Abdurazak.Husein Official Chanal
رفتن به کانال در Telegram
⛳️Haqaaf ! ⚖️Let's do our best to serve justice! 🔐Justice For All✍️ """......and avoid the false statement (Forged wetness, lying speech)"""
نمایش بیشتر1 170
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-37 روز
-230 روز
آرشیو پست ها
Repost from Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa
+2
#Kaffaltii Taarifa Galii Haaraa
Moodeela_Dambii Taarifaa Galii Mana Qopheessaa Magaaloota Naannoo Oromiyaa Haaraa irra Deebiin Fooyyaa'e gaafa 09/10/2018 bahe.
Repost from Mulugeta F.Binegde
Qaamni Lafa Bulchu nama Lafa Magaalaa weeraree qabate (seeraan ala qabate) gadi lakkisiisuu keessatti , bu’uura labsii liizii lakk.721/2004 keewwata 26(4) tiin ulaagaa akeekkachiisa barreeffamaa guyyaa torbaa guutuu dhabuun,nama qabiyyee seeraan ala qabate kana itti gaafatamummaa yakkaa jalaa bilisa ni taasisaa?=============================================================================
Manni Murtii waliigala Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa murtii galmee lakk. 150803 ta’e irratti dhaddacha gaafa 25/11/2010 ooleen kennee –Maxxansa Addaa Dhimmoota Yakkaa irratti maxxanfamee baheen kan kanaan gadii jedhee jira. ================================================================================
"labsii lakk.721/2004 keewwata 26(4) jalatti - qaamni dhimmi isaa ilaalu qabiyyee lafa magaalaa seeraan ala qabame, akkaataa labsicha keewwata 27 tiin akeekkachiisa qabiyyee gadi lakkisiisuu kennuufi beenyaa kafaluu osoo hin barbaachisne , akeekkachiisa barreeffamaa guyyaa torbaa qaamaan nama lafa sana qabateef kennuudhaan yookaan qabeenya lafa sana irra jiru irratti maxxansuudhaan aangoo qabiyyee gadi lakkisiisuu ni qabaata jedhamee kan tumame-bu’uura labsichaa keewwata 27 tiin qabiyyeewwan Seera qabeessaan qabaman gadi lakkisiisuuf ,ulaagaa akeekkachiisa kennuufi beenyaa kafaluu taa’ee jiru guutuu osoo hin barbaachisiin , qabiyyee seeraan ala qabaman gadi lakkisiisuu haala itti danda’amu tumuuf taa’e malee , nama lafa magaalaa weeraraan yookaan seeraan ala qabate itti gaafatamummaa yakkaa jalaa baasuuf mitii."
⚖Dhimmoota Yeroo Gannaa Bara 2018/19 ( Adooleessaa 21/2018 -Fulbaana 20/2019 ) Keessa Mana Murttitti Keessummeeffaman:
✅️Dhimmoota Yakkaa
1.Yakka dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman hunda simachuun keessummeessuu; 2.Dhimmoota dargaggoota/daa'imman seera yakkaa wajjin walitti bu'anii umriin isaanii wagga 9-15 jiran dhiyaatu fuuudhuun ilaaluu;
3.Dhimmoota yakkaa harkaa fi harkaa (RTD) simachuun murtii kennuun raawwachiisuu.
4.Dhimmoota yakkaa ariifachiisoo ta'an kan akka ajaja sakatta'insaa fi qabiinsaa, jecha amantaa bu'uura S/D/F/Y/lak.35tiin fuudhamu, beellama yeroo, mirga wabii, gaaffii amaakiroo mana amala sirreessaa irraa dhiyaatuu fi kkf simachuun keessummeessuu.
5.Dhimmoota haala nageenya naannoo fi biyyaa wajjin walqabatan, yakka diinagdee biyyaa irratti raawwataman, yakka malaammaltummaa,shororkeessaa fi kan biroo uumama isaanitiin yeroon itti hin kennamne simachuun beellama qabsiisuu.
6.Gocha nageenyaa fi diinagdee biyyaa akkasumas mirga namoomaa irratti raawwataman hooggantoota ol'aanoo Mana murtii waliigalaan yoo itti amanaman simachuun kan keessummeeffaman ta'u.Akka dhangala'iinsa fi wal xaxiinsa dhimmichaa giddugaleessa godhachuun dhaddacha biroo hundeessuun yeroo Gannaa kana keessa hojjachuunis ni danda'ama.
✅️Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa
1) Dhimmoota maatii wajjiin wal qabatu keessaa dhimma qallabaa, guddisaa fi kunuunsa daa'immanii, dhimma abbummaa mirkaneessuu,falmii hiikkaa gaa'ilaa dhiyaateen walqabatee iyyannoo dhoorkaa qabeenyaa fi iyyannoo biroo fala yeroo barbaadanuu simachuun
keessummeessuu
2. Dhimmoota hariiroo haawaasaa beellamaan cehan ta'ee waliigaltee ykn iyyata araaraa bitaa fi mirgaan xumura argatan simachuun keessummeessuu
3. Dhimmoota hariiroo hawaasaa qabeenyi na jalaa qabame yookiin kallattii kamiinuu qaama 3ffaatti na jalaa darbe jedhu yookiin sababa dhorki kennameen baduu yookiin tajaajilaa ala ta'uu ni danda'a jedhamee itti amaname kan akka ciraa, qabeenya sababa adda addaatiin Miliqsaman yookiin qaama 3ffaatti darbaa jiran ilaalchisee dhiyaatu simachuun furrnaata yeroo kennuu
4. Dhimmoota hariiroo hawaasaa ariifachiisoo ta'an kan akka iyyannoo sababa dirqamanii qabamuutiin dhiyaatu (bu'uura S/D/F/H/H/lak. 177, Iyyannoo bu'uura 207 fi 208tiin dogoggoorri uumame akka sirraa'uuf dhiyaatu,fi jijjiiraa maqaa fuudhuun
keessummeessuu,
5. Oliyyannoo dhimma kamiyyuu banuun saaqanii beellama qabsiisuu
6) Falmiin Hojjataa fi Hojjachiisaa bu'uura Labsii Lakk.1156/2011 tiin gama Hojjataan dhiyaatu simachuun keessummeessuu,
7. Raawwii murtii caalbaasiin bahee qilleensa irra jiru itti fufuun hojjachuu.
https://t.me/WaajjiraaAAlangaMagaalaaAggaaroo
Waxabajjii 20,2018|BAAWO|Finfinnee
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Raawwii Karoora Hojii Bara 2018 Qorachaa Jira.
Biirichi raawwii karoora bara 2018 hoggansa olaanoo biirichaa, miseensota koree bulchiinsaa biirichaa, itti gaafatamtoota waajjira Abbaa Alangaa Godinaalee, Bulchinsoota Magaalaa, Aaanolee fi ogeessota karooraa waliin Adaamaatti gamaggamaa jira. Kora kana irratti Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo obbo Guyyoo Waariyoo akka jedhanitti gamaggama gaggeessuun cimana jiru adda baasnee beekuun itti fufsiisuuf hanqina adda baasnee beekne irratti hojjechuun gara ciminaatti jijjiiruuf rakkoo raawwii karooraa keessatti mudatan furuun hawwaasni keenya sadarkaa sadarkaan jiru bu'aa raawwii karooraa kanaa irraa fayyadamaa taasisuudha. Kora kana irratti Gidinaleen gabaasa raawwii isaanii dabareen dhiyeessanii marii bal'aan kan gaggeeffamu ta'uu ibsuun guyyaa boruus raawwiin karoora Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa akka waliigalaatti dhiyaatee irrattis mari'atamee kallattiin akka kaa'amu akeekaniiru.Maddi Waajjira Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa
+2
Waxabajjii 20,2018|BAAWO|Finfinnee
✅️✅️✅️✅️✅️✅️✅️✅️✅️✅️
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Raawwii Karoora Hojii Bara 2018 Qorachaa Jira.
Repost from Jemal Kumbi
Labsii MM Shari’aa Federaalaa Fooyya’e Lkk 1428/2018 jalatti Aangoon MM Shari’aa maal fa’a dha?
============================================
Akkaataa Labsii Manneen Murtii Shari’aa Federaalaa fooyya’e Lkk 1428/2018 tti Manneen Murtii Shari’aa Federaalaa Dhimmoota (namootaa fi iddoowwan) aangoo Mootummaa Federaalaa ta’an ilaalchisee aangoo walii kan qaban akka ta’e labsicha kwt 4(1) jalatti tumamee jira. Kunis Dhimmoota akkaataa Heera Mootummaa fi Labsii Lkk 1234/2013tti aangoo Manneen Murtii Federaalaa ta’an kan ilaaluudha.
Aangoo Waliigalaa Walloon kenname akka jirutti ta’ee Manneen Murtii Shari’aa Federaalaa gaa’elli falmii kaase akkaataa sirna Shari’aatti kan raawwatame yoo ta’e ykn gareewwan mana Murtii Shari’aatti dhimmi isaanii akka ilaalamu yoo eeyyama , dhimma falmii gaa’elaa fi walqabatu kamiiyyuu , hiikkaa fi bu’aa Hiikaa’s hordofsiisu, gaaffii qallaba daa’imaa, guddisaa fi aangoo guddistummaa daa’imaa gaaffii ilaalu, gaaffii firummaa ykn dandeettii dhabuu ilaallatu irratti aangoo kan qaban akka ta’e labsicha kwt 4(1(a)) jalatti ibsamee argama.
Haala kanaanis gaa’elli falmii kaase akkaataa Seera ykn sirna Shari’aatti kan hundeeffame ta’uu yoo baates gareewwan fedhii isaaniin mana murtiitti Lalchifachuu akka danda’an Labsii kun akka haaraatti dabalee jira.
Kana malees waldiddaawwan waliigalteewwani fi hariiroowwan akkaataa Seera shari’aatti ifatti raawwataman irratti ka’an Manneen Murtii Shari’aa akka ilaalan labsiin haaraan aangomsee jira.
Kana malees eeyyama musliimtota biyya ormaatti du’an Itiyoophiyaa keessatti awwaalchisuu ykn eeyyama fuudhaa heeruma raawwachiisuu Kennuutis aangoo Manneen Murtii Shari’aaf Labsii haaraan tumeedha.
Haaluma walfakkaatuun murtiiwwanii fi ajajoota akkaataa labsicha kwt 1(a-c) jalatti ibsameen kennaman irratti iyyannoo ykn himannaa raawwii dhiyaatu keessummeesuutis aangoo MM Shari’aa duraan ture cimsuun tumamee argama. Kun akkuma jirutti ta’ee aangoon MM Shari’aa ammas fedhii gareewwanii qofa irratti kan hundaa’e ta’uun Labsii haaraa kwt 5 jalatti ammas ifatti tumamee argama.
Jumaa Gaarii
https://t.me/speaklawinabsentia
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Labsii Hundeeffama Manneen Murtii Shari'aa Federaalaa Haaraa Raggaasise!
Duruus tv Waxabajjii 18, 2018 Labsiin hundeeffama manneen Murtii Shari'aa Federaalaa kan caasaan isaanii sirraa'ee hawaasa Muslimaaf tajaajila sadarkaa isaa eege kennuu dandeessisa jedhame ragga'uun isaa ibsameera. Har'a, Waxabajjii 18 guyyaa jedhamu kanatti, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Labsii Hundeeffama Manneen Murtii Shari'aa Federaalaa Lak. 188/1992 kan waggoota 25 dorgomeef tajaajilaarra ture guutummaatti kan bakka bu'u labsii haaraa kana ragaa godheera. Hojiin labsii kana wixineessuu kan raawwatame gaaffii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin dhiyaate bu'uura godhachuun; Pirezidaantii Mana Firdii Waliigalaa Federaalaatiin kan hundeeffame fi miseensota 7 kan qabu komite dhimma abbootii seeraa fi ogeessotaatiini. Komiteen kun muuxannoowwan biyya alaa fi galteewwan garii dhimmamtoota adda addaa irra argaman hammatuun wixinee kana kan qopheesse yoo ta'u, Koree Dhaabbata Dhimmoota Seeraa Paarlaamaatiif dhiyaatee dhimmamtoota waliin irratti mariyatameera. Kutaa torba qabaatee bifa haaraatiin kan qophaa'e wixineen labsii kun; aangoo abbaa seerummaa manneen Murtii, caasaa fi hojimaata, mudama fi baajata abbootii seeraa, akkasumas hundeeffama yaa'ii bulchiinsa manneen firdii dabalatee dhimmoota adda addaa bal'inaan hammateera. Bifa haaraatiin gurmaa'uun dhaabbata kanaa gaaffii bulchiinsa gaarii kan hawaasa Muslimaa kan yeroo dheeraa kan deebisu dha. Labsiin kun akka ragga'uuf pirezidaantii mana maree waliigalaarraa kaasee hogganoota Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, miseensota komitee wixinee qopheessan, Koree Dhaabbata Dhimmoota Seeraa Paarlaamaa fi dhimmamtoota biroo gumaacha taasisaniif; Itti Gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mana Maree Waliigalaa Ustaaz Abubakar Ahmed galata guddaa galchaniiru.Manneen Murtii Shari'aa caasaan isaanii sirraa'ee hawaasa Muslimaaf tajaajila sadarkaa isaa eege akka kennaniif imalli jijjiiramaa jalqabame, labsii kana raggaasisuun alatti hojiirra oolmaa isaa boruuf deeggarsa fi birmatnaa hawaasa Muslima hundaa akka barbaadu ibsameera.
Murtii Barsiisaa
Guyyaa 18/10/2018
Magaalaa Aggaarootti namoonni Shiishaa daldalaa (xuuchisiisaa) turan adabbii hidhaa fi maallaqaan adabaman!
Himatamtootni maqaan isaanii 1ffaa Ballaxee Kidaanee Badhaasoo fi 2ffaa Maqdas Tasfaayee Barihee jedhaman gaafa guyyaa 17/10/2018 tilmaamaan halkan keessaa sa'atii 5:30 yoo ta'u Magaalaa Aggaaroo ganda Biiftoo Baaltoo (02) bakka addaa safara Maariyamii jedhamu mana himatamaa 1ffaa keessatti meeshaa Shiishaa baayyinni isaa shan taheen namoota gara garaa xuuchisaa osoo jiranii eeruu hawaasa keessaa argameen harkaaf harkatti qabamanii adeemsa ariifataan galmeen qulqullaa'ee xumuramee Waajjira Abbaa Alangaatiif darbe. A/Alangaa himannaa yakkaa himatamtoota irratti hundeessee Mana Murtii Aanaa Gommaaf dhiyeessee himatamtoonnis dhaddachatti dhiyaachuun gocha ittiin himataman hambifannoi male waan amananiif manni murtii aanaa Gommaa himatamtoonni keewwatuma jalatti himataman, Labsii lakk.1112 kwt.67/23 jalatti himatamtoonni badii qabu jechuun murtii balleessummaa kennee dhaddacha gaafa guyyaa har'aa (18/10/2018) ooleen himatamtoota kana ni barsiisa; fakkaattota akka isaanii ni akeekkachiisa jedhee kan itti amane tokkoon tokkoon isaanii adabbii hidhaa salphaa baatii sadii (ji'a 3) fi adabbii maallaqaatiin walqabatee himatamaa 1ffaan adabbii maallaqaa qarshii 6,000 (kuma jahaa) fi himatamtuu 2ffaan qarshii 1,000 (kuma tokkoo) tiin akka adabaman murteesseera. Kaayyoon keenya olaantummaan seeraa wabii hawaasaa tahuu mirkaneessuun hawaasa haqaaf tumsu horachuudha! Haqaaf Haqaan Hojjanna! Waajira Abbaa Alangaa Aanaa Magaalaa Aggaaroo
Repost from Murad Tadesse (Official Channel)☪️🇪🇹
ይህ ትልቅ ለውጥ ነው‼
===============
(አዲሱ የፌዴራል ሸሪዓህ ፍርድ ቤቶች ማቋቋሚያ አዋጅ መፅደቅ ትርጉሙ ምን እንደሆነ ታውቃላችሁ?)
||
✍️ ላለፉት 25 ዓመታት አገልግሎት ላይ የነበረውን (አዋጅ ቁጥር 188/1992) ሙሉ በሙሉ የሚተካው አዲሱ የፌዴራል ሸሪዓ ፍርድ ቤቶች ማቋቋሚያ አዋጅ በህዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ፀድቋል። አል-ሐምዱ ሊላህ!
ይህ ዜና ለህዝበ ሙስሊሙ ቀላል ዜና አይደለም። ማህበራዊ እና ኃይማኖታዊ ህይወታችንን በቀጥታ የሚነካ፣ ለዘመናት ስንጠይቀው የነበረ የፍትሕ እና የመልካም አስተዳደር ጥያቄ ምላሽ ያገኘበት ታሪካዊ ክስተት ነው።
▫️ ለመሆኑ ይህ አዋጅ መፅደቁ ምን ማለት ነው⁉️ ለህዝበ ሙስሊሙስ ምን ጥቅም አለው⁉️
🎀 እስካሁን በነበረው ሂደት፣ ህዝበ ሙስሊሙ በማህበራዊ ጉዳዮች (Personal Law) ማለትም በትዳር (ኒካሕ)፣ በፍቺ (ጦላቅ)፣ በውርስ (ሚራሥ)፣ በስጦታ (ሂባ) እና በወቅፍ ጉዳዮች ላይ የሸሪዓህ ህግን መሠረት ያደረገ ዳኝነት የማግኘት ህገ-መንግስታዊ
መብት ቢኖረውም፤ አሮጌው አዋጅ በዘመኑ ከነበረው ተጨባጭ ጋር የማይመጣጠንና በርካታ ክፍተቶች የነበሩበት በመሆኑ ህዝቡ በከፍተኛ ሁኔታ ይቸገር ነበር።
⬇️ በተለይም ፍርድ ቤቶቹ በቂ በጀት፣ የዳኞች አስተዳደር መዋቅር እና ግልጽ የሆነ የዳኝነት ስልጣን (Jurisdiction) ባለመኖሩ ምክንያት፤ የሙስሊሙ ማህበራዊ ጉዳዮች ከመደበኛው ፍትሐ ብሔር ህግ (Civil Law) ጋር ሲጋጩ፣ መብቶች ሲጓደሉ፣ የፍርድ መጓተቶች ሲፈጠሩ እና ውሳኔዎች ተፈፃሚነት ሲያጡ ኖረዋል።
አዲሱ አዋጅ ግን እነዚህን የተተበተቡ ችግሮች ይፈታል!
1️⃣ ግልጽ የዳኝነት ሥልጣን እና አደረጃጀት፡
🔸 የሸሪዓህ ፍርድ ቤቶች የትኛውን ጉዳይ የማየት ስልጣን እንዳላቸው በግልጽ ያስቀመጠ
ሲሆን፣ ከፌዴራል እስከ ታችኛው መዋቅር ድረስ ፍርድ ቤቶቹ ጠንካራ አደረጃጀት እንዲኖራቸው ያደርጋል።
በዚህም ምክንያት የሙስሊሙ
የትዳር፣ የውርስ እና መሰል ቤተሰባዊ ጉዳዮች ያለምንም ውዝግብ እና እንግልት በእስልምናው አስተምህሮ (በሸሪዓው መሠረት) ፈጣን
እልባት እንዲያገኙ ያስችላል።
2️⃣ ራሱን የቻለ የፍርድ ቤቶች አስተዳደር ጉባኤ (Council) መቋቋም፡
🔸 ይህ የፍርድ ቤቶቹን ነፃነት የሚያረጋግጥ ትልቅ ድል
ነው። የዳኞች አሿሿም፣ ስልጠና እና ስነ-ምግባር በራሱ በጉባኤው እንዲመራ ያደርጋል። ይህም ብቁ፣ የሸሪዓ እውቀት ያላቸው እና ዘመኑን የሚመጥኑ ዳኞች ወደ ስርዓቱ እንዲገቡ በር ይከፍታል።
3️⃣ የበጀት እና የአሰራር ማሻሻያ፡
🔸 ፍርድ ቤቶቹ ከበጀት እጥረት እና ከግብዓት ችግር ተላቀው፣ ዘመናዊ አሰራርን ተከትለው ለህዝበ ሙስሊሙ የተሳለጠና ቀልጣፋ አገልግሎት (መልካም አስተዳደር) እንዲሰጡ ህጋዊ መሰረት ጥሏል።
ክሬዲት ለሚገባቸው ክሬዲት እንስጥ👏
ይህ አዋጅ በአንድ ጀምበር የተገኘ አይደለም። ከጥያቄው መነሳት ጀምሮ ህግ የማርቀቁ ስራ እስኪጠናቀቅ በርካታ አካላት ሌት ተቀን ለፍተዋል።
🔸 ለዚህ አዋጅ መፅደቅ ትልቁን ሚና ለተጫወተው የኢትዮጵያ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት እና ለፕሬዝደንቱ ክቡር ዶ/ር ሸይኽ ሀጂ ኢብራሂም ቱፋ፤
🔸 ረቂቁን ላዘጋጁት በፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ፕሬዝደንት ለተዋቀሩት ባለ 7 አባላት የዳኞችና የባለሙያዎች ኮሚቴ፤
🔸 የህዝብን ድምፅ አድምጦ እና ከባለድርሻ አካላት ጋር ሰፊ ውይይት አድርጎ አዋጁን ላፀደቀው የፓርላማው የህግ ጉዳዮች ቋሚ ኮሚቴ እና ለሌሎችም አካላት የላቀ ምስጋና ይገባቸዋል።
በመጨረሻም፤ መንግስት እና የሚመለከታቸው አካላት ህገ-መንግስታዊ መብታችንን የሚያጠናክር ህግ አውጥተዋል። አሁን ኳሷ ያለችው በኛው በሙስሊሙ ማህበረሰብ ሜዳ ላይ ነው።
የተቋቋሙልንን የሸሪዓህ ፍርድ ቤቶች ተቋማዊ አቅም በመገንባት፣ ዘመናዊ በማድረግ፣ ብቁ የህግ ባለሙያዎችን በማፍራት እና ፍርድ ቤቶቹን በአግባቡ በመጠቀም የድርሻችንን ልንወጣ ይገባል!
እንደ ባንኮቹ ከተፈቀደልን በኋላ ችላ እንዳንለው።
||
t.me/MuradTadesse
#Madda_Galii_Mana_Marii_Ispoortii fi Hanga Kafaltii Wagga waggaan kafalamuu
Galiin Mana Maree Ispoortii madda galii armaan gadii irraa kan argamu ta’a.
👉🏻Deeggarsa baajata mootummaa ramaduu irraa;
👉🏻Deeggarsa Miti-Mootummaa irraa;
👉🏻Galii deeggarsa fi kennaa irraa;
👉🏻Galii dirree Ispoortii fi iddo bashannanaa garaagaraa irraa argamu irraa;
👉🏻Galii madda adda addaa kan manni marichaa tattaafi isaatiin
maddisiisu irraa;
👉🏻Baazaarii adda addaa qophessuu;
👉🏻Hawwisoo fi Siinimaa agarsiisuun
👉🏻Ispoonsara fi beeksiisa
👉🏻 Gurgurtaa qabeenya kan Mootummaa hin taane Manni
Marichaa argate
👉🏻Tajaajila adda addarraa
👉🏻 Galii dorgommii adda addaa irraa
👉🏻 Qophii afeerraa irbaata fi calbaasii adda addaarraafi kkf.
👉🏻 Galii Buusii Hojjataa Mootummaa, Qotee bulaa, Horsiisee bulaa,Daldaltoota, Jiraattoota Magaalaa irraa argamana ta’a.
#Hanga Kanfaltii Waggaa waggaan Kanfalamuu ilaalchisee;-
👉🏻Kaartaa lafaa--------------------------------------------Qarshii 20
👉🏻 Jijjirraa maqaa mana jireenyaa----------------------- Qarshii 3,000
👉🏻Jijjirraa Invastimantii ---------------------------------- Qarshii 3,000
👉🏻Jijjirraa konkoolaataa----------------------------------- Qarshii 3,000
👉🏻Buufata Konkolaataa Geejjiba irraa------------------ Qarshii 5
👉🏻Qaraxa Keellaa Konkolaataan tokkoon qarshii --- Qarshii 20 (Fkn.Cirracha, Dhagaa, Biyyoo, Buna,Jimaa, Sukaara…KKF)
👉🏻Daldalaa Kaffalaa Gibiraa sadarkaa A. ---Qarshii 500
👉🏻Daldalaa Kaffalaa Gibiraa sadarkaa B. ----Qarshii 400
👉🏻Daldalaa Kaffalaa Gibiraa sadarkaa C.----Qarshii 300
👉🏻 Jiraataa Magaalaa, Qoteebulaa fi Horsisee bulaan qar.100.
👉🏻Hojjataa Mootummaa irraa ---------------------2 %
Qajeelfama Sassaabbii , Itti Fayyadamaa fi To’annaa Galii Mana Maree Ispoortii Oromiyaa Foyya’ee Bahe- Lakk 3/2015
https://t.me/NuraddinFHS
Repost from Oromia Legal Training and Research Institute
Cuunfaa Qorannoowwan ILQSOn bara2018 gaggeesse
Repost from Law students Union ️️️
የስራ ማስታወቂያ
በፌዴራል የመጀመሪያ ደረጃ ፍርድ ቤቶች
ለአዲስ አበባ እና ድሬዳዋ
👉የህግ ጉዳዮች ጸሐፊ ደረጃ 3
ደመወዝ 17838
የት/ደረጃ ዲፕሎማ 4 በህግ የሰራ ልምድ
ዲግሪ 2 በህግ የስራ ልምድ
👉የህግ ጉዳዮች ጸሐፊ ደረጃ 2
ደመወዝ 16348
የት/ደረጃ ዲፕሎማ በህግ 2 ዓመት የሰራ ልምድ
ዲግሪ በህግ 0 ዓመት የስራ ልምድ
👉የህግ ጉዳዮች ጸሐፊ ደረጃ 1
ደመወዝ 14983
የት/ደረጃ በህግ 0 የሰራ ልምድ
ከሰኔ 14 ጀምሮ በሉት 10 ተከታታይ የስራ ቀናት
Repost from Mulugeta F.Binegde
Murtii Raawwatamuu hin dandeenyeen dhimma wal qabatu.===========================
Murtiin haadhoon kenname👉👉 “Himatamaan qabiyyee himattootaa beenyaa barbaachisu osoo hin kafalleefi bakka bu’iinsas osoo hin kennine jalaa fudhachuu sababa hin dandeenyeef – qabiyyee seeraan ala fudhate kana haal duree tokko malee gadi yaa lakkisu yookaan bu’uura labsii fi dambii jiruun mirga isaaniif malu yaa raawwatuuf” jedhamee murtaa’e keessatti, Raawwiin Himatamaan filannoo isa 2ffaa hordofuun beenyaa buqqa’iinsaa qarshii qofa yoo kafale, gaaffii Raawwii himattootaa biroo raawwachuuf ni dirqama moo ? hin dirqamu?======================================
👉Falmii Raawwiin himattootaa Waldee Zagayyee(N-2) fi Raawwiin Himatamaa Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa jidduutti MMA Magaalaa Sulultaatti eegalee hanga MMWFDHIJ tti adeemee cime keessatti Manneen Murtii hundinuu kan armaan gadii jedhanii jiru. (Murtii MMWFDHIJ hin maxxanfamne galmee lakk. 257275 ta’e irratti dhaddacha gaafa 23/10/2017 ooleen kenname)==========================================
👉Murtoon falmii haadhoo keessatti kenname kan armaan olitti keeyyata 1ffaa jalatti ibsame yoo ta’u, R/himattoonni akkaataa murtii kennameetti akka raawwatamuuf gaafatanii jiru.
👉Raawwiin himatamaanis murtoo kenname keessatti filannoo 2ffaa hordofuudhaan(R/Himattoonnis kanumatti waliif galaniiru) tokko tokkoo R/Himattootaaf beenyaa qarshi 245,000 raawwadheen jira waan ta’eef murtiin raawwatamee jira jira jechuun falmeera.
👉R/Himattoonnis iyyannaa dhiyeessaniin, akkaataa murtii kennameen bu’uura labsii fi dambiitiin lafti bakka bu’iinsaa nuuf hin kennamne; lafti mana jireenyaatiis miseensa maatii umrii waggaa 18 ol ta’an dabalate nuuf hin raawwatamne- Manni Murtii seerota jiru ilaaluun lafa bakka bu’iinsaa nuuf yaa raawwachiisu jechuun iyyatanii jiru.
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaa falmii bitaaf mirgaa dhagahee ajaja kenneen;R/Himatamaan mrtii kenname beenyaa qarshii 245,025 tokko tokkoo R/Himattiitaaf raawwatee jira.Gaafii R/Himattootaa ilaalchisee- bal’inni lafaa hagana ta’e namoota haganaatiif bakka bu’iinsaan yaa kennamu jedhamee murtiin kenname hin jiru.Bu’uura labsii lakk.1161/2011 keewwata 13(4) tiin lafti bakka bu’iinsaa kan kennamu nama qabiyyee isaa irraa guutummaatti ka’uuf yoo ta’u, haala kanaan ibsamee magaalaa kana keessaas qabiyyee biraa akka hin qabne ibsamee lafti bakka bu’iinsaa yaa kennamuuf jedhamee murtii ifatti kenname sababa hin jirreef raawwatamuu hin danda’u jechuun ajaja kennee jira.Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa jiran ajaja kana cimsanii jiru.
👉MMWFDHIJ Murtii kenneen- Murtii Manneen Murtii Oromiyaa kennan dogoggora bu’uuraa seeraa hin qabu jechuun kan cimse yoo ta’u, murtii isaa keessattis sababoota ibsee jira.Sababoonni kaayes-Manni Murtii Aanaa murtii armaan olitti ibse irraan kan hafe,Murtii haadhoo keessatti iyyattootaaf qabiyyeen bakka bu’iinsaa(eenyuuf? hangam? Eessaa? Kan jedhu dabalatee) yaa kennamuuf jedhee murtiin ifatti kenne hin jiru.Gaafiin iyyattootaa qabiyyeen bakka bu’iinsaa akka nuuf kennamu jechuun dhiyeessan ifatti murtiin kan irra qubate miti.Yeroo Murtiin haadhoon kennamus, murtiin filannoon kenname iftoomina hin qabu jechuun ol iyyannoon sirreesifachuu kan danda’an turee. Kanaaf Murtiin haadhoon gama kanaan kenname iftoomina kan hin qabne sababa ta’eef murtii raawwatamuu danda’u miti jechuun ajajni Manneen Murtii jalaatiin kenname dogoggora bu’uuraa seeraa hin qabu jedheera.
Repost from Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Qajeelfama Sirna Kaffalitii Elektiroonksii 34.2018.pdf6.68 MB
