Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo
رفتن به کانال در Telegram
3 755
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-67 روز
-1530 روز
آرشیو پست ها
#Very_Urgent
============
#September 21/2026 G C
==============/=//
Dear YE Bureau Heads,(this is SMS from MoE)
Out of the 66,172 students qualified for the remedial program, 38,602 (58.3%) have so far completed their university placement choices, while *27,570 (41.7%)* have not yet submitted their choices.
As today is the deadline, pls urgently inform and remind the students through your respective communication channels to complete their university placement choices within today’s deadline.
#Notice:
======//
1)M/B sad:2ffaa #Remedial qabu hunda guyyaan xumuraa hardhabta'uu ibsaafi
2)Bartoonni hundi hardha sagantaa Remidial tiif University filachuu isaanii mirkaneefadha
Thank you
Fuulbana 10/2019
BAGA JALQABBII BARUU BARSIISUU BARA 2019 NAGAAN GEETTAN
✍️Barsiisotaa fi Hojjattoota m/b keennaa hundaaf,
Akkuma beekkamu Fuulbanii 10/2019 guyyaa akka Oromiyaatti Galmeen bara barnootaa 2019 itti xummuramuufi Fuulbanii 11/2019 guyyaa guutumaan guutuutti baruu barsiisuun itti eegalu waan ta'eef, karoora hojii dhuunfaa keessanii qabattanii akka dhuftanii hojii eegaltan kabajaan isan beeksifna.
Hub: Supervision jalqabbii hojiifi qophii karooraa ilaaltu;Naannoo, Godinaa fi Magaala irraa waan dhuftuuf dursitanii akka ofi qopheessitan isan hubachiifna.
👉Galata Irraatti Galata 👏
🔊Oduu Gammachiisaa Ministerii Barnootaa Komii Barattootaaf Deebii Kenne.
Ministerii Barnootaa akkuma Bu'aa Qorumsa Biyyoolessaa bara 2018 beeksiseen, komiin yoo jiraate dhiyeeffadhaa jechuun isaa ni yaadatama. Bu'uuruma kanaan akka m/b keennaatti barattootni Komii adda addaa dhiyeeffattanii jiru. Isaan keessaa komiin gosa barnootaa Fiiziksii(Physics) fi Seenaa(History) isaan duraati.
Har'a Galata Waaqaa barattoota seenaa/History deebiin deebi'ee jira.
👉Deebii kanaan Barattootni Dhi 4 Du 3 Ida 7, keessaa, Du 2 kallattiin kan darban yoo ta'u, Dhi 4 fi Du 1 Ida 5 Remedial darbanii jiru.
Baga Gammaddan 🙏 Baga waliin gammanne 🙏
Baga Gammaddan! Baga waliin gammanne!
-2147483648_-213217.webp0.12 KB
Fuulbana 04/2019
Ergaa Adda Addaa Guyyaa Har'aa;
👉Barattoota kutaa 12ffaa Qorumsa Biyyoolessaa Bara 2018 Fudhattanii Ergaan Kun Isin Ilaallatu Hundaaf;
1. Qabxiin Darbiinsaa Remedial Barattoota Kutaa 12ffaa bara kanaa(2018) Dhiiraa fi dubraalleef >=222 /37% yoo ta'u,
✅ Barattootni S/U ykn Natural Sc. M 43 F 26 T 69
✅ Barattootni S/H/Social Sc. M 21 F 11 T 32
Walumaagalaatti
✅ Barattootni M 64 F 37 T 101 carraa kanaan darbanii jiru.
👏 Barattootni, barsiisotnii fi qooda fudhattootni hundii Baga Gammaddan 🙏 Baga waliin gammanne 🙏
Kanaaf, kan hubattanii qophii barbaachisu hundaa akka gootan;
👉 Barsiisota m/b keennaa hundaaf,
2. Guyyaa borii Ful.05/2019 Leenjiin Ogummaa irraatti xiyyeeffate akka magaalaatti m/b keennaatti barsiisotaaf kennamti waan jedhameef harcaatii tokko malee akka dhuftanii fudhattan isin beeksifna.
👉 Sagantaa barnootaa torbee kanaa;
3. Kutaa 9 fi 10 Ganama/Waareen dura
4. Kutaa 11 fi 12 Guyyaa/Waareen booda
5. Hojiin adda addaa boqonnaa qophii irraa eegalee jala qabame akkuma itti fufee jira;
@Suphaa Teessoo 460
@Suphaa Dallaa 123m
@Qulqullinna Mooraa fi daree barnootaa
@Gabatee Gurraacha Halluu Dibuu
@Dareelee Halluu dibuu, Naannawa Alaabaa dabalatee
@Haaromsa staff barsiisotaa jalqabuu fi
@Qonna m/b
fa'a taasisuun hojjatamaa jira.
Kanaaf, hojii eegalamee hin xummuramin beennee ha tumsinuu.
Barii bara kaayoofi Milkii nuuf haa ta'u!
#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa Darban Hundaaf
Guyyaan Filannoo Yunivarsiitiifi Damee Barnootaa Dheerate!
----
BBO - Fulbaana 01/2019 Barattootni bara 2018 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii dhaabbilee barnoota olaanoo/Yunivarsiitii seensisu galmeessisanfi hanga har'aatti Yunivarsiitii itti barachuu barbaaddaniifi Damee Barnootaa Barachuu Feetan '#Online'n Akka Filattan Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Baasee Ture Otuu Hin Filatin Hanga Har'aa Turtan Akka Filattan Jechuun Hanga Fulbaana 05/2019tti Dheeresseera.
Kanaafuu, Hanga Fulbaana 05/2019tti Yunivarsiitiifi Barnoota Barachuu Barbaaddan Liinkii Asii Gaditti Kenname Kana Banuun #Lakkofsa Waraqaa Eenyummaa (#Fayda_ID);Galchuun Filannoo Keessan Gaggeessaa!
Liinkichis:-
https://student.ethernet.edu.et
Barsiisota, barattootaa fi hojjattoota bulchiinsaa m/b keennaa hundaaf,
Hojiin baruu barsiisuu bara barnootaa 2019 akkaatuma Kalaandara barnootaa armaan gadiitti taa'een gaafa guyyaa 05/01/2019 irraa waan eegaluuf, gara hojii idileefi barnoota idilee keessaniitti akka deebitan Waamicha isiniif goona?
🎄🎄🎄Maatii M/b Sad.2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Aliitti fi Hawaasa Itoophiyaa Hundaaf🎄🎄🎄
Baga bara 2018 nagaan keessa Ulluuxxanii bara barnootaa 2019 nagaan geettan.
Barii haaraan:kan nagaa, kan Jaalalaafi tokkumma, kan guddinnaafi misoomaa fi kan Milkaa'innaa nuufi isiniifis haa ta uu, jechaa Baga ittin isin gahe!
Horaa bulaa 🙏
Yooyyaa jennee nagaafi yooyyoo isin fuune!?
Baga Bara Darbuuf Deemu Kallee Namaa fi Sa'aan Keessa Nagaan Ulluuxxanii Har'aa Baatan Jechaa, Guyyaa borii (05/13/2018) ganama sa'aatii 2:00 irratti Ayyaanii Qaamme 5 mataa duree dhaloota egeree jedhuun sadarkaa Magaalaa Yaaballootti, M/b keennaatti waan kabajamuuf; Barsiisotni, hojjattootni bulchiinsaa fi Barattootni hundinuu, Ganama Sa'aatii 2:00 tti m/b tti argamtanii akka waliin kabajnu kabajaan isin waamna.
Hub:Namii qabu uffata aadaatiin faayamaa.
Teacher = Te + Ac + H + Er
Te – Tellurium: A good conductor of energy.
Ac – Actinium: Represents accuracy and precision in learning.
H – Hydrogen: Symbolizes the energy and enthusiasm that teachers bring.
Er – Erbium: Represents the brilliance and positive impact of a teacher.
✨ A teacher is like a catalyst: they accelerate the transformation of students through knowledge, guidance and inspiration, while continuing to inspire others.
Happy Teacher’s Day! 👩🏫🧪
#teachersday
⏲️Hagayya, 28/2018
Barsiisota M/b keennaa hundaaf,
📲Gara Hojii Idilee Keessaniitti Akka Galtan Isan Beeksisuu Ta'a.
✅Akkuma Armaan oliitti tuqamuuf yaalameetti, manii barumsaa Galmee barattootaa bara barnootaa 2019 gaafa guyyaa 28/12/2018 kan eegalee yoo ta'u,
✍️ Guyyaan 18-30/2028 yeroo Galmee,
✍️Qaammee 1-5/2018 yeroo ragaan itti qulqullaa'uufi rammaddiin adda addaa itti gaggeeffamu,
✍️Fuulbana 01/2019 guyyaa b/taan rammaddii daree itti ilaallatuufi rammaddiin hojii adda addaa barsiisotaa itti taasifamu fi
✍️ Guyyaan 04/01/2019 guyyaa barnootni itti eegalu ta'uu isaa beektanii, gaafa guyyaa Qaammee 01/13/2018 tti hojii akka seentan isan beeksifna.
-2147483648_-213163.webp0.12 KB
Barsiisota Jijjiirraa Gaafattan Hundaaf
----------
BBO - 28/12/2018 Guyyaa jijjiirraan itti ibsamu Roobii galgala jennee ture sababa ragaa qulqulleeffachuufi mirkaneessuu walqabateen harcaatiin waan uumameef beellama kabajuu dhabuu keenyaaf #Dhiifama_Gaafachaa, Boru #Jimaata_29/12/2018 Galgala Sa'aatii 12:00 irraa eegalee kan gadi dhiifamu ta'uu ibsaa, ammas. obsaan akka nu eegdan gaafanna.
Hagayya,28/2018
Barattoota kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 Qorumsa Biyyoolessaa fudhattanii qabxii seensa Yuunifersitii fiddan hundaaf,
Link armaan gadii seentanii vedio hordoffoftanii iddoo/placement akka filachuu dandeettan isan beeksifna.
https://www.facebook.com/share/v/18rbARTggz/
