uk
Feedback
AASTU FOCUS

AASTU FOCUS

Відкрити в Telegram

> Kun FOCUS AASTUtti Toora Barsiisa🤹🏼 , #Sagantaan_keenya_JIMAATA sa'aatii #12:00tti #Faaruwwan #Akkasumas_Ergaale_Tokkummichaa💒 irratti argannuudha. Yaada qabdanif : @Itsyoujesus @Jo_shib @Biely7 @Altleg @gike7 @moy3ka @Fibaa

Показати більше
937
Підписники
+124 години
+207 днів
+4330 днів
Архів дописів
🌼 🌼 🌼 🌼 🌼 🌼 🌼 🌼 🌼 🌼  Baga bara haaraa 2019 ittin isin gahe ! Faarfannaa 65:11
Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen in gonfita, gara ati adeemtuttis faanni kee cooma in rooba;
‎ ‌‎Akkam jirtu obboloota jaallatamoo nagaa fi Araarri Waaqayyoo isiniif haa ta'u.🤚 Waaqayyo isa ammas jireenya keenya irratti guyyaa haaraa, bara haaraa nuuf dabaleef galanni haa ta'u.🙏 ‎ ‎✨ Guyyoonni haaraan hundinuu guddummaa fi waaqummaa waaqayyoof galata akka dhiyeessinuu fi karooraaf kaayyo isaa keessa akka jiraannuuf uumaman ; baroota jiran hundumaa isa akka waaqefannu isaaf akka jiraannu waaqayyo nu haa gargaaru. ‎ ➡️Kanaafuu Barrii fi Guyyoonni fuuldura keenya jiran; isa durii caalaa; ‌‎✔️Bara itti gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaallu ‎‌‎✔️Bara Waaqayyootti dhiyaannu, isa beeknu, isaaf adda baanu, ‎‌‎✔️Bara Waaqayyo nu wajjin ta'uu isaa isa durii caalaa nutti mullisu, ‎‌‎✔️Wanti nuti hojjennu, karoorsinu, barbaannu, nuuf ta'an ‎‌‎✔️Ibiddaa fi gaggeeffama hafuura qulqulluun bara itti guutamnu, ‎‌‎✔️Bara itti fedha fi karaa Waaqayyoo abboome irra sirriitti fiignu, Nuuf haa tau . #2018 ‎Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#Dhaaltummaa Day 3 of Digital mission Nama jalqabaa kan ture Addaam, sanyii isaa warra isa irraa argaman hundaaf qabeenya ofi
#Dhaaltummaa Day 3 of Digital mission Nama jalqabaa kan ture Addaam, sanyii isaa warra isa irraa argaman hundaaf qabeenya ofii isaati qabu dhaala godhee isaaniif hiree darbe. Dhaalli kunis #du'a ture! ⁉️Ati maal dhaalte?
Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe. 1 Yohannis 5:13
#Digital_mission #AASTU_FOCUS_FELLOWSHIP Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#Dhaaltummaa Day_3 🎗Cubbuun dursa dhala namaa gaafa seene, namni hundi du'a akka dhaalu godhe! Nama du'a dhaale kanaaf karaa Kiristoos fayyinni dhaalamu hojjetamee dhiyaateera. Namni amanes jireenya Waaqayyo mul'ise kana ni dhaala. Kanaaf fayyinni dhiifama cubbuu qofa osoo hin taane; maatii haaraa Waaqayyoon keessatti argachuudha.
Wangeela Yohannis 1:12 "Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis warra maqaa isaatti amanamii dha."
⏳️Kanaafis cubbuudhaan, dogoggoraan yookiin sodaadhaan hidhamuun namaa hafee gara ilmaan Waaqayyo jedhamanii waamamuutti darbuuf dhaaltummaan kennameera!
Gara Warra Roomaa 8:15 "Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa keenya" jennee Waaqayyoon in waammanna."
⚡️Waaqayyoos, namoonni diinummaa isa waliin qaban keessaa, garba cubbuu ta'anii jiraachuu jalaa ba'anii gara ilmummaa dhaaluutti akka dhufan barbaada!
Gara Warra Galaatiyaa 4:7 "Egaa ati si'achi karaa Waaqayyoo garbicha miti, ilma malee; erga ilma taatees qabeenya abbaa keetti darbitee argachuuf jirta."
⁉️ Har'a Yesuus kiristoosiin Gooftaa fi Fayyisaa kee godhachuu ni barbaaddaa? 🔑Jireenya kee har'uma isatti kennuudhaan maatii Waaqayyootti dabalami! Nu quunnamuuf;👇👇 @Sole3529 @Itsyoujesus #Digital_mission #AASTU_FOCUS_FELLOWSHIP Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

photo content

#Qaammee_5 #Lubbuu_ibidda_keessaa_baasuu!
“Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa! Warra kaan immoo, uffata isa cubbuu foon isaaniitiin xuraa'e iyyuu jibbuudhaan, ofii keessaniifis sodaachuudhaan, gara-laafina argisiisaa!” — Yih. 1:23
🎚Addunyaa har'aa keessatti lubbuun namoota baay’ee dhiibbaa cubbuu, dogoggoraa fi dukkana keessatti kufee gara badiisa bara baraatti deemaa jira. Waaqayyo ergaa Wangeelaa nuuf kennuun kaayyoonsa inni guddaan lubbuuwwan jallina fi badiisa keessa jiran oolchuudha. 🔑 Kadhannaan keenya inni guddaan, humna sagalee Waaqayyootiin lubbuuwwan ibidda dukkanaa fi cubbuu keessa jiran butuudhaan gara ibsaa fi fayyina Kiristoositti deebisuudha. ✨️Waaqayyo akka gaarummaa isaattii fi qajeelummaa isaatti ilmaan namaa hundumaa ibidda du'aa keessaa baasudhaan jireenya barabaraa kennuufii barbaada.
“Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa'an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaadneef obsaan isiniif in danda'a.” — 2Phe. 3:9
👆Kanaaf waaqayyo akka obsaan danda'uu isaatti, namoota hundumaa karaa badisaa irraa gara jireenyaatti isaan waama jechuudha🤔  🗣Nutis ergama waaqayyo nutti laate isa guddicha karaa jireenyaa kana warra hin beeknetti himuun akkasumas lubbuun isaani ibidda barbaraa keessaa bahuun jireenya barabaraa akka argattuuf isaaniif kadhachuu keenya hin laaffisnu!
“Dukkanattii gara ifaatti, aangoo Seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa deebi'aniif, ija isaanii in banta; anatti amanuudhaanis dhiifamuu cubbuu isaanii argatanii, warra qulqullaa'an gidduuttis dhaala isaanii haa fudhataniif sin erga' anaan jedhe.” — HoE. 26:18
Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

🙏🧎‍♂️Prayer 5🧎‍♂️🙏 Obboleessa keenya Gemechu Obsa (2nd year pre Engineering) Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#KENNAA Day 2 of Digital_mission 📖 Waaqayyo ilmaan namaaf jireenya kennee yoo uumes, namni isa keessatti hafuu hin dandeenye
#KENNAA Day 2 of Digital_mission 📖 Waaqayyo ilmaan namaaf jireenya kennee yoo uumes, namni isa keessatti hafuu hin dandeenye! Humna cubbuu gidduu galeenis namni #kennaa Waaqayyoo isaaf kenne dhabe! Bu'aa cubbuu kan ta'e du'a fudhate.
Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti. Roomaa 6:23
#DIGITAL_MISSION #AASTU_FOCUS_FELLOWSHIP Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#Kennaa Day_2 🍳Waaqayyo sababii cubbuuf eden keessaa erga nama gad baasee booda gaabbii fi abdii kutannaadhaan hin dhiisne; Waaqayyo adaba ofitti fudhachuuf abdii kenne_Nama isatti adda ba'eef!
Uumama 3:15: "Ani sii fi dubartittii gidduu... diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita."
🪢 Hundinuu waan yakkeef, kennaan abdiidhaan kenname immoo warra yakkan fayyisuuf isa cubbuu hin qabne ta'ee qajeelummaa fiduuf dhufe! Waaqayyo ilma isaa dabarsee #kennuudhaan du'a cubbamootaa akka fudhatu godhe.
Isaayaas 53:5: "Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname... nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame."
✨️Nagaan bade, hariiroon uumaa fi namaa, qulqullummaa fi fayyinni xumuraa namaaf kennamuu Kiristoosiin deebi'e. 📌Cubbamaa ta'uu fi adaba bara baraa irraa ooluuf amanuun dhimma dursaati. Kennaan Waaqayyo kennes amantiidhaan argama! 🔗 Fuula Waaqayyo isa araaraan guuteetti dhiyaachuun, kiristoositti amanuudhaan dhiifama cubbuu fi fayyina bara baraa argadhu. Nu quunnamuuf:👇 @Sole3529 @Itsyoujesus Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

photo content

#Qaamme_4 #Wangeela_Addunyaattiifi_Laphee_Banamaatti
Maatewos 24:14 ¹⁴ Saba hundumaatti akka dhugaa ba'uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa" jedhe.
🪔Akkuma haala yeroo ammaa biyya keenyattis ta'ee akka addunyaatti keessa jirru irraa hubachuun danda'amutti, barichi Bara dhumaati. Addunyaan keenya yeroo Amma ciniinsuu guddaarra jirti. Kunis dhufaatiin kiristoos akka ga'e nutti hima. Kanaaf kadhannaa keenya keessatti baricha Bara nagaa gochuuf kadhachurra waa'ee namoota dukkana keessa jiraniif kadhachuutu caala. Lapheen namoota kiristoosiin hin beeknee akka banamuuf, dubbii dhugaa jireenyaa kana akka fudhataniif kadhachuufiidha! ✨️Amantoonni ba'aa waa'ee warra hin amaninii akka qabaatan, isaaniif kadhachuutti akkasumaas dhugaa ba'uutti akka dammaqan, dubbichas isaan biraan akka ga'aniif kadhachuufiidha!
2Qorontos 4:4,6 ⁴ Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera. ........... ⁶ Waaqayyo isa, "Dukkana keessaa ifni haa ifu!" jedhetu, beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse.
⏳ Waaqayichi bara si'anna warri hin amanin ifa ulfina kiristoos akka hin argine isaan qabeera, Waaqayyo immoo ifni ulfina kiristoos akka ifatti ba'uu, namoonni hundinuu argan fedha. Kanaaf ifichi akka hin dhokannef garaa keenya keessatti nuuf ibse. Nutis ificha qabannee taa'uu osoo hin taane namootaaf ibsun nurraa eegama. Kara kaminuu: kadhannaadhaan, dhugaa bahuudhaan, qabeenyaan hojii wangeela addunyaadhaan gahuu bira dhaabachuu qabna.
HUMNICHIMMO KAN WAAQAYYOOT!!
Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

🙏🧎‍♂️Prayer 4🧎‍♂️🙏 Obboleettii keenya Nice Lemu (2nd year pre Engineering) Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#NAMA_TOKKO   Day 1 📢 Waaqayyo nama jalqabaa Addaamin jireenya qulqulluu fi qajeela akka qabatuuf uume. Garuu yeroo seera Waaqayyoo cabsan fakkaatti isa ittiin uumaman sana dhaban. Kunis immoo Addaam biratti qofa hafee osoo hin taane ilmaan isaa hundumatti darbe. Cubbuun immoo seera amantii cabsuu qofa osoo hin taane Waaqayyo malee jirachuudha.
Rom 5:12          ‘’Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.’’
🔐 Kanaaf namaa ta'ee dhalatee sanyii cubbuu faca'e sana jalaa kan ba'u hin jiru, kana waan ta’eef cubbuun namoota hundumaa wal ga’e.
Roomaa 3:12 ‘’namoonni hundinuu karaa Waaqayyoo irraa goraniiru, ergaan-takkaa warra dhimma hin baafne ta'aniiru; namni gaarii hojjetus, tokko illee hin jiru’’
⁉️Mee ofii keefii namoota beektu: maatiikee, hiriyootakee, namoota beekamoo, warra biyya bulchan, abbooti amantaa yaadi. Eenytu cubbuu hin qabu sitti fakkaata? Fuurmaanni isaa hoo maalidha ? ☄Hundinuu yakkaniru. Gatiin cubbuummo du'a bara baraati. Waaqayyo jaalala nama bifaafi fakkaattii isaatiin uumameef qaburraa kan ka'e eenyuyyu akka badu hin barbaadu. Karaa fayyinaa, karaa araaraa qopheesseera. Kunis karaa ilmasaa karaa yesuus kiristoosidha. Kan isatti amanuu dhifamuu cubbuu fi jireenya bara baraa qaba.
Roomaa 5:17 ¹⁷ Irra-daddarbaa nama tokkootiin, sababii nama tokkicha sanaaf duuni erga mo'ee, warri qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan hammam guddaa caalchisanii jireenyatti haa mo'an ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi kennaa tolaa hamma isaan irraa hafutti fudhataniiru.
🤝Nu quunnamuuf yoo barbaadde👇 @Sole3529 @Itsyoujesus #digital_mission Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#NAMA_TOKKO Day 1 Of digital mission 📢 Addaam qulqulluu fi qajeelaa ta'ee uumamus, seera Waaqayyoo cabsuun fakkaattii Uumaa
#NAMA_TOKKO   Day 1 Of digital mission 📢 Addaam qulqulluu fi qajeelaa ta'ee uumamus, seera Waaqayyoo cabsuun fakkaattii Uumaa isaa dhabe; kunis sanyii isaa hundatti darbe. Rom 5:12         
‘’Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.’’
#Digital_mission Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#Qaammee_3 Birmadummaa qabnutti Qabamnee jiraachuu Galaatiyaa 5:1
Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!
➡️ Waaqayyoo ilmasaa tokkicha nuuf ergee birmaduu nu baase ; birmadummaa qabnutti qabamnee akka jiraannu akkasuma waanjoo garbummaa isa durii sanatti akka hin qabamne yeroo hundaa waan nuuf raawwatame ilaalaa jiraachuu akka nurra akka  eegamu hubachuu barbaachisaadha. Galaatiyaa 5:13
Obboloota ko, isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!
➡️ Nuti warra birmaduummaadhaaf waamamneedha yaada keenyas isa waaqarraatti hidhachuun yaada foonii fi biyyaa lafaa tuffachuun , irraa fagaachuudhaan birmadummaa arganne sana ilaalaa jirachuu akkasumas jaalalan waliif hoo'udhaan  jajjabinaan deddeebi'u qabna. Galaatiyaa 5:24
Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru.
'Birmadummaa' argannetti qabamnee akka jiraannu waaqayyo nu haa gargaaru . Ameen Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

photo content

🙏🧎‍♂️ prayer 2 🧎‍♂️🙏 Obboleessa keenya Roobeeraa waliin (3rd year Electrical and computer engineering ) Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa! Warra kaan immoo, uffata isa cubbuu foon isaaniitiin xuraa'e iyyuu jibbuudhaan, o
Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa! Warra kaan immoo, uffata isa cubbuu foon isaaniitiin xuraa'e iyyuu jibbuudhaan, ofii keessaniifis sodaachuudhaan, gara-laafina argisiisaa! Yihudaa 1:23
Ayyaanniif Nagaan Gooftaa isiniif ha baayatu 🙌 Akkuma beeksisaa turre, guyyaa borii irraa kaasee #Digital_mission garee #Action_and_pray tiin qophaa'e waan itti fufuuf obboloonni karaa keessaniin waan gochuu qabdan hundumaan humna hojii kanaa akka taatan, karaa social media keessaniis akkasumas kan AASTU FOCUS 'follow' gochuudhaan akka tumsitan jaalala Waaqayyoon isin gaafanna! 🔑Kadhannaan_Qaammee_akkuma itti_fufetti_jira!
Link kanaa gadii fayyadamuun 'follow' godhaa👇👇👇
#Digital_mission #September 8-10 #One_days_to_🚶‍♀‍➡️🚶‍➡️ #kiristoos_hundumaaf #AASTU_FOCUS_FELLOWSHIP Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

#Qaammee_2 #Waaqayyoof_Aarsaa_Ta'uuf_Jiraachuu!
Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu. Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha. Roomaa 12:1-2
✨️ Waaqayyo bara duriitti Namoonni gara isaatti akka dhiyaataniif aarsaa dhiyeessuu isaanii barbaada ture, Akkuma maqaan isaa ibsu, aarsaan; dhiyeessuuf dhiyeeffamuu(fiduu fi dhufuu) of keessaa qaba! Dur namoonni Waaqayyoon duratti wanta dhiyeessan(horii akka qullaa'aatti ilaalamu) qabatanii argamuun dirqama ture, Waaqayyos dhiiguma horii qalamee, foon isaa gubatuutiin ofitti isaan dhiyeessaa ture! 🔑 Bara sanatti Waaqayyo kana gochaa kan tureef, fakkeenyicha bara isaa ammaa kanatti gara dhugaatti as fiduuf ture, inni Horii qalmaaf dhiyaatu ilaaluu jaallatee osoo hin taanee, fakkeenya aarsaa jiraataa isa nuti karaa ilmasaa isa ofii isaatii Waaqayyoof Aarsaa ta'ee darbeetiin fuula Waaqayyoo duratti ittiin dhiyaannuu lallabaa ture😍 ✨️Seerri aarsaa yeroo sanaas, qalmi gubamuuf dhiyaatu halkan guutuu iddoo aarsaa sana irratti abiddi utuu irraa hin dhaamin hanga ganamaatti akka gubatuuf ture!
Seera qalmi gubamu itti dhi'aatu akka kanatti fufee jirutti Aaronii fi ilmaan isaa abboomi! Qalmi gubamu halkan guutuu hamma ganamaatti ibidda iddoo aarsaa irra haa taa'u! Ibiddi iddoo aarsaas itti boba'aa haa bulu! Lewwoota 6:9
🤔 Waaqayyo yeroo sana iyyuu aarsaa fuula isaa dura turuudha kan inni barbaadu_ Aarsaa_jiraataa jechuudha!
Ammas Waaqayyo jireenya keenya karaa ilmasaa erga qulleeffatee, jireenya qullaa'e kana deebisnee aarsaa akka isaaf goonu barbaada. Sanyii ilma isaatii godhee nu dhaabbachiisuu waan barbaaduuf, akka inni Waaqayyoof jiraatee fedha isaatiinis aarsaa of godhee darbe, nutis akkuma isaatti fedha keenyaan Waaqayyoof aarfamuuf akka of dhiyeessinu barbaada!
#Jireenyi_Keenya_Gooftaa_Keenyaaf Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb

photo content

#Qaammee_2 #Waaqayyoof_Aarsaa_Ta'uuf_Jiraachuu!
Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu. Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha. Roomaa 12:1-2
✨️ Waaqayyo bara duriitti Namoonni gara isaatti akka dhiyaataniif aarsaa dhiyeessuu isaanii barbaada ture, Akkuma maqaan isaa ibsu, aarsaan; dhiyeessuuf dhiyeeffamuu(fiduu fi dhufuu) of keessaa qaba! Dur namoonni Waaqayyoon duratti wanta dhiyeessan(horii akka qullaa'aatti ilaalamu) qabatanii argamuun dirqama ture, Waaqayyos dhiiguma horii qalamee, foon isaa gubatuutiin ofitti isaan dhiyeessaa ture! 🔑 Bara sanatti Waaqayyo kana gochaa kan tureef, fakkeenyicha bara isaa ammaa kanatti gara dhugaatti as fiduuf ture, inni Horii qalmaaf dhiyaatu ilaaluu jaallatee osoo hin taanee, fakkeenya aarsaa jiraataa isa nuti karaa ilmasaa isa ofii isaatii Waaqayyoof Aarsaa ta'ee darbeetiin fuula Waaqayyoo duratti ittiin dhiyaannuu lallabaa ture😍 ✨️Seerri aarsaa yeroo sanaas, qalmi gubamuuf dhiyaatu halkan guutuu iddoo aarsaa sana irratti abiddi utuu irraa hin dhaamin hanga ganamaatti akka gubatuuf ture!
Seera qalmi gubamu itti dhi'aatu akka kanatti fufee jirutti Aaronii fi ilmaan isaa abboomi! Qalmi gubamu halkan guutuu hamma ganamaatti ibidda iddoo aarsaa irra haa taa'u! Ibiddi iddoo aarsaas itti boba'aa haa bulu! Lewwoota 6:9
🤔 Waaqayyo yeroo sana iyyuu aarsaa fuula isaa dura turuudha kan inni barbaadu_ Aarsaa_jiraataa jechuudha!
Ammas Waaqayyo jireenya keenya karaa ilmasaa erga qulleeffatee, jireenya qullaa'e kana deebisnee aarsaa akka isaaf goonu barbaada. Sanyii ilma isaatii godhee nu dhaabbachiisuu waan barbaaduuf, akka inni Waaqayyoof jiraatee fedha isaatiinis aarsaa of godhee darbe, nutis akkuma isaatti fedha keenyaan Waaqayyoof aarfamuuf akka of dhiyeessinu barbaada!
#Jireenyi_Keenya_Gooftaa_Keenyaaf Telegram | Instagram | Tiktok | Facebook | aastufocusweb