Shemsu Shifa✍
رفتن به کانال در Telegram
📈 تحلیل کانال تلگرام Shemsu Shifa✍
کانال Shemsu Shifa✍ (@shemsu01) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 14 904 مشترک است و جایگاه 13 724 را در دسته آموزش و رتبه 334 را در منطقه فنلندة دارد.
📊 شاخصهای مخاطب و پویایی
از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 14 904 مشترک جذب کرده است.
بر اساس آخرین دادهها در تاریخ 12 نوامبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 63 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر -2 بوده و همچنان دسترسی گستردهای حفظ شده است.
- وضعیت تأیید: تأیید نشده
- نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 38.72% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 11.26% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب میکند.
- دسترسی پستها: هر پست به طور میانگین 5 770 بازدید دریافت میکند. در اولین روز معمولاً 1 677 بازدید جمعآوری میشود.
- واکنشها و تعامل: مخاطبان بهطور فعال حمایت میکنند؛ میانگین واکنش به هر پست 13 است.
📝 توضیح و سیاست محتوایی
نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاههای شخصی توصیف میکند:
“Teacher”
به لطف بهروزرسانیهای پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 13 نوامبر, 2026)، کانال همواره بهروز و دارای دسترسی بالاست. تحلیلها نشان میدهد مخاطبان بهطور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته آموزش تبدیل کردهاند.
14 904
مشترکین
-224 ساعت
+77 روز
+6330 روز
آرشیو پست ها
14 904
Qajeelfama Raawwii Sagantaa Barnoota Galgalaa Lakk. 1156/2019, Ministeera Barnootaatiin Qophaa'e
https://www.facebook.com/shemsu.shifa.353
14 904
Ramaddii YNO damee adda addaa kan Kaadhimamtoota Barsiisota kan Sadarkaa Diploomaa Fi Sartifiikeeta Bara 2019
https://www.facebook.com/shemsu.shifa.353
14 904
#BiyyaLafaaKanattiYerooBaay'ee
Namoonni miidhamaa jiraatan 4nkana👇
❶ Namoota dhugaaf quuqaman!
❷ Namoota namaaf garaa laafan!
❸ Namoota nama amanan!
❹ Namoota nama jaal'atan!
#BoruGaruuIsaanumatuMilkaahoodha!
14 904
Beeksisa
Barattoota MBBA Federaalaa Galuuf Galmooftan Hundaaf
-----
BBO - Onkololeesaa 04/2019 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Federaalaa Galuu Barbaadan Manneen Barnootaa Barataan Hin Guutamne Keessatti Fudhachuuf Beeksisa Baasuun Ni Yaadatama.
Haaluma kanaan barattootni barachuuf galmooftan hundi Qormaatni Seensaa Gaafa Sanbataa 07/2019 Ganama Sa'aatii 3:00 irraa jalqabee waan kennamuuf iddoo qormaataa kanaan dura barattootni kutaa 12ffaa '#online' /CBT/ itti qoramaniifi dhiheenya keessanitti argamutti ta'uun ibsameera.
Kanaafuu, Guyyaa 07/02/2019 Ganama Sa'astii 3:00 irraa jalqabee qormaata ni fudhattu.
Hubachiisa:- Giddu Gala Qormaataa Kanaan Dura Barattootni Kutaa 12ffaa Qormaata Biyyoolessaa Online'n/CBT/ Itti Qoraman, Barattoota Keenyaaf Dhihaatan Waajjirri Barnootaa Aanaafi Bu/Magaalotaa akka mijeessaniif dhaamsi darbeera.
#Carraa_Gaarii
14 904
Seektaaraalee Mootummaa Hundeeffaamaan!
1. Manneen Hojii Ykn Waajjiroota Sadarkaa Godinoota Jahan Oromiyaa
1. Waajjira Bulchiinsa
2. Waajjira Karooraa fi Maallaqaa
3. Industriifi Jaarmiyaalee Diinagdee
4. Waajjira Turizimii
5. Waajjira Galii
6. Waajjira Misooma Baadiyyaa
7. Waajjira Jallisiifi Horsiisee Bulaa
8. Waajjira Lafaa
9. Waajjira Bishaanii
10. Biiroo Albuudaa fi Inarjii
11. Waajjira Misooma Magaalaa
12. Waajjira Daandii fi Geejjibaa
13. Waajjira Barnootaa
14. Waajjira Fayyaa
15. Waajjira Dhimmoota Gurmaa'inaalee Ummataa
16. Buusaa Gonofaa
17. Biiroo Nagaa
18. Waajjira Abbaa Alangaa
19. Waajjira Mana Sirreessaa
20. Waajjira Poolisii
21. Abbaa Taayitaa Konostiraakshinii
22. Abbaa Taayitaa Too'annoo
#2. Manneen Hojii Mootummaa Sadarkaa Aanaa
1. Waajjira Karooraa fi Maallaqaa
2. Industrii fi Jaarmiyaalee Diinagdee
3. Waajjira Galii
4. Waajjira Misooma Baadiyyaa
5. Waajjira Bishaanii, Albuudaafi Inarjii
6. Waajjira Daandii fi Geejjibaa
7. Waajjira Barnootaa
8. Waajjira Fayyaa
9. Waajjira Dhimmoota Gurmaa'inaalee Ummataa
10. Buusaa Gonofaa
11. Biiroo Nagaa
12. Waajjira Abbaa Alangaa
13. Waajjira Poolisii
14. Abbaa Taayitaa Too'annoo
# 3. Manneen Hojii Mootummaa Sadarkaa Gandaa
1. Waajjira Bulchiinsa
2. Waajjira Diinagdee
3. Waajjira Misooma Baadiyyaa
4. Waajjira Bu'uuraalee
5. Waajjira Hawaasummaa
6. Waajjira Nagaa
14 904
Golas haata'uu Goda, Caalaas haata'uu Tolaa, Uummanni Nageenya, misoomaa fi haqummaa barbaada!
14 904
#BarattootaMBBADabartaniif
Barattootni Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa Sad. 2ffaa Haaraafi Buleeyyin Gaafa #Fulbaana_19 - 20/2019 gara mana barnootaa ramadamtaniitti (kutaa 9ffaaf) fi buleeyyin gara mana barnootaa turtanitti deemuun guyyoota jedhaman keessatti akka seentan/galmooftan/ waamichi taasifameera.
Barattootni Gara MB Gaafa Dhufan:-
1- Meeshaalee barnootaa/Dabtara, Qalama, Kobbee, Sarartuu, Uffata Ispoortiifi kkf) fi
2- Uffata Mana Ciisichaa (doormii) : Uffata Qorraa, Ansoolaafi kkf qabatanii dhufuu qaban.
3- Barattootni Haaraan(kutaa 9ffaan) Uffata Yuniifoormii MB erga galanii booda baasii dhuunfaatiin kan hodhisiifatu ta'uun beekameera.
Bara Barnootaa Milkii Isiniif Haata'u!
14 904
#Obbolee👇
#Hindhiphatin_gadditee
Jireenyi gad-si qabuuf
Ciniinnadhuu jabaadhu
Galma kee borii arguuf
#Hinsardamin_yaatiru
Obsaan adeemi suuta
Wanti ati feete kamuu
Guyyaa ❶ siif-guutaa
#Mataakee_gadibuuftee
Haamileedhaanis cabaa
Abdii hin murin obbole
Gaaf tokko ol si-qabaa!
#Obboleessakeessan❤
14 904
#GalmeeMBAMarsaa2ffaa
➙Qormaata naannoo kutaa 8ffaatin qabxin giddugaleessaa (Average) dhiiraaf 78%fi isaa ol, Shamarranif 75%fi isaa ol kan qaban;
➙Tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiiraaf 80%fi isaa ol, Shamarraniif 75%fi isaa ol;
➙Tiraaniskiriipti gosa barnootaa Afaan Ingilizii fi Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas Shamarraniif 70% fi isaa ol kanneen qaban.
14 904
Ministeerri Barnootaa Ramaddii Yuunivarsiitii Barattoota Kutaa 12ffaa Ifoomse
Ministeerichi akka eereetti, barattoonni qabxii ol'aanaa fidan, jechuunis qabxii dhibba ja'a (600) keessaa dhibba shan (500) fi isaa ol galmeessisan kallattiin filannoo isaanii tokkoffaa irratti akka ramadaman taasifameera. Barattoonni ramaddii isaanii salphaatti baruuf marsariitii 'https://student.ethernet.edu.et/view-placement' jedhamu irratti seenuun ilaallachuu danda’u.
14 904
Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Sagantaa Remadiyaalii'(#Remadial' ) bara 2019 murteesseerra.
A - Haaluma kanaan: 1 - Barattoota Dhiiraa Saayinsii Uumamaafi Hawaasaaf - Qabxii 240/600 fi ol (40%fi ol) 2- Barattoota Dubaraa Saayinsii Uumamaafi Hawaasaaf - Qabxii 228/600 fi ol (38%fi ol) galmeessisan Yunivarsiitii galanii saganticha barachuu kan danda'an ta'uun ibsameera.
B - Barattoota Deeggarsi Addaa Taasifameef
1 - Barattoota dhiiraafi dubaraa Naannoo Affaar, Sumaalee, Beenshaangul Gumuziifi Gaambeelaatiif Saayinsii Uumamaafi Hawaasaatiin Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol) 2- Barattoota Naannoo Horsiisee Bulaafi Walakkaan Horsiisee Bulaa ta'aniif Saayinsii Uumamaafi Hawaasaatiif -Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol) 3- Barattoota qaro dhabeeyyii dhiiraafi dubaraaf -Qabxii 185/500fi ol (37%fi ol) 4- Barattoota gurraan hin dhageenye dhiiraafi dubaraa, saayinsii uumamaa fi hawaasaaf - Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol) galmeessisan hunduu sagantaa Remadiyaalii Yunivarsiitii galanii barchuu akka danda'an Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa murteesseera.
14 904
#ElaameeYaaKoodeekoo!
#Gaddas_ta'ee gammachuu
Yeroon waa hedduu qabdii
Dhiphannullee rakkachuun
Gonkumaa hin kunnu abdii
#Tulluu_gamaan_dabarsee
Fagoo laala ijji keenyaa
Har'aafi yoo dadhabnes
Boru inuma geenyaa
#Kukkufaatuma_ka'aa
Rakkoo hedduu arginee
Sichittis abdii qabnaa
Nii jiraanna darbinee!
14 904
BBO - Fulbaana 02/2019 Barattootni Qormaata Seensaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa, WMO fi MB Addaa Sad.2ffaa kutaa 9ffaa galuuf dorgomtan hunduu Qabxii Qormaataa 80% keessaa fudhattaniif hangam/meeqa akka argattan liinkii asii gaditti kenname banuun lakkoofsa galmee(#Registration_Number) bakka maqaa akaakayyuu(#Grandfather's Name) maqaa akaakayyuu keessan galchuun ilaallachuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna. Liinkichis;- exam.oeb.gov.et
#Hubachiisa:- Qabxiin Barattoota Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Galchu Boru 03/01/2019 Kan Isin Beeksifnu Waan Ta'eef Nu Hordofaa!
14 904
#Beeksisa_Barattoota_Kutaa_10ffaa
Barattoonni kutaa 10ffaa, bara barnootaa 2019 E.C. manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa addaa mootummaa federaalaa (Federal Special Boarding Secondary Schools) keessatti barachuuf galmooftanii qormaata seensaa fudhattan, liinkii isin ittiin galmooftanitti seenuun lakkoofsa eenyummaa (ID) fi jecha iccitii (Password) keessan galchuun bu’aa qormaataa keessanii ilaaluun ni dandeessu.
Barattoonni qormaata darbaniis, mana barumsaa itti ramadamtan achuma irratti ilaaluu ni dandeessu.
Ministeerri Barnootaa akka ibsetti, barattoonni bu’aa qormaata isaanii irratti hundaa’uun of eeggannoodhaan filatamaniiru. Kanaaf, bu’aa qormaataa ykn mana barumsaa itti ramadamtan ilaalchisee komii gosa kamiyyuu hin fudhatu.
📅 Barnoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa addaa mootummaa federaalaa hunda keessatti:
Fulbaana 05, 2019 E.C. irraa eegalee ni jalqaba.
Odeeffannoo haaraya barnootaan walqabatan kamiyyuu argachuuf 👇👇👇 https://www.facebook.com/GammachiisOromoo.et
gochuun maatii ta'aa
telegram keenya #join gochuun nu hordofuu ni dandeessu.👇👇
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/barsiisotaf
14 904
Repost from SBO Press
Ramaddii Barattoota MBBA Bara 2019 A.L.I
Odeeffannoo biroo argachuuf Channel armaan gadii kana #Join godha.
👇👇👇👇👇👇
✅️ @OroAcademic
14 904
Jijjiirraa online baranaarra kanuma offline 100K duraanii sanayyuu wayya fakkaata😅
