816
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Miilaafi yaadaanis
Olumaaf gad buutaa
Gaafiin si gaafadha
Mee ati yoom duutaa?
Guyyaa kana jattee
Himuu dadhabdus anaaf
Guyyaan du’aa yoomi
Yoo naan jatte namaaf.
Gaafa Sammuun taante
Dhiifte gaarii yaaduu
Milkaa’ina namaaf
Keessi kee si aadu.
Gaafa sababa uumamteef
Tasuma hin hubatin
Kaayyoo fi karoora
Yooniif hin qabaatin.
Jechaaf gocha namaa
Oliif gad yoo fuutee
Qabriittu sitti ballate malee
Ture guyyaan ati duutee.
@obsiilink
Osoon onnee sif laadhe
Sagal kufee siif cabuu
Garan Kee Amma kana
Nattii jabachuu-n qabu
Kennaa waqatti male
Jaalalli hin qabuu cubbu
Onnerran sii jaladhaa
Tolee naaf jedhi lubbu
Dayimendi Yoon dhabes
Isa gaatiin Isaa cimaa
Onnerran sii jaladhaa
Jilbefadheen sitti himaa
Murtessan warqii mitim
Warqee isa gatii jabaa
Jalaala dhugaa tanan
Abaaboonuu hiikaa qabaa
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
@obsiilink
Qaba inni jedhee
Gamoo guddaa ijaaru
Inni dhabe jedhee
Jooreetin jawwaaru
~
qarshiiniis danoomee
Kan walirra tuulu
Inni qarshii dhabees
Rakkinaan kulkulu
~~
Inni irraa hafes inni dhabes
Obsaa rakkoo
Kaayyoon adda miti
Kaayyoon tokko
~~~
ofiisaa fooyyessuuf inni
Gaara ba'ee bu'u dachaa
Rakkinasaaf jedhee
Gufuun guggufachaa
~~~
xaaree dafqee dhiigee
Dhiigasaallee qoorsaa
Jooree deegee labee
Joorassaallee obsaa
~~~~
Rakkoof jedhee
Beelaan sakaalamaa
Yoo kadhates
Namaan abaaramaa
~~
"BOR Boriin kan imalu
Abaarsa dagachaa
Garaa guutuuf miti
JIREENYA barbaacha
✍️___📸Iisadiin41®™
@obsiilink
#share
#join
Siqichi!
Hin geenye yeroon
An maa narakkifta
Namalee dhabdee
Narra daddeemtaa?
~
Deem barbaadadhu
Boo hiriyyaa tantee
An bakka siinlaadhu
Mudhii koo nakuttee
~
Yoo bakka dhabde
Iddoo biraa deemtee
Naa garaa silaafaaf
Arraas natti dhuftee?
~
Yeroo heddun gube
Osoo si-waliin ciisuu
Wallaahi billaahi
Arra Siwajji hinciisu
~
An waan akka keetii
Takkaa hin argine
Waanuma akkami ati
Kan qaanii hinbeeyne
~
Kabajaan kuntaalaa
Abbaatu of-khabajaa
Awoo taa'ii! Of-kabaji
An osoon if riguu
Nadhaamuufi bar ijji
~
Afaa kee tottolchitee
Takka sirraa hinhafne
Firaashaa fi tiraasiin
Osoon an hin feene
Arraas naraffisuufii?
~
Hinrafu Nankakadhee
Na,eegaa hin bulinii
Teeysee naan achi
Akka duriis nasehinii
Deem narraa siqichi!
~
Durirraa hanga arraa
Iriftiin maleen sijjiraa
Ammaa jalqabee
Argaa keen jibba
An waan biraa hinbaanu
Siin baana hirriiba🙄😁
Roba
~~
@obsiilink
Irran fiigiin kufta
Bool'a seetee dirree
Kabootan barbaadiin
Bakka Saawwin jirree
Sammuu malee yaatee
Akka dhaaba loonii
Dirree Xiyyaaraarraa
Hin eeggatiin Doonii
Hin abdatiin milkii
Soba faana ciisaa
Mana Farsoo seentee
Hin ajajiin piizaa
Dhangaa sobaa nyaatee
Afaanis haqate
Hin milkaa'u namni
Waan dhugaa lagate
Eelamtee wargamtee
Rakkoonis si miite
Dhugaa faana bulii
Gali bakka dhiite!
✍Biqoo Wqs
#share_join
@obsiilonk
@obsiilink
Jireenya kiyyaaf kee gidduu
'Qalama' diimaan sarartee
Akka cuphee cuucii fuutee
Dheessitee; narkaa barartee
Osoon "hireekoo" siin jedhuu
Mucucaattee narkaa maqxee,
Akkam siif ta’eeraa laata?
Namni ati bira dhaqxe....
~
Imaanaa jaalala kootii
Akka buddeenaatti nyaattee
Erga narraa gargar baatee
Onnee kankee ormaaf laattee,
Waraqaa gatiin qaaliitiin
Narraa sikutee garaakee
Kan anaan si jechisiise
"Deemi qabadhuu karaakee"
Kan anaan alatti darbe
Gola onnee keetii lixee
Akka kiyya of dagatee
Sin jaallataa laata fixee?
~
Akkuma yadde sanaaree
Qabeenyisaa biyya bitaa?
Dureeyyota gachisiisee
Biil Geetii’f Daangootee gitaa?
Boontee, V8 teessee
Soodareef kurriftuu deemtaa?
VIP nyaattee, dhugdaa
Hoteela Ilillii seentaa?
Moo tarii si gaabbisiisee
Of jajjabeessuudhaaf xeenta?
~
Yeroo jaalalaa siif dhabee
'Business' faana fiigee
Kophummaatti si hambisee
Jecha duraa gochaan diigee
Waan fedhu sirraa argatee
Si darbee laata gaddatti?
Moo akkuma jedhe sana
Si kunuunfata addatti?
~
Qaawwa keenya quba kaa’ee
Anaan sidhabsiisee giroo
Ruuza fuuldurakee qabee
Kan si jibbisiise shiroo
Akkuma jechaan sossobee
Si kuchisiise fireenii
Irbaatnikee gosa foonii
Piizzaadhaa laata cireeni?
~
Waan hundaafuu sittaa tolu
Kan fedhiikee siif haa ta’u
Rabbi kan yaaddee olitti
Bakka garaan sihaa ga’u
Xiwaarakee dhabeen malee
Mirga-n qabu si gaafachuu
Nan beeka abdiis kuteera
Yaadee miti si baafachuu.
~
Ana na gaafatta taanaan
Deebistee akka jiruukoo
Si hubachiisuun barbaada
Onneekoo namaaf hiruukoo
Madaa gantummaa keetiitiin
Yeroof godhus karra cufaa
Osoon jedhee abdiin eeguu
“Kan hireekoo anaaf dhufaa"
Onnee ati miitee deemte
Rabbi guddaan naaf yaaleera
Si jaalachaa turuusaayyuu
Dagatee, amma haaleera!
~
Eenyummaa koon booji’amtee
Kan miidhagaan sirra caalte
Osoon tasa hin tilmaamin
Fayyiftee onneekoo dhaalte.
Mootiin ajjeesee fayyisu
Kan naaf maltuun nakiiseera.
Garaan si’iin na laalate
Bayyanatee na ciiseera.
Jaalallikee na laalesses
Fedha Rabbiin na dhiiseera.
~
Egaa.. quba wal hin qabnu
Dhimma wolii erga qaataa,
Anaaf dachaan naaf toleera
Kan keemmoo akkami laata?
@obsiilink
@obsiilink
.
Hariiroo Jaalalaa Cimsuuf
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
@Gorsa_jaalaala
◈ Gammachuu kee ishii/isaa irraa hin eegin! Gammachuu kee eenyurraallee eeggachuu hin qabdu. Jaalallee kee/tee si gammachiisuuf yaalii godhus/tus, hayyama kee malee si gammachiisuun hin danda’amu. Kanaafuu bohaartii sammuu keef itti gaafatamaan mataa kee akka te’e of amansiisi.
◈ Jechoota kee gochaan bareechuu : Wantoota akka hojjattu(dalagdu) dubbatte tokko hojitti hiikuu qabda. Yoo kan nan godha jatte yeroo xiqqo booda dagatta ta’e, fuula duraaf dubbiin kee hin amanamu. Rakkoo yaadachuu qabda yoo ta’e barreeffachuudhaan hojitti hiikuu qabda.
◈ Dogoggora kee amanuu fi dhiifama gaafachuu : Nama jaalattu irratti hamaa tokko hojjatte, kan isaanii otuu hin ilaalin dhiifama gaafachuu. Badii keef dhiifama gaafachuuf sababa hin barbaadin. Fuula duraaf akka itti hin deebine itti himuudhaan dhiifama gaafachuu akkasumas balleessaan duraa lammata akka hin deebineef of sirreessuu yaali.@Gorsa_jaalaala
◈ Haasawa isaa/ishii sirnaan dhaggeeffachuu : Jaalalleen kee/tee gorsa barbaacha fi waan isa/ishii dhibeef mala si gaafachuun ni mala. akkasumas waan haarawa argan sitti himuuf ta’uu danda’a. Atis kana hubachuudhaan haasawa isaa/ishee dhaggeeffachuun ga’ee sirraa eegamu bahuu qabda.
◈ Miira sitti dhaga’ame fi hawwii keessa keetii itti himi : Yeroo baay’ee wantoonni nuti hojjannu ifatti dubbachuu baannuus kan keessa keenyaa jiru kan calaqqisaniidha. Gochaa fi jachaaniis fadhii fi hawwii keenna walitti himuun jaalala keenya daran cimsuu danda’a. @Gorsa_jaalaala
◈ Arjoomuu : Yeroo hunda humnaa fi qabeenyaanis akka isa/ishii cinaa jirtu hubachiisuu. Gama gargaarsaatiin haga danda’ametti otuu hin gaafatamne kan dandeessuun cinaa dhaabbachuu. Yoo kana goote atis haala wal fakkaataan galata akka argattu hubadhu.
◈ Waa’ee kee jaalallee kee/tee irraa dhooksuu hin qabdu : Haalaa fi amala dabalatee wantoota si gammachiisanii fi si gaddisiisan ifatti itti himuu sirraa eegama. Seenaa keetii fi eenyummaa keetis ta’u dhoksuun sirraa hin eegamu.
◈ Iccitii isa/ishii irraa of eegi : Goonkumaa iccitii isaa/ishii ilaaluun hin barbaachisu. Bilbila, ergaa, Miidiyaa hawaasaa fi kkf hannaan ilaaluun abdii fi amantii waliif qabdan waan balleesuuf irraa of eeguu qabda.
◈ Hamilee kakaasuu : Hojii fi haasaa hunda keessatti hamilee jaalallee ofii eeguun, jaalala dabaluu qofa utuu hin taane hawwii fi fadhii kakaasuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Uffannaa fi dhimma boonaan wal qabatte hunda irratti yaada kennuu. @Gorsa_jaalaala
◈ Haasawaa mimmi’aawoo : Haasaa kee keessatti jechoota bashannansiisaa fi gammachiisaa ta’an fayyadamuu. Akkasumas jechoota jaalala ibsan kan guyyaa guyyaan jaalala haaroomsan fayyadamuu.
◈ Soba(kijiba) irraa fagaachuu : Hariiroo keessatti soba caalaa kan sodaatamu hin jiru. Gargar bahuudhaaf irra caalatti sababa kan ta’u soba. Sobarraa fagaachuun hariiroo cimsuudhaaf murteessaadha.
┄┄┉┉✽»💥✿»💥✽┉┉┄┄
💫 Join ➡️ @obsiilink
💫 Join ➡️ @obsiilink
🇸 🇭 🇦 🇷 🇪
JAALALA NAMOOMEE!!!
Cancala jaalalaan
Keessa koo na labde;
Subii obboroon kaatee
Godoo kiyya yaabde!
Leecalli qalbii koo
Sirratti hidhame;
Osoon ittin yaadiin
Yaada keen qabame!
Osoon hin maraaciin
Taa'een duwwaa baasa
Yaaduma keef jedheen
Halkan dhama raasa!
Obboroo dhaan bahee
Yoon galu galgala;
Gafan rafuuf jedhus
Hin cufu balbala!
Abjuu fi qalbiin koon
Waa'ee ma kee yaada
Osoon faayyaa deemuu
Calliseeman aadaa!
Jiruun biyya lafaa
Walii namaan galuu;
Kan tokkoo in gulufa
Kan tokkommoon toluu!
Akka bool'a dhugduu
Gadi hir'isaan bulaa
Jiruun aduu gadii
Maalumaafuu tolaa?
Gadi hir'achaa deemus
Halkan rafuu dhabee
Guyyaa rabbi jedhe
Ni soroorara inni dabee!
Si'iif nan mararuu
Yoon utaalee cabe;
Siif qiliileee bu'ee
Gaara iyyuu yoon yaabe!
Qalbiin kiyyaa deemee
Halkan yoon nagade;
Siif jooree jaawwaree
Yoon biyyaa illee bade!
Onnee fi lapheen koo
Sumaatiif dhaaddatti;
Koroojoon qalbii koo
Si'iif ba'aa baatti!
Siif jedheen yoon bules
Gad jedhee garboomee;
Sharafadheen bita
Jaalala namoomee!!!
@obsiilink
.. @obsiilink
Hamman si jaaladhu
Sitti himuu sodaadhee
Jechan gulalladha
Ana sirraa fagaadhee.
Ati nan hubanne
Waanin keessa lixe
Jaalallin siif qabu
Coraa narra fixe.
Waa'e kan kee malee
Yaaduun na rakkise
Qaama kiyya guutu
Sittin gad lakkise.
Gaafa karaa deemtu
Hin quufu si laalu
Lafaa kanarratti
Wahiin sin madaalu.
Ijji kee xuuxxoo
Funyaan kee adduma
Barreesse hin fixu
Waa'e kee goonkuma.
Akkan si jaaladhu
Naaf bari arrarraa
Jaalallin siif qabu
Ni dabala guyyarraa. ♥️💧
.... @obsiilink
Ajab damma koo
damma daamu kiyya
Suma barbaachaaf
garaan koo na iyya
Anaan na jaalattee
dhiira meeqa diddee
kan kee na taasiste
Gammachuutti na fiddee
anis eenyuufuu tolen jedhu
siin alas waa tokkon fedhu
Sumaaf na dhiittata
onneen ciisa didee
maafan rafa jedha
dubbii natti fidee
ati kan koo qofa si
taasifadheera giiftii
yoo akkas ta'e qalbiin
kan koo na ciistii
Adda taasiseen si ilaala
hundumaa si caalchisee
Naaf hubadhuu jedheen onnee
kan koo si dhaalchisee
Garaan koo suma yaada
na dideera bar nyaata
Qalbiis ta'ee Onneenis
Kunoo Suma baata.
Jaalalan siif qabu
Barreessee hin fixu
Ati amala addaa qabda
eenyumtuu sin gituu
Baay'en si jaaladha an
yooman si Quufaa?
Daqiiqaa Daqiiqaatti qalbiin
koo sibira na dhufa!
Qabeenyi koo suma innii
onnees ta'ee kan baankii
homtuu gargar nun baasuu
Osuma ta'ee taankii
#joinshare
💔💔❤️🔥💔💔
Waliif #Share gochuu
hin dagatinaa
#Unmute_our_channel🔕
❤️ @Jireenya_jaalalaa ❤️
❤️ @Jireenya_jaalalaa ❤️
✅ʲᵒⁱⁿ😊
&
♻️ˢʰᵃʳᵉ😊
🥰Fafakkeessaan jaalalaa miti!
💔Jaalalti miidhaa miti.
:¨·.·¨: ❤️
`·. @obsiilink
@obsiilink
𝐷𝑒𝑒𝑚𝑖 𝑘𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑛𝑎𝑔𝑎ℎ𝑎𝑎
𝑒𝑟𝑔𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑡𝑒 𝑑𝑖𝑑𝑑𝑒𝑒
𝑗𝑎𝑎𝑙𝑎𝑙𝑎𝑎𝑛 𝑠𝑖 𝑞𝑎𝑏𝑢𝑠
𝑒𝑟𝑔𝑎 𝑗𝑖𝑏𝑏𝑎𝑎 𝑓𝑖𝑑𝑑𝑒𝑒
𝑄𝑎𝑏𝑒𝑒 𝑠𝑖 𝑛𝑎𝑎𝑛𝑛𝑒𝑠𝑢𝑠𝑖
𝑂𝑛𝑛𝑒𝑒 𝑘𝑜𝑜 𝑠𝑖𝑖𝑓 𝑘𝑒𝑛𝑛𝑒𝑒
𝑛𝑢𝑡𝑜𝑜 𝑚𝑎𝑎𝑙𝑎𝑛𝑖 𝑔𝑜𝑜𝑛𝑎
𝑠𝑖𝑙𝑎𝑎 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑛𝑖 𝑗𝑒𝑛𝑛𝑒𝑒
𝑌𝑎𝑎𝑑𝑎𝑛 𝑔𝑎𝑟𝑔𝑎𝑟 𝑡𝑎𝑎𝑛𝑒
𝑘𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓 𝑎𝑑𝑑𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑛𝑒
𝑏𝑎𝑦𝑦𝑒 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑛𝑎 𝑡𝑢𝑟𝑒
𝑜𝑠𝑜𝑜 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜 𝑡𝑎𝑎𝑛𝑒
𝐸𝑟𝑔𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑡𝑒 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑖
𝐷𝑎𝑛𝑑𝑎'𝑒𝑒 𝑠𝑖𝑛 𝑑ℎ𝑜𝑜𝑟𝑔𝑢
𝑤𝑎𝑎𝑛𝑖 𝑛𝑎 𝑚𝑖𝑖𝑡𝑒𝑒𝑓 𝑖𝑚𝑚𝑜
𝑟𝑎𝑏𝑏𝑖𝑖𝑛 𝑠𝑖𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑎𝑎 𝑎𝑟𝑔𝑢𝑢
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
Inni horii qaba,
Ittiin daldalata
Ittiin waa bitata
Ittiin shaqqalata
Ittiin si bitata
Horiin qabeenya isaa
Imaltuu isaati
Bareeda isaati
Jabina isaati
Doorsiftuu isaati
Horiin isaaf humna,
Fedhu ittiin cabsa
Fedhu ittiin dabsa
Horiin isaaf boona
Ittiin garsiifata
Ittiin doorsifata
Anaaf garuu...
Horiin ani qabu,
Nyaataaf ooleen gahu
Alatti naan bahu
Horiin ani qabu,
Mana nattin jaaru
Daara ittin waaru
Horiinin qabutti,
Faaya ifitti godhee
Siin hin doorsisu
Siin biteen hambisu
Horiinin qabutti,
Yeroon laalun aara
Osoon qabun daara
Gaafa gahuu dide
Anaaf
Ittiin waa kennachuu
Ittiin waa ergachuu
Ittiin waa elmachuu
Ittiin waa doorsisuu
Ittiin waa hambisuu
Dhumasaa,...
Qabeenyi sadeenii
Horii yoonin dhabe
Humnas yoonin dhabe
Beekumsaatu jiraa
Sa maafin hiraaraa?
Je'eetin if birbira.
Inni horiin bitee
Yoo siif kenne dila
Horiisaan dhaadatee
Dhuunfatus kitila
Animmoo,...
Sammuunin taphadha
Sammuunin si soora
Beekumsan siif laadha
Beekumsaanin ijaara
Galma jiruu tanaa
Iccitiin siif kenna
Bakkan itti gufadhen
Garsiisee siif bana
Inni...
Yoo Horii facaasu
Horiin jalaa dhumaa
Hin turu gonkumaa,
Animmoo...
Yoo beekumsa kennu
Daran anaaf ifaa
Anaaf wal sharafaa
Kanaafin...
Hogguu boonaa deema
Horiif humnas dhabu
Qabeenya sadeenirraa
Beekkumsa kanin qabu!
Shamil N Mohammed
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
Anatu si fedhe
Natu si jaalate,
Bareeda keetini
Onnee na boojite.
Simbo-qabeettittii
Kuullee afaan dammaa,
Guyyuun si dharra'a
Si'umaafan dhimmaa!
Ani si jaaladhe
Jaalala onneerraa,
Situ giiftii tiyya
Uumama hundarraa!
Hunda caaltuu wayii
Haadha bareedinaa,
Yoomuma naaf dhufta
Yoom wal arginaa?
..
... @obsiilink
Utuun si jaalladhuu
Onnee banaa dhiiftee
Utuun si abdadhuu
Summii jibbaa biiftee
Keessa koo waraantee
Jaalalaan madeessaa
Godaanuu filatte
Onnee kiyya keessaa
Keessi koo si dhabee
Halkan guyyaa fiigaa
Madaan godaansa kee
Kulkulee na dhiigaa
Akkaataan jiruu kee
Sichi naaf hin ta'uu
Sin jaaladhu garuu
Si jibbuun danda'uu...
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
.. @onsiilink
Osoon onnee sif laadhe
Sagal kufee siif cabuu
Garan Kee Amma kana
Nattii jabachuu-n qabu
Kennaa waqatti male
Jaalalli hin qabuu cubbu
Onnerran sii jaladhaa
Tolee naaf jedhi lubbu
Dayimendi Yoon dhabes
Isa gaatiin Isaa cimaa
Onnerran sii jaladhaa
Jilbefadheen sitti himaa
Murtessan warqii mitim
Warqee isa gatii jabaa
Jalaala dhugaa tanan
Abaaboonuu hiikaa qabaa
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
Ilma Yaayyaa Alii Siree
Tokkicha bakar waaree
Ilmi Waaqoo Guutuu
Oduuf bakka qabaaree? ~~~~
Jaarraa Abbaa Gadaa
Qabsoo nu barsiisee
Elemoo Qilxuudhaa
Diina bayyaa baase ~~~~
Nadhii gammadaatu
Karaa nu qabsiisee
Leenjisoo diigaatu
Qabsoo nutti dhiise ~~~~
Qabsoo muslimaatu
Oromoo ol qabee
Bifa har'a fakkaatuun
Oromiyaa qarqabe ~~~~
Maalummaa iccitii
Aliyyi cirrii taraaree
Gootaaf fakkeenyi
Husseen bunee ture ~~~~
Kormoossoo irraahin
Baradhe gootummaa
Caammaanuur jabaa
Hayyuu caalu kuma ~~~~
Mucee Ahmad mucee
Kutataa oromtichaa
Warra oromummaan
Isaanii hin ta'in jecha ~~~~
Sheek bakrii saaphaloo
Warra qubee kaa'e mataa
Sheek Mohammed Rashaad
Abbaa qubee oromootaa ~~~~
Gaheen muslimootaa
Oromummaaf bu'uura
Warra qabsoo sabaa
Itti godhe hafuura ~~~~
Warra jabeeysee qabee
Asiin gahe oromummaa
Bu'uurri qabsoo oromoo
Jal'dhaabni muslima ~~~~
Oromummaan liqii miti
Dhalootaan argamtii
Yookiin akka kaardii
Nurraa yoom haqamtii? ~~~~
Waalqorraan arganne
Dhalootaan argannee
Amantaas hin jijjiirre
Irruma dhalannee ~~~~
Islaamummaa waliin
Oromummaan toltii
Kopha kophaa taatu
Deemtee ceerbe buuti ~~~~
Gadhee jala fiiydee
Of hin xiqqeeysinii
Jabeeysii qabadhu
Jabduudha amantiin ~~~~
Oromummaa dhunfaa
Hin godhin jerjertee
Lachuu Rabbii kenne
Dubbii Ciro dhumte ~~~~
Barreeysaan ✍️👉@ obsamen
..... @obsiilink
Qaba inni jedhee
Gamoo guddaa ijaaru
Inni dhabe jedhee
Jooreetin jawwaaru
~
qarshiiniis danoomee
Kan walirra tuulu
Inni qarshii dhabees
Rakkinaan kulkulu
~~
Inni irraa hafes inni dhabes
Obsaa rakkoo
Kaayyoon adda miti
Kaayyoon tokko
~~~
ofiisaa fooyyessuuf inni
Gaara ba'ee bu'u dachaa
Rakkinasaaf jedhee
Gufuun guggufachaa
~~~
xaaree dafqee dhiigee
Dhiigasaallee qoorsaa
Jooree deegee labee
Joorassaallee obsaa
~~~~
Rakkoof jedhee
Beelaan sakaalamaa
Yoo kadhates
Namaan abaaramaa
~~
"BOR Boriin kan imalu
Abaarsa dagachaa
Garaa guutuuf miti
JIREENYA barbaacha
@wolaloo_jaalalaa
#share
#join.
..... @obsiilink
#waadaakoo
Waadaa waliin qabna
Hirbuu waliif seenne
Kanafan si soqa
Takkaa gadin teenye
Mallattoo waadaakoof
Kudhaama siif laadhe
Summii natti ha ta'u
Hirbuu kee yoon nyaadhe
Beenyaa na gaafatus
Iddoon ani dhaqe
Waadaa kee hin haalu
Karaa koorraa maqee
Erga addaan baanee
Takkaa rafeen bulle
Garuu sirraa hin hafu
Nan dhufa yaa kuullee
════════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
✍️....💥𝙸𝚒𝚜𝚊𝚍𝚒𝚒𝚗®✅
𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌱...
....
@obsiilink
Bacaqii gannaarraa
Gara booqaa birraa
Gaafa birraan gahu
Wal argumaaf jirraa!
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Abaaboon daraaree
Mul'atee bareedaa
Si obsuun dadhabe
Garaankoo si yaada
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Galaanaatu guutee
Addaan nu hambisee
Akka walin garreef
Gargar nu fageeysee
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Gaafa birraan ga'u
Abaaboo daraaraa
Jaalalloo lamaantu
Wal arguuf jarjara
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Kennaa waliif laatu
Abaaboo muratee
Bara haaraa simata
Onneen wal jaalate
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Argaatee hawweera
Hedduun si yaadeeraa
Onneenkoo jarjaree
Birraan fagaateera
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Hawwiif mul'atakoo
An sirran kaayyadhe
Birraa bariin eega
Ergan si jaaladhee
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Barri haaraan dhufu
Nageenya qabatee
Wal nu haa garsiisu
Illahiin ol ta'ee!!
..
..
... @obsiilink
Bishaan ni ga’a jettee
Galteen hafin manatti
Maatii dhoksi gannaqii
Ammas kottu lagatti
Anxaxiin cora jedhii
Sobii funyoo fudhadhuu
Akkammo sin arginee
loo’i kottu dhokadhuu
Coreen lafa siif ka’a
Adaa walitti qabee
Dafiitii qaqqabadhu
Onnee siif jecha cabe
bakkuma silaa sanaa
Anbabbeessa jalattii
Mallattoo siifan buusaa
Baala laalii lafattii
Baala xiqqoo agarraan
An dhufuu kiyya beekii
Yoo achii na dhabdeellee
Hin jarjariin na eegii
Dhufa kee natti himuuf
Sobii dhadhahi jaarkaa
Yoo jaarkaaniin dhibamelle
Xiqqoo waliin dhahi arka
Bakkan jiruu ol baheen
Rakkoo koon sitti himadhaa
Maddii kee bitaaf mirgaa
Afaan keen si dhungadha
Ani silaa sin obsuu
Galagalas lo'een dhufaa
Jara keessan raffisii
dafteemmon cufin cufaa
Gadii bahuu fakkeessii
Kottuu qoraan fudhadhuu
Mana jalan dhokadhaa
Dhoksaatti na dhungadhu!!
.... @obsiilink
