cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

Більше
Рекламні дописи
13 241
Підписники
+6724 години
+3647 днів
+1 53830 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Фото недоступнеДивитись в Telegram
Finfinneetti manni jireenyaa diigamuun lubbuun nama tokkoo darbe ************** Gaazexaa Bariisaa Finfinneetti balaa manni jireenyaa diigameen lubbuun nama tokkoo darbuu Komishiniin Hoggansa Hojii Balaafi Sodaa magaalichaa beeksise. Ogeessi qunnamtii ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo odeeffannoo DhPItiif kennaniin, har’a Caamsaa 15 bara 2016 Kutaa Magaalaa Boolee aanaa 7 bakka addaa Yarar jedhamee waamamutti, hojjettoota gamoo nama dhuunfaa hojjetaa turan keessaa tokkorratti manni jireenya nama dhuunfaa jiguun lubbuunsaa darbeera. Balaan kun kan mudate hojjettoonni hojiirra otoo jiranii manni nama dhuunfaa qarqararra ture diigamuusaatiini jedhan. Hojjettoonni yeroo balaa komishinicha reeffaa nama du’ee biyyeefi dhagaan irra tuulamee ture qotanii baasuun poolisiif dabarsanii kan kennan yoota’u, reeffasaa baasuuf sa’atii 1:30 akka itti fixe himaniiru.
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Raawwii ji’oota sagalii kana bara 2016 Ministeera Maallaqaa!‼️ 👉 Bara bajata 2016 ji’oota sagalitti galiin qarshii biliyoona 337.9 walitti qabameera 👉Bara bajata 2015 yeroo walfakkataa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu %15 caalmaa qaba 👉Mankuusa sanada maallaqaarraa qarshii biliyoona 583.5 kanfaluuf karoorfamee, qarshii biliyoona 470.3 kanfaltiin raawwateera 👉Deeggarsaafi liqiirraa doolaara biliyoona 2.4 argachuuf karoorfamee,doolaara biliyoona 4.2 argameera 👉 Dhibbantaa 54.57 deeggarsa argamedha 👉Mootummoota naannoleef bara bajata 2016tti deeggarsa bajataa eeyyamameef qarshii biliyoona 205.4 keessaa qarshiin biliyoona 153.5 darbeera
Показати все...
𝐊𝐚𝐚𝐧𝐬𝐚𝐫𝐢𝐢 f𝐢𝐢𝐱𝐞𝐞 g𝐚𝐝𝐚𝐦𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 i𝐭𝐭𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 l𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 d𝐮𝐛𝐚𝐫𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 b𝐚𝐫𝐚𝐚𝐫uu ************************* Gaazexaa Bariisaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa Waajjira Caffee Oromiyaa waliin ta’uun kokasii dubartoota miseensota Caffee Oromiyaaf ittisa kaansarii fiixee gadameessaarratti leenjii hubannoo kennaa jira. Dhibeewwan daddarbaa hintaane saffisa guddaan dubartoota miidhaa jiran keessaa ijoon Kaansarii Fiixee Gadameessaati. Kaayyoon leenjii kanaas, hubannoo argataniin dhaabbilee fayyaa waliin qindaa’uun dubartootaaf hubannoo kennuun talaalliifi calallii akka taasisaniif sosochii uumuuf karoorfamee kennamaa jira. Dura Teessuun Koree Dhabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Aadde Mastaawot Fayyisaa, dubartoonni miseensota caffee hojii bakka bu’ummaa hojjetaniin dhibeewwan hammaataa daddarbaa hintaaneen akka hinmiidhamneef sosochii marsaa duraa taasifameen lubbuu dubartoota hedduu hambisuu danda’ameera jedhan. Leenjiin hubannoo uumuu har’a kennamu kunis, sosochii taasifamaa tureen hanqinaalee marsaa duraa keessatti mudatan irraa baratamee, miidhaa dhibeen kun dubartootarraan gahaa jiruufi saffisni inni ittiin dubartoota miidhaa jiru caalmaan hubatanii ergama ittaanuuf akka qophaa’aniif yaadameetu jedhan. Hoogganaan Ittaanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Bokonaa Guutaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila wal’aansa yaala fayyaafi ittisa dhibeerratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsan. Dhibee kana ittisuuf, talaallii addaddaa shamarran umriin 14rraa eegalee jiraniif kennuun dursanii ittisuufi dubartoota gaheessota ta’aniifimmoo calallii taasisuun facaatii dhibee kanaa ittisuu danda’ama jedhan. Kanaafimmoo, hospitaalota Oromiyaa keessatti tajaajilli calallii akka kennamu, hospitaalota gurguddoo shan ammoo Oromiyaa keessatti ijaaraa jirra jedhan. Facaatii Kaansarii Fiixee Gadameessaa ittisuuf Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaa waliin qindoomuun dubartoota hunda bira qaqqabuun nidanda'ama. Gara hawaasaatti wayita deebi’an dhaabbilee fayyaa naannawaasaanii jiran waliin qindaa’uun duula calallii fiixee gadameessaa ittifufiinsaan gaggeessuun lubbuu dubartoota du’arraa hambisuuf ittigaafatamummaasaanii akka bahatan ibsamee jira. Gorsaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan ta’an Doktar Tsaggaayee Baay’isaa facaatiifi ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaarratti leenjii hubannoosaanii cimsu kennaa jiraachuu odeeffannoo Caffeen Oromiyaa Gaazexaa Bariisaaf ergeen gabaaseera.
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Dabrabiraanitti warshaaleen 167 adeemsa ijaarsaarra jiru **************** Gaazexaa Bariisaa Magaalaa Dabrabiraanitti warshaaleen addaddaa 167 adeemsa ijaarsaarra jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Kantiibaan Ittaanaa magaalichaa Baddiluu Wubsheet DhPItti akka himanitti, sochiin invastimantii magaalichaa foyya’aa dhufuusaatiin abbootiin qabeenyaa baay’ee warshaaleesaanii ijaaruuf gaaffilee dhiyeessaa jiru. Bara bajatichaatti ijaarsi indastiriiwwanii sosochii Itoophiyaan haa omishtuutiin eegalaman xumuramanii gara hojiitti akka galaniif hojjetamaa jiraachuu ibsanii, ji’oota sagal darbanitti warshaaleen 20 omishatti akka eegalan taasifamuu dubbataniiru. Dabalataanis warshaaleen 18 maashinoota omishaaf isaan gargaaran galchuun yeroo gabaabaa keessatti omisha akka eegalan ibsaniiru.
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Sidaamaatti qonna Gannaan lafa heektaara kuma 98 midhaaniin uwwisuuf qophiin taasifameera ******************* Gaazexaa Bariisaa Naannoo Sidaamaatti qonna Ganna dhufuuf lafa heektaara kuma 98 midhaan gosa addaddaatiin uwwisuuf qophiin taasifamuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Umamaa naannichaa beeksise. Qonna Bonaatiin walumagalatti lafa heektaara kuma 112 midhaan addaddaatiin uwwifamuus biirichi ibseera. Hogganaan Ittaanaafi Ittigafatamaan Damee Qonnaa biirichaa Obbo Baanguu Baqqalaa DhPItti akka himanitti, qonna Gannaaf omishaafi omishtummaa naannichaa guddisuuf gamanumaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Aanaalee naannichaa baay’ee keessatti hojiin qonni Gannaa kan hojjetamu ta’uu himanii, qonnaan bultoonni paakeejiiwwan omishtummaa dabalan haalaa hojiirra akka oolchaan gochuun badhaadhina maatii mirkaneessuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Показати все...
09:21
Відео недоступнеДивитись в Telegram
#Soofumar
Показати все...
Pirojektiin ijaarsa daandii laga Durgii-Gibee xumuramaa jira ****************** Gaazexaa Bariisaa Pirojaktiin ijaarsa daandii laga Durgii-Gibee naannolee Itoophiyaa Giddugaleessaafi Oromiyaa walqunnamsiisu xumuramaa jira. Dheerinni daandichaa waliigalaa kiiloo meetira 27.7 kan dheeratu yoota’u, kiiloo meetirri 25 ykn %89 xumurameera. Qarshiin miliyoona 522, kuma 758fi 336 pirojektichaaf oolu mootummaatiin kan uwwifamedha.
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Ji’oota sagal darbanitti jirbii toonii 800 gabaa alaaf dhiyaaterraa doolaarri miliyoona 2.2 argame ******************** Gaazexaa Bariisaa Ji’oota sagal darbanitti jirbii toonii 800 gabaa alaaf dhiyaaterraa doolaara miliyoona 2.2 argamuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Itoophiyaan omisha jirbiif haala qilleensa mijataa qabaattus hanga barbaadamu akka hin omishne qorattoonni ibsu. Hojiraawwachiisaan Misooma Jirbii ministeerichaa Obbo Saamsoon Asaffaa TOItti akka himanitti, misooma jirbiif naannawaan haala qilleensa gammoojjummaa qabanii filatamaadha. Bara bajatichaatti lafa heektaara kuma 105 jirbiin misoomsuuf karoorfame keessaa, lafti heektaara kuma 81 jirbiin uwwisuun danda’ameera jedhan. Kanaanis ji’oota sagal darbanitti omisha jirbii kuntaala miliyoona 1.5 walitti qabuun kan danda’ame yoota’u, kunis karooricha %80 milkeessuun danda’ameera jedhan. Kunneen keessaa jirbii toonii 800 gabaa alaaf dhiyeessuun, galii doolaara miliyoona 2.2 argachuun danda’amuu ibsaniiru.
Показати все...
“Waggoota shanan darban rakkoowwan gama hedduu keessatti bu’aalee guguddoon galmaa’aniiru” - Obbo Awwaluu Abdii ***************** Gaazexaa Bariisaa Waggoota shanan darban rakkoolee hawaas dinaagdee hedduu mudatan dandamachuun bu’aalee gurguddoo galmeessuun danda’amuu Pirezdaantii Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsaniiru. Obbo Awwaluu Abdiin haala wayitaawaa Naannoo Oromiyaarraati Turtii FBC waliin taasisaniin, Oromiyaatti rakkoo nageenyaa mudate dandamachuun guddinni dinaagdee fooyya’aan galmaa’uu kaasaniiru. Mootummaan waggoota shanan darban aarsaa lubbuu kaffaluun haalota rakkisoo keessatti inisheetiviiwwan haaraa bocuun hojiitti galuu dubbataniiru. Ummanni nagaan ba'ee nagaan akka galuu nageenya waaraan mirkanneessuuf aggaammiiwwan diinaa ummata Oromoorratti aggaamaman karaa guutuu ta'een qolachuun injifannoo argame tikfachuufi ceesisuuf hojii ijoon hojjetamu Obbo Awwaluun eeraaniiru. Rakkoowwan hawaas dinagdee furuuf hojiileen misooma hedduun hojjetamuus Obbo Awwaluun dubbataniiru. Haaluma kanaan waggoota shanan darban naannichatti pirojektonni kuma 55 ol hojjetamuun tajaajilaaf banaa ta’uu himaniiru. Misooma qamadiin akka biyyaatti hojii bal’aa hojjetameen milkaa’inni addaa galmaa’uu kaasaniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii nageenyaa cinaatti misoomaaf xiyyeeffannoo kennuun omishaaf omishtummaa dabaluuf innisheetiviiwwan kunneen akka, misooma qamadii, kuduraafi muduraalee, maaddii guutuufi kanneen biroo hojiirra oolchuun bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu ibsaniiru. Akkasumas galii mootummaa naannoo Oromiyaa dachaa sadiin guddachuu eeraniiru. Gochawwaan hojii misoomaa gufachiisaan waloon qolachuuf ummanni mootummaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Haalli nageenya naannichaa fooyya’aa jiraachuu eeruun, nageenyaa waaraa mirkanneessuuf hojiin olaantumma seeraa kabachiisuu cimee kan ittifufu ta’uus eeraniiru. Ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun olaantummaa seeraa kabachiisuu tarkaanfii fudhatamaa jiru deeggaraa jiraachuu kaasaniiru. Humni hidhatee bosonaa Oromiyaa keessaa socho’aa jiru tarkaanfii qaamoleen nageenyaa fudhataa jiran dandamachuu dadhabuun harka kennachaa jiraachuus himaniiru. Kanamalees waamicha mootummaan taasiiseef fudhachuun karaa nagaan mootummaatti harka kennachaa jiraachuus ibsaniiru. Naannichatti ammas hojiileen misoomaa ummata waliin qindoominaan kan ittifufu ta’uu dubbataniiru. Ummanni hojii mootummaan hojjechaa jiru deeggaruun mootummaa cinaa dhaabbachuu ibsa jira jedhan. Nageenya Oromiyaa waaraan mirkanneessuuf hojiin jalqabame cimee kan ittifufu ta’uu dubbataniiru.
Показати все...