Biiroo Barnoota Oromiyaa(BBO)®️
Oduu Fi Oddefannoo Biiroo Barnootaa Oromiyaa Gadhisuu Kara Telegram Hordofaa Hiriiyoota Kessaniif Share Godhaa Join Gochuun #BirooBarnootaOromiyaa2 #entrance #ministryofeducation
Больше📈 Аналитический обзор Telegram-канала Biiroo Barnoota Oromiyaa(BBO)®️
Канал Biiroo Barnoota Oromiyaa(BBO)®️ (@biiroo_barnoota_oromiyaa7) языкового сегмента Амхарский является активным участником. Сейчас сообщество объединяет 177 403 подписчиков, занимая 589 место в категории Технологии и приложения и 130 место в регионе Эфиопия.
📊 Показатели аудитории и динамика
С момента создания невідомо проект демонстрирует стремительный рост, собрав аудиторию из 177 403 подписчиков.
Согласно последним данным от 02 сентября, 2026, канал показывает стабильную активность. За последние 30 дней изменение числа участников составило 2 410, а за последние 24 часа — -39, при этом общий охват остаётся высоким.
- Статус верификации: Не верифицирован
- Уровень вовлечённости (ER): Средний показатель вовлечённости аудитории составляет 1.54%. В первые 24 часа после публикации контент обычно набирает 2.00% реакций от общего числа подписчиков.
- Охват публикаций: В среднем каждый пост получает 2 736 просмотров. В течение первых суток публикация набирает 3 542 просмотров.
- Реакции и взаимодействия: Аудитория активно поддерживает контент: среднее количество реакций на один пост — 34.
📝 Описание и контентная политика
Автор описывает ресурс как площадку для выражения субъективного мнения:
“Oduu Fi Oddefannoo Biiroo Barnootaa Oromiyaa Gadhisuu Kara Telegram Hordofaa Hiriiyoota Kessaniif Share Godhaa Join Gochuun
#BirooBarnootaOromiyaa2 #entrance #ministryofeducation”
Благодаря высокой частоте обновлений (последние данные получены 03 сентября, 2026) канал поддерживает актуальность и высокий уровень охвата публикаций. Аналитика показывает, что аудитория активно взаимодействует с контентом, что делает его важной точкой влияния в категории Технологии и приложения.
Загрузка данных...
| Дата | Привлечение подписчиков | Упоминания | Каналы | |
| 02 сентября | 0 | |||
| 01 сентября | +36 |
| 2 | Manni Barnootaa Bultii Addaa Najjoo bu’aa qormaata kutaa 12n tokkoffaa bahe
Manni Barnootaa Bultii Addaa Najjoo qormaata kutaa 12 akka waliigalaatti qabxii olaanaa galmeessise. Manni barnootichaa barattoota 76 qormaata fudhatan keessaa barattoonni 75 qabxii 500fi sanaa ol fiduun manneen barnootaa bultii jiran keessaa tokkoffaa ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa dheengadda waajjirasaaniitti raawwii hojii bara barnootaa 2018fi karoora bara 2019 ilaalchisuun miidiyaaleef kennaniin himan.
Akka Doktar Tolaan ibsanitti, bara darbe qabxii waliigalaan Manni Barnootaa Ifa Boruu Dodolaan tokkoffaa ta’uu himanii, manneen barnootaa magaalota guguddoo keessa jiran qofatu qabxii guddaa fida jedhanii hawaasni keenya barattoota gara manneen barnootaa kanneeniitti ergaa hinturre. Ilaalcha kana Manni Barnootaa Bultii Addaa Najjoos jijjiireera. Mana Barnootichaatti barattoonni 75 qabxii olaanaa 500fi sanaa ol kan fidan yoota’u, barataa tokko qofatu 492 fide.
Manni Barnootaa Bultii Addaa Yaaballoos qabxii waliigalaan lammaffaa, Manni Barnootaa Bultii Addaa Dodolaa sadaffaa, Manni Barnootaa Bultii Addaa Nageellee afraffaa, Manni Barnootaa Bultii Addaa Beddellee shanaffaa, Manni Barnootaa Bultii Addaa Odaa Adaamaa jahaffaa, Manni Barnootaa Mana Barnootaa Bultii Addaa Haramaayaa torbaffaa, Manni Barnootaa Bultii Addaa Amboo saddeettaffaafi Manni Barnootaa Bultii Addaa Bishooftuu saglaffaa ta’uu himan.
Manneen Barnootaa Addaa qormaata kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessan keessaa Manni Barnootaa Addaa Yunivarsitii Arsii qabxii olaanaa galmeessisuu dubbatan. Mana Barnootaa Addaa Yunivarsitii Arsiitti barattoota 33 qoraman keessaa barattoonni 19 qabxii olaanaa 500 ol fiduufi qabxii gadaanaan galmaa’e 448 ta’uu kaasan. Mana barnootichaatti qabxii olaanaan galmaa’e 566.92 ta’uufi raawwiinsaas %57.6 ta’uu eeran.
Akka Oromiyaatti barattoonni qabxii 500 ol fidan kuma tokkoofi 24 ta’uufi kanneen keessaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa barattoota 701 yoo qorsiisan barattoonni 456 qabxii daran olaanaa fidaniiru jedhan. Manneen barnootaa addaa barattoota kuma tokkoofi 225 qorsiisan 100 keessaa 100 yoo dabarsan, barattoonni 392 manneen barnootaa hafan keessaa qabxii daran olaanaa galmeessuu ibsan.
Bu’aa qormaataa kutaa jahaffaan walqabatee manneen barnootaa kutaa jahaffaa qorsiisan kuma 11fi 762 kilaastara kuma tokkoofi 377n waliigalaan barattoota kuma 500fi kuma 17fi 209 qoraman keessaa qabxii darbiinsaa 50fi sanaa ol kan galmeessisan barattoota kuma 400fi kuma 64fi 839. Kunis %89.9 ta’uu eeran.
Qormaata kutaa 8ffaatiin manneen barnootaa qormaaticha qorsiisan kuma sagaliifi 701 kilaastara qormaataa kuma tokkoofi 365 keessatti barattoota kuma 400fi kuma 15fi 88 keessaa qabxii darbiinsaa 50fi sanaa ol kan fidan barattoota kuma 358fi 719. Kunis %86.4 jedhan.
Akka waliigalaatti, qormaata kutaa 12ffaan manneen barnootaa 37 barattootasaanii guutummaatti dabarsan keessaa sagal manneen barnootaa bultii addaati. Kunis tarsiimoon Manneen Barnootaa Addaafi Manneen Barnootaa Bultii Addaatti hojiirra oolchine bu’aa gaarii argamsiisuu agarsiisaa jedhan.
Maxxansa Gaazexaa Bariisaa Hagayya 27 bara 2018 | 1 075 |
| 3 | Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti barattoota miiliyoona 13 ol simachuudhaan barsiisuuf qophiin xumurameera
Hagayya 27/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti barattoota miiliyoona 13 ol simachuudhaan barsiisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera.
Hogganaan biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo akka ibsanitti; bara barnoota haaraa kanaatti adeemsa baruu fi barsiisuu bu'aa qabeessa taasisuu fi qabxii barattootaa fooyyessuuf hojiiwwan dandeessisan dursanii hojjetamaniiru.
Kaniinis naannicha keessatti manneen barnootaa Idileen duraa kuma 37 fi 127 mana barumsaa idilee keessatti barattoota miliyoona 13tuqaa 5 simachuun barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Bara kanatti hirmaannaa hawaasaa fi tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa Idileen duraa kuma 1 fi 597, sadarkaa 1ffaa 284, fi sadarkaa 2ffaa 23 akkasumas kutaawwan barnootaa dabalataa haaraan hedduun ijaaramuu isaanii eeraniiru.
Ijoollee irratti hundee jabaa kaa'uudhaan dhaloota gahumsaa fi dorgomaa ta'e horachuuf karoorfamee hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii; fakkeenyaaf manneen barnootaa Idileen duraa 695 fi sadarkaa 1ffaa 728 moodeela gochuun danda'amuu isaaniis kaasaniiru.
Naannichatti baadiyyaa keessatti manneen jireenyaa barsiisotaa kuma 19 fi 752 ijaaramuu isaanii kan eeran Dr. Tolaan dandeettii barsiisotaa cimsuufis leenjiwwan gaggabaaboo fi dheeraa adda addaa kennamuu isaanii ibsaniiru.
Bara kanatti kitaaba barnootaa idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa miiliyoona 20 fi kuma 600 ol maxxanfamanii qophaa'uu isaanii kan ibsan hoogganichi; hanga ammaatti miliyoonni 2 manneen barnootaatiif raabsamuu isaanii dubbataniiru.
Beekumsa teeknoolojii barattootaa guddisuuf kan dandeessisan paarkii dijiitaalaa 117, manneen kitaabaa fi mana kitaabaa qophaa'uu isaaniis dabaluun ibsaniiru.
Keessattuu manneen barnootaa lafa qaban kuduraa, muduraa fi horsiisa beeyladaatiin misoomsuudhaan sagantaa nyaata barattootaatiif galteewwan barbaachisan of danda'anii akka guuttaniif sochii taasifamuus dubbataniiru.
Tajaajila tola ooltummaa gannaan ga'eessota dabalatee barattoota kutaalee 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaatti darbaniif barnoonni deeggarsaa kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti aanaan hogganaa biirichaa Dr. Kasaahun Galaanaa gamasaaniitiin ENAtti akka ibsanitti; kanaan dura 'Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin tajaajila nyaata barattootaa kennamaa ture sirna kanaan walqabatu ammayyeessuu fi sadarkaa fooyya'aatti gurmeessuu fi saganticha bal'inaan dhaqabamaa taasisuuf qophiin ga’aan taasifamuus ibsaniiru.
Haaluma kanaan naannichatti barattoonni miiliyoona 7tuqaa 4 sagantaa nyaata manneen barnootaatiin fayyadamoo akka ta'an dubbataniiru.
Tajaajila tola ooltummaa gannaan barattoota harka qal’eeyyii deeggaruuf mootummaan, dhaabbileen miti-mootummaa fi arjoomtonni uffata yuuniifoormii, dabtaraa fi meeshaalee barnootaa biroo dhiheessaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Manneen barnootaa naannichaa keessatti galmeen barattootaa gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran hogganichi bara barnootaa 2019tti manneen barnootaa hunda keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu Fulbaana 5 bara 2019 irraa jalqabee kan eegalu ta'uu beeksisaniiru. | 1 328 |
| 4 | Barattoota Qabxii Olaanaa 500fi Ol Galmeessiaan 1024 Keessaa 44.5% MBBA, 17. 3% MBAfi 38.2% Manneen Barnootaa Garaa Garaarraa Ta'uun Beekame.
BBO - Hagayya 26/2018 Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Qabxii 500fi Ol Galmeessisan 1024 Keessaa Barattootni 392 (38.3%) Mannenneen Barnootaa Sad. 2ffaa Garaa Garaa Keessatti Baratan (MBBAfi MBA hin taane) yoo ta'an, Barattootni 456 (44 5%) Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaafi Barattootni 176 (17. 2%) ta'uun beekameera.
Barattootni qaxaleen qabxii olaanaa galmeessisan kunniin MBBAfi MBA keessa qofa otuu hin taane manneen barnootaa sad. 2ffaa hunda keessatti kan argaman ta'uun hubatameera. Kanaafuu, barattootni carraa manneen barnootaa bultii addaafi manneen barnootaa addaa sad. 2ffaa hin argatin/ seenuuf fedhii hinqabnes/ bakkuma baratanitti/ manuma barnootaa baratanitti/ deeggarsa barsiisaafi maatiin kutannoo kan hojjatan/kan qo'atan/ yoo ta'e qabxii olaanaa galmeessisurraa wanti isaan daangessu barattootni 392/1024 bara kanaa ragaa bahaniiru.
Haaluma kanaan barattootni manneen barnootaa kamiyyuu keessatti barataa jirtan dandeettii keessan baaftanii kan itti fayyadamtan taanane qabxii olaanaa galmeessisuun kan danda'amu ta'uu muuxannoo irraa fudhatamuu qaba kan jedhu dhaamsa keenya ta'u,
Walumaagalatti, akka naannoo keenyaatti manneen barnootaa barattoota isaanii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 guutumaa guututti(100%) dabarsan 37 yoo ta'an , MBBA - 9,fi MBA 28 irraa ta'uun hubatameera. | 1 753 |
| 5 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 1 672 |
| 6 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 860 |
| 7 | 🟢Bu’aan barattoota bara 2018 A.L.I. sagantaa Remedial barachaa turanii ifa ta’eera.
✅Barattoonni [https://result.ethernet.edu.et](https://result.ethernet.edu.et?utm_source=chatgpt.com) seenuudhaan, Remedial Examination jedhu jalatti View Results kan jedhu cuqaasanii, Username isaanii galchuudhaan bu’aa isaanii ilaalaa jiru.
✅Haaluma kanaan, barattoonni hedduun “Bu’aan keenya guutummaatti Disqualified jedhamee kaa’ame” jechuun Tikvah Ethiopia’tti komii dhiyeessaniiru.
✅Barattoonni kunneen, “Rakkoo guddaa bu’aa qormaataa keenya irratti nu mudate akka nuuf dhagahamu barbaanna” jedhaniiru.
✅Barattoota komii dhiyeessan keessaa, barattoonni Wolaita Sodo University keessatti Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa baratan, bu’aan isaanii guutummaatti Disqualified jedhamee kaa’amuu ibsaniiru.
✅Kana malees, barattoonni yunivarsiitiiwwan Debre Birhan, Wollo, Arba Minch, Mizan-Tepi, Semera, Bahir Dar, Wolkite, Oda Bultum fi Gondar keessatti baratanis, rakkoon walfakkaataan bu’aa qormaataa isaanii irratti akka mudate beeksisaniiru.
✅Barattoonni kunneen Ministeerri Barnootaa komii isaanii ilaalee, sababaa rakkoo kanaa adda baasuun akka isaan beeksisu, akkasumas qorannoo gaggeessuun furmaata hatattamaa akka kennu gaafachaa jiru.
✅Qormaata sagantaa Remedial biyyaalessaa, kan Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 03/2018 A.L.I. kenname, qormaamtoonni 53,620 fudhataniiru jechuun Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa beeksisee turun isaa ni yaadatama.
📱 Share and Join our channel
https://t.me/biiroo_barnoota_oromiyaa3
https://t.me/biiroo_barnoota_oromiyaa3 | 3 022 |
| 8 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 1 699 |
| 9 | Нет текста... | 2 946 |
| 10 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 984 |
| 11 | “Hojiin qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa ture bu’aa gaarii argamsiisaa jira”Tolaa Bariisoo(PhD)
Hagayya 25, 2018- Hojiin qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa ture bu’aa gaarii argamsiisaa jira jedhan Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa, Tolaa Bariisoo(PhD)
Biiroon Barnoota Oromiyaa qophii bara barnoota 2019fi bu'aa qabxii qormaata naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaafi qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennee jira.
Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa, Tolaa Bariisoo(PhD), mootummaan tarsiimoo qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda'u bocee hojiirra oolchaa jiruun jijjiiramni bu'uura argamaa jiraachuu himanii, keessumaa hojiin bu'uura boruu irratti hojjetamaa jiruun jijjiiramni kun kan argamaa jiru ta'uu eeraniiru.
Bu’aan qormaataa naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa akkasumas qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana galmaa'e kan waggoota darbaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu fooyyee ta’uufi tarsiimichi jijjiirama bu’uuraa fidaa jiraachuu isaa kun agarsiistuu guddaadha jedhan.
Naannichatti bara kana barattoota 517,209 qormaata kutaa 6ffaa fudhatan keessaa barattoonni 464,839, jechuunis 89.9% qabxii darbiinsa 50% fi isaa ol fiduun gara kutaa itti aanuutti darbanii jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun bara kana barattoota qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhatan 415, 088 keessaa barattoonni 358,719, jechuun 86.4% ta'an qabxii darbiinsa galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti darbuus kaasaniiru.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisees, Oromiyaatti sagantaa galgalaafi fagoo dabalatee barattoota qormaata fudhatan 197,034 keessaa barattoonni 20,877, jechuunis 10.53% qormaata darbuu himuun,qabxiin bara kana galmaa'e kunis kan baroota darbaniin yoo wal bira qabamu jijjiiramni guddaan dhufaa jiraachuu eeraniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 991 keessaa manneen Barnootaa 37 guutummaan guutuutti barattoota isaanii dabarsuu eeruun, kunis manneen barnootaa addaafi bultii addaa kan haammatu yoo ta'u, kana keessaa barattoonni 1024 barattoota daran qabxii olaana fidaniidha jedhan.
Bara barnootaa 2019ttis bu'aa caalmaa galmeessuuf barnoota qulqullina qabu kennuu irratti xiyyeeffannoon hojjechuuf qophii barbaachisaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan bara barnootaa 2019tti dhaabbileen barnootaa 37, 127 barattoota Mil. 13.5 simachuun barsiisuuf qophii barbaachisaan xumuramaa jiraachuu eeraniiru.
Hanga ammattis barattoonni mil.5.3 galmaa'anii jiru jedhan.
Gama birootiin galtee qulqullina barnootaa mirkaneessu keessaa tokko kan ta'e Kitaabota kuma 20 fi dhibba 6 ol maxxansuum manneen barnoota qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, dabalataanis manneen barnootaa Bu'uura Boruu 1,650 ijaaramaa jiraachuus kaasaniiru.
Xumura irrattis barri barnoota 2019 Fulbaana 5/2019 irraa eegalee kan itti fufu ta'uu Dr. Tolaan ibsaniiru. | 3 582 |
| 12 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 1 443 |
| 13 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 844 |
| 14 | ❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Dhaabbilee Miti Mootummaa Barnootarratti Hojjatan Waliin Marii Gaggeesse.
----------------
BBO - Hagayya 23/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Dhaabbilee Miti Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Barnoota Irratti Hojjatan Waliin Daran Qindoominan Hojjachuu Irratti Marii Bal'aa Gaggeessaa Oolaniiru. Mariin kan gaggeeffame mata dureewwan:- Barnoota bu'uuraa (Foundation Learning) irratti barreessuu , dubbisuufi Lakkoofsota qoyyabachuu irratti daa'imman keenya gahomsuu irratti,- Daa'imman umriin isaanii barnootaaf gahee otuu jiru (umrii 6 - 8) manneen barnootaa alatti argaman gara mana barnootaa fiduu; daa'imman umriin isaanii 9 -14 ta'an gara manneen barnootaa fiduun sagantaa barnoota dhaqqabsiisaa (Catch -Up Program) barsiisuun hiriyoota isaanii biraan gahuu irratti,- Nyaata manneen barnootaaf dhiheessuu irratti,- Barnoota hojiifi gochaan barsiisuu(Vocational Education) irratti,- Haala jijjiirama qilleensaan walqabatee bara 2019 keessa aanaalee tokko tokko irratti hanqinni midhaan nyaataa uumamuu waan danda'uuf dhaabbileen miti mootummaa barnoota irratti hojjataa jiran hunduu BBO waliin qindoominaan akkamitti keessaa bahuun danda'amu irratti mariin gaggeeffameera. Waltajjicha haasawaan kan banan hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti, akkuma kanaan dura baratame Dr. Tolaan, dhaabbilee barnootarratti hojjataa jiran galateeffachuun kan eegalan yoo ta'u, qulqullina barnootaa dhawaata dhawaatan fooyya'aa dhufeef gumaachi keessan guddaadha jechuun haasawa isaanii itti fufuun, hojiin misooma barnootaa galmi isaa qulqullina barnootaa mirkaneessuu waan ta'eef rakkoowwaniifi madda rakkoo adda baafachuun furmaata irratti mootummaa qofaan keessaa bahuun hin danda'amu jedhan Dr. Tolaan Kanaafuu, dhaabbileen miti mootummaa barnoota irratti hojjatan hundi biiroo keenya waliin qindoomun hojii gurmaa'aafi qindaa'aa tarsiimoofi karooran hogganamu irratti hojjachuu qabna jechuun dhaabbileef dhaamsa dabarsaniiru. Dabalataanis, mata dureewwan mariif asii olitti tarreeffaman kaasun tokkoo tokkoon dhabbilee kanniinii ogummaa, muuxannoofi humna qabaniin gahee isaanii akka gumaachan rakkoowwan ka'an irratti akka mari'atan ibsuun waltajjiin ifaan ifatti banamuu beeksisaniiru. Itti aansuun dokumentii mariif ka'umsa ta'u, mata dureen isaa: " OROMIA EDUCATION BUREAU STRATEGIC PRIORITIES:#2026_OEB_Major_Focus_Areas: Aligning with Development Partners' Priorities." jedhu kan dhiheessan hogganaa I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an barreeffamicha keessatti dhaabbileen miti mootummaa barnootarratti hojjataniifi mootummaan ija walfakkaatun bakka walfakkaatutti xiyyeeffannoo kennun rakkoo qulqullina barnootaa furuu irratti qindoominaan hojjacuun dhaloota boru biyya keenye misoomsuufi ijaaru irratti hojjachuun dirqama dhaloota hundaa ta'uu hubachuun barbaachisaadha.Barnoota naannoo keenyaa ceesisuuf marii kanarratti kan argaman dhaabbilee miti mootummaa keessaa UNICEF. Geneva Global, Ethiopia Press Egency, Waldaa Misoomaa Oromiyaa, Imagen 1Day. Jolly Phonics, World Vision, Luminos Fund fi kkf 50 ol ta'an argamun rakkoo qulqullina barnootaa naannoo keenyaa seenaa taasisuu irratti walii galtee irra gahaniiru. Haaluma kanaan, daa'imman umriin isaanii barnootaaf gahan hundi bara 2019 manneen barnootaa ala akka hin taane hojiin cimaan lamnii hundarraa kan eegamu ta'uu hubachuun "Labsiin Ada'aa/Adea Decleration 2018" jedhamu labsameera. #Labsii_Ada'aa Bara 2018 bal'inaan itti deebina. Bara 2019 Naannoo Oromiyaatti Daa'!mni Umriin Barnootaaf Gahe Hunduu Manneen Barnootaatti Akka Argaman Dhaamsa Lammii Hundaaf Darbeedha! | 4 346 |
| 15 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 1 438 |
| 16 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 724 |
| 17 | ❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
“Firiin qormaata kutaa 12ffaa baranaa fooyya’iinsa guddaa agarsiiseera”
Pirofesar Biraanuu Naggaa
#Gaazexaa Pilaas/ Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa bu’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12, hagayya 16, bara 2018 ifoomseera. Ministirri Barnootaa Pirofesar Biraanuu Naggaa ibsa miidiyaaleef waajjirasaaniitti kennaniin akka jedhanitti bu’aan qormaata bara kanaa kan bara darbee nicaala jedhan.
Bara darbe manneen barnootaa kuma tokkoofi 232 barataa tokkollee hindabarsiin, bara kana manneen barnootaa 565 barattoota osoo hindarsiin hafan jedhan.
Barattoota waliigalaa kuma dhibba shaniifi kuma 50fi 210 qoraman keessaa barattoonni kuma 70fi 544 jechuunis dhibbantaan 12.82 qabxii darbiinsaa 50fi isaa ol galmeessaniiru jechuun himan.
Manneen barnootaa 88 barattootasaanii dhibbantaa 100 yoo dabarsan manneen barnootaa 565 ammoo barataa tokkollee osoo hindabarsiin hafaniiru jechuun dubbatan.
Qormaata bara kanaatiin dhiiraan qabxii 600 keessaa 591.64 saayinsii uumamaatiin galmaa’eera. Saayinsii uumamaatiin qabxii olaanaan akka biyyaalessaatti galmaa’e dhiiraan qabxii 600 keessaa 591.64 Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Adaamaatti ta’uufi dubartootaan qabxii 600 keessaa, qabxii 583.03 Mana Barnootaa Agawu Midir Magaalaa Injibaaraa ta’uu ibsan.
Saayinsii hawaasaatiin qabxii olaanaan galmaa’e dhiiraan qabxii 600 keessaa, 576.25 Mana Barnootaa Ifa Boruu Addaa Dodolaan galmaa’eera jedhan. Dubartootaan qabxii 600 keessaa, qabxii 569.17 kan fidde, barattuu Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti, Mana Barnootaa Suppar Hoolii Seeviyer ta’uun galmaa’eera.
Bara darbe barattoota dhibbantaa 8.9 qormaata kutaa 12 darbuu himanii, bara kana qabxii darbiinsaa barattoonni galmeessan kan bara darbeen walbira qabamee yeroo ilaalamu kuma 20n caalmaa akka qabu dubbatan.
Waliigalaan, akka ibsa ministirichaatti barattootni saayinsii uumamaa dhibbantaa 16.6, barattootni saayinsii hawaasaa dhibbantaan 8.3 qabxii darbiinsaa fiduun yunivarsitii seenuusaanii mirkaneeffatanii jedhan.
Naannoleefi magaalota dhibbantaa barattoota dabarsuu isaaniis ibsaniiru. Haaluma kanaan magaalaan Finfinnee 32.2, Hararii 22.67, Affaar 15.6, Amaaraa 15.56, Oromiyaa 10.53, Itoophiyaa Jiddugaleessaa 9.23, Dirree Dhawaa 11.29, Tigraay 11.2, Somaalee 9.2, Sidaamaa 6.95, Beenishaangul Gumuz 6.12, Itoophiyaa Kibbaa 5.82, Itoophiyaa Kibba Lixaa 4.92 fi Gambeellaa 3.74 dabarsaniiru. | 4 950 |
| 18 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 1 514 |
| 19 | ❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️
Shaakallii Qormaata Seensaa MBBA fi MBA
BBO - Hagayya 22/2018 Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Bara 2019 Kutaa 9ffaa Galuuf Qormaata Seensaa Hagayya 26/2018 '#Online'n Kennamu Fudhachuuf Qophiirra Jirtan Hundi, #Qormaatni_Shaakalaa Liinkii Asii Gadii Irratti Waan Gad-dhiifameef Liinkicha Bantanii Akka Shaakaltan Isin Beeksifna. Waajjirri Barnootaa Godinaa, Bul/Magaalaa, Aanaalee, Manneen Barnootaafi Ogeessottni ICT sadarkaan jiran, ogeessotni giddu gala qormaataa (#CBT - Centers) maatiin, barsiisotni akkuma kanaan duraa barattootaa qormaaticha shaakalaa gad-dhiifame akka shaakan deeggarsa barbaachisaa ta'e akka taasiftaniif dhaamsa dabarsaa qormaata shaakalaa kana kompitaraan, taableetiin, bilbila ismaartiin(smart phone) irrattis shaakaluun ni dandeessu. Liinkichi kan banamu :- #Bakka "User Name" jedurratti Lakkoofsa Galmee/(#Registration_Number) keessan galchaa; #Bakka "Password" - Lakkoofsota - 123456 galchaa! Lakk. 123456 barataa hundaaf #Password ta'ee tajaajila.
Liinkii :-https://exam.oeb.gov.et/
✅Warronni Entrance keessan ammayyuu hin ilaallanne fi akkasumaas komii dhiyeeffachuu barbaddaam link kana gadii tuquun ergadhaa👇👇
🟢🟢🟢🟢🟢🟢🟢🟢🟢
https://t.me/mysearch?start=hRR3RMK0ZWc1R8fPhl7CeQjtUo5JURAwyrZDaLMP-mM
🟢🟢🟢🟢🟢🟢🟢🟢🟢🟢
JOIN 👇👇
https://t.me/mysearch?start=hRR3RMK0ZWc1R8fPhl7CeQjtUo5JURAwyrZDaLMP-mM
📱 Share and Join our channel
https://t.me/BirooBarnootaOromiyaa2
https://t.me/BirooBarnootaOromiyaa2 | 4 804 |
| 20 | Ultimate Telegram Search Bot! Instantly find groups, channels, movies, news, chat messages👇 | 86 |
