es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

OBSAA CHANNEL

OBSAA CHANNEL

Ir al canal en Telegram
640
Suscriptores
Sin datos24 horas
-37 días
-730 días
Archivo de publicaciones
‎Ya Waddeessa daarii gubbaa ‎Manaa gadii raareedhakaa ‎Ani hin dhaqu yaa'ii durbaa ‎Durba tuqnaan waa'eedhakaa ‎ ‎Asiin karaa mana Reettii ‎Baala andoodee ableen ciru ‎Naan galadhu mana keeetti ‎Abbayyoonkee silaan jiru ‎Yoon Nyamariin gad laale ‎Guduruudha fuullen gamaa ‎Maaltu maqaa si wallaalle ‎Magaaltittii kuullee namaa ‎ ‎Loosha mudhiin halangaati ‎Mormi taakkuun safarama ‎Si argachuuf kiyyoo lixee ‎Halkan guutuun dararama ‎ ‎Kaloon bajjii lafan baatu ‎Ajjeerrannaan irra keessa ‎Kan adamsee durba nyaatu ‎Ani har'ayyuu dargaggeessa👁️ ‎ jedha warri #hararge @obsiilink

Osoo…. Yeroon sun akka waan barabaraan turuu natti fakkaatee ture. Jechoonni an yeroo san hin dubbanne amma na gubu, na waxalu. Yeroo san callisuu koo akka jabinatti ilaale. Amma garuu hubadhe_callisuun koo of dagannaa ture. Ati na kadhattee turte, “na dhaggeeffadhu, na hubadhu.” An garuu sin dhaggeeffanne, sin hubanne. Yeroo ati na barbaaddu, na eegdu an hiriyoota koof hojii koo caalchisee filadhe. “Siif boru ni jira “jedheen dabarse. Boruun sun garuu har’a na adabaa jira. Ati deemtee jirta hin deebitu. An har’a baay’ee si yaada. Garuu yaadni koo si bira hin gahu. Sagalee ol kaaseen si waama_garuu sagaleen koo si hin dhaqqabu. Har’a deebi’ee qarqara galaanaa kana dhufee irra naanna’a. Ati na waliin hin jirtu. Garuu yaadni kee na waliin jira. Iddoo ati yeroo hundaa dhaabbattu dhaabbadheen galaana dawwaadha. Lafa ati yeroo hunda teessee, qarqara galaanaati sagalee suutaan natti haasoftu_rifeensa kee qilleensi bitaaf mirgatti raasee taphachisu. Animmoo duuba kee dhaabbadhee ilaalu san dhaabbadhee, ija koo cufadhee si ilaalaa jira. Yoon ija koo banu ati hin jirtu. Miila koo suuta suutaan ol kaaseen lafa ati irra deemte hunda irra naanna’aa jira. Mallattoo keen barbaada_ garuu hin jiru. Hundi isaa bishaaniin haqamee jira. “Ati dur iddoolee kana hundaa turteetta. Har’a maaf hin jirtu? Maaf hin dhuftu? “Jedheen ofii koon dubbadha. Cirracha hammaareen harka kootti qicadhee akka waan harka kee qabadhee jirutti itti haasa’a. Garuu xiqqo xiqqoon harka koo jalaan yaa’ee na jalaa dhuma. Bishaan galaanaa miila kootti dhufee duubatti deebi’a. Akkuma ati yeroo baay’ee na biraa dhaabbattee, waa dubbachuu feetee; qalbiin koo akka si dhaggeeffachaa hin jirre beektee, duubatti deebitu sana. Yeroo san ija kee keessa si ilaalee miira kee hubachuu hin dandeenye. Har’a immoo galaana keessaa dubbisuuf yaala….garuu galaanni akka kee, waan hunda na dhaggeeffata malee deebii naaf hin laatu. Suuta jedheen maqaa kee waama. Sagalee koo qilleensi oofee, gurra kootti deebisa. Duuba kootii akka waan ati na waamtutti garagalee ilaala. Garuu homtuu hin jiru. Amma achuma dhaabbadheen galaana ilaalaa, akka waan na dhageessutti sitti haasa’a. Aduun lixaa jirti. Ifni diimaan bareedaan sun suuta suutaan badaa jira. Dukkanni akka gaabbii kootii tokko natti marsee jira. Dur yeroo kana harka kee qabee ni deemna yoon siin jedhu “hin deemnu hamma ifni bareedaan kun badutti naan”jetta. Na qabattee asuma turuu feeta. Ani garuu yeroo hunda baay’ee ariifadha deemuuf. Bakka biraatti, nama biraatti, jireenya biraatti. Har’a immoo bakki sun hin jiru. Namni sun hin jiru. Jireenyi sun hin jiru. Yeroon an qabu hundi keetii fi kooti. Kan yaada kee, kan gaabbii koo. Maal qaba osoo yeroon sun deebi’ee dhufee? Amma sin dhaggeeffadha…amma jabeesseen si qabadha…amma sin hubadha…amma sin filadha. Garuu yeroon sun hin deebi’u. Atis hin deebitu. Yeroon sun kan bade jecha tokkoon miti, gocha hedduun ture_callisuu kootiin, boru jedhee dabarsuu kootiin, yeroo qaba jedhee siif dhabuu kootiin. Ati al tokkotti hin deemne. Suuta suutaan keessatti na biraa deemaa dhufte. Ani immoo yeroo hunda akka waan achuma turtutti of gowwoomsaa ture. Nama tokko dhabuu miti kan si cabsu. Lafa inni hin jirretti isa hubachuutu si cabsa.💔 @HospitaalaJaalalaa❤️ @obsiilink❤️

🍊 BURTUKAAN 🧡 💗Fuuldura mana isaanii osoon darbaa jiruu balbala banattee gadi baatee, foolii qabbanaa'an, urgaa'u tokko ishee dursee gadi ba'ee nannookoo guuteeraa. Daawwannaaf akka ta'utti dura darbuu dhiiseen duuba ishee bu'ee. Isheemaa xiqqoo mana irraa siqu, mucaa xiqqoon umuriin waggaa 8 taatu, diiminaa fi dheerina rifeensaan isheema  fakkaattu "Burtukaan Burtukaan..." jechaa mana isaanii keessaa  bilbila harkatti qabattee fiigaa gadi baatee. Burtukaan mucaattii dhudhungatteefaa bilbila harkaa fudhattee, nagaa itti dhaamtee deemtifaa jedheen eegee, isheen garuu qonxoxxaa itti laattee mucaan boo'aa oldeebitee. Maqaa ishee harran dhaga'ee, Burtukaan akkuma maqaa ishee Burtukaana fakkaattii, burtukaana burtukaanas urgooftii, amala dhokataa sodaachisaa wayii garuu waan qabdu fakkaattii. Itti dhiyaadheen "Burtukaan" jedhee suuta waame "Ooyyee" jette "Nagaadha mitiiree atii?" Jedhee "Atis Burtukaan nagaa miti naan jechaa jirtaa?  atis harruma akka tasaa bilbila dagadhee ba'ukoo agartee Burtukaan in maraatte naan jechaa jirtaa? wayyoo.... kara deemaanis in maraatte naan jechuu jalqabee, dhuguman maraadhee laata anii? Moo namoota kana hundatu maraatee? wayii bada anaa!!! Burtukaan Abdiisaa" jettee boo'aa anarra garagaltee deemsa itti fuftee. "An nagaan si gaafadhe malee, ati nagaa miti siin hin jennee, ati nagaadhaa... Burtukaan ati nagaadhaa... ati nagaadhaa, maal taate Burtukaan " jechaan duuba isheen ka'ee. "Akkan nagaa ta'es, akkan nagaa hin taanes namni maaliif anatti himuuf rakkataa? nagaa ta'ukoos, nagaa dhabuukoos anatti hin himinaa..don't tell me about me.. na dhiisaa sabananaa... adaraa isa isin uumee na dhiisaa" jettee ituu isheen imimmaan facaasaa, harka facaasaa durakoo ariitiin deemtuu, animmoo ishee qaqqabee akka isheen na hubattu osoon gochuuf faana kaadhuu, Ride'n tokko dhufee dhaabbatee fuudhee sokkee. Amma yeroo Burtukaan akkuma yeroo kaanii gadi baatee mana isaanii fuuldura qofaa teessu eegee; Sila akkan nagaa qofa gaafadhe, akkan waa'ee ishee hoomaayyuu hin beekne, akka isheen maraatuu hin taane, akka isheen nagaa taate itti himuun qabaa. Kun isheetti siqachuufis sababa gaarii naaf ta'a jedhee karoorfadheen, Hospitaala Koriyaa fuuldura mana bunaa tokko jala taa'ee kitaaba 'Scenes From My Life' jedhu Michael fi Jon barreessan tokko dubbisaa, dhufa Burtukaan eegaa jiraa.. Erga isheen dhuftee booda waan ta'u borin isinitti himaa. .... Itti Fufaa..... waan gaariin akka ta'ummoo nuuf kadhadhaa! Gaaddisaa Taasisaatiin Finfinnee Oromiyaa 8/2/2024 @HospitaalaJaalalaa 🧡 @obsiilink 🧡

Ana moo isheetu balleesseree? "Nagaatti lubbuukoo hirribatu na qabe nan rafa" naan jette. tole jedheen gaggeesse. Account fake kan anumti akka nama biraatti ittiin itti haasahu kan isheen ana ta'uu hin bekneemmoo qaba. Yaaduma ishee ilaaluufan ittiin itti haasaha. "Akkam oolte qaaliikoo hirribni ijatti na dhufuu dide natti haasahimee" naan jette. Laaliga anaan nan rafa jettee na gaggeessite, asii nama biraatti haasahaa jirti. Namni sun garuu anuma. Tole jedheen haasaa kutee gad itti buuse. "Ati utuu jaalallee qabaatte yoona kana dugdaan ciiftee itti haasofta hirribnis achumaan dhufee si fudhatan ittiin jedhe. "Dhiira bara kanaa jaallachuurra namatti hafuu wayya" naan jette. Ammati nama jaallattu hin qabduureen ittiin jedhe. "Homaa hin qabu" naan jette. Akka haasahaa keetti nama jaalalaan miidhame fakkaattan ittiin jedhe. "Isa nan yaadachiisiin" naan jette. "Atoo akkumakoo lafa dheedaadhamoo?" naan jette. Lafa dheedaa jechuunshee #single jechuudha. Eeyyeen an ammatti hojii biizinesii malee gara jaalalaa sanarra hin baanen jedheen. "Maal hojjetta eessammoo jiraatta? " naan jette. Naqamten jiraadha. Hojii dhuunfaakoon hojjedha. Super marketii guddaa wayiin qaba isan hojjetaa jira waaqaaf haa galatu galiinkoo guyyaa qofti gara 40k-50k tin ittiin jedhe. "Wow ati nama jabaadha. Umurii kanatti hojii kanaa fi galii hanga kanaa hojjechuunkee" naan jette. "adaadaankoo achi jiraatti naqamte baayeen jaalladhas" naan jette. Eeyyeen Naqamte baayee namatti tolti. Nagaan koottu animmoo hancootee fi cororsaan si affeeran ittiin jedhe. "Geetaan nan dhufa" naan jette. Yoom dhufta anis si arguuf jarjareeran ittiin jedhe. "Ati koottu naan jennaan boriyyuu nan dhufa torban kana an firiidha boqonnaarran jira utuun jimaata sanbata fi dilbata kana dhufee naqamte na daawwachiiftefaayyuu natti tola" naan jette. Tole natti tolan ittiin jedhe. Kana kan haasofne dheengaddadha. Kalessa Finfinneedhaa Oda bus tikettii murattee har'a naqamte geesse. "Gaheera lubbuu" jettee misejii naaf barreessite. Kana hunda fake account dhaan anumatu jaalalleekootti haasaha. Suura naaf ergi yeroosheen jettu, Suura kan hiriyyaakoo social midea hin fayyadamneen itti erga. Adaadaan achii qaba kan jettu sobadha. Akkasheen hin qabne nan beeka. Namoonni naqamtee naannoo buufata konkolaataa jirtan dhaqaati tikeetii konkolaataa kutaafiiti ol naaf ergaa! Harka duwwaammoo akka hin ergine, buna 5kg, dhadhaa 10kg, damma 5kg fi hancootee masqalaaf 10kg bitaati itti naaf kennaa! 🤭😊 Sana booda waan ta'u walumaan ilaalla. Via Aga Gammachuu ➡️ @Dirreeboohartii ➡️ @obsman ==== @obsiilink

Nama jiru mararraa Hundarra si caalchisee...! Onneen tokkittii qabu Suma qofa dhaalchisee...! Miira jaalala dhugaa An siif qabu tuffattee...! Huccuu cite na gootee Haaraa narrati uffattee...! Karaatti kan na gatte Akka meeshaa cabaattii...! Irbuu koo nyaatte jedhees Sin himadhu gabaatti...! Funyoo jaalala keenyaa Murtee akka maqasii...! Erga diddee adeemte Sin eebbisaa caqasii...! Abaqiin kee baayyatee Sin baqatin jireenyii...! Gammadii naaf jiraadhu Siif haa tolu hireenii...! Gaddi mana keen seenin Guyyaa mara ililchii...! Isa jaallatte waaliin Ga'ii harrii biqilchii...! Andoodee korma ta'ii Bonaaf gannallee margii...! Da'ii ilmoo dhungadhuu Ija garaa kee ijaan argii...! Gammachuu kan kee malee Gadda kee arguun fedhuu...! Hireen qooda rabbiiti Na miite siin hin jedhuu...! Osoon nu tokko jedhuu Kan nu baafte lamatti...! Eebbaanan si gaggeessa Sin himadhu namattii...! Erga garaan kee didee Jabaatee akka dhagaatti...! Gufuuf qoreen sin argin Sitti haa tolu nagaatti...🥺 @Dirreeboohartii ... Join godha .. @obsiilink

Jireenyii, imala Jiraachuun, amala Jiruun immoo, mala! Amala ilma namaa Imala uumamaa Mala sammuu namaa! Jiruun, Olii fi gadi, labdi Bu'aa-ba'ii, qabdi. Hiree hunda keenyaa Kanatu qabeenya Kanatu jireenya. Hireen filattuudha Qalbiin hifattuudha Jiruun imaltuudha! Kanaafuu! Amala eeganii Imala seenanii Mala qajeelani! Akkasiin! Amallii qabama Imallii dhaqama Mallii malatama Galmis dhaqqabama! Akkasiin! Rakkinnii furama Hanqinnii guutama Mijuun dhibaafama Jiruun jiraatama! Kanaafuu! Jiruun, amalaani Jireenyii, imalaani Jiraachuun, malaani. ✍️ Ebise Teshome @obsiilink

Mee Walaloo kanaan buhaara Mee ka'ee barreessaa, Waa'ee jaalala keen Asiin gad tarreessaa, Ati anaaf doktoora Wallaantuu qaamaa, Fooliin jaalala kee Halaalaa na yaamaa, Gaafaan Angatame Jaalallee Koo duriin, Sinaaf kenne qashtii Rabbiin osoon turin, Rabbii sinaaf kenneef Galanni hin dhumuu, Wanti ati naaf taate Jechaan hin himamuu, Anaa gatamee taa'u Abdii jiruu muree, Rabbiin sinaaf kenne Siin na tolche hiree, Mee warqii siin jedhuu Kan namuu barbaadu, Innis sin madaalu Olmaa keetu hedduu Sin duraas jaaladheera Jaalala keetu caalee, Ergaan si jaaladhee An firaan wallaalee, Jaalalli kee namoo'ee Qaama Koo na dhoree, Ba'aa ulfaataatu Onneerra na koree Gammadaatiin bula Guyyaan ijaan siargee, Dhugumaan jaalalli kee Onnee kiyyarra margee! Erga na filattee Aniis sifiladhee Siin kunuunfadha Waan danda'u godhee ✍️ Obsamen @obsiilink

-Yaa rabbii tokkicha akka namaa hin jirre mootii yeroo maraa yeroon hin jijjiirre -yaa rabbii jabaa jabaarra jabaa yaa abbaa namayyuu qabaataa fi dhabaa -yaa rabbii naa fi dureessi biratti wal qixaa abbaa xiqqaa guddaa abbaa mukaa citaa!☝️ -waan wal dubbannu san halkan yeroon ciisu atuu narra beeytaa silaa sin yaadachiisu -akkam goote laata maalirra naaf geesse? anaatu jarjare moo siitu guyyaa fageesse? GARUU..... -Hanga naaf xumurtee murteerra naaf geessuu obsa kee naaf laadhu akkan ofiin jabeessuu.🥺 @obsiilink

An siifin kakadha Laman siif dhaladha Sii dagadheen Beeku si yaamatin nyaadha. Galaana yaadatin bakketti gatameen Si dhungachaa ka.a hidhitti ganamee. Si yaadeen hidhamee Mankaraara bakkaa Mana hidhaa yaada Eenyu beekee bakka Mee dhufee na baasa Bilisoomsee yakka?. Yakki koo Hanna miti Mataa keeti, ati meetii Urjiin samiis faana keeti Aduun iftus siin masheenti Si malee dhangaga Akkamiin mi.ooyti Jireenyi kararraa Lubbuun roobanjireeytti... Je'een dhuma isaa wallaalee Danqame karatti ✍️ Filebaer Qashtiyyee .... @obsiilink

#KUULAANII_PARTII_2meessoo ‎ ‎#Laphee tiyyaarraa ciisii ‎Haara na galfachiisii ‎dirra kee na hammachiisii ‎koommee na boqochiisii ‎ ‎ ‎#Okisijiinii jiruu koo ‎Sirna hargansuu kiyyaa ‎Sittu na maaraachaa ‎Siif duuti lubbuun tiyyaa ‎ ‎ ‎#Yenna cufa si yaadaa ‎ciisus taatu rafee ‎mi'aa jaala keetii ‎santi onnetti na hafee ‎ ‎ ‎#kophaa koo yeenna duumuus ‎Waa'ee ke offitti hasaasaa ‎ta dhibii Akka hin jaallannee ‎yaanni kee na basaasaa ‎ ‎ ‎#Abjuudhaan narra deemtaa ‎halkan ciisus hin rafuu ‎argee sidhabuu caalaa ‎argaan kee osoo hin hafuu ‎ ‎ ‎#Madaala jaalalaa ‎hunda naaf guuttee turtee ‎osoo nu wal jaallannuu ‎hireen adda nu kuttee ‎ ‎ ‎#Ija koo keessa laaltee ‎hantuu natti hin deebisnee ‎waan woliin mari'annes ‎cufaa narratti hin dinnee ‎ ‎#Onnee teeti qulqulluu ‎kalee ittiin na jaallattee ‎yeroo narraa fagaattuu ‎akkami obsa godhattee? ‎ ‎ ‎#Tarii achuma teessee ‎atis na yaaduu dandeessaa ‎yaadannoo waliin qabnu ‎tokko yaaddee hunda keessaa ‎ ‎#Natti hima miirri koo ‎Akka yaada koon miidhamtee ‎Itti fuftee jiraachuufis ‎qalbiin kee si hiramtee ‎ ‎#Jireenyi sitti ulfaatee ‎rakkattu koottu dhiisii ‎Onneen koo siif banaadhaa ‎boqadhu keessa ciisii ‎ ‎ ‎#Nagaan koo sii yaagahu ‎garaas bu'ee bayee tarbee ‎baddaa bosona Oromiyaa ‎hunda keessa loyee darbee ‎ ‎#Jaalalleen te jalqabaa ‎sifaana tokko taatii ‎Isheen marroo lammeessoo ‎sitti Ida'amuuf dhamaatii ‎ ‎#jaallalli tokko ta'uudhaa ‎hin ta'u ida'amuu ‎kan torbee qofa jiraatee ‎ji'a tokkotti dedhamuu ‎ ‎#Jaallalli ni ulfaataa ‎hunduu isaaf gaggabaa ‎rabbi isin irraa oolchuu ‎dhaba jaalallee jalqabaa‼️ ‎ ‎ JOIN GODHA .. @obsiilink

-Ilkaan ishii dirribii adii akka cabbii ajab ajaa'iba irgoon tumaa rabbii -mallaanshii dimpilii burtukaana dhooqa hidhiin karameellaa onnee nama hooqa -moormi masalaaluma jannataan koranii nyaarri sobaa miti uumamaan qoranii -funyaan ishii ol diriiraa tisiisa gufachiisu ilkaan ishii hiriiraan cabbii of tuffachiisu -rifeensa dheerattii akka eegee fardaa duraan qofaa miti duubni ishiitis addaa😜 -mudhii ni qal'attii hirphi ishii birciqqoo faanti ishii qabbanaa lafan quuyxu xiqqoo . . . @obsiilink

MAG/BADDEESSA 💝💘👌 Arra haa dubbadhu Waa'ee biyya tiyya An warra harargeeti Baha oromiya Handhura Carcari Maqaan isi baddessa Qabeenya uumama Ta qabdu if keessaa Arra me yaadaanin Si gessa baddessa Qilleensi isii owwaa miti Ammas qabanawaa Abbaa fedheef ta'a Hundaafu mijaawaa Iddoo sirna gadaa Seenaa oromoota Odaa bultum qabna Caaya maanguddota Rahaadha guutudha Hiraar tokkon qabnu Biyya jaalalaatii Jibbas naman qabnu Dubra warra ituu Tan bifaan magaalaa Waye isaani dubbachiif Ofii koon zigaala Dardarri isaanitis Jaalala qabani Isaanin yoo wal barte Lubbuu siif dhabani Ayyoon si eebifti Aabbonis daranii Aboo bar baddessan Tanuma itti galanii @obsiilink

Wow ammaa nagayan dachanee

Maalin sitti balleesse Hijaa narraa qabdaa Ka biraa janaajjana Maa salfii dhaabda Onnee lama qabdaf Atis dhala namaa Akkami dandesse Jinjana bakka lama Ati kiyya naan jettee Abdii ma natti horta Gaafan tiyya sin ja'u Kararraa maaf gorta ✍️ Masho Kondo #Walaloodha....🤝 ... @obsiilink

haala barat si fageessee erga deemtee yoom gad teessee naaf ergii mee bakka geesse yaaduma kee na hiraarsee silaa akka wal jaalannuu gargar fagaannee hin jiraannu halaala irraa wal hin yaannu sooriis waa nan gammachiisuu irkadhuus yaanni nan ciibsuu quuqamni kees waa nan dhiisuu gola onnee koo waraantee jaalala keen na sakaaltee maaliif na dhiistee godaante JOIN ...GODHA ... @obsiilink

Onnadhu Ee Onnadhu ati Onnadhu akka dhiiraa Wa baay'ee si eegaa Seenanii hiriira Jiruun tabba baay'atti Hin sehin diriiraa Tanaafin siin ja'aami Onnadhu akka dhiiraa Arra wanti hundi Yoo bitaa sitti galee Rakkonif gidiraan Kumaatama caalee Tarkaanfi si dhoorgus Hidhee si sakhalee Onnachuu qabda ati Onnadhu ammallee Jiruun tun qormaata Gufuu hedduu jiraa Tarkaanfi si dhoorkite Sitti-kuttulle hafuura Gufattee okkoltus Jabaatani dabran bira Gufuu tana dabruuf Onnadhu akka dhiiraa ✍️ Masho Kondo #Walaloodha.....💪Onnadhu Ee Onnadhu ati Onnadhu akka dhiiraa Wa baay'ee si eegaa Seenanii hiriira Jiruun tabba baay'atti Hin sehin diriiraa Tanaafin siin ja'aami Onnadhu akka dhiiraa Arra wanti hundi Yoo bitaa sitti galee Rakkonif gidiraan Kumaatama caalee Tarkaanfi si dhoorgus Hidhee si sakhalee Onnachuu qabda ati Onnadhu ammallee Jiruun tun qormaata Gufuu hedduu jiraa Tarkaanfi si dhoorkite Sitti-kuttulle hafuura Gufattee okkoltus Jabaatani dabran bira Gufuu tana dabruuf Onnadhu akka dhiiraa ✍️ Masho Kondo #Walaloodha.....💪 .. @obsiilink

waa'een kankee anan kunoo nan raffisuu nan ta'a yoon jedhes taa'uu nan feesisuu halkanii fi guyyaa jiruu nat hadheessee oliif gad na oofaa akkat na rateessee maaluman si godhee maalan sit balleessee maaliif jiruun hiitee golatti ol na keessee an siifin dhara'aa bar siifin dheeboodha sagalee kee dhaga'uuf hedduun ariifadha kanafin deddeebi'ee hedduu si kadhadhaa tole nan jedhi mee ano sin abdadhaa waraana jaalala keen jireenya koo moo'atte haala fi Amala gaariin qalbii kankoo to'attee siif moggasuuf nan dhabe maqaa gaarii si ibsuu gaafan ittiin si waamadhu kan garaa koo na ciibsuu Damma koo yoo sin jedhee dammas ni nuffaa namnii Anaanni jedhee moggaasuus itti makama dhamnii urjii koo sin jechuuf ifnishee dimimmiisaa jaalalli kee baqee onneetti na dhimmisaa ....JOIN ... ...GODHA .... @obsiilink

DIRREE DHAWAA! Araddaan Afran-qalloo Onni Baabbilee’f Alaa, Qe’een Oborraa’f Dagaa Isheen Oromoof dhalaa, Seenaafi seera kamiin Somaalee jala galaa..? Ulfoo jaalala malee Jibbi si keessa'n jirre Biiftuu barii Oromoo Dirree Dhawaa, yaa dirree.. Dhawaa Elemoo Muudee Ka’umsa maqaa keetii Ormi akkamiin dagattee Si’iin nu saamuu feetii? Seena qabeettii lafaa Manguddoo umriin qaataa Handhuuraa Oromootaa Kan ormaa akkamiin taata? ••• Guddina kee inaafee Oromummaa siin jibbee, Warri har’a si saamuuf Rukuchiifatu dibbee, Dhangaggoo fi Calanqoo Qullubbiif Haramaayaa Qarsaa, Kombolchaaf, Huursoo Ollaakee eessa kaayaa? Uumaatoo keenya godhee Nuun marsee si diriirsee, Alagaan maaf dhama’a? Daba kuma hiriirsee... ••• Dahoon guyyaa rakkinaa Goototaaf wabii taate, Gucni aartii Oromoo Dungoon dukkana-baate, Gaazni qabsoo sabichaa Qaanqeen jalqaba kaate, Dirreen; dirri Oromoo Dirmammaa’ee dhaanamaa Qe’een uumamaan keetii Alagaatti waamamaa? Osoo argaa dhageessuu Cuqqaalamtee teessaaree? Ormaaf golaa gad-baatee Diinqa kankee keessaaree? Gaaffiin koo dhalootaafi Deebii isiniifan dhiisaa, An waa-koo ormaa'n kennu Irra turuu dadhabu - du’eefiin jala ciisa! ...JOIN .....GODHA ..... @obsiilink

Arra haa dubbadhu Waa'ee biyya tiyya An warra harargeeti Baha oromiya Handhura Carcari Maqaan isi baddessa Qabeenya uumama Ta qabdu if keessaa Arra me yaadaanin Si gessa baddessa Qilleensi isii owwaa miti Ammas qabanawaa Abbaa fedheef ta'a Hudaafu mijaawaa Iddoo sirna gadaa Seenaa oromoota Odaa bultum qabna Caaya maanguddota Rahaadha guutudha Hiraar tokkon qabnu Biyya jaalalaatii Jibbas naman qabnu Dubra warra ituu Tan bifaan magaalaa Waye isaani dubbachiif Ofii koon zigaala Dardarri isaanitis Jaalala qabani Isaanin yoo wal barte Lubbuu siif dhabani Ayyoon si eebifti Aabbonis daranii Aboo bar baddessan Tanuma itti galanii Walaloodha....🤝 ....JOIN .....GODHA .... .... @obsiilink

Walloo koo seenaan waldayaatis kan warra Heemanuu godaanisaa jira if hima inninuu waa'ee dirree Boruu odeeffadhaa Dasee kan warra Qaalluutis gaafadhaa Kamisee maqdalaa taraaraa ceehot barakkataa ye seetun annawqim ka wand andi saw moota nuun jetti dabtaraan seenaa faalleessitee Suuraa reeffa Teediroos shuguxii qabsiiftee akkasii miti moo seenaan daba haftee jajjabee Warqituuti jedhan tan Teediroos ajjeefte isaan nu dhooysanis faranjiin barreessitee jirtii duuba Teediroos moo Warqituudha dhiirti ✍️ walaaloo Jafar Ali .... JOIN ....... GODHA ... @obsiilink