cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Abdurazak.Husen Official

⛳️Let's do our best to serve justice⚖ ⚖️Ambo University, law student. 🔐Justice For All✍️ """......and avoid the false statement (Forged wetness, lying speech)""" Sura..Al-Haj(the Pilgrimage) 22

نمایش بیشتر
فنلندة3 118زبان مشخص نشده استقانونی6 161
پست‌های تبلیغاتی
630
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+37 روز
+1830 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

😂 Abbaa manaaf haadha manaatu walii galuu dadhabanii wal hiikuuf mana murtii dhaqan. Abbaa murtii... wanta hunda addaan qooddattanii jirtu. Garuu ijoolleen keessan👨‍👧‍👦3dha akkamitti hirattu? Abbaa manaaf haati manaa erga yeroo dheeraa waliin mariyataniin booda.... Kabajamoo mana murtii kan irratti walii galle mucaa biraa daballee ykn godhannee bara dhufu asitti hirachuuf walii galleerra beellama nuuf qabaa jechuun bara dhufutti deebi'uuf walii galan * * * Ji'a(baatii) 9 booda👨‍👧lakkuu deesse...❤️yoom wal hiiku laata?? 🤔😂 Kolfumaafi itti bohaaraa 😂 Madda #BINIMOS 📚
نمایش همه...
نمایش همه...
Abdurazak.Husen Official

⛳️Let's do our best to serve justice⚖ ⚖️Ambo University, law student. 🔐Justice For All✍️ """......and avoid the false statement (Forged wetness, lying speech)""" Sura..Al-Haj(the Pilgrimage) 22

Muuxanno Gaggaarii ------------------- ★★★Godina Shawaa Lixatti Aanaa Noonnoo fi Aanaa Abunaa Gindabarat ★★★ ................... (Ebila 21, 2016 MMWO, Finfinnee)-Gaaddisa manneen murtii Aadaa ijaaruuf akka Naannoo Oromiyaatti sochiin babal'aan taasifamaa kan jiru ta'uun ni beekama. Kun akkuma jirutti ta'ee  haala addaatiin qalbii kan nu harkise Godina Shawaa Lixaatti  ijaarsa gaaddisa Mana Murtii Aadaa Ol dabarfataa Aanaa Noonnoo fi Aanaa Abunaa Gindabaratidha.Ijaarsi gaaddisa lamaanii sadarkaa isaa kan eeggatee fi duudhaa fi safuu Oromoo kan madaaludha.Aanaalee fi godinaalee biroof fakkeenya waan ta'uuf isiniif qooduu jaallanneerra. --------------- #Daayireektoreetii_Dhimmoota_Komunikeeshinii_MMWO 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
نمایش همه...
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Abbootii Alangaa jijjiirraaf dorgamaniif qormaata kenne Ebla 21/2016;Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hanqina humna namaa Magaalota Meetiroopoolisii fi Riijiyoopoolisii irratti qabu guutuuf berksisa dorgommii baasuun isaa hin yaadatama. Bu'uruma kanaan guyyaa hara'aa Dhiira 153 fi Dubartii 12 waliigala Abbootii Alangaa 165 ta'aniif magaala Adaamaatti qormaata barreeffamaa kennee jira.
نمایش همه...
Hojjettoota Mootummaa ykn Waldaalee Himatamaa Ta'aniif Waraqaan Waamichaa Karaa Hogganaa Kutaa Hojjetichi Keessa Hojjetuutiin Akka Dhaqqabu Ajajuun Ni Danda'amaa? =======✓✓✓✓=====✓✓✓✓✓=======✓✓✓✓✓=== Hojjettoota Mootummaaf ykn Waldaaleef waamicha erguu Himatamaan hojjataa mootummaa ykn waldaa yoo ta‘e, manni murtii waajjira himatamaan keessatti hojjetutti erguun caalmaatti mijaa'aadha jedhee yoo tilmaame, hogganaa kutaa himatamaan keessatti hojjatuutti waamichi akka ergamu ajajuu ni danda‘a. Waamichi bifa kanaan ergamus garagalcha waamichaa himatamaa gahuu qabu waliin walqabatee ta'uu qaba.    (Sdfs Kwt 109) ለመንግሥት ወይም ለኩባንያ ሠራተኞች ስለሚሰጥ መጥሪያ ተከሣሹ የመንግሥት ወይም የኩባንያ ሠራተኛ ሲሆን መጥሪያውን ተከሳሹ ለሚሠራበት የመንግሥት ወይም የግል ድርጅት መሥሪያ ቤት መላክ ለአሰጣጡ ምቾት የሚጠቅም መሆኑን ፍርድ ቤቱ የገመተ እንደሆነ ተከሳሹ ለሚሠራበት ድርጅት የክፍል አላፊ ለሆነው ባለ ሥልጣን እንዲላክ ለማዘዝ ይችላል። በዚህ ዓይነት የሚላከውም መጥሪያ ለተከሳሹ ሊደርስ ከሚገባው ግልባጭ ጋር ተያይዞ መላክ አለበት።    (የፍ/ብ/ሥ/ሥ ሕግ አንቀጽ 109) Service on public servant or employee Where the defendant is a public servant or is in the service of an organization, institution or company, the court may, if it appears to it that the summons may be most conveniently so served, send it for service on the defendant to the head of the office in which he is employed, together with a copy to be retained by the defendant.   (Art.109 of Ethiopian Civil Procedure Code)         Madda..✍️ Desalegn B.
نمایش همه...
نمایش همه...
Abdurazak.Husen Official

⛳️Let's do our best to serve justice⚖ ⚖️Ambo University, law student. 🔐Justice For All✍️ """......and avoid the false statement (Forged wetness, lying speech)""" Sura..Al-Haj(the Pilgrimage) 22

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa raawwii ji'a sagalii gaggeessaa ture goolabee jira. Ebla 21/2016,BAAWO; Biirichi raawwii karoora hojii baatii sagalii Ebla 19 jalqabee itti-gaafatamtoota waajjira Abbaa Alangaa godinaalee waliin Adaamaatti qorachaa ture kurmaana xumure. Gamaggama hojii kanaan ciminaalee, hanqinaalee fi rakkoowwan hojii keessatti mul'atan bilchinaan qoratee adda baasee jira. Godinaaleen gabaasa dhiyeessanis karoora isaanii hanga ammaa keessaa hagam akka milkeessaniifi hin milkeessin hafan ilaalamee jira. Bu'uuruma kanaan qabxiiwwan gurguddoon qorannoo kanaan xiyyeeffannoon ilaalamanii yaadnis akka itti kennamu taasifaman kanneen asiin gaditti tarreessine kana yemmuu ta'an isaanis 👉Maal karoorsinee, maal raawwanne kan jedhuufi waan hojjetameenis bu'aa maaltu argame? 👉Eeruu yakkaa fuudhame sirnaan hoogganuun karaa saffinaa fi qulqullina qabuun qorachuun murtii irratti kennisiisuun wal-qabatee hojiin hojjetame maal fakkaata? 👉Yakkoota ciccimoon wal-qabatee haala kamiin Poolisii waliin taanee qorannee qulqulleessuun haqa mirkaneessaa jirra? 👉Yakkoota Malammaltummaafi diinagdee xiyyeeffannoo akkamiitiin akka hoogganaa jirruufi qabeenya bu'aa yakkaa ta'e deebisiisuun wal-qabatee haala kamiin hojjechaa jirra? 👉Galmeessa sanadaa fi kenna hayyamaan wal-qabatee xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiru maal fakkaata? 👉 Naamusni Abbootii Alangaa yeroo ammaa sadarkaa maalii irra akka jiruufi rakkoo naamusaa qabatamaan Godinaalee gara garaa keessatti mula'achaa jiruuf sababni maal akka ta'eefi maddi rakkoo kanaas maali ? 👉 Itti-gaafatamummaa nutti kennamee jiru bahachuudhaaf akkamitti hoogganaa jirra kan jedhuufi kan biroo gamaggama gadi fageenyaan tasifame kanaan hanqinoota mula'atan karaa kurmaana itti-aanutti duguugamee xiiqiidhaan raawwatamuu qabu irratti waliigalameera.
نمایش همه...