uk
Feedback
Shemsu Shifa✍

Shemsu Shifa✍

Відкрити в Telegram

Teacher

Показати більше

📈 Аналітичний огляд Telegram-каналу Shemsu Shifa✍

Канал Shemsu Shifa✍ (@shemsu01) є активним учасником. На даний момент спільнота об'єднує 13 632 підписників, посідаючи 14 781 місце в категорії Освіта та 323 місце у регіоні Фінляндія.

📊 Показники аудиторії та динаміка

З моменту свого створення невідомо, проект продемонстрував стрімке зростання, зібравши аудиторію у 13 632 підписників.

За останніми даними від 03 липня, 2026, канал демонструє стабільну активність. Хоча за останні 30 днів спостерігається зміна кількості учасників на 123, а за останні 24 години на 9, загальне охоплення залишається високим.

  • Статус верифікації: Не верифікований
  • Рівень залученості (ER): Середній показник залученості аудиторії становить 29.87%. Протягом перших 24 годин після публікації контент зазвичай збирає N/A% реакцій від загальної кількості підписників.
  • Охоплення публікацій: В середньому кожен допис отримує 4 073 переглядів. Протягом першої доби публікація в середньому набирає 0 переглядів.
  • Реакції та взаємодія: Аудиторія активно підтримує контент: середня кількість реакцій на один пост – 71.

📝 Опис та контентна політика

Автор описує ресурс як майданчик для висловлення суб'єктивної думки:
Teacher

Завдяки високій частоті оновлень (останні дані отримано 04 липня, 2026), канал підтримує актуальність та високий рівень охоплення публікацій. Аналітика показує, що аудиторія активно взаємодіє з контентом, що робить його важливою точкою впливу в категорії Освіта.

13 632
Підписники
+924 години
+437 днів
+12330 день
Архів дописів
Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Irratti Meeshaalee Barattootaaf Hin Eeyyamamne. Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 borurraa eegalee hanga Adoolessa 16, 2018’tti marsaa jahaan kennama. Qormaatichaaf barattoonni saayinsii uumamaa kumni 300 fi kumni 6 fi 456 akkasumas kan saayinsii hawaasaa kumni 200 fi kumni 57 fi 45 waliigalaan barattoonni kumni 500 fi kumni 63 fi 501 galmaa’uu Tajaajilli Barnootaafi Madaallii Qormaataa beeksiseera. Tajaajilichi qophiilee qormaataaf barbaachisan xumuruu fi raawwachiistonni qormaataa gara giddugaloota qormaataatti bobba’uu ibseera. 👉 Barattoonni wayita gara giddugaloota qormaataatti dhiyaatan kaardii seensa qormaataa( Admission Card), waraqaa eenyummeessaa barataa yookaan waraqaa eenyummaa, kobbee (qalama) bulchiinsa qormaataan eeyyamamee fi waraqaa duwwaa qabatanii dhiyaachuu qabu. 👉 Meeshaalee akka Bilbila Moobaayilaa, Sa’aatii Ismaartii, Biluutuuzii, Eerfoonii, Filaashii Diiskii, Kaardii Miimoorii, Laaptooppii dhuunfaa fi kanneen biroo qabatanii gara kutaa qormaataa seenuun akka hin eeyyamamne hubachiiseera. Qormaatichi karaa oonlaayinii marsaa jahaan kan kennamu yoo ta’u barattoonni saayinsii uumamaa waraqaan qoraman Adoolessa 1 hanga 3, barattoonni saayinsii hawaasaa ammoo Adoolessa 6 hanga 8, 2018’tti akka qoraman ibsameera. Ministeerri Barnootaa barattoota qormaaticha fudhataniif carraa gaarii hawwuun qormaaticha tasgabbiin, naamusa gaariin fi ofitti amanamummaan akka qoraman dhaameera. ✅Hubachiisa: Barattoonni toora interneeti irratti qormaata fudhattan waraqaa qulqullu (kan barreeffama hin qabne) fudhattani deemu qabdu waan irratti gaaffii 'calculation' qabu hojjettan. ✅ Sa'aatii 'smart' hin taane fudhattanii seenuun ni danda'ama('Specially' barattoonni waraqaa irratti qoramtan)

#BarnootaGannaa! Qajeelfama Ulaagaa Filannoo, Calallii Barsiisotaa kan Barnoota Gannaa fi gahee Godinaaleef Bulchiinsa Magaal
+9
#BarnootaGannaa! Qajeelfama Ulaagaa Filannoo, Calallii Barsiisotaa kan Barnoota Gannaa fi gahee Godinaaleef Bulchiinsa Magaalotaa! https://www.facebook.com/shemsu.shifa.353

#Barsiisotaaf #BarnoonniGannaaDeebi'eera! Ganna 2012 irraa kaasee dhaabbatee kan ture barnoonni gannaa deebi'ee akka kennamu
#Barsiisotaaf #BarnoonniGannaaDeebi'eera! Ganna 2012 irraa kaasee dhaabbatee kan ture barnoonni gannaa deebi'ee akka kennamu murtaa'eera. Kanaafuu 17-18/10/2018tti, waajjira Barnootaatti deemtanii galmooftu!

#1_Kan_Heyyamaman #Uffata Seeraa (Uniform) Mana Barnoota isaa, #Kaardii Galmee/Admission Card/ #Kobbee/Irsaasii/ (Pencil) #Ha
#1_Kan_Heyyamaman #Uffata Seeraa (Uniform) Mana Barnoota isaa, #Kaardii Galmee/Admission Card/ #Kobbee/Irsaasii/ (Pencil) #Haqxuu #Sarartuu #Qartuufi kkf Guuttatanii Ganama Sa'aatii 1:00 Irratti Buufata Qormaataatti Argamuu Qabu. #2_Kan_Dhoorkaman. Meeshaalee Gara Buufata Qormaataa Akka Dhufne Dhoorkaman Immoo: #Moobaayilii, tableetii, kompitaraafi kkf #Qalama #Sa'aatii harkaa #Meeshaalee_Elektirooniksii Kamiyyuu, #Manatsirii_Ijaa (Eye Glass) Hakimiin hin heyyamane , #Uffata_Seeraa_Mana_Barnootaa Otuu Hin Uffatin Dhufuu, #Meeshaalee_Qara_Qaban, Meeshaalee Waraanaafi kkf qabatanii gara Buufata/Kutaa Qormaataa/ Seenuu ykn seenuu yaaluufi #Barfachuun gonkumaa Dhoorkaa ta'uu beeksifna. Kanaafuu, Barataan Qormaata Fudhatu hunduu #Naamusa_Qormaataa_Kabajuun Xiyyeeffannoo Keessan Qrmaata Fudhattan Irratti Qofa Haata'u Jenna. #Qormaatnis_kan_kennamu: Kutaa 6ffaa :- Waxabajjii 08-09/2018 yoo ta'u, Kutaa 8ffaa:- Waxabajjii 11-12/2018 ta'uun ni beekama.

#Yaadakoo👇 Kana booda Mootummaan:- ❶Kaabinoota hattuu calaluu qaba! ❷Nageenya Oromiyaa mirkaneessuu qaba! ❸Gar-lamee of kees
#Yaadakoo👇 Kana booda Mootummaan:- ❶Kaabinoota hattuu calaluu qaba! ❷Nageenya Oromiyaa mirkaneessuu qaba! ❸Gar-lamee of keessaa baasuu qaba! ❹Warra soba gabaasan adabuu qaba! ❺Namoota yakka malee dabaan miidhaman dhugaasaanii baasuu qaba! #Mee sinis itti dabalaa!

#Kutaa12 Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa  Bara 2018 Waxabajjii 24/2018  hanga  Adoolessa 17/2018 #CBT marsariitin/#Online/ kennamu shaakaluun akka danda'amu #Liinkii - "exam1.ethernet.edu.et"  jedhu banuun qormaatilee  akaakuu barnootaa adda addaa Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa gad-dhiise akka hordofan jenna!

Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu ➊Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu. Boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa. Sun immoo si namoota sanas ni cabsa. ➋Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee Ilaaluu irraa of eeggadhu 🚧. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa. ➌Yeroo jireenya kee  gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee, Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin. https://www.facebook.com/shemsu.shifa.353

👉Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu ➊Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu. Boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa. Sun immoo si namoota sanas ni cabsa. ➋Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee Ilaaluu irraa of eeggadhu 🚧. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa. ➌Yeroo jireenya kee  gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee, Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin. #Neelsan_Maandeellaa

Baga ayyaana Iid Al-Adha/Arafaa bara 1447ffaan nu ga'e!! Iid Mubaarak 🎉🕌 እንኳን ለ1447ኛው የኢድ አል-አድሐ/አረፋ በዓል አደረሰን! 🌙🐑 ኢድ ሙባረክ ❤️

Qajeelfama Lakkoofsa 32/2016 Qajeelfama Bulchiinsa Baajata, Faayinaansiifi Qabeenya Mootummaa Gandoota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe

#Obbolee! Waan namni siin jedhutti hin dhiphatin! Ati garuu, waan hamaa akka hin hojjenne cimsii of eeggadhu!
#Obbolee! Waan namni siin jedhutti hin dhiphatin! Ati garuu, waan hamaa akka hin hojjenne cimsii of eeggadhu!

#Qabiyyeefi_Sagantaa #Qormaata_Kutaa_6ffaaf_8ffaa #Qabiyyee👇 ➙Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaa qabiyyee barnootaa gosoota barno
+1
#Qabiyyeefi_Sagantaa #Qormaata_Kutaa_6ffaaf_8ffaa #Qabiyyee👇 ➙Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaa qabiyyee barnootaa gosoota barnootaa kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'e yoo ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo qabiyyee barnootaa gosoota barnootaa kutaa 7ffaafi 8ffaa keessaa kan qophaa'e ta'uun beekameera. #Sagantaa👇 ➙Kutaa 6ffaa Waxabajjii 8-9/2018 ➙Kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 11-12/2018 ta'uu hubachuun; -Barattootni guyyoota muraasa hafan kanarratti hundaa'uun qo'annaa keessaniif xiyyeeffannoo akka kennitan isiniif ibsina!

#News Ministeerri Maallaqaa Qaala'insa jireenyaa Hojjettoota Mootummaa irra ga'u hir'isuuf Gibira miindaa hojjettoota mootumm
#News Ministeerri Maallaqaa Qaala'insa jireenyaa Hojjettoota Mootummaa irra ga'u hir'isuuf Gibira miindaa hojjettoota mootummaa irraa citu, ji'a Caamsaa 2018 irraa kaasee dhibbantaa 15% hir'isuuf murteessee jira!

Bitootessa2010 dura yeroo wayyaanneen kokkee walqabaa turre sana warri amma caffaru kun hedduun fb iyyuu hin bananneem!

#Update #GuyyaaQormaataKutaa6_8fi12 Qormaatni Kutaa 6ffaa, 8ffaafi Moodeelaa Kutaa 12ffaa Guyyaan Fooyya'e. #HaalumaKanaan; ➙
#Update #GuyyaaQormaataKutaa6_8fi12 Qormaatni Kutaa 6ffaa, 8ffaafi Moodeelaa Kutaa 12ffaa Guyyaan Fooyya'e. #HaalumaKanaan; ➙Kutaa 6ffaa #Waxabajjii 8-9/2018 , ➙Kutaa 8ffaa #Waxabajjii 11-12/2018 fi ➙Moodeelaa Kutaa 12ffaa #Caamsaa 13 -17/2018 tti fooyya'uunsaa beekameera!

Amala Gaggeessummaa
• Hojjetee itti agarsiisee, hojjechiisa. Jechaan osoo hin taane, Gochaan agarsiisa. • Karaa kana deemaa jedhee taa'a osoo hin taane, imalee kallattii itti agarsiisa. • Gaggeessaan dhugaa, hinaaffaa qajeelaa isaaniif qaba: kunis jijjiirama  karaa hunda galeessaan kan dhufu dha. • Gaggeessaan dhugaa fi milkaa'oon, warra isaan caalaa sabaaf ta'uu danda'an oomisha. • Karaatti abjuu isaanii dhugoomsuu danda’an irratti isaan utubee, gara milkaa'inaatti isaan geessa. • Na caaluu laata? jedhee yaadda'aa osoo hin taane, akka isa caalaniif waan danda'u hundaan isaan gaggeessa, isaan gorsa. • Mul'ata namaa "Copy" godhee itti kenna osoo hin taane, mul'ata akka qabaataniif, karaa mul’ata isaanii itti argachuu danda’an itti agarsiisa • Waanan jedhu fudhadhaa jechuu qofa osoo hin taane, irra caalaa waan bu'aa fiduu danda’u irratti fuulleffata. • Waan xiqqoo isaan hojjetaniif, beekamtii onnachiisoo kennaafi. • Tokko olkaasee, tokko gad buusuun amala gaggeessaa hubatoo fi bilchaatoo miti. • Gaggeessaa dhugaa fi milkaa'aan, of jaja, of faarsa osoo hin taane, hojjettoota gaggeessuun of jaja. • Jechaan arbaa'ee, qabatamaan yoo hin jiraanne, shimala qiinqanii nyaattee fixxe ta'a. • Gaggeessummaa dhugaan bu'aa dhuunfaa isaa caalaa, bu'aa hojjettoota gaggeessuu irratti xiyyeeffata. • Gaggeessaan ga'uumsa gaggeessummaa qabu, waan hojjetaan isaa barbaadu hubata. • Ogummaa fi hubannaadhaan ijaaramee, qarruu beekumaaan masakama. • Gaggeessaa dhugaan, hariiroo fayyaaleessa hojjettoota gaggeessuu wajjin uumuun, amala madaqfamaa isaan barbaadanii fi galmichi barbaadu walitti kan hidhudha. • Gaggeessummaa dhugaan, hiikaa fi ergaalee dhokatoo hedduu qaba. • Gaggeessummaan amalaa fi adeemsa guutuu, karaa of danda’een kan ijaaramu dha.

Waggoota 30 fi 40 booda Yuuniversitileen biyya keenya dhabamu danda'u. MM Dr Abiy Ahimed Shakkii tokko male Waggoota 30 fi 40 booda Yuuniversitileen biyya keenya dhabamu danda'u jechuun Muummeen Ministeera Dr Abiy Ahimed Himan. Yuuniversiitii waggaa 30 fi 40 keessati namni hiriiree baratu hin jirus jedhani jiru. MM ministeera Dr Abiy Ahimed akka jedhaniti ''Barnoota Yuuniveersiitii waggaa 4 fi 5 keessatti argattu ji'a 6 fi 3 keessatti manuma kee keessa teessee barachuu dandeessa kanaan shakkiin tokko hin jiru'' Haa ta'u male Yuuniveersiitii cimaa filatamaa fi qulqulina qabu qabaachu qabnaa jedhani jiru.Yuuniversiitiin cimaan Qorrannolee 'Basic' fi 'Applied' jedhamaniif nu barbaachisuu jechuun MM Dr Abiy Ahimed kan himan. Yuuniveersitileen godinaalee hunda keessatti ijaaramuun isaani sirrii miti jedhani jiru. Yaadamni Yuuniversiitii mataan isaatu rakkoo qaba,osoo amma qorannoo gaggeesinee  baratootaa kuma 1,kuma 2 simachuu kan danda'an Yuuniversitileen duwwaan ni argamu jedhani jiru. Gatiin Yuuniversiitileen itti ijaaraman rakasa waan ta'eef bu'aa hin qaban diigamu qabu jechuun himani jiru. Baasii Yuuniversiitii ijaaruuf baafne osoo olmaa daa'immani ijaarree ta'e rakkoo hin qabu ture. Duran Itiyoophiyaa keessati Olmaan daa'imani hin hajjatamu,kan hojatamaa ture Yuuniversiitii qofa ture. Waggaa 6 hang 7 keessati olmaa daa'immani kuma 34 ijaaree jira,sababni ijaarreef ammoo barnoonni kan barbaachisuu daa'imman (Early Childhood Education) kan ta'aniif akka ta'e Dr Abiy kan dubbatan. Barnoonni bu'uura kan barbaachisuu daa'imaniif male namoonni guddatan barnoota barbaadan Teeknooloojii Nam-Tolchee (AI) irraa barachuu danda'u. Manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa irratti ammas hanqina guddaatu jira. Rakkoon inni biraan ammoo Dirree Ispoortii yoo ta'u,haalli ijaarsa Dirree Ispoortii hunda yoo ilaalte rakkoo guddaa qabu. Magaalaan qophaati  Dirree Ispoortii mataa isaa ijaarata Yuuniversiitiinis qophaati Dirree Ispoortii ni ijaarata lamaan isaanitu ulaagaa 'CAF' kan guuttatan miti. Magaalaa tokko keessatti fageenya KM 5 gidduuti Dirree Ispoortii lama ijaaruun miidhaa malee bu'aa hin qabu. Dirreen  Ispoortii maalaqqa biliyeena dhangalaasuun hojjatame jira garu bu'aa hin qaban,kun ammoo Hawaasaa fi Jimmaa keessati kan jiru miti magaaloota hunda keessa kan jirudha.

#Elaamee! ➙Kaayyookee Galmaan Gahuuf Waa5👇 ❶Jecha namaa "maal naan jedhanii" sammuu keetii ol utuu hin taane, miila kee jela
#Elaamee! ➙Kaayyookee Galmaan Gahuuf Waa5👇 ❶Jecha namaa "maal naan jedhanii" sammuu keetii ol utuu hin taane, miila kee jela godhi! ❷Rakkinaaf cinqii amma keessa jirtuuf hin dhiphatin, kaleessa eessa akka turte yaadachuun, fuul-duraaf Rabbiikee abdachuun bira kuti! ❸Ogummaa fi ciminakee namatti himuu utuu hintaane, itti hojjedhuu bu'aa qabatamaa itti agarsiisi! ❹Kaayyoo qabaachuu kee malee, kaayyoon kee maal akka ta'e nama hundatti hin odeessin! maaliif beektaa? namoonni tokko tokko kaayyookee yoo itti himte karaa ati ittiin kuftu siif mijeessu waan ta'eef! ❺ Waan dhabdeef hin gaabbin! Maaliif beektaa? kan darbeef gaabbitee cinqamuun kan harkaa qabdu akkati sirnaan hin hojjenne si taasisa waan ta'eef! #WaanDubbistaniifGalatoomaa!

#BeeksisaQacarriiYeroo Boordii Filannoo Biyyaalessaa Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24,
#BeeksisaQacarriiYeroo Boordii Filannoo Biyyaalessaa Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018, “Guyyaa Filannoo” jechuun buufataalee filannoo hundatti gaggeeffamuuf, loogii irraa bilisa ta’uu isaanii fi ulaagaalee barbaachisan akka eegan mirkaneessuudhaan, qondaaltota filannoo dabalataa የምርጫ ጣቢያ አስፈጻሚዎች yeroof qacaruuf barbaada. Kanaafuu, Boordiin iyyattoonni ulaagaa guutan har’a bitootessa 20, 2018 irraa eegalee guyyoota 10 walitti aansuun liinkii https://url-shortener.me/IUTH waliin walqabatee jiruun galmaahuu dandeessu! ‎#Ulaagaa ‎• Umriin waggaa 18 ol, . ‎• Miseensa dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin taane, . ‎• Ulaagaa barnootaa: 12ffaa fi isaa ol, . ‎• Bakka hojii: Buufata filannoo boordii hundeesse irratti, . ‎• Afaan hojii naannichaa dubbachuu fi barreessuu kan danda’u, . ‎• Yeroo hojii: Guyyoota torbaaf!

Shemsu Shifa✍ - Статистика та аналітика Telegram каналу @shemsu01