cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

Advertising posts
5 837
Subscribers
+924 hours
+1977 days
+78530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Qubeellaan kun dubartiiΒ  naannoo waggoottan 1000 dura duutee dhiha Iswiidin Stockholm keessatti awwaalamtee turte irraa argame. Qoratoonni yeroodhaa yerootti argannoolee garaa garaa adduunyaatti agarsiisaa jiru. Egaan qubellaan isaan argatan kana wanta adda godhu guddaa tokkotu jira. Innis barreeffama ''Allah (Rabbiif)'' jedhutu irratti katabamee jira. Qorattoonni Yunivarsiitii Istookhoolm maaykirooskooppii elektiroonii skaaniin fayyadamuun meeshaa kana adda baasuu fi barreeffama Arabaa durii barreeffama Kufiik jedhamu, kan 'Rabbiif ' jedhu kan irratti argaa jirru kana adda baasani. Qubeellaan kun walitti dhufeenya Vaayikingii fi Kaliifaa guddicha Abbaasid jidduu tureef ragaa guddaa akka ta'es eera qorannoon barruu 'Scanning' jedhamu irratti maxxane. Jechi ''Rabbiif'' jedhu kun keessumaa jaarraa 8ffaa - 10ffaa naannawichatti baay'inaan itti fayyadamamaa akka turames ni ibsa. Amar Temam Spider Media
Show all...
❀ 8πŸ‘ 1
Waliigalteen hojii biyya alaa Itiyoophiyaa fi Kuweet jidduutti mallatteeffame Spider Media: Zulqaida 19/1445 Waliigaltee hojii biyya alaa waliin hojjechuu dandeessisu Itiyoophiyaa fi Kuweet jidduutti mallatteeffameera. Ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kuweet Naayif Haapsi Al Ayitaayibii waliigalticha mallatteessaniiru. De’eetaan ministira hojii fi dandeettii Salamoon Sokkaa fi Daani’eel Tarreessaa,, Kuweetitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Se’iid Muhuumeed, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kuweet Naayif Haapsi Al Ayitaayibii dabalatee hooggantoonni olaanoo biyyoota lamaanii waliigalticharratti argamaniiru. Akkaataa waliigaltichaatiin mirgii fi faayidaan Itiyoophiyaanota hojiif Kuweet dhaqanii eegamee haala tumsaa carraa hojii seera qabeessaa uumuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ibsameera jechuun TOl gabaaseera. Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

❀ 6πŸ‘ 3
Waliigalteen hojii biyya alaa Itiyoophiyaa fi Kuweet jidduutti mallatteeffame πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Show all...
Furqaan Cawwaaqaatti deeggarsa Qur'aanaafi kitaabilee biroo 4000 olii taasise Spider Media: Zulqaida 19/1445 Waldaan Tola Oltummaa Raabsaa Tajaajila Qur'aanaa Furqaan Aanaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti argamuun deeggarsa kooppii Qur'aana 3000 fi kitaabota garaa garaa 1000 walumaagalatti deeggarsa qarshii miliyoona 1.3tti tilmaamamu taasiseera. Deeggarsi waldichi taasise kun gandoota Aanichaa 28f kan raabsamu ta'uun kan ibsame yoo ta'uun ibsameera. Yeroo jilli waldichaa deeggarsa kana qabatee achi ga'utti dura bu'aa mana marii dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Sheyik Jamaal Kaliifaa dabalatee ulamaa'onniifi ustaazonni akkasumas hawaasni hedduun simannaa ho'aa taasisuufii majlisni godinichaa beeksiseera. Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 8
Furqaan Cawwaaqaatti deeggarsa Qur'aanaafi kitaabilee biroo 4000 olii taasise πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Show all...
Komishiniin Marii Biyyaalessaa filannoo Mata-duree marii Finfinneetti eegaluuf ta'uu ibse Spider Media: Zulqaida 19/1445 Komishiniin Maree Biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti filannoo Mata-duree marii biyyaalessaa Caamsaa 21, 2016 irraa eegalee kan eegalu ta’uu beeksiise. Komishiniicha ibsa har’a kenneen filannoo Mata-duree marii kanaan wantoota hojjetaman sadii ifoomse. Jalqabarratti hirmaattonni marichaa yaada ajandaa kan fidan ta’uu Koomishinarri Koomishinii Maree Biyyaalessaa Hiruut Walda sillaaseen dubbatan. qooda fudhattoonni kunneen ajandalee isaanii kan waloo taasiisuun qindeessanii yaada furmaata ni dhiyyessuu jedhan. Dhumarratti qooda fudhattoonni adda bafaman kunneen hirmaattoota Yaa’ii mariicharratti bakka bu’aan kan filatan ta’uun ibsame. Magaalaa Finfinneetti kutaaleen hawaasa kumni 2fi 500 ol boqonna kanaan kan hirmaatan yoo ta’u, marichis guyyoota 7β€˜f kan turu ta’uun ibsameera jechuun kan gabaase Qubee Tv dha. Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 2
Komishiniin Marii Biyyaalessaa filannoo Mata-duree marii Finfinneetti eegaluuf ta'uu ibse πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Show all...
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Muslimoota Itiyoophiyaa Masjiida Qeeraa waliin ta'uun tajaajila yaala bilisaa kenne Spider Media: Zulqaida 18/1445 Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Muslimoota Itiyoophiyaa Masjiida Qeeraa waliin ta'uun tajaajila yaala bilisaa kennuu beeksiseera. Haaluma kanaan guyyaa har'aa yaala dhibee ijaa, dhibee keessoofi yaala daa'immanii walumaagalatti yaalamtoota 100 ol ta'aniif bilisaan kennaa ooluu waldichi ibseera. Masjiidotaafi dhaabbilee tola oltummaa garaa garaa waliin ta'uun bakkoota adda addaatti tajaajila eegale kana akka itti fufu kan ibse Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Muslimoota Itiyoophiyaa, qindeessitoota sagantaa har'a, ogeeyyotaafi jama'aa Masjiida Qeeraa milkaa'ina hojii guyyaa har'aatiif gumaacha taasisan galateeffateera. Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 5
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Muslimoota Itiyoophiyaa Masjiida Qeeraa waliin ta'uun tajaajila yaala bilisaa kenne πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Show all...
πŸ‘ 3❀ 1
Masjiida Al Aqsaatti sagantaan da'awaa guddaan gageeffame Spider Media: Zulqaida 17/1445 Naannoo Jiddugaleessaa Itiyoophiyaa Godina Guraagee Aanaalee Innooriifi Eenar magaalaa Gunchireefi Maafeditti ''Tokkummaan keenya bu'uura ciminaafi guddina keenyaati'' dhaadannoo jedhuun sagantaa da'awaa guddaan gageeffameera. Sagantaaleen kunneen magaalaa Gunchiree Masjiida Al Aqsaatti akkasumas magaalaa Maafeed masjiida AbdulJawaaditti bakka ulamaa'onniifi du'aatonni gurguddoon argamanitti gaggeeffame. Saganticha irratti Ustaaz Saadiq Muhaammad (Abu Haydar), Ustaaz Hasan Alii, Ustaaz Mu'aaz Mudassir dabalatee hayyoonni biroon hedduun argamaniiru jechuun Haarun gabaaseera. Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#SpiderMedia
Show all...
πŸ‘ 4
Go to the archive of posts