en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Oduu: "Walitti bu’iinsa #Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran furuuf mariin siyaasaa barbaachisaadha" - Antoonii Bilinkan
Oduu: "Walitti bu’iinsa #Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran furuuf mariin siyaasaa barbaachisaadha" - Antoonii Bilinkan Ministirri Dhimma Alaa #Ameerikaa Antoonii Bilinkan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin bilbilaan haasa’uu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise. Marii bilbilaan taasisan irratti Antoonii Bilinkan, waldhabdeewwan kutaalee Itoophiyaa garagaraa keessatti gaggeeffamaa jiran furuuf mariin siyaasaa barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii ibsameera. Itti dabaluun Ameerikaan walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru akka ishee yaaddeessu dubbachuu isaanii ibsichaan eerameera. Dhimmoota haasawa isaaniin kaasan keessaa inni ijoon dhimma hojiirra oolmaa Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa ta’uu ibsameera. Antoonii Bilinkan biyyi isaanii waliigalticha hojiirra oolchuuf “tattaaffii Itoophiyaan taasiftu gargaaruuf qophii ta'uu” ibsaniiru. https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02DGQq6rUaNLkaPzc4WbXrmkhpbzReBfjhQdRN5KaGEqaGdAYwxe1TzBXm85Hnc4cJl

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Filannoon Ameerikaa kana irratti eenyu yoo injifatetu lammiile Itoophiyaaf fi mootummaa Itoophiyaaf irra wayya?Dimokraatota moo Rippaablikaanota ? via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/YA3e7Sz

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Fiigichi gara Waayit Haawus xumura argachuuf guyyaa tokko qofatu hafe. Tiraampii fi Haaris gara isteetota murteesso deemuun duula isa dhumaa gaggeessaa jiru. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/pVgN7c2

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Haannaa Bokkoolaa Godina Gujii Magaala Adoolaa Woyyuutti bulti ijaarrattee abbaa warraashee waliin waggoota afurii oliif dabarsite. Gaa'ila diiguu hordofee mana dhuunfachuurratti dhibdee dhalateen rasaasaan ajjeefamte. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/izghZCv

በየትኛውም ሀገር ድንበር አቋርጦ የሚደረግ ስደት እጅግ አስከፊ ሆኗል እባካቹ መንገድ ከመጀመራቹ በፊት ምን ይገጥመኛል ብላቹ አስቡ ። ይቺ እህታችን ሊቢያ ላይ እንደዚህ እያስቃያት ነው. ፈጣሪ ካንቺ ጋር ይሁን

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Waggoota afran darban jiraattonni Godiina Wallagga Bahaafi Godiina Horroo Guduruu Wallaggaa hidhattoota 'finxaaleyyii Amaarati' jedhamaniin yeroo garaa garaatti haleellaa raawwataa turan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/GhQDHPm

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Baqattuu Itoophiyaa hojjattuu mana keessaa turte gama 'onlaayiniin' barattee hanga dhabbilee gurguddoof hojjachuutti geesse. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/K9NmRu8

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Jiraatan aanichaa sodaa nagenyaaf maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan tokko BBCtti akka himanitti, walitti bu’iinsi qaamolee mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta’uu hin oolle jechuun shakkan gidduutti Jimaata ganama akka ture himan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qrTCg1J

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Duula filannoo Ameerikaa guutuu keessatti filattootni suuraa kaadhimamtoota lamaan, kan Kaamalaa haaris fi kan Donaald Tiraamp qabatanii mullachuun baramaadha. Mee seenaa gabaabaa kaadhimamtoota lamaanii suuraadhaan dabalaame kunooti dubbifadhaa. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/FaWDKNc

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Mikaa'el Yaadataa paartii warra gurraachaaf bakka hin kennu jedhamu Paartii Rippaablikaanirraa kaadhimamee bulchiinsa Meeriilaand bakka bu'uuf dorgomaa jira. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9PFpHz7

Oduu: #Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu MM Abiy Ahimad ibsan Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaa #Galaana_Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu dubbatan.  MM Abiy dhimma handaara galaanaa argachu ilaalchisee ibsa miseensota mana marichaaf laataniin “Itoophiyaan handaara Galaana Diimaa karaa nagaan argachuun akka ishee barbaachisu addunyaan dhagahu qaba" jedhan. Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa #Somaalilaand waliin irra gahame ilaalchisee warreen seenessa "Itoophiyaan dachee #Somaaliyaa fudhachuuf waliigalte taasifte" jedhu uumuuf yaalan jiraachuu eeraniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5017

Oduu: 'Humni torban lamatti mootummaa fonqolchee Araat Kiiloo to’adha jedhe hin milkoofneef' - MM Abiy Ahimad Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti haasawa taasisaniin, mootummaan miseensoota gareewwan hidhattoota naannoo #Amaaraa fi #Oromiyaa keessa socho’an “muraasa waliin” marii gaggeessaa jiraachuu dubbatan. Miseensa paarlaamaa tokkorraa “mootummaan federaalaa ji’oota lamaan jalqabaa keessatti walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa to’achuu dadhabe” jedhamee yaada dhiyaateef deebii kan laatan MM Abiy, qeeqni dhiyaate sirrii miti jedhan. “Inumaayyuu humni torban lamaa keessatti mootummaa kana fonqolchee masaraa Araat Kiiloo nan to’adha jedheetu hin milkoofneef,” jedhan. Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5014

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Ministirri Muummee Itoiophiyaa Abiy Ahimad gaaffii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataarraa ka'eef deebii yoo kennan ejjennoon handaara galaanaa argachuuf qabatan boodatti kan deebi'u akka hin taane dubbatan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/2WjSYH3

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Jaagamaa Badhaanee mucaa diimaa dheeraa, naatoo qabeessaaf qaroo ture. Barreeffama mimmiidhagsee bocuun beekama. Qabsoo barattoota Oromoo Amboo keessatti ammoo dargaggeessa bifa addaatiin yaadatamudha. Erga ajjeeffamee waggaa 20 isaa tibbana. Hiriyaafi miseensa maatii kan dubbifne kunooti. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/gK6CSOh

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Abbaa Maccaa Abbaa Dagaa Abbaa Joobir jedhamu. Abbaan Maccaa Kiilolee jedhamuun beekamus. Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti dhalatan. Amma magaalaa Jimmaa jiraataa kan jiran yoo ta’u, umuriinsaanii ganna 96 ta’a. Attamiin birrii fe'anii mootii bira dhaquun harka qullaa galfamanii? via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/L1QCnAi

‘#Masriin atakaaroo #Itoophiyaa waliin qabduuf #Somaaliyaatti fayyadamaa jirti’ - Pireezidantii Somaalilaand Pireezidantiin #
#Masriin atakaaroo #Itoophiyaa waliin qabduuf #Somaaliyaatti fayyadamaa jirti’ - Pireezidantii Somaalilaand Pireezidantiin #Somaalilaand Musee Bihii Abdii tibbana turtii BBC Somaalee waliin taasisaniin, waliigalteen fayyadama ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin taasisan hanga ammaatti osoo xumura hin argatiin kan tureef sababa Gaanfa Afrikaatti “atakaaroo uumameeni” jedhan. Raawwiin waliigaltichaa akka harkifatuuf sababa kan ta’e mootummaan Somaaliyaa ta'uu eeraniiru. "Itoophiyaan waliigaltee kan taasifte Somaalilaand waliinidha. Hasan Sheek [pireezidantii Somaaliyaa] garuu ammallee Somaaliilaand qaama Somaaliyaati jedha.” “Lafa kan keenyadha jedhu dhufee fudhacuu akka hin dandeenye; to'annoo kamillee akka hin qabne ni beeka. Waggoota 34 darbaniif biyyoota walabaa adda addaa taanedha. Kana ammoo hunduu ni beeka," jedhan. Kana malees waliigaltichaan booda Masriin dhimmicha keessa galuun muddama uumuu dubbataniiru. "Masriin Somaaliyaatti fayyadamaa jirti." https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cd6v0e10602o

Oduu: #Finfinneetti barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnootaatti akka deebi’an majliisni gaafate Tibbana magaalaa Finfinneetti barattoonni musliimaa shamarranii #niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuufi sababa kanaan barattoonni hedduu torban lamaaf barnoota ala ta'uu isaanii dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’eera. Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee dhimma kana ilaalchisee xalayaa biiroo barnoota magaalichaatti barreesseen, barattoota musliimaa shamarranii irratti sababa uffannaa isaaniin "dhiibbaa fi dararaa amantaarratti xiyyeeffate" gahaa jiraachuu ibseera. Dhiibbaan manneen barnoota tokko tokko keessatti barattoota musliimaa irratti gahaa jira jedhe kunis torban lama ol lakkoofsisuu ibseera. Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5006

Story

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Pirezidantiin Somaaliilaand waliigalteen Itoophiyaa waliin taasisan kan harkifate sababa “atakaaroo uumameetiin” jedhan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/3i2WGMP