cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Obsinaan Arsii

Haqaaf haqaan moona. Gaaf-tokko Walabummaa koo argee gammaduun koo hafa hin qabu. #Oromia Shall be free.Ani Oromoo muslimaati,Saba kootiif Amantii kootiif nan qabsaawa.Waadaa jaallanii nan eega.!🖤♥️🤍 Channel kana irraa Seenaa hedduu bartu jedheen amana.

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
1 379
المشتركون
+624 ساعات
+387 أيام
+22530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Waa tole Yaa Aabboo Kankee oluma Qaamni bu’ura kanaaf sababa taatan maqaa ol nufuutani, seenaa galmeessitan marti keessan ulfaadhaa!!! Isphayder midiyaa galatoomi Wako Gutu Airport ~~~ Buufanni xiyyaaraa Baalee Roobee maqaa isaa gara maqaa gooticha Sheyik Waaqoo Guutuutti geeddaruun 'Waqo Gutu Airport' jedhamuu dhageenye Alhamdulillaah. Kun waan salphaa miti. Qabsaa'onni aangafoonni kanneen biyyaafi ummata isaaniitiif aduu bilisummaafi walabummaa qabsiisuuf jecha aarsaa kaffalan hedduun sababa eenyummaa onneen isaanii bitameef jecha cinaatti seenaan isaanii dhiifamee yeroo isaan kaan filamanii wantoonni akkanaa godhamuuf, faawundeeshiniin ijaaramuufi daandiin akkasumas giddu-galli garaa garaa isaaniin mogga'u argina waan ta'eef inshaa Allaah nutis bakkaafi haala keessa jirru mara keessatii abbootii keenya yaadataa gootummaa isaanii leellisna. Oolmaa isaaniif galata waan ittiin galchinuufi dhaloota akka isaanii dhaadannoo ittiin oomishannu ijaarree hirbuu seenaa isaanii gadi dhaabna. Raayyaa Abbaa Maccaa
إظهار الكل...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Akka gubaa garaa koo Gubbaan koo maal siif himee Deemteet hafte atisoo Uf-duuba hin mil'annee... Gubee gubee na waadaa Bulee bulee na nyaataa Dhiibbaan dhabamuu Kankee Har'as garaa na nyaataa Silaa haqnisoo dhibee Waraabot' murtii laataa Hattuu Loon hatte wajjiiin Akkamiin ree barbaadaa?... Tamam Sultan Calanqo, Meettaa June 27, 2024
إظهار الكل...
Jarjaraan qalbiin qabu Hirribaa ka'ee muga Obsaan bara eeggatee Aannan Goromsaa dhuga Ammayyuu hin xumurre Deemaan jira karaako Raafamtee na hin raasiin Obsi obsi Garaakoo! #Lataa
إظهار الكل...
👍 1
Baay'een keenya, Akkatti gubannu Beeknee hin dubbannu Fixannee hin himannu Himannee hin fixannu! Akkuma gaafasiiti har'a Hin sirreeffannu miira Suma yaadna Inuma aadna. Gubaa garaa, Dhibee baraa, Yeroo maraa! Namni qaroo dhabe, maaliin tasgabbaa'a? Aarii muddaan qabee waa sagal hakaa'a Yaadaan labneerra Malas dhabneerra gadduu...gadduu... harquu... harquu Dhugaakee imimmaanni hin argu Xaxamneerra dadhabneerra Ofii keenyas taajjabneerra! Gubaa garaa, Dhibee baraa, Yeroo maraa! Otoo carroomtee, maal jetta laata? Hireen keenyas haqakee fakkaata! * 2024 Kanaa'ol Badhaadhaa Hacaaluu Hundeessaa yaadachaa....
إظهار الكل...
👍 1
Yaa Allaah rahmanni kee hundaa haa gayu cufaa, Nuufis nasriin numa dhufaa numaaf ifaa ifaan diini... Rabbiin haajaa teenya nuuf haa guutu.🤲
إظهار الكل...
👍 3
Seenaa gabaabaa hariiroo #Ahmad_Bunaa tiif #Haaji_Kadiir_Bombaasoo ibsu Ahmad Bunaa bara 1932 Godina Arsii, Aanaa Sireetti dhalatan. Haji Kadiir Bombaasoo amoo Bara 1917 Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageelle Arsii ganda Bombaasootti dhalatan.haata’uu malee kaayoo tokko waan qabaniif kaayyoon isaan qaban suni iddoo gara garaatii akka walitti dhufan taasiseenii jira. Ahmad Bunaa Qabsaa'ota akka Haaji Roobalee Turee,#Haaji_Simbirroo, #Daadhii_Fayyisaa fi #Guutamaa_Hawaas fa woliin ummata sochoosuu fi hawaasa wolitti fiduu jalqaban. #Ahmad_buna #Haji_Kadiir_Bombaasoo wajjiin walqunamitii fi hariiroo jabaa qabu waan tureefi mana isaanii Nageellee Arsiitti argamu dhufaa bulaa turan. Kana kan dhagayan bulchitoonnii yeroo sanii Haji Kadiir Bombaasoo Ahmad bunaa maaliif sibara dhufa jedhanii qabuudhaan hidhanii gafaatan, yeroo Kanatti Haji Kadiir Bombaasoo akkana jedhan “Ahmad bunaa dhufuu ee dhugaadha nabira hindhufa, inni kanabira dhufuuf garuu oromummaa fi dhiigummaa wal irraa qabnuuf nabira dhufa malee waan isin jettan kana ani hinbeeku jechuudhan deebisanii jennaan hajii Kadiir hin himtaa waan sibira dhufuuf jennaan akkana jedhan “#Gurba_Qamisii_uffannaan_beera_naseetee_qamisii_kana_sharxii_islaamummaatiif_uffadhee_malee_onneen-kiyya_dhiiraa” jechuudhaan gaafini Haji kadir Bombaasoo shuguxii ufii itti luqifatan gaafa sani. Ahmad Bunaa #Woldaan_Maccaa fi Tuulamaa akka dheeratti wolgahee tokkummaa lallabuuf gahee leencaa taphatan. Barreessaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, Damee Arsii ta'uunis tajaajilaa turan.Yaa'ii Itayyaa kan Caamsaa 1966 dureessa Arsii keessaa #Hajii_Roobalee_Tureetin qophaa'e yoo ta'u kunis Oromoota bahaa fi dhihaa, kiristaanaa fi islaama walitti fiduun tokkumaa Oromoo mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba. #Haji_Kadiir_Bombaasoo Ebbisoo Xeemoo fi Galatoo galgaluu wolgayii tokkummaa Woldaan Maccaa fi Tuulamaa irratti hirmaatanii jiru. Ahmad Bunaa Kanamales qabsaa'onni gama bahaa fi lixaa akka wolqunnaman nama godhaa tureedha. Akkasumas J/ #Taaddasaa_Birruu akka mana hidhaa Galamsootii bahee gama Finfinnee dhufu nama adda durummaan dhiibbaa godheedha. Goonni kun Biyya Suudaanii baqaan osoo jiraatan, dhukkubsatanii lubbuu dhaban. Ahmad Bunaa fi #Haji_Kadiir_Bombaasoo lamaanuu abbootii seenaa guguddaa fi Tokkummaa Oromoof worra dhagaa bu'uuraa kaayani keessaa isaan tokko ta’anis seenaan isaanii garuu awwaalamee jira. Rabbiin qubsuma isaanii jannata olaantuu haa godhu! Barreessan Abdulnasir haji Kadiir Bombaasoo (nasiro@HKB) Waan dubbiftaniif galatoomaa!
إظهار الكل...
👍 3
Kiw jechuun amma gaa jedhe sheekaan roobee.👇 #Ajab🥰 Ajab bareedina Simboo uumaa Rabbii Tasa osoo hin beekin Nama hataam qalbii _ Kan ijaan si laale Kufu malee hin kaanee Inni si jaalate Ittuu nama hin taanee _ Guyyaasaa eebbisa Karaa kankee ba'ee Surraan miidhaginaa Sirritti wal ga'ee... _ Lookoo ija urjii Ta nyaarri daggalaa Iftuu akka baatii Goobana galgalaa _ Ta qubbiin halangee Yuubni dugda ciisuu Ka simboon kee hate Hin obsu si dhiisuu _ Burtukaana biyyaa Ta funyaan konkonaa Lafti ati hin jirre Osoo guutu onaa _ Mootii bareedinaa Durbee biyya kiyyaa Giiftii haadha simboo Harmee oromiyaa.....! @GalaanaWalaloo @GalaanaWalaloo
إظهار الكل...
👍 1
Gonkuma, tasuma, inuma abdii hin murru, abdii muruu san abdii mursiifna malee. .....
إظهار الكل...
“People and time will teach you more than the books.” 𝐅𝐮𝐮𝐥𝐥𝐢 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐤𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐧𝐞,𝐀𝐦𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐪𝐢𝐥𝐞𝐞/𝐇𝐚𝐥𝐥𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢 𝐢𝐬𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐦𝐮𝐥'𝐚𝐧𝐧𝐞. 𝐉𝐢𝐣𝐣𝐢𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐣𝐢𝐣𝐣𝐢𝐢𝐫𝐚𝐦𝐮 𝐢𝐥𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢. 𝐁𝐫𝐨 𝐛𝐮𝐥𝐭𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐡𝐢𝐧.!! @Obsinaan Arsii
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.