🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍
الذهاب إلى القناة على Telegram
Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa
إظهار المزيد1 538
المشتركون
-424 ساعات
+27 أيام
لا توجد بيانات30 أيام
أرشيف المشاركات
AKKA DURII FI HARKA XURIITTI HIN HAFAN!
دوام الحال من المحال، وحسن الظن بالله
في كل حال من أعظم الخصال.
Haalli namaa yeroo hundumaa akkuma jirutti hin turu. Addunyaan jijjiirama; guyyaan ni jijjiirama, haalli jireenyaas ni jijjiirama. Kanaafuu, yeroo rakkoo keessa jirtu abdii hin kutatin, yeroo badhaadhinaa keessa jirtu immoo of hin tuulin.
Yeroo badhaadhinaa keessa jirtu, yeroo rakkinaa akka hin daganne; yeroo rakkinaa keessa jirtu immoo badhaadhina fuulduraa akka hin daganne.
Namni gammachuu yookaan gadda keessa yeroo hunda jiraadha jedhee yaadu, maalummaa addunyaa tanaa sirriitti hin hubanne.
Hiyyummaanis, qabeenyi, fayyaaniis dhukkubniis yeroo hunda siwajjiin hin turan.
Sababni isaas, addunyaa kana keessatti wanti tokkoolleen haala tokkoon yeroo hunda hin jiraatu.
Wanti sirritti hubatuu qabdu:
Namoonni yeroo tokko jajjaboo turan hedduun har'a laafaniiru; warri yeroo tokko dadhaboo turan immoo gara sadarkaa ol'aanaatti ol ka'aniiru. Warri dureeyyii turan hedduun hiyyummaatti kufaniiru; warri hiyyeeyyii turan immoo badhaadhina guddaa argataniiru.
Barcuma aangoo kan ati har'a irra teessu boru namni biraa irra taa'uu danda'a. Balballi har'a siif baname boru siif cufamuu danda'a. Namoonni har'a si barbaadan, boru ati isaan barbaaduun ni mala.
Kanaaf, yeroo aangoo qabdu of hin tuulin; yeroo qabeenya qabdu hiyyeessa hin tuffatin; yeroo humna qabdu nama dadhabaa hin miidhin.
Sababni isaas, jireenyi yeroo hunda akkuma har'a jirutti hin turu.
Obboleessa kiyya Rakkoon har'aa carraa boruu akka si hin dagachiifne;
gammachuun har'a argattuus gaaf tokko baduu akka danda'u hin dagatin.
Yeroon nama hin eegu. Warri har'a iddoo ol'aanaa irra jiran boru gadi bu'uu danda'u; warri har'a gad jiran immoo boru sadarkaa guddaa irra ga'uu danda'u.
Kanaaf, nama har'a gadi jiru hin tuffatin; nama har'a ol jiru irrattis hin hinaafin.
Sammuu tasgabbaa'aa fi abdii gaarii qabaadhu. Gaddi, rakkoon, hiyyummaanis yeroo hundumaa hin turan. Haalli ni jijjiirama, guyyoonnis ni jijjiiramu; garuu Rabbii kee qofaatu hin jijjiiramne, hin dhabamne.
Kanaaf, qalbii keetiin Rabbi irratti hirkadhu.
Obboleessa obboleettii sirritti hubadhu:
Yeroo badhaadhinaa keessatti Rabbiin galateeffadhu.
Yeroo rakkinaa keessatti Rabbi irratti hirkadhu.
Yeroo aangoo qabdu haqa hojjadhu.
Yeroo qabeenya qabdu nama rakkate gargaari.
Yeroo humna qabdu nama dadhabaa hin cunqursin.
Yeroo kufaatii keessa jirtu abdii hin kutatin.
DU'AA'II
Yaa Rabbi! Gadda, gadadoo, balaawwan, balaa tasa nu mudatuu fi qormaata dadhabsiisaa ta'e hunda irraa nagaa nu baasi.
Yaa Rabbi! Haala keenya gara haala gaariitti jijjiiri. Yeroo rakkootti obsaa, yeroo badhaadhinaatti galata, yeroo aangoo qabnutti haqa, yeroo dandeettii qabnutti immoo gara laafintii nuuf kenni.
Dunyaa fi Aakhirattis gammachuu, nagaa, milkaa'inaafi rahmata Kee nuuf kenni.
Aamiin Yaa Rabbal Aalamiin!
Keessa kee Jijjiiri
رسالة اليوم
👉Keessi kee yoo hin jijjiiramin naannoon kee hin jijjiiramuu beeki!
👉Jijjiiramni dhugaafi itti fufiinsa qabu kamiyyuu keessa namaatii jalqaba. Ilaalcha, sammuu, amantiin, hubannoo fi yaadota keessa keennaatu ilaalama. Keessoo keenna osoo hin jijjiirin, haala naannoo keennaa, firii hojii keennaa jijjiiruun hin danda’amu.
👉Keessi keenna yoo jijjiirame, ilaalchi nuti jireenyaaf qabnu, akkataan nuti rakkoo itti ilaalluu fi carraawwan akki itti hubannu ni jijjiirama. Ilaalchi jijjiirame kun tarkanfii nuti guyyaa guyyaan fudhannuu fi amala keenna ni jijjiira.
👉hanguma nuti keessoo keennatti obsa, ogummaa, gamnummaa fi ilaalcha gaarii horataa deemnuun naannoon keennas carraawwan haaraa, qunnamtii gaariifi milkaa'ina haaraadhaan toluu jalqaba.
👉naannoo keenna, Hiriyaa keenna, maatii keenna, hojii keenna ykn hawaasa keenna jijjiiruuf tattaaffii gochuun dura, jijjiirama sammuufi keessoo keennaa irratti xiyyeeffachuun dirqama.
👉 Jijjiiramni keessaa humna guddaa qaba. karaan milkaa’inaa fi jijjiirama dhugaa inni jalqabaa keessoo keenna haarowomsuudha.
🔑Killeen yoo alaan dhahan ni caccabdi, yoo keessaa dhiibee dhufe immoo jiraatu keessaa baha.
Waan hojjatamee siif kennameefi waan ufii hojjattee argattu adda baafadhuu yoo barbaadde ittiin booni.
ila
Bareedinni fuulaatiifi bareedinni qaamaa kan siif kennamee beeki,maatii irraa dhalatteefi gosti kee kan siif kennamee beeki,dhiiraafi durba taattee dhalatuun,kan siif kennamee beeki,amala gaarii horachuufi toltuu yaaduun,waan ati ufii horachuu dandeettuu beeki,kan ittiin nama qeeqxuufi kan ittiin boontu isa k3nname sanaan osoo hin taane, isa Rabbi gargaarsifattee ati itti ifaajattee argatte tahuu qabaa hubadhu.
Jaaloo
Namni gariin si wajji jira malee keetii mitii beeki, kennaa Rabbiitiin si qeeqaa argi,qooda Rabbiitiin si tuffataa hubadhu,dadhabina sammuu jechuun isa kanaa taajjabi.
Obbolaa
Diinni guddaan kee,sammuu keetii taajjabi,isa wajji jiraattu adda hin filanne taanaan,hadaammii ollaa agamsaa tahaa jiraattaa uf qusadhu.
Yoo
Boonni fi koorri,shillalaafi dhaaduun hir'ina qaban cufachuuf tattaaffii godhamu irraa maddaa irraa siqi,namni boonu nama boohu hingahu jedhaa Oromoon,nama boonu irraa gorii kophaa kee jiraachuu filadhu.
Haloo
Biyya namni miliyoona dhibba tokkoofi digdamii shanii olii barnootarraa bilisaa keessatti jijjiiramni amalaa dhufu tokkollee hinjiraatuu,akka namani jijjiiramu eeguu dhiisii atumti jijjiiramuuf yaali.
#GAAFII:Jaartii hiikamte deeffatuu jechuun maali?
#DEEBII
1~Hiikkaa marraa 1ffaa ykn marraa 2ffaa booda Osoo iddaan isii hin dhumne mirga si deeffadhe ja'ee deeffatuu qaba jechu
Hikkaa marraa 1ffaa fi 2ffaa kana keessatti yoo osoo inni isii hin deeffannee iddaan isii jalaa dhumellee Yoo wal jaalatan mahrii fi ragaa irratti nikaah haarawaan carraa walitti deebi'uu qaban
#HUBACHIISA: hoggaa deeffatuu ja'amu kana nikaan hiikame sun as hin deeb'u haguma irratti isaa hafe wajji deebiti malee fkn yoo maraa Takka hiikee jiraate Nikaah lamaan irratti isaaf hafe wajji deebiti, yoo yeroo lama hiikee jiraate Nikaah Tokkicha isaaf hafe wajji deebiti
2~Dubartii garaa qabdu(ulfaa) nikaan hin hiikamu wanni ja'amu soba
3~dubartii yeroo laguun itti jirtu hiikuun dhoorkaa tahullee hiikamnaan irraa bu'a(hiikkaan ni argama)
4~jaartii jaarsa jibbitee mahrii isiitiin khul'ii if goote(jibbaa kennitee) jaarsi irraa fudhate gad lakkise fi tan qaadiin shari'aa gaa'ilaa isaanii diige(fas-khii godhe) jaarsi "si deeffadhe" ja'ee deeffachuu hin dandayu
wanni inni dandayu yoo jaalala fi fedha isiitiin tahe haarawatti mahrii fi ragaa irratti nikaah godhatuudha
5~jaartii yeroo adda addaa keesatti marraa lama yoo hiike(1ffaa hiikee walitti deebi'anii, 2ffaa hiikee walitti deebi'anii, waa iddaa keessatti deeffatuu ykn eega iddaan jalaa dhume nikaah haarawaan walitti deebi'anuu) kana booda yeroo 3ffaa yoo kan hiiku taate carraan walitti deebi'uu isaanii hin jiru eega nama biraa heerumtee yoo taate malee.
6~jaartii Jaarsi hiiknaan hiikamte! Aangoon Nikaah harka isaa jira waan taheef isiin irraa qeebaluu fi qeebaluu dhabuu isii wanni laalamu hin jiru!
#GAAFII:jaarsi biyya biraa imalee ajalli rabbi itti gayee Aakhirame(du'e) ykn waraana deemee wareegame Jaartiin du'uu isaa eega inni du'ee ture dhageesse!
Iddaa isii Eeysarraa lakkaawatti? Guyyaa jaarsi du'e moo guyyaa itti dhageesse irraa lakkaawwatti?
#DEEBII:jaartiin jaarsi irraa du'e
Azaayaa ummanni keenya ja'uun iddaa if gufufuu kan ji'a 4 fi guyyaa 10 san kan eegaltu guyyaa du'a jaarsaa dhageesse irraa osoo hin taane guyyaa inni du'e irraa(yoo guyyaan inni du'e qixa sirriitti kan beekkamu tahe) fkn eeega jaarsi du'ee ji'a 4 fi guyyaa 10 dabre booda yoo dhageesse dhumatee jira waan taheef humaatuu iddaan lakkaawwattu irra hin jiru!
eega du'ee waggaa tokko fi lama faa booda dhageessuus sanuma yeruma san irraa heerumuus tahee waan feete(wantoota yeroo iddaa isii irratti dhoorkaa) gochuu dandeessi!
Garuu yoo guyyaan du'a jaarsaa qixa sirriitiin kan hin beekkamne taate guyyaa du'a isaa dhageessee irraa lakkaawwatti
Ykn qaadiin du'a isaa eega murteesse iddaa lakkaatuu eegalti(هذا إذاكان مفقودا)
Asumaanuu jaartiin hiikamtees dubbiin isii Akkanuma guyyaa hiikkaan argame irraa idaa lakkaawwatti malee guyyaa itti dhageeyse irraahii miti Fkn jaarsi waraqaaa hiikkaa isii ergeefi waraqaan ji'a3 booda yoo isii dhaqqabde iddaan isii dhume(tan garaa qabdu yoo hin tahin isii iddaan isii haga deessutti) wanni lakkaawwattu hin jiru guyyaa san irraa heerumuu dandeessi!
#GAAFII:Jaarsi akkuma biyyaa baheen oduun isaa achi buuteen dhabamte
Jaartiin duubaa nama biraa heerumte
San booda Jaarsi mul'atee gale! Maaltu mala?!
#DEEBII:
هذه المسألة تعرف عند الفقهاء بمسألة الزوج المفقود
Dubbiin tun ulamaa'ii birattii hukmii jaartii jaarsi isii dhabme jechuun beekkamti
Murtiin isiin akkaataa lamatti laalamti
1/tan qaadii shari'aa dheeyxee jaarsi isii akka dhabame itti himatte
San booda qaadiin dubbii laalee yeroo haga tokko haga jaarsi barbaadamu kennaaf
kun wal dhabuu dandaya baay'inaan haga amata4 akka eeguu qabduutu murtaawa (keessaafuu bikki fi akkaataan jaarsi itti dhabame kun bikka lubbuun jiraatuun isaa abdii hin qabne hoggaa tahe)
san booda qaadiin du'uu jaarsaa murtsseeti Iddaa jaartii jaarsi irraa du'ee(ji'a 4 fi guyyaa10)akka eeggattu itti hima
Achi booda nama barbaadde heerumuu dandeessi
Adeemsi kun adeemsa sirriiti adeemsa kana eeydee eega heerumte booda yoo jaarsi mul'atee gale inni filannaa qaba
Takkaa isii galfatuu ykn jaarsa boodaa wajjiin dhiisuu
Yoo galfatuu fedhe jaarsi boodaa nikaah hiikee san booda iddaa jaarsa boodaa fixattee jaarsa duraatiif deebiti!
jaarsa duraatiif nikaah haarayatti hidhutti hin haajamsiisu! Ilmoon jidduu kanatti yoo argamte tan jaarsa boodaati!
2/tan jaarsi isii akka dhabame osoo qaaditti himattee qaadiin humaa hin murteessin cal jettee nama biraa heerumtu
Adeemsi kun sirrii miti nikaan kuniis nikaah baaxil ja'ama nikaan nikaaha gubbaan waan hin hidhamneef
Haala kana keessatti yoo jaarsi duraa mul'atee gale nikaahn isaanii ifumaaf diigama
Iddaa fixattee(للتأكد من براءة الرحم) jaarsa duraatiif galti(yoo inni galfachuu barbaade) nikaaha humaatuu hin feesisu
Ilmoon yoo argamtee jiraatte akkuma tan reefuu tanuma jaarsa boodaa taati nikaan seera hin guuttatin(نكاح الشبهة) tokko waan jiruuf
Waa hundaafuu suuta ja'anii adda baafatan malee jerjeruun hin barbaachisu
Wanti akkanaa hoggaa argmte mana murtii shari'aa qixa sirritiin dubbii ilaalutti dhiheessuutu barbaachisa!
Diinagdee,hawaasummaa,siyaasa,geggeessummaa,hooggansaafi hiikkaa jiruu baruu yoo barbaadde, kitaabolee hayyoota addunyaa bifa garagaraatiin jijjiiranii dubbisi.
ila
Hubannoo diinagdee barbaannaan,kitaaba Aadam dubbisi"Father of economics" (Adam smith)
The Wealth of Nations,The Theory of Moral Sentiments,The Invisible Hand,Division of Labor" sirritti dubbisi.
Seeara Amantii gadi fageennaan hubattee sammuu kee hojjachiisuu barbaannaan, kitaaba,Ibnul qayyim Aljawzii,Usuuluddiin, fiqhii,tafsiira,hadiisa,gorsaafi naamusaa isaan barreessan dubbisi," doktora qalbii jedhamuun beekkamu",kitaaboleefi mata dureewwan gurguddoo yunivarsitiilee keessatti irraa baratan kan akka,
مدارج السالكين بين منازل إياك نعبد وإياك نستعين,زاد المعاد في هدي خير العباد,إعلام الموقعين عن رب العالمين الداء والدواء,الجواب الكافي لمن سأل عن الدواء الشافي
إغاثة اللهفان من مصايد الشيطان,الروح: بحث مفصل في مسائل الروح، والموت، وحال البرزخ، واستماع الأموات.
Jedhu dubbisi.
Hawaasummaafi wajji jireenna,hubannoo namaatiifi bareedina islaamas baruu yoo barbaadde,kitaaba,Abdurrahmaan ibnu khalduun,qaroomina islaamaa argitaa dubbisi,مقدمة ابن خلدون»
«الإنسان مدني بالطبع" Man is a social animal" jechuu leenjise,mata dureewwan,
في العمران البشري,في العمران البدو,,في الدول والملك والخلافة,في العلوم والتعليم,
Jechuudhaan,
" Modern Sociology" leenjisanii darbanii dubbisi.
Hooggansa barbaadda taanaan,
"القيادة العاطفية" لدانيال جولمان".المسؤولية المطلقة" لجوكو ويليمك, فن النفوذ الصامت، مفهوم القيادة في الإسلام، تطوير القائد، من الجيد إلى العظيم، الجرأة على القيادة، القيادة الإدارية في الإسلام، فقه القيادة، صناعة القائد، أسرار القيادة النبوية. القيادة في الإسلام، القائد الذي لم يشغل أي منصب.
Kitaaabolee jedhamn dubbisii hooggansa ittiin leenji'i.
Uumama dubbisuu barbaadnaan immoo,kitaaba
Read People Like a Book,The Courage to Be Disliked Man's Search for Meaning,12 Rules for Life,The 48 Laws of Power dubbisi.
Dur-dur jedhan,abbaa qabeennaa tokkotu biyya madiinaatti hojjataa isaa wajji mari'ata jedhan, gaafa tokko hojjataan kuni,abbaa qabeennaa kana harka qabee fuudhee mana hiriyaa abbaa qabeennaa tahe tokko bira geesse.
Hojjataan kuni,Yaa abbaa qabeennaa jedheen,mee al -tokko hiriyaa kee kana daawwadhu,isa wajji taphattee guddatte,isa wajji baratte,isa wajji jiraatte,garuu immoo,siif Rabbi qooda abbaa qabeenyummaa siif laate,isaafis jiruu akka amma ati argaa jirtuu kana laate,si bakka isaa buusee,isa bakka kee osoo buusee maaltu sitti dhagahama ture,kanaafuu Rabbii keetii galata guddaa galchi jedheen,abbaan qabeennaas,Alhamdulillah jedhe.
Hiriyaa hiyyeessa abbaa qabeennaa tahe sanas qabatee deemeenii,hiriyaa isaa,isa dhukubsatee siree irra ciisu,kan gadi bahee biiftuu ganamaa arguun hawwii itti tahe bira geessee,na dhagahi jedheen,ati fayyaa guutuu qabda,nagaan baatee galta,mee hiriyaa kee kana laali,wajji taphattee guddatte,inni dhukkubsatee siree kanarraa aadaa oolee bula,ati bakka feete deemtee galta,osoo ati bakka isaa buutee,inni bakka kee bu'ee maaltu sitti dhagahama laata,mee al-tokko Rabbii fayyaa guutuu sii kenne kanaaf galata galchi jedheen, innis Alhamdulillaahi jedhe.
isa sirree irra ciisee aadu saniin immoo,obboleessa koo,ati dhukkusattee ciisaa jirta,ala baatee biiftuu ganamaa argutu si hawwisiisa,garuu immoo,isa osoo qabeenna qabu Rabbiin wal argachuu dadhabe,isa osoo fayyaa qabu Rabbiin wal-dhabe, isa cubbuun dukkana itti buustee biiftuu imaanaa arguu carraa dhabe sana,harka hedduun caaltaa, Rabbii ija qalbii qabdu sii kennee kanaaf galata galchi jedheen,innis,Rabbii qalbii koo hin jaamsin, kan ifaa qalbii fi imaanaa naa kenne,Alhamdulillahi jedhe.
Jaaloo
Nabiin Rabbii (SAW) akkas jedhu
Nama sii gadii laali,kan sii olii dhiisi,akka santu sirriidha,akka tola Rabbi sitti oole hin tuffanneef jedhu.
قال: قال رسولُ اللَّه ﷺ: انْظُرُوا إِلَى مَنْ هو أَسفَل مِنْكُمْ وَلا تَنْظُرُوا إِلَى مَنْ هُوَ فَوقَكُم؛ فهُوَ أَجْدَرُ أَن لا تَزْدَرُوا نعمةَ اللَّه عَلَيْكُمْ.
Obbolaa.
Hiriyaa Rabbi sodaatu Rabbi siif haa kennu,kan oliifi gadittis waa argu,kan yoo isa argite aakiraa ittiin yaadattu,Rabbiin sitti haa qabu.
Eeeee.
Maalik ibnu diinaar jecha bareedaa hanga guyyaa qiyaamaatti yaadatamu tokko qabuu taajjabi.
لا آكل التين بالدين.
Haloo
Warri jaalalaa akkas jedha,namni qaruuteen lamaa qixa wal-hinjaalatu,yoo xinnaate tokko keessaa gowwaa tahuu qaba jedhu,qaruutummaan lama hinjiru,yookaa asitti gowwaa taatee boru Rabbi biratti qaruutee jedhamta,yookaa asirratti har'a qaruutee jedhamtee,boru Rabbi biratti gowwaa jedhamtaa uf argataa imali.
Yes
Kiiloon kee meeqa? Kophaa bahii uf madaali.
Jaabir ibn Abdallaa akka Nabi irraa odeessetti "Namni tokko yoo gara mana isaa seenu fi nyaata isaa nyaatu Allaahaa yaadate sheeyxaanni hiriyyoota isaatiin" isiniif har'a mana kana keessa bakki bultaniifi nyaanni nyaattanis hin jiru jedhee baqata, yoo ammoo namichi yeroo mana seenu rabbi hin yaadatin akkasuma yoo waa sooratu bismillaahi hin jedhin " isiniif har'a bakka bultiitiifi wanti nyaattanis isiniif qophaawee jira jedhee gammada."
Kanaafuu yeroo hunda Allaahaa yaadachuufi zikriiwwan bakka isaanii hundatti haa jennuu.
عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ، أَنَّهُ سَمِعَ النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم يَقُولُ " إِذَا دَخَلَ الرَّجُلُ بَيْتَهُ فَذَكَرَ اللَّهَ عِنْدَ دُخُولِهِ وَعِنْدَ طَعَامِهِ قَالَ الشَّيْطَانُ لاَ مَبِيتَ لَكُمْ وَلاَ عَشَاءَ . وَإِذَا دَخَلَ فَلَمْ يَذْكُرِ اللَّهَ عِنْدَ دُخُولِهِ قَالَ الشَّيْطَانُ أَدْرَكْتُمُ الْمَبِيتَ . وَإِذَا لَمْ يَذْكُرِ اللَّهَ عِنْدَ طَعَامِهِ قَالَ أَدْرَكْتُمُ الْمَبِيتَ وَالْعَشَاءَ
Amaloota 7 Qabaadhu
~~~~~~~~~~~~~~~~
1. Nama kufe kallattii kamiinuu kaasuu yoo dadhabdellee dhoqeettin Laaqin
2. Nama guddate deeggaruu yoo dadhabdellee hin sakaalin
3. Nama dogoggore gorsuu yoo dadhandelle sataruuf yaali Dogoggora isaa dirreen baasiin
4. Nama waadhabe kennuufii yoo dadhabdellee ittin gammadin
5. Nama waa argate gammaduufii yoo dadhabdes ittin inaafin
6. Nama sikadhate yoo kennuufii diddes ittin qoosin ykn ittin dhaadatin
7. Nama wallaale yoo barsiisuu dadhabdellee ittin kolfin.
Ka nyaatee guddateefi kan guddatee nyaate walqixaa mitii beeki.
ila
Beekkumsi lafee qabu adaduma harguftuun itti dhuftuun hin harca'u,hundattu seeqatuu mirga qabaa hubadhu.
Jaaloo
Wanti duumessaa gadii hundi haaraa miti,gaddi haaraa miti,gammachuun haaraa miti,jireenni haaraa miti,duuti haaraa maiti,argannaan haaraa miti,dhabni haaraa miti,kufuun haaraa miti,ka'uun haaraa miti,jaalatamuun haaraa miti jibbamuun haaraa miti,muudamuun haaraa miti,irraa bu'uun haaraa miti,hidhamuufi tumammuun haaraa miti, badhaafamuun haaraa miti,arrabsamuun haaraa miti,faarfamuun haaraa miti,kan haaromsuufi kan dulloomsu sammuu keetii taajkqbi.
Obbolaa
Waa lamatu wal duuka deemaa beeki,yoo toltuu dalagde toltuu,yoo hammeenya dalagde hammeenya qofa osoo hin taane,wal moggatti dhalatan waan taheef,sharriofi kheeyiriin wal.ilaalaa imaluu taajjabi.
Jaaloo
Dur-dur jedhan,Aangawaan tokko,hooggantoota isa jala jiran hunda dirqama gurguddaa itti kenna jedhan,hujii sana erga raawwatan boodas kaffaltii hujii isaaniitiin wal.madaalu hinkaffaluuf jedhan, sana booda,hoogantootni kuni mana murtii dhaqanii himata itti banan,jalqaba hoogganaan hojjattootaa,abbaa murtiitiin,kabajamoo abbaa murtii "maaliif" jedheenii cal’ise,abbaan murtiitis "akkuma" jedheenii cal-jedhe,hoogganaan kuni himattootaan ka’aa bahaa xumurree jirraa,murtii fi deebii argannee jirra jedhee mana murtiitii bahee lixe.
Haloo
Maaliif akkana taane jettee yoo nama gaafatte, situ akkas jira kan siin jedhee dhugaa sitti himu argattaa,osoo hin himatin dura ufitti himi.
Yooo
Sobdootni haquma jibbu,hattootni eegdoo jibbu, fakkeessitootni dhugaa jibbu,hinaaftonni milkii jibbu,doqnootni kennaa jibbu,sakaaltonni toltuu jibbu,mirgaafi bitaan gubbaafi jalli walfaallaadhaa beeki,fakkaachuufi tahuun wal addaa hubadhu.
Yes
Nyaarri keenna akka rifeensa keenyyaa guddachuu qaba jennee kan halkanii guyyaa soba adii sirbinu hedduu keennaa argi.
Kan sammuu kee toohataa jiru eennu jedhii uf gaafadhu, deebiin kan kee"Darka Psychology" waan jedhamu waan taheedhaaf uf argadhu.
ila
Namootni naannawa kee jiran irra hedduun amala isaanii isa dhugaa sitti hin argisiisanii beeki, gariin isaanii dhoksaadhaan jiraatu,toohannoo ufii jala si galchuufis qor-qalbii kee si jalaahatuu taajjabi adeemsi akkasii qorannoon"Dark Psychology" jedhaanii hubadhu.
Jaaloo
"Dark psychology" bifa afuriin sitti fayyadamuu beeki, Narcissism, Machiavellianism, psychopathy and sadism" kan jedhamaniin sitti taphatuu sirritti xiinxalli.
Obbolaa
"Narcissism" inni jedhamu, daangaan ala uf kaabuu fi uf jaalachuu irraa kan ka'e, olaantummaa isaanii siiti mul'isuudha, hamilee kee si cabsuufi tuffii kee heddummeessu, osoo ufiifuu bakka kee hin geenne gadi galoo akka taate sitti agarsiisu.
"Machiavellianism" inni jedhamu immoo, galma isaanii gahuudhaaf jecha sirra ejjatanii sirraan tarkaanfatu, soba, kijiba akkasuma dubbii waliin dhahuu akka ijootti fayyadamanii galma ufii gahu.
"Psychopathy"kan jedhamu, dogongorri tokko osoo itti hin dhagahamne akka nama sirrii jiruutti erga si miidhanii, cubbuu sirratti raawwatan booda ammas si wajji imaluuf deemu, akka homaa tokko sitti hin dhagahmnetti si miidhu.
"Sadism" kan jedhamu, yeroo namni gaddu, yeroo namni rakkatuufi miidhamu, yeroo namni gadi aantummaan itti dhagahamee xinnaatu keessatti gammaduu heddummeessu, yoo dandahanis miidhaa fi cubbuu irratti dabaluuf hawwu.
Haloo
"Dark Psychology keessatti" namootni karaa sadihiin si toohatuu beeki, inni jalqabaa
1.
"Gaslighting" jedhama.
ani akkas hin jenne, situ hubannoorratti dogongore siin jechuudhaan, akka ati uf shakkitu si taasisu.
2.
"Love Bombing" jedhama.
yeroo jalqaba walbarattan hedduu ol si fuudhanii si dhaadhessuufi kennaa adda addaa sii laatuudha, du'aa'ii sii godhuudha, erga harkatti si galfatan booda amala isaanii isa duriitti deebi'anii si cinquu fi hara galfii si dhoorguun harkatti si galfatu.
3.
"Silent Treatment" jedhama.
akka rakkoo kee hin himanne si taasisanii akka ufiin dhiifama gaafattu si dirqu, dogongorri keetis osoo hin beekkamne yakka sirratti muruudhaan akka sitti dhagahamaa jiraattu si godhuudha.
Hohohoo.
Karaan dheeraan kuni hundi, namuma tokko qofa sakaalanii hambusuuf tooftaa itti fayyadaman yoo tahu, walqooduudhaan kuun jaarsa fakkaatee, kuun hayyuu fakkaatee, kuun fira garaa aannanii, kuun barataafi qorataa fakkaatee, kuun gara laafessa fakkaatee gareen hojjatuu ufirraa tiksi.
Yooo
Waan gurguddaa hojjachuun kee umrii guddaa qabaachuu kee osoo hin taane, bilchina kee ibsaa, gowwaa doofummaan dulloomee hiriyoomfatee si nyaatuuf hidhii xuuxaturraa baqadhu.
Koobaa Sammuu.
⚠️ NAMNI BARATAA TA’E FATWAA KENNUU NI DANDA’A?
🌿 هَلْ يَجُوزُ لِطَالِبِ الْعِلْمِ أَنْ يُفْتِيَ؟
📌 1. Barataan hundi muftii miti!
Barataan beekumsa Shari’aa barachaa jiru hundi ofumaan fatwaa kennuuf gahumsa hin qabu.
📖 2. Waan beeku barsiisuu danda’a.
Waan ragaa Qur’aanaa fi Sunnah irraa sirriitti beeke, daangaa beekumsa isaa osoo hin darbin barsiisuu fi ibsuu danda’a.
❓ 3. Waan hin beekne Ulaama'ii (hayyuu) gaafachuu qaba.
Namni waan hin beekne irratti dubbachuu mannaa, ulamaa amanamoo fi beekumsa qaban gaafachuun isaaf wayya.
📖 قَالَ اللَّهُ تَعَالَىٰ:
﴿فَاسْأَلُوا أَهْلَ الذِّكْرِ إِنْ كُنْتُمْ لَا تَعْلَمُونَ﴾
(سورة النحل: ٤٣)
“Yoo hin beekne, warra beekumsa qaban gaafadhaa.”
⚖️ 4. Dhimma ulfaataa ulamaa’itti deebisuu qaba.
Dhimmoonni fatwaa gadi fagoo fi qorannoo barbaadan, ulamaa beekumsa gahaa fi gahumsa fatwaa kennuu qabanitti deebifamuu qabu.
🚫 5. Ragaa malee waa’ee Rabbii dubbachuu irraa of eegi!
Namni beekumsa gahaa fi ragaa malee waan tokko halaala ykn haraama jechuun murteessuu irraa of qusachuu qaba.
📖 قَالَ اللَّهُ تَعَالَىٰ:
﴿وَلَا تَقْفُ مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ﴾
(سورة الإسراء: ٣٦)
“Waan ati beekumsa isaa hin qabne hin hordofin (Deemin).”
🌿 YAADACHIISA
طالب العلم، تعلَّم قبل أن تتكلَّم، وتثبَّت قبل أن تُفتي.
Barataan ilmii, dubbachuu kee dura baradhu; fatwaa kennuu kee dura mirkaneeffadhu!
🤲 Rabbiin beekumsa faayidaa qabu nuuf haa kennu; waan hin beekne keessatti “Hin beeku” jechuu nu haa barsiisu.
Shekni Keenyaa Sheekh muussaa Su'aalaa Saganta Fatwaa itti fufa jiran Bulti 15 15tti
Guyyaan Jumu’aa guyyaa Oollee Galgala Saftii kotaa qooda irra furadha
Yoo sirrii hojjatte hin ibsin,yoo dogongorte hin mormin,kana lamaan jidduu dhugatu jiraa akkasitti hubadhu.
ila
Waan jibbamtuuf,waan abaaramtuuf,waan halkanii guyyaa ciniinamtuuf beekuuun dirqama keetii argi.
Jaaloo
Ufiiin bultu nama biratti gowwaa taataa beeki, ajaja namaa fudhattee bultu nama biratti doofaa taataa hubadhu,dhugaa dubbattu nama birratti gogaa taataa laali,soba nama wajji leellistu nama biratti daboo jedhamtaa argi,gara tokkottuu nama jalaa hin baatuu,tasa hargufamtee duwwaa tahuu kee irra,ufiin uf bulchuu baradhu.
Obbolaa
Namni waa hedduuf si qimmiidaa beeki,biyya kophaa keetii ijaarratte argaa jira,bilisummaa sammuu keetii daawwataa jira,dhahannaa sirrii kan qalbii teetii dhaggeeffataa jira,murtii mataa keetiitti buluu kee hubataa jira,olaantummaa ati ufirratti qabdu laalaa jira,yoo yaadaan daakee qaxxaamuree si bira gahuu dadhabe deemsa isaatii deebi'ee si qimmiidaa hubadhu.
Jaaloo
Namni gariin hanga wanti sirra gahe,isarra gahutti sindhagahuu hubadhu,nama akkasiitti uf ibsuuf hin cinqaminii dhiisi,jecha gochatu hinjifataa,waan dubbatturra wanti hojjattu sirrii tahuu qofa laalii sirrii tahuu kee mirkaneeffadhu,isa gaafa inni dukkana keessa jiru duungoo qabsiifteeftu uff jechuun ifaa kee dhaamsuuf hafuurri citaa ufirraa eegi,aduun ufuuffaan dhaamtu takkallee hinjirtuu duumessaa ol bahii itti ifi.
Haloo
Wanti si hinjaalanneef waan kijibaan harka waliin hin tumneefi beeki,wanti sinjaalanneef waan wajji murtii dabootti hin hirmaanneefii hubadhu,wanti si hinjaalanneef waan nama irratti jara wajji yakka hin raawwaneefii taajjabi,wanti si jibbaniif hammeenyi kee cubbuu isaanii caalee osoo hin taane,cubbamtoota irraa siquu keetiifii hubadhu.
Yoooo
Kan dubbii sirra barbaadu,yeroo galaana ceetu dhukkee kaaste jedhee si himataa,nama kufaatii kee barbaadutti uf ibsuuf yeroo kee hin fixinii dhiisi.
وَإِذْ يَمْكُرُ بِكَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِيُثْبِتُوكَ أَوْ يَقْتُلُوكَ أَوْ يُخْرِجُوكَ ۚ وَيَمْكُرُونَ وَيَمْكُرُ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ.
Obboo
Shirri si qofarratti hinjalqabnee ol jedhi,gurguddaa hunda kan kararraa dabarsaniin karama anbiyoota ittii qormaatan saniinii beeki,kan cabe immoo, obsa dhabeetii beeki,karaan ittiin guddatanii ol bahan,abbaa cubbuu Rabbitti ol kennanii ufii obsaan kaayyoo qabatan galmaan gahuu irratti cichuunii waa baradhu.
Yes.
Teettee bobboohaa hin oolin,ati eenyuunuu caaltee yookaa eenyuuyyuu gadi taatee shirri sirratti hin xaxamnee beeki,jiruma biyya lafaattu dirree qormaataati malee,dirree bashanbanaatii mitii hubadhu.
Ohooo
Strength does not come from winning,your struggles develop your strengths,when you go through hardships and decide not to surrender, that is strength." Be strong!
Ya.
Dont forget! The brocken glass is not weak it's dangerous.
Yoo humna qabaatte dubbisii waa irraa fudhadhu.
Eeee.
ilmi namaa dagataadha,waa dagachuu guddisa, al-tokko yoo gammade,al kudhan akka gadda keessummeessaa jiraatu ni irraanfata,kennaa guddaa Rabbiin nutti oolerraa daguun kennaa guddaadhaa hubadhu.
ila
Osoo waa walii dagachuu dadhabnee,osoo walii dhiisuu baannee,silaa jiruun teenna hundi haaloodhaan guuttamtee,lafarraa wal-duguugnee bannee jirraa hubadhu.
Jaaloo
ilmi namaa namaaf qorsa,akkasuma namaafis summiidhaa beeki,gaafa kufte hubataafis tahee gubataaf sitti dhufa,yookaa sitti kolfa yookaa siif gadda,gaafa ol baatee mul'atte immoo,shakkii tokko malee kufaatii kee hawwa,sakaallaa sitti heddumeessaa,maqaa si xureessa,shakkii sitti naqee hawaasa keessaa si balleessa,namni beela si wajji qoodata malee quufa kee arguu sammuun hin dandahuu hubadhu,nama Rabbi onnee isaa hinaaffaa irraa uf qusachiise malee.
Obbolaa
ilmi nama si dhiisii Anbiyoota Rabbii kuffisuuf yaalee dadhabee beeki,ol ka'uu kee keessa diina alaa osoo hin taane,kanuma yeroo nagaa qabu si faarsutu dadhabaa xiinxalli,Nabi ibraahimiin abbaa isaa irraa dadhabanii beeki,Nabi Muusaa abbaa guddise irraa dadhabanii yaadadhu,Nabi yuusuf Obboleewwan isaa irraa dadhabanii argi,Nabi saalih hawaasa isaa irraa dadhabanii taajjabi, nabi iisaanis akkasumaa beeki,inni kan kee immoo isa jaraa sanuu hingahuu uf qusadhu.
Yooo
Kan yeroo ammaa namaan lolu,kan namaati aaru, kan halkanii guyyaa dallanu algaa mitii beeki,osoo duutee immoo,kan galata kee himuuf hidhii isaa muuxatu isaa taajjabi,kan sirraa dadhaban kuni irra hedduun fira garaa aannaniiti,maatii keeti, ardaafi gosa keeti,hiriyaafi jaalalloo keti,kan maqaa si xureessee,ija namaa keessatti akka haphattu si taasisu isaan sanii hubadhu,hanga ormi si jaallatu firri si hin aanfatuu hubadhu, gaafa garii alagaa sii nahuun kan wal lolu fira keetii hin dagatin,obsi kan kee kan madaalamu fira baachuu dandahuu keetiinii hubadhu.
Haloo
Gaafa ol kaate,xixinnaa ganda keessaa qofa osoo hintaane gurguddamatu si dadhabaa qayyabadhu, Nabi ibraahimiin Namruudtu yookaa biyyaa ari'uu, yookaa ajjeesuu yoo hin taane ibi***ddatti darbuu jedhee murteessee ibi***ddatti darbanii, Rabbiin ibi***ddaan nagaa tahi jedhee ibi***dda keessaa baasee hubadhu.
قَالُوا حَرِّقُوهُ وَانصُرُوا آلِهَتَكُمْ إِن كُنتُمْ فَاعِلِينَ * قُلْنَا يَا نَارُ كُونِي بَرْدًا وَسَلَامًا عَلَىٰ إِبْرَاهِيمَ.
Nabi Muusaa
Fir'a***wni ufumaa guddisee ufumaa ajjeesuuf ari'ee argi,kanaafis tarsiimoo baasee kijibsiisuu yaale,sihrii itti dalagsiisee sobuu yaalee fashale, dadhabnaan biyya balleessaa jira jedhee kijibsiisee ajjee****chaa itti murteesse,
وَقَالَ فِرْعَوْنُ ذَرُونِي أَقْتُلْ مُوسَىٰ وَلْيَدْعُ رَبَّهُ ۖ إِنِّي أَخَافُ أَن يُبَدِّلَ دِينَكُمْ أَوْ أَن يُظْهِرَ فِي الْأَرْضِ الْفَسَادَ
Nabi yuusuf boollatti darban.kan kana godhe ilmaan abbaa isaati,obboleewwan dhugaati,
اقتلوا يوسف أو اطرحوه أرضا يخل لكم وجه أبيكم وتكونوا من بعده قومًا صالحين,قَالَ قَائِلٌ مِّنْهُمْ لَا تَقْتُلُوا يُوسُفَ وَأَلْقُوهُ فِي غَيَابَتِ الْجُبِّ يَلْتَقِطْهُ بَعْضُ السَّيَّارَةِ إِن كُنتُمْ فَاعِلِينَ.
Nabiyyallaah Saalih,ajjee****chaa fonqolcha itti mar'atan,sana booda Rabbi shira isaaanii isaanitti deebisee osoo jarri mariif olii gadi raatahan murtii irratti dabarse.
وَمَكَرُوا مَكْرًا وَمَكَرْنَا مَكْرًا وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ * فَانظُرْ كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ مَكْرِهِمْ أَنَّا دَمَّرْنَاهُمْ وَقَوْمَهُمْ أَجْمَعِين.
Nabi iissaa (AS) ergam isaa fudhachuu diddaaf nugusa Roomaa wajji walii galanii fanni***sanii ajjee****suu itti murteessan,,ajjee***suus tahee fanni***suus hin dandeenne,Rabbiin jalaa gara samiitti ol fudhate.
وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ... بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ.
Nabi Muhammad (SAW) maqaa hedduu itti maxxansan,saahira,maraataa,sobaa jedhanii hanga ilkaan isaanii cabsanitti ajjee***chaafis lola hedduu geggeessan,dhii***ga isaaniis jig**sanii gosti hundi akka qoodamtuuf dargaggeessa gosa hundarraa filanii itti ergan,dhumarra dachee irratti dhalatanirraa baasan.
Qabriin mana jalqaba Akhiraati
Usmaan bin Affaan (R.A) yeroo qabrii bira dhaabbatu, hanga areedni isaa jiidhutti boo'ee imimmaan dhangalaasa ture.
Akkana isaan jedhame: "Ati waa’ee Jannataa fi Jahannam yeroo yaadattu hin boossu,bakka qabrii kanatti immoo ni boossaa?" Maaliif jedhaniin.
Usmaan bin Affaan (R.A) akkana jedhe:
"Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: 'Qabriin mana Aakhiraa (jireenya booddee) irraa ishee jalqabaati. Namni ishee irraa nagaa ba’e, wanti ishee booda jiru hunduu ni salphataaf. Namni ishee irraa nagaa hin ba’in immoo, wanti ishee booda jiru hunduu itti jabaata.'"
Akkasumas (Uthmaan) akkana jedhe: Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: " waan qabrii caalaa akkaan nama naasisu fi suukanneessu takka hin agarre (ከመቃብር የበለጠ እጅግ አስፈሪና አሰቃቂ ትዕይንት ከቶ አላየሁም።»)
Yeroo du’aa fi qabrii yaadannu, dhiphinni addunyaa kan gurguddaaf xixinnaan hundi nuu salphata, sababni isaas godaansa dhuma hin qabnee fi jalaa baqachuu hin dandeenye ta’uu isaa waan beeknuuf.
#Yaa_Rabbii_koo_haadha_Tiyyaa Awwaadha moo #Salaata kiyya #Guuttadha.
#kutaa_2ffaa
Intalattiin badii hojjachuun beekkamtu sun #Jureyjiin bira yoo geettu #Jureeyji Salaata ufiititti jira, bareedina ufii isatti mul'isaa isa Afoo deddemte, akka inni badii isii Irratti Raawwatuuf waan gochuu qabdu hunda goote, garuu #Jureeyji gara isiituu achi hin ilaalle inni #Ibaadaa isaatti fufe, erga Isa irraa Abdii kutattee Gurbaa #Re_oota Namaa guyyaa kiraa tiksaa oolee galfala hoxxee jireyji ibaadaa Irratti hojjatu jela bulutti dhuftee Isa wojjiin badiii hojjattee isuma irraa ulfoofte, turtii booda erga deetee ummata bira deemtee #Daa_imni kun kan #jureeyjiiti isa irraa argadhe , isatu badii narratti Raawwate jettee dubbatte, Ummannis gar malee Dallananii #jureeyjiin nuti ibaadaa isaa faarsinu Adaa kana hojjataa? Jedhan kallattimaan gara isaa qajeelan, erga isa bira gahanii hoxxee / Daashoo isaa irraa Harkisanii gabduusan, Arrabsuu , tummuu jal qaban, hoxxee isaas guutumaan guututti jelaa diigan.
#Jureeyjis jara keenna maal taatan , an maal balleesse jedhee gaafannaan ummannis intala tanatti #Zinaa Raawwattee daa'imaa siirraa deetteemii hujiin kee kanaa jedhaniin, innis gar malee Rifatee mee yeroo xiqqoo #Rqbbii_kiyyaa Salaataa Na dhiisaa jedheen, ummannis irraa dhaabatan, innis erga Salaatee geessee daa'ima intalattiinndeette akka gara isaa fidan gaafate, ummannis daa'ima qabanii itti fidan , #Jureeyjis daa'imaan akkana jedhe?
Yaa mucaa #Abbaan kee eennu jedheen, Daa'imni dhalatee guyyaa caalaa hin turre Abbaan kiyya Namticha #Re_oota tiksu kan daashoo kee jela buluu san jedheen, Ergasii Ilamman Israa'iil booyichaan jureeyjitti qajeelan , #Yaa_jureejii keenna Dhiifama nuu godhi jedhaniin, ammas hoxxee tee tan dogongoraan si jelaa diignee worqiin bakkatti deebifnee sii ijaarra jennaan #Jureeyjjis Lakkii akkuma duraan biyyee irraa ijaarmtee turte san naa deebisaa jedheen.
Dhugaan ni qaldhatti Malee hin cittu.
Xumureeraa Galatoomaa
Dubbisi jachaa hayyuu addunyaa
Wantootni shanan kun hundi abbuma isaanii miidhu.
Garuu, shanan kana keessaa kan irra caalaa nama miidhu kami? 👇
🅰️ Wallala
🅱️ Boona
🅲️ Aaraa
🅳️ Arraba
🅴️ Bolola
