640
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-37 kun
-730 kun
Postlar arxiv
Ya Waddeessa daarii gubbaa
Manaa gadii raareedhakaa
Ani hin dhaqu yaa'ii durbaa
Durba tuqnaan waa'eedhakaa
Asiin karaa mana Reettii
Baala andoodee ableen ciru
Naan galadhu mana keeetti
Abbayyoonkee silaan jiru
Yoon Nyamariin gad laale
Guduruudha fuullen gamaa
Maaltu maqaa si wallaalle
Magaaltittii kuullee namaa
Loosha mudhiin halangaati
Mormi taakkuun safarama
Si argachuuf kiyyoo lixee
Halkan guutuun dararama
Kaloon bajjii lafan baatu
Ajjeerrannaan irra keessa
Kan adamsee durba nyaatu
Ani har'ayyuu dargaggeessa👁️
jedha warri #hararge
@obsiilink
Osoo….
Yeroon sun akka waan barabaraan turuu natti fakkaatee ture. Jechoonni an yeroo san hin dubbanne amma na gubu, na waxalu. Yeroo san callisuu koo akka jabinatti ilaale. Amma garuu hubadhe_callisuun koo of dagannaa ture.
Ati na kadhattee turte, “na dhaggeeffadhu, na hubadhu.” An garuu sin dhaggeeffanne, sin hubanne. Yeroo ati na barbaaddu, na eegdu an hiriyoota koof hojii koo caalchisee filadhe. “Siif boru ni jira “jedheen dabarse. Boruun sun garuu har’a na adabaa jira.
Ati deemtee jirta hin deebitu.
An har’a baay’ee si yaada. Garuu yaadni koo si bira hin gahu. Sagalee ol kaaseen si waama_garuu sagaleen koo si hin dhaqqabu.
Har’a deebi’ee qarqara galaanaa kana dhufee irra naanna’a. Ati na waliin hin jirtu. Garuu yaadni kee na waliin jira.
Iddoo ati yeroo hundaa dhaabbattu dhaabbadheen galaana dawwaadha. Lafa ati yeroo hunda teessee, qarqara galaanaati sagalee suutaan natti haasoftu_rifeensa kee qilleensi bitaaf mirgatti raasee taphachisu. Animmoo duuba kee dhaabbadhee ilaalu san dhaabbadhee, ija koo cufadhee si ilaalaa jira. Yoon ija koo banu ati hin jirtu.
Miila koo suuta suutaan ol kaaseen lafa ati irra deemte hunda irra naanna’aa jira. Mallattoo keen barbaada_ garuu hin jiru. Hundi isaa bishaaniin haqamee jira.
“Ati dur iddoolee kana hundaa turteetta. Har’a maaf hin jirtu? Maaf hin dhuftu? “Jedheen ofii koon dubbadha.
Cirracha hammaareen harka kootti qicadhee akka waan harka kee qabadhee jirutti itti haasa’a. Garuu xiqqo xiqqoon harka koo jalaan yaa’ee na jalaa dhuma.
Bishaan galaanaa miila kootti dhufee duubatti deebi’a. Akkuma ati yeroo baay’ee na biraa dhaabbattee, waa dubbachuu feetee; qalbiin koo akka si dhaggeeffachaa hin jirre beektee, duubatti deebitu sana. Yeroo san ija kee keessa si ilaalee miira kee hubachuu hin dandeenye. Har’a immoo galaana keessaa dubbisuuf yaala….garuu galaanni akka kee, waan hunda na dhaggeeffata malee deebii naaf hin laatu.
Suuta jedheen maqaa kee waama. Sagalee koo qilleensi oofee, gurra kootti deebisa. Duuba kootii akka waan ati na waamtutti garagalee ilaala. Garuu homtuu hin jiru.
Amma achuma dhaabbadheen galaana ilaalaa, akka waan na dhageessutti sitti haasa’a. Aduun lixaa jirti. Ifni diimaan bareedaan sun suuta suutaan badaa jira. Dukkanni akka gaabbii kootii tokko natti marsee jira.
Dur yeroo kana harka kee qabee ni deemna yoon siin jedhu “hin deemnu hamma ifni bareedaan kun badutti naan”jetta. Na qabattee asuma turuu feeta.
Ani garuu yeroo hunda baay’ee ariifadha deemuuf. Bakka biraatti, nama biraatti, jireenya biraatti. Har’a immoo bakki sun hin jiru. Namni sun hin jiru. Jireenyi sun hin jiru.
Yeroon an qabu hundi keetii fi kooti. Kan yaada kee, kan gaabbii koo.
Maal qaba osoo yeroon sun deebi’ee dhufee? Amma sin dhaggeeffadha…amma jabeesseen si qabadha…amma sin hubadha…amma sin filadha.
Garuu yeroon sun hin deebi’u. Atis hin deebitu.
Yeroon sun kan bade jecha tokkoon miti, gocha hedduun ture_callisuu kootiin, boru jedhee dabarsuu kootiin, yeroo qaba jedhee siif dhabuu kootiin. Ati al tokkotti hin deemne. Suuta suutaan keessatti na biraa deemaa dhufte. Ani immoo yeroo hunda akka waan achuma turtutti of gowwoomsaa ture.
Nama tokko dhabuu miti kan si cabsu. Lafa inni hin jirretti isa hubachuutu si cabsa.💔
@HospitaalaJaalalaa❤️
@obsiilink❤️
🍊 BURTUKAAN 🧡
💗Fuuldura mana isaanii osoon darbaa jiruu balbala banattee gadi baatee, foolii qabbanaa'an, urgaa'u tokko ishee dursee gadi ba'ee nannookoo guuteeraa. Daawwannaaf akka ta'utti dura darbuu dhiiseen duuba ishee bu'ee.
Isheemaa xiqqoo mana irraa siqu, mucaa xiqqoon umuriin waggaa 8 taatu, diiminaa fi dheerina rifeensaan isheema fakkaattu "Burtukaan Burtukaan..." jechaa mana isaanii keessaa bilbila harkatti qabattee fiigaa gadi baatee.
Burtukaan mucaattii dhudhungatteefaa bilbila harkaa fudhattee, nagaa itti dhaamtee deemtifaa jedheen eegee, isheen garuu qonxoxxaa itti laattee mucaan boo'aa oldeebitee.
Maqaa ishee harran dhaga'ee, Burtukaan akkuma maqaa ishee Burtukaana fakkaattii, burtukaana burtukaanas urgooftii, amala dhokataa sodaachisaa wayii garuu waan qabdu fakkaattii.
Itti dhiyaadheen "Burtukaan" jedhee suuta waame
"Ooyyee" jette
"Nagaadha mitiiree atii?" Jedhee
"Atis Burtukaan nagaa miti naan jechaa jirtaa? atis harruma akka tasaa bilbila dagadhee ba'ukoo agartee Burtukaan in maraatte naan jechaa jirtaa? wayyoo.... kara deemaanis in maraatte naan jechuu jalqabee, dhuguman maraadhee laata anii? Moo namoota kana hundatu maraatee? wayii bada anaa!!! Burtukaan Abdiisaa" jettee boo'aa anarra garagaltee deemsa itti fuftee.
"An nagaan si gaafadhe malee, ati nagaa miti siin hin jennee, ati nagaadhaa... Burtukaan ati nagaadhaa... ati nagaadhaa, maal taate Burtukaan " jechaan duuba isheen ka'ee.
"Akkan nagaa ta'es, akkan nagaa hin taanes namni maaliif anatti himuuf rakkataa? nagaa ta'ukoos, nagaa dhabuukoos anatti hin himinaa..don't tell me about me.. na dhiisaa sabananaa... adaraa isa isin uumee na dhiisaa" jettee ituu isheen imimmaan facaasaa, harka facaasaa durakoo ariitiin deemtuu, animmoo ishee qaqqabee akka isheen na hubattu osoon gochuuf faana kaadhuu, Ride'n tokko dhufee dhaabbatee fuudhee sokkee.
Amma yeroo Burtukaan akkuma yeroo kaanii gadi baatee mana isaanii fuuldura qofaa teessu eegee; Sila akkan nagaa qofa gaafadhe, akkan waa'ee ishee hoomaayyuu hin beekne, akka isheen maraatuu hin taane, akka isheen nagaa taate itti himuun qabaa. Kun isheetti siqachuufis sababa gaarii naaf ta'a jedhee karoorfadheen, Hospitaala Koriyaa fuuldura mana bunaa tokko jala taa'ee kitaaba 'Scenes From My Life' jedhu Michael fi Jon barreessan tokko dubbisaa, dhufa Burtukaan eegaa jiraa.. Erga isheen dhuftee booda waan ta'u borin isinitti himaa. .... Itti Fufaa..... waan gaariin akka ta'ummoo nuuf kadhadhaa!
Gaaddisaa Taasisaatiin
Finfinnee Oromiyaa
8/2/2024
@HospitaalaJaalalaa 🧡
@obsiilink 🧡
Ana moo isheetu balleesseree?
"Nagaatti lubbuukoo hirribatu na qabe nan rafa" naan jette. tole jedheen gaggeesse. Account fake kan anumti akka nama biraatti ittiin itti haasahu kan isheen ana ta'uu hin bekneemmoo qaba. Yaaduma ishee ilaaluufan ittiin itti haasaha.
"Akkam oolte qaaliikoo hirribni ijatti na dhufuu dide natti haasahimee" naan jette.
Laaliga anaan nan rafa jettee na gaggeessite, asii nama biraatti haasahaa jirti. Namni sun garuu anuma.
Tole jedheen haasaa kutee gad itti buuse.
"Ati utuu jaalallee qabaatte yoona kana dugdaan ciiftee itti haasofta hirribnis achumaan dhufee si fudhatan ittiin jedhe. "Dhiira bara kanaa jaallachuurra namatti hafuu wayya" naan jette.
Ammati nama jaallattu hin qabduureen ittiin jedhe. "Homaa hin qabu" naan jette. Akka haasahaa keetti nama jaalalaan miidhame fakkaattan ittiin jedhe. "Isa nan yaadachiisiin" naan jette.
"Atoo akkumakoo lafa dheedaadhamoo?" naan jette. Lafa dheedaa jechuunshee #single jechuudha. Eeyyeen an ammatti hojii biizinesii malee gara jaalalaa sanarra hin baanen jedheen.
"Maal hojjetta eessammoo jiraatta? " naan jette. Naqamten jiraadha. Hojii dhuunfaakoon hojjedha. Super marketii guddaa wayiin qaba isan hojjetaa jira waaqaaf haa galatu galiinkoo guyyaa qofti gara 40k-50k tin ittiin jedhe. "Wow ati nama jabaadha. Umurii kanatti hojii kanaa fi galii hanga kanaa hojjechuunkee" naan jette. "adaadaankoo achi jiraatti naqamte baayeen jaalladhas" naan jette.
Eeyyeen Naqamte baayee namatti tolti. Nagaan koottu animmoo hancootee fi cororsaan si affeeran ittiin jedhe. "Geetaan nan dhufa" naan jette.
Yoom dhufta anis si arguuf jarjareeran ittiin jedhe. "Ati koottu naan jennaan boriyyuu nan dhufa torban kana an firiidha boqonnaarran jira utuun jimaata sanbata fi dilbata kana dhufee naqamte na daawwachiiftefaayyuu natti tola" naan jette. Tole natti tolan ittiin jedhe.
Kana kan haasofne dheengaddadha. Kalessa Finfinneedhaa Oda bus tikettii murattee har'a naqamte geesse. "Gaheera lubbuu" jettee misejii
naaf barreessite.
Kana hunda fake account dhaan anumatu jaalalleekootti haasaha. Suura naaf ergi yeroosheen jettu, Suura kan hiriyyaakoo social midea hin fayyadamneen itti erga.
Adaadaan achii qaba kan jettu sobadha. Akkasheen hin qabne nan beeka.
Namoonni naqamtee naannoo buufata konkolaataa jirtan dhaqaati tikeetii konkolaataa kutaafiiti ol naaf ergaa!
Harka duwwaammoo akka hin ergine, buna 5kg, dhadhaa 10kg, damma 5kg fi hancootee masqalaaf 10kg bitaati itti naaf kennaa! 🤭😊
Sana booda waan ta'u walumaan ilaalla. Via Aga Gammachuu
➡️ @Dirreeboohartii
➡️ @obsman
==== @obsiilink
Nama jiru mararraa
Hundarra si caalchisee...!
Onneen tokkittii qabu
Suma qofa dhaalchisee...!
Miira jaalala dhugaa
An siif qabu tuffattee...!
Huccuu cite na gootee
Haaraa narrati uffattee...!
Karaatti kan na gatte
Akka meeshaa cabaattii...!
Irbuu koo nyaatte jedhees
Sin himadhu gabaatti...!
Funyoo jaalala keenyaa
Murtee akka maqasii...!
Erga diddee adeemte
Sin eebbisaa caqasii...!
Abaqiin kee baayyatee
Sin baqatin jireenyii...!
Gammadii naaf jiraadhu
Siif haa tolu hireenii...!
Gaddi mana keen seenin
Guyyaa mara ililchii...!
Isa jaallatte waaliin
Ga'ii harrii biqilchii...!
Andoodee korma ta'ii
Bonaaf gannallee margii...!
Da'ii ilmoo dhungadhuu
Ija garaa kee ijaan argii...!
Gammachuu kan kee malee
Gadda kee arguun fedhuu...!
Hireen qooda rabbiiti
Na miite siin hin jedhuu...!
Osoon nu tokko jedhuu
Kan nu baafte lamatti...!
Eebbaanan si gaggeessa
Sin himadhu namattii...!
Erga garaan kee didee
Jabaatee akka dhagaatti...!
Gufuuf qoreen sin argin
Sitti haa tolu nagaatti...🥺
@Dirreeboohartii
...
Join
godha
.. @obsiilink
Jireenyii, imala
Jiraachuun, amala
Jiruun immoo, mala!
Amala ilma namaa
Imala uumamaa
Mala sammuu namaa!
Jiruun,
Olii fi gadi, labdi
Bu'aa-ba'ii, qabdi.
Hiree hunda keenyaa
Kanatu qabeenya
Kanatu jireenya.
Hireen filattuudha
Qalbiin hifattuudha
Jiruun imaltuudha!
Kanaafuu!
Amala eeganii
Imala seenanii
Mala qajeelani!
Akkasiin!
Amallii qabama
Imallii dhaqama
Mallii malatama
Galmis dhaqqabama!
Akkasiin!
Rakkinnii furama
Hanqinnii guutama
Mijuun dhibaafama
Jiruun jiraatama!
Kanaafuu!
Jiruun, amalaani
Jireenyii, imalaani
Jiraachuun, malaani.
✍️ Ebise Teshome
@obsiilink
Mee Walaloo kanaan buhaara
Mee ka'ee barreessaa,
Waa'ee jaalala keen
Asiin gad tarreessaa,
Ati anaaf doktoora
Wallaantuu qaamaa,
Fooliin jaalala kee
Halaalaa na yaamaa,
Gaafaan Angatame
Jaalallee Koo duriin,
Sinaaf kenne qashtii
Rabbiin osoon turin,
Rabbii sinaaf kenneef
Galanni hin dhumuu,
Wanti ati naaf taate
Jechaan hin himamuu,
Anaa gatamee taa'u
Abdii jiruu muree,
Rabbiin sinaaf kenne
Siin na tolche hiree,
Mee warqii siin jedhuu
Kan namuu barbaadu,
Innis sin madaalu
Olmaa keetu hedduu
Sin duraas jaaladheera
Jaalala keetu caalee,
Ergaan si jaaladhee
An firaan wallaalee,
Jaalalli kee namoo'ee
Qaama Koo na dhoree,
Ba'aa ulfaataatu
Onneerra na koree
Gammadaatiin bula
Guyyaan ijaan siargee,
Dhugumaan jaalalli kee
Onnee kiyyarra margee!
Erga na filattee
Aniis sifiladhee
Siin kunuunfadha
Waan danda'u godhee
✍️ Obsamen
@obsiilink
-Yaa rabbii tokkicha
akka namaa hin jirre
mootii yeroo maraa
yeroon hin jijjiirre
-yaa rabbii jabaa
jabaarra jabaa
yaa abbaa namayyuu
qabaataa fi dhabaa
-yaa rabbii naa fi dureessi
biratti wal qixaa
abbaa xiqqaa guddaa
abbaa mukaa citaa!☝️
-waan wal dubbannu san
halkan yeroon ciisu
atuu narra beeytaa
silaa sin yaadachiisu
-akkam goote laata
maalirra naaf geesse?
anaatu jarjare moo
siitu guyyaa fageesse?
GARUU.....
-Hanga naaf xumurtee
murteerra naaf geessuu
obsa kee naaf laadhu
akkan ofiin jabeessuu.🥺
@obsiilink
An siifin kakadha Laman siif dhaladha
Sii dagadheen Beeku si yaamatin nyaadha.
Galaana yaadatin bakketti gatameen
Si dhungachaa ka.a hidhitti ganamee.
Si yaadeen hidhamee
Mankaraara bakkaa
Mana hidhaa yaada
Eenyu beekee bakka
Mee dhufee na baasa
Bilisoomsee yakka?.
Yakki koo Hanna miti
Mataa keeti, ati meetii
Urjiin samiis faana keeti
Aduun iftus siin masheenti
Si malee dhangaga
Akkamiin mi.ooyti
Jireenyi kararraa
Lubbuun roobanjireeytti...
Je'een dhuma isaa wallaalee
Danqame karatti
✍️ Filebaer Qashtiyyee
.... @obsiilink
#KUULAANII_PARTII_2meessoo
#Laphee tiyyaarraa ciisii
Haara na galfachiisii
dirra kee na hammachiisii
koommee na boqochiisii
#Okisijiinii jiruu koo
Sirna hargansuu kiyyaa
Sittu na maaraachaa
Siif duuti lubbuun tiyyaa
#Yenna cufa si yaadaa
ciisus taatu rafee
mi'aa jaala keetii
santi onnetti na hafee
#kophaa koo yeenna duumuus
Waa'ee ke offitti hasaasaa
ta dhibii Akka hin jaallannee
yaanni kee na basaasaa
#Abjuudhaan narra deemtaa
halkan ciisus hin rafuu
argee sidhabuu caalaa
argaan kee osoo hin hafuu
#Madaala jaalalaa
hunda naaf guuttee turtee
osoo nu wal jaallannuu
hireen adda nu kuttee
#Ija koo keessa laaltee
hantuu natti hin deebisnee
waan woliin mari'annes
cufaa narratti hin dinnee
#Onnee teeti qulqulluu
kalee ittiin na jaallattee
yeroo narraa fagaattuu
akkami obsa godhattee?
#Tarii achuma teessee
atis na yaaduu dandeessaa
yaadannoo waliin qabnu
tokko yaaddee hunda keessaa
#Natti hima miirri koo
Akka yaada koon miidhamtee
Itti fuftee jiraachuufis
qalbiin kee si hiramtee
#Jireenyi sitti ulfaatee
rakkattu koottu dhiisii
Onneen koo siif banaadhaa
boqadhu keessa ciisii
#Nagaan koo sii yaagahu
garaas bu'ee bayee tarbee
baddaa bosona Oromiyaa
hunda keessa loyee darbee
#Jaalalleen te jalqabaa
sifaana tokko taatii
Isheen marroo lammeessoo
sitti Ida'amuuf dhamaatii
#jaallalli tokko ta'uudhaa
hin ta'u ida'amuu
kan torbee qofa jiraatee
ji'a tokkotti dedhamuu
#Jaallalli ni ulfaataa
hunduu isaaf gaggabaa
rabbi isin irraa oolchuu
dhaba jaalallee jalqabaa‼️
JOIN
GODHA
..
@obsiilink
-Ilkaan ishii dirribii
adii akka cabbii
ajab ajaa'iba
irgoon tumaa rabbii
-mallaanshii dimpilii
burtukaana dhooqa
hidhiin karameellaa
onnee nama hooqa
-moormi masalaaluma
jannataan koranii
nyaarri sobaa miti
uumamaan qoranii
-funyaan ishii ol diriiraa
tisiisa gufachiisu
ilkaan ishii hiriiraan
cabbii of tuffachiisu
-rifeensa dheerattii
akka eegee fardaa
duraan qofaa miti
duubni ishiitis addaa😜
-mudhii ni qal'attii
hirphi ishii birciqqoo
faanti ishii qabbanaa
lafan quuyxu xiqqoo
.
.
.
@obsiilink
MAG/BADDEESSA 💝💘👌
Arra haa dubbadhu
Waa'ee biyya tiyya
An warra harargeeti
Baha oromiya
Handhura Carcari
Maqaan isi baddessa
Qabeenya uumama
Ta qabdu if keessaa
Arra me yaadaanin
Si gessa baddessa
Qilleensi isii owwaa miti
Ammas qabanawaa
Abbaa fedheef ta'a
Hundaafu mijaawaa
Iddoo sirna gadaa
Seenaa oromoota
Odaa bultum qabna
Caaya maanguddota
Rahaadha guutudha
Hiraar tokkon qabnu
Biyya jaalalaatii
Jibbas naman qabnu
Dubra warra ituu
Tan bifaan magaalaa
Waye isaani dubbachiif
Ofii koon zigaala
Dardarri isaanitis
Jaalala qabani
Isaanin yoo wal barte
Lubbuu siif dhabani
Ayyoon si eebifti
Aabbonis daranii
Aboo bar baddessan
Tanuma itti galanii
@obsiilink
Maalin sitti balleesse
Hijaa narraa qabdaa
Ka biraa janaajjana
Maa salfii dhaabda
Onnee lama qabdaf
Atis dhala namaa
Akkami dandesse
Jinjana bakka lama
Ati kiyya naan jettee
Abdii ma natti horta
Gaafan tiyya sin ja'u
Kararraa maaf gorta
✍️ Masho Kondo
#Walaloodha....🤝
... @obsiilink
haala barat si fageessee
erga deemtee yoom gad teessee
naaf ergii mee bakka geesse
yaaduma kee na hiraarsee
silaa akka wal jaalannuu
gargar fagaannee hin jiraannu
halaala irraa wal hin yaannu
sooriis waa nan gammachiisuu
irkadhuus yaanni nan ciibsuu
quuqamni kees waa nan dhiisuu
gola onnee koo waraantee
jaalala keen na sakaaltee
maaliif na dhiistee godaante
JOIN
...GODHA
... @obsiilink
Onnadhu
Ee Onnadhu ati
Onnadhu akka dhiiraa
Wa baay'ee si eegaa
Seenanii hiriira
Jiruun tabba baay'atti
Hin sehin diriiraa
Tanaafin siin ja'aami
Onnadhu akka dhiiraa
Arra wanti hundi
Yoo bitaa sitti galee
Rakkonif gidiraan
Kumaatama caalee
Tarkaanfi si dhoorgus
Hidhee si sakhalee
Onnachuu qabda ati
Onnadhu ammallee
Jiruun tun qormaata
Gufuu hedduu jiraa
Tarkaanfi si dhoorkite
Sitti-kuttulle hafuura
Gufattee okkoltus
Jabaatani dabran bira
Gufuu tana dabruuf
Onnadhu akka dhiiraa
✍️ Masho Kondo
#Walaloodha.....💪Onnadhu
Ee Onnadhu ati
Onnadhu akka dhiiraa
Wa baay'ee si eegaa
Seenanii hiriira
Jiruun tabba baay'atti
Hin sehin diriiraa
Tanaafin siin ja'aami
Onnadhu akka dhiiraa
Arra wanti hundi
Yoo bitaa sitti galee
Rakkonif gidiraan
Kumaatama caalee
Tarkaanfi si dhoorgus
Hidhee si sakhalee
Onnachuu qabda ati
Onnadhu ammallee
Jiruun tun qormaata
Gufuu hedduu jiraa
Tarkaanfi si dhoorkite
Sitti-kuttulle hafuura
Gufattee okkoltus
Jabaatani dabran bira
Gufuu tana dabruuf
Onnadhu akka dhiiraa
✍️ Masho Kondo
#Walaloodha.....💪
.. @obsiilink
waa'een kankee anan
kunoo nan raffisuu
nan ta'a yoon jedhes
taa'uu nan feesisuu
halkanii fi guyyaa
jiruu nat hadheessee
oliif gad na oofaa
akkat na rateessee
maaluman si godhee
maalan sit balleessee
maaliif jiruun hiitee
golatti ol na keessee
an siifin dhara'aa
bar siifin dheeboodha
sagalee kee dhaga'uuf
hedduun ariifadha
kanafin deddeebi'ee
hedduu si kadhadhaa
tole nan jedhi mee
ano sin abdadhaa
waraana jaalala keen
jireenya koo moo'atte
haala fi Amala gaariin
qalbii kankoo to'attee
siif moggasuuf nan dhabe
maqaa gaarii si ibsuu
gaafan ittiin si waamadhu
kan garaa koo na ciibsuu
Damma koo yoo sin jedhee
dammas ni nuffaa namnii
Anaanni jedhee moggaasuus
itti makama dhamnii
urjii koo sin jechuuf
ifnishee dimimmiisaa
jaalalli kee baqee
onneetti na dhimmisaa
....JOIN
...
...GODHA
.... @obsiilink
DIRREE DHAWAA!
Araddaan Afran-qalloo
Onni Baabbilee’f Alaa,
Qe’een Oborraa’f Dagaa
Isheen Oromoof dhalaa,
Seenaafi seera kamiin
Somaalee jala galaa..?
Ulfoo jaalala malee
Jibbi si keessa'n jirre
Biiftuu barii Oromoo
Dirree Dhawaa, yaa dirree..
Dhawaa Elemoo Muudee
Ka’umsa maqaa keetii
Ormi akkamiin dagattee
Si’iin nu saamuu feetii?
Seena qabeettii lafaa
Manguddoo umriin qaataa
Handhuuraa Oromootaa
Kan ormaa akkamiin taata?
•••
Guddina kee inaafee
Oromummaa siin jibbee,
Warri har’a si saamuuf
Rukuchiifatu dibbee,
Dhangaggoo fi Calanqoo
Qullubbiif Haramaayaa
Qarsaa, Kombolchaaf, Huursoo
Ollaakee eessa kaayaa?
Uumaatoo keenya godhee
Nuun marsee si diriirsee,
Alagaan maaf dhama’a?
Daba kuma hiriirsee...
•••
Dahoon guyyaa rakkinaa
Goototaaf wabii taate,
Gucni aartii Oromoo
Dungoon dukkana-baate,
Gaazni qabsoo sabichaa
Qaanqeen jalqaba kaate,
Dirreen; dirri Oromoo
Dirmammaa’ee dhaanamaa
Qe’een uumamaan keetii
Alagaatti waamamaa?
Osoo argaa dhageessuu
Cuqqaalamtee teessaaree?
Ormaaf golaa gad-baatee
Diinqa kankee keessaaree?
Gaaffiin koo dhalootaafi
Deebii isiniifan dhiisaa,
An waa-koo ormaa'n kennu
Irra turuu dadhabu - du’eefiin jala ciisa!
...JOIN
.....GODHA
..... @obsiilink
Arra haa dubbadhu
Waa'ee biyya tiyya
An warra harargeeti
Baha oromiya
Handhura Carcari
Maqaan isi baddessa
Qabeenya uumama
Ta qabdu if keessaa
Arra me yaadaanin
Si gessa baddessa
Qilleensi isii owwaa miti
Ammas qabanawaa
Abbaa fedheef ta'a
Hudaafu mijaawaa
Iddoo sirna gadaa
Seenaa oromoota
Odaa bultum qabna
Caaya maanguddota
Rahaadha guutudha
Hiraar tokkon qabnu
Biyya jaalalaatii
Jibbas naman qabnu
Dubra warra ituu
Tan bifaan magaalaa
Waye isaani dubbachiif
Ofii koon zigaala
Dardarri isaanitis
Jaalala qabani
Isaanin yoo wal barte
Lubbuu siif dhabani
Ayyoon si eebifti
Aabbonis daranii
Aboo bar baddessan
Tanuma itti galanii
Walaloodha....🤝
....JOIN
.....GODHA
....
.... @obsiilink
Walloo koo
seenaan waldayaatis
kan warra Heemanuu
godaanisaa jira if hima inninuu
waa'ee dirree Boruu
odeeffadhaa Dasee
kan warra Qaalluutis
gaafadhaa Kamisee
maqdalaa taraaraa
ceehot barakkataa
ye seetun annawqim
ka wand andi saw moota
nuun jetti dabtaraan
seenaa faalleessitee
Suuraa reeffa Teediroos
shuguxii qabsiiftee
akkasii miti moo
seenaan daba haftee
jajjabee Warqituuti jedhan
tan Teediroos ajjeefte
isaan nu dhooysanis
faranjiin barreessitee jirtii
duuba Teediroos moo
Warqituudha dhiirti
✍️ walaaloo Jafar Ali
.... JOIN
....... GODHA
... @obsiilink
