en
Feedback
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Open in Telegram

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Show more
4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
🎙Dhaamsa gabaabaa sheeka keenya irraa. तततततततततततततत 📍Ibaadaan waan isiif jecha rabbiin nu uumeedha. Ibaadaan maali? तततततततततततततत ⌚️Daqiiqa 2 gadi fi MB 1 gadi. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Adda Addummaan Shirkii Guddaa fi Xiqqaa gidduu jiru Maali? Adda addummaa gidduu isaanii jiran keessaa: Shirkii Guddaan namni
Adda Addummaan Shirkii Guddaa fi Xiqqaa gidduu jiru Maali? Adda addummaa gidduu isaanii jiran keessaa: Shirkii Guddaan namni isa raawwate duniyaa keessatti Islaaman ala akka ta’e itti murtaa’a; aakhiratti ammoo ibidda keessa bara baraan jiraata. Shirkii Xiqqaan garuu namni isa raawwate duniyaa keessatti kaafirummaan itti hin murtaa’u; aakhirattis ibidda keessa bara baraan hin jiraatu. Gara biraatiin shirkii guddaan dalagaa hunda kan balleessu yoo ta’u, shirkiin xiqqaan garuu dalagaa irratti argame sana qofa balleessa. Ammas qabxiin irratti wal dhabame kan biraa namni shirkii xiqqaa hojjate akkuma nama isa guddaa hojjatee tawbaa malee araara hin argatu moo ni argata? yookan akkuma cubbuu gugurdaa biraatiinis fedha Rabbii irratti hundaa’a? kan jedhu. Kamii isaanillee yoo ta’e garuu lamaanuu garmalee hammaatoodha.

#Dhiifama guddaa obboleewwan sababoota garagaraa nu mudatannirraa, Gaafiif deebicha qopheessuu hin dandeenye. Afwan.

Kuxbaa Sheikh Mohammed Arroolee . ⌚️ daqiiqaa 11:50 🛄 size MB 3.1

Daandii Jijjiramaa-kutaa 3ffaa Daandii jijjiramaa itti fufuun har’as imala keenya karaa sirri qabanne deemna. https://telegra.ph/Daandii-Jijjiramaa-kutaa-3ffaa-02-04

Qur’aana Qofarratti hundoofnee Sunnaa Nabiyyichaa [s.a.w] Irraa Duroomuu ni Dandeenyaa? Kun hin danda’amu. Waan Rabbiin sunna
Qur’aana Qofarratti hundoofnee Sunnaa Nabiyyichaa [s.a.w] Irraa Duroomuu ni Dandeenyaa? Kun hin danda’amu. Waan Rabbiin sunnaatti dalaguu nu ajajeef. Innis jecha Isaa kan “waan ergamaan kiyya isinitti fide fudhaa, waan inni irraa isin dhorgerraa fagaadhaa” jedhu keessatti kana nu ajaje. Sunnaan kan dhufte qur’aana hiikuu qofaafi. Isaan malee tokko tokkoon waa’ee amantii kan akka sagadaa hin beekamu. Ergamaan Rabbii [s.a.w] akkana jedhu:- “Dhaga’aa! Ani kitaabni naaf kennameera; fakkaatan isaas waliin naaf kennameera. Dhaga’aa! namichi quufaan boraatitti (makaddatti) irkatee fi ‘qur’aana kana qofa qabadhaa, waan isa keessatti halaala ta’ee argitan halaala godhaa, waan isa keessatti haraama ta’ee argitan haraama godhaa jedhu ni dhufa. Innis sunnaa diduuf akkas godha.” (Abuu Daawud) 17

#Gidiraan Guddaan Ilma Namaa Mudatu Kami? Nabiyyiin [s.a.w] akkana jedhu:- “Uumama Aadam irraa jalqabee hanga guyyaa qiyaamaatti gidiraa guddaan Dajjaaliin caalu hin jiru.” (Muslim) Namichi kun ilma namaa kan dhiira irraa ta’e yoo ta’u, yeroo qiyaamaan dhihaatte bara maayessaa keessa dhufa. Gidduu ija isaattis (kfr) ykn “kaafir” kan jedhu katabameera. Mu’uminni hundi kana ni qara’a. Ijji isaa kan mirgaa kalaamsuudha akka inabii coollibee fakkaatti. Jalqaba nama waan gaarii hojjetu ta'ee dhiyaata. Ergasii nabiyyummaa himata. Ergasii Rabbummaa himata (ani rabbii natti amanaa jedha). Namoota bira deemee waamicha godhaaf. Isaan garuu ni kijibsiisu. Jecha isaa fudhachuu didu. Isaanirraa deebi’a. Qabeenyi isaanii isa waliin deemee harka duwwaatti hafu. Ergasii gara namoota biraa deeme waamicha isaanif godha. owwataniifii isa dhugoomsu. Samii ajajee roobsisa, dachiis ajajee biqilchiisa. Yeroo gara namootaa dhufu isaa wajjin bishaaniifi ibiddatu jira. Ibiddi isaa bishaan qabbanaa'aadha, bishaan isaammoo ibidda. Mu’uminni hundi xumura sagada isaa hunda irratti gidiraa isaa irraa Rabbitti maganfachuu qaba. Yoo beeke keewwatoota jalqaba suuraa Kahaf irra jiran haa qara’u, ykn fitnaa isaa sodaatee isaan wal qunnamuu irraa haa maganfatu. Nabiyyiin [s.a.w] akkana jedhu:- “Namni Dajjaalin dhaga’e isarraa uf haa eegu. Rabbitti kakadhee! namichi mu’umina uf see'ee isatti dhufa, boodarra kanuma harka isaa keessa seene of arga.” (Abuu Daawud) #Dachii gubbaa guyyoota afurtama jiraata. Guyyaan tokko akka waggaati, guyyaan tokkommoo akka ji’aa ti, guyyaan tokko akka jum’aati, guyyoonni hafan akkuma guyyaa amma jiraniiti. Makkaa fi Madiinaa malee biyya ykn dachii tokkollee odoo hin seenne hin hafu, ergasii Iisaan (A.s) bu’ee isa ajjeesa.

#Gidiraan Guddaan Ilma Namaa Mudatu Kami? https://t.me/risalaTube/1582
#Gidiraan Guddaan Ilma Namaa Mudatu Kami? https://t.me/risalaTube/1582

#Jamaal Aliyyii. Dhaamsa sifayyadu mee dubbisii iitti fayyadami. Ilma namaa keessatti waan gaarii facaafadhu, yoo Jaalala qab
#Jamaal Aliyyii. Dhaamsa sifayyadu mee dubbisii iitti fayyadami. Ilma namaa keessatti waan gaarii facaafadhu, yoo Jaalala qabaachuu baatteefiis kabajaa qabaadhuuf. isaaniin wajji qixxee hin tahin Hamtuu hamtuun hin deebisin gaaruma sibira jirtuun simadhu.

~ ✅ Deebi gaaffi guyyaa har'aaf. ~ 1-》"B" 2-》"B" 3-》"D" 4-》Shakkiin wantoota gurguddaa sadii irraa madduu danda’a. Isaanis; #Beekumsa gadi fagoo dhabuu– namni beekumsa yoo hin qabaatin jireenyi itti naannofti. Dhugaa fi soba addaan baafachun itti ulfaata. Maddii beekumsaas murteessadha. Maddii beekumsaa namoota daandii qajeelaa irra jallatan yoo ta’ee akkasuma nama jallisa. Sobaa fi dhugaan walitti naqame/makamee nama dhiphisa. Kanaafu shakkii armaan olii fi kan biraa irraa qulqullaa’uuf maddii beekumsa Qur’aana fi Hadiisa Ergama Rabbii (SAW) ta’uu qabu. #Cubbuu keessa daakuu- cubbuun ifa beekumsaa dhaamsun dukkana wallaalumatti nama gata. Cubbuun diina/aduwwii beekumsaati. Qalbii shakkii fi wallaalummaan gurraachesuun dhugaa fi soba addaan akka hin baafanne nama godha. Ijji cubbuutti rakkattu akkamitti ifni beekumsa itti seenaa yoo cubbuu san dhiisu hin yaalin malee? Cubbuun qalbii haguugun akka sibilaa dandee’essa. #Balaqeessa duniyaatin sobamuu fi hasaasa sheyxaanaa- balaqeesni duniyaa yoo namatti baay’atte ija jaamsa, qalbii dukkaneessa yoo namtichi beekumsa gadi fagoo qabaate irraa of hin tiiksin. Duniyaan tuni badde Qiyaaman waan dhaabbattu itti hin fakkaatu. “Jiraachu guyyaa Qiyaamatti hin amanu” jedha. İlma namaa kamiifu fakkeenyaa fi baruumsa akka ta’uuf Rabbiin Qur’aana keessatti namoota lama nuu eera. Tokko kan qabeenya baay’ee qabuu garuu imaana kan hin qabne fi kan biraa immoo qabeenya xiqqaa kan qabu garuu imaana kan qabu turan. Namticha jalqabaatti Rabbiin oyruu timiraa lama itti kenne. 5-》Mallatoolle Guyyaa Qiyaamaa keessaa muraas. #Beekumsi du’a aalimtootatin badu. #wallaalummaan fi fitnaan(rakkoo fi gadadoon) babal’atuu. #Harj ni baay’ata, Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhamanii gaafataman,”Yaa Ergamaa Rabbii ‘Harj’ maalidha?” Harka isaanitin akeekun ‘Ajjeechadha” jedhanii deebisan. #Hirmaattonni keenya dhiifama guddaa, boot deebiin irraan nu qaqqabu rakkoo teeknikaatiin deebiin osoo nu hin qaqqabin hafe, inshaa'allaah torbee dhufu irraa ni sirraaya Afwan hedduu galatooma baarakallaahu fiikum.

☆Gaaffiif deebii marsaa 107ƒƒαa ☆ Daandii Jijjiramaa-Kutaa 2ffaa ____ 🔎[1] Rabbiin Ilmi namaa Qur'aana akka hin booressinee fi qulqullummaa isaa eeggate akka turu itti gaafatamummaa eegumsaa ofirratti fudhate. #B | Dhugaa C#| Lakki 🔎[2] Guyyaa Qiyaamatti amanuun utubaa ....... keessaa tokko. #A| islaama #B| iimaanaa #C ihsaanaa 🔎[3]Shakkii ormi kuffaaraa namatti facaasan irraa of eeguuf. #A| Qur’aana qo’achuu #B| Qur'ana hojii irra oolchu. #C| keessa keenya qulqulleessu. #D| hunda 🔎[4]Shakkiin wantoota gurguddaa sadii irraa madduu danda’a, isaanis... 🔎[5]Mallatoolle Guyyaa Qiyaamaa keessaa muraas eeri... ❗️maqaa hin irraanfatinaa!! ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※ ※⏳ yeroon deebiin itti xumuuramu. ※ hanga salaata fajrii 11:00 . ※ ြၜAl-risala-tube ※ ြၜGaarommina qalbii. ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※ #Deebiif - https://t.me/Al_risala_tube_bot

Mu'jizaa Samii keessa jiru Samii keessa maaltuu jira? Kanarraa Qur’aanni maal jedha? Saayintistoonni hoo maal jedhan? Link ykn footoo kana tuqaa dubbisaa. https://blog.nuuralhudaa.com/mujizaa-samii-keessa-jiru-ce55b0baa6c5

Addunyaan nu sobdee!! Nashiidaa gaarii. ⌚️ daqiiqaa 4:13 🛄 size xiqqaa MB 1 gadi.

Jecha Hayyoota. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Nama dallansuudhaan adda baateen, tarii gaafa aariin irraa galte carraa walitti deebi
Jecha Hayyoota. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Nama dallansuudhaan adda baateen, tarii gaafa aariin irraa galte carraa walitti deebi'uu ni qabda, garuu nama sitti koflaa adda baateen ammoo walitti deebisaan ni jabaatti. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Beekaa jechaan nama waan gaarii fi hamaa addaan beeku qofa osoo hin taane, nama gaarii dalaguun hamtuu irraa of dhoorkeedha. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Seeqinsi islaamaa seeqinsa qalbii irraa dhufe, seeqinsi namni obboleessatti seequ sadaqaadha, Nama islaamaatiif diiniidha, nama birootiif ammoo hojiidha, maamila harkisuudha, namatti fuula toluudha. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Kitaabni madrasaa eebbifame Wiirtuun (Markaza) Daarul Hijratayinii kitaaba madrasaa kutaa 1ffaa kan hanga kutaa 1-4tti barsii
+1
Kitaabni madrasaa eebbifame Wiirtuun (Markaza) Daarul Hijratayinii kitaaba madrasaa kutaa 1ffaa kan hanga kutaa 1-4tti barsiisuuf tajaajilu guyyaa har'aa 14/05/14 hoteela Ummaatti eebbisiisee jira. Eebba kana irratti ulamaa'ii gurguddoo akkasumas daa'iwwan fi ustaazonni fi hedduu argamanii jiru. Kitaaba madrasaa kutaa 1-4tti tajaajilu qopheessuun kun adeemsa barnoota Islaamummaaf tarkaanfii isa guddaa fi jalqabaa dha. Markaza kana keessatti kitaaba kana qopheessuun kan dadhabdan hundi miindaa keessan Rabbi jannata haa taasisu. Markazni kitaaba kutaa 2ffaa kan kutaa 5-8tti tajaajiluu yeroo gabaaba keessatti akka qooheessanii ummata keenyaaf dhiheessan deeggarsaan qaamni hundi cina isaanii akka dhaabbattan majlisni dhaaamsa dabarsa.

Daandii Jijjiramaa-Kutaa 2ffaa Yeroo darbee daandii jijjiramaa tuttuquuf yaalle turre. Ka’uumsa daandii jijjirama eerre/ibsinee turre. Amma ka’uumsa sanirraa kaane imala keenya jalqabuufi. Haa ta’uu malee daandiin imalaa kunii asphaalti osoo hin ta’iin dhoqqee,qoree fi gufuudhan kan guuttameedha. Amma gufuwwaan kanniini fi akkamitti akka of funduraa kaasan qoranna. Dhoqee,qoree fi gufuwwaan kunniin maal fa’a ta’ina laata? Bal'inaan haa ilaallu https://sammubani.com/2015/10/31/dj2/#.YeWTXJWEZzA

Fazakkir/Yaadachiisi! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Rabbiin [s.w] dhimma kana irra deddeebiin nu yaadachiisee, nu gorse ammallee dub
Fazakkir/Yaadachiisi! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Rabbiin [s.w] dhimma kana irra deddeebiin nu yaadachiisee, nu gorse ammallee dubbiin jabduu ta'urraa irra deddeebiin nu dinniine yookaa nu sodaachise. #Sunis guyyaa guddaa tokkootu dhufuu jira, guyyaa jajjaba, gaafa sana keessa ilmi namaa walirraa dheessa, warra fagoo qofaami, warra duniyaa irratti walii mararfatu kan akkaan walitti dhihoodhaatu walirraa dheessa. •Guyyaan suni guyyaa Namni ykn obboleessi, obboleessarraa dheysu. •Kan ilmi haadhaa fi abbaadharraa dheysu. •Guyyaa saahibni yookaa jaarsi fi jaartiin walirraa dheysu. •Guyyaa abbaan ilmaan isarraa dheysu. #Gaafas namni tokko, Nama birootiin maal taate kan hin jenne, maalif? Nama hundaa guyyaa qiyaama san, waan nabsee isaa malee dhimma nama biraa yaadatuu dhoowwutu jira. Yaa Rabbi na baasi malee ykn akkamin tayaa malee nama biraatii hin yaaddawu. Gaafs fuull warra Rabbitti amanee ni ifa, koflee gammade, Ammoo fuulli warra Rabbitti kafree guyyaa qiyaamaa sana dhukkeen ni hagooydi ni gurraachoma.