ar
Feedback
Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

الذهاب إلى القناة على Telegram

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

إظهار المزيد

📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

تُعد قناة Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (@ojcvbureau) لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 17 860 مشتركاً، محتلاً المرتبة 11 215 في فئة التعليم والمرتبة 272 في منطقة فنلندا.

📊 مؤشرات الجمهور والحراك

منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 17 860 مشتركاً.

بحسب آخر البيانات بتاريخ 01 أغسطس, 2026، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار -58، وفي آخر 24 ساعة بمقدار -4، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.

  • حالة التحقق: غير موثّقة
  • معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 19.62‎%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً 6.85‎% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
  • وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 3 505 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 1 223 مشاهدة.
  • التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 9.

📝 الوصف وسياسة المحتوى

يصف المؤلف القناة بأنها مساحة للتعبير عن الآراء الذاتية:
Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 02 أغسطس, 2026) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة التعليم.

17 860
المشتركون
-424 ساعات
-757 أيام
-5830 أيام
أرشيف المشاركات
photo content
+9

Misoomni ogummaafi dhaweessummaa rasaasa tulluu hiyyummaa diiguun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsudha jedhan obbo Habtaamuu Kaasaa. Adoolessa 26, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Amboo leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa ture 1,590 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, misoomni ogummaafi dhaweessummaa rasaasa tulluu hiyyummaa diiguun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsu ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaas lammiilee ogummaafi dhaweessummaan of danda'an baay'inaan horachuun cabinsa dinagdee jiru furuun rakkoo hojii dhabdummaafi qala'insa jireenyaa furuuf indaastiriiwwan bakka leenjiifi oomishaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Eebbifamtoonni guyyaa har'aas ogummaa gonfataniin hojii uummachuun jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachuu akka qaban dhaamuun, qaamoleen qooda fudhatootaas paakeejiiwwan deeggarsaa dhiheessufiin dargaggoonni kunneen akka milkaa'an taasisuuf qooda isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru. Kolleejjiin Poolii Teeknika Amboo bara hundeeffama isaarraa kaasee hanga ammaatti leenjii gahumsaafi qulqullina qabu dhiyeessuun, humna namaa dorgomaa ta'e gabaa hojii dhiyeessaa jiraachuu diiniin Kolleejjichaa obbo Mulunaa Tafarraa himaniiru. Guyyaa har'aas kolleejjonni kilaastara Kolleejjii Poolii Teeknika Amboo jaha qindoominaan bakka tokkotti leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa turan gahumsaan xumursiisuun leenjifamtoota 1,590 eebbaaf dhiyeessuu obbo Mulunaan himaniiru. ‎ ‎Sirnicharratti haasawaa kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Amboo obbo Araggaa Shugguxii, mootummaan Paartii Badhaadhinaan hogganamu lammiin biyya kanaa akka Intarpirinaara ta'uuf ogummaa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himuun, eebbifamtoonni hojii uummachuun ofirra darbanii namoota biroof hojii uumuu akka qaban dhaamaniiru. Xumura sirnichaa irrattis leenjifamtoota muummee adda addaa irraa qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

photo content
+9

Karoora of-danda'uu bara 2019 qabameen ogummaafi dhaweessummaa babal'isuun hawaasa ogummaan ofdanda'ee hojii uummatu horachuuf hojjetamaa jira jedhan obbo Waasihuun Golgaa. Adoolessa 26, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Fiichee leenjifamtoota ogummaalee kudha sadiin leenjisaa turan 941 eebbisiisan. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, mootummaan karoora of-danda'uu bara 2019 qabameen ogummaafi dhaweessummaa babal'isuun hawaasa ogummaan ofdanda'ee hojii uummatu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Eebbifamtoonni guyyaa har'aas ilaalcha hojii eeggachuu keessaa bahuun ogummaa gonfataniin hojii uummachuudhaan utubaafi abdii guddina diinagdee biyyaa ta'uu akka qaban dhaamaniiru. Maatiin eebbifamtootaa, hawaasni naannoofi qaamoleen mootummaa sadarkaan jiranis eebbifamtoonni kunneen hudhaalee addunyaa hojii keessatti isaan mudatan injifachuun bu'aqabeessa ta'anii hojiibarbaaddota kaaniif carraa hojii akka uumaniif deeggarsa walirraa hincinne taasisuufii akka qaban dhaamaniiru. Haasawaa anaa dhufuu kan taasisan Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Kifaloo Adaree, ofitti amanamummaa horachuudhaan rakkoo gara carraafi qabeenyaatti jijjiiruun kan danda'amu ogummaafi teekinooloojiin yoo gahooman ta'uu ibsuun, eebbifamtoonni guyyaa har'aas ogummaa gonfataniin hojii uummachuun ofjijjiiranii biyyas jijjiiruu akka qaban dhaamaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Tasfaayee H/Maariyaam, ogummaan guddina diinagdee biyya tokkoof gahee olaanaa kan qabu ta'uu ibsuun, dhaabbileen leenjii godinichaas ogummaa dagaagsuun fedhii industirii irratti hundaa'uudhaan humna namaa gahoome gabaa hojiif dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Fiichee fi walitti qabaan kilaastara Kolleejjota Godina Shawaa Kaabaa obbo Takliyyee Guutaa, dhaabbileen leenjii kilaastarichaa ulaa misoomaa godinichaa irratti hundaa'uun leenjifamtoota leenjii idileefi gaggabaaboon simachuun ogummaa gonfachiisaa jiraachuu himaniiru. Guyyaa har'aas dhaabbileen leenjii 13 leenjifamtoota ogummaalee kudha sadiin leenjisaa turan 941 eebbaaf dhiyeessuu ibsuun, eebbifamtoonnis naamusa ogummaafi dandeettii turtii leenjii isaanii keessatti horataniin eeggattummaa tokko malee hojiitti galuu akka qaban dhaamaniiru. Xumura sirnichaa irrattis, Kolleejjota kilaastara godinichaa keessaa ogummaalee garaagaraa irraa leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

photo content
+9

"Lammiin gahumsa ogummaa qabu, harka namaa hin ilaalu," jedhan Injiner Eebbaa Garbaa. Adoolessa 25, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Bishooftuu fi Kolleejjiin BLTO Duukam leenjifamtoota ogummaalee 21'n leenjisaa turan 1,314 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisaniiru. Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuu obbo Dabalaa Tasfaa, jijjiirama diinagdee itti fufiinsa qabu fiduuf ogummaafi teekinooloojii irratti hojjechuun murteessaa ta'uu himaniiru. Kolleejjichis dargaggoota gahumsaafi dandeettii qaban oomishuun humna namaa industiriin barbaadu baay'inaafi qulqullinaan dhiyeessuuf industiriiwwan 250 waliin waliigaltee waloo waliif mallatteessuun leenjii walta'insaa hojiirra oolchee jiraachuu ibsuun, mooraa kolleejjichaas iddoo oomishaafi kalaqaa taasisuuf kutannoon hojjetamaa jiruus himaniiru. Guyyaa har'aas Kolleejjiin Poolii Teeknika Bishooftuu leenjifamtoota 1,196 fi Kolleejjiin BLTO Duukam leenjifamtoota 118 waliigala leenjifamtoota 1,314 leenjii xumursiisuun qindoominaan bakka tokkotti eebbaaf dhiyeessanii kan jiran yoota'u kanneen keessaas dhibbeentaan 88 hojiitti galanii jiraachuus obbo Dabalaan ibsaniiru. Haasawaa anaa dhufuu kan taasisan Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, Ogummaan jijjiirama amalaa fiduu, rakkoo hawaasaa furuufi hiyyummaa jalaa bahuuf daandii guddaadha jedhan. Eebbifamtoonni guyyaa har'aas ogummaa gonfataniin hojiitti galuun bu'aqabeessummaa isaanii mirkaneeffachuudhaan ogummaa gonfachuun jiruufi jireenya ofii fooyyeffachuuf murteessaa ta'uu qabatamaan agarsiisuu akka qaban dhaamaniiru. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injinar Eebbaa Garbaa, mootummaan hiyyummaa, rakkoo hojiidhabdummaafi ogummaa'uu dhabuu biyya keenya qoraa jiru bu'uurarraa furuuf misooma ogummaafi dhaweessummaa irratti hojjechaa jirachuu himaniiru. Lammiin gahumsa ogummaa qabu harka namaa hin ilaalu waanta'eef, biirichis hawaasni naannichaa yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa ol gonfatee jiruuf jireenya isaa fooyyeffachuun dinagdee saffisaan guddataa jiru keessatti qooda isaa akka bahatu taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Leenjifamtoota guyyaa har'aa eebbifamaniifis gammachuu qaban ibsuun, eebbi har'aa galma xumuraa waan hintaaneef yeroodhaa gara yerootti ogummaa isaanii gabbifachaa deemuu akka qaban dhaamaniiru. Xumura sirnichaa irrattis, leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee kan jiru yoota'u, qaamolee milkaa'ina hojii bara 2018 Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuutiif tumsa ol'aanaa taasisaa turaniifis waraqaan ragaa galataa kennamee jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Qophiin kun Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" Walta'iinsa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko guyyaa Kamisaa galgala sa'aatii 2:40 irraa eegalee dhiyaatudha. Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Cirootti hojiilee carraa hojii uumuu hojjetaman irratti kan xiyyeeffate. Bara 2018.

photo content
+8

Kolleejjiin Poolii Teeknika Geedoo leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa ture 140 eebbisiise. Adoolessa 19, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Geedoo leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa ture 140 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira. Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Geedoo obbo Girmaa Tasfaayee, kolleejjichi bara hundeeffama isaarraa eegalee lammiileef leenjii ogummaa gahumsaafi qulqullina qabu kennaa jiraachuu himaniiru. Hanga ammaattis leenjifamtoota 5210 leenjii xumursiisuun eebbisiisee gabaa hojiif dhiyeessee jiraachuu ibsuun, guyyaa har'aas leenjifamtoota leenjii isaanii gahumsaan xumuran 140 eebbaaf dhiyeessuu himaniiru. Kolleejjichi hojii misooma ogummaafi kalaqa teekinooloojii milkeessuuf hojjetuun cinatti yaadama kolleejjii intarpiraayizii hojiirra oolchuun qulqullina leenjii mirkaneessuufi galii keessoo isaa cimsachuuf kutannoon hojjechaa jiraachuus obbo Girmaan himaniiru. Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Bulchaan aanaa Calliyaa obbo Cimdii Raggaasaa hojii uummachuudhaan diinagdee horachuuf ogummaa gonfachuun murteessaa ta'uu ibsuun, Kolleejjiin Poolii Teeknika Geedoos imala Oromiyaa ogummeessuu milkeessuun hawaasa keenya ogummaa hidhachiisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Dargaggoonni guyyaa har'aa eebbifamanis pooteenshaala carraa hojii aanichi qabutti gargaaramuun hojiitti galanii diinagdee horachuun imala badhaadhinaa milkeessuu akka qaban dhaamaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Shawaa Lixaa obbo Tasfaayee Miijanaa, godinichatti hiyyummaa seenaa gochuun lammiileen keenya sochii diinagdee taasifamu hunda keessatti akka hirmaatan gochuuf ogummaa dagaagsuu, carraa hojii uumuu, kalaqa teekinooloojii cimsuufi dhaweessummaa babal'isuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Eebbifamtootaaf gammachuu qaban ibsuun, ilaalcha hojii eeggachuu keessaa bahuun ogummaa gonfataniin carraawwan naannoo isaanii jirutti gargaaramuun hojii uummatanii jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachuun abbaa qabeenyaa diinagdee hogganu ta'uu akka qaban dhaamaniiru. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Daarektarri Kominikeeshiniifi Qunnamtii Ummataa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Tolasaa Ajjamaa, mootummaan karoora ofdanda'uu bara kana qabate keessaa tokko ogummaan ofdanda'uu ta'uu himaniiru. Yaadama kanaanis lammiileen yoo xiqqaate ogummaa tokkoofi isaa olgonfachuun gahoomanii dorgomaa akka ta'an gochuuf karoorfamee jiraachuu himuun, eebbifamtoonni guyyaa har'aas ogummaa gonfataniin hojiitti galuufi ogummaa dabalachuun addunyaa dorgommii kana keessatti injifataa ta'uuf qophaa'ummaa horachuu akka qaban dhaamaniiru. Xumura sirnichaa irrattis, leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaambuu leenjifamtoota ogummaalee kudhaniin leenjisaa ture 835 eebbisiise. Adoolessa 18, 2018 (K
+4
Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaambuu leenjifamtoota ogummaalee kudhaniin leenjisaa ture 835 eebbisiise. Adoolessa 18, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Shaambuu leenjifamtoota ogummaalee kudhaniin leenjisaa ture 835 bakka hoggansi magaalichaa, maaatiin eebbifamtootaafi hawaasni kolleejjichaa argamanitti sirnoota garaagaraan eebbisiisee jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

photo content
+9

Kolleejjiin Poolii Teeknika Qonna Baakkoo fi Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Baakkoo leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa turan 300 eebbisiisan. Adoolessa 18, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Qonna Baakkoo fi Kolleejjiin Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Baakkoo leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa turan 300 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisaniiru. Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjjira Bulchiinsaa aanaa Baakkoo Tibbee obbo Innawuu Bayeessaa, leenjifamtoonni guyyaa har'aa eebbifaman hojii barbaaddota utuu hintaanee hojii uumtota ta'uu akka qaban dhaamuun, bulchiinsi aanichaas carraa hojii aanichatti jirutti gargaaramuun hojiitti akka galan taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta'uu ibsaniiru. Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Qonna Baakkoo obbo Abarraa Ifaa, dhaabbileen leenjii magaalichaa humna namaa ogummaan gahoomeefi addunyaa hojii keessatti dorgomaa ta'e horachuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Guyyaa har'aas Kolleejjiin Poolii Teeknika Qonna Baakkoofi KLTO magaalaa Baakkoo qindoominaan leenjifamtoota ogummaalee adda addaatiin leenjisaa turan leenjifamtoota dhibba 3 eebbaaf dhiyeessuu ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Shawaa Lixaa obbo Tasfaayee Miijanaa, namni ogummaa hingonfanne guddachuufi badhaadhinatti ce'uu waan hindandeenyeef, godinichatti dargaggoonni leenjii ogummaa leenji'uun gahoomanii addunyaa hojiitti akka bobba'an gochuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Leenjifamtoonni guyyaa har'aa eebbifamanis pooteenshaala dilbii godinichi qabutti gargaaramuun hojiitti galanii diinagdeen of cimsuu bira darbanii hojiibarbaaddota biroof illee carraa hojii uumuu akka qaban dhaamaniiru. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Daarektarri Kominikeeshiniifi Qunnamtii Ummataa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Tolasaa Ajjamaa, biirichi carraa hojii ogummaan durfamuufi ittifufiinsa qabu uumuuf yaadama "leenjiin sarkatikkeettiin ol; carraan hojii daabboon oli," jedhu hojiirra oolchaa jiraachuu himaniiru. Leenjifamtoonni leenjii isaanii xumuruun guyyaa har'aa eebbifaman kunneen, eebbi isaanii har'aa bakka bu'uura itti buufatan waanta'eef, ogummaa gonfataniin hojiitti galuun jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachuuf kutannoo horachuu akka qaban dhaamaniiru. Xumura sirnichaattis, leenjifamtoota muummeewwan adda addaa irraa qabxii ol'aanaa galmeessaniif badhaasaafi beekamtiin kennameera. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

photo content
+7

Giddugala Kalaqaafi Cehumsa Teekinooloojii Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuu fi Adaamaatti hojiileen kalaqa teekinooloojii hojjetamaa jiran daawwataman. Adoolessa 17, 2018 (Komn.BCHUOO)- Giddugala Kalaqaafi Cehumsa Teekinooloojii Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuu fi Adaamaatti hojiileen kalaqa teekinooloojii hojjetamaa jiran daawwatamaniiru. Daawwannaa kanarrattis Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, Ittigaafatamaan Waajjira Kilaastera Magaalota Oromiyaa obbo Mulugeetaa G/Hiyoot, Hogganaa Ittaanaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Dr.Tafarii Dhaabaafi hoggansi adda addaa hirmaataniiru. Dawwannaa kanaanis kalaqawwan teekinooloojii kanneen akka: maashina midhaan calleessu, nyaata beeyladaa oomishu, maashina saamunaa gogaa oomishu, maashina oomisha xaa'oofi maashina daabboo giddugalawwan lamaanitti hojjetamaafi baay'achaa jiran daawwatamanii jiru. Gama biraatiin mootummaan bu'uuraalee misooma baadiyyaa babal'isuuf riqicha rarra'aa (trial bridge) hojjetaa jiru milkeessuuf Biiroon Daandiifi Loojistikii Oromiyaa walitti hidhamisa gabaa uumuun waligaltee Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaaf kenneen riqichi 18 hojjetamanii jiraachuu daawwatameera. Daawwannaa gaggeeffame kanaanis hojileen kalaqaafi cehumsa teekinooloojii hojjetamaa jiran jajjabeeesaa ta'uu adda baasuun danda'ameera kan jedhan injinar Eebbaan, caalmaatti cimee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

"Hanga Ogummaa guddisuu dandeenye, dameelee hundarratti jijjiirama qabatamaa fiduu dandeenya," jedhan Pirezidaantiin MNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" Walta'iinsa BCHUOO fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko Raadiyoo OBN tiin guyyaa kamisaa sa'a 6:40 hanga sa'a 7:00 tti muuxannoo waldaalee magaalaa Bishooftuu kutaa magaalaa Dukamtu isinii dhiyyaata. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

photo content
+2