Dhaamsa Obbolummaa Barattoota Haaraa bara kana Mooraa Guddicha fi Seenaa qabeessa kan ta'e KOLLEEJJII AWAASH VAALII Makamtaniiif
KOLLEEJJII WAGGAA MURAASA DURAA HUNDEFFAMTEE GARUU DAMEE 3 REGULAR, 20 OL IMMOO DISTANCE QABDUUDHA DHAGAHII BAGAA GAMMADDAN
Yuunivarsiitiin iddoo yoo itti fayyadamte si fayyadduudha. Akkasumaas yoo itti baduu feetees mirga guutuu qabduudha.Iddoon tun iddoo jireenya ilma namaa haalaan shape gootuudha. Bakka waliin jireenya ilma namaa itti qaraatee bartuudha. Nama Afaaniin,Sabaan,Amantiin,Bifaan,Haalaan gara garaa kanaan walitti si fiddi. Obboleeyyan hedduu tokko kan gammachuufii gadda keeysanillee addaan qooddattaniin walitti si firoomsiti. Jireenyi hadhaawaan ati dhandhamtu waa tokkoo lamaa miti. Yoo hedduu rakkattees, Ka sirra rakkataa agarteeti obsita. Yoo hedduu gammaddees ka sirra gammadaa agarteeti usta.
Galata Haadhaa fii Abbaa keetii, akkasumaas galata Obboleeytii teetii bakka itti agartuudha. Haati tee garaa siif laafti, Sa'aa ati beelooytetti nyaata irraa arkatta. Haati Yuunivarsiitii garuu garaa jabaatti daqiiqaan 5 si dabarraan sin beekan filannoo keetiin osoo hin taane, filannoo isaanitiin akka fedhanitti nyaata busheeysan. Barumsaaf baatee, if baruu fii if baraaruuf bakka itti agartuudha.
Irra guddaan keenya, gaafuma nuti ijoollee waan nuti barannu namni nuuf filaatuma guddanne. Gaafa guddatte doctor ykn engineer taata nuun jechaatuma gudanne. Namni keenya maqaa kana laala waan ta'eef. Sammuun teenya filannoo namaatiin sochoo'aa jirti jachuudha. Filannoo namaatiin gaafa gara KOLLEEJJII dhuftu, Gosa barnoota ulfaataa ykn fedhii itti hin qabneen wal simatta. Filannoo namaatiin barumsicha gaafa galtu, Keeysaa bahuun sitti ulfaata, humna qabdu ni fixatta. Ykn waan fedhii keeysa keetiitiin wal qunnamu dhabuu dandeeysa.
Kanaafuu ijoolleen teenya haarawni gama Yuunivarsiitii dhuftan fedhii keeysa keeysaniitiin filadhaa baradhaa.
Xumurarratti
◇ Haraamii fii haraaraaf hin bitaminaa!
◇ Ja'amattiis makamaa,
◇ Bakka hin taanee fii nama hin taane wajjiin hin dhaabbatinaa.
◇ Gamtaa fii hirmaannaa gara garaa Mooraa irraahis qooda fudhadhaaa.
OBBOLEESSA KEESSAAN
AMIIRA JAMA'AA BARATTOOTA MUSLIMAA KOLLEEJJII AWAASH VAALII BARATAA MIISKINTICHAA TOKKOO ANAS ABDI YUYA KAN JEDHAMUU IRRAAHI