Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa
前往频道在 Telegram
Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!
显示更多📈 Telegram 频道 Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa 的分析概览
频道 Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (@ojcvbureau) 是活跃参与者。目前社区聚集了 17 968 名订阅者,在 教育 类别中位列第 11 000,并在 芬兰 地区排名第 269 位。
📊 受众指标与增长动态
自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 17 968 名订阅者。
根据 17 九月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 92,过去 24 小时变化为 6,整体触达仍然可观。
- 认证状态: 未认证
- 互动率 (ER): 平均受众互动率为 12.53%。内容发布后 24 小时内通常能获得 6.81% 的反应,占订阅者总量。
- 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 2 251 次浏览,首日通常累积 1 224 次浏览。
- 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 5。
📝 描述与内容策略
作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!”
凭借高频更新(最新数据采集于 18 九月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 教育 类别中的关键影响点。
17 968
订阅者
+624 小时
+417 天
+9230 天
帖子存档
"Haaromsa aadaa, olka'iinsa biyyaaf!"
Qaammee 02, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa kabaja ayyaana bara haaraa 2019 sabeeffachuun garee agarsiisa goobeefi shinooyyee simate.
Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, mootummaan yaadama duudhaa keenya ganamaatti haadeebinu jedhuun haaromsa aadaan hojiirra oolchaa jiruun dhaloota aadaafi biyya isaa jaalatuufi oomishtummaa guddisu horachuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Sirni goobeefi shinooyyee abdiifi hawwii simannaa bara haaraaf jiru calaqqasiisuun cinatti seenaa, aadaafi duudhaa Oromoon qabu itti fufsiisuu keessatti qooda ol'aanaacinatti waanqabuuf baga guyyaa kanaan isin gahe jedhaniiru.
Dargaggoonni sirnicha irratti hirmaatanis ogummaa gonfachuun sochii diinagdee naannicha keessatti taasifamu hundarraa fayyadamoo ta'uu akka qabanis injiner Eebbaan dhaamaniiru.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaadha- obbo Nasraddin Qaadii.
Hagayya 30, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaashamannee leenjifamtoota ogummaalee kudha lamaan leenjisaa ture 471 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira.
Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan karoora ogummaan ofdanda'uu hojiirra oolchuun lammiileen keenya hojii barbaaduurraa gara hojii uumuutti; rakkoof harka kennuurraa gara carraatti jijjiiruun furmaata uumuutti akka ce'an taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Eebbifamtoonni har'aa bara ogummaan xiyyeeffannoo addaa argatee jiruufi ogeessi barbaadamu keessatti eebbifamuun eebba keessan adda taasisa kan jedhan obbo Nasraddin, ogummaan har'aa milkaa'ina borii waanta'eef ogummaa biraa dabalachuun caalmaatti ofgahoomsuuf har'umarraa kaasanii of qopheessuu akka qaban dhaamaniiru.
Addunyaa har'aa keessatti injifachuuf ogummaan ofdanda'uu, yaada kalaqa haaraa maddisiisuufi jijjiirama waliin tarkaanfachuun murteessaa ta'uu himuun, hawaasni naannichaas ofdanda'uufi jireenya isaa injifachuuf dhaabbilee leenjiitti simatamuun ogummaa leenji'uu akka qabu dhaamaniiru.
Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Dr.Firaa'ol Uddeessaa, eebbi guyyaa gammachuufi agarsiiftuu milkaa'ina firii dadhabbii ta'uu ibsuun, sirni kunis galma xumuraa waan hintaaneef eebbifamtoonni ogummaa horataniin hojii uummachuun hawaasa isaanii tajaajiluufi diinagdeen of cimsuu akka qaban dhaamaniiru.
Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Shaashamannee obbo Abdurahmaan Garee, kolleejjichi bara hundeeffama isaa 1994 irraa kaasee fedhii gabaa hojii irratti hundaa'uun leenjifamtoota hedduu simatee leenjisuun ogummaa hidhachiisee gara addunyaa hojiifi kalaqaatti bobbaasee jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaa har'aas leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan simatee leenjisaa ture leenjii xumursiisuun ogummaa gulantaan leenjichaa barbaadu gonfachiisuudhaan leenjifamtoota 471 eebbaaf dhiyeessuu himaniiru.
Eebbifamtoonni kunneen turtii leenjii isaaniitti ogummaa argatan gara carraa hojii uumuu, kalaqaafi oomishaatti jijjiiruu akka qaban obbo Abdurahmaan dhaamaniiru.
Xumura sagantichaattis leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee kan jiru yoota'u, industiriiwwaniifi qaamolee milkaa'ina raawwii hojii kolleejjichaa bara 2018 keessatti tumsa ol'aanaa taasisaa turaniif waraqaan ragaa galataa kennameefii jira.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii irratti Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif gaggeessaa ture goolabame.
Hagayya 28, 2018 (Komn.BCHUOO)-Mariin milkaa'ina imala waggoottan shanan darbaniifi karoora hojii waggaa sadii Ministeerri Hojiifi Ogummaa guyoota afuriif sekteroota itti waamamni isaanii ministeerichaaf ta'an waliin gaggeessaa ture goolabame.
Waltajjicha irrattis hooggantoonni Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaafi diiniiwwan kolleejjota poolii teekinika Oromiyaa hirmaachaa kan turan yoota'u, Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa raawwii hojii olaanaa damee
hundaan galmeessiseef hogganaan Biirichaa injiner Eebbaa Garbaa badhaasaafi beekamtii sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Nabiyaa Mohaammed harkaa fudhatan.
Sagantichaanis, mariin panaalii matadureewwan adda addaa irratti qooda fudhattootaafi dhimmamtoota sekterichaa hirmaachiise adeemsifamaa kan ture yoota'u, karoorri hojii bara giddugaleessaa dhiyaatee irratti mari'atamuun kallattiin hojii fuula duraa, sadarkaa deetaa ministeeraatti gorsituu ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Nabiyaa Mohaammediin kennamee jira.
Kanamalees, raawwii imala milkaa'ina waggoottan shanan darbanii kan mul'isu egizibiishiniin mataduree "Itiyoophiyaa Ogummeessuu /Skill Ethiopia” jedhu kan oomisha intarpiraayizootaa, bu'aa hojii kalaqaafi yaada daldalaa dhiyaatee hoggantoota olaanoofi keessummootaan daawwatamaa tureera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
Yaadama haaraa damee Ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaaf dandeettii qabaniifi dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun danda'ameera- Ministeera Hojiifi Ogummaa.
Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa adeemsa misoomaa waggoottan shanan darbanii ilaalchisee waltajjii marii gaggeessaa jiruun, dameewwan garaagaraa raawwii hojii isaanii dhuunfaan gamaggamaa jiru.
Gamaggama raawwii hojii damee misooma ogummaa taasifameen, yaadama haaraa damee ogummaa irratti fudhatameen dhaabbilee Leenjii Teeknikaafi Ogummaa giddugala lammiileen gahumsaafi dandeettii qaban, akkasumas dorgomaa ta'an itti horataman taasisuun kan danda'ame ta'uun himameera.
Waggoottan shanan darbanitti Imaammataafi Tarsiimoo Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hojiirra ooleen damee kana caalaatti guddisuufi cimsuu kan danda’an bu'uuraaleen seeraafi dambiiwwan fooyyessuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa tureen sadarkaan ogummaa 234 qophaa'uun qophaa'uun, sirna leenjii idileetiin leenjifamtoota miliyoona 1.1 ol simachuun leenjisuun, akkasumas sagantaa leenjii gaggabaabootiin leenjifamtoota miliyoona 20 ol leenjisuun kan danda'ame ta'uunis ibsameera.
Qulqullina leenjii irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojii hojjetameen dhaabbileen Leenjii Teeknikaafi Ogummaa hedduun Ragaa Mirkaneessa Sirna Bulchiinsa Qulqullinaa (ISO) argachuunis himameera.
Kunis leenjifamtoota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta'an horachuuf bu’uura cimaa waggoota shanan darban keessatti kaa’uun danda’ame ta'uu kan agarsiisu ta’uunis eerameera.
Milkaa'inoonni kunneenis ilaalchawwan hojii haaraa babal’isuun, akkasumas dhaabbilee teekinoolojiin ammayyeessuun sirna misooma ogummaa dhiyeessii irratti hundaa'erraa gara fedhii gabaafi hojii uumuutti ceesisuuf bu'uura cimaa kan kaa'e ta'uun himameera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
Waggoottan shanan darban haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojiii uumuurratti taasifameen biyya keessaafi biyya alaatti lammiilee miliyoona 20.7 oliif carraan hojii uumamuu Ministeera Hojiifi Ogummaa beeksise.
Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa raawwii hojii misoomaafi haaromsa waggoottan shanan darbanii Hoggantootaafi raawwattoota damichaa naannolee hundaa bakka argamanitti gamaggamaa jira.
Haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojii uumuu irratti waggoottan shanan darban keessatti raawwatameen lammiileen miliyoona 19 ol carraa hojii biyya keessaa argachuu, akkasumas lammiileen miliyoona 1.6 ol karaa seera qabeessa ta’een hojii biyya alaa argatanii jiraachuun ibsameera.
Carraa hojii babal’isuufi bu'aqabeessummaa intarpiraayizootaa mirkaneessuufis deeggarsi maallaqaa, dhiyeessiin lafaa, bu’uuraaleen misoomaafi walitti hidhamiinsa gabaa bal'inaan dhiyaachaa turuun himameera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 eebbisiise.
Hagayya 24, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 419 guyyaa har'aa eebbisiisee jira.
Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Nasraddin Qaadii, mootummaan lammiileen yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun abbaa carraa hojii bal'aa akka ta'an gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Leenjifamtoonni guyyaa har’aa eebbifamanis ogummaa horataniin hojiitti galuun hawaasaafi biyya isaanii tajaajiluu akka qaban obbo Nasraddin dhaamaniiru.
Sirnicharratti haasawaa kan taasisan abbaan qabeenyaa Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Kaanenus obbo Admaasuu Dirribaa, galma ogummaa dagaagsuun carraa hojii ogummaan durfamu uumuu milkeessuun tumsa qaamolee hundaa kan gaafatu ta'uu ibsuun, kolleejjichis galma kana milkeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Kolleejjichi leenjifamtoota simatee leenjisu ogummaa gonfachiisuu qofa utuu hintaanee carraa hojii uumuufiin bu'aqabeessa taasisuuf kan hojjetu ta'uus obbo Admaasuun ibsaniiru.
Itti Gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Tolaa Hajjii, mootummaan lammiileen intarpiruunara ta'anii sochii diinagdee taasifamurraa fayyadamoo akka ta'aniif dagaagina ogummaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu himuun, eebbifamtoonni kunneen ogummaa gonfataniin hojiitti galuun namoota kaaniif carraa hojii uumuu akka qaban dhaamaniiru.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 eebbisiise.
Hagayya 23, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa leenjifamtoota ogummaalee afuriin leenjisaa ture 116 guyyaa har'aa sirnoota garaagaraan eebbisiisee jira.
Diiniin Kolleejjii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Hirnaa obbo Wasanaa Wadaajoo, lammiin gahumsa ogummaa qabu harka namaa hin ilaalu waan ta'eef kolleejjichi dargaggoonni yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfachuun dinagdee saffisaan guddataa jiru keessatti qooda isaanii akka bahatan gochuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Leenjii gahumsaaf qulqullina qabu dhiyeessuun humna namaa dorgomaa ta'e gabaa hojiif dhiyeessuuf hojjetamaa jira kan jedhan obbo Wasanaan, guyyaa har'aas leenjifamtoonni 116 leenjii isaanii xumuruun eebbaaf dhiyaachuu himaniiru.
Kolleejjichatti hojii misooma ogummaa hojjjetamuun cinattis mooraa kolleejjichaa iddoo oomishaafi kalaqaa gochuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa obbo Mahaammad Xahaa eebbifamtootaaf gammachuu qaban ibsuun, pooteenshaala carraa hojii magaalichi qabutti gargaaramuun hojiitti akka galan gochuufis deeggarsa walirraa hincinne kan taasisan ta'uu himaniiru.
Xumura sagantichaattis, leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennameera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: ojcvb2022@yahoo.com
