es
Feedback
Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Ir al canal en Telegram

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Mostrar más

📈 Análisis del canal de Telegram Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

El canal Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (@ojcvbureau) es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 17 968 suscriptores, ocupando la posición 11 000 en la categoría Educación y el puesto 269 en la región Finlandia.

📊 Métricas de audiencia y dinámica

Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 17 968 suscriptores.

Según los últimos datos del 17 septiembre, 2026, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de 92, y en las últimas 24 horas de 6, conservando un alto alcance.

  • Estado de verificación: No verificado
  • Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 12.53%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener 6.81% de reacciones respecto al total de suscriptores.
  • Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 2 251 visualizaciones. En el primer día suele acumular 1 224 visualizaciones.
  • Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 5.

📝 Descripción y política de contenido

El autor describe el recurso como un espacio para expresar opiniones subjetivas:
Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 18 septiembre, 2026), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Educación.

17 968
Suscriptores
+624 horas
+417 días
+9230 días
Archivo de publicaciones
Rollup.docx0.23 KB

"Haaromsa aadaa, olka'iinsa biyyaaf!" Qaammee 02, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa kabaja ayyaana bara haaraa 2019 sabeeffachuun garee agarsiisa goobeefi shinooyyee simate. Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, mootummaan yaadama duudhaa keenya ganamaatti haadeebinu jedhuun haaromsa aadaan hojiirra oolchaa jiruun dhaloota aadaafi biyya isaa jaalatuufi oomishtummaa guddisu horachuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Sirni goobeefi shinooyyee abdiifi hawwii simannaa bara haaraaf jiru calaqqasiisuun cinatti seenaa, aadaafi duudhaa Oromoon qabu itti fufsiisuu keessatti qooda ol'aanaacinatti waanqabuuf baga guyyaa kanaan isin gahe jedhaniiru. Dargaggoonni sirnicha irratti hirmaatanis ogummaa gonfachuun sochii diinagdee naannicha keessatti taasifamu hundarraa fayyadamoo ta'uu akka qabanis injiner Eebbaan dhaamaniiru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaadha- obbo Nasraddin Qaadii. Hagayya 30, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaashamannee leenjifamtoota ogummaalee kudha lamaan leenjisaa ture 471 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan karoora ogummaan ofdanda'uu hojiirra oolchuun lammiileen keenya hojii barbaaduurraa gara hojii uumuutti; rakkoof harka kennuurraa gara carraatti jijjiiruun furmaata uumuutti akka ce'an taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Eebbifamtoonni har'aa bara ogummaan xiyyeeffannoo addaa argatee jiruufi ogeessi barbaadamu keessatti eebbifamuun eebba keessan adda taasisa kan jedhan obbo Nasraddin, ogummaan har'aa milkaa'ina borii waanta'eef ogummaa biraa dabalachuun caalmaatti ofgahoomsuuf har'umarraa kaasanii of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru. Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaa ta'uu himuun, hawaasni naannichaas ofdanda'uufi jireenya isaa injifachuuf dhaabbilee leenjiitti simatamuun ogummaa leenji'uu akka qabu dhaamaniiru. Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Dr.Firaa'ol Uddeessaa, eebbi guyyaa gammachuufi agarsiiftuu milkaa'ina firii dadhabbii ta'uu ibsuun, sirni kunis galma xumuraa waan hintaaneef eebbifamtoonni ogummaa horataniin hojii uummachuun hawaasa isaanii tajaajiluufi diinagdeen of cimsuu akka qaban dhaamaniiru. Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Shaashamannee obbo Abdurahmaan Garee, kolleejjichi bara hundeeffama isaa 1994 irraa kaasee fedhii gabaa hojii irratti hundaa'uun leenjifamtoota hedduu simatee leenjisuun ogummaa hidhachiisee gara addunyaa hojiifi kalaqaatti bobbaasee jiraachuu ibsaniiru. Guyyaa har'aas leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan simatee leenjisaa ture leenjii xumursiisuun ogummaa gulantaan leenjichaa barbaadu gonfachiisuudhaan leenjifamtoota 471 eebbaaf dhiyeessuu himaniiru. Eebbifamtoonni kunneen turtii leenjii isaaniitti ogummaa argatan gara carraa hojii uumuu, kalaqaafi oomishaatti jijjiiruu akka qaban obbo Abdurahmaan dhaamaniiru. Xumura sagantichaattis leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee kan jiru yoota'u, industiriiwwaniifi qaamolee milkaa'ina raawwii hojii kolleejjichaa bara 2018 keessatti tumsa ol'aanaa taasisaa turaniif waraqaan ragaa galataa kennameefii jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii irratti Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif gaggeessaa ture goolabame. Hagayya 28, 2018 (Komn.BCHUOO)-Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif sekteroota itti waamamni isaanii ministeerichaaf ta'an waliin gaggeessaa ture goolabame. Waltajjicha irrattis hooggantoonni Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaafi diiniiwwan kolleejjota poolii teekinika Oromiyaa hirmaachaa kan turan yoota'u, Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa raawwii hojii olaanaa damee hundaan galmeessiseef hogganaan Biirichaa injiner Eebbaa Garbaa  badhaasaafi beekamtii sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa  aadde Nabiyaa Mohaammed harkaa fudhatan. Sagantichaanis, mariin panaalii matadureewwan adda addaa irratti qooda fudhattootaafi dhimmamtoota sekterichaa hirmaachiise adeemsifamaa kan ture yoota'u, karoorri hojii bara giddugaleessaa dhiyaatee irratti mari'atamuun kallattiin hojii fuula duraa,  sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa  aadde Nabiyaa Mohaammediin kennamee jira. Kanamalees, raawwii imala milkaa'ina waggoottan shanan darbanii kan mul'isu egizibiishiniin mataduree "Itiyoophiyaa Ogummeessuu /Skill Ethiopia” jedhu kan oomisha intarpiraayizootaa, bu'aa hojii kalaqaafi yaada daldalaa dhiyaatee hoggantoota olaanoofi keessummootaan daawwatamaa tureera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Yaadama haaraa damee Ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaaf dandeettii qabaniifi dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun danda'ameera- Ministeera Hojiifi Ogummaa. Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa adeemsa misoomaa waggoottan shanan darbanii ilaalchisee waltajjii marii gaggeessaa jiruun, dameewwan garaagaraa raawwii hojii isaanii dhuunfaan gamaggamaa jiru. Gamaggama raawwii hojii damee misooma ogummaa taasifameen, yaadama haaraa damee ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaafi dandeettii qaban, akkasumas dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun kan danda'ame ta'uun himameera. Waggoottan shanan darbanitti Imaammataafi Tarsiimoo Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hojiirra ooleen damee kana caalaatti guddisuufi cimsuu kan danda’an bu'uuraaleen seeraafi dambiiwwan fooyyessuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa tureen sadarkaan ogummaa 234 qophaa'uun qophaa'uun, sirna leenjii idileetiin leenjifamtoota miliyoona 1.1 ol simachuun leenjisuun, akkasumas sagantaa leenjii gaggabaabootiin leenjifamtoota miliyoona 20 ol leenjisuun kan danda'ame ta'uunis ibsameera. Qulqullina leenjii irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojii hojjetameen dhaabbileen Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hedduun Ragaa Mirkaneessa Sirna Bulchiinsa Qulqullinaa (ISO) argachuunis himameera. Kunis leenjifamtoota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta'an horachuuf bu’uura cimaa waggoota shanan darban keessatti kaa’uun danda’ame ta'uu kan agarsiisu ta’uunis eerameera. Milkaa'inoonni kunneenis ilaalchawwan hojii haaraa babal’isuun, akkasumas dhaabbilee teekinoolojiin ammayyeessuun sirna misooma ogummaa dhiyeessii irratti hundaa'erraa gara fedhii gabaafi hojii uumuutti ceesisuuf bu'uura cimaa kan kaa'e ta'uun himameera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Waggoottan shanan darban haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojiii uumuurratti taasifameen biyya keessaafi biyya alaatti lammiilee miliyoona 20.7 oliif carraan hojii uumamuu Ministeera Hojiifi Ogummaa beeksise. Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa raawwii hojii misoomaafi haaromsa waggoottan shanan darbanii Hoggantootaafi raawwattoota damichaa naannolee hundaa bakka argamanitti gamaggamaa jira. Haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojii uumuu irratti waggoottan shanan darban keessatti raawwatameen lammiileen miliyoona 19 ol carraa hojii biyya keessaa argachuu, akkasumas lammiileen miliyoona 1.6 ol karaa seera qabeessa ta’een hojii biyya alaa argatanii jiraachuun ibsameera. Carraa hojii babal’isuufi bu'aqabeessummaa intarpiraayizootaa mirkaneessuufis deeggarsi maallaqaa, dhiyeessiin lafaa, bu’uuraaleen misoomaafi walitti hidhamiinsa gabaa bal'inaan dhiyaachaa turuun himameera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 eebbisiise. ‎ Hagayya 24, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 guyyaa har'aa eebbisiisee jira. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan lammiileen yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun abbaa carraa hojii bal'aa akka ta'an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Leenjifamtoonni guyyaa har’aa eebbifamanis ogummaa horataniin hojiitti galuun hawaasaafi biyya isaanii tajaajiluu akka qaban obbo Nasraddin dhaamaniiru. Sirnicharratti haasawaa kan taasisan abbaan qabeenyaa Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus obbo Admaasuu Dirribaa, galma ogummaa dagaagsuun carraa hojii ogummaan durfamu uumuu milkeessuun tumsa qaamolee hundaa kan gaafatu ta'uu ibsuun, kolleejjichis galma kana milkeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kolleejjichi leenjifamtoota simatee leenjisu ogummaa gonfachiisuu qofa utuu hintaanee carraa hojii uumuufiin bu'aqabeessa taasisuuf kan hojjetu ta'uus obbo Admaasuun ibsaniiru. Itti Gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Tolaa Hajjii, mootummaan lammiileen intarpiruunara ta'anii sochii diinagdee taasifamurraa fayyadamoo akka ta'aniif dagaagina ogummaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu himuun, eebbifamtoonni kunneen ogummaa gonfataniin hojiitti galuun namoota kaaniif carraa hojii uumuu akka qaban dhaamaniiru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Sagantaa Eebba Leenjifamtootaa KPT Hasaasaa.

Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 eebbisiise. Hagayya 23, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 guyyaa har'aa sirnoota garaagaraan eebbisiisee jira. Diiniin Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa obbo Wasanaa Wadaajoo, lammiin gahumsa ogummaa qabu harka namaa hin ilaalu waan ta'eef kolleejjichi dargaggoonni yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun dinagdee saffisaan guddataa jiru keessatti qooda isaanii akka bahatan gochuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Leenjii gahumsaaf qulqullina qabu dhiyeessuun humna namaa dorgomaa ta'e gabaa hojiif dhiyeessuuf hojjetamaa jira kan jedhan obbo Wasanaan, guyyaa har'aas leenjifamtoonni 116 leenjii isaanii xumuruun eebbaaf dhiyaachuu himaniiru. Kolleejjichatti hojii misooma ogummaa hojjjetamuun cinattis mooraa kolleejjichaa iddoo oomishaafi kalaqaa gochuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa obbo Mahaammad Xahaa eebbifamtootaaf gammachuu qaban ibsuun, pooteenshaala carraa hojii magaalichi qabutti gargaaramuun hojiitti akka galan gochuufis deeggarsa walirraa hincinne kan taasisan ta'uu himaniiru. Xumura sagantichaattis, leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennameera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com