en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Himanni lamaan Obbo Taayyee Danda'aa irraa bilisa jedhaman deebi’ee falmiin akka irratti gaggeeffamu manni murtiin ajaje Wagg
Himanni lamaan Obbo Taayyee Danda'aa irraa bilisa jedhaman deebi’ee falmiin akka irratti gaggeeffamu manni murtiin ajaje Waggaa tokkoon dura aangoo Deetaa Ministira Nagaa irraa kaafamanii to’annoo jala kan oolanii fi ergasii himata sadii irratti baname keessaa lamaan bilisa jedhamuun himata tokkicha hordofaa kan turan Taayyee Danda’aa, himatni lamaan irraa bilisa jedhaman deebi'ee akka itti fufu ajajame. Himatni lamaan Obbo Taayyeen irraa bilisa jedhamanii turan 'Diina waliin waloomuu' fi ''ergaawwan sochii qaamolee farreen nageenyaa ABO Shanee fi Faannoo deeggaran karaa Feesbuukii isaanii qoodaniiru” jedhan yoo ta’an, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa Adoolessa 30, 2016 ALI himatawwan kanneen irraa bilisa isaan jedhee ture. Gama kaaniin Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Taayyeen himatawwan kanneen irraa bilisa ta'uu hin qaban jechuun ol iyyannoo itti gaafatee ture. https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02AAzFru6e3toKPEpsfH4uD7e1E6DKygYkfw4d1YCfiyeeehyJVg29JqjYqR38ueJcl

Repost from Jawar Mohammed
Hey Eyasped Tesfaye do you think we should open some sort of center to provide ጥንቆላ for those who keep walking into trouble blindly? This interview was conducted five years ago May 8,2020. Deja Vu ?

Repost from Jawar Mohammed
Hey Eyasped Tesfaye do you think we should open some sort of center to provide ጥንቆላ for those who keep walking into trouble blindly? This interview was conducted five years ago May 8,2020. Deja Vu ?

Repost from Jawar Mohammed
Nageenyi jiraachuun guddina diinaggee mirkaneesuun, humnaafi leeccalloo hulaa galaanaa banachuuf dandeessisan horachuuf garagaara. Biyyi nageenya hin qabne carraa buufata doonii ishii guututti fayyadamtee diinaggee ishii guddifachuuf qabdu xinnaadha. Akka fakkeenyaatti biyyoota Soomaliyaafi Yaman kanneen daangaa galaanaa dhedheeraa qabantu durooma ture. Yaman daangaa Galaana Diimaa irraa kana Galaana Arabaa kan kiilomeetira 2252 dheeratu qabdi. Soomaliyaanis Afrikaa keessaa daangaa galaanaa dheerinaan tokkoffaa ta’e kan kiilomeetira 3330 fagaatu qabdi. Garuu ammoo biyyoonni kun erga bilisa bahanii kaasee walwaraansa keessoon raafamaa jiraachuurraa kan ka’e, buufatoota doonii heddu qabaatanis, diinaggeen isaanii akkuma qancaretti jira. Dubbiin hulaa galaanaa kana eegaluun dhimmichi ajandaa jabaa ta’ee akka bahuufi mirga Itoophiyaan qabdu ifatti akka irraa haasayamu taasiseera jedhu warri Bilxiginnaa. Sun dhugaadha. Ajandaan kun garuu faaydaa qofa osoo hin taane miidhaas fideera. Atakaaroon Soomaaliyaa wajjiin ture kasaaraa diplomaasii hamaa dhaqqabsiisee dabre. Kan amma Eritriyaa wajjiin jiru ammoo balaaa walwaraansaattuu nu geessuu mala. Gabaabumatti siyaasni Abiy hordofaa jiru, Itoophiyaan dur ‘utubaa nageenyaa Gaanfa Afrikaa (anchor state)’ jedhamtee beekkamtu amma madda rakkoo naannichaa ( net insecurity exporter) akka laalamtu taasiseera. Dabalataanis, ajandaa kana hafarsuun biyyoota fagoofi dhihoo qabeenya uumamaa naannawa keenyaa qircaa godhachuu fedhaniif karra saaqee didichanii akka dhufan godheera. Dhufaatiin jaraa kun ammoo siyaasa keessoofi hariiroon ollummaa biyyootaa naannawa keenyaa, humnoota dantaan isaanii dantaa keenyaan walfaalleessuuf akka saaxilamu godheera. Waliigalatti dhimma hulaa galaanaa ilaalchisee adeemsi Abi Ahmad waggoota lamaan dabran hordofe, tarsiimoofi karoora qorannoofi bilchina qaburratti kan hundaaye osoo hin taane, hoy-hoyii yerootiin kan geggeeffame ta’uun, buufata doonii argamsiisuu dhiisi, carraa garafuulduraa argachuuf qabnus kan miidhedha. Biyyoota ollaatirraa buufata doonii humnaan fudhachuuf dhaadachuun isaa, jarris sodaarraa ka’uun biyyoota diina Itoophiyaa ta’an waliin tumsa tolfachuu, akkasumas tarkaanfilee walwaraansa keessoo keenyaa hammeessan akka fudhatan taasisuun, miidhaa nageenyaafi diplomaasii qaqqabsiiseera. Amma yeroo Itoophiyaan walwaraansa keessootiin raafamaa jirtutti, maqaa ‘hulaa galaanaatiin’ lola biraa ofitti dabaluun balaa hamaa kan lubbuun turuu biyyattiitifuu sodaachisutti of geessuudha. Akkuma jalqabarratti tuqame, akka biyya galaanan hin daangeffamnee takkaatti, Itoophiyaan mirga buufata doonii fayyadamuu seera addunyaatiin mirkanaaye qabdi. Caalaatti ammoo biyya gabaa guddaa qabdu taatee, biyyoota daangaa galaanaa qaban shaniin marfamtee waan jirtuuf, buufataalee doonii isaanii gatii rakasaan waldorgomsiiftee fayyadamuuf dandeessi. Kanaafuu Itoophiyaan biyyoota ollaa kamuu humna waraanaa ishii kan yeroo ammaa laamshayee jiru kanaan doorsisuuf yaaluu mannaa, hojii diplomaasiifi hidhata diinaggee cimsuun, shakkifi sodaa hir’isanii buufataalee doonii faaydaa waloon guddisan misoomfachuutu wayya. Gaafa nagaan keessoo keenyaa mirkanaa’ee, diinaggeen keenya guddachaa gabaa keenya daran bal’ise, biyyoonni har’a buufata doonii nuuf laachuuf mataa maran cufti nu kadhachuuf hiriira galu. Kanaafuu ummanni keenya ololas ta’ee lolli maqaa hulaa galaanaatin yeroo ammaatti geggeeffamu faaydaa fidurra miidhaan akka caalu beekee dura dhaabbachuu qaba. Jalqaba walwaraansa keessoo keenyaa dhaabuun nagaya deeffachuun, bu’uraalee misoomaafi hawaasummaa loli nu jalaa mancaase deebisnee erga jaarrannee booda, humna gama maraa horannee, dhimma hulaa galaanaa mala itti dhoofna.

Repost from Jawar Mohammed
Lammaffaa, dubbiin gosaa Somaaliyaa keessatti hedduu cimaa ta’uun osoo beekamuu, lafa gosa Gadabursii ta’e fudhachuuf , pirazidantii gosaan Isaaq ta’een waliigalame. Kana jechuun osoo dhiibaan addunyaatuu jiraachuu baate, warri Gadabursii buufata doonii san lafarrattii ijaaranii itti fayyadamuuf rakkoo cimaa uumu. Maarree dhimma buufata doonii kanarratti maalif karaa diplomaasiifi diinaggee yaaluu mannaa eeboo mirmirsuun filatamee? Abiy dhimma kana waan itti yaadee dhugaan itti qophaayee itti seene miti. Gaafa hulaa galaanaa gama Soomaaliyaa kaasu san, mormii biyya keessaa itti ka’aa ture ‘hulaa galaanaa isiniif argamsiise’ olola jedhuun ofirraa maqsuu yaadeeti. Osoo dhugumaan hulaa galaanaa daangaa Soomaaliyaa argachuuf karoorri jiraate, gaafa pirazidantiin saan walitti shariikaa, Faarmaajoon, angorra jiru dhiheessuu qaba ture.Inni garuu erga Faramaajoon angorraa bu’ee namni biyya diina Itoophiyaa taateen deeggaramu angorra bahee booda gaafii buufata doonii dhiheesse. Bifuma walfakkaatuun dubbii Asab fala itti godhuu osoo barbaade gaafa Isaayyas waliin somba tokkoon harganaa turan sun kaasa ture. Akkan warra gaafa dubbeen aruuzaa oowwaa turte san achi turerraa akkan mirkaneeffadhetti, Abiy gaafuma tokkollee dhimma hulaa galaanaa kana jara Eritriyaatti sirnaan kaasee hin beeku. Gabaabumatti Abiy dhimma Asab kan kaase waliigaltee Piritooriyaa booda Isaayyaasiin waan waldhabaniif, walitti bu’iinsa dhufuu malu keessatti of baraaruuf ummata Itoophiyaa of cinaa hiriirsuudhaafi. Akka jarri Bilxiginnaa dhaadatan kanaan waraanaan hulaa galaanaa banachuun nu baasaa laata? Buufata doonii Asab karaa lolaatiin dhuunfachuun bifa sadihi qabaachuu mala. 1. Mootummaa Eritriyaa amma jiru fonqolchani murna buufata doonii Asab Itoophiyaaf kennuuf hayyamamaa ta’e angotti baasuu (regime change): Haala xaxamaa keessoo Eritriyaafi naannawa Gaanfa Afrikaatirraa ka’uun mootummaa amma jiru buusanii kan biraa kaayuun ni danda’ama laata? kan jedhu yeroof haa dhiifnu. Osoo danda’ameeyyuu sabboonummaan Eririyaa kan ibidda lolaa wagoota 70 oliitiin waddamee finiine waan ta’eef, humni deeggarsa Itoophiyaatiin ganamumaan rakkoo fudhatamummaa hamaa mudata. Haala akkasii keessatti lafa taakkuu takkaItoophiyaaf hayyamu hin danda’u; yoo hayyame ammoo oolee osoo hin bulin fincila keessootiin raafama. Hubadhaa, akkuma Abiy dubbii buufata galaanaa kana kaaseen, murnoonnifi namoonni Eritriyaa kan Isaayyas kuffisuuf qabsaa’aa jiranuu sagalee ol kaasanii diddaa dhageessisan. Humna sabboonummaa hubachuu namni fedhe yaalii Tigraay waraanaan jilbiifachiisuuf godhameefi waan mudate yaadachuu feesisa. 2. Eritriyaa humnaan guutumatti Itoophiyaa jalatti deebisuu (reincorporation): Kuni seera addunyaa cabsuu qofa osoo hin taane, sabboonummaa Eritriyaatti beenzila firfirsuun, walwaraansa yeroo dheeraaf karaa saaquudha. 3. Lafa naannawa Asab san muratanii fudhachuu ( annexation): Kuni yeroof ummata ilichiisuuf fayyaduu mala. Atakaaroo seera addunyaatuu moggatti yoo dhiifne, Asab qofa kutatatnii fayyadamuuf bara hunda waraanaan tiksaa jiraachuu gaafata. Kasaaraan namaafi maallaqa lola akkasiitiif bayuufi bu’aan buufaticharraa argamu walmadaalaa? Waliigalatti, yaadni waraanaan hulaa galaanaa arganna jedhu balaa fidee dhufutu bu’aa argamuu malu kamuu caala. Lola walirraa hin cinne keessa seenuun kasaaraan diinaggee fidu bu’aa buufata dhuunfachurraa argamu dachaa hedduun caala. Fakkeenyaaf bara Darguu Itoophiyaan buufatoota doonii Asab fi Mitsiwwaa qabaachaa turtus, waggoonni 17n sun yennaa diinaggeen Itoophiyaa itti qancare ture. Gama kaaniin bara 1998 booda Itoophiyyaan buufataalee doonii lamaan kana fayyadamuu dhoorkamtus, diinaggeen ishii saffisaan guddachaa ture. Garaagarummaan maali? Bara Mangistuu Itoophiyaan buufata doonii qabaattus walwaraansa hamaa keessa turte. Bara Mallasaa ammoo buufata doonii dhabdus birqabeessaan nagaya qabaachaa turte. Nageenyi waaraan hulaa galaanaa argamsiisuu ni danda’a. Hulaan galaanaa garuu wabii nageenya ta’uu hin danda’u.

Repost from Jawar Mohammed
HULAA GALANAA: Ololaan, Lolaan moo Malaan? Tooftaawwan Abiy Ahmadiifi murni isaa j gaaga’ama diinaggeefi nageenyaa Itoophiyaan keessa jirtu irraa ijaa-gurra ummataa maqsuuf fayyadamaa jiran keessaa tokko olola hulaa galaanaati. Hulaa galaanaa qabaachuun dantaa diinaggeefi nageenyaa biyya kamiituufi waan barbaachisaa ta’uun waan walfamsiisuu miti. Garuummoo biyyoonni hundi garbaafi galaanaan waan hin daangeffamneef ( landlocked) carraa buufata doonii tolfachuu hin qaban. Itoophiyaan biyyoota carraa san dhabe keessaa ishee tokko. Sababni biyyi teenya hulaa galaanaa itti dhabde walxaxaafi seenaa adeemsa uumama Itoophiyaa ammaayyaatiin walqabata. Itoophiyaan uumamaan garbaafi galaanaan daangeffamuu baattus buufata doonii mataa ishii qabaachuu wanti dhoorgu hin jiru. Kanas seeraafi diinaggeen mirkaneeffachuun danda’ama. Gama seeraatiins, waliigalteen addunyaa United Nations Convention on the Law of the Sea (UNCLOS) jedhamu biyyoonni galaanaan hin daangeffamne mirga buufata doonii fayyadamuu akka qaban lafa kaaya. Biyyi ollaa daangaa galaanaa jiru martinuu warra daangaarraa hin jirreef tajaajila buufata doonii kennuu akka qaban dirqa. Raaw’iin isaa mariifi waliigaltee irratti hundaaya. Gama diinagdeenis ta’u Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf atakaaroo isiii hin barbaachisu. Ollaa kamiinuu walloluu dhiisii sheelleqachuuyyuu hin qabdu. Kadhatamuu qabdi malee. Kanaaf ammoo sababa lamatu jira; 1. Biyyoota ollaa galaanaan daangeffaman shaniin marfamnee jirra. Shanan kana keessaa sadeeniif ( Jabuutii, Soomaaliyaa fi Eritriyaa) biyyi ollaa buufata doonii isaanii fayyadamuu dandeettu Itoophiyaa qofaadha. Nu qofatu maamila isaanii ta’uu danda’a jechuudha. Olloonni lamaan hafan, Keeniyaafi Suudanis, yoo ta’e maammiltoota hedduu hin qaban. Kanaafuu biyyoota kana akkaataa si’aa’inaafi gatii tajaajilaa buufata doonii isaaniitiin waldorgomsiifnee keessaa filachuu dandeenya. Fakkeenyaaf Yugaandaan akkuma Itoophiyaa daangaa galaanaa hin qabdu. Keeniyaafi Taanzaniyaa waldorgomsisaa kan gatiifi tajaajila irra wayyaa qabu fayyadamti. Nuti kan biyyoota shaniin marfamne filannaa san caalaa qabna jechuudha. 2. Itoophiyaan ummata miliyoona 130 fi teessuma lafaa hedduu bal’aa waan qabduuf carraa gabaa ( momishuufi bitachuu) guddaa qabdi. Meeshaan daldalaaf ala ergituufi galchitu yeroo yeroon guddachaa deema. Kun ammoo buufata biyyoota ollaa kana waldorgomsiifnee keessaa filannee fayyadamuuf humna guddaa nuuf laata. Yoo barbaanne ammoo daangaa isaanii irratti buufata mataa keenyaa jaarrachuuf waliigaltee diinaggee bifa garagaraa seenuu dandeenya. Waliigalatti Itoophiyaan buufata dooniitiif jecha ollaa kamiinuu wal-loluun ishii hin barbaachisu. Inumaatuu biyyoonni shanan kun ‘kiyya siif wayyaan’ nurratti wal-loluu qabu malee. Dhugaan kana ta’ee osoo jiruu dhimmi hulaa galaanaa ajandaa waldhibdee maaf ta’e? Sababoota lamatu jira. Takkooffaan walshakkii seenaa irraa dhaalameedha. Kan lammataa siyaasaa waraanaa Abiy Ahmad geggeessaa jiruudha. Seenaa: Itoophiyaan biyyoota ollaa kan akka Soomaaliyaa, Eritriyaafi Suudan waliin seenaa walitti bu’iinsaafi atakaaroo qabdi. Kanarraa ka’uun Itoophiyaan buufatalee doonii isaanii, keessattuu waraana irra qubsiisuuf yoo fayyadamte, olaantummaa nurratti horachuun nu cunqursiti sodaa jedhu qabu. Siyaasa Abiy: Haallifi yeroon Abiy dhimma hulaa galaanaa itti kaase diddaa biyyoonni ollaa agarsiisaniif shoora guddaa taphate. Fakkeenyaaf yaaliin hulaa galaana Somaliland argachuuf godhame waan fashaleef haa ilaallu. Somaliland Soomaliyaa irraa fottoqxus akka biyya walabaatti beekkamtii waan hin qabneef, waliigaltee hulaa galaanaa, keessattuu kan buufata waraanaa seenuun, Somaaliyaa durattuu sababa seenaatiin Itoophiyaa irraa shakki qabdu ni dallansiise. Somalilandiif beekkamtii kennuuf waadaa galuun Itoophiyaa ammoo Somaaliyaa qofa osoo hin taane biyyoota biroo dhimmi akkasii hubus rifaasise. Kanarraa ka’uun biyyoonni dhimmoota biraa irratti waliifaallaa dhabbatan kan akka Chaaynaafi Ameerikaas sagalee tokkoon Itoophiyaa akka balaaleffatan taasise.

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Tigraay naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa keessatti maaltu deemaa jira? via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JGfAS3r

Repost from Jawar Mohammed
Ganamarraa kaasee raajii Siinqee Bank na dhaqqabu dubbisaan oole. Odeeffannoon dhufu akka agarsiisutti baankiin kun harka hannaa maafiyaa ummata Oromiyaa saamaa jiruuti. This is not a bank but a criminal enterprise. Odeeffannoo hafeefi xiinxala kiyya bor ganama isiniin gaha.

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mootummaan gaafii ogeessonni fayyaa gaafataniif xiyyeeffannoo kennuun ifaafi bifa hirmaachisaa ta'een furmaata akka itti kennuuf gaafate. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/uxvaDPm

Repost from Jawar Mohammed
Diroononni galgala kana agartan sun cufti Chaaynaatti omishamanii UAE irraa kireeffataman. Ogeessonni agarsiisa san dhiheessanis achumaa fidaman. Kiraa kanaaf doolara miliyootaan itti dhangala'e. Yennaa doktorriifi barsiisaan daabboo nyaatu dhabee waywaataa jirutti akka waan biyti quuftee irraa hafeetti maallaqa bifa kanaan qisaasuun qaaniidha. Jarri qaanii hin beekan malee!!

Repost from Jawar Mohammed
Are you reading the writing on the wall? The cloud is gathering heavily and very fast…. “የማዕከላዊ ኢትዮጵያዊ ሀድያ ዞን ተማሪዎች ለመምህራን ደሞዝ ይከፈል እንቅስቀሴ”

Repost from Jawar Mohammed
Godina Kibba Lixa Shawaatti ibsaan eega badee waan bubbuleef ummanni tajaajila bishaanii, midhaan daakuu kkf dhabee haala ham
+3
Godina Kibba Lixa Shawaatti ibsaan eega badee waan bubbuleef ummanni tajaajila bishaanii, midhaan daakuu kkf dhabee haala hamaa keessa akka jiru dhaamsa hedduutu na gahe Ethiopian Electric Power-የኢትዮጵያ ኤሌክትሪክ ኃይል maali rakkoon ? Ummatatti taarifa hamma arbaa itti feetanii ifaa dhoorkattanii ? ===== “Godiina kibba Lixa Shawaa Aanaalee heddutti sababa badiinsa ibsaa fi bishaanitiin ummatni waan nyaatufi dhugu dhabee dhumaa jira.Magaalaa Tullu Boolloo bakka Tsabala oo'oo jedhamutti osoo bishaan waraabuuf wal dhiiban namni sadi hallayyaa irraa kufee kan du'e yoo ta'u isaan keessa takka ulfa.

Repost from Jawar Mohammed
Biyya guututti miskiina carraaqqatu hojii cufsiisanii nu boccoqaa oolan jedhan :) "Guyyaa harraa magaalaa Yaaballootti daldaltoota hojii isaanii cufsiisun galmatti guuranii hojiilee mootummaa kanaan hojjatame jedhanii fedhii isaanii malee itti odeessaa oolan. mootummaan kallattii hundaan sodaachaa jira fakkaata(?)"

Waa’ee gaaffii naannoo ta'uu ummata Walloo kana Mana Maree Federeeshiniif dhiyaatee maal beekna? Kunooti: 👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c5ygly9n5x7o?at_campaign=ws_whatsapp

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Lammiileen Itoophiyaa Jibuutii keessa jiranii fi waraqaa jireenyaa seera qabeessa hin qabne akka biyyattii keessaa ba'aniif daangaan yeroo kaa'ameefii ture xumuramnaan rakkoo keessa galan, amma birmannaa gaafataa jiru. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/QyUK5zj

Repost from Jawar Mohammed
Amnesty International calls for immediate release of Yonatan Dagnew, president of Ethiopian Health Professionals Association.
Amnesty International calls for immediate release of Yonatan Dagnew, president of Ethiopian Health Professionals Association.

Repost from Jawar Mohammed
እንዴ ወዳጄ ጌች ምን ቢናገር ነው እኔን ሲወቅጠኝ የዋለው የሚዲያ ሚሊሻ እሱን ደግፎ ክተት የገባው..? 😃
+9
እንዴ ወዳጄ ጌች ምን ቢናገር ነው እኔን ሲወቅጠኝ የዋለው የሚዲያ ሚሊሻ እሱን ደግፎ ክተት የገባው..? 😃

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Manni-murtii Waliigalaa Federaalaa oliyannoo Abbaan Alangaa Obbo Taayyee Danda'aarratti dhiyeeffaterratti jalamurtii laachuuf har'atti beellamee turus beellama biraa qabate. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/i7M1gAw