cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

Рекламні дописи
6 001
Підписники
+124 години
+1587 днів
+79630 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Seenaan Muslimoota Ityoophiyaa seenaa biyyattii ijoo ta'ee seeneffamuu qaba Spider Media: Zulqaida 25/1445 Marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhuuf ajandaalee marii Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Komishiinii Marii Biyyaalessaatiif dhiheesse keessaa tokko seenaan musimoota Ityoophiyaa seenaa biyyattii ijoo tahee galmaahee akka beekamuufi yeroo waa'een Itiyoophiyaa dubbatamu seeneffamni seenaa muslimoota biyyattii qixaan hammate akka qophaa'u kan jedhuudha. Muslimoonni Itiyoophiyaa biyyattii ijaaruufi tiksanii har'aan ga'uu akkasumas kallattiilee maraan guddina isiitiif hojjatachuu keessatti qixa lammiilee biyyattii isaan kaanii aarsaa kan kaffalanii ammas gumaacha guddaa taasisaa kan jiran ta'ullee seeneffama seenaa biyyattii keessatti garuu akka lammii lammataatti akka ilaalaman godhamuun kan beekamuudha. Kanaafuu seenaan hundeeffamaafi hawaasa biyyattii bu'uura biyyattii waan ta'eef seenaan dhugaa qoratamee galmaa'e dhalootaaf dabarfamuu qabas jedhameera. Seeneffamni seenaa biyyattii qaamolee faayidaa dhuunfaafee garee isaanii qofa irratti hundaa'anii barreeffaman hundee irraa kaasee sirraa'u akka qabaniifi ajandaalee mariin biyyaalessaa ijoo godhachuu qabu keessaa isa tokko akka ta'es ibsameera. © Amar Temam Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Показати все...
Spider Media

Sacrifice of truth

👍 4
Seenaan Muslimoota Ityoophiyaa seenaa biyyattii ijoo ta'ee seeneffamuu qaba 👇👇👇
Показати все...
''Nama beekumsa qabu ta'ee Rabbiin wal arguun barbaada'' Dubartiin waggaa 63 Ummu Abdullaahiin seenaa hojjatte. Ummu Abdullaahiin umrii isii 17tti heerumtee booda ilmaan isii kunuunfachuuf barnoota addaan kutte. Dubartiin kun ilmaan 11 kan qabdu yoo ta'u isaan guddifataa turtee waggoottan 42f barnoota isii addaan kuttee kan turte yoo ta'u umrii isii 59'tti gara barnootaattu deebite. Kunoo umrii isii 63'tti gargaarsa Rabbiitiin University Hail irraa eebbifamte. Kaka'umsi isii kun yeroo dhaga'amu ijoo dubbii ta'e. Waa'ee kutannoofi milkaa'ina isii kana irraa yeroo gaafatamtu ''Nama beekumsa qabu ta'ee Rabbiin wal arguun barbaada'' jette Ummu Abdullaahiin. Odeeffannoof Startup Saudi wabeeffadheera. Kun isaan abdii kutataniif, milkaa'ina dhabuu isaaniitiif kutannoo dhabuu isaanii dhiisanii isaan carraa isaanii abaaraaniif, isaan dadhabina isaanii sababoota furuu danda'an garaa garaa uumanii ittiin of gowwoomsaniif, isaan barnoota barachuun kan daa'immaniifi dargaggootaa qofa ta'ee itti mul'atuuf milkaa'inni Ummu Abdullaahii galtee ittiin jijjiiramaniifi seenaa irraa hubataniidha. Amar Temam Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I >#SpiderMedia
Показати все...
Spider Media

Sacrifice of truth

👍 3
Фото недоступнеДивитись в Telegram
''Nama beekumsa qabu ta'ee Rabbiin wal arguun barbaada'' Dubartiin waggaa 63 Ummu Abdullaahiin seenaa hojjatte. Ummu Abdullaahiin umrii isii 17tti heerumtee booda ilmaan isii kunuunfachuuf barnoota addaan kutte. Dubartiin kun ilmaan 11 kan qabdu yoo ta'u isaan guddifataa turtee waggoottan 42f barnoota isii addaan kuttee kan turte yoo ta'u umrii isii 59'tti gara barnootaattu deebite 👇👇👇
Показати все...
2
Nagaafi tokkummaan keenya guddina masjiidota keenyaatiif Spider Media: Zulqaida 25/1445 Guyyaa har'aa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qaallittii mooraa masjiidaafi madrasaa Abreet keessatti mataduree ''Nagaafi tokkummaan keenya guddina masjiidota keenyaatiif'' jedhuun sagantaan sadaqaa guddaan gaggeeffameera. Saganticha irratti piroojektiin haaraan masjiidichaas ifoomeera. Majlisni kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa 7 fi Masjiidaafi madrasaan Abreet sagantaa waliin qopheessan kana irratti ulamaa'onni, bakka buutonni majlisa Federaalaafi Magaalaa Finfinnee akkasumas hooggantoonni mootummaa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii, mashaa'ikkan, ustaazonniifi hawaasni naannawichaa hedduun argamaniiru. © Amar Temam Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I >#SpiderMedia
Показати все...
7👍 3
Dorgommmii Qur'aanaa Idil-addunyaa injifachuun maqaa biyyattii kan ol kaasaniif viizaa Hajjii kenname Spider Media: Zulqaida 24/1445 Manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dorgomtoota dorgommmii Qur'aanaa Idil-addunyaa Liibiyaatti gageeffamaa ture irratti qabxii gaarii galmeessanii maqaa biyyattii ol fuudhaniif viizaa hajjii bara Hijraa 1445 dabalatee badhaasa beekamtii kenneera. Dargaggoota lameen ramaddii garaa garaatiin dorgommicha sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuraniif viizaa bilisaafi badhaasa beekamtii akkasumas Waldaa Qur'aanaa Zayid Ibnu Saabitiifis badhaasa beekamtii kan kennan Perezidaantiin mana marechaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa qabxii boonsaa argame kanaaf isaan galateeffataniiru. Dorgommmii sadarkaa addunyaatti biyyoonni 60 ol irratti hirmaatan kana irratti Itiyoophiyaa bakka bu'uun dorgomtoonni gosoota dorgommmii lamaan kan dorgoman yoo ta'u qara'iin Jigjigaa irraa Itiyoophiyaa bakka bu'e Abdulwahaab Ibraahim gosa dorgommmii qiraatal ashariin sadarkaa 1ffaadhaan akkasumas magaalaa Finfinnee irraa kan hirmaate Muhaammad Mahmud dorgommmii Qur'aanaa juuza soddomaatiin sadarkaa 2ffaan xumuruun kan yaadatamuudha. Gama biraatiin abbaan murtee dorgommmii Qur'aanaa Idil-addunyaa lammiin Itiyoophiyaa Ustaaz Nuuraddiin Qaasim abbaa murtee ta'uun hirmaataa turani. Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Показати все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

5👍 4
Dorgommmii Qur'aanaa Idil-addunyaa injifachuun maqaa biyyattii kan ol kaasaniif viizaa Hajjii kenname 👇👇👇
Показати все...
👍 4
Komishinichi imalasaa walakka hawaasa biyyattii kan ta'e muslimoota Itiyoophiyaa tuffate itti fufeera Spider Media: Zulqaida 24/1445 Komishiniin Marii Biyyaalessaa boqonnaa marii ''qooda fudhattoota hunda hirmaachise'' sadarkaa biyyaalessaatti har'a bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti eegalchisuu isaa ibseera. Komishiinichi boqonnaa marii ''qooda fudhattoota hunda hirmaachise'' haa jedhu male walakkaa hawaasa biyyattii kan ta'e hawaasni muslimaa maricha irraa cinaatti akka dhiibame komii hawaasichaafi mana maree dhimmoota Islaamummaa irraa ka'uun Spider Media n irra deddeebiin gabaasaalee garaa garaa baasaa turuun ni beekama. Manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gaafa 05/09/2016 akkasumas Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa gaafa 12/08/2016 Komishiinii Marii Biyyaalessaatiif, akkasumas Manni maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Jiddugaleessaa Itiyoophiyaa gaafa 12/09/2016, manni maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Chaagnii gaafa 15/09/2016 fi manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Kibba Itiyoophiyaa gaafa 21/09/2016 xalayaa Majlisa Federaalaatiif katabaniin adeemsi calallii hirmaattotaa marii biyyaalessaatiif Komishiinichi gaggeesse Muslimoota qixaan kan hin hirmaachisneefi inumaa cinaatti kan dhiibeedha jedhanii adeemsi kun akka sirraa'u gaafatanillee majlisni federaalaa ibsa gaafa Caamsaa 20/09/2016 baaseen gaaffii isaatiif deebii homaa akka hin arganne ibseera. Komishinarri Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ari'aayaan sagantaa har'aa kana irratti ''Cabiinsa keessa ba'uun gara jireenya fooyya'aatti ce'uuf hidhannoo meeshaarraa gara hidhannoo yaadaatti ce'uun murteessaadha'' kan jedhan yoo ta'u marii hawaasaa yookaan hidhannoon yaadaa isaan jedhanis hawaasa biyyattii qixaan kan hin hammanne ta'uu ibsi majlisonni kennan ni agarsiisa. Komishinichi hanga ammaatti naannoolee 10 fi bulchiinsa magaaloota 2 keessatti marii gaggeesseen bakka bu’oota adeemsa marii ajandaa walitti qabuu aanaalee kuma 1ol ta’an godinaalee kudhanii fi bulchiinsa magaalaa lama keessaa hirmaatoota filaachuun bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hojii ajandaalee walitti qabuu eegaluu ibsani. Manni maree dhimmoota Islaamummaa Naannoolee olitti maqaa isaanii caqasne ibsi isaan baasan garuu jecha Komishiinarri Komishiinichaa jedhan kanaan faallaadha. Majlisonni kunneen adeemsi Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hirmaattota maricha irratti hirmaatan ittiin calale beekamtii isaaniitiin ala ta'uufi muslimoota cinaatti kan dhiibe ta'uu kan ibsan yoo ta'u, majlisni magaalaa Chaagnii ammoo ibsa isaatiin hooggantoonni majlisichaa marii irratti akka hin hirmaannee Komishiinichaan hari'amuu hubachiiseera. Ibsi dhaabbilee adeemsi calallii hirmaattotaafi ajandaa marii walitti qabuu naannoolee kanneenitti gageeffame walfakkaataa ta'uufi muslimoota qixaan kan hirmaachise ta'uu dhabuu agarsiisa. Haaluma walfakkaatuun marii marsaa jalqabaa guyyoottan dura magaalaa Finfinneetti eegale irratti hirmaataa kan jiran muslimoonni muraasni lakkofsi muslimoota maricha irratti hirmaataa jiranii haalaan xiqqaa waan ta'eef hirmaataafi ajandaa gara marii marsaa itti aanutti ceesisuuf sagalee caalmaan waan murteeffamuuf ajandaan keenya gamanumaa kuffifamuun gara marsaa itti aanutti akka hin ceene godhamaa jira jechuu isaanii Spider Media n kaleessa gabaasuun ni yaadatama. © Amar Temam Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Показати все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 4 2
Komishinichi imalasaa walakka hawaasa biyyattii kan ta'e muslimoota Itiyoophiyaa tuffate itti fufeera 👇👇👇
Показати все...
👍 2
Waa'ee namoota mariif filamanii nuti homaa quba hin qabnu > Majlisa Naannichaa Spider Media: Zulqaida 23/1445 Manni maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhuuf adeemsi hirmaattonni ittiin calalaman beekamtii kootiin ala jedhe. Manni marechaa xalayaa Kamisa kaleessaa mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiif katabeen, naannichatti adeemsa qophii marii biyyaalessaatiif taasifamuun namoonni marii marsaa jalqabaa irrati hirmaatan akka adda baafaman kan ibse yoo ta'u adeemsi calallii hirmaattotaa kun garuu mana maree dhimmoota Islaamummaa naannichaa kan hin hirmaachisneefi hin beeksisneedha jedhe. Adeemsi kun sirraa'uun haala rakkinichi itti furamu akkasumas hojmaatichi fooyya'ee Manni marechaas bifa muslimoota naannichaa madaaluun hirmaattota calalee akak hirmaachisuuf isin gaaffii keenya Komishiinii Marii Biyyaalessaatiif akka nuuf dhiheessitan jechuun xalayaa majlisa Federaalaatiif katabeen kan gaafate manni marechaa, adeemsichi kan hin sirroofneefi muslimoota kan dhiibu yoo ta'e garuu Komishiinii Marii Biyyaalessaatiif tumsa akka hin gooneefi beekkamtiis akka hin kennineef ibseera. Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Показати все...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 1