ru
Feedback
FOCUS KITTOO FURDISA

FOCUS KITTOO FURDISA

Открыть в Telegram

...................FOCUS KITTO FURDISA............... Welcome to the official Telegram channel of FOCUS Ministry – Jimma University (JIT) Kitto Furdisa Branch. FOCUS KITTO FURDISA 💳 CBE ACCOUNT :1000197541974  

Больше
1 226
Подписчики
Нет данных24 часа
+87 дней
+1930 день

Загрузка данных...

Облако тегов
Нет данных
Возникли проблемы? Пожалуйста, обновите страницу или обратитесь к нашему support-менеджеру .
Входящие и исходящие упоминания
---
---
---
---
---
---
Привлечение подписчиков
июль '26
июль '26
+25
в 0 каналах
июнь '26
+15
в 0 каналах
Get PRO
май '26
+22
в 0 каналах
Get PRO
апрель '26
+49
в 0 каналах
Get PRO
март '26
+30
в 0 каналах
Get PRO
февраль '26
+15
в 0 каналах
Get PRO
январь '26
+12
в 0 каналах
Get PRO
декабрь '25
+44
в 0 каналах
Get PRO
ноябрь '25
+116
в 0 каналах
Get PRO
октябрь '25
+93
в 0 каналах
Get PRO
сентябрь '25
+23
в 0 каналах
Get PRO
август '25
+14
в 0 каналах
Get PRO
июль '25
+15
в 0 каналах
Get PRO
июнь '25
+7
в 0 каналах
Get PRO
май '25
+30
в 1 каналах
Get PRO
апрель '25
+74
в 0 каналах
Get PRO
март '25
+66
в 0 каналах
Get PRO
февраль '25
+14
в 0 каналах
Get PRO
январь '25
+74
в 0 каналах
Get PRO
декабрь '24
+8
в 0 каналах
Get PRO
ноябрь '24
+36
в 0 каналах
Get PRO
октябрь '24
+28
в 0 каналах
Get PRO
сентябрь '24
+14
в 0 каналах
Get PRO
август '24
+13
в 0 каналах
Get PRO
июль '24
+13
в 0 каналах
Get PRO
июнь '24
+14
в 0 каналах
Get PRO
май '24
+32
в 0 каналах
Get PRO
апрель '24
+19
в 0 каналах
Get PRO
март '24
+21
в 0 каналах
Get PRO
февраль '24
+38
в 1 каналах
Get PRO
январь '24
+57
в 0 каналах
Get PRO
декабрь '23
+103
в 0 каналах
Get PRO
ноябрь '23
+22
в 0 каналах
Get PRO
октябрь '23
+26
в 0 каналах
Get PRO
сентябрь '23
+3
в 0 каналах
Get PRO
август '23
+6
в 0 каналах
Get PRO
июль '23
+5
в 0 каналах
Get PRO
июнь '23
+13
в 0 каналах
Get PRO
май '23
+5
в 0 каналах
Get PRO
апрель '23
+23
в 0 каналах
Get PRO
март '23
+22
в 0 каналах
Get PRO
февраль '23
+4
в 0 каналах
Get PRO
январь '23
+11
в 0 каналах
Get PRO
декабрь '22
+5
в 0 каналах
Get PRO
ноябрь '22
+7
в 0 каналах
Get PRO
октябрь '22
+1
в 0 каналах
Get PRO
сентябрь '220
в 0 каналах
Get PRO
август '22
+4
в 0 каналах
Get PRO
июль '22
+11
в 0 каналах
Get PRO
июнь '22
+24
в 0 каналах
Get PRO
май '22
+25
в 0 каналах
Get PRO
апрель '22
+14
в 0 каналах
Get PRO
март '22
+9
в 0 каналах
Get PRO
февраль '22
+8
в 0 каналах
Get PRO
январь '22
+30
в 0 каналах
Get PRO
декабрь '21
+35
в 0 каналах
Get PRO
ноябрь '21
+1
в 0 каналах
Get PRO
октябрь '210
в 0 каналах
Get PRO
сентябрь '21
+4
в 0 каналах
Get PRO
август '21
+4
в 0 каналах
Get PRO
июль '21
+11
в 0 каналах
Get PRO
июнь '21
+3
в 0 каналах
Get PRO
май '21
+326
в 0 каналах
Дата
Привлечение подписчиков
Упоминания
Каналы
12 июля+1
11 июля+1
10 июля+1
09 июля+1
08 июля+3
07 июля+1
06 июля+2
05 июля+5
04 июля+1
03 июля+3
02 июля+1
01 июля+5
Посты канала
🔊Christology Continuous Teaching #Part4 Nagaan Waaqayyoo siniif haa baayyatu. Audion barumsa #Christology #part4 kana fakkaata. Hordofaa akkasumallee hiriyyoota keessaniif share godhaa. Deebii Hojii manaa akkasumas yaada keessan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

2
📝 Homework 1.Ragaa Macaafa Qulqulluu keessaa wantoota sadii Yesuus akka nama seenaa dhugaa ta'e mirkaneessan ibsi. Fakkeenya caqasaa Macaafa Qulqulluu wajjin barreessi. 2.Maqaa barreessitoota seenaa alaa (Extra-Biblical Sources) keessaa lama barreessi. Tokkoon tokkoon isaanii waa'ee Yesuus maal akka barreessan gabaabinaan ibsi. 3.Mala qorannoo seenaa armaan gadii ibsi. Multiple Attestation Embarrassment Criterion 4.Namoonni "Yesuus hin turre; myth qofa dha" jechuun maal jedhu? Kiristiyaanonni yaada kanaaf deebii akkamii kennu? Ragaa seenaa irratti hundaa'uun ibsi.
34
3
Har'a qorattoonni seenaa hedduun—amantii isaanii irraa walaba ta'anii—Yesuus Naazireet nama seenaa keessatti dhugumaan jiraate jechuun walii galu. Mariin guddaan "Yesuus jiraate moo hin jiraanne?" irratti osoo hin taane, "Eenyu ture?" fi "Maal barsiise?" irratti xiyyeeffata. 2. ⏳ Oduun Durii (Myth) Yeroo Dheeraa Keessatti Guddatta Myth baay'een yeroo dheeraa keessatti dhalata; dhaloota hedduu booda namoonni odeeffannoo dabarsuudhaan guddatu. Garuu Kiristiyaanummaan akkas miti. Yesuus erga du'ee waggoota muraasa keessatti lallabamuu jalqabe. Ragaan amantii jalqabaa fi xalayoonni ergamootaa yeroo gabaabaa keessatti barreeffaman. Namoonni yeroo sana jiraatan wantoota kana sakatta'uu danda'u turan. Kanaaf, seenaa Yesuus yeroo dheeraa booda akka myth uumame jechuun ragaa seenaa wajjin salphaatti hin walsimu. 3. 📜 Taateewwan Seenaa Yeroo Sanaatti Beekaman Turan Du'aa fi fannifamuun Yesuus taateewwan yeroo isaanii keessatti raawwataman turan; namoonni yeroo sana jiraatan isaan ni beekan. Oduu sobaa ta'ee utuu ta'ee, namoonni yeroo sana salphaatti mormuu danda'u turan. Xumura Kanaaf, yaadni "Yesuus oduu durii (myth) qofa" jedhu qorannoo seenaa ammayyaa keessatti deeggarsa cimaa hin qabu. Ragaan Macaafa Qulqulluu, ragaan barreessitoota alaa, fi haalli seenaa jaarraa 1ffaa walitti qabamanii Yesuus akka nama seenaa keessatti dhugumaan jiraate akka ta'e ni deeggaru. Garuu kun ofumaan claim amantii hunda (fakkeenyaaf du'aa ka'uu isaa) seena-qofa irraa mirkaneessa jechuu miti; qorattoonni seenaa fi amantii dhimma sana karaa adda addaatiin ilaalu. 6️⃣ 🌍 Yesuus Haala Seenaa Isaa Keessatti (Jesus in His Historical Context) Yesuus yeroo seenaa keessatti ifatti beekamu keessa jiraate. Innis: 🏛 Falasxiin jaarraa 1ffaa keessa jiraate. ⚔️ Bulchiinsa Mootummaa Roomaa jala ture. 📖 Bara Mana Qulqullummaa Lammaffaa (Second Temple Period) keessa barsiisaa fi lallabaa ture. 👥 Namoota yeroo sanaa waliin wal qunname Wangeelonni Yesuus namoota fi gareewwan yeroo sanaa beekamoo ta'an waliin wal arguusaa ibsu. ⛪️ Fariisota 🏛 Saduuqota ⚔️ Bulchitoota Roomaa 👥 Uummata Yihuudaa 💰 Warra gibira walitti qaban 🏺 Luboota fi barsiisota seeraa Kunis Wangeelonni haala seenaa jaarraa 1ffaa sirriitti akka calaqqisiisan agarsiisa. 7️⃣ 📌 Wantoota Ogeeyyiin Seenaa Hedduun Irratti Walii Galan Amantii isaanii kiriistaana ykn kiristaana ta'u baatus , qorattoonni seenaa baay'een wantoota armaan gadii irratti walii galu. ✔️ Yesuus nama Naazireet nama seenaa keessatti jiraate. ✔️ Barsiisaa Yihuudootaa fi lallabaa ture. ✔️ Bartoota qaba ture. ✔️ Yohannis Cuuphaan akka cuuphame. ✔️ Bara Pontiyos Philaaxoos keessatti akka fannifame. ✔️ Ergamoonnii fi hordoftoonni isaa Yesuus du'aa ka'uu isaa akka amananii fi ergaa kana akka lallaban. 8️⃣ ✝️ Hubannoo Kiristiyaanaa Kiristiyaanummaan seenaa irratti hundaa'e jechuun, hojii Waaqayyoo seenaa keessatti raawwate amanaama akka ta'e amanudha. ✝️ Yoo Yesuus hin jiraanne ta'e, Kiristiyaanummaan bu'uura hin qabaatu. ✝️ Yoo Yesuus hin fannifamne ta'e, araarri cubbuu hin raawwatamu. ✝️ Yoo Yesuus du'aa hin kaane ta'e, abdii fayyinaa fi du'aa ka'uu hin jiru. 📖 Akkuma Phaawulos jedhe: "Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu.” — 1Qor. 15:14 Kanaaf amanttin keenyaa seenaa keessatti hojii Waaqayyoo raawwate irratti kan hundaa'e dha "Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos humna isaa fi deebi'ee dhufuu isaa isin beeksisuuf, nuyi surraa guddina isaa ija keenyaan arginee beeksifne malee, mammaksa ogummaadhaan yaadame duukaa buune miti." — 2 Pheexiroos 1:16 📌 Cuunfaa (Summary) Ragaan Macaafa Qulqulluu fi ragaan seenaa alaa walitti qabamee yoo ilaalamu: ✅ Yesuus Naazireet nama seenaa keessatti dhugumaan jiraatedha. ✅ Inni barsiisera, bartoota kan qabu ture, fi bara Pontiyos Philaaxoos keessatti fannifame. ✅ Ergamoonni fi Kiristaanonni jalqabaa Yesuus du'aa ka'uu isaa akka amananii fi addunyaattiakka lallaban. ✅ Kiristiyaanonni ammoo Yesuus dhugumaan du'aa ka'e jechuun amanu; kun bu'uura amantii Kiristiyaanaa ti.
26
4
Maarqos,Maatewos,Luqaas,Yohannis (indirectly) Kanaaf ragaa cimaadha b) 😳 Mala Embarrassment (Ulaagaa Qaanii) Embarrassment Criterion jechuun, yoo seenaa tokko namoota barreessan ykn garee isaanii kan qaanessu ta'e, seenaa sun sobaan uumamee barreefamuun isaa baay'ee kan nama amansiisuu mitii. Namni tokko yeroo baay'ee wanta isa salphisu ykn isa qaanessu dhoksuuf yaala; of ol kaasuu malee of gadi buusu hin barbaadu. Kanaaf, namni seenaa isaaf hin taane ykn isa qaanessu sobaan uumee barreessuun faayidaa isaaf hin qabu. Yoo seenaa akkasii barreesse, seenaa sun dhugumaan waan raawwatameef barreesse ta;a. Fakkeenya Kiristaanota Jaarraa Jalqabaa Kiristaanonni jalqabaa fannifamuun Yesuus yeroo sana akka mallattoo qaanii, gowwummaa fi abaarsaattii akka ilalamu ni beeku turee. Aadaa Roomaa keessatti fannifamuun adabbii yakkamtootaa fi garbootaaf kennamu ture; Yihuudota birattis namni muka irratti fannifame abaaramaadha (Keessa Deebii 21:22–23; Galaatiyaa 3:13). Ta'us, isaanii biratti seenaa kana dhoksuu ykn jijjiiruun salphaa ture. Garuu akkas hin goone. Dhugaa isaanii jechuunis Yesuus fannifame jedhani labsan. Kun isaaniif ulfina hin fidne; qooda kanaa qaanii, ari'atamaa fi mormii fide. Kanaaf, seenaa isaan nuuf barreessan sobaan uumame jechuun baay'ee rakkisaa dha. Fakkeenyoota Qaanii Macaafa Qulqulluu Keessatti Macaafni Qulqulluun wantoota gaarii qofa kan of keessatti qabate miti; dogoggoraa fi hanqina namoota Waaqayyoo illee ifatti ibsa. Fakkeenyaaf: Yihuudaan Yesuusiin ganee dabarse kennuu isaa . Pheexros Yesuusiin yeroo sadii ganee . Toomaas du'aa ka'uu Yesuus shakke. Mariyaam Magdalaa Yesuus waliin wal arguudhaan dura hafuura hamaa torba irraa bilisa baafamte. Deemaas Biyya lafaa jaallatee Phaawuloosin dhiise (2 Ximotewos 4:10). Yohannis Cuuphaan amanamummaa isaatiin mataan isaa irraa murame. Yoo barreessitoonni seenaa isaanii sobaan uumaa ta'an, wantoota isaan qaanessan kana barreessuun isaanii hin eegamu ture. Isaan of isaanii akka gootota mudaa hin qabneetti agarsiisuu danda'u turan. Garuu kana hin goone. Xumura Embarrassment Criterion irraa hubachuun kan danda'amu: Kiristaanonni jaarraa jalqabaa wantoota of isaanii qaanessan sobaan hin uumne; yoo barreessan, sababni guddaan isaanii wantoonni sun dhugumaan waan ta'aniifidha. Kanaaf, fakkeenyonni akka fannifamuu Yesuus, ganuu Pheexroos, fi gantummaa Yihuudaa qorannoo seenaa keessatti dhugummaa isaanii deeggaruuf ragaa cimaa keessaa tokko ta'anii ilaalamu. Garuu ulaagaan kun kophaa isaa murtii xumuraa hin kennu; ragaa seenaa biroo wajjin walbira qabamee ilaalama. c) 🌍 Haala Seenaa (Historical Context) Historical Context jechuun, seenaa tokko yeroo, bakka, mootummaa, aadaa fi haala hawaasaa yeroo sanaa wajjin wal simuu isaa qorachuudha. Yoo seenaa tokko haala seenaa yeroo sanaa waliin wal hin simne, amanamummaan isaa ni hira'ataa. Wangeelonni fi Macaafni Qulqulluun yeroo baay'ee haala mootummaa Roomaa fi hawaasa Yihuudaa jaarraa 1ffaa sirriitti calaqqisiisu. Fakkeenyoota 🏛 Mootummaa Roomaa jalatti bulchiinsa ture. 👑 Heroodis Guddichi, Pontiyos Philaaxoos, fi luboonni guguddoon akka Hannaa fi Qayyaafaas seenaa keessatti namoota dhugaa turan. 💰 Gibirri Roomaaf kaffalamu, loltoonni Roomaa, fi sirni fannifamuu yeroo sana ni beekamu. ✡️ Aadaan Yihuudotaa, mana qulqullummaa, Fariisotaa, Saduuqota, fi hojii isaanii haala seenaa yeroo sanaa wajjin wal sima. Kanaaf, wantoonni Wangeelota keessatti ibsaman baay'een isaanii haala seenaa Roomaa fi Yihuudaa jaarraa 1ffaa waliin wal simatu. 5️⃣ ❌ Yaada "Myth Theory" (Yaada Yesuus Oduu Sobaa Qofa Jedhu) Namoonni tokko tokko akkas jedhu: ❌ "Yesuus jechuun nama seenaa miti." ❌ "Inni akka waaqolii Giriikii oduu durii (myth) keessaa tokko qofa." 👉 Deebii 1. 🧠 Hayyoonni Seenaa Hedduun Yesuus Seenaa Keessatti Jiraachuu Isaa Fudhataniiru
23
5
.....📖 Christology Continuous Teaching  #Part4: THE HISTORICAL JESUS (Yesuus Seenaa Keessatti ) Kutaan kun gaaffii kana irratti xiyyeeffata: 👉 Yesuus dhugumaan nama seenaa keessatti jiraate moo yaada amantootaa keessa qofa keessatti kan uumamedha? Nu'i immoo ragaa Macaafa Qulqulluu 📖 fi ragaa alaa (non-biblical sources) 🏛 ilaaluun Yesuus akka nama seenaa dhugaa qabu ykn waggaa 2000'n dura lafa irra jiraateru mirkaneessina. 1️⃣ Barbaachisummaa Yesuus Seenaa Keessatti Beekuu Yesuus seenaa keessatti hubachuun wantootaa armaan gadiif nu gargaara: · 🙏 Amantii Kiristiyaanaa shakkitoota irraa ittisuu · 🔍 Dhugaa fi seenaa addaan baasuu Wantoota baroota keessatti umamanii fi Myth ykn oduu durii namoota addaan baasuu · 📖 Kiristiyaanummaan akka seenaa dhugaa irratti ijaarame hubachuu · 💪 Amanannaa Wangeelaa cimsuu 👉 Kiristiyaanummaan yaada qofa irratti hin hundoofne, seenaa dhugaa irratti hundaa’a malee 2️⃣ 📖 Ragaan Macaafa Qulqulluu Yesuus Seenaa Keessatti Jiraachuu Mirkaneessu Kakuu Haaraan Yesuus akka nama yeroo fi bakka murtaa’aa keessa nama jiraate akka ta'e hubanna a) Bakka dhalootaa beekamaati dhalate · Beetliheem 🏠 (Luqaas 2:4–7) · Bara mootummaa Qeesar Aagusutus 👑 b) 👤 Namoota bara sanaa waliin maqaan isaa kaafameera · Heroodis Guddicha 👑 · Pontiyos Philaaxoos 🏛 · Yohannis Cuuphaa 💧 · Qayyaafaa Lubicha Olaanaa ⛪️ namoonni kun seenaa keessaa jiraachuun isaanii beekamaadha 👉 Kun hundi ragaa seenaan mirkaneeffamuu kan danda’anidha. c) 📢 Tajaajila Yesuus uummata duratti · Mana sagadaa keessatti barsiise ⛪️ · Galiilaa fi Yihuudaa keessa deddeebi’e 🚶 · Bartoota walitti qabe barsiisee 👥 · Milikkita (miracles) raawwate ✨ · Bara Mootummaa Roomaa fannifame ✝️ d) ✝️ Fannifamuu Yesuus · Seenaa durii keessatti ragaa cimaa qaba kan jechuun bara sana keessaa akka yesuus fanifametti namoonni fannifamaniiru · Wangeelota afran keessatti barreefameera 📖 · Sirna murtii Roomaa keessatti nama fannisuun beekamaa ture 🏛 3️⃣ 🏛 Ragaa Alaa (Extra-Biblical Evidence) Ragaa namoota Kiristiyaana hin ta’in illee Yesuus waggaa kuma 2000 lafa irraa akka ture ni mirkaneessu: 🏛 1. Tacitus (Seena Roomaa) · “Christus” jechuun maqaa Yesuus akka ture dubbata · bara  Philaaxoos ajjeefamuu isaa ibsa 👉 Fannifamuu yesuus fi fannifamuu isaa keessaatti hirmaannaa Roomaa mirkaneessa ✝️ 🏛 2. Josephus (Seenaa Yihuudotaa) · Yesuus barsiisaa ogeessa jechuun ibsa 📖 · Bara Philaaxoos fannifamuu isaa ibsa ✝️ · Du’a booda hordoftoonni isaa itti fufani jedhee dubbata 👉 kun ragaa seenaa cimaa keessaa isa tokko 🏛 3. Pliny the Younger · Kiristiyaanonni Kiristoosiin akka Waaqatti akka waaqeffatan dhugaa ba'a🙏 · Sirna waaqeffannaa isaanii barreesseeraa 🏛 4. Suetonius · Rakkoo Roomaa keessatti maqaa “Chirst” jedhu waamuu nama irraan ga'u dubbata 👉 Xumura: Ragoonni Kiristiyaana hin ta’in illee Yesuus akka nama seenaa keessa Ture akka ta'e ni mirkaneessu ✨ 4️⃣ 📊 Mala ittiin Seenaan Ibsamu (Historical Methods) Seenaa namoonni barreessan mala/tooftaa kanan gadii fayyadamu: a) 🔁 Ragaa hedduu (Multiple Attestation) Multiple Attestation jechuun: Yoo dubbii ykn hojii Yesuus tokko madda adda addaa irraa walabaan (independent sources) keessatti argame, seenaa dhugaa ta'uun isaa caalaatti amanamaa ta'a. · Wanti tokko ragaa hedduu keessatti yoo argame dhugaa ta’a Kun jechuun: Maddii tokko qofa osoo hin taane Maddoota walaba ta'an hedduu keessatti yoo argame Ragaa isaa ni jabaata. Maaliif barbaachisaa? Namni tokko seenaa sobaa uumuun ni danda'ama. Garuu: Maddoonni garaagaraa Bakka garaagaraatti Yeroo garaagaraatti wantuma tokko yoo dubbatan, Carraan soba ta'uu isaan ni xiqqaata. Fakkeenya 1. Yesuus Fannifamuu Kan keessatti argamu: Maatewos,Maarqos,Luqaas,Yohannis,Xalayaa Phaawuloos,Josephus,Tacitus Kana jechuun Maddii hedduu irraa mirkanaa'e. Kanaaf seenaa cimaadha. 2. Cuuphamuu Yesuus Argama:
33
6
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART4 🔻Yesuus Seenaa Keessatti. Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART4 🔻Yesuus Seenaa Keessatti. Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe. Ibroota 1:2 🤝Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii Gooftaa? 🔹️Akkuma beekamu torbee darbe barnootni walitti fufaan mata-dureen isaa"Christology" jedhuun karaa channel kanaa darbaa jira. 🔹️Maarree kutaa 4ffaan guyyaa har'aa galagala mata duree xiqqaa "#Yesuus Seenaa Keessatti " jedhuun itti fufee jira. 🔸️Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu. 📌Hubachiisa: Barumsi kuni audio fi barreeffaman qophaa'ee jira. 📆Guyyaa: Dilbata(12-11-2018EC) ⏰️ Sa’aatii: 1:00 galgala (LT) 📍 Channel: @Focus_jit Telegram ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
123
7
🔊Christology Continuous Teaching #Part3 Nagaan Waaqayyoo siniif haa baayyatu. Audion barumsa #Christology #part3 kana fakkaata. Hordofuu keessan beekuudhaaf react gochuu hin dagatiinaa. 👍❤️🥰 ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
315
8
Kes. 18:15 ·  4️⃣ 🌍 Masii Dhumaa / Apocalyptic · Murtii fi haaromsa dhumaa kan fidu (Daani’eel 7:13–14) 5️⃣ ✝️ Raawwii Eegama Masichaa Yesuu masii isa isaan abdatanidha garuu karaa isaan yaadan mitii kan inni dhufe 📖 Eegama Kakuu Moofaa fi ✝️ Raawwii Isaa Kiristoos Keessatti 👑 Mootii Daawit → Kiristoos Mootii Moototaa dha. 😔 Garbichi Dhiphatu → Kiristoos fannoo irratti rakkatee du'e; raajiin Isaayyaas 53 keessatti dubbatame ni raawwate. 📢 Raajii → Kiristoos Dubbii Waaqayyoo isa guutuu fi isa mudaa hin qabne dha. ⛪️ Luba → Kiristoos Lubicha Ol'aanaa bara baraa dha. 🌍 Fayyisaa → Kiristoos cubbuu fi du'a irraa   bara baraan nu fureeraa .   6️⃣ 🧠 Hiika og-waaqummaa a) 🔗 Walitti fufinsa (Continuity) yesuus akkamsumaan/ akka carraa  kan dhufe osoo hin taane yaada waaqayyoo keessaa kan jiru, yeroo keessa kan mul'ifamedha. · Inni karoora Waaqayyoo duraan turedhaa  ✨ b) ✝️ Naasuu Fannoo ·Masiin humnaan osoo hin taane, dhiphinnaan dhufe lafa raasaa osoo hin taane, kan gad ofdeebise ture bifa moototaa osoo hin taane, bifa garbaa qabaate c) 🌍 Fayyina Addunyaa · Eebbi saba hundatti babal’ata 🌎 🧠 📖“Innis macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.” — Luq. 24:27 ✝️  📝 Hojii Manaa (Homework) 1️⃣📖 Raajiiwwan Kakuu Moofaa keessaa yoo xiqqaate afur (4) waa'ee Masiihichaakan dubbatan barreessi; akkasumas Yesuusin akkamitti akka ibsu ibsi. 2️⃣✍️ Maqoonni "Masii", "Ilma Daawit", "Ilma Namaa", fi "Kiristoos" jedhaman maal jechuudha? Hiika isaanii fi barbaachisummaa isaanii gabaabinaan ibsi. 3️⃣🤔 Maaliif Yihudoonni baay'een Yesuus Masiihicha ta'uu isaa fudhachuu didan? Yoo xiqqaate sababoota sadii (3) barreessi; caqasoota Macaafa Qulqulluu deeggaraniinis ibsi. 4️⃣📖 Akka Luqaas 24:27 irratti Yesuus ibsetti, Kakuu Moofaan akkamitti gara Kiristoositti akeeka? Fakkeenya lama (2) Macaafa Qulqulluu irraa fudhachuun ibsa kee barreessi. ✝️“Innis macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.” — Luq. 24:27
269
9
.....📖 Christology Continuous Teaching #Part3: ✝️ Abdachiifamuu Masicha Kakuu Moofaa Keessatti Kakuu Moofaan wa’ee  Yesuus  raajii  qofa kan   dubbatu mitii  , garuu karoora fayyinaa waaqayyoo namootaa hundumaaf karaa masichaa qopheessaa adeemsaa keessaa caalatii namootatti mula’isaa adeemuu isaa kan mul'isudha 👉 Masichi Israa’el qofaaf osoo hin taane 🌍 addunyaa guutuuf karaa fayyinaa kan ta’udha. 1️⃣ Hiika “Masii” (Messiah) Jechi Masii jedhu Afaan Ibrootaa keessaa Mashiach irraa dhufe, hiika isaa: 👉 “Kan Dibame” (Anointed One) Afaan Giriikiitti 👉 Christos (Kiristoos / Christ) jedhama ✝️ 🛢 dibanni Kakuu Moofaa keessatti itti in fayyadamama ture: 👑 Moototaaf “Kana irratti Saamu'el qodaa gaanfaa dhadhaa ejersaa qabu sana fuudhee, Daawitin obboloota isaa gidduutti in dibe; gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe; Saamu'el immoo Raamaatti in deebi'e.” 1Sam. 16:13 ·  ⛪️ Lubootaaf “Dhadhaa ittiin dibdu fuudhii, mataa isaa irratti dhangalaasii isa dibi!” Bau. 29:7 📢 Raajotaaf “Akkasumas immoo Yehuu ilma Niimshaayi dibiitii Israa'el irratti isa moosisi! Si booddeedhaan raajii akka ta'utti iddoo 'Abeel Meholaa' jedhamuu immoo, Elsaa'i ilma Shaafaax dibi!” — 1Mot. 19:16 👉 Kanaaf Masichi haala armaan gadiin  eegama ture: · 👑 Mootii akka Daawit mo'u · ⛪️ Luba giddugaleessa ta’e (Waaqaa fi nama gidduutti araara kan buusu) · 📢 Raajii dhugaa Waaqayyoof dubbatu 2️⃣ Abdachiifamuu Masichaa a) 📖 Abdii Jalqabaa (Uumama 3:15) “Dubartittiidhaan immoo, "Yeroo ati ulfooftutti ani rakkina kee guddaa nan baay'isa; ciniinsuudhaanis mucaa in deessa, kana keessaa immoo abbaa manaa kee in hawwita, innis aboo si irratti in qabaata" jedhe.” — Uma. 3:16 · Sanyiin dubartii irraa kan dhalatu Seexana akka mo’uu  · Kun mallattoo Fayyisaa dhufuuf jiru jalqabaa ture 👉 Kun Protoevangelium jedhama (Wangeela jalqabaa ✨) b) 📖 Abdii Abrahaam (Uumama 12:3) “Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu" jedhe.” — Uma. 12:3 · Saboonni hundinuu karaa isaa  ni eebbifamu 🌍 lagaan, gosaan,bifaan osoo hin foo'iin, nama hundaaf abdiin akka jiru nutti mul'isa 👉 Masichi eebba addunyaa guutuu waliin walqabata, Israa’elif qofa miti ❗️ c) 📖 Kakuu Daawit (2 Saamu’eel 7:12–16) · Sanyiin Daawit irraa mootummaa bara baraa akka hin dhibamne ni dubbata · Mootummaan isaa gonkumaa dhuma kan hin qabne 👉 Kun Mootii bara baraa hiddaa daawiit keessaa ba’uuf akka jiru mul’isaa d) 📖  Raajii 📖 Isayyaas 9:6–7 · Mucaan akka dhalatu ni dubbata “Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.” — Isa. 9:6 👉 Eenyummaa mootummaa fi Waaqummaa cimaa ibsa 📖 Isayyaas 53 · Garbicha dhiphatu,rakkatu, adabamu fi dabarfamee kennamu dubbata · Cubbuus kan baatu✝️ 👉 Masichi Mootii qofa osoo hin taane, Fayyisa dhiphina namoota of irra kaa'u akka ta’e dubbata 📖 Miikiyaas 5:2 “Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa'elin kan mo'u tokko si keessaa anaaf in ba'a; hundeen isa si keessaa ba'uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti.” — Mik. 5:2 · Beetliheem keessatti akka dhalatu kan dubbatudha · Ka’umsi isaa bara duraa irraa dhufe ykn eternal akka ta'e dubbata 3️⃣ karaalee Masichi itti eegamee / akkamiin eegamaa ture 1️⃣ 👑 Masii Mootummaa (Royal Messiah) · Sanyii Daawit irraa · Mootummaa Israa’el deebisa jedhamamee abdatamu 2️⃣ ✝️ Masii Luba ta’e · Cubbuuf aarsaa kan dhiyeessuu, balleessaa namootaaf waaqayyoo dura kan dhaabatu. · Araara kan fidu (Isayyaas 53) 3️⃣ 📢 Masii Raajii ta'e Dubbii Waaqayyoo kan labsu , waaqayyoo irraa fuudhee kan saba gaggeessuu,barsiisuu fi karaa irra kan buusuu “Waaqayyo gooftaan keessan isin gidduudhaa, obboloota keessan keessaa, raajii akka kootii isiniif in kaasa; isin isaaf dhaga'aa!”
213
10
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART3 🔻Abdachiifamuu Masicha Kakuu Moofaa Keessatti “Innis macaafa Musee fi macaafota raaj
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART3 🔻Abdachiifamuu Masicha Kakuu Moofaa Keessatti “Innis macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.”   — Luq. 24:27 🤝Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii Gooftaa? 🔹️Akkuma beekamu torbee darbe barnootni walitti fufaan mata-dureen isaa"Christology" jedhuun karaa channel kanaa darbaa jira. 🔹️Maarree kutaa 3ffaan guyyaa har'aa galagala mata duree xiqqaa "#Abdachiifamuu_Masicha_Kakuu_Moofaa_Keessatti " jedhuun itti fufee jira. 🔸️Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu. 📌Hubachiisa: Barumsi kuni audio fi barreeffaman qophaa'ee jira. 📆Guyyaa: Roobii(1-11-2018EC) ⏰️ Sa’aatii: 1:00 galgala (LT) 📍 Channel: @Focus_jit Telegram ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
227
11
Karoorri Waaqayyoo bilisummaa siyaasaa irra gadi fagoo ture 🙏: 🏛 Roomaa jalaa bilisa ba’uu qofa miti 😔 Saba cubbuu fi du’a jalaa bilisa baasuu ture 👉 Eeggannoo isaanii guute garuu gara biraatti raawwate: 🌍 Mootummaa = Hafuuraa + Bara baraa ✝️ Mo’icha = Fannoo irratti 📖 “Barichi raawwatameera, mootummaa Waaqayyoos dhi’aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!” — Mar. 1:15 ✨ 📚✝️ Hojii Manaa – Kiristoolojii (Kutaa 2: Duubee/Background Yihudummaa Yesuus) 📝 Qajeelfama: Gaaffilee armaan gadii hunda deebisaa. Deebii keessan Macaafa Qulqulluu irratti hundeessaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 1️⃣ Duubbee Yihuudummaa Yesuus 📖 ❓ Kiristoolojii yeroo qorattan, duubbee Yihuudummaa Yesuus hubachuun maaliif barbaachisaa dha? ✅ Deebii keessan gabaabinaan barreessaa. 📖 Lakkoofsa Macaafa Qulqulluu tokkoo ol fayyadamuun deggersa kennaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 2️⃣ Gareewwan Yihuudotaa 🏛 Yeroo Yesuus keessa gareewwan Yihuudotaa gurguddoo turan keessaa armaan gadii ibsaa: 📌 Fariisota (Pharisees) 📌 Saduuqota (Sadducees) 📌 Eseensota (Essenes) 📌 Zilootota (Zealots) ✍️ Tokkoon tokkoon garee kanaa amala isaanii isa ijoo tokko barreessaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 3️⃣ Eeggannoo Masichaa 👑 ❓ Yihuudonni jaarraa jalqabaatti Masii irraa maal eegaa turan? ❓ Yesuus immoo eeggannoo isaanii akkamitti raawwate, garuu karaa isaan eegan irraa akkamitti adda ture? ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 4️⃣ Qo'annoo Kakuu Moofaa 📖✨ 📖 Daani'eel 7:13–14 fi Isaayyaas 53 dubbisaa. ✍️ Kutaan lamaan kun walitti dhufanii ulfina (kabaja) fi rakkina Masichaa akkamitti akka mul'isan ibsaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🙏 Waaqayyo qo'annoo keessan haa eebbisu! 📖✨ Deebii keessan @MILKAN19 irratti ergaa. PART 3ffaan ITTI FUFA.......... ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
406
12
.....📖 Christology Continuous Teaching ✝️ Part 2: Background Yesuus fi ilaalchaa Yihuudoni isaaf qaban 📖 Yaada Bu’uuraa Waa’ee Isaa sirriitti hubachuuf, jalqaba 👣 Yihuudota Inni keessatti dhalate isaaniin beekuu qabna. Inni tasa bakka duwwaatti hin dhala’anee ❌. Inni kan dhufe uummata Macaafaa Qulqulluu 📖, kakuu 🤝, abdii qabuu fi bittaa Roomaatiin gidirfamaa ture gidduutti dhalatee 🏛. 1️⃣ Bu’uura Kakuu Moofaa fi Abdii Masichaa Hawwiin eeguu Yihuudotaa fi abdii isaan Masichaa irratti qaban guutummaatti Kakuu Moofaa irratti kan ijaarame ture 📜: 📌 Bu’uuraalee ijoo: 📖 Uumama 3:15 → Waadaa fayyisaa dhufuuf jiru 📖 Uumama 12:3 → Sanyii Abrahaamiin saboota hundaaf eebba ta’uuf akka jiru 📖 2 Saamu’eel 7:12–16 → Mootummaa Daawit kan bara baraa ta’uu isaa 📖 Isayyaas 9:6–7 → abdachiifamuu mucichaa 📖 Isayyaas 53 → Rakkina Masichaa irra ga’uuf jiru 📖 Daani’eel 7:13–14 → Ilma Namaa isa aangoo bara baraa fudhatu 👉 Bu’aan: Israa’el Mooti dibamaa (Masichaa) 👑 kan bulchiinsa Waaqayyoo deebisee dhaabu ni eeggatti ture. 2️⃣ Hiika "Masii" Context Yihuudotaan Jechi Masii (Mashiach) jedhu hiika isaa: 👉 "Kan Dibame" jechuudha. Hawwiin eeguu Yihuudotaa keessatti Masichi dhimmoota kanaan gadiitiin beekama: 👑 a) Mootii Siyaasaa Akka Daawit kan ta’e Diinota kan mo’atu ⚔️ Bilisummaa Israa’el kan deebisu 🙏 b) Fayyisaa Yihuudotaa Israa’elin bittaa rooma jalaa kan baasu 🔄 c) Abdii Haaraatti kan Deebisu Israa’elin guutummaatti gara abboommii Waaqayyotti kan deebisu 3️⃣ Yihudummaa fi Mana Qulqulluu Lammaffaa Gidduu raajii Miilkiyaas fi Maatewositti (waggaa 400 keessatti ⏳) yeroo baayyee bara callisuu kan jedhamu, Israa’el dhimmoota kanaan gadii dhandhamte: ⚠️ Dhiibbaalee gurguddoo bara sana yihuudota irra turan: Aadaa Giriik (Hellenistic) -aadaan isaanii faalaamee turee To’annoo siyaasa warra Roomaa jala turanii🏛 Gareewwan amantii guddachaa dhufan ⛪️ fkn : 📌 Fariisota (Pharisees) 📌 Saduuqota (Sadducees) 📌 Eseensota (Essenes) 📌 Zilootota (Zealots) 🏛 Gareewwan Yihuudotaa 1) Fariisota (Pharisees) Seera jabeessanii kan eegan 📜 Du’aa ka’uu, ergamoota ni amanu ✨ Masichi ni dhufa, du’aa ka’uunis jira jedhanii amanu 2) Saduuqota (Sadducees) Giddugala mana qulqulluummaa to’atu 🏛 Macaafa Musee shanan qofa fudhatu 📖 Du’aa ka’uu fi ergamoota ni ganu ❌ 3) Eseens (Essenes) Haawaasa qe’ee dhiisee monoksee ta’e Dhufaati addaa dhuma addunyaa eeggatu ⏳ Qulqullummaa irratti xiyyeeffatu 4) Zilootota (Zealots) Garee finciltootaa ⚔️ Humnaan Roomaa kuffisuu warra barbaadan Mootummaa warra rooma kan fincilanidha 4️⃣ Masichi irraa wantoota eegaman Jaarraa jalqabaatti, eeggannoowwan baramoon: ✔️ Masii Siyaasaa 👑: Mooti waraanaa akka Daawit ✔️ Haaromsawwan Biyoolessaa 🏛: Roomaa jalaa bilisa ba’uu kan labsu ✔️ Mana Qulqulluummaa Haaromsuu ⛪️: Waaqeffannaa qulqulleessuu ✔️ Diinota irratti murtee kennuu⚔️: Waaqayyo jalloota adabuu ❗️ Hubannoo Dogoggoraa Guddaa: Masii isaan hin eegganne ykn hin barbaannee: ❌ Masii dhiphatu ❌ Masii fannifamu ✝️ ❌ Masii uumaa ta’e bifa namaatiin dhufe 👉 Kun “naasuu” ykn rifannoo guddaa ta’e 😮 5️⃣ Maqoota Masichaa Yihuudonni maqoota dabalataa fayyadamu: 👑 Ilma Daawit → Mootii gosa moototaa 🌌 Ilma Namaa → Eenyummaa samiirraa (Daani’eel 7) 📖 Raajii akka Musee → Keessa Deebii 18:15 ✨ Kan Dibame (Masii) → Fayyisaa filatame 👑 Gooftaa (Kyrios) → Eenyummaa aangoo qabu 6️⃣ Haala Roomaa (Duubbee Siyaasaa) Bara Yesuus dhalate: 🏛 Israa’el bittaa Roomaa jala turte 💰 Gibirri ulfaataan uummata irratti fe’amee ture ⚔️ Roomnii seera, waraana fi bulchiinsa to’atti ture 👉 Kun immoo wantoota kana uume: 😟 Sodaa fi dhiphina siyaasa 🙏 Fedhii bilisummaa jabaa 7️⃣ Maaliif Background Kun Barbaachisaa Ta’e? Duubee kana hubachuun: 1️⃣ 📖 Maaliif ergaan Yesuus hin hin simatamne isa jedhu nuuf ibsa => uummatichi fincila siyaasaa eeggata ture, Inni garuu Mootummaa Waaqayyoo lallabe 2️⃣ ❌ Maaliif baay’een lagatame =>isaan siyaasaf barbaadani Inni garuu dhimma siyaasaa isaanii bira hin geenye 3️⃣ ✝️ Maaliif fannoon sun nama naasise => “Masii fannifame” jechuun yaaduun iyyuu ulfaataa ture 8️⃣ Hubannoo Ti’oolojii (Amantii)
341
13
🔊Christology Continuous Teaching #Part2 Nagaan Waaqayyoo siniif haa baayyatu. Audion barumsa #Christology #part2 kana fakkaata. Hordofuu keessan beekuudhaaf react gochuu hin dagatiinaa.👍❤️🥰 ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
299
14
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART2 🔻Jesus' Background and the Jews' View of Him “Yesus immoo, "Isinoo, eenyu anaan jett
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART2 🔻Jesus' Background and the Jews' View of Him “Yesus immoo, "Isinoo, eenyu anaan jettu?" jedhee isaan gaafate.” — Mat. 16:15 🤝Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii Gooftaa? 🔹️Akkuma beekamu torbee darbe barnootni walitti fufaan mata-dureen isaa"Christology" jedhuun karaa channel kanaa darbaa jira. 🔹️Maarree kutaa 2ffaan guyyaa borii galagala mata duree xiqqaa "#Seenduubee_Yesuusii_fi_Ilaalcha_Yihuudonni_isaaf_qaban" jedhuun itti fufee jira. 🔸️Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu. 📆Guyyaa: Dilbata(28-10-2018EC) ⏰️ Sa’aatii: 1:00 galgala (LT) 📍 Channel: @Focus_jit Telegram ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
445
15
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸Day 5🔸🔸🔸🔸🔸 Nuyis dhoksaa Kristos isa ani amma waa'ee isaatiif hidhamee jiru himuud
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸Day 5🔸🔸🔸🔸🔸 Nuyis dhoksaa Kristos isa ani amma waa'ee isaatiif hidhamee jiru himuudhaaf Waaqayyo karaa dubbichaa akka nuuf banuuf nuuf kadhadhaa! Qolosaayis 4:3 🤝Nagaa fi Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baayyatu! 🔹️Kadhannaa Long Missiondhaaf godhamu boru ganama #bifa_adda_ta'een kan kadhannu ta'a. Kana jechuunis ganama saa'atii 1:00am-6:00amittii #Soomaa_fi_Kadhannaadhaan_kadhatama. Kanaaf, matadureewwan: 🔹Haalli jiru akka mijatuuf 🔹Lubbuun akka fayyaniif 🔹Obboloota hojjetaniif 🔹Moojoo akka eebbifamtuuf. 🔹akkasumas mata duree Hafuurrii Qulqulluun sin keessa kaa'e irratti akka kadhattani jaalalaa Waaqayyoon isin beeksifna. 🔸Day 5(Fast and prayer) 🔈Mojo Long Missiondhaaf 📅 Jul 4 2026(Morning) 🕐1:00am-6:00am ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
517
16
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸Day 4🔸🔸🔸🔸🔸 Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in f
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸Day 4🔸🔸🔸🔸🔸 Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha. 1 Ximotewos 2:4 🤝Nagaa fi Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baayyatu! 🔹️Kadhannaan Long Missiondhaaf godhamu akkuma itti fufetti jira. Kanaaf, har'as ittuma fufnee in kadhanna. 🔸️Waliif share gochuudhaan wal yaadachiisuu hin dagatiina. 🔸Hara'ammoo 'Waaqayyo Lubbu gara Mootummaa isaatti akka Waamuuf' in kadhanna. 🔹️Guyyaatti saa'atii tokko qofaadhaaf Waaqayyo akka nu gargaaruuf in kadhanna. 🔸Day 4 🔈Mojo Long Missiondhaaf 🙏Sa'atii tokko guyyaatti haa kenninu. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
351
17
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸Day 3🔸🔸🔸🔸🔸 Nama hundumatu amane miti; kanaaf Waaqayyo harka namoota yakkanii fi ha
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸Day 3🔸🔸🔸🔸🔸 Nama hundumatu amane miti; kanaaf Waaqayyo harka namoota yakkanii fi hamaa godhanii akka nu oolchuufis immoo kadhadhaa! 2 Tasaloniiqee 3:2 🤝Nagaa fi Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baayyatu! 🔹️Har'as akkuma eegalle jirruu kadhanna long mission dhaaf godhamu ittuma fufna. 🔸️Hadaraa keessan karaa wal qaqqabsiisuu dandeessaniin obbolotaf share gochuu hin dagatiinaa. 🔸Har'ammoo obboloota deemanii hojjetaniif 'Isa hamaa irraa Waaqayyoo akka isaan eeguuf' in kadhanna. 🔹️Guyyaatti saa'atii tokko qofaadhaf Waaqayyo akka nu gargaaruuf in kadhanna. 🔸Day 3 🔈Mojo Long Missiondhaaf 🙏Sa'atii tokko guyyaatti haa kenninu. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
484
18
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸For 5 days🔸🔸🔸🔸🔸 Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yih
📢 #PRAYER_FOR_LONG_MISSION 🔸🔸🔸🔸🔸For 5 days🔸🔸🔸🔸🔸 Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha. 1 Qorontos 1:23 🤝Nagaa fi Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baayyatu! 🔹️ Akkuma dursinee egallee turree ammas kadhannan keenya #Long_Missiondhaaf kan godhamu ittuma fufa. Kanumaan walqabatee haala jiru hunduma kanatti fufnee sin beeksifna. 🔸️Akkuma gaafa Kibxataa(Tuesday) Day 1 jennee jalqabne hanga Jimaata(Friday) Day 4ttii mataduree garaagaraa irratti guyyaatti saa'atii tokkoof namni hunduu saa'atii isaaf mijatetti ni kadhata. 🔸Gaafaa Sanbata xiqqaa(Saturday) Day 5 immoo bifa adda ta'een ganama hanga saa'atii 6:00LT tti hundi keenya amanamummaadhaan Soomaa fi Kadhataan fuula Waaqayyoo dura turra. 🔸For 5 days only. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
545
19
🔊Christology Continuous Teaching #Part1 Nagaan Waaqayyoo siniif haa baayyatu. Audion barumsa #Christology #part1 kana fakkaata. Hordofuu keessan beekuudhaaf react gochuu hin dagatiinaa.👍❤️🥰 ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
467
20
📖 Christology Continuous Teaching #Part1 📚 Kutaa 1: Seensa Chiristoolojii fi Barbaachisummaa Isaa ✝️ "Yesuus Kiristoosiin Beekuu: Eenyummaa Isaa, Hojii Isaa fi Gooftummaa Isaa." ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 Galma Barnootaa Barnoota kana xumura irratti barattoonni: ✅ Hiika Chiristoolojii sirriitti ni hubatu. ✅ Maaliif Chiristoolojiin handhuuraa amantii Kiristiyaanaa ta'e ni beeku. ✅ Maaliif Kiristiyaanni hundi Yesuus Kiristoosiin sirriitti beekuun akka isa barbaachisu ni hubatu. ✅ Morkiiwwan (Challenges) Chiristoolojii yeroo ammaa adda baasanii ni beeku. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📖 1. Chiristoolojii jechuun Maal Jechuudha? Jechi Chiristoolojii (Christology) jedhu jechoota Giriikii lama irraa dhufe. 🔹 Christos = Kiristoos (Isa Dibame / Masiihii) 🔹 Logos = Barumsa, Qo'annoo ykn Jecha 📌 Kanaaf... Chiristoolojiin qo'annaa sirnaawaa waa'ee: ✨ Eenyummaa Yesuus Kiristoos ✨ Uumama Isaa (Nature) ✨ Hojii Isaa ✨ Ergama fayyinaa Isaa irratti xiyyeeffatudha. 💡 Chiristoolojiin barumsa keessaa tokko qofa miti; bu'uuraa fi handhuuraa amantii Kiristiyaanaati. ❓Gaaffilee inni deebisu • Yesuus eenyu? • Maal hojjete? • Maaliif gara biyya lafaa dhufe? • Maaliif du'e? • Maaliif du'aa ka'e? • Har'a maal nuuf godhaa jira? ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ ✝️ 2. Maaliif Kiristiyaanni Hundi Kiristoosiin Beekuun Isarra Jira? 👉 Waa'ee Yesuus dhaga'uun qofti ga'aa miti. 👉 Yesuusiin sirriitti beekuun bu'uura fayyinaa, amantii, fi jireenya Kiristiyaanaa ti. 📖 Yesuus akkana jedhee gaafate: "Isinoo, eenyu anaan jettu?" (Maatewos 16:15) Gaaffiin kun har'as nama hunda gaafata. 💎 Maaliif Isa beekuun barbaachisa? 🙏 Waaqeffannaa Eenyummaa Isaa yoo hin beekne, Isa sirriitti waaqeffachuu hin dandeenyu. ❤️ Fayyina Fayyinni dhugaan Yesuus isa Macaafni Qulqulluun mul'isu beekuudhaan argama. 👣 Duuka Bu'ummaa Yesuusiin hordofuun jechuun Yesuus dhugaa Macaafni Qulqulluun ibsu hordofuu jechuudha. 🕊 Abdii Abdiin keenya du'aa ka'uu fi mootummaa Isaa irratti hundaa'a. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📚 3. Daangaa fi Bal'ina Chiristoolojii 👑 A. Eenyummaa Kiristoos ✔ Waaqummaa Isaa ✔ Namummaa Isaa ✔ Foon uffachuu Isaa (Incarnation) ✔ Tokkummaa Waaqummaa fi Namummaa Isaa (Hypostatic Union) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ ✝️ B. Hojii Kiristoos ✔ Tajaajila Isaa ✔ Du'a Isaa ✔ Du'aa Ka'uu Isaa ✔ Ol-ba'uu Isaa ✔ Tajaajila Isaa yeroo ammaa ✔ Deebii dhufaatii Isaa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ ⚠️ 4. Morkiiwwan Gurguddoo Chiristoolojii Har'aa 📌 1️⃣ Historical Skepticism 📖 Amanamummaa seenaa Wangeelaa gaaffii keessa galchuu; Macaafa Qulqulluu akka seenaa sobaatti ilaaluu. 📌 2️⃣ Religious Pluralism 🌍 Yesuus karaa gara Waaqayyootti geessan keessaa tokko qofa jechuun yaaduu. 📌 3️⃣ Secular Naturalism 🔬 Dinqii fi hojii Waaqayyoo uumamaan ala ta'an hunda mormuu. 📌 4️⃣ Populist Misunderstanding 👤 Yesuusiin barsiisaa gaarii ykn hoogganaa siyaasaa qofa godhanii ilaaluu. 📌 5️⃣ Ecumenical Pressures 🤝 Tokkummaa sobaa uumuuf eenyummaa Kiristoos gadi xiqqeessuu. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📚 5. Maddoota Chiristoolojii 📖 Macaafa Qulqulluu 🏛 Seenaa Waldaa Kiristiyaanaa 📜 Murteewwan Mana Maree Ekuwumeenikaalii 📘 Tiwoloojii fi Barsiisa Kiristiyaanaa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📖 Caqasoota Ijoo 📍 Maatewos 16:13–17 📍 Yoohannis 1:1–18 📍 Qolosaayis 1:15–20 📍 Ibroota 1:1–4 ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 💬 Gaaffii Marii 1️⃣ Maaliif "Yesuus Fayyisaa koo dha" jechuun qofti ga'aa hin taane? 2️⃣ Namummaa Yesuus qofa irratti ykn Waaqummaa Isaa qofa irratti xiyyeeffachuun dogoggora akkamii fida? 3️⃣ Ilaalchi Yesuusiif qabnu jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti akkamitti dhiibbaa qaba? 4️⃣ Morkiiwwan Chiristoolojii keessaa isa kamtu yeroo ammaa naannoo keessan keessatti baay'ee mul'ata? ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ ✝️ Caqasa Ijoo "Yesus immoo, ‘Isinoo, eenyu anaan jettu?’ jedhee isaan gaafate." 📖 Maatewos 16:15 ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🏠 Hojii Manaa 📖 Dubbisaa ✅ Maatewos 16:13–17 ✅ Yoohannis 1:1–18 ✍️ Barreessi "Yesuus Kiristoos eenyu? Maaliif Isa sirriitti beekuun Kiristiyaana hundaaf barbaachisaa ta'e?" 📝 Fuula tokko irratti barreessaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🤲 Kadhannaa "Waaqayyo beekumsa Kiristoos keessatti akka guddannu, ogummaa fi hubannaa Hafuura Qulqulluu nuuf haa kennu. Ameen!" 🙏
457