ar
Feedback
Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo

Mana barumsa sadarkaa 2ffaa shaalaqaa jaatanii Alii magaalaa yaaballoo

الذهاب إلى القناة على Telegram

mana barumsa sad.2ffaa shaalaqaa Jaatanii Ali

إظهار المزيد
3 728
المشتركون
+124 ساعات
+207 أيام
+5430 أيام
أرشيف المشاركات
Barattoota kutaa 12ffaa Damee S/Uumamaa Hundaaf Gaafa Guyyaa 22/10/2018 Orientation Qorumsaa waan kennamuuf Ganama Sa'aatii 1:00 tti m/b tti akka argamtan cimsinee isan beeksifna.

Qorumsa Waareen Boodaa, barattoota Damee Saayinsii Hawaasaa nagaan eegallee jirra.

Barattootni Damee Saayinsii Uumamaa Qorumsa Yaalii Komputeraa(Mock Exam) nagaan jalaqabanii jiru Carraa Gaarii isaaniif hawwa!

Maatii m/b Sad.2ffaa Shaalaqaa Jaatanii Alii Hundaaf, Guyyaan Sagantaa Maatii ykn Cufiinsa M/b kan bara barnootaa 2018 gaafa guyyaa Wax.20/2018 waan ta'eef, sagantaa kana irraatti akka hirmaattan m/b jaalalaafi ulfinnaan isin waama. 👉Hub: Barattootni keenna hundii maatii teessan qabattanii akka dhuftan cimsinee isan beeksifna. Waaqayyoon Warra Gaafasii Nu Ha Taasisuu Nagaan Koottaa 🤲

Barattoota kutaa 12ffaa Qorumsa Biyyoolessaa qoramuuf qophaa'uutti jirtan Hundaaf, 1. Qorumsii yaalii(Mock Exam) barii Wax.18/2018 akka kennamu isan beeksisuun keenna ni yaadatama. Bu'uuruma kanaan; Qorumsii WD: 👉 Natural Sc (Regular, Night and Private) Ganama Sa'aatii 1:20 tti m/b tti argamuu 👉 Sa'aatiin 2:00 sa'aatii Yuunifersitii argamtan WB: Social Sc.(Regular, Night and Private) Sa'aatii 6:30 sa'aatii itti M/b dhufan, sa'aatiin 7:00 sa'aatii Yuunifersitiitti argamtan ta'a. 👉 Kaffaltiin Geejjibaa dhuunfaan Qr.30 👉 Wantii qabatanii dhufan; 1. Yuunfoormii m/b(Regular) 2. ID card m/b( Regular and Night) 3. Admission Card(All) 3. Warrii dhuunfaan(private) Waraqaa eenyummaa dhuunfaa qabaachuu qabu. 👉Meeshalee biroo keessumaatti Meeshalee Electronics kamuu qabatanii dhufuun dhowwaadha. Dabalataan; 👉 Barattoota dogongora maqaa qabaniifi akka sirreeffamu gaafataniif sirreeffamii taasifamee jira. 👉 Barattoota password dedhaniifi akka update ta'u gaafataniif password haaraan Ganama ni kennina. 👉 Qorumsa tasgabbiifi xiyyeeffannoon hojjadhaa malee akka yeroo shaakalliitti hin hojjatinaa. 👉 Jabaadhaa 👍 👉Milkaa'a CARRAA GAARII ISINIIF DHARRAANA!

Sa'aatiin kan Armaan Gadiiti. Iddoon Yuunifersitii Booranaati

Ergaa Ariifachiisaa/Urgent Notice Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf Gaafa Guyyaa 18/10/2018(Kamisa dhufu) akkuma sadarkaa biyyaatti Qorumsa yaalii Mock Exam kennama waan jedhameef akka itti qophooftan isin beeksifna. Hub: 1. Barataan qorumsa Biyyoolessaa fudhachuuf qophaa'aa jiru kamuu qoramuun dirqama jedhamee jira. 2. Gosii Qorumsaa hunda osoo hin taanee, 1 ykn 2 hin caalu jechaa jiru. Garuu kam akka ta'e ammaaf adda hin baamne. 3. Iddoon Qorumsaa ammaaf achi hin jedhamne. Tarii Yuunifersitii ta'uu danda'a jechuu. Kanaaf, barataan qorumsa kana hin fudhannee qorumsa waliigalaa fudhachuu hin danda'u waan jedhameef, ulaagaa isin irraa eegamu kan akka; Yuunfoormii fi Waraqaa eenyummaa/ID card m/b fi Admission keessan qopheeffattanii akka itti qophooftanii dhuftanii qoramtan isan beeksifna. CARRAA GAARII ISINIIF DHARRAANA!!!

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf, Barataan/tu password User isaa/ishee dedhe yoo jiraate/tte hatattamaan akka nu beeksiftan isan beeksifna.

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf Wax, 13/2018 Sagantaan Qorumsaa Kan Armaan Gadii Waan Ta'eef Ilaalladhaa Akkasiitti Ofi Qopheessaa, Carraa Gaarii isiniif dharraana!

Ergaa kutaa 12ffaa Hundaaf, 👉Akka Link Biyyoolessaa kun ibsuutti, Sagantaan official m/b dhaqqabu baatuuuyuu, qorumsii Saayinsii Uumamaa gaafa guyyaa Wax.23-Adol.03/2018 fi Saayinsiin Hawaasaa immoo Adol.06-23/2018 akka kennamu ifoomsee jira. Hub: 1. Qorumsii kan kennamu Online ta'uun isaa akkuma jedhamee tureetti ta'e, iddoon Yuunifersitii Booranaati. Kanaaf, qophii keessan cimsitanii akka itti fuftan dhaamachaa, Waraqaa eenyummaa m/b, Admission Card fi Yuunfoormii m/b qophii godhattanii, dubbisaa fi Shaakallii Komputeraa hanga guyyaa qorumsaatti akka itti fuftan isin beeksifna. Carraa Gaarii isiniif dharraana!!! 2. Gaafa guyyaa 15/10/2018 (Wiixata) harcaatii tokko malee Ganama Sa'aatii 2:00 tti M/b tti akka argamtan isan beeksifna.

Beeksisa Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2018 Hundaaf ------------- BBO - Waxabajjii 12/2018 Qormaatni Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sad. 2ffaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Waxabajjii 23/2018 kan eegalamu ta'uu, Daayirektarri Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee biyyoolessaa Dr. Isheetuu Kabbadaa beeksisaniiru. Kanaafuu, barattootni qormaaticha #CBT (online)n fudhatan hunduu qormaata yaalii isaaniif ergamaa jiru cimanii akka shaakalaniifi kanneen waraqaan qoramanis qophii barbaachisaa akka taasisan beeksisaniiru.

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf, Qophii keessaniitti jabaadhaa itti fufaa jechaa, Qorumsii Naannoo kutaa 6ffaa kennamaa ture, xummuramee bori jechuun Roobii Wax.10/2018 guyyaa barattootni kutaa 8ffaa daree itti ilaallatu waan ta'eef, qaawa kanaatti fayyadamuun osoo gara daree barnootaa oliifi gadi hin deemin kutaa Shaakallii Komputeraa seentanii akka Shaakaltan isan beeksifna. 👉Dabalataan barattootni private system keessan waan banameef Link shaakallii seentanii akka Shaakaltan isan beeksifna.

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf Link shaakallii adda citee ture waan gadi dhiifameef, link armaan gadiitiin seentanii akka Shaakaltan isan beeksifna. http://mock1.ethernet.edu.et

Barsiisotaa m/b keennaa hundaaf Manii Barumsaa Qortoota Qorumsa Naannoo(Ministry) dorgomsiisuu waan barbaaduuf gaafa guyyaa Caamsaa 28/2018 Ganama hanga sa'aatii 6:00 tti iyyata; Tajaajila, madaallii fi muuxannoo hojii keessan ibsu kutaalee bulchiinsaa 3ffaa fi 4ffaa tti akka dhiyeeffattan isin beeksifna.

Barattoota kutaa 12ffaa Hundaaf 1. Gaafa guyyaa 29/09/2018 irraa eegalee Tutorial class waan itti fufuuf harcaatii tokko malee akka argamtanii barattan m/b cimsinee isan beeksisa. 2. Qorumsii Herregaa (Maths Model) gaafa guyyaa 3/10/2018 waan kennamuuf akka itti qophooftan isin beeksifna.