en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Oduu: Mootummaan Naannoo #Oromiyaa fi #ABO gocha suukaneessaa Darraatti “humnoonni #Faannoo” raawwatan balaaleffatan Shawaa Kaabaa aanaa #Darraatti ajjeechaa suukaneessaa dargaggeessa tokko irratti raawwatame miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuu hordofee Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa adda addaatti baasaniin balaaleeffataniiru. Mootummaan Oromiyaa ibsa isaatin “gochi finxaaleyyii Faannoo kun tuffii sabaafi sablammootaafi uummata Oromoof qaban kan agarsiisu qofa osoo hin taane, finxaaleyyiin kunneen sammuu yaadu kan hin qabne ta’uu qabatamaan mul’iseera,” jedhe. ABOn gama isaatin, “ajjeechaan suukaneessaan hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaatiin ummata keenya irratti raawwatamaa jiru yakka waraanaa ulfaataa fi hammaataadha,” jedhe. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5149

Oduu: Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti namoonni yakka buttaafi ajjeechaa raawwatan hidhaan hanga umrii guutuutiin adabaman Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti namoonni yakka buttaafi ajjeechaa raawwatan irratti adabbiin hanga hidhaa umrii guutuu murtaa’uu Sagaleen Ameerikaa gabaase. Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Walmaraa magaalaa Hoolataatti namoonni daa’ima umrii torbaa butuun beenyaa gaafatan sadii hidhaa umrii 11 adabamaniru. Namooonni sadeen buttaa kan raawwatan Onkololeessa 24, 2107 ALI guyyaa sa’aatii 8:00titti daa’ima umrii torbaa Sabaamboo Geetaahun jedhamu yeroo suuqiidhaa deebi’u humnaan ukkaamsanii baajaajiidhaan butanii fudhatan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5144

Xiinxala: Aanaa #Darraatti ajjeechaan suukaneessaa dargaggeessa tokko dheekkamsa kaase; Ji’oota afur keessatti namoonni 43 ol ajjeefamaniiru Tibbana viidiyoon dargaggeessa hidhattootaan albeedhaan mormi irraa muramuu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamuu hawaasa biratti dheekkamsa kaaseera. Dargaggeessi kun dhalataa aanaa Darraa ganna 17 Darajjee Amaare jedhamu ta’uu himame. Waggoota dhiyoo asi aanaan Darraa dirree waraanaa gaaga’ama guddaa geessise taateetti. Keessattuu bara 2022 booda walitti bu’iinsi cimaan humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO), fi hidhattoota #Faannoo gidduutti gaggeeffamuun lubbuun namoota hedduu darbaa jira. Addis Standard dhimma kana irratti jiraattota aanaa Darraa dubbisuun akka qorateetti Adoolessa hanga Onkoloolessa 2024 gidduutti haleellaa dirooniin dabalatee lammiileen nagaa 43 ol lubbuu isaanii dhabaniiru. Taateewwan kanneen keessaa tokko Onkoloolessa 23, 2024 haleellaa diroonii aanicha keessa halkan keessa naannoo sa’aatii 8:00 raawwatameen namoonni sadi ajjeefamaniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5139

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ajjeechaa suukaneessaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti raawwate balaaleffate. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/OS0b6Zw

Gochoota suukkanneessaa akka nama qaluufi osoo lubbuun jiru ibiddaan gubuu, kana biras dabree suur-sagaleen waraabanii facaasuun, wanta qaamonni mootummaas, kan riphee lolaa garagaraas raaw’atan ta’uun kanaaf ragaadha. Murnoota finxaaleyyii bakkoota garagaraatti ummata shoororkeessan ofirraa ittiisuun sirrii ta’us, humna qabnu hunda isaanirratti qisaasuun, rakkoo jiru hiddaan furuuf nun dandeessisu. Murnoonni kun goda garagaraatti akka uumamanif haala kan mijeesse murtiifi kallattii siyaasaa murni angoo harkaa qabu filate ta’uu irraanfachuu hin qabnu. Inumaatuu, murnoota kana garii sammuufi meeshaas hidhachiise kan bobbaase qaamota mootummaa akka ta’an waan ifatti ittiin of jajaa turaniidha. Kanaafuu, ajjeechaa lammiilee dhaabsisuuf, hiyyummaa hammataa jiru irraa dandamachuufis, dabrees kufaatii biyyoolessaa guyya guyyaan itti deemaa jirrurraa baraaramuuf, gaafuma gocha suukanneessaa agarru qofa dallanuu osoo hin taane, walwaraansi hundi marii siyaasaatiin akka dhaabbatu yaalurratti fuulleffachuu feesisa. Walwaraansa dhaabsisuuf ammoo dirqama guddaa kan qabuufi gufuu guddaas ta’ee kan jiru murna angorra jiru waan ta’eef, adda durummaan dhiibbaan kan irratti taasifamuu qabus qaama kana. Abbootiin irree gaaga’ama siyaasaas ta’ee kufaatii diinaggee dogongora isaaniitin umameef itti gaafatamummaa jalaa miliquuf, ummata jidduutti walqoccola dalgaa ( horizontal confrontation) uumuu akka tarsiimotti fayyadamu. Ummanni balaa waloon itti dhufe jalaa of baraaruu yoo barbaade, qoccola dalgaan jirtu obsaafi gorsaan irra dabraa, madda rakkoo hiddaan furuu irratti fuulleffachuu qaba. Haaluma kanaan mormii bifa kamiin godhamurratti, gochoota suukanneessaan miira keessa galanii garee hawaasaa kamittuu bu’uun, dhumaatii lammiilee dhaabsisuu mannaa, murnoota finxaaleyyiifi abbootii irree humneessa. Kanaafuu gochaafi jecha sabummaas ta’ee garee hawaasaa kamuu tuqurraa of qusachuun, kallattiidhaan madda rakkoo irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.. By #Jawar_Mohammed

Ajjeechaan suukanneessaan Salaaletti gurbaa qacalee irratti raaw’atame garaa nama guba. Dallansuun gochi kun ummata keessatti uumeefi mormiin barattoonni taasisanis haqa qabeessa. Ajjeechan gurbaa kanaatiif kan dallanamee booyame waan gochi sun ragaa viidiyootiin mul’ateefi. Kan ragaa maletti galaafatamu Rabbumatu beeka. Guyyaa guyyaan lammiilee dhibbaatamatu kallattii biyyattii garagaraatiin ajjeefamaa oola. Obbolaan gara gara goranii dirree waraanaatti walgalaafatan, kanneen mana hidhaa baafamanii ajjeefaman, qonnaan bulaa qu’ee isaatti rukutamu, dargaggeessa balaa lolaafi beelaa dheefa osoo baqaaf deemuu galaana diimatti dhidhimu eentu lakkaaya. Dhumaatii ilmaan biyyaa kana maraaf sababni ijoon walwaraansa biyyattii goolaa jiruudha. Walwaraansi naannolee garagaraa unkuraa jiran kun akka dhooyaniifi ammas itti fufaniif ammoo adda dureen kan itti gaafatamu murna angorra jiruudha. Rakkoo siyaasaa biyyattii karaa siyaasaatiin furuu diduutu walwaraansatti nu geesse. Walwaraansa biyyattii kallatti maraan goolaa jirutu lubbuun lammiilee harka humnoota garagaraan akka gaaga’amu haala mijeesse. Gaafuma dura jijjiramni dhufu balaan kun dhufuu akka malu sodaachuun hanqisuuf waywaanne. Carraa argame fayyadamuun, mariifi waliigaltee qaamota siyaasaa biyyatti jidduutti taasifamuun, siyaasa biyyattii tasgabbeessuun barbaachisaa akka ta’e amansiisuu yaalle. Cehuumsi karoora waloo ( roadmap) masakamuu qaba gaafa jennu, deebiin “mariin homaatuu hin barbaachisu anatu isin ceesisa” kan jedhu ta’e. “Siyaasni shiraan malee mariin hin geggeeffamu” jechuun gowwaa fakkeessanii nutti qoosan. Mooraa siyaasa Oromoo wal taasifna gaafa jennee carraaqnu, angoo nurraa fudhachuu heddu jedhanii guuza nutti yaammatan. Ilaalchi farra sabootaa miidiyaa mootummaa akka dhuunfatu taasisan. Murna Tigraay kan angorraa buufamee baqate araarsinee siyaasa jidduu galaatti deebisuu wayya jennaan, humnaan caccabsinee jilbiiffachiifna jedhan. Waliigalatti sirna dimokraatawa dantaafi mirga ummatoota hundaa tiksuu mariifi waliigalteen jaaruu wayya jennaan, sirna abbaa irree olaantummaa namtokkee ijaaruu filachuun daandii siyaasaa dhiphisan. Marii mannaa hidhaafi ajjeechaatti gadi taa’an. Kan angoo harkaa baateen rifatee kaasee hanga kan dhiigaafi lafee isaatiin jijiirama fidee angotti isaan baaseetti diinomsuun qawwee kaasisan. Bu’aan daandii isaan filataniis laamsha’uu sirna mootummaafi kufaatii diinaggee amma agarru kana fide. Akka dhaadatan sirna abbaa irree warra isaan morman mara burkuteessee, lammiilee cufa harka kennachiisee too’achuuf dandeessisu uumuun hafee, lafaafi ummati ( population and territory) too’annoo mootummaa jala jiru guyya guyyaan suntuuraa deeme. Jalqaba dogongoruun waan tokko. Hawwii daangaa dabreefi hanqina muuxannootu dogongora saniif saaxile jechuun ni danda’ama ta’a. Dogongora jalqabaarraa barachuu dadhabuun dandima badii kaleessarra duunuunfatanii deemuun garuu maraatummaadha. Dhaabbachuu lola Tigraay booda carraa uumame fayyadamuun biyyattii daandii araaratti deebisuu mannaa, afaaniin nagaya lallabaa gochaan lola xiichuutu cichan. Carraaqqii araaraafi nagayaa buusuuf lammiileen biyyattiifi mootummoonni biyyoota alaa taasisan, waan fudhatan fakkeessuun yeroo ittin bitatanii humna jabeeffachuu yaalan. Garuu ammoo, adaduma araara didanii waraanatti duunuunfatanii deemaniin, humni siyaasaafi diinaggee mootummaa daran laaffataa deeme. Laamshayuun humnaa kun ammoo, murni angorra jiru akka hawwame warra isaan lolan unkuteessuu dhiisii caasammaan isaatuu akka harkaa bahu taasise. Duulli yeroo yeroon maqaa “seera kabachiisuu” jedhuun geggeeffamu, seer-dhabdummaa humnoota mootummaa babal’ise. Kun ammoo caasaan mootummaa nageenya lammiilee eeguufi eegsisuuf fedhis humnas akka dhabu godhe. Ajeechaan, hidhaafi saamichi qaamota mootummaan raaw’atamu,aarii, xiiqiifi abdi kutannaa cimsuun, ilaalchaafi gocha ‘finxaalessummaa’ hammeesse. Ilaalchifi gochi finxaalessummaa kun ammoo kan warreen sirnichaan lolan qofa biratti calaqqisu osoo hin taane, qaamotuma mootummaa irraas kan mul’atuudha.

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Saleelaatti uummanni nagaa hidhattoota Faannoon haleelamuun haala rakkisaa keessa jiraachuu himan. Dubartoonni hedduun gudeedamaniiru jedhan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/sAWat4m

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Ministirri Muummee Abiy Ahimad magaalaa Finfinneetti manneen pilaastikiin ijaaramanii fi barandaa pilaastikaa akka dhorkamuu qaban dubbatan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/PmCbwRq

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Mootummaan hidhattoota WBO waliin nagaa buusuuf qophii tahuu hima, WBO ammoo siyaasaaf jecha malee mootummaan nagaa buusuuf kutannoo hin qabu jechuun komata. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/j4cxT93

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Xiinxalaa siyaasaa fi Miseensi KFO Jawaar mahaammad mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf marii nagaa marsaa sadaffaatti deebi'uu qaba,'' jechuun Feesbuukii isaa irratti maxxanse. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/dvD9cnx

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Gaazexeessaan Ertiraa osoo mana-murtiitti hin dhiyaatiin waggoota 23f mana-hidhaa jiru Daawwit Yisihaaq mirga namoomaan badhaasa argate. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/BntwpqE

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Gaazaa keessatti ''duguuggaa sanyii'' raawwataa jirti jechuun Ilmi Mootii Sa'udii Arabiyaa Mohaammad bin Salmaan Israa'el balaaleffatan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/knbVUiH

Oduu: “Bulchiinsa yerooratti fonqolchi mootummaa ifatti raawwatamaa jira” – Bulchiinsa Yeroo Tigraay Gareen Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin hogganamu bulchiinsa yeroo Tigraay irratti fonqolcha mootummaa “ifatti” gaggeessaa jiraachuu pireezidaantiin bulchiinsi yeroo naannichaa beeksise. Pireezidaantiin bulchinsa naannichaa Getaachoo Raddaa, ibsa kaleessa baaseen, gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu kan ji’a Hagayyaa keessa yaa’ii taasisee ture bulchiinsa yeroo naannichaarraa humnaan aangoo dhuunfachuuf fonqolcha gaggeessaa jira jedhe. Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5061

ሰሞኑን ጀግናው የሀገር መከላከያ ሰራዊት በአማራ ክልል በፋኖ ላይ አከርካሪ የመስበር ዘመቻ እያደረገና ቁጥሩ ቀላል የማይባል አንገት ቆራጭ ፋኖ መደምሰሱን ተከትሎ ዲያስፖራ ያለ ነውጠኛ ፅንፈኛ አማራ በአውሮፖ እና አሜሪካ ጎዳናዎች ላይ መንከባለል ጀምሯል እነዚህ ፅንፈኞች ፋኖ ይዝረፍ አንገት ይቁረጥ ህፃን ይድፈር መከላከያ ግን ህግ አያስከብር ነው የሚሉት ??? ስላም የምትፈልጉ ከሆነ ጫካ ግባ ብላቹ ገንዘብ ልካቹ ያሸፈታቹሁትን ወንበዴ አንገት ቆራጭ ግባ በሉት።

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Abbaafi haatiishee wayita isheen intala waggaa torbaa jirtu wal hiikan. Kunis erga abbaan ishee Yunivarsiitii Istaanfoord keessatti hojii argataniin yeroo muraasa booda ture. Kaamalaafi obbooleettiin ishee Maayaan yeroo isaanii mana lamaan gidduutti dabarsaa turan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/UwxoY6V

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Doonaald Tiraamp Kaaba Kaarolinaa fi Joorjiyaa injifachuun isteetoota murteessoo tana shanan hafan kanneen filannoo Ameerikaa injifachuu murteessan keessaa irra caalaansaanii Kamalaa Haarisiin dursaa akka turan tilmaamni michuu BBC Ameerikaa CBS ni agariisa. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Z9PUDtW

#Itoophiyaan liqii Doolaara miiliyoona 738.2 #Sudaan_Kibbaaf kennite Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa
#Itoophiyaan liqii Doolaara miiliyoona 738.2 #Sudaan_Kibbaaf kennite Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa har’a gaggeesseen waliigaltee mootummaan Itoophiyaa Sudaan Kibbaaf liqii Doolaara miiliyoona 738.2 dhiyeessuuf mallatteesse raggaasise. Liqiin kun Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daandiin walqunnamsiisuuf kan oolu yoo ta’u, daandiin kun daangaa Itoophiyaa irraa ka’ee hanga Sudaan Kibbaatti kiiloo meetira 220 kan dheeratu ta’a. Waliigalteen faayinaansii kun Caamsaa bara 2023 kan mallatteeffame yoo ta’u, Manni Maree Ce'umsa Biyyaalessaa Sudaan Kibbaa ji’a Waxabajjii darbe raggaasuu isaa ni yaadatama. Waliigalteen liqii kun yeroo boqonnaa waggaa shanii kan qabu yoo ta’u, waggoota 10 keessatti kan deebi’u ta’uu ibsameera. Akkaataan liqiin kun deebi’uus kaashii maallaqaan ykn boba’aan yoo ta’u, biyyi liqii fudhate boba’aadhaan kan deebisu yoo ta’e baasii mataa isaatin hanga Poort Sudaan geessuun dirqama ta’uu eerameera.