Yaala “Talk therapy” jedhamutu jiraa beekii yaalami.
ila
Rooba samii ni jaalladha jetta,yoo roobu jalaa dheetta, ifa aduu barbaada jetta,aduun baatu cinaa jalaa galta, nama gaarii dalagu ni jaalladha jetta,galatoonfachuuf immoo waliin rakkatta,kana taanaan,dhukkuba manni yaalaa sii hin argine,kan ati uf fayyisuu dandeettutu jiraa beeki.
Obbolaa
Maatii wal-diige keessatti sammuu keetii miidhamaa yoo guddatte tahe,kunuunsa maatiitii gahaa dhabdee yoo guddatte tahe,dhukkuba “Narcissistic personality disorder” jedhamuutu si tuqaa beeki,namni yeroo hedduu “traumatized” tahe tokko,faallaa yaada malee karaa sirrii hin deemuu hubadhu.
Jaaloo
Biqiltuu bishaan obaasan malee,bishaan bahraa irra hin dhaabanii laali,qurxummii bishaan keessan galchan malee,lafa gammoojjitti hin horsiisanii argi, ilma namaatis,namooma isaatiin maxaqfatanii taajjabi.
Obbolaa
Barnoota dhabuun,eenyu wajji imaluufi eenyu biraa dheessuu akka qabdu si wallaalchisaa beeki,ijaartee diiguu sitti laaffisaa taajjabi,guddaa kee xinneessitee, xinnaa ormaa akka faarsitu si taasisaa daawwadhu, dhukkuba”Narcissistic personality disorder” qabda taanaan,yaalamuun dirqama sitti tahaa beeki.
Hey
Oolmaan kee mana barnootaa haa tahu,bultiin kee kitaaba wajji haa tahu,hiriyaan kee kitaaba gaarii haa tahu,dhageettiifi dubbiin kee,argama qorannoo haa tahu,yoo dubbisuu dadhabde malee,karaan irra deemtuufi namni dubbistu hundi,kitaaba mataa ufii dandahee,qajeellotti qara’aa deemi.
Ekaa
Nama dhukkuba “Narcissistic personality disorder” qabu taanaan,Talk therapy”iidhaan yaalami,hedduu haasawuun namarraa laafaa,kitaaba yoo dubbistuufi yoo dubbattus sagalee kee ol fuudhi.
Yes
“Darkness cannot drive out darkness,only light can do that”!
✍️Madda Ust.Sufian Ousman
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
https://t.me/Abdu_Husen