cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Jama'aa Muslima Torban Diida'aa

Jama'aa Muslimtotaa Torban Diida'aa jaarmaya dhimmoota amantii islaamaa,diinagdee fi hawasummaa irratti hojjatu.

Mostrar más
Finlandia2 620El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad57 468
Publicaciones publicitarias
1 340
Suscriptores
-224 horas
+137 días
+9830 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Sirna Salaata Iidal Al-Adhaa Bara Hijra 1445 Magaalaa Hamdaa Diksiis
Mostrar todo...
Sirna Salaata Iidal Al-Adhaa Bara Hijra 1445 Magaalaa Asallaa
Mostrar todo...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Baga Geessan,warra barana kan hedduu nu haa taasisuu Erga Baga Geessanii Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa irraa Hoggantootni,Miseensotni Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa fi Hawaasni Muslimaa Guutuu Addunyaa irratti argamtan Baga Ayyaanaa Iidal Adahaa kan Bara Hijra 1445 nagaan geessan Ayyaanni Kan Jaalalaa,kan Badhaadhina fi Gammachuu isiniif haa ta'uu. Ayyaanni Iidal Adahaa baranaa kan Guddinaa gama hunda itti argannuu nuuf haa ta'uu. Yeroo Ayyaana kana kabajnuu harka qal'eeyyii naannoo keenyaa jiran yaadannee gargaara Ayyaanichaa akka kabajnuu dhaamnaa. Ayyaanaa Gaarii Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu!
Mostrar todo...
5👍 2🔥 1
#DHUGAA_DUBBACHUUF!!! 👇👇👇 Namni Jireenya sadarkaa kamirraayyuu jiraatu caalatti fooyyeffachuu fi sadarkaa international ta'etti gudisuu hin barbaanne Jira jedhee hin yaadu . Kanaaf immoo kan hunda dursu maallaqa guddaa qabaachuu osoo hin taane; Sammuu guddisee yaaduu danda'uu fi waan haaraa baruuf qophaa'u qabaachuu qabna. Kanaaf immoo Leenjiwwan #Mul'ataa Fi #Dandeettii RABBIIN nuuf kenne beekuf nu gargaaran beekun Keessaa Gara alaa jiraachuu eegaluu qabna.
Mostrar todo...
7👍 4💯 3
#Dhaabbilee_Ijaarachuu. Akkuma beekkamu Aadan dhaabbilee ijaarachuu biyya keenyatti Laafaa akka ture beekkamaadha . Haata'u malee yeroo dhihoo as Aadan dhaabbilee ijaaranii of ijaaruu Mumul'achaa jiraatus gahaa miti. Icciitiin guddina biyyoota Awrooppaa fi Arabaa hedduun isaanii dhaabbilee (Institution ) Sektaroota hunda irratti ijaarachuu isaaniti . Nutis akka hawaasattis ta'ee akka biyyaatti dhaabbilee(Institution ) ijaarachuu,kan ijaaraman #Ammayyeessuu fi #Dimokraatessuu irratti Xiyyeeffachuun Hegeree hawaasaa fi Hegeree biyya kanaatifis waan Murteessadha . Ijaaramuu fi biyya ofiitis sirnaan ijaaranii Misoomsuu islaamummatu jalqaba dhala namaa hunda barsiise waan ta'eef . Islam is the only solution for humanity .
Mostrar todo...
👍 19 5
Hariiroo fi Marii Hayyoota waliin. Dhiheenya kana akkuma beekkamu kallattii hojii of duree keenyaa daran cimsuuf Hojiin Jaarmaya keenyaa Waan gurguddoo sadi irratti Bu'uureffatuu akka qabu itti amanuun Hojiitti jirra . Sunis 1ffaan Hayyootaan mari'achuu ,2ffaan Qorannoo Saayinsawaa gaggeessuu fi 3ffaan Yaada Hayyoota fi Bu'aa sanada qorannoo keessaa Cuunfameen Siistama Hojmaataa Waggoottan dheeraaf Jaarmaya fullaasisu bocuun hojiitti galuun barbaachisaa waan ta'eef Qabxiilee kana irratti fuulleffanne. Kanaaf amma nutis akka JAMA'AA MUSLIMA TORBAN DIIDA'AA tti Hojmaanni keenya daran kan ammayyaa'e fi Qorannoo fi Siistamaan kan deeggarame akka ta'uuf marii hayyootatiin eegalle. Akeekni fi Xiyyeeffannoon Dhiheenna JTDn Hayyoota mariisisaa jiru kun Kaayyoon isaa Imalli Karoorri waggaa shanan dhufanii akka haara'aatti Jama'ichi sanada qopheessaa jiru kun bifa milkaa'een akka eegalamuufi. Mirqaanan osoo hin taane Mariidhaan karoora haara'a eegalla jenneet. Nama #mirqaanan waa ijaarutti seene kan maraatee waa diigee walis diige malee nama waa ijaare hin argine waan ta'eef. Jaarmaya Mariifii qorannoon ijaarame malee jaarmayni mirqaanan ijaarame ,mirqaanumaan diigama waan ta'eef. Rakkoon ijoon Jaarmiyaalee ykn Waldaalee Muslimtoota biyya keenya irra hedduun isaanii Qorannoo fi Siistamaan osoo hin taane mirqaanumaan ijaaramuun,Ergasiis osoo xiqqoo hin turin gaaga'ama hamaa keessa seena .akka JTDtti Fedha rabbiitiin hanqinoota kana akkuma biyyaatittuu hundee irraa furuuf hojjachaa jirra . Mariin #Hayyoota wanjiin eegalle Of durattis ji'oottan Muraasaaf Cimsinee itti fufna . Booda gara Jaarmiyaalee(Waldaalee) kutaalee biyyattii Naannoo adda addaatti argaman gama mariisisuutti Ceena . "WE HAVE A DREAM "
Mostrar todo...
👍 17💯 2
Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Hayyuu Islaamaa Ustaz Abdallaa Idriis waliin marii gaggeesse. Guyyaa 27/9/2016 Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Magaalaa Adaamaa Biiroo JTD Adaamaatti Hayyuu Islaamaa Ustaz Abdallaa Idriis waliin Hojiilee JTD hojjachaa jiruu fi hojjachuuf karoora qabu, dhimmoota Barnootaa fi Misoomaa Diinagdee irratti marii baldhaa taasisanii jiru. Hoggantootni JTD bakka bu'uun mariisisan Abdulhakiim Namoo fi Redwan Amiin Maricha irratti Ustaaz Abdallaan haallii Jama'aan Muslima Torban Diida'aa irraa dhufe akkaatan hojii isaa,akkaataan barnoota Barattootaa,Shamarran,Dargaggoota,Hawwoota,Daldaltoota fi hojjattoota Mootummaati kenna ture baay'ee bareeda tahu kaasani ammas cimee kan dur daran akka itti fufu dhaamaniiru. Akkasuma haalaa walii galaa jama'ichaa irrattis gorsa barbaachisoo kennanii jiru. Jama'ichi hayyoota gara garaa waliin marii gochuu kan itti fufu tahu beeksise. Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu!
Mostrar todo...
👍 7 2💯 2🔥 1
Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Hayyuu Islaamaa Ustaz Najaa Muhammad waliin marii gaggeesse. Guyyaa 26/9/2016 Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Magaalaa Adaamaa Biiroo JTD Adaamaatti Hayyuu Islaamaa Ustaz Najaa Muhammad waliin Hojiilee JTD hojjachaa jiruu fi hojjachuuf karoora qabu, dhimmoota Barnootaa fi Misoomaa Diinagdee irratti marii baldhaa taasisanii jiru. Hoggantootni JTD bakka bu'uun mariisisan Abdulhakiim Namoo fi Redwan Amiin Marichi yeroo bal'aa kan fudhate yoo tahu Ustaaz Najaan Sirna Barnoota dhabbatichi qabaachuu qabu,koorsidhaan akkami qopheeffachuu akka qaburatti gorsa baldhaa kennanii jiru. Akkasuma Misoomaa Diinagdee irrattis gorsa baldhaa kennanii jiru. Jama'ichi qopheessaa koorsii barnoota irratti hayyoota gara garaa waliin marii gochuu kan itti fufu tahu beeksise. Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Koorsidhaan barnoota sadarkaa Idil Addunyaa eeggatee qopheessa jiraachun ni beekama. Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu!
Mostrar todo...
👍 14 7💯 3
Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Hayyuu Islaamaa Ustaz Najaa Muhammad waliin marii gaggeesse. Guyyaa 26/9/2016 Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Magaalaa Adaamaa Biiroo JTD Adaamaatti Hayyuu Islaamaa Ustaz Najaa Muhammad waliin Hojiilee JTD hojjachaa jiruu fi hojjachuuf karoora qabu, dhimmoota Barnootaa fi Misoomaa Diinagdee irratti marii baldhaa taasisanii jiru. Hoggantootni JTD bakka bu'uun mariisisan Abdulhakiim Namoo fi Redwan Amiin Marichi yeroo bal'aa kan fudhate yoo tahu Ustaaz Najaan Sirna Barnoota dhabbatichi qabaachuu qabu,koorsidhaan akkami qopheeffachuu akka qaburatti gorsa baldhaa kennanii jiru. Akkasuma Misoomaa Diinagdee irrattis gorsa baldhaa kennanii jiru. Jama'ichi qopheessaa koorsii barnoota irratti hayyoota gara garaa waliin marii gochuu kan itti fufu tahu beeksise. Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Koorsidhaan barnoota sadarkaa Idil Addunyaa eeggatee qopheessa jiraachun ni beekama. Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu!
Mostrar todo...
Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Sagantaa Du'aa'ii fi Hawaasummaa gaggeesse Guyyaa 25/9/2016 Jama'aan Muslima Torban Diida'aa Magaalaa Adaamaatti Biiroo JTD Adaamaatti Sagantaa Du'aa'ii fi Hawaasummaa gaggeesse. Sagantaa kana irratti hoggantootni Ol'aanoon jama'ichaa, manni maree bulchiinsaa fi Qindeessitootni JTD Damee Adaamaa argamaniiru. Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu
Mostrar todo...
👍 11 5