Al-risala-tube
Open in Telegram
..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot
Show more4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
4 164
BREAKING
Baatiin Shawwaal guyyaa harraa waan hin mul'atiniif ayyaanni iidal fixr guyyaa wiixataa ykn isniinaa ta'a.
www.nuuralhudaa.com
4 164
🎙 Ustaaz Abdul-mannaan waa'ee zakaa fixrii gabaabinaa yoo ibsan.
⏳ MB 1 gadi. 🎵 2:30
4 164
#Halkan 29ffaa har'aa kuni, Halkan Kaayyoo Guddaa niyyaa gaariin dabarsani, Isiin halkan Witrii(Qeenxee) Kurnaan boodaa keessaa kan irraa boodaati.
#hayyuun islaamaa akki jedhan:
💬"Dalagaa halkan kana keessaa Bareechaa(tolchaa); Halkan kana keessaa takkaa leeylatul qadrii Qunnamtu, yookiin immoo Dhuma ji'a keessanii keessatti Toltuu baay'ifattu"
#Rabbiin keeyrii halkan kana keessaa nu haa waffaqu.
4 164
📖 Qur'aanni halkan murtii( halkan leeylatal qadrii) keessa buufame jechuun: akkami?
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा
1• Qur'aanni halkan leeylatul qadrii sana keessa yeroo jalqabaaf buufame.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
2• Qur'aanni kun waliigala/hunduma isaa loowhal-mahfuuz irraa fuudhamee halkan darajaa/gatii guddoo qabdu keessa samii lafatti gadi aantutti buufmee, achirraa hanga amata 23 keessatti ergamaa keenya muhaamad (salallaahu aleeyhi wa sallam) irratti xiqqo xiqqoon buufme.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
【ﻭﻗﺎﻝ ﺍﺑﻦ ﻋﺒﺎﺱ (r.a) ﻭﺟﻤﺎﻋﺔ : ﺇﻧﻪ ﺃﻧﺰﻝ ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻓﻲ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﻓﻲ ﻟﻴﻠﺔ ﺍﻟﻘﺪﺭ، ﺇﻟﻰ ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﻘﺎﻝ ﻟﻪ : ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ، ﻭﻛﻞ ﺳﻤﺎﺀ ﻓﻴﻬﺎ ﺑﻴﺖ ﻟﻠﻤﻼﺋﻜﺔ ﻳﺘﻌﺒﺪﻭﻥ ﻓﻴﻪ، ﻭﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﺘﻌﺒﺪ ﻓﻴﻪ ﺍﻟﻤﻼﺋﻜﺔ،.......】
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
🖇Dabalataaf:- https://binbaz.org.sa/fatwas/15369/تفسير-قوله-تعالى-انا-انزلناه-في-ليلة-القدر
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Yaa rabbii keenna ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra nuu darbi.
4 164
#Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr
🎙Sh/Rashaad ⏳ 1.5 MB 🎵 6:11
📜【BOQONNAA MURTEE】📜
० بسم الله الرحمن الرحيم
#Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba)
1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر
①#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.}
2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ
②#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? }
3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ
③#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti.
4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن
ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ
④#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.}
5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ
⑤#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. }
#Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.
4 164
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee.
#Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!
#Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus.
#Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata!
#Halkan kana maaltu hojjatama?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees)
#Qur'aaana qara'uu
#Zikrii heddummeessuu.
#Sadaqaa kennachuu.
#wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha!
☀Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu☀
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा
سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.
🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii.
Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.
4 164
📜 #Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu.
ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha.
#Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha.
#Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa.
Yaa allaah nu waffaqi.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
4 164
#Ramadaanni keessummaa Ariifataadhaa.
#Baga geessan osoo jennee hin fixatin, walakkaan geenyee, hirdhachaa dhufee amma xumuuruuf deemaa jirra.
#Nuti hoo ibaadaan dabalaa jirra moo akkami?
#Buliiwwan muraasa hafte tana, dalagaa keeyrii keessatti dabalaachaa haa deemnu."
Ramadaanni Ji'a Araaramaati.
#ﺭﻏِﻢَ ﺃَﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺫُﻛِﺮﺕُ ﻋﻨﺪَﻩُ ﻓﻠﻢ ﻳﺼﻞِّ ﻋﻠﻲَّ ،ﻭﺭَﻏِﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺩﺧﻞَ ﻋﻠَﻴﻪِ ﺭﻣﻀﺎﻥُ ﺛﻢَّ ﺍﻧﺴﻠﺦَ ﻗﺒﻞَ ﺃﻥ ﻳُﻐﻔَﺮَ ﻟَﻪُ ، ﻭﺭﻏﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺃﺩﺭَﻙَ ﻋﻨﺪَﻩُ ﺃﺑﻮﺍﻩُ ﺍﻟﻜﺒﺮَ ﻓﻠﻢ ﻳُﺪْﺧِﻼﻩُ ﺍﻟﺠﻨَّﺔَ . ﺍﻟﺮﺍﻭﻱ : ﺃﺑﻮ ﻫﺮﻳﺮﺓ
Hadiissati "...Nama ramadaanni isarra dhufee osoo dilii isaatiif araarama hin argatin irra lufe/darbe abaarsi/salphinni isaa sabate..."
#Yaa rabbi warra salphinnii fi abaarsi isaa sabatuu mitii, warra milkiin isaaniif sabattu nu taasisi. Amiin
4 164
#Sujuuda Tilaawaa/Sajadaa.
#sajdaan, Qur'aana keessa iddoo 15 jira. Isiin sujuuduun sunnaadha.
#Sajadaan gosa lama
#Gosti tokko kan Rabbiin waa'ee sujuuda Umamtootaa isaa dimshaashaafi kophaan ibsuudha, kanaaf ammoo namni qara'aa jiru kunis isaanitti fakkaachuuf jecha sujuuda gochuu qaba. #Fkn:
( ﻭَﻟِﻠَّﻪِ ﻳَﺴﺠُﺪُ ﻣَﻦ ﻓِﻲ ﺍﻟﺴَّﻤﺎﻭﺍﺕِ ﻭَﺍﻷَﺭﺽ
#Gosti lammaffaa ammoo Aayaata Akka Rabbiif sujuudan ajajjuudha, Namni qara'u kunis Rabbii isaatiif ajajameera jechuun sujuuda. #Fkn:
( ﻳَﺎ ﺃَﻳُّﻬَﺎ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﺁﻣَﻨُﻮﺍ ﺍﺭْﻛَﻌُﻮﺍ ﻭَﺍﺳْﺠُﺪُﻭﺍ
#Hoggaa imaamni salaata keessa sajadaa bu'e, namni duubaan itti hidhatee salaatu sunis imaamicha hordofuu qaba.
#Yoo kan imaamni salaata keessa sujuuda tilaawaa/sajadaa bu'e, namni itti hidhatee salaatu sun ammoo rukuu'a sehee bu'e, hogguma imaamni "Allaahu akbar" jedhu dhagahe. maal gochuu qaba?
#iddoma jiru irraa imaamticha hordofuu qaba, yoo rukuu'a irra ture ol deebi'ee bakkuma imaamni jiruu itti fufuu qaba, sujuuda sahwii wanni bu'uufis hin jiru.
Maddi keenya. 1🔗, 2🔗
4 164
Soomana Arrabaa.
#Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya.
Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran.
#Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna.
#Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye.
Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare.
#Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran
dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu.
Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu.
#Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed.
#Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu
Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.
4 164
🪙 Copha Surrii: RAKKOO FI FURMAATA
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
⏳ Hammi 1.2 MB
🎵 Daqiiqaa 5:09
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
4 164
#Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:
ﺍﻟﺼَّﻠَﻮَﺍﺕُ ﺍﻟْﺨَﻤْﺲُ ﻭَﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔُ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔِ ﻭَﺭَﻣَﻀَﺎﻥُ ﺇِﻟَﻰ ﺭَﻣَﻀَﺎﻥَ ﻣُﻜَﻔِّﺮَﺍﺕٌ ﻣَﺎ ﺑَﻴْﻨَﻬُﻦَّ ﺇِﺫَﺍ ﺍﺟْﺘَﻨَﺐَ ﺍﻟْﻜَﺒَﺎﺋِﺮَ
“ Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate .” (Sahih Musliim)
#Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu.
#Ramadaanni carraa guddaa hojii gaarii itti sassaabatanii fi hojii badaaf araarama Rabbirraa itti kadhataniidha.
#Rabbiin! Warra keeyrii ramadaanaa keessaa argatu, nuu haa tasisu.
4 164
#Ibaadaawwan Ramadaana keessaa.
#Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinxalaafi hubannoo waliin qara'uu, tasbiiha, tahliila, tahmiida, takbiiraa, istighfaara, du'aa'ii sharii'aa.
Gaariitti ajajuu, hamtuu irraa dhorguu, gara Rabbiitti waamuu, dhabeeyyiifi hiyyeeyyii irratti ballisuu.
Haadhaafi Abbaatti tola ooluu
keessatti qabsaa'uu, firooma fufuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuufi wantoota biroo gosa khayrii irraa ta'e keessatti qabsaa'uun karaa godhameera.
4 164
{ Salaata taraawiihaa }
#Salaanni taraawiiha salaata halkan ramadaanaa hunda salaata ishaa'iidhaa booda, witrii dura salaatamu salaanni taraawiihaa dhiirafii dhala'aaf ni barbaadama, nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akkaan salaatuu ture.
Ammalle nama itti kaasuu ture asaabotaafii warri Sahaaba dhaqqabe hundi jabeessanii salaatuu turan.
Taraawiihni asxaa ramadaana barakaa qabuuti. Isiin nama biratti kabajaa qabdi Rabbi biratti sawaaba guddaa qabdi.
halkan Ramadaanaa maaliin dabarsan.
salaatafii zikri'iin qur'aana qara'uudhan jiraachisudha.
waan Rabbiin je'u dhugo'oomsanii sawaaba Rabbii argatu'uu jecha waan kanniin yoo dalagan diliin cubbuun dabarte namaaf dhiifamti. Akkuma Hadiisaan dabre
"ﻣﻦ ﻗﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺍﻳﻤﺎﻧﺎ ﻭﺍﺣﺘﺴﺒﺎ ، ﻏﻔﺮ ﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻘﺪﻡ ﻣﻦ ﺫﻧﺒﻪ"
“Namni Ramadaana dhaabbate dhugo'oomsaa abdachaa badiin isaa ta dabarte araarama godhamtiif.’’
4 164
Salaata halkanii salaatuu.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
قال رسول الله || ًمن قام رمضان إميانا ً واحتسابا، غفر له ما تقدم من ذنبه. متفق عليه.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Hadisatti “Namni Ramadaana dhaabbate (salaate) dhugo'oomsaa abdachaa badiin isaa tadabarte araarama godhamtiif.’’
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
(bukhaarii fi muslim)
4 164
Repost from Nuuralhudaa
Baga Rabbiin ittiin nuun gahe.
Addeessi Ji’a Ramadaanaa jum’aa har’aa waan argameef, Soomanni galgala har’aa kan jalqabamu tahuu beekkameera.
Warra irraa fayyadamu nu haa taasisu.
4 164
Innaa Lillaahi wa,innaa ileyhii Raaji,uun
Aalim keenya, qabsaa,aan mirga namoomaa, Lolaa Lolchiisaan Haji Hasan gammadaa gara fuula Rabbii isaanii deeman. Rabbi keessummaa isaa kana ijaa Rahmataatiin isaan ha mil`atu. Rahmata hagodhuufi.
4 164
#Soomanarraa kan beekuu qabnu.
Barruun gabaabduun dhimma soomanaa ibsitu tuni kennaa obboleeysi iimaanaa isiniif kenne.
Ramadaana hubannoon beekkumsarratti, iimaanaa fii taqwaan soomannee akka
milkiin galluuf qopheeyse.
💳 Jafar Bayan
4 164
Ramadaanni Waggaa dabree yeroo sirraa xumuramu wantoota itti gaabbite heddduutu jira. Isaan keessaa....
🛑 Qur'aana kan fixxee yeroo xiqqaa ta'uun
🛑 salaata haalkanii irratti hirdhina sirra jiruun
🛑 sadaqaan keennite xiqqaa ta'uun
🛑 namoota lulluuqqachiisuu dhabuu keetin
🛑 wantoota hin eyyamamiin laaluufi dhageefachuu keetin
🛑 walitti dhufeenya hiriyootaa fi maatii kee wajjiin qabdu gaarii ta'uu dhabuun
🛑 dadhabina zikrii irratti qabduun
🛑 salaata jama'aadhaan salaatuu dhabuu keetin ta'uu danda'a.
eeganaa Rabbiin si milkeessee ramadaan kanaan yoo siin gahe, ramadaan baranaa ka bara tareetin maalin addaan baasuu yaadde? Moo yaadni kee haalu walfakkaatun dabarsuu dha?
