bilchaachuu qaba. Amantiin kee jabaachuu qaba. Itti-gaafatamummaa baachuu barachuu qabda. Mirga nama biraa kabajuu barachuu qabda. Rakkoo yeroo dhufu mariidhaan hiikuu barachuu qabda. 1. Gaa’illi boqonnaa, jaalalaa fi rahmata irratti ijaarama Allaah Subhaanahu wa Ta’aalaa gaa’ila ilaalchisee, hiriyoota jireenyaa keessatti tasgabbii akka argattan, gidduu keessan jaalalaa fi rahmata akka kaa’e dubbata. 📖 Qur’aana, Ar-Ruum 30:21 Kanaaf gaa’ila jechuun suuraa cidhaa bareedaa, uffata, ayyaana fi gammachuu guyyaa muraasaa qofa miti. Gaa’illi: “Ani nama kana yeroo gammachuu qofa osoo hin taane yeroo rakkoo illee akkamitti kunuunsuu danda’a?” jedhanii of gaafachuudha. --- 2. Qur’aanni bilchina — “Rushd” — nu yaadachiisa Allaah Qur’aana keessatti yeroo umrii gaa’ilaa ga’anitti bilchina yaadaa fi murtii sirrii (rushd) jiraachuu isaa ilaaluun barbaachisaa ta’uu agarsiisa. Aayanni kun kallattiidhaan qabeenya yatiimaa bulchuu irratti dubbatus, umrii qaamaa qofa osoo hin taane murtii sirrii kennuu danda’uun maal akka ta’e nu barsiisa. 📖 Qur’aana, An-Nisaa 4:6 Kanaaf: Umuriin kee gaa’ilaaf gahuu danda’a; garuu sammuun kee itti-gaafatamummaa gaa’ilaa baachuuf qophaa’eeraa? Kun gaaffii guddaadha. --- 3. Nabiin ﷺ “dandeettii qabu haa fuudhu” jedhan Rasuulli Allaah ﷺ dargaggootaan: «“Namni isin keessaa gaa’ila danda’u haa fuudhu…”» jedhan; namni yeroo sana hin dandeenye ammoo soomanaan of eegu akka qabu gorsan. 📚 Sahih al-Bukhari 5066; Sahih Muslim 1400c As keessatti wanti guddaan tokko jira: Nabiin ﷺ “dargaggeessa taanaan fuudhi” qofa hin jenne. “kan Danda’e” jedhan. Ulamaa’onni jecha hadiisaa al-baa’ah jedhu irratti ibsa kennaniiru. Imaam An-Nawawii dandeettiin kun gaa’ilaaf qophaa’uu fi baasii isaa danda’uu wajjin walqabata jedha. Ibn Taymiyyahis dandeettii baasii gaa’ilaa baachuu irratti xiyyeeffatee ibseera. Kana jechuun garuu mana guddaa qabaachuu, konkolaataa qaalii qabaachuu ykn dureessa ta’uu miti. Akka nama itti-gaafatamaa tokkootti waan bu’uuraa baachuu danda’uu jechuudha. --- 4. Hiyyummaan qofti sababaa gaa’ila dhiisuu miti Gama biraatiin, namni: “Maallaqa miliyoona hin qabu; kanaaf hin fuudhu” jedhee hanga jireenyi isaa guutumaan guutuutti täydellinen ta’utti eeggachuu hin qabu. Allaah: namoota gaa’ila hin qabne akka fuusisan/heerumsiisan, yoo hiyyeeyyii ta’anis Allaah tola Isaa irraa isaan gahoomsuu akka danda’u dubbata. 📖 Qur’aana, An-Nuur 24:32 Garuu aayah itti aanu keessatti, namni yeroo sana karaa gaa’ila ittiin danda’u hin arganne qulqullummaa isaa haa eegu hanga Allaah tola Isaa irraa isaaf bal’isutti jechuun gorsa. 📖 Qur’aana, An-Nuur 24:33 Kanaaf madaalli Islaamaa giddu-galeessa: Dureessa ta’uun dirqama miti; garuu itti-gaafatamummaa irraa baqachuunis sirrii miti. --- 5. Osoo fuudhin/heerumin dura of gaafadhu “Nama bareedaa argadheeraa?” qofa hin gaafatin. Of gaafadhu: Salaata koo nan eeggadhaa? Aarii koo to’achuu nan danda’aa? Dogoggora koo amanee dhiifama gaafachuu nan danda’aa? Nama biraa dhaggeeffachuu nan danda’aa? Maallaqa xiqqoo qabaadhellee sirnaan bulchuu nan danda’aa? Yeroo rakkoon dhufu baqachuu moo furmaata barbaaduu nan filadhaa? Haadha manaa ykn abbaa manaa kiyya kabajuu nan danda’aa? Maatii nama biraa kabajuu nan danda’aa? Gaaffilee kanaaf deebiin kee yeroo hunda “lakki” yoo ta’e, gaa’ila qofaaf ariifachuun furmaata miti. Jalqaba of ijaari. --- 6. Nama fuudhu/heerumtu filachuuttis hin ariifatin Nabiin ﷺ dubartiin qabeenya, sanyii/maqaa maatii, bareedinaa fi amantii isheetiif fuudhamuu akka dandeessu ibsanii, nama amantii qabdu filachuun akka barbaachisu gorsan. 📚 Sahih al-Bukhari 5090 Kanaaf bareedinni qofti mana hin ijaaru.

nama kufe ol kaasi malee hin dhiitin. Nama dogoggore gorsi malee hin saaxilin. Nama cubbame gara Rabbii deebisi malee abdii hin kutachiisin. Nama Rabbiin haguuge (Sattare), ati hin saaxilin. Maa’iz رضي الله عنه yeroo zina hojjate, gara ilma Adeera isaa Hazzaal bira dhaqee, cubbuu isaa itti hime.ilmi Adeera isaa garuu akka tawbaa godhu isa gorsuu mannaa, gara Nabiyyii ﷺ dhaqee ofii isaa akka himatu isa kakaase. Maa’iz gara Nabiyyii ﷺ dhaqee cubbuu isaa ifatti hime. Nabiyyiin ﷺ immoo waan ta’uu qabu raawwachiisan. Ergasii Nabiyyiin ﷺ Hazzaalin akkana jedhan: > «لَوْ سَتَرْتَهُ بِثَوْبِكَ كَانَ خَيْرًا لَكَ» “Uffata keetiin osoo isa dhoksitee, siif wayya ture.” 💔 Mee dhaamsa kana qalbii keetti qabsiifadhu… Namni har’a cubbuu hojjate, boru tawbaa gochuu danda’a. Namni har’a kufe, boru ka’ee nama gaarii ta’uu danda’a. Nama Rabbiin hanqina isaa haguuge, ati maaliif saaxilta? Nama tokko cubbuu isaa keessatti argitee, maqaa isaa hin balleessin. Hanqina isaa namoota biratti hin facaasiin. Iccitii isaa gabaa hin godhin. Ati har’a nama tokko irratti kolfaa jirta ta’a; garuu Rabbiin cubbuu kee haguugaa jiraachuu danda’a. “Cubbuu namaa haguugi; Akka inni rabbiin Wal Argatu godhi! Rabbitti Nama deebisi ,Rabbirraa Nama hin deebisin!.

Imaamu Shaafi’iin (Rabbiin Rahmata isaanii haa godhu) akkana jedhan;- Waa 4️⃣ Sammuu nama gabbisa. 1️⃣ Haasawa faayidaa hin qabne dhiisuu. 2️⃣ Namoota gaggaaritti waahiloomuu. 3️⃣ Ilkaan rigatuu bay'isuu. 4️⃣ Ulamaa'aa fi hayyoota waliin taa’uu. Sammuun kee akka siif gabbatu yoo feete bakka ooltuufii Namoota waliin ooltu filadhu. اللهم انفعنا بما علمتنا وعلمنا ما ينفعنا..

🌿🤍 NAAMUSA SALAAMTAA 🤝🕊️ بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ🫀🫀 Salaamni mallattoo jaalala, obbolummaa, nagaa fi qalbii qulqulluu ti. 🤍🌿 Muslimni obboleessa isaa yeroo argu, jecha gabaabaa ta’us, “Assalaamu’alaaykum” jechuun qalbii isaa gammachiisa; akkasumas jaalala fi tokkummaa gidduu isaanii jabeessa. 🫂❤️ Nabiin keenya ﷺ akkana jedhan: “Jannata hin seentan hanga amantanitti; hin amantan hanga wal jaalattanitti. Mee waan yoo isa hojjattan wal jaalattan isinii himuu? Salaamtaa heddummessaa jidduu keessanitti.” (Muslimtu galmeesse.) 🌹 Kanaaf, salaamni jecha qofa miti; karaa gara qalbii nama biraa itti seennu, jaalala itti facaasnu fi obbolummaa itti cimsinuudha. 🤍 1️⃣ 🤝 Muslima hundarratti salaammachuu Muslima hundarratti salaammachuun amala gaarii fi hojii Islaamaa jaalatamaadha. Nabiyyiin ﷺ yeroo “Hojiin Islaamaa kamtu caala?” jedhamee gaafataman, akkana jechuun deebisan: “Nyaata nyaachista; nama beektuufi kan hin beekneefis salaamtaa qaraata.” (Bukhaarii fi Muslim.) 🌿 Nama beektu qofa osoo hin taane, nama hin beeknes salaami. Tarii salaamni ati nama tokkoof kennite sun guyyaa isaa jijjiiruu danda’a. 😊🤍 2️⃣ ⚡ Salaamtaa daddafsiisuu Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: “Caalaan isaan lameenii, kan salaamtaan jalqabe.” (Bukhaarii fi Muslim.) Kana malees akkana jedhan: “Xiqqaan guddarratti haa salaammatu; kan deemu kan taa’urratti haa salaammatu; namni lakkoofsaan xiqqaanis namoota baay’eerratti haa salaammatu.” (Bukhaarii.) 🌸 Eegaa hin turin! Nama argite salaamni itti jalqabsiisuun mallattoo tawwaduu fi qalbii gaarii ti. 🤍 3️⃣ 🕊️ Salaamtaa deebisuu Salaamtaa jalqabsiisuun sunnaa jaalatamtuu, salaamtaa deebisuun immoo dirqama (waajiba) dha. Salaamni sagaleedhaan yookaan barreeffamaan yoo siif dhufe, deebisuun dirqama. Ati nama sana argite yookaan hin argin, salaamni yoo sirra gahe deebii gaarii kenni. 🌿 Aayyoo Aa’ishaan رضي الله عنها akkana jette: Nabiyyiin ﷺ naan jedhan: “Yaa Aa’ishaa! Jibriil kunoo salaamtaa siin jedha.” Isheenis, osoo isa hin argin: “Wa’alaaykumussalaam warahmatullaahi wabarakaatuh.” (Bukhaarii.) 🤍 Salaamni yoo si gahe, deebii isaa bareechi. Jecha xiqqoodhaan nama gammachiisuu dandeessa. 🌹 4️⃣ 🔄 Salaamtaa irra deddeebi’uu Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: “Tokkoon keessan obboleessa isaatti yeroo dhaqu haa salaammatu. Eegasii yoo gidaarri, dhagaan yookaan mukni isin jidduu bahe, irra deebi’ee haa salaammatu.” (Abuu Daawud.) 🌿 Kana jechuun, salaamni yeroo tokko qofaan daangeffamee hin hafu. Yeroo wal arginu, yeroo adda baanu fi yeroo irra deebinee wal qunnamnu, salaamni keenya haa jiraatu. 🤝❤️ 5️⃣ 🤝 Yeroo salaamtaa harka wal fuudhuu Nabiyyiin keenya ﷺ akkana jedhan: “Muslimoonni lama yeroo walitti dhufanii harka wal fuudhan, osoo addaan hin bahiin dura isaaniif araaramama.” (Abuu Daawud.) 🥹❤️ Mee yaadi! Harka obboleessa kee qabachuun qofa, sababaa araaramaatiif ta’uu danda’a. Kanaaf yeroo wal argitan, salaamaa, fuula gammachuu qabaadhaa, harka wal fuudhaa, jaalala facaasaa. 🤍🫂 6️⃣ 👶🤍 Joollee xixiqqoo irratti salaammachuu Anas ibn Maalik رضي الله عنه akkana jedhe: “Nabiyyiin ﷺ joollee irra dhufanii isaan irratti salaammatan.” (Muslim.) 🌸 Kun barsiisa guddaadha. Ijoolleen xixiqqoonis kabaja fi jaalala keenya ni malu. Salaamni ati har’a mucaa tokkoof kennite, boru amala isaa ta’uu danda’a. 🥰🌱 7️⃣ 🚶‍♂️👋 Salaamtaa yeroo deemsaaf ka’an Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: “Tokkoon keessan yeroo teessoo tokkootti dhufu haa salaammatu; yoo taa’uu fedhe haa taa’u. Eegasii yeroo ka’u immoo haa salaammatu. Salaamnni duraa yookaan boodaa caalaa jabaataa miti.” (Tirmizii fi Abuu Daawud.) 🤍 Yeroo dhufnus salaamni, yeroo deemnus salaamni. Salaamni walitti nu fidu qofa osoo hin taane, yeroo wal irraa gorretti illee qalbii keenya walitti hidha. 🫂🌿 8️⃣ 📱💌 Salaamtaa barruu fi miidiyaa irraa dhufte deebisuu Sheek Abdul’aziiz ibn Baaz رحمه الله akkana jedhan:

"Qoriin hundi waanuma isa keessa jiru dhangalaasa" "كُلُّ إِنَاءٍ بِمَا فِيهِ يَنْضَحُ" Namni hundi waan garaa isaa keessa jiru jecha isaatiin agarsiisa. Jechi namni afaan isaatiin dubbatu gaariis ta'ee yookaan badaa, haala guddina isaa, maatii akkamii keessatti dhalatee akka guddate, amantii isaa irratti nama akkamii akka tahe, haala isaa, amala isaa fi eenyummaa isaa ragaa baha. Namni nama xiqqeessu, nama salphisu, maqaa namaa balleessu, yookaan eeybii fi hanqina namaa nama jala deemee saaxilu, amala gadhee fi qalbii fokkottuu akka qabu ragaa ofirratti bahaa jira.. Warri keenna dur akkana jechuun mammaaku: “Xiqqaan maaliif nama xiqqeessa Jennaan Xiqqeenna isaatiifi.” Jedhan. Namni lubbuu isaatiif kabajaa qabu nama biraa hin xiqqeessu, maqaa namaa hin balleessu, nama hin arrabsu, nama hamatuuf oliif gadi hin deemu, Eeybii fi hanqina namaa jala deemee hin saaxilu. Rabbiin gocha fokkotaa akkanaa kana irraa akkana jechuun nu seere. قال الله تبارك وتعالى؛ «يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِنْ قَوْمٍ عَسَى أَنْ يَكُونُوا خَيْرًا مِنْهُمْ وَلَا نِسَاءٌ مِنْ نِسَاءٍ عَسَى أَنْ يَكُنَّ خَيْرًا مِنْهُنَّ وَلَا تَلْمِزُوا أَنْفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا بِالْأَلْقَابِ ۖ بِئْسَ الِاسْمُ الْفُسُوقُ بَعْدَ الْإِيمَانِ ۚ وَمَنْ لَمْ يَتُبْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ» [حجرات ٤٩:١١] “Yaa warra rabbitti amantan! Tuutti takka tuuta biraa hin tuffatin lsaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin) Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala Tokkoon keessan nama biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa, Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota. ───────•••●○۝○●•••─────── Namni kabajaa qabu, kan maatii kabajaa qabu keessatti dhalatee guddate, kabaja nama biraatiifis qaba. Arrabni kee eenyummaa kee hima. Ati nama biraa yeroo arrabsite, nama san yoo xiqqeessite, maqaa isaa yoo balleessite ykn eeybii isaa yoo jala deemtee saaxilte, ati waan guddaa ittiin faarfamtu dalayde osoo hin taane, ati nama akkamii akka taate nama gadhee namummaa hin qabne akka taate ragaa ofirratti bahaa jirta. Rabbiin keenna (S.W) Qur’aana isaa keessatti nama amala akkasii qabuuf waan qopheesse akkanatti hima. قال الله تبارك وتعالى؛ «وَيْلٌ لِكُلِّ هُمَزَةٍ لُمَزَةٍ» [الهمزة ١٠٤:١] “Badiin guddaan sabattee jirti cufa nama nama arrabsuu fi maqaa namaa balleessuutiif.” Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo sifaa fi amala Muslimni qabu ibsan akkana jedhan: «قَالَ رَسُولُ اللهِ ﷺ: «الْمُسْلِمُ مَنْ سَلِمَ الْمُسْلِمُونَ مِنْ لِسَانِهِ وَيَدِهِ» [رواه مسلم] “Muslimni dhugaa nama Muslimoonni biroo arrabaa fi harka isaa irraa nagaa bahaniidha.” Muslimni dhugaa nama biraa arraba isaatiin hin madeessu, harka isaatiinis nama hin miidhu. Arrabaan nama madeessuun yeroo baay'ee madaa qaamaa caalaa nama dhukkubsa, madaan qaamaa dafee fayya, Madaan arrabaan uumame yeroo dheeraaf qalbii nama cabsee nama keessa tura. Akkuma yeroo mammaakan jedhan; “Arrabni lafee hin qabu, lafee nama cabsa.” Namni keessa isaatti nagaa qabu jecha isaatiin nama hin gahu. Nama biraa salphisuun kee kabajaa siif hin dabalu. Nama biraa arrabsuun kee beekumsa kee hin mul'isu. Maqaa namaa balleessuun kee ulfina kee hin dabalu. Rabbiin Gurra nama xureessuufii Dhiiga namaa irraa nuhaa qulqulleessu.

#Dhaamasa_Dhama_Qabdu_3_Mootii_Islaamaa_Ajaa_ibaa Maqaana Isaanii #Suleymaan_Al_qaanuunii jedhama. Mootota Usmaaniyyootaa ( Otomaani) keessa Nam cimaadha. Nama Bal'inna wolakkaa Adunyaa #Bulchaa_Tureeru. Gaafa Dhibamee akka dhibee kana irraa hafaa hin jirre uf arge dhaamsa 3 Dhaamate. 1ffaa Siree Reeffa kiyyaa Doktoroota Malee akka hin baadhanne. 2 ffaa Qabeenna kiyya Ziqayaa fi Meetii Karaa janaazni kiyya ittiin gaggeeffamu irratti facaasaa. 3ffaa Harka kiyya Lamaan Qullaa Kafana janaazaa keessaa gad baasaa Gara Qabrii Naan deemaa. Erga inni kana dhaamatee Maaf akkana godha jetta jedhanii gaafannaan. 1ffaa An Mootii hangana gahu ta'ee doktoroonni Lubbuu kiyya hanbisuuf wonti isaan hin raawwanne hin jiru , garuu guyyaan kiyya waan gaheef na hanbisuu hin danda'an , kanaafuu isaanummaan na yaalaa turan , kan na hanbisuuf carraaqaa turan Lubbuu hanbisuu akka hin dandeenne haa beekaniif. 2ffaa Qabeenni an qabu Ziqayaa fi Meetiin an qabu du'a irraa na hanbisuu akka hin dandeenne ummanni haa arguuf. 3ffaa Wonti harka kiyya lamaan Qullaa Kafana janaazaa keessaa gad baasaa jedheef nuti akkuma gaafa garaa haadha teennaatii baanu harka Qullaa Dhufne, Gaafa Ganda Qabrii deemnus Harka Qullaa akka deemnu ummanni gorsa haa argatuuf jedhee deebise #سبحان_الله Dubbiin dhugaadha Rabbiin nuuf haa laaffisu.

■Jiruu Tee Keessatti Wantoota Sadii (3) Hin Dagatin ********************************************************************************************************** 1: Weyta Qananii Takka Arkatte, Alhamdulillaah Ja’i, Siif Banamtii 2: Yoo Hireen Sirraa Turte Astaghfirullaah Ja’i, Isin Furtuu Waan Cufamte Hundaati 3: Yeroo Rakkoon Si Qabde “Laa Hawla Walaa Quwwata illaa Billaahi” Ja’i Siif Banamtii. • #Rabbiin Keenya Subhaanahuu Wata’aalaa Qur’aana Isaa Kabajamaa Keessatti Akkana Ja’a “ لان شكرتم لأزيدنكم ولان كفرتم ان عذابي لشديد. “Yoo Waaniin an isiniif kenne irratti galata Naaf galchitan, isiniifiin itti Dabala, Yoo ammoo Qananii tiyyatti kafritan Azaabni kiyya jabaadha” • Akkasuma Ammallee yoo hireen takka sirraa turte hiraartee hin cinqatin, gama Rabbii keetii deebi’ii Istighfaara heddummeessi, Istighfaarri furtuu Rakkoo Hundaati. • Yoo Rakkoon takka si qabde, daftee Rakkoo saniif Harka hin kennin, Rabbiin si uume waan Ati baadhachuu hin dandeenye sirra hin kaayu, kanaaf atummaan Waa hunda Keesatti isa gargaarsifadhu. Heelaa fii Quwwaaniis Rabbuma Qofaaf Taatuudha. #Rabbiin Warra Waa hunda Keessatti gama Rabbii deebi’ee isa gargaarsifatu Nu Haa Taasisu🤲🤲🤲

Rabbiin kalee Ummatoota fi ganda jallatte balleesse Har'as yoo fedhe inuma balleessa. Magaalaan armaan gaditti agartan tun Daangaa Neepaalii fi China gidduu jirti. Kaleessuma kana Balaa lolaatiin akka hin jirre taate. Allaahaan qur'aana keessatti bakka heddutti ummatoota jallatoo Nabiyyii inni itti erge qeebaluu didan akka balleesse nuuf himee jira.Akkamitti balleesse gaaffii jedhu yoo kan kaaftu ta'e Magaalaa har'a akka hin jirre taate tana ilaali. Qur’aanni ummatoota duraanii keessaa warra zulmii, kufrii fi ergamoota Rabbii diduun itti fufan, Allah akka isaan adabe fi magaalaa isaanii balleesse bakka hedduutti nuuf ibsa. 1. Suuratu Al-Anbiyaa 21:11–15 وَكَمْ قَصَمْنَا مِن قَرْيَةٍ كَانَتْ ظَالِمَةً وَأَنشَأْنَا بَعْدَهَا قَوْمًا آخَرِينَ “Magaalaa zulmii hojjachaa turte meeqaatama balleessinee, isaan booda ummata biraa uumne.” Aayata itti aanan keessatti yeroo adabbiin isaanitti dhufe hubatan, garuu yeroo sanitti baqachuun akka isaan hin fayyadne ibsa. 2. Suuratu Al-Hajj 22:45 فَكَأَيِّن مِّن قَرْيَةٍ أَهْلَكْنَاهَا وَهِيَ ظَالِمَةٌ فَهِيَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا “Magaalaa zulmii hojjachaa turte meeqa balleessine; isheenis manni ishee diigamee duwwaa hafe.” 3. Suuratu Al-‘Ankabut 29:40 فَكُلًّا أَخَذْنَا بِذَنبِهِ “Tokko tokkoo isaanii cubbuu isaatiin qabne.” Aayata kana keessatti Allah, gariin bubbee hamaan, gariin sagalee hamaan, gariin lafaan liqimfamuun, gariin immoo bishaaniin liqimfamuun akka adabaman ibsa. Aayata dhuma irratti: وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيَظْلِمَهُمْ وَلَٰكِن كَانُوا أَنفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ “Allah isaan hin miine; garuu isaan ofuma isaanii miidhaa turan.” 4. Suuratu Al-A’raaf 7:4 وَكَم مِّن قَرْيَةٍ أَهْلَكْنَاهَا فَجَاءَهَا بَأْسُنَا بَيَاتًا أَوْ هُمْ قَائِلُونَ “Magaalaa meeqa balleessine! Adabbiin keenya halkan yookaan yeroo isaan boqonnaa guyyaa keessa jiran isaanitti dhufe.” 5. Suuratu Huud 11:102 وَكَذَٰلِكَ أَخْذُ رَبِّكَ إِذَا أَخَذَ الْقُرَىٰ وَهِيَ ظَالِمَةٌ ۚ إِنَّ أَخْذَهُ أَلِيمٌ شَدِيدٌ “Rabbiin kee yeroo magaalaa zulmii hojjattu qabutti qabannaan Isaa akkasuma. Dhugumatti qabannaan Isaa dhukkubsaa fi cimaadha.” Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: إِنَّ اللَّهَ لَيُمْلِي لِلظَّالِمِ حَتَّى إِذَا أَخَذَهُ لَمْ يُفْلِتْهُ “Dhugumatti Allah nama zaalimaa yeroo muraasaaf tursiisa; garuu yeroo isa qabutti jalaa hin bahu.” Ergasii Nabiyyiin ﷺ Qur’aana 11:102 dubbisan. Sahih al-Bukhari 4686; Sahih Muslim 2583 Akkasumas yeroo Nabiyyiin ﷺ bakka ummata Thamud adabaman keessa darban: لَا تَدْخُلُوا عَلَى هَؤُلَاءِ الْمُعَذَّبِينَ إِلَّا أَنْ تَكُونُوا بَاكِينَ “Bakka namoota adabaman kanaa keessa booyaa malee hin seeninaa; adabbiin isaanitti dhufe isinitti akka hin dhufneef.” Sahih al-Bukhari 433; Sahih Muslim 2980

Maliif Lubbuun Rakase Beektuu? Sabani isaa: 1. Amantii irraa fagaatame, 2. Safuutu dagatame, 3. Sammuutu honee hojii isaa idilee dhiise. Ilmi namaa wantoota sadan kan (Amantii, Safuu fi Sammuu Yaadu) yoo hin qabne horii kottee lamaan deemu ta'a. ♤♤♤Kunis:- (1) Namni tokko yoo amantii irraa hin fagaanne amantiin lubbuu namaatiif waan hunda caala iddoo guddaa kenna (Tokkichumma Rabbii booda). ♤ Rabbiin akkana jedhe: "مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًا..." "Namni LUBBUU tokko kan lubbuu hin ajjeesne yookii badii dachii keessatti hin babal'isne AJJEESE akka nama nama hunda ajjeeseeti..." (Al-Maa'idaa:32) ♤ Ergamaan Rabbii (SAW) Akkana jedhan: " لَزَوَالُ الدُّنْيَا أَهْوَنُ عَلَى اللَّهِ مِنْ قَتْلِ رَجُلٍ مُسْلِمٍ" "Rabbiin biratti Addunyaan (Guutuun) baduutu Nama Muslimaa tokko ajjeesuu caala salphaadha" (Tirmizii fi Nasaa'iitu Gabaase) Namni Rabbitti amana Ayata Qur'aanaa Kanaa fi Hadiisa Rasuulaa kanaa jiru lubbuu namqa garmalee hin ajjeesu. (2) ♤Safuu♧ Namoonni Biyya tokko, Afaan tokko, Amantii tokko waliin qooddatu waan hin malleef, sanuu bifa fokkataa ta'een wal-ajjeesuun safuu dhabuudha. Sila namni safuu qabu yoo amantii hin qabnellee safuu eeggachuutu waan hin malle hojjachuu irraa isa dhowwa ture. Kanaaf jechi waloo Nabiyyoonni hundi ummata isaaniitiin jedhaa tura: "Yoo hin qaanfanne (yoo safuu hin qabne) waan feete hojjadhu" jechuu ture. (Bukaariitu Gabaase). " إِنَّ مِمَّا أَدْرَكَ النَّاسُ مِنْ كَلَامِ النُّبُوَّةِ : إِذَا لَمْ تَسْتَحِي فَافْعَلْ مَا شِئْتَ ". (3) ♤Sammuu honee♤ Namni tokko yoo sammu akkaataa uumama isaa irraa hin jijjiiramne, kan hojii isaa idilee hojjatu (yaadu) qabaate waan hin malle hin hojjatu; Sammuu isaatu isa dhowwa. Kanaaf Rabbiin Guddaan Quraa'aana keessatti iddoo hedduutti xiinxaluu fi sammu ofii hojjachiisuutti ajaja, Warra waan hin malle hojjatan immoo sammuu hin qabanuu? Hin yaadanuu?... jedhee qeeqa. Namni tokko wantoota kana sadan dhabnaan qaama isaa (Physiology) isaatu nama malee inni nama miti. Rabbi nama nuhaa godhu, Jallaa keenya haa qajeechu.

Iccitii Balaa (Musiibaa) Balaan ykn rakkoon namatti bu'u bifa sadiin ilaalun ni danda'ama. 1ffaa. Adabbiif, 2ffaa. Qormaataf, 3ffaa. Tarbiyaaf Tarii jireenya keenya keessatti balaan (musiiban) adda addaa nu qunnamu danda'u. Musiiban nu qunnaman gosoota armaan olii sadan keessaa hin bahan. 1ffaa. Adabbiif yommuu jennu namni badii osoo hojjatu daangaa Gooftaa isaa darbuun of miidha. Yeroo kana Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) akka gara Isaatti deebi'uuf namticha ykn garee namootaa kanatti balaa (musiibaa) erga. Qur'aana keessatti ni jedha: "Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21 (Adabbiin xiqqaan rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunya tana keessatti nama muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa.) Kanaafu, namni kanniin keessaa ta'uu of beeke, gara Rabbii olta'aatti deebi'uun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun of dhaqqabuu danda'a. 2ffaa. Qormaataaf yommuu jennu immoo wanta keessa namoota jiru ifatti baasuuf wanta hin jaallannee isaanitti buusudha. Qormaanni kuni wanta isaan keessa jiru ifatti baasa. Obsa, dhugummaa iimaanaa isaaniitii fi amaloota dhokatoo biroo ifatti baasa. Fakkeenyi kanaa: akka barataa daree qorumsaatti qoramuuti. Akkuma qormaanni daretti qoraman ciminna barataa ifatti baasu, musiiban namatti bu'us jabinna iimaanaa fi obsa namaa ifatti baasa. Qur'aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha: "Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Innaa lillaahi wa innaa ileyh raaji'uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.)” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157 Yeroo kanatti wanti namarraa eeggamu: obsuu, abdii qabaachu, iimaana irratti gadi dhaabbachuu fi wantoota badaa hojjachu fi dubbachuu irraa of qusachuudha. 3ffaa. Tarbiyaaf (barsiisuuf, leenjisuu fi qulqulleessuuf) namni hanqinnaa fi dadhabinna baay'ee qaba. Kanaafu, hanqinnaa fi dadhabbi kanarraa isa qulqulleessuu fi isa jabeessuuf musiiban adda addaa itti bu'a. Akkasumas, isa barsiisuu fi leenjisuufis rakkoon adda addaa isa qunnama. Fakkeenyi kanaa akka wattaadara (loltu) ibidda keessaan utaalu fi gaara irraan gadi bu'uun leenji'uuti. Rakkoo kana hunda kan arguuf isa Leenjisuu fi jabaa akka ta'uufi. Namni musiiban itti buutus haaluma kanaan leenjisuu fi jabeessuuf ta'uu danda'a. Kanaafu, musiiban (balaan) yommu namatti bu'u, namni Ar-Rahmaanin komatu hin qabu. Ar-Rahmaan musiibaa kan namatti erguuf namaaf rahmata gochuufi malee nama miidhufi miti. Akkuma warqiin ibiddaan waddamee qulqulleefamu, namnis balaa adda addaatin qulqullaa'e nama gaarii fi sadarkaa guddaa irra gahu ta'a. Rasuulli Sallallahu aleyhi wassalam akkana jedhan: "Namoota hunda caalaa qormaanni kan itti cimu Nabiyyoota, ergasii saalihoota. Ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aane gaarii kan ta’eedha. Namni hamma amanti isaatiin qorama. Amantidhaan cimaa yoo ta’e, qormaanni isaa cimaa ta’a. Yoo amantidhaan laafaa ta'e, hamma amanti isaatiin qorama. Gabrichi hanga zanbii irraa qulqulluu ta'ee dachii irra deemutti qoramu itti fufa." Tirmizi 2398 Qophiin by Ifa Islaamaa

Gorsa Bareedaa Namni Qur’aana Kabajamaa sirriitti xiinxalu waan kana ni hubata: Rabbiin hariiroo abbaa manaa fi haadha manaa jecha tokko qofaan hin ibsine; ibsa garaa garaatiin ibseera. Ibsi hundinuu immoo mataduree adda addaa jireenya mana keessaa nu barsiisa. Jalqaba akkana jedhe: ﴿لِّتَسْكُنُوا إِلَيْهَا﴾ “Isheetti akka boqottanii fi tasgabbooftaniif.” Kana jechuun bu’uurri mana keessaa bareedina yookaan qabeenya miti; tasgabbii fi boqonnaa qalbiiti. Achiinis kana jedhe: ﴿وَجَعَلَ بَيْنَكُم مَّوَدَّةً وَرَحْمَةً﴾ “Jaalalaa fi rahmata isin gidduutti godhe.” Jaalalli yeroo humnaa fi gammachuu jireenya manaa ni soora; rahmanni immoo yeroo dadhabbii, dhibee, yookaan yeroo ulfaatinni jireenyaa baay’atutti hariiroo sana ni tiksa. Ammas ni jedhe: ﴿هُنَّ لِبَاسٌ لَّكُمْ وَأَنتُمْ لِبَاسٌ لَّهُنَّ﴾ “Isaan uffata keessani ; isinis ammoo uffata isaaniiti.” Kunis hariiroon fuudhaa fi heerumaa boqonnaa fi jaalala qofa akka hin taane, wal dhoksuu, wal eegu, wal tiksuu fi walitti dhiyaachuu addaa ta’e akka ta’e nu barsiisa. Kanaafuu Qur’aanni mana Muslimaa utubaawwan sadii irratti ijaara: Tasgabbii qalbii, Jaalala jireenya haaromsu, Rahmata yeroo rakkoo hariiroo tiksu. Isaan keessaa tokko yoo laafate, kanneen hafanis duuka laafu. Kanaaf milkaa’inni mana keessaa baay’ina qabeenyaa irratti hin hundaa’u; garuu hiikaawwan gurguddoo Rabbi hariiroo abbaa manaa fi haadha manaaaf bu’uura godhe kana jiraachisuu irratti hundaa’a. ﴿وَمِنْ آيَاتِهِ أَنْ خَلَقَ لَكُم مِّنْ أَنفُسِكُمْ أَزْوَاجًا لِّتَسْكُنُوا إِلَيْهَا وَجَعَلَ بَيْنَكُم مَّوَدَّةً وَرَحْمَةً﴾ “Mallattoolee Isaa keessaa tokko, isin irraa haadhotii manaa isiniif uumee akka isaan biratti boqottanii fi tasgabbooftaniif, isin gidduuttis jaalalaa fi rahmata kaa’uu isaati.” (Ar-Ruum: 21)

Maaliif zamanni akkanatti nama jijjira, ka kalee rakkataa arra qabaataa ,ka kalee qabaataa arra miskiina , ka kalee Rabbi sodaan beekkamu arra hamtuudhaan beekkama hanga namni waan isa mudatuu taa’u amanuu hin dandeenyetti takkatti jettee na gaafatta? Guyyaan waraana Rabbiiti; Rabbiin akka fadhetti uumama isaa jiddutti garagaggalcha—akka uumamni Isaa wanni takkalleen Isa malee bakka takka hin teessu jachuu agarsiisuuf ja'eetin siif deebisa. Yaa obboleessa kiyya: Fir’aawni boonee mataa ol fuudhee, "Mootummaan Misiraa naaf hin taanee? Lagni kuniis kan na jala yaa’u?" ja’uu ture. Rabbiin zamana naanneessee, bishaanuma inni ittiin dhaadatu san isa gubbaa yaase! Osoo yeroo Jibriil afaan isaa keessatti dhoqqee guuruu argitees, "Namuma laafaa kanaatu akkasitti if dhaadaa?" jettee if gaafatta. Yaa obboleessa kiyya: Mootichi zamana Nabii Ibraahiim "Namruuz", "Anaatu jiraachisa, anaatu ajjeesas" ja’eeti if dhaadaa ture. Rabbiin zamana naanneessee, mataa isaa keessa tiiticha naqe. Hanga ormi duraan isaaf sujuudu sun kophee isaaniitiin mataa keessa dhawanitti hafuura baafachuu kan hin dandeenye tahee hafe! Yaa obboleessa kiyya: Eega Quraayshiin gosa hundarraa dardara tokko fuudhanii, Nabiyyi keenya ajjeesanii dhiiga isaa gosa hunda keessa facaasuuf yaalaniin booda... Rasuulli ﷺ Makka keessaa dukkana halkaniitiin bahe. Rabbiin zamana naanneessee, Nabiyyii Isaa guyyaa (yeroo oowwaa) biyya Makkaa injifannoodhaan akka seenu isa godhe! Yaa obboleessa kiyya: Osoo Bilaal ibnu Rabaah, isaa cirracha Makkaa oowwaa sana irratti dhagaan gubbaa kaayamee akka Umayyah ibnu Khalaf itti isa azzaabu argitee, isaaf rifachuu keessa qalbiin tee addaan ciccitti. Rabbiin zamana naanneessee, lolli Badrii argamee, Bilaal seeyfii isaa qoma Umayyah keessa naqe! Yeroo tana hiikaan Rabbiin zamana naanneessuuf siif galti. Yaa obboleessa kiyya: Guyyaan akkana; Rabbiin guyyaa uume jidduu gabroottan isaatti akkanatti garaagagalcha: Yeroo takka fayyaa, yeroo takka dhukkuba. Yeroo takka duruma, yeroo takka miskiinummaa. Yeroo takka gammachuu, yeroo takka gadda. Akka namni humna qabu daangaa hin dabarreef, lafaaniis garaa hin muranneef guyyaa garaagagalcha. Guyyaa hunda Rabbiin nama cufa xiyya qadaara isaatiin isa darbata. Rabbii qadaara kee harkaa qabu wajjin tahi, nagaya baata! Rabbiin eega Takka karaa qajeelloo irra si kaaye karaa jallinaa sirraa haa qabu..! Boodarratti Qalbii tee irratti nagayni haa jiraatuu.

✅ Hasan Al-basriin Akkana ja'e : ===================✍️ waajahaatu (6) qalbii namaa Balleeysaa ja'e ☝️ 1 = Dilaawanii nin towbadhaa . 2 = Baratanii itti hojjachuu dhabuu . 3 = hojiin isaanii qulqullina dhabuu . 4 = Nyaatanii Rabbiif Galta galchuu dhabuu . 5 = Waan Rabbi isaaniif qoode Jaalachuu dhabuu . 6 = Nama Du'e Awwalanii Gorfamuudhabuudha . ✅ Namni hundi Sheekhas ta'u Daldalas ta'u, Polisiis ta'u Qotee bulaas Bulchaas ta'u Dhiiraafii Dubartiis Ta'u waan amma janne kana qabaannaan Adunyaafii Aakhirattis milkii ta'uu beekhi !! ✅ Rabbi nuuhaalaaffisu 🤲🤲Aamiin !!

🕰️ Gorsa Ijoollee Sa’aatii Kubbaa fi Taphatti Fixanif Yaa obboleeyyan koo… Sa’aatiin yeroo keessaa qabeenya guddaadha. Namni yeroo isaa eegu mootummaa ofii ijaarrata; namni yeroo isaa balleessu mootummaa ofii diiga. ⚽ Kubbaa ilaaluun badaa miti… Garuu yeroo hundaa kubbaa qofa irratti fixuun sammuu fi egeree namaa dadhabsiisa. 📚 Sa’aatii tokko kitaaba dubbisuun, 🕌 sa’aatii tokko Qur’aana qara’uun, 💡 sa’aatii tokko beekumsa barachuun bor mootummaa jireenyaa siif banu danda’a. ⏳ Yeroon har’a taphaan darbe, bor deebi’ee hin dhufu. 😄 Yeroo kolfuu hin qabnetti kolfitee, 😢 yeroo kolfuu qabdutti akka hin boonne. Namni yeroo isaa harcaasu yeroo mootummaa isaa booya. Namni yeroo isaa tikfatu ammoo yeroo mootummaa isaa gammada. الوقت أشد من الموت “Yeroon du’a caalaa cimaadha.” Sababni isaa duuti yeroo tokko qofaan nama irraa  kutti; yeroon garuu guyyaa guyyaan umrii keenya irraa hir’ifamaa jira. Hardha yoo darbe “darbe” jedhama; deebi’ee hin dhufu. Daqiiqaan fi sekondiin umrii keenya irraa hir’ifamaa jiru. Kanaafuu: Yeroo kee qoodi Taphas qabaadhu Barnootas qabaadhu Ibaadaas hin dagatin Kaayyoo jireenya kees ijaaradhu Karoora yeroo kee ittiin fayyadamtu mataa keetiif baafadhu; namni karoora qabu yeroo isaa hin gubu. “Ijoolleen yeroo isaanii tikfatan, egeree isaanii mootummaa godhatu.” 💪 Abjuu kee waan xiqqoon hin gurguriin ✊ Biyya si eegaa jiraa Akkuma dhalattetti hin du'in

Haala Jireenya Namaati fi Hariiroo Isaan Rabbii Waliin Qaban Yoo sirriitti xiinxalte, ilmi namaa haala jireenya isaanii fi ajaja Rabbii godhuu irratti hundaa'anii bakka afuritti qoodama tahuu argita. 1.Ajaja Rabbiiti godha,akkasuma jireenya isaa keeysattiis gammachuu qaba. 2.Ajaja Rabbiiti godha,garuu jireenya isaa keeysatti rakkataadha. 3.Ajaja Rabbii hin godhu,jirrenya keeysatti ammoo gammachuu qaba. 4.Ajaja Rabbii hin godhu,akkasuma jireenya isaa keeysattiis rakkataadha. •Yoo oggaa if laaltu haalli kee lakkoofsa #1 keeysa jiraate kun beekkamaadha sababni Rabbiin akkana ja’a ; «مَنْ عَمِلَ صَالِحًا مِّن ذَكَرٍ أَوْ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَلَنُحْيِيَنَّهُ حَيَاةً طَيِّبَةً وَلَنَجْزِيَنَّهُمْ أَجْرَهُم بِأَحْسَنِ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ» “Nama gaarii dalagate dhiirarraa tahuu yookan dubartii taatu (duniyatti) jireenya gaari isaan jiraachifna,mindaa isaanitillee irra gaarii waan isaan dalaganitin galata galchinaaf (jannata kanninaaf).” •Yoo oggaa if laaltu haalli kee kee lakkofsa #4 keeysa jiraatte kunis beekkama sababni Rabbiin akkana ja’a ; «وَمَنْ أَعْرَضَ عَن ذِكْرِي فَإِنَّ لَهُ مَعِيشَةً ضَنكًا وَنَحْشُرُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَعْمَىٰ» ”nama na yaadachurraa gara gale ,jireenya rakkootu isaanif jira ,guyyaa qiyaamatis ballaa gooneti isaan kaafna.” •Ammaas yoo oggaa if laaltu haalli kee lakkofsa #2 keeysa jiraate kuni haala lama qaba. 1. Rabbiin si jaalata obsa kee laaleeti sadarkaa tee ol si fuudhuf deema sababni Rabbiin akkana ja’a; «وَلَنَبْلُوَنَّكُم بِشَيْءٍ مِّنَ الْخَوْفِ وَالْجُوعِ وَنَقْصٍ مِّنَ الْأَمْوَالِ وَالْأَنفُسِ وَالثَّمَرَاتِ وَ بَشِّرِ الصَّابِرِينَ » “Sodaa, beela, hir'ina qabeenyaa, lubbuu fi midhaan dhabuun isin mokkoruuf jirra. Warra obsa qaban naaf gammachiisi.” 2. Ati ajaja Rabbitillee gootu haala Rabbiin sirraa jaalatutti isa gabbarutti hin jirtu,ammaas dilii irraa dagatte ta irraa hin towbatinitu sirra jira saniif Rabbiin si mokkare. Rabbiin akkana ja’a ; «وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنَ الْعَذَابِ الْأَدْنَىٰ دُونَ الْعَذَابِ الْأَكْبَرِ لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ» “Akka gara keenyatti deebi'aniif, adabbii isa guddaa dura adabbii isa xiqqaa (kan dunyaa) isaan dhandhamsiifna.” •Yoo oggaa if laaltu haalli kee lakkofsa #3 keeysa jiraate lubbuu tee if eegi ammaas if eegi sababni Rabbiin qaba siif qabu jira (warning keessa jirta ) bakki tun bakka akkaan hamtuuti,booddeen isiitis si rifachiisti,qixaaxni yoo ati hin gorfamne Rabbi biraa sitti dhufuun shakkii hin qabu Rabbiin akkana ja’a ; «فَلَمَّا نَسُوا مَا ذُكِّرُوا بِهِ فَتَحْنَا عَلَيْهِمْ أَبْوَابَ كُلِّ شَيْءٍ حَتَّىٰ إِذَا فَرِحُوا بِمَا أُوتُوا أَخَذْنَاهُم بَغْتَةً فَإِذَا هُم مُّبْلِسُونَ» “Yeroo waan ittiin gorfaman irraanfatan, balbala waan hundaa isaaniif banne. Odoo isaan waan kennamaniin gammadaa jiraniis, akka tasaa isaan qabne; yosuu isaan abdii kutatan.” Aniis,isiniis ka dubbisa kana dubbise eysa keeysa akka jirru if beeyna Rabbiin rahmata isaatin nama gama isaa deebi’uu nu haa godhu.!!

☆ "ifumaaf nama if tuffachiiftaa?" 👉 Yaa nama khiyya ati qaalii tahuu khee beekhi. Ati nama khabajamaadha. Rabbiin nama godhee wanti si uumeef, kabajamaa tahuu kee si beeysisuufi. Uffata kabajaa kan Rabbiin sitti khaaye namoota gammachiisuuf jettee yoo saaqqatte, ifumaaf nama if tuffachiiste. Namoonni yoo fedhii fi faaydaa isaanii eeyde malee, yoo mataarratti isaan baatte malee sin kabajan. Jiddu gala wahii tokko irra dhaabbatanii si jaalatu taanaan yokaan si jibbu taanaan, if dhaqqabii talaallii tana fudhu. Mee takka dhaabbadhuu if laali. Moggaa keetiis laali. Namoonni siin marsanii jiran kan kabaja siif qabani moo kan si rakhisheeysanii jiranii dha? 👉 Siif haa galtuu haala keeysa jirtu siitu beekha waan teheef, naannoo kee qoradhuu yoo gadi galootti kan si ilaalaa jiran tehe, wantoota armaan gadii kanaan #hoddufoor irraa hooqi, yoo akkas hin goone tuffatamtee tuffatamuu keetiis amala godhattee walbarteenii tuffatamuu kee sanuu jaalattee jiraatta. Kolkolow ! 👉Nama biraa biratti kabaja horachuufii akka si hin tuffanne gochuuf, jalqaba ilaalcha ati ofiif qabdu sirreessuufii amala kee irratti hojjechuutu sirraa eeggama. Malli ittiin kana gochuu dandeessu qabxii armaan gaditti dhihaatan kanaan gabaabsinee kaahuu dandeenya. 1. Ofitti Amanamummaa Kee Cimsi • Dhaabbata kee sirreessi:- Yeroo deemtuufii namatti dubbattu gadi jettee hin ilaaliin, ol jedhi. • Ija keessa ilaali:- Namoota haasofsiistu ija isaanii keessa ilaaluun itti dubbadhu. • Akkaataa uffannaa:- Yeroo hundaa qulqullina keetiifii uffannaa kee sirreessi. Naguma Rabbii waan takka fakkaattee hin deemin akka nama manaafii Alawaadaa jidduu deddeebi'uutti jiruu. 2. Dubbii Keetii fi Gorsa Kee Madaali • Gadi fageenyaan dhaggeeffadhu:- Dubbachuun dura namoota hunda caalaa dhaggeeffachuuf xiyyeeffannoo kenni. Nama na dhaggeeffatu arkadhe jettee mataa naman wareersin, hedduu haasawuun kee si tuffachiisa malee beekhaa sin godhu! [Gabbiittoo?] • Dubbii kee gabaabsi:- Haasawa baay'isuun salphina fida. Dubbii kee gabaabaa, ifaafi qabatamaa godhi. Naguma Rabbii khulaa khulbus hunda haasooytee akka dubbii maraataatti ta qabatanii fi ta dhiisan naman wallaalchisin ! • Waan hin beeyne dubbachuu dhiisi:- Waan beektu qofa irratti ejjennoo dhaan dubbadhu. Hayyu hayyuu yoo si goggodhe #Akhii_Namaa waan hin beeynu si afaan fideeti kijibaa taatee qaanyooytee tuffatamta 3. Daangaa Kee Kabachiisi • 'Lakkii' jechuu bari:- Waan sitti hin tolle ykn humna keetiin ol ta'e didii lakkii jedhi. • Yeroo kee kabaji:- Namni akka fedhetti akka si ajaju ykn yeroo kee akka qisaasessu hin heyyamiin. "Laaftutti yoo si arkatan, situffatan" sii himegaa ani! • Iccitii kee eeggadhu:- Jireenya kee, hanqina keetii fi iccitii kee namatti odeessuu hin baay'isin. "Si beekhe, situffadhee" jedha Amaarri [bakka kana namni Afaan Amaariffaatti hiikee Koomentii jala kaahe badhaasa qaba]😂? 4. Amala fi Hojii Kee • Waan jette raawwadhu:- Waadaa galte eegi. Kun namoota biratti amanamummaa guddaa siif kenna. Baallamaas Kabaji. Yoo beeylama guutuu hin barin, gaafa namoota jajjaboo waliin walitti dhufte ni salphatta, ni tuffatamta? • Of irratti hojjedhu:- Beekumsa kee, dinagdee keetiifii dandeettii kee guddisuuf carraaqi. Namni hojii qabuufii of danda'e hin tuffatamu. *Mee bakka tana irra deddeebi'ii dubbisi please * • Nama hundumaa gammachiisuuf hin dhiphatin:- Namni hundi akka si jaallatu gochuuf hin daadarkaawin kun kabaja si dhabsiisa malee kabajaa siif hin kennu! Nama hunda gammachiisuu yoo feete maallaqa tahuu qabda, kan nama hunda gammachiisu maallaqa qofa ! 👉Walumaa galatti wantoota armaan olii kana fi kanneen biroo fayyadamtee ilaalcha mataa keetiif qabdu sirreessuu dandeessa. Yeroo ati #qaalii tahuu kee sammuu kee amansiifte "if tuffachiisuu jalaa Walaboomtee" guyyaa walabummaa #tuffatamummaa keetii boontee kabajatta jechuudha. 👉 Yoo kana gochuu hin feene duba "ifumaaf nama if tuffachiiftaa?" ?Maal jechuudha je'e Qaallichi ! 😂

Tabi’in beekamaan Abu Muslim Al-Khawlaanii (Rabbi rahmata haa godhuuf) nama akkaan Rabbi sodaatu ture. Abu Muslim yeroo hundaa masjiidaa yoo deebi’an, akkuma hulaa mooraa gahuun sagalee ol kaasanii "Allahu Akbar" jachuu turan. Haati mana isaa , akkuma sagalee isaa dhageesseen keessaa lallabdee "Allahu Akbar" jettee deebistiif. San booda, yeroo inni moora ol seenee ammaas irra deebi’ee takbiirtaa ja’a, isiiniis ni deebistiif. Dhuma irratti, yeroo hulaa mana jireenyaa dura gahuus yeroo sadaffaaf takbiirtaa ja’a, isiiniis ammas kabajaan isa simatti. Akkuma mana seenuun haati manaasaa huccuu fi kophee isaa irraa fuutee, ol galchitee, nyaata dhiyeessitiif. Jireenyi isaanii tasgabbii fi nagaa kanaan guutamee odoo jiruu, guyyaa tokko wanti hin yaadamne tokko ta’e. Halkaan tokko Abu Muslim akkuma amala isaanii masjiidaa deebi’an. Karra guddaa bira gahanii "Allahu Akbar" ja’an, garuu deebiin hin jiru! Maaltu ta’e laata ja’e ,moora seenee yeroo Lammadaaf takbiirtaa ja’an, ammas caldhisa qofa. Hulaa mana jireenya dura gahnii yeroo sadaffaaf takbiirta ja’e deebii tokko hin arganne. Yeroo ol seenan manni dukkana, ifaan hin jiru. Haati mana saa akka amala isii isa simachuu dhiistee, mataa gadi qabattee, dallansuun muka Tokko lafaan diddirti. Abu Muslim ajaa’inee : "Maali, maaltu si qunname?" Ja’eeni gaafate. Haati manaasaa mataa ol qabattee akkana jetteen: "Ati erga Amiira Mu’uminaa (Mu’aawiyaa) biratti kabajaa fi bakka guddaa qabda, maaliif hojjetaa mana keessatti nu gargaaru nuuf hin gaafanne? Jireenya rakkinaa kana keessaa baanee akka nuuf bal’isu maaliif qarshii isaa hin gaafanne?" jetteen. Abu Muslim garuu dubbiin kun dubbii haadha manaasaa akka hin taane yeroma sanitti hubatan. Dubartiin hamtuun, hinaaftuun tokko mana dhuftee haadha mana isaa itti jijjirtr, "Jaarsi kee Mu’awiyaa biraa kabaja akkasii qabaa, osoo isa isiniif kadhate qananii keessa jiraattan ,?" jettee summii gaa’ela isaanii keessatti facaastee akka deemte beekan. Abu Muslim gara Rabbii harka isaanii ol kaasanii akkana ja’anii du’aa’ii intala sanirratti godhan: "Yaa Rabbi! Nama jireenya haadha manaa koo natti balleesse fi bultii tiyya diige, ija isaa jaamsi!" Du’aa’iin sun yeroma sanatti gara samii baate. Dubartiin shira xaxxe odoo mana ishee teessu, agartuun ija isii duraa badde; dukkanaa keessatti hafte. Naasuun: "Ifaa ni dhaamsitanii?" jettee warra manaa gaafatte. Isaanis: "Lakki, Ifaan ni ifa" ja’aniin. Yeroma sanitti dubartiin tun adabni kun maaliif akka isii qunname hubatte. Shirri isiin mana Abu Muslim irratti xaxxe isitti deebi’uu argite. Eeganaa booyaa gara mana Abu Muslimitti fiigde. Fuula isaanii duratti kuftee, akka dhiifama isiif godhan fi iji ishee akka deebi’uuf Rabbii akka kadhatan booyaa kadhatte. Abu Muslim, garaanis laafeefi, harka isaanii ol kaasanii ammas Rabbii isaanii kadhatan. Rabbiinis du’aa’ii isaa dhagayee agartuu ija intala sanii deebiseef. Rasuulli ﷺ “Namni jaartii jaarsatti jallise (jibbisiise) nurraahi miti” ja’e. 📚 *Maddi Seenaa Tana: Al-Muntadham fii Taariikh al-Mulook wa al-Umam (Vol 5 / Fuula 331)

Guyyaa arafaa boruu kana maal godhuu qabna? 1, Soomanuu; Maalif? guyyaa tokkichaa kana soomanuun diliin bara lamaa nuuf araaramti yoo rabbi ja’e. 2, Salaata; Salaata fardii jam’aan masjiidatti salaatuu fi Sunnaalee salaataa heddummeeysuu; Maalif? Salaanni irra jaalatamtuu ibaadaati. Rasuulli rabbii irra caaltuun dalagaa rabbi biratti jaalatamtu kami jechuun gaafatamee, Salaata yeroo isii irratti salaatuudha ja’an 3, Qur’aana qara’uu fi Zukrii heddummeeysuu; Maalif? Qur’aana yeroo qaraanu harfii tokkorratti sawaaba 10 arganna, juuza lamaa fi sadi qara’uun qofti sawaaba Kuma dhibbaan lakkaawamu argachuu dandeenya Akkasuma Zikriilee gara garaa tan arraba irratti laaftuu kan galanni isii guddaa haa zakkarru. Subhaanallaahi wabi hamdihii, Subhaanallaahi wabi hamdihii Subhaanallaahil Aziim; Laa’ilaaha illallaah wahdahuu laa Shariika lahuu lahul mulku wa lahul hamdu wahuwa alaa kulli sheey’in qadiir fi kkf heddummeeysuu 4, Yoo dandeenye, Sadaqaa kennachuu heddummeeysuu, Maalif? Sadaqaan ibaadaalee akkaan jabduu keeysaa tokko tahuu fi ibaadaa warri ibidda seenan osoo duniyaa irratti deebi’an godhuu hawwaniidha, ati lubbuun waan jirtuuf ammuna godhi. 5, Waan rabbiin hin feene hundarraa fagaachuu. Dilii dalaguun guyyaa kaan keeysallee hamtuu taatu guyyaa guddaa akkanaa kana keeysa waan rabbiin hin jaalanne hojjechuun ammoo qalbii goggogina irraahi kanaaf hanga dandeenyetti hamtuu irraa lubbuu keenya haa tiiysinu