Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo
رفتن به کانال در Telegram
3 746
مشترکین
-124 ساعت
-17 روز
+5830 روز
آرشیو پست ها
Hagayya,19/2018
Odeeffannoo hanga ammaa jirtu;
Bu'aan Qorumsa Biyyoolessaa bara 2018 Galgala Kana Naannoo Sa'aatii 1:00 tti gadi dhiifama jedhamaa jiraa obsaan eeggadhaati miira tasgabiitiin ilaalladhaa!
Kallattii kamiinuu Waaqayyoon isin ha milkeessuu!
+1
Akkuma Jalqabdaniin Hirmaannaa keessaniin waan xummurtaniif Ulfaadhaa, wayyamaa!
Godina Booranaatti MB Bu'uura Borii Hirmaannaa Hawaasa Barnootaatiin ijaaramaa ture xummuramee Simannaa Barattootaaf qophaa'eera.
#Adeemsa_Qabxii_Kutaa_12ffaa_Ittiin_Ilaallattan!
= = =
✅ Qabxii Qormaata kutaa 12ffaa bara 2018 gaafa 18/12/2018 waaree dura ykn gaafa 19/12/2018 waaree booda akka gadi lakkifamu ministeerri Barnootaa ibse karaalee armaan gadiitiin adeemsa armaan gadii kana hordofuun ilaallachuu dandeessu!
1. Website ፡ https://result.eaes.et
2. Telegram bot፡ https://t.me/EAESbot
#website
1. Liinkii kana banuu: https://result.eaes.et
👇
2. Fuulli Jalqabaa - Student Result Irratti
👇
3. Registration Number
fi
First Name galchuu
👇
4. 'Check My Result' kan jedhu tuquudhaani.
•=•=•==•=•
Hubachiisa :- RN fi FN akkaataa 'Admission Card' irra taa'ee jirutti galchuu hin dagatinaa!
👉Haga ammaa garuu gadi hin dhiifamne.
Carraa Gaarii!!!
=•=•==
WAAMICHA GALMEE✍️📢📢📢📢📢📢📢📢📢
BARATTOOTAA FI MAATII BARATTOOTAA HUNDAAF,
BAGA BARA BARNOOTAA 2019 NAGAAN GEETTAN JECHAA,
GALMEEN BARA BARNOOTAA 2019 HAGAYYA, 18-30/2018 TTI WAAN GAGGEEFFAMUUF, BARATTOOTNI KAN HUBATTANUU DHUFTANII AKKA GALMOOFTANIIFI MAATIINIS IJOOLLEE TEESSAN AKKA ERGITAN/FIDDANII GALMEESSITAN KABAJAAN ISIN BEEKSIFNA.
HUB:
✅BARATAAN GALMAA'UUF DHUFU KAMUU LAKKOOFSA FAAYIDAA(FAN NO.) QABAACHUUN DIRQAMA
✅BARATTOOTNI BULEEYYIIN KAARDIIN GALMAA'U
✅BARATTOOTNI HAARAAN; WARAQAA QULQULLINNAA, RAGAA BARNOOTAA, SUURAA MAATII FI ISAANII 1-1(3*4) FIDACHUU
✅ BARATTOOTNI SABABA KAMIINUU BARNOOTA ADDAAN KUTANII ITTI DEEBI'UUF DEEBI'AN KAMUU WARAQAA DEEGGARSAA GANDA ISAANII IRRAA BARREEFFATANII AKKA DHUFANII FI
✅M/B NAMA GUYYAA JEDHAME KANAAN ALAATTI DHUFE KAN HIN GALMEESSINE TA'UU ISAA HUBACHIIFNA.
👉LAKKOOFSII HIRMAANNAAN ITTI GALII TA'U:CBE✅1000026626432
WELCOME!!!
#Oduu_Ammee!
Firiin Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ibsame.
BBO - Hagayya 16/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ifoomse.
Haaluma kanaan, bara 2018, akka waliigalaatti barattoonni 550,201 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan.
Kanneen qormaata darban 70,544 (12.82%)
Oromiyaa keessatti, Sagantaa Galgalaafi Fagoo dabalatee barattoota qormaata fudhatan 197 034 keessaa 20,877 (10.53%) qormaata darbaniiru.
#Manneen_barnootaa_barattoota_isaanii_100% dabarsan:
- Biyyaalessaa: 88
- Oromiyaa: 37
#Qabxii_olaanaa_biyyaalessaa:
- Damee Barnootaa Saayinsii Uumamaa (#Natural_Science): 591 – Mana Barnootaa #Bultii_Addaa_WMO_Adaamaa irraa yoo ta'u,
- Damee Barnootaa Saayinsii Hawaasaa (#Social_Science) 576 – Mana Barnootaa Ifa Boruu #Bultii_Addaa_Dodolaa irraa ta'uun beekameera.
Qabxii 'Remedial 'kan argatan ilaalchisee odeeffannoon bal’aan fuula dura ibsama.
#Liinkii ittiin Qabxii Ilaallattan Akkuma Gad-dhiifameen Isin Biraan Geenya!
#Bu'aan_Qormaata_Kutaa12ffa_Ifoome!
#Bu'aan qormaataa bara barnootaa 2018 barattoota kutaa 12ffaa ifoome
Barattoota Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 qoramaan keessaa harki 12.8 qofti qabxii darbiinsaa argachuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa Miidiyaaleef kennaniin; barattoota kuma 550 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattoonni kuma 70 fi 500 qofti qabxii dhibbantaa 50fi isaa ol galmeessan.
Magaalaan Finfinnee %32.3 dabarsuu naannoolee hunda irraa sadarkaa 1ffaa galmeessuu kaasaniiru.
Manneen barnootaa barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa 565 barataa tokkollee dabarsuu akka hindandeenye ibsaniiru.
Manneen barnootaa 88 guutummaatti barattoota isaanii akka dabarsanis dubbatan.
Akkasumas bu’aa olaanaan barana damee saayinsii Uumamaatiin galmaa’e 591/600 (Mana barumsaa Odaa Special Board Adaamaa) saayinsii Hawaasummaatiin ammoo 576/700 ta’uu himaniiru.
Barattoonni qabxii isaanii guyyaa muraas booda toora interneetiifi karaa ergaa gabaabaatiin ilaaluu akka danda'anis himaniiru.
Maatii Barnootaa Akkam jirtan? Nageennii badhaadhaa?
Adoolessaa daadoo jechaa Barsiisaa keenna kan hardha lubbuu dhabe barsiisaa Diida Buttee dhiba duraan irra ture irraa dandamachuu dadhabee hardha lubbuun darbee jira.
Garuu barsiisaan kuni Haadha fi abbaallee hin qabu maatii isaa keessatti obboleewwan maandhaa nama 3 fi haadha mana isaa kan dhiyoo fuudhe ulfa qabdu Akkasumas Koolleejjii barattu namii akka Abbaatti maatii sana bulchaa jiru isa ture amma immoo fedhii Waaqa taate innii deemee jira. Maatiin innii lafa tana irraa qabu nuu maatii barnootaa kana kanaaf yaada tokko qaba yoo fedhii keessan taate Namuu yaada tokkoon bifa gurmaa'een osoo maatii barsiisaa waan humna keennatiin deeggarree maatii isaa irraa hambifnee dansaa jedhee yaada.
👉Isin hoo maali jettan yaada keessan naaf qooda. Yaada dansaa keessaniif gamanumaan ulfaadhaa 🙏
👉Yaada keessan fedha🙏
#Barsiistuu Gannat Guyyoo
Hagayya, 2018
Barnootni Gannaa barattoota kutaa 4ffaa hanga 12ffaa tti m/b keennaatti kennamaa ture milkaa'innaan xummuramee jira.
👉 Bu'uuruma kanaan, akkuma yeroo barattootni dhufan baga nagaan dhuftan jennee, guyyaa xummuraa kana; barsiisota barnoota kennaa turan fi barattoota barachaa turanii jabaadhaa, Milkaa'a jechanii jiru. Addaatti immoo barattoota kutaa 8ffaa m/b Bultii Addaa dorgomuuf qophaa'uu jiraniin;
1. Kab/Obb/Olaanii Galataa(Hog/Waajira barnootaa),
2. B/saa Diida Taadhii(barsiisaa Xiinsammuu m/b BAMY) fi
3. Qindeessitootaafi Barsiisota m/b,
👉mul'ata qabdan bira gahuuf, jabaadhaa jechuun gorsaa Xiinsammuu kennuu fi eebbisuun gaggeessanii jiru.
#Beeksisa_Ariifachiisaa!
Barsiisota Jijjiirraa Guutaa Jiran Hundaaf
-------------
WBGB-Hagayya 14/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksisa jijjiirraa barsiisotaa baase irratti hundaa'un #barsiisotni tokko tokko odeeffannoo tokko tokko dogoggoraan guutuu isaanii ibsuun "Edit" gochuu akka danda'an gaafachaa turaniiru.
#Barsiisotni tokko tokko immoo, "User Name"n nu dhaqqabne jechuun qaaman BBO dhufuufi bilbilaan iyyachaa jiru.
Haaluma kanar hubachuun BBO'n:
1) Guyyaa boruu, Jimaata ganama sa'aatii 12:00 irraa hanga Sanbata 16/2018 galgala sa'aatii 12:00tti qofa barsiisaan sirreeffachuu barbaade #Sirreeffachuu(#Edit) godhachuu akka danda'amu heyyamameera. Ogeessotni ICT aanarra jirus deeggarsa barbaachisaa akka taasisu kallattiin hoggansa barnootaa godinaalee, magaalotaafi aanaaf kennameera.
2) Barsiisotni "User Name" hin argannes waajjirri barnootaa aanaa xiyyeeffannoo kennee rakkoo kana akka furu kallattiin kaa'ameera.
Kanaafuu, yeroo isiniif kenname keessatti obsaan "Edit" (sirreeffadha).
Gosoota Barnootaanis walqabatee gaaffin ka'aa jirus furmaata kan argatu ta'a.
Dhumarratti, ogeessotni ICT aanaaleefi kutaa magaalotaa deeggarsa kanaan dura taasiftaniif galatoomaa jechaa, , barsiisaan tokkollee sababa dogoggoraan guutef carraa jijjiireaa akka hindhabni cinaa akka dhaabbattan dhaamsa keenya ta'a.
Liinkichis:- tmis.oeb.gov.et
BEEKSISA
Galmee Barattoota Idilee Bara Barnootaa 2019
Hagayya,12/2018
WBBMY Galmeen Barattootaa Bara 2019 akka eegalamu nu beeksisee jira. Bu'uuruma kanaan Barattootni Idilee duraanii fi Haaraan Hagayya 18/2018 irraa eegaltanii qaamaan argamtanii akka Galmooftan isan beeksifna.
Hubachiisa:
1. Barataan Galmaa'u Hunduu Waraqaa Eenyummaa Faayidaa(Fayida ID) Qabaachuun dirqama!
2. Barattootni haaraan galmaa'uuf dhufan kamuu Waraqaa qulqullinnaa/Clearance malee goonkumaa galmaa'uun hin danda'amu!
Barsiisota m/b keennaa hundaaf,
Barsiisotni ragaa jijjiirraa guutachuuf jettanii ragaan keessan dogongora qabu yoo jiraate, Waajira barnootaa deemtanii jijjiirachuu akka dandeettan isan beeksifna.
Qajeelfama Jijjiirraa Fooya'ee.pdf11.70 MB
Barsiisota M/b keennaa hundaaf, Nagaan keenna kan jaalalaafi Kabajaa idduma isin jirtaniitti isin haa gahuu jechaa, Fedhii Jijjiirraa guutuu namii qabdan; User fi Password keessan isiniif erginaa karaa Telegram keessaniitiin ammuma nu beeksisa.
Hojii Boqonnaa Qophii, Adoolessa, 2018
Karoora hojii bara barnootaa 2018 keessaa, hojiin boqonnaa qophii keessaaatti raawwatamuu danda'u kan adda bahan yoo ta'u, hojiilee karoorfaman keessaa hojiin;
1. Suphaa Teessoo barattootaa fi
2. Daree barnootaa halluu dibuu eegalamee jira.
Jijjiirraa Barsiisotaa Karaa Online Kan Bara 2019 A.L.I
1. Hagayya 1-10 Moosaajiin waajjiraalee barnootaaf baname baajata qaban fi hanqina barsiisota qaban irratti hundaa’uun fedhii jijjiirraa manneen barnootaa iddoo banaa qaban ni guutu.
2. Hagayya 11-16ti Moosaajiin Barsiisaaf banaa tahee barsiisaan fedhii jijjirraa ni guutu.
3.Hanga Hagayya 1tti barsiisonni Waajjiraalee Barnootaa Aanaa isaanii irraa "Username fi passwad" fudhachuun wantoota jijjiirraaf barbaachisu hunda qopheeffatanii eeguu qabu.
4. Username fi Password'n barsiisoota hundi Sadarkaa Aanaatti ergamuun Waajjiraalee Barnootaa dhaqqabee jira. Kanaafuu Waajjiraaleen Barnootaa Username fi Password barsiisota yeroo jedhame keessatti barsiisota hundaa akka dhaqqabu isin beeksifna.
Qaabsisa himata jila maqbaasa ( Gubbisaa)
Aabbaa/Aatoo/ Jaalaa/Soddaa...........................tiif
Horaa bulaa deebanaa bonaa gannaa gumaachaa!
Gosa bultiin isan nagaa? Horiin nagaa? Nageennii badhaadhaa? Adoolessa daadoo?Namii argaa fagoo yooyyaa jechaa yo dhaabbuu badhaasoo taate Hagayya 28-30/12/2018 tti Jila maqbaasa (Gubbisaa) waan qabnuuf fira- Fiixaan, dhalaa- hiriyyaan , onaa- Ollaan, Jaalaa- Soddaan cuftii Aanaan nu naqaa nuu gumaachaa kottaa jila nurraa obbaasa.
Warrii isan yaame:
Barsiisa Guyyoo Jaarsoo Diimaa
Lookoo Guyyoo Jaarsootiif
Warra Jaarsoo Diimaa Cufa
Teessoon : Aanaa Yaaballoo, Ganda Colqaasa, Reera Jijjiidduu, Ollaa Soraa Gabaabaa .
Namii oduu Jilaa Fuudhuu fedhu simuun tana:
0926205298/0944168979/0900520946.
Horaa bulaa deebanaa!
Angafaa maandhaan bulaa!
Adoolessa, 22/2018
Barsiisota M/B Sad.2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii hundaaf,
👉Barsiisaan/tuun hanga har'aatti Ragaa isaa/ishee Online hin godhatin yoo jiraate, xummurii guyyaa bori Adoolessa, 23/2018 tti waan jedhameef akka deemtanii guutattan cimsinee irra deebiin isan beeksifna.
