es
Feedback
Pharmacist Rayid Jibril

Pharmacist Rayid Jibril

Ir al canal en Telegram

💪This channel created for wellness and awareness of medical and health information issues. For anyone who want advertising can Buy ads: https://telega.io/c/PharmacistRayid

Mostrar más
4 346
Suscriptores
Sin datos24 horas
+57 días
+5730 días

Carga de datos en curso...

Canales Similares
Sin datos
¿Algún problema? Por favor, actualice la página o contacte a nuestro gerente de soporte.
Nube de Etiquetas
Sin datos
¿Algún problema? Por favor, actualice la página o contacte a nuestro gerente de soporte.
Menciones Entrantes y Salientes
---
---
---
---
---
---
Atraer Suscriptores
julio '26
julio '26
+19
en 0 canales
junio '26
+116
en 0 canales
Get PRO
mayo '26
+56
en 0 canales
Get PRO
abril '26
+42
en 0 canales
Get PRO
marzo '26
+69
en 0 canales
Get PRO
febrero '26
+46
en 0 canales
Get PRO
enero '26
+106
en 0 canales
Get PRO
diciembre '25
+367
en 1 canales
Get PRO
noviembre '25
+223
en 0 canales
Get PRO
octubre '25
+215
en 0 canales
Get PRO
septiembre '25
+188
en 0 canales
Get PRO
agosto '25
+544
en 0 canales
Get PRO
julio '25
+88
en 0 canales
Get PRO
junio '25
+75
en 0 canales
Get PRO
mayo '25
+255
en 3 canales
Get PRO
abril '25
+187
en 0 canales
Get PRO
marzo '25
+187
en 0 canales
Get PRO
febrero '25
+257
en 1 canales
Get PRO
enero '25
+236
en 2 canales
Get PRO
diciembre '24
+286
en 4 canales
Get PRO
noviembre '24
+1 342
en 3 canales
Get PRO
octubre '240
en 2 canales
Get PRO
septiembre '240
en 0 canales
Get PRO
agosto '24
+186
en 0 canales
Fecha
Crecimiento de Suscriptores
Menciones
Canales
09 julio+2
08 julio+3
07 julio+4
06 julio+5
05 julio0
04 julio+1
03 julio+1
02 julio+2
01 julio+1
Publicaciones del Canal
* Haqqisuu/lolloocuu. * Dhukkubbii garaachaa. * Dhukkubbii mataa. * Dhukkubbii qomaa. * Onneen sardaan dha'achuu. * Gogaan diddiimatee hooksisuu. * Hafuurri nama hanqachuun Harganuu fi Liqimsuuf rakkachuu. * Garaa kaasaa bishaan ykn dhiigaa of keessaa qabu yaasuu. * Rakkoolee tiruu kan akka fedhii nyaataa hir'achuu,haqqisuu,dadhabbii,fincaan halluun gurraacha'e finca'uu,halluun ijaa ykn gogaa keelloo ta'uu fi kkf mul'achuu fa'adha. ✅️Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati argine qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid

2
3️⃣.Qoricha Erythromycin yaalaaf fayyadamuun durati maali beekuu qabna? ✔️Namoonni alarjii qoricha Erythromycin ykn qorichoota garee macrolide ta'an kan akka clarithromycin, Azithromycin,telithromycin fi kkf qabu qoricha erythromycin yaalaaf fayyadamuu hin qabanii. ✔️Akkasumas namoonni rakkoolee fayya biroo kan akka dhukkuba tiruu,dhukkuba kalee, rakkoo onneen Sirnaan dha'achuu dhabuu, hammi albuudota pootaasiyeemii ykn maagnizeemii dhiiga keessaa gadi bu'aa ta'uu qabu,rakkoo dadhabii maashaa qaamaa fi kkf qabu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha erythromycin yaalaaf jalqabuu hin qabanii. ✔️Qoricha Erythromycin qorichoota biroo kanneen akka qoricha.... * Qoricha Lovastatin,Simvastatin. * Qoricha cisapride. * Qoricha Pimozide. * Qoricha ergotamine. * Qoricha dihydroergotamine fi kkf walin walirra buusnee yeroo wal-fakkaataa keessa yoo fayyadamne miidhaalee ciccimoo lubbuu keenyarraa geessissuu wan maluuf yeroo qoricha Erythromycin yaalaaf fudhachuu jalqabnee booda ogeessa fayyaa gaafannu malee qoricha biroo kamiyyuu fayyadamuu hin qabnuu. ✔️Qoricha Erythromycin ogeessi fayyaa rakkoo keenya qorannoo fayyaatiin adda baasee yoo nuuf ajaje malee qoricha kana callisneetuma yaalaaf fudhachuu hin qabnuu. ✔️Yeroo qoricha Erythromycin yaalaaf fudhachuu jalqabnee booda yoo mallatoolee inifeekshinii kan akka garaa kaasaa bishaan ykn dhiiga of keessaa qabu nurrati mul'ate qorichoota biroo kan mallattoolee kana yaaluuf gargaaru osoo hin jalqabnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. ✔️Akkasumas Yeroo qoricha Erythromycin yaalaaf fudhachaa jirru qorannoo fayyaa laabiraatoorii muraasa yeroo gaggeessinu bu'aa qorannoo irrati dhiibbaa uumuun bu'aa sirrii ta'e akka hin arganne godhuu wan maluuf yeroo qoricha kana yaalaaf fayyadamaa jirru qoricha kana fudhachaa jiraachuu keenya ogeessa fayyaaf himuu qabnaa. ✔️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu. ✔️Haati hoosiftu ykn hoosisuuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu. 4️⃣.Qoricha Erythromycin akkamiti yaalaaf fayyadamuu qabna? ✔️Akkaatuma ogeessi fayyaa nuuf ajajeti sirriti dhageeyfannee hubannee fayyadamuu qabna. ✔️Qoricha Erythromycin garaagarummaa sa'atii 6 ykn 8 ykn 12 tiin guyyaa tokko keessati haala Inifeekshiniichaa irrati hundoynee yeroo afur,sadi ykn lama guyyaa hunda yeroo hamma fudhachuu qabnu fudhachuu ni dandeenya. ✔️ Qoricha Erythromycin bifa dhangala'ootiin (suspension) yoo jiraate sirriti raasnee safarree hamma ajajame qofa fudhachuu ni dandeenya. ✔️Qoricha Erythromycin bifa kaapsuulii ykn kiniiniitiin qophaa'ee jiru yoo ta'e osoo hin alanfatini guutuu isaa bishaan burcuqqoo takka waliin liqimsuu ni dandeenya. ✔️Infeekshinii gurraa salphaa namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha Erythromycin 500mg kiniinii isaa afaaniin garaagarummaa sa'atii 12 tiin yeroo wal fakkaataa keessa yeroo hunda fudhachuu ni dandeenya. ✔️Infeekshinii michii sombaa salphaa namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha Erythromycin 500mg kiniinii isaa afaaniin garaagarummaa sa'atii 12 tiin yeroo wal fakkaataa keessa yeroo hunda fudhachuu ni dandeenya. ✔️ Qoricha Erythromycin namoota biroo kan mallatoolee inifeekshinii keenyaan wal-fakkaatu yoo jiraatellee ajaja ogeessa fayyaa malee callisnee waliin fayyadamuu hin qabnu. ✔️Qoricha Erythromycin yaalaaf fudhachuu ergaa jalqabnee booda yeroo hanga fudhatamuu qabu hanga xumurruu mallattoolee Inifeekshiniichaa fooyya'insa ofirrati arginani qoricha kana fudhachuu jidduun dhaabuu hin qabnu inifeekshiniichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda'uuf. 5️⃣.Qorichi Erythromycin miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa? * Gaggabdoo. * Dadhabbii cimaa.
143
3
Hubannoo Waa'ee Qoricha Erythromycin 250/500mg ------------------------------------------------------ 1️⃣.Qorichi Erythromyci
Hubannoo Waa'ee Qoricha Erythromycin 250/500mg ------------------------------------------------------ 1️⃣.Qorichi Erythromycin Maali ? ✔️Erythromycin~Jechuun qoricha garee farra baakteeriyaa (Macrolide) Jedhamuu ta'ee kan inifeekshinii baay'ee sababa baakteeriyaan dhufan yaaluuf gargaaruudha. 2️⃣.Qorichi Erythromycin rakkoolee fayyaa akkamii yaaluuf gargaara ? * Inifeekshinii gurra keessaa. * Inifeekshinii gogaa fi tishuulee. * Inifeekshinii Mar'imaan keessaa. * Inifeekshinii Michii Sombaa. * Inifeekshinii Biroonkaayitasii. * Inifeekshinii Ujummoo fincaanii. * Inifeekshinii Ujummoo qilleensaa. * Inifeekshinii Laagaa keessaa. * Inifeekshinii wal~qunnamtii saalaan daddarbu fi kkf yaaluuf gargaara. #pharmacistrayid
137
4
Maalummaa,Mallattoo Fi Karaalee dhukkuba Saayinasii ittiin ofirraa ittisuu dandeenyu. 👇👇https://youtu.be/CjIsJXeiwIE?si=aEw
Maalummaa,Mallattoo Fi Karaalee dhukkuba Saayinasii ittiin ofirraa ittisuu dandeenyu. 👇👇https://youtu.be/CjIsJXeiwIE?si=aEw7BdnaABNf1U22
364
5
Cefotaxime .PDF
517
6
* Dhukkubbii garaachaa. * Gogaan hooksisuu. * Harganuu ykn liqimsuuf rakkachuu. * Laagaa keessaan madaa'uu. * Halluun gogaa ykn ijaa keelloo ta'uu. * Tempireecharri qaamaa dabaluu. * Harkaa fi miilli qabbanaa'uu. * Hoollachuu/ qoorrachuu. * Iddoon lilmee waraanan dhukkubuu,diimachuu,dhiita'uu,dhiiguu fi hooksisuu. * Garaa yaasaa bishaan ykn dhiiga of keessaa qabu yaasuu. ✅️Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati argine qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid
677
7
3️⃣.Qoricha Cefotaxime yaalaaf fayyadamuun durati maali beekuu qabna ? ✔️Namoonni alarjii qoricha Cefotaxime ykn alarjii qorichoota garee cephalosporin ta'an kan akka cefadroxil,cefdinir, cephalexin,cefoxitin,cefprozil, omnicef fi kkf qabu qoricha cefotaxime yaalaaf fayyadamuu hin qabanii. ✔️Akkasumas namoonni rakkoo fayyaa biroo kanneen akka alarjii qorichoota garee pencillin qabu,dhukkuba kaansarii,dhukkuba dadhabina onnee,dhukkuba kalee,dhukkuba tiruu,dhukkuba sukkaaraa,rakkoo garaachaa ykn mar'imaanii,rakkoo onnee fi kkf qabu ykn qabaachaa ture ogeessa fayyaa beeksisu malee qoricha cefotaxime yaalaaf jalqabuu hin qabanii. ✔️Yeroo qoricha cefotaxime yaalaaf fudhachuu jalqabnee booda yoo mallatoolee inifeekshinii kan akka garaa kaasaa bishaan ykn dhiiga of keessaa qabu nurrati mul'ate qorichoota biroo kan mallattoolee kana yaaluuf gargaaru osoo hin jalqabnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. ✔️Qorichi Cefotaxime qorichoota hormoonii irraa hoojjatamanii ulfa ittisuuf gargaaran waliin yoo fayyadamnee bu'aa qorichoota ulfa ittisuuf gargaaran gad buusee ulfa karooraan alaatiif nama saaxiluu wan maluuf yeroo qoricha kana yaalaaf fayyadamaa jirru maloota ittisa ulfaa biroo kan qorichoota hormoonii irraa hin tolfamin kan akka koondomii fi kkf fayyadamuu qabna. ✔️Namoonni qorichoota biroo kanneen akka vaayitaamiinii, Mineeraalaa ykn albuudota ,qorichoota aadaa, qorichoota biroo fi kkf yaalaaf fayyadamaa jiru ogeessa fayyaa beeksisu malee qoricha Propranolol yaalaaf jalqabuu hin qabanii. ✔️Yeroo qoricha cefotaxime yaalaaf fudhachaa jirru qorannoo fayyaa laabiraatoorii muraasa yeroo gaggeessinu bu'aa qorannoo irrati dhiibbaa uumuun bu'aa sirrii ta'e akka hin arganne godhuu wan danda'uuf yeroo qoricha kana yaalaaf fayyadamaa jirru qoricha kana fudhachaa jiraachuu keenya ogeessa fayyaatiif himuu qabnaa. ✔️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu. ✔️Haati hoosiftu ykn hoosisuuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu. 4️⃣.Qoricha cefotaxime akkamiti yaalaaf fayyadamuu qabna ? ✔️Akkaatuma ogeessi fayyaa nuuf ajajeti sirriti dhageeyfannee hubannee fayyadamuu qabna. ✔️Qorichi Cefotaxime bifa daakuutiin kan qophaa'ee yoo ta'uu dhangala'oo qulqulluu waliin walitti daballee bulbullee haala Inifeekshiniichaa irrati hundaa'uun doosii isaa hanga barbaachisaa ta'e qofa gara hidda dhiigaatiin ykn lilmoodhaan kennamuu ni danda'aa. ✔️Inifeekshinii garaa keessoo namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha cefotaxime giraama (1~2 g) haala inifeekshichaa irrati hundaa'uun garaagarummaa sa'atii 8 ykn 12 gara hidda dhiigaatiin ykn lilmoodhaan kennamuu ni danda'aa. ✔️Inifeekshinii Lafee fi cabsannaalee namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha cefotaxime giraama (1~2 g) haala inifeekshichaa irrati hundaa'uun garaagarummaa sa'atii 8 ykn 12tiin yeroo hunda gara hidda dhiigaatiin ykn lilmoodhaan kennamuu ni danda'a. ✔️Inifeekshinii michii sombaa namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha cefotaxime giraama (1~2 g) haala inifeekshichaa irrati hundaa'uun garaagarummaa sa'atii 12 tiin gara hidda dhiigaatiin ykn lilmoodhaan kennamuu ni danda'aa. ✔️Qoricha Cefotaxime hospitaala keessati ykn ogeessi fayyaa yaalamaa akka itti fayyadaman sirriti lenjisuun/barsiisuun yaalamaan manati fayyadamuu ni danda'a. ✔️Qoricha Cefotaxime yaalaaf fudhachuu ergaa jalqabnee booda yeroo hanga fudhatamuu qabu hanga xumurruu mallattoolee Inifeekshiniichaa fooyya'insa ofirrati arginani qoricha kana jidduun dhaabuu hin qabnuu inifeekshiniichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda'uuf. 5️⃣.Qorichi Cefotaxime miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa? * Gaggabdoo. * Dadhabbii. * Haqqisuu/lolloocuu.
588
8
Hubannoo waa'ee Qoricha Cefotaxime 500mg 1️⃣.Qorichi Cefotaxime maali ? ✔️Cefotaxime~Jechuun qoricha garee farra baakteeriyaa
Hubannoo waa'ee Qoricha Cefotaxime 500mg 1️⃣.Qorichi Cefotaxime maali ? ✔️Cefotaxime~Jechuun qoricha garee farra baakteeriyaa cephalosporin Jenereeshinii sadaffaa jedhamuu ta'ee kan inifeekshinii baay'ee sababa baakteeriyaan dhufan yaaluuf gargaaruudha. 2️⃣.Qorichi Cefotaxime rakkoolee fayyaa akkamii yaaluuf gargaara? * Inifeekshinii michii Sombaa. * Inifeekshinii Cophxoo yaaluuf. * Inifeekshiinii Meninjaayitasii. * Inifeekshinii Ujummoo fincaanii. * Inifeekshinii Onnee keessaa. * Inifeekshinii Saayinasii. * Inifeekshinii Garaa keessaa. * Inifeekshinii Sammuu keessaa. * Inifeekshinii Gogaa fi tishuu. * Inifeekshinii Dhiiga keessa. * Inifeekshinii Lafee fi Cabsannaa qaamaa. * Inifeekshinii sababa baakteeriyaan dhufan. * Inifeekshinii Baqaqsaa duraa fi boodaa ittisuuf. * Inifeekshinii qaama walhormaata dubartoota fi kkf yaaluuf gargaara.
532
9
Ketoproven.PDF
678
10
* Rakkoo onnee kan akka dhiita'uu, yeroo gabaabaa kessatii ulfaatina qaamaa dabaluu ,harganuu dadhabuu fi kkf mul'achuu. * Rakkoo kalee kan akka fincaan xiqquma finca'uu ykn finca'uu dadhabuu, yeroo fincaanani rakkachuu ykn dhukkubuu, harkaa fi miilli dhiita'uu, dadhabiin itti dhagahamuu fi kkf mul'achuu. * Rakkoo tiruu kan akka haqqisuu, garaa yaasaa, fincaan halluu gurraacha qabu fincaanuu, halluun gogaa fi ijaa keelloo (jaundice) ta'uu fi kkf saaxilamuudha. * Mallattoolee dhiiguu garaachaa Kan akka dhiiga qufa'uu, haqqisaa buna fakkaatu haqqisuu fi kkf mul'achuu fa'adha. ✅️Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati argine qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid
799
11
.Qoricha ketoprofen yaalaaf fudhachuun durati maali beekuu qabna ? ✔️Namoonni alarjii qoricha ketoprofen qabu ykn yoo dhibee asmii qabaanne ykn qabaachaa turre fi yoo alarjii qoricha aspirin ykn qorichoota garee NSAID jedhamanii qabaanne gonkuma qoricha ketoprofen yaalaaf fayyadamuu hin qabanii. ✔️Akkasumas namoonni rakkoolee fayyaa biroo kanneen akka dhibee onnee ,dhibee miidhama onnee,dhiibbaa dhiigaa olka'aa, madaa'uu ykn dhiiguu garaachaa,rakkoo kantaruu dhiigaa, dhibee asmii,dhibee tiruu, kooleestiroolii dhiigaa keessaa baay'ee qabu,dhibee sukkaaraa,dhibee kalee,Istirookii fi kkf qaban ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha ketoprofen fayyadamuu hin qabuu. ✔️Yeroo qoricha ketoprofen yaalaaf fudhachaa jirru tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu irraa fagaachuu qabna. ✔️Qoricha ketoprofen kaapsuulii bifa yeroo gabaabaa (immediate release) fi yeroo dheeraaf (extended release) hoojjatu yeroo wal fakkaataa keessa fayyadamuu hin qabnuu. ✔️Yeroo qoricha ketoprofen yaalaaf fudhachaa jirru deddeebinee qorannaa fayyaa onnee fi kalee keenyaa akkasumas dhiibbaa dhiigaa keenya hagamirra akka jiru of ilaalaa fayyadamuu qabna. ✔️Qoricha ketoprofen qorichoota biroo kanneen akka qoricha.... * Qoricha Aspirin. * Qorichoota Farra dhiphinaa. * Qoricha probenecid. * Qorichoota dhiiga qallisan kan akka warfarin. * Qorichoota akka clopidogrel,alteplase,dipyrimadole fi kkf fa'a. * Qorichoota steroid kan akka prednisolone fi kkf walin walirra buusnee yeroo wal-fakkaataa keessa yoo fayyadamne miidhaalee ciccimoo lubbuu keenyarraa geessissuu wan maluuf yeroo qoricha ketoprofen yaalaaf fudhachuu erga jalqabnee booda ogeessa fayyaa beeksisnuu malee qoricha biroo kamiyyuu fayyadamuu hin qabnuu. ✔️Ijoollee umriin isaanii waggaa 18 gadii ta'an yaalaaf qoricha kana fayyadamuu hin qabanii. ✔️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu. ✔️Haati Hoosiftu ykn hoosisuuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabduu. ✔️Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa ta'ee irraa fageeysinee kuusuu qabna. 4️⃣.Qoricha Ketoprofen akkamiti yaalaaf fudhachuu qabna ? ✔️ Akkaatuma ogeessi fayyaa nuuf ajajeti sirriti dhageeyfannee hubannee fayyadamuu qabna. ✔️Qoricha Ketoprofen doosii xiqqaa ta'e yaalaaf fayyadamuu qabna. ✔️Qoricha ketoprofen nyaata ykn Aannan waliin fudhachuu qabna. ✔️Qoricha Ketoprofen kaapsuulii guutuu isaa osoo hin alanfatini ykn ilkaaniin hin caccabsiin guutuu isaa liqimsuu qabna. ✔️Dhukkubbii yeroo gabaabaa namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha ketoprofen kaapsuulii yeroo gabaabaa (immediate release) 25mg hanga 50mg haala dhukkubichaa irrati hundaa'uun garaagarummaa sa'atii 6 ykn 8 tiin yeroo barbaachisaa ta'eti fudhachuu ni dandeenya. ✔️Mallattoo dhukkuba lafee fi busaa cabsannaalee (osteoarthiritis) namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha ketoprofen kaapsuulii yeroo gabaabaa 50mg haala dhukkubichaa irrati hundaa'uun garaagarummaa sa'atii 6 tiin guyyati yeroo 4 fudhachuu ni dandeenya. ✔️Mallattoo dhukkuba lafee fi busaa cabsannaalee (Rheumatoid Arthiritis) namoota ga'eessa ta'anii yaaluuf qoricha ketoprofen kaapsuulii yeroo gabaabaa 50mg haala dhukkubichaa irrati hundaa'uun garaagarummaa sa'atii 6 tiin guyyati yeroo 4 fudhachuu ni dandeenya. 5️⃣.Qorichi ketoprofen miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa? * Haqqisuu/lolloocuu. * Gubaa lappee. * Dhukkubbii garaachaa. * Garaan yaasuu. * Goginsa garaa fiduu. * Halkan hirriba dhabuu. * Gogaan diddiimatee hooksisuu. * Gurra keessaa sagalee dawwalaa dhaga'uu. * Seeliin dhiiga diimaa hir'achuun halluun gogaa jijjiiramuu,lafti namaan maruu,hafuurri nama hanqachuu,miilaa fi harki qabbanaa'uu fi kkf mul'achuu fa'adha. * Dhiibbaan dhiigaa ol ka'uun dhukkubbii mataa cimaa,ijaan sirritti arguu dadhabuu fi kkf mul'achuu fa'adha.
764
12
Hubannoo waa'ee Qoricha Ketoprofen 25/50 mg ~~~~《 》~~~ 1️⃣.Qorichi ketoproven Maali ? ✔️Ketoproven~Jechuun qoricha garee farr
Hubannoo waa'ee Qoricha Ketoprofen 25/50 mg ~~~~《 》~~~ 1️⃣.Qorichi ketoproven Maali ? ✔️Ketoproven~Jechuun qoricha garee farra dhukkubbii fi inifilaameeshiinnii (Nonsteroidal anti-inflammatory drug) jedhamuu ta'ee kan dhukkubbii fi dhiita'uu qaamaa hir'isuuf gargaaruudha. 2️⃣Qorichi Ketoproven rakkoolee fayyaa akkamii yaaluuf gargaara ? * Dhukkubbii mataa hir'isuuf. * Dhukkubbii ilkaanii hir'isuuf. * Dhukkubbii maashaalee qaamaa hir'isuuf. * Dhukkubbii yeroo marsaa laguu fi isa boodaa hir'isuuf. * Tempireechara qaamaa tasgabbeessee hir'isuuf. * Dhukkubbii dugdaa hir'isuuf. * Mallattoo dhukkuba dhibee lafee fi buusaa osteoarthritis hir'isuuf. * Mallattoo dhukkuba dhibee lafee fi buusaa rheumatoid arthritis fi kkf yaaluuf gargaara. @pharmacistrayid
696
13
✔️ Qoricha ogeessii fayyaa nuuf ajaje tokko akkuma fudhanneen daqiiqaa muraasa keessati ykn guyyoota muraasa booda mallattool
✔️ Qoricha ogeessii fayyaa nuuf ajaje tokko akkuma fudhanneen daqiiqaa muraasa keessati ykn guyyoota muraasa booda mallattoolee kanneen akka... * Gogaan diimachuu fi hooksisuu. * Onneen sardaan dha'achuu. * ijji diimachuu fi bishaan dhangalaasuu. * Harganuuf baay'ee rakkachuu fi hudhamuu. * Hoo'ii qaamaa akkuma qoricha fudhataniin ol ka'uu. * Fuulli,afaan,arrabni fi qoonqoon dhiita'uu. * Qoonqoon dhipachuun harganuu dadhabuu. * Dhiibbaan dhiigaa gadi bu'uun namati dukkanaa'uu ykn of wallaaluu fi kkf ofirrati arginaan mallattoo alarjii qoricha sanii waan ta'eef yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee yaala barbaachisu fudhachuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmacistrayid
979
14
✔️ Namoonni dhukkuba Asmii qaban qorichoota muraasa kanneen yaalaaf fudhachuun dhoorgamaadha. ✔️Qoricha Aspirin. ✔️Qoricha Ib
✔️ Namoonni dhukkuba Asmii qaban qorichoota muraasa kanneen yaalaaf fudhachuun dhoorgamaadha. ✔️Qoricha Aspirin. ✔️Qoricha Ibuprofen. ✔️Qoricha Naproxen. ✔️Qoricha Diclofenac. ✔️Qoricha Ketoprofen. ✔️Qoricha Mefenamic acid. ✔️Qoricha Propranolol. ✔️Qoricha Nadolol. ✔️Qoricha Timolol. ✔️Qoricha Morphine. ✔️Qoricha Codeine. ✔️Qoricha Enalapril. ✔️Qoricha Captopril ✔️Qorichoota Barbiturate fi kkf yaalaaf fayyadamuu irraa fagaachuu qabuu. Fayyaa ta'aa. Horaa Bulaa. @pharmscistrayid
944
15
Hordoftoota kiyya kabajamoo fi jaalatamoo Qorichootaa ykn dhukkuboota waa'ee isaanii hubannoo argachuu barbaaddan maqaa isaanii guutuu nuuf erguu hin dagatinaa.
1 037
16
3. Dhibee Saayinasii akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya ? * Wantoota alarjii kaasuu danda'an kan akka dhukkee ykn awwaaraa,qilleensaa qorraa fi gogaa,foolii cimaa,aara tamboo fi kkf irraa fagaachuu qabna. * Qulqullina naannoo fi dhunfaa keenyaa eeggachuu qabna. * Guyyaa guyyaan bishaan ga'a ta'ee baay'isaanii dhuguu. * Nyaata dandeettii ittisa dhibee dabalan kan akka Kudraalee,fuduraalee,qullubbii adii,janjabiila fi kkf soorachuu. * Bishaan hoo'aa fi hurkaa isaanii gara funyaaniin fayyadamuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa. @pharmaistrayid
1 068
17
Hubannoo waa'ee dhibee Saayinasii | Sinusitis ~~~~//~~~ 1.Dhibeen saayinasii maali ? Dhibeen Saayinasii jechuun dhibee kulkul
Hubannoo waa'ee dhibee Saayinasii | Sinusitis ~~~~//~~~ 1.Dhibeen saayinasii maali ? Dhibeen Saayinasii jechuun dhibee kulkuluu ykn dhangala'aan kuufamuun qaawwa qilleensaa lafee fuula keenya keessatti argamu irratti uumamuudha.Dhibeen kun baay'inaan sababa vaayirasii,baakteeriyaa ykn alarjiitiin kan dhufuu kan danda'uudha. 2.Mallattoon Dhibee Saayinasii maali fa'adha? * Qufa'uu. * Dhukkubbii mataa. * Foolii adda baasuu dadhabuu. * Afaan foolii badaa qabaachuu. * Funyaan cufamuu fi qilleensa fudhachuuf rakkachuu. * Fuulli,ija gubbaa fi maddii naannawaa dhukkubuu fi dhiita'uu. * Dhangala'oon Furdaan funyaaniin gadi yaa'uu ykn gara qoonqoo gad dhangala'uu fi kkf mul'achuudha. @pharmacistrayid
786
18
3. Sababoonni carraa dhukkubbii ilkaaniif nu saaxiluu danda'an maali fa'adha? * Tamboo xuuxuu. * Nyaataa fi dhugaatii sukkaara baay'ee qabu fayyadamuu. * Ilkaan nyaatamuu ykn tortoruu. * Caccabuu ykn baqaquu ilkaanii. * Infeekshinii irgaaniitiin dhufuu. * Ilkaan urachuu ykn narviin miidhamuu. * Ilkaan qarriffaa ykn isa boodaa baasuu fi kkf fa'adha. 4. Dhukkubba Ilkaanii akkamiti ofirraa ittisuu dandeenya ? * Ilkaan keenya guyyati yeroo lama saamunaa ilkaanii fi rigaan qulqulleeffachuu qabna. * Nyaata fi dhugaatii sukkara baay'ee qabu dhiisuu qabna. * Bishaan baay'isanii dhuguun nyaataa booda afaan keessa lulluuqachuu. * Tamboo xuuxuu irraa fagaachuu. * Yeroo dhukkubbiin ilkaanii nuti cime gara ogeessa fayyaa ilkaanii deemuun of ilaalchisuu fi kkf taasisuu qabna. Fayyaa ta'aa. Horaa Bulaa. @pharmacistrayid
793
19
Dhukkubbii Ilkaanii | Toothache. ~~~~~~~~ 1 Dhukkubni Ilkaanii maali ? Dhukkubni ilkaanii rakkoolee fayyaa naannawa ilkaanii,
Dhukkubbii Ilkaanii | Toothache. ~~~~~~~~ 1 Dhukkubni Ilkaanii maali ? Dhukkubni ilkaanii rakkoolee fayyaa naannawa ilkaanii,irgaan,lafee ilkaan hammatuu fi narvii afaan keessati uumamaniin kan dhufu miira dhukkubbii cimaadha. 2. Mallattoon dhukkubbii ilkaanii maali fa'adha ? * Dhukkubbii walirraa hin citnee ykn yeroo nyaata nyaatan namati dhaga'amuu. * Yeroo Ilkaan qulqulleessan irgaan dhiiguu. * Naannoon ilkaanii ykn maddiin dhiita'uu. * Ilkaan dhagala'oo hoo'aa ykn qorraaf miira qabaachuu. * Halluun ilkaanii jijjiiramuu. * Afaan keessaa fooliin badaan dhaga'amuu fi kkf mul'achuu fa'adha. @pharmacistrayid
933
20
Qoricha Propranol .PDF
773