cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

Show more
Finland2 428The language is not specifiedEducation58 528
Advertising posts
1 720
Subscribers
-124 hours
+257 days
+15030 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
πŸ‘ 11
Saatii 1:00 kan konkolaataan itti bahu waan taheef oreenteeshiniin dursa kennama
Show all...
πŸ‘ 44
Barattoota kutaa 12ffaa Saayinsii uumamaa maraaf Oreenteeshinii cimaaf waan barbaadamtaniif gaafa deemsa keessanii dilbata ganama saatii 12:00tti barfannaa tokko malee MB akka geessan cimsinee isin hubachiifna. Hub: Barattoonni 'Social science' gaaf darbe itti barfate geejjiba dhuunfaan deemuu isaanii beektanii yerootti akka dhuftaniifi konkolaataan akka isin hin darbine isin akeekkachiifna
Show all...
πŸ‘ 36❀ 7
Barattootaa kutaa 12 social science taatan deemsi gara University Dillaa guyyaa 1/11/2016 sa'aatii 12:00 waan ta'eef MB akka argamtan cimsinee isin beeksifna.
Show all...
πŸ‘ 55❀ 13πŸ‘ 6πŸ₯° 5🀝 4πŸ‘Œ 3
Photo unavailableShow in Telegram
❀ 36πŸ‘Ž 11πŸ™ 9πŸ‘ 6πŸ”₯ 4πŸ₯° 4πŸ‘ 3😁 1
#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf ----------------------- BBO- 23/10/2016 Qajeelfama Naamusa Qormaataa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Ministeerri Barnootaa baase keewwata 35 keessaa 1-25 dhiheessuun keenya ni yaadatama. Har'a immoo , keewwata 26- 35 guutuusaa dhiheessineerra. #Dubbisaa! #Keewwata 26- Haala kamiiniyyuu qormaata hatuun qormaata irraa ariisisa; seeranis ni gaafachiisa. #Keewwata 27- Qindeessaan qormaataa tokko naamusa qormaataa kabajsiisuuf yeroo socho'u irratti ololuu yaalun qormaata irraa nama ariisisa. #Keewwata 28- Barattootni qormaata akka hin fudhanne kan kakaasu qormaata hin fudhatu, seeranis ni gaafatama. #Keewwata 29- Sanadoota, chaappaa, waraqaa eenyummaa sobaa qabatee kan argame qormaataa irraa ni ari'ama, dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata 30 - Qormaata akka hatamuufi qisaasamu matta'aa kennuu kan yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata 31 - Barataa biraatif gargaarsa barbaachisaa hin taane kennuu yaaluun, kennuun, qaamaan mallattoo adda addaa dabarsuu yaaluun barattoota lachuu qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatamu. #Keewwata 32- .Waraqaa qormaataa hatuufi dhoksuun qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatama. #Keewwata 33- Barataa birootiif 'passward' fi maqaa dabarsanii kennuun qormaata irraa ariisisa. Seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 34 - Waliin gurmaa'un qormaata hatuun, hatuuf kakaasuun qormaata hunda hin fudhatan, seeraanis ni gaafatamu. #Keewwata 35- Gareen qindoomuun barattootni biroo akka jeeqan, jeeqsisan, qormaata hatuufi hachisiisuu yaale qormaata kennamaa jiru irraa ni ari'amu. Seeranis ni gaafatamu. #HUBACHIISA:- Barattootni keenya seeraafi naamusa qormaataa kabajuun hojjachuu akka qabdan ergaa biiroo keenyaati #Tasgabbiin_yaadaafi_qalbiin_ofitti_amanamummaan,_olola_sobaatiin_otuu_hin _eeqamin_qormaata_keessan_qofa_irrsatti_yoo_xiyyeeffattan qabxii olaanaa galmeessisuu akka dandeessan dhaamsa keenya dabarsuu barbaadna. #CARRAA_GAARII_ISINIIF_HAWWINA! CARRAA GAARII !! Tolla Berisso official πŸ’ 
Show all...
Tolla Berisso Official

Tolla Berisso official! πŸ”΄βšͺ️⚫️

πŸ‘ 21πŸ‘Ž 3❀ 3
Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf Ni Fayyada! ----------------------- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaataa_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo_Ministeerri_Barnootaa_Bsaseen Hogganamuun Barattoota Keenya Bu'a Qabeessa Taasisa. Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa qajeelfama naamusa qormaata biyyoolessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ittiin bulchu kan qabu yoo ta'u, kaayyoon walii galaatis barattoota marsariitiirratti(online) qoraman adeemsa qormaataa keessatti seera kabajanii akka qoraman guchuun sirna haqa qabeessa, amanamaafi walsimaa ta'e diriirsuudha. Qajeelfama kana keessatti barattoota naamusa qormaataa cabsaniifi tarkaanfii fudhatamuu qaban #keewwata35 ta'an tarreffamaniiru. #Keewwata1- Barataan dhugaatii alkoolii dhugee machaa'e gara mooraa qormaataa galuu hin danda'u. Qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoramu. #Keewwata2- Barataan ykn barattootni barsiisaa dirqama isaa bahaa jiru sodaachise/sodaachisan qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoraman. #Keewwata3- Wiirtuu qormaataaf hin heyyamane, meeshaa qormaataaf hin heyyamamne keessa galanii argamuun dhoorkaadha. #Keewwata4- Barataan waraqaa eenyummaa gate hin qoramu, #Keewwata5- Barattootni qaama qormaata kennuufi bulchuun yeroo gaafataman waraqaa eenyummaa isaanii ibsu agarsiisuu, sakattaa'amuun dirqama ta'a. #Keewwata6- Dubartiin uffata fuulaatiin fuulli isaanii hin mul'anne yoo ta'e, dubartii/dhiirri qormaata kennitu/kennu, dubartiin/dhiirri balbal irratti sakattaatu/ttaa'u fuula irraa fudhattee akka agarsiiftuufi eenyummaa adda baafachuu dirqama. Barattuun ajaja kana hin kabajne, gara qormaataa hin seentu, qaama nageenyaa achi jiruun to'annaa jala ooltee dhimmi ishee qoratama. #Keewwata7- Yeroo qormaataa kabajuun barbaachisaadha. Garuu, qormaatni kennamuu erga jalqabee daqiiqaa 20 booda baratan dhufe qormaata si'a sanii qoramuu hin danda'u. #Keewwata8- Qormaata kennamaa jiru daqiiqaa 30 dursanii bahuun dhoorkaadha. Barataan didee bahu yoo jiraate qormaatni isaa/ishee ni haqama. #Keewwata9- Barataan mataa isaa uffataan, dhahannaa dabbasaatiin, maaskii fuulaatiifi bifa namoota biroo goyyomsuufi rifachiisuun of dhoksuu yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata10-Barataan qormaata erga dubbisee booda waan dhukbsate fakkaatee kutaa qormaataatii bahe/baate qormaata hin fudhatu/ttu. Qaama nageenya achi jiruun to'annaa jala oolee/ttee dhimmi qoratama. #Keewwata11- Barataan ta'e jedhee, qormaatni hatame jechuun barattoota jeequu yaale qormaata hin fudhatu, ni dhoorkama. #Keewwata12- Barataan qormaata fudhatu tokko kutaa itti ramadameen ala qoramuu hin danda'u. Kan yaalu yoo jiraate to'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata13- Yeroon qormaataaf kenname erga xumuramee booda barreessuun dhoorkaadha. Barreessuu yoo dhaabuu baate immoo, barsiisaan qormaata kennu of eeggannoo afaanii kennuu qaba. kanaanis yoo dhaabuu baate, waraqaa deebii irratti mallattoo addaa gochuu ni danda'a. #Keewwata14- Gara kutaa qormaataa galamu sakattaa'amuu kan dide qormaata hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata15 - Barataan barsiisaa qormaata kennuufi hojjattoota haala mijeessan arrabse, sodaachiseefi abaare qormaata si'a sanii hin fudhatu. Dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata16 - Bilbila qabatanii galuun dhoorkaadha. Kan qabatee argame qormaata irraa ari'ama. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata17- Waraqaa eenyummaa barataa biraa qabachuun, bakka bu'anii qoratamuuf yaalun dhoorkadha. Kan yaalee argame qormaata sadi walitti aansee jiru hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #keewwata18- Qormaatni qisaasame jechuun odeeffannoo dogoggoraa barataan kenne of eeggannoo afaaniittu kennamaaf. #Keewwata19- .Yeroo dhimmi yakkaa qoratamu yaadannoo qabachuun, kaalkuleetara, bilbila harkaa, meedhaalee sagalee waraabaniifi suuraa kaasan qabachuun dhoorkadha.
Show all...
AVACOIN

Gold is where you find it.

πŸ‘ 15❀ 2πŸ”₯ 1
#Keeweata20-Ta'e jedhamee ragaa sobaa kennuun qormaata si'a sanii akka hin fudhanne taasisa. #Keewwata21- Barreeffamaan yaadannoo adda addaa harkarratti, waraqaa xixiqqaarratti, huccuu uffatan irratti, qaama isaanii kamirrattuufi waraqaa sooftii, teessoo irratti, keeyya kutaarratti(wall) barreessuun qormaata si'a san kennamaa jiru irraa ariisisa. #Keewwata22- Nama qormaata lennu qaamarratti miidhaa geessisuun qormaatni hunduu akka haqamu taasisa. #Keewwata23- Qormaata hatuuf nama/namoota kan gurmeesse qormaata hin fudhatu, #Keewwata24- Meeshaalee kutaa qormaataa akka hin seenne dhoorkaman kamiyyuu, teeknikaafi elektirikaala ta'an, walitti suphuun itti fayyadamuufi yaaluun akka hin qoramne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata25- Kompitara itti fayyadaman qormaataaf qofa waan ta'eef, faayiloota hin heyyamane keessa galuun, ragaa qaama biraatiif erguu yaaluun qormaata akka hin fudhanne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. . . . itti fufa Har'aaf asumarratti yoo dhaabnu, keeyyatoota qajeelfamichaa hafan 10 yeroo itti aanutti qabannee dhihaanna. Nu hordofaa. #CARRAA_GAARII ! Oromia Education Bureau πŸ’ 
Show all...
AVACOIN

Gold is where you find it.

πŸ‘ 14❀ 7
Orientation barattoota 12ffaa haala qormataata Interaansii akka Mana barnootatti guyyaa 24/10/2016 waan kennamuuf ganama sa'aatii 2:30 Mana Barnootaatti akka argamtan cimsinee isin beeksifna .
Show all...
πŸ‘ 7
#BEEKSISA. (Waxabajjii 17/2016) 1- Barattoota #Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhatan Hundaaf 2- Barattoota Kutaa12ffaa #Dubartii_Ulfaafi_Harma_Hoosisan Hundaaf ----------------- Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti barattoota kuma 700 oliif kennamu keessaa barattootni kuma 240 ol (35%) ol kan Oromiyaa ta'uun beekamaadha. Kanuma bu'uura gochuun barattootni keenyaa gara iddoo(Yunivarsiitii) qormaataa deemun dura seeraafi naamusa qormaataa beekuu qaban gamanumaa hubachuun barbaachisaadha. Barataan qormaataaf gara Yunivarsiitii deemu hundi:- - Moobaayilii harkaa, - Meeshaalee qara qaban kamiiyyuu, - Meeshaalee elektirooniksii (sagalee waraaban, suuraa kaasaniifi )kkf. qabatanii gara iddoo qormaataa seenuu yaalun guutumaa guututti qormaatarraa kan haqsiisuufi battalumatti to'annaa seeraa jala kan oolchu ta'uu, - Qormaata walirraa ilaaluufi garagalchuunfi qormaata hatuun yakka ta'uu, -Turtii guyyaa sadiitiif qofa kan ta'u uffata guyyaafi halkanii qabatanii seenuu, (baay'isuu hin qabdan), - Rakkoo mooraa Yunivarsiitii keessatti isin qunnamuu danda'uuf sodaa tokko malee battalumatti qaama dhihootti argattaniif beeksisuun furmaata argachuu dandeessu, - Manatsirii ijaa (eye glass) rakkoo ijaatiif isiniif ajajame kaawwattanii seenuu ni dandeessu. Kanas dursitanii qaama isin simatuuf beeksisuu qabdu. -Iddoo qormaataa/Yunivarsiitii keessatti, wacuun, iyyuun, sagalee namoota biroo jeequun fayyadamuun dhoorkaa ta'uu beekuu, - Ajajaafi qajeelfama giddu galli qormaataa baasu kabajuun dirqama ta'uu beekun barbaachisaadha. - Barattootni '#online'n qoraman mana isaaniitii deddeebi'anii waan qormaniif yeroo qormaataa kabajuun xiyyeeffannoo kennuufii qabu, - Qormaaticha yaadaafi qalbiin tasgabbaa'anii hojjachuuf gamanumaa of qopheessuu qabu. GUYYAAN QORMAATAA #Barnoota Saayinsii Hawaaaa Adoolessa 3-5/2016 #Barnoota Saayinsii Uumamaa Adoolessa 9-11/2016 kan kennamu ta'a #Baratttootni_dubartootaa: #ulfaa,_guyyaan_dahiinsaa gaheefi #dubarttootni_daa'ima_harma hoosisan hundi bara barnootaa 2017 itti qophooftanii akka #barataa_idilee/Regular/taatanii qormaata fudhachuu ni dandeessu. Sababa ulfaafi harma hoosisuutiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 kan hin fudhanne, bara dhufu 2017 barataa idilee taataanii akka qoratamtan isin beeksifna. #Hubachiisa:- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaata_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo Bahe Bal'inaan Waan dhiheessinuuf nu hordofaa! Carraa_Gaarii !
Show all...
πŸ‘ 27❀ 15πŸ’‹ 2
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.