cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Obsinaan Arsii

Haqaaf haqaan moona. Gaaf-tokko Walabummaa koo argee gammaduun koo hafa hin qabu. #Oromia Shall be free.Ani Oromoo muslimaati,Saba kootiif Amantii kootiif nan qabsaawa.Waadaa jaallanii nan eega.!🖤♥️🤍 Channel kana irraa Seenaa hedduu bartu jedheen amana.

Mostrar más
Finlandia2 519El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad52 018
Publicaciones publicitarias
1 565
Suscriptores
+1224 horas
+907 días
+25430 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Iccitii Shanan Haati Kee sitti hin Himne ❶Jireenya ofii dhiiftee siif jiraachuu ishee ❷Hirriba raftee si eeguu ishee ❸Hanga ati guddaa taatellee siif dhiphachuu ishee ❹Ciniinsuu irratti miidhamuu ishee ❺Yeroo ulfoofte dhukkubuu ishee 🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Mostrar todo...
👍 1
Repost from Gumaa Saaqqataa
Seenicha_Suukkanneessaa_barri_Dhokse_በኦሮሚያ_የተደበቀው_221202_191911.pdf6.20 MB
Waayee dargaggeessa ganna 20 Doonaald Tiraampitti dhukaasee madeessee hanga ammaa wanti beekamu maali? Barsiisonniifi hiriyoonnisaa waayee amalasaa waan jedhan qabu. Gabaasa kallattii keenya hordofaa. https://bbc.in/3S6P2tj
Mostrar todo...
Joo Baayidan siyaasni US gonkumaa 'dirree ajjeechaa' ta'u akka hin qabne akeekkachiisan - BBC News Afaan Oromoo

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haasaa erga yaaliin ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti raawwatameen booda taasisaniin, siyaasni Ameerikaa gonkumaa 'dirree ajjeechaa' hin ta'u jechuun akeekkachiisan.

👍 1
Doonaald Tiraamp yaaliin ajjeechaa irratti raawwate erga fashalee booda dubbateera. Gabaasa guutuuf https://bbc.in/4d4hPXL
Mostrar todo...
Joo Baayidan siyaasni US gonkumaa 'dirree ajjeechaa' ta'u akka hin qabne akeekkachiisan - BBC News Afaan Oromoo

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan haasaa erga yaaliin ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti raawwatameen booda taasisaniin, siyaasni Ameerikaa gonkumaa 'dirree ajjeechaa' hin ta'u jechuun akeekkachiisan.

Oduu: KFOn “gaaga’amni ulfaataan” akka hidhaa jumlaa, reebichiifi qe’eerraa buqqisuu Oromiyaa keessa jiru furuuf mariin akka taasifamu gaafate Paartiin Koongirasii Federaalaa #Oromoo (#KFO) gaaga’ama kanaan dura hin baramin” Oromiyaa keessa jiru furuufi waraana iddoo garaagaraatti mudate dhaabsisuuf diinummaan dhaabbatee mariin biyyaalessaa hunda hammate akka taasifamu gaafate.  KFOn ibsa kaleessa baaseen, waraanni mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromo (WBO) gidduutti taasifamaa jiru gara godinoota 22 babal’achuu ibsuun “ hidhaan jumlaa, reebichi, qe’eeerraa buqqa’uu, manneen qonnaanbultootaa baay’inaan gubuu, loon ajjeesuu, nama lubbuun jiru abiddaan gubuufi yakkoonni sukaneessaan biroo humnoota mootummaatiin raaawwatamaa” jiraachuu ibse.   Haalli keesumaa godinoota Shawaa, Wallaggaafi Arsii keessa jiru daran hammaataa ta’uu KFOn addeesseera.  https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4275
Mostrar todo...
Oduu: KFOn “gaaga’amni ulfaataan” akka hidhaa jumlaa, reebichiifi qe’eerraa buqqisuu Oromiyaa keessa jiru furuuf mariin akka taasifamu gaafate  - Addis Standard

Finfinnee, Adoolessa 15, 2024 – Paartiin Koongirasii Federaalaa Oromoo (KFO) gaaga’ama kanaan dura hin baramin” Oromiyaa keessa jiru furuufi waraana iddoo garaagaraatti mudate dhaabsisuuf diinummaan dhaabbatee mariin biyyaalessaa hunda hammate akka taasifamu gaafate.  KFOn ibsa kaleessa baaseen, waraanni mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromo (WBO) gidduutti taasifamaa jiru gara godinoota 22 babal’achuu ibsuun “ hidhaan jumlaa, reebichi, qe’eeerraa …

Photo unavailableShow in Telegram
#Guutamaa Hawaas #Obsaatu barreesse dubbisaa Guutamaa Hawaas maqaan dhaloota isaa Jamaal Roobaleeti. Guutamaan bara 1945 keessa abbaasaa Roobalee Daadhii fi haadhasaa Gaashoo Tofoorraa Oromiyaa kibba-bahaa Arsii keessatti, aanaa Gololchaa, ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umriin isaa barnootaaf akka ga'eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1ffaa hanga 4ffaa kan barate yoo ta'u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa jedhamutti baratee xumure. Akk barnootasaa xumureenis waaijira Boordii Bunaa jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas damee Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessatti yeroo muraasaaf ramadamee hojjate. Wajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975-1977tti naannoo Arba Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa ta'ee hojjateera. Itti aansee bara 1978-1979tti konyaa Arbaa Guuguutti itti gaafatamaa dhimma ummataa ta'ee hoijate. Haa ta'uyyuu malee mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhata qaba jechuun ba'uu fi galuusaa waan hordofuu jalqabeef, waajira kana gadi lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi'ee hojjechuu jalgabe. Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hojii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABO waan tureef, achuma keessa hojii ABO lafa jalaan hojjataa ture. Kunis, maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hojjataa ture. Hojii qabsoo inni lafa jalaan hoijataa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeef, Guutamaan gara bosonaa seenuu fi guutummaan hojii qabsoorratti hirmaachuun dirqama itti ta'e. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti bosona seene. Adda Bilisummaa Oromoo keessatti qooda leencaa bahataa ture. Sadarka hoggansa gara garaatti hojjataa tureera. Kutaa Arsii, Baalee fi Harargee keessa miilaan socha'uun lolee lolchiisaa ture. Dhuma irratt bara 1994 lola gammoojjii Baaleetti diinaan waan marfamaniif, harka kennachuu diddaaf ufiif of ajjeesan. Ulfaadhaa
Mostrar todo...
BARA NAMAAF GAMTE NAMA ABBAA KEE AJJEESE WAJJIIIN NYAATTEE, BARA NAMAAF DABARTE GUMAA ABBAA KEETII BAAFATTA.
Mostrar todo...
👍 6
BARA NAMAAF GAMTE NAMA ABBAA KEE AJJEESE WAJJIIIN NYAATTEE, BARA NAMAAF DABARTE GUMAA ABBAA KEETII BAAFATTA.
Mostrar todo...
Jireenyi kun asoosama, abbama rabbi haala mijjeesseef mijjoofti. Bakka itti dhalatu abbaan hin filatu. Har'i kana fakkaata, bor immoo ifa aduutu murteessa.!!. Buqqeen bara eeggattee dhagaa cabsite jedha Oromoon. Hundumaaf barri akka garaa isaa tahuu baatus gaariif mirga, gariif immoo bitaaf gadiif gadadoo taha. Haa tahuu bishaan erga muka koruu eegale turee bubbulee....!!. Warri yeroon isinitti tumsite kan akka kootii hedduu hin gaddinaa, akka keessaa bahuun danda'amu qofa beekaa keessaa ni baatuu.! Nama barri miite.!!
Mostrar todo...
👍 6
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.