en
Feedback
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Open in Telegram

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Show more
4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
Innaalillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun. Innaalillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun. Muftii Sheek Adam Tuulaa gara aakhiraa de
+1
Innaalillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun. Innaalillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun. Muftii Sheek Adam Tuulaa gara aakhiraa deeman, Rabbiin quubsuma isaanii Jannatal Firdaws haa godhu. Maatiifi muslimoota maraaf Rabbi jajjabina haa kennu.

Fazakkir / yaadachiisi [Dhimma fayyaa onnee] ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Gama cinaacha mirgaatiin rafuun Sunnaa Nabiyyii keenyati s.a
Fazakkir / yaadachiisi [Dhimma fayyaa onnee] ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Gama cinaacha mirgaatiin rafuun Sunnaa Nabiyyii keenyati s.a.w. Miidhaa cinaachaa bitaa irratti ciisuun qaburra nu baraara. #Cinaacha bitaarratti hoggaa ciifnu onneen keenya gara oliitti waan ol dhiibamtuuf hojii elektiriikaa fi karrantii isii waan jeeqamuuf fayyaa onnee keenyaa irratti dhiibbaa qaba. Kana malees nama dhibee onnee qabuuf cinaacha bitaa irratti ciisuun hin gorfamu. Karaa biraatiin cinaacha bitaa irratti ciisani dubbisuun onneef gaarii miti. #Qorannoon biraa akka agarsiisutti namoota cinaacha bitaa irratti ciisaan maashiina onneetiin( ECG) hoggaa qorataman jijjiirama akka agarsiisu godha. Garuu cinaacha mirgaa irratti ciisuun maashiinaa onnee (ECG) irratti akka rakkoo tokko hin qabne mul'isa jechuudha. Kanaaf cinaacha mirgaa irratti ciisuun filatamaadha. Nabi muhammad nagayaa fi rahmanni rabbii irratti haa jiratuu akka cinaacha mirgaa irratti ciifnu nu ajajan! إذا أتيت مضجعك فتوضأ وضوءك للصلاة، ثم اضطجع على شقك الأيمن»

#⃣ Ergaan: beekkumsa islaamaa jechuun maali? 🎙Shek Amiin Ibroo ෴෴෴෴෴෴෴෴෴ ⏳ Hammi 2.1 MB 🎙 Daqiiqaa 8:51 ෴෴෴෴෴෴෴෴෴

#Jecha Hayyoota islaamaa. #Ijoolleen wiirtuu fi bu’uura hawaasni irratti ijaaramaniidha, isaanis faaya jireenya addunyaati. D
#Jecha Hayyoota islaamaa. #Ijoolleen wiirtuu fi bu’uura hawaasni irratti ijaaramaniidha, isaanis faaya jireenya addunyaati. Dhaloota dammaqaa hawaasaaf dhiyeessuuf guddinaa fi barnoota isaaniif xiyyeeffannoon kennamuu qaba. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Ijoollee keessan Qur’aana barsiisaa, Qur’aanni waan hunda isaan barsiisa!! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Ilmaan keessan adaba barsiisaa, itti gaafatama isaa waan qabdaniif. Maal addabde, maal barsiiste? Siif gaaromuu fi siif ajajamaa ta’u immoo isaatu itti gaafatamummaa qaba.” ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Akkuma ilmaan keessan qaama isaani ibbidda irraa tiksu hin dadhabne, ruuhii isaaniis jahaannam irraa tiksaa. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌 Jireenya nama tokkoo keessatti sadarkaan inni guddaan sadarkaa barnoota yunivarsiitii osoo hin taane, sadarkaa jireenyaa jalqabaa dhaloota irraa kaasee hanga umurii jahaatti argatuudha. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Qabxiilee faaydaa qaban: Jaalalli nabiyyii (s.a.w) dirqama akka ta’e beeki "ٱلنَّبِىُّ أَوْلَىٰ بِٱلْمُؤْمِنِينَ مِنْ أَنفُس
#Qabxiilee faaydaa qaban: Jaalalli nabiyyii (s.a.w) dirqama akka ta’e beeki "ٱلنَّبِىُّ أَوْلَىٰ بِٱلْمُؤْمِنِينَ مِنْ أَنفُسِهِمْۖ وَأَزْوَٰجُهُۥٓ أُمَّهَٰتُهُمْ." "Nabbiyyiin rabbi, Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu, isaatu lubbuu mu'minarra mu'minatti aana, haqa nabiitu haqa lubbuu isarra jabaadha, yoo nabseen tee wahitti si yaamtee nabi Muhammad wahitti si yaame, tee dhiifteti ta nabii qabatta #Jaalalli qofti hin ga’u, mataa kee dabalatee waa hunda caalaa si biratti jaallatamuu qaba. Namni waan tokko jaallate, waan hundarra isa caalchisa. Fedhii isaas fedha ufii irra caalchisa. Kanaaf namni dhugaan jaalallee nabiyyiiti jedhamu isa mallattoon kun irraa calaqqisu. Kana jechuun waan hunda keessatti isaan faana bu'uu, jechaanis ta’e dalagaan sunnaa isaanii hordofuu, ajaja isaanii fudhachuu, waan isaan irraa dhorkanirraa fagaachuu, rakkinaa fi bal’ina keessattis ta'e, gammachuu fi gadda keessattis naamusa isaaniitti buluu. Ibaadaafi hordoffiin bu’aa jaalalaati, kanaan ala jaalalli hin argamu.

Addunyaan Islaamaa har'a nama jabaa dhabde. Sheekha barreessaa kitaabaa, barreessaa walaloo, Geggeessaa Itti gaafatamaa Gamta
Addunyaan Islaamaa har'a nama jabaa dhabde. Sheekha barreessaa kitaabaa, barreessaa walaloo, Geggeessaa Itti gaafatamaa Gamtaa Ulamaa'ii Idil addunyaa, Daa'ii fkkf irratti qooda leencaa qabaachuu turee Sheekh Yuusuf al Qardaawii. Aalima beekkamaa Tokkummaa Islaamaatii fi warraaqsa Sammuutiin Muslimoota Ilaalcha akka qaama mootummaa keessaa fagaachuu qabna jedhanii yaadan Irratti dhiibbaa guddoo uumuun akka muslimoonni geggeessaa jabaa tahuu danda'an gorsaa ture. Walumaa galattuu Muslimoonni addunyaa nama jabaa tokko dhabne. Rabbiin haa rahmatuuf.

Yaa onnee tasgabbaayi: onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaarii
Yaa onnee tasgabbaayi: onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaariin sanaan argama. Kun argamuuf sababaawwan amantiin, uumamaani fi dalagaan wal qabatantu jira #Sababaawwan kanniin mu’umina malee namni biraa walitti qabachuu hin danda’u. Sababaawwa kanniin keessaa gariin 1.Rabbitti amanuu, Waan ajajaman hojjachuu fi wanta dhoorgaman irraa fagaachuu 2.Jechaan, hojiini fi waan gaarii hunda gochuunif uumamatti tola ooluu 4.Hojii fi barnoota amantii fi duniyaa kan bu’a-qabeessa ta’een qabamuu 5.Hojii fuula duraa dhufuu fi isa dabretti yaadda’uu dhiisanii kan yeroo irra jiranii hojjachu 6.Zikrii Rabbii baay’isuu 7.Ni’imaa Rabbii, isa ifaati fi dhokataas, irraa haasa’u 8.Waa'ee duniyaa keessatti nama ofii olii ilaaluu dhiisanii nama ofii gadii ilaaluu 9.Sababaawwan yaaddoo fidan dhabamsiisuu fi isaan gammachuu fidan argamsiisuuf yaalii gochuu 10.Du’aa’iwwan ergamaan Rabbii s.a.w yaaddoo dhabamsiisuf itti fayyadamaniin Rabbiin s.a.w kadhachuu.

Jecha Hayyoota islaamaa. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Sagalee keessan osoo hin taane dubbii keessan ol kaasaa. Daraaraa kan biqilc
Jecha Hayyoota islaamaa. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Sagalee keessan osoo hin taane dubbii keessan ol kaasaa.  Daraaraa kan biqilchu rooba malee bakakkaa miti.” ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌"Duuti qalbii wallaalummaadha, jireenyi qalbii ammoo beekumsa.” ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Icciitii ofii keetii dhoksuu dadhabde namatti himte, akkamiin namni naa dhoksa jettee eegda? ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📌Namni jireenya duniyaaa Aakiraaf jecha gurgure lamaan isaanituu injifate, Kan jireenya Aakiraa jireenya duniyaatiif gurgure lameen isaanituu dhabe. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Hojiin_gosa_sadii_qaba: 1) Dilii(cubbuu): niyyaan namaa osoo gaariillee tahee, yoo cubbuu hojjetan niyyaan sun cubbuu sana w
#Hojiin_gosa_sadii_qaba: 1) Dilii(cubbuu): niyyaan namaa osoo gaariillee tahee, yoo cubbuu hojjetan niyyaan sun cubbuu sana waan gaariitti hin jijjiiru. Sababaa niyyaan namaa gaarii taheef haraamni halaal hin tahu. 2) mubaaha (waan dhorkamaa hin taane garuu hojjechuun mindaa kan hin qabne) kan akkasii yoo niyyaan keessa dhufe gara Rabbiitti nama dhiheessuu ni danada'a. 3)ibaadaa: kunimmoo niyyaadhaan walitti hidhamaadha, akkuma niyyaa isaatti mindaan isaa isaaf baayifama. Rasuulli (sallallaahu aleeyhi wasallam) akka jedhan "namni waan gaarii tokko hojjechuu yaadee utuu hin hojjetin hafe, Rabbi hasanaa (toltuu) tokko guutuu isaaf kataba, yoo ammoo yaadee hojjete hasanaa kudhan isaaf katabee hanga dhibba torbaatti isaaf baayisa, irra darbee hanga kana hin jedhamnetti isaaf baayisa. Namnimmoo cubbuu tokko hojjechuu yaadee utuu hin hojjetin hafe hasanaa tokko guutuutu isaaf katabama, yoo yaadee hojjetemmoo cubbuuma tokkittiitu itti barreeffama" (bukhaarii fi muslim)

Hamma Guyyaa fi Halkan Keessatti Qara'amuu Qabu: Sahaabonni nabiyyii salallaahu aleeyhi wasallam guyyaa hunda qur'aana irraa
Hamma Guyyaa fi Halkan Keessatti Qara'amuu Qabu: Sahaabonni nabiyyii salallaahu aleeyhi wasallam guyyaa hunda qur'aana irraa hamma qara'uu qaban ofiif murteeffatu turan. Garuu isaan keessaa namni yeroo guyyaa torba hin geenye keessatti isa xumuruu irratti aadeftate hin jiru. Inumaa yeroo guyyoota sadihii gadii keessatti xumuruu irraa ragaan dhoorgu dhufeera. Kanaaf, yaa obboleessa kiyya! yeroo kee isa qara'uu irratti dabarsuuf yaali. Guyyaa guyyaan hamma qara'uu dandeessu murteeftadhuu dhimma fedhes yoo ta'e hin dhiisin; waan xiqqaan yeroo hunda hojjatamu isa guddaa jidduun dhiifamu irra caalaa waan ta'eef. Yoo irraanfatte ykn hirribni irraa si dage, borumtaa san qadaa baasi, Yaa rabbi Qiraati fi itti dalagaa isaatis nuu laaffisi. Allaahumma salli wa sallim alaa sayyidinaa Muhaammed.

#Toltuu taatus dhoksaan. Akkuma dilii tee eenyullee akka arguu hin barbaanne, hojii kheeyri keetillee akka namoonni argan yoo
#Toltuu taatus dhoksaan. Akkuma dilii tee eenyullee akka arguu hin barbaanne, hojii kheeyri keetillee akka namoonni argan yoo barbaadu dhiiste, mukhlisoota (warra ikhlaasa qaban) keessaa ta'uun kee ni abdatama. Hojiin kheyrin riyaa (na argaa) fi ujb (of-dinqisiifachuu) irraa qulqulluu taatee, dhugumatti hojii mizaana kaastu fi Rabbii olta'aa biratti qeebalamtuudha. Hojiin tuni qalbiif tasgabbii taati. Kanaafi, Imaamu Ibn Taymiyaan akkana jedha: Hojii kheeyri irraa tasgabbii yoo hin argatin, of qoradhu."Sababni isaas, Rabbiin subhaanhu wa ta'aalaa Qur'aana kabajama keessatti ni jedha: “Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane) ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenyaa gaarii isa jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turanitiin isaan mindeessina.” (16:97) Kanaafu, namni hojii isaa na argaa (riyaa) fi of-dinqisiifachuu (ujb) irraa qulqulleesse, dhugumatti jireenyaa gaarii ni jiraata. Jireenyi gaariin baay'inna qabeenyaa osoo hin ta'in, tasgabbii qalbiiti.

#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda? •Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin b
#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda? •Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu, inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e. •Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti. *Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu. Yaa rabbi nu milkeessi.

#Sahl Ibn Abdullah akkana jedha: "Wanta irraa dhoowwaman hojjachuu caalaa wanta itti ajajaman dhiisuun Rabbiin biratti badiin
#Sahl Ibn Abdullah akkana jedha: "Wanta irraa dhoowwaman hojjachuu caalaa wanta itti ajajaman dhiisuun Rabbiin biratti badiin isaa guddaadha. Sababni isaas, Aadam muka nyaachu irraa ni dhoowwame, garuu ni nyaate. Ergasii Rabbiin akka tawbatu isa taasisee tawbaa isaa isarraa qeebale. Ibliis immoo Aadamiif akka sujuudu ni ajajame, garuu sujuudu ni dide, Rabbiin akka tawbatu isa hin taasisne." Kuni dhimma baay'ee barbaachisaa ta'eedha. Wanta Rabbiin dhoowwe dhiisu caalaa wanta Inni ajaje dhiisun Isa biratti badii guddaadha. Kunis karaa adda addaatin mirkaanaa'u danda'a: -Dhimma Aadamii fi Iblis ilaalchisee wanta Sahl dubbateedha. -Yeroo baay'ee maddi wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuu fedhii lubbuu fi haajaadha. Wanta Inni itti ajaje dhiisun yeroo baay'ee maddi isaa of-tuulu fi of-guddisuudhaWanta itti ajajaman hojjachuun soorata, faaya, qananii fi gammachuu qalbiiti. Wanta itti ajajaman osoo hin hojjatin wanta irraa dhoowwaman dhiisu qofaan homaa hin argamu. #sammuban.com

IDDOO 10 tti CALDHISI 1. Yeroo Qur'aanni Qara'amu Caldhisi. Yeroo Kan Si Uume Sitti Haasa'u Caldhisuun Milkaa'ina. 2. Dhibee
IDDOO 10 tti CALDHISI 1. Yeroo Qur'aanni Qara'amu Caldhisi. Yeroo Kan Si Uume Sitti Haasa'u Caldhisuun Milkaa'ina. 2. Dhibee Kee Dubbattee Nama Si Hubachuu Hin Dandeenye Biratti Caldhisi. 3. Waan Haasoftu Irratti Beekkumsa Yoo Hin Qabaanne Caldhisi. 4. Wollaalaa Akka Wollaalaa Ta'e Wollaale Biratti Caldhisi. 5. Haasofni Kee Sababa Waa Diiguu Akka Ta'e Gaaf Hubatte Caldhisi. 6. Yeroo Arrabni Kee Hammeenya Nama Biroo Dubbachuuf Jarjaru Hin Dubbatinii Caldhisi. 7. Yeroo Nama Aaree Sitti Fiigu Bira Geette Caldhisi. Wanti Nama San Qabbaneessu Caldhisuu Kee Qofa. 8. Yeroo Namni Gaarii Fi Yaadni Isaa Si Caalu Haasa'u Caldhisi. 9. Yeroo Namni Waa Si Barsiisu Caldhisi. Afaan Jecha Dhangalaasuun Jechi Hin Seenu Waan Ta'eef. 10. Bakka Caldhisuun Haasa'uu Caala Gatii Qabutti Caldhisi. #A.Nasir fb Umar " Takkaa callisuu kiyyattii gaabbee hin beeku, garuu guyyaa hedduu dubbachuu koottii sheenawe"

Repost from Nuuralhudaa
#Odeeyfannoo_Ammee Yaa'ii Majliisa Dhimmoota Islaamaa Marsaa Lammaffaa har'a geggeeffamaa jiruun, Sheikh Hajjii Ibraahim Tufa
#Odeeyfannoo_Ammee Yaa'ii Majliisa Dhimmoota Islaamaa Marsaa Lammaffaa har'a geggeeffamaa jiruun, Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaa Prezidaantii Majlisa Federaalaa tahuun filatamanii jiru. Haaluma walfakkaatuun filannoon itti aantotni lamaa yeroo ammaa kana geggeeffamaa jira. Guutuu odeeyfannoo kanaa gara boodaa isin biraan geenya inshaa Allaah! Nuuralhudaa Soora Qalbii Muslimaa

#Rakkoon sitti heddumaataa? Gaddii fi rakkoon har'a keessa jirtu boru jabeenyaa fi muxannoo siif ta'aa abdii hin kutin. Namni
#Rakkoon sitti heddumaataa? Gaddii fi rakkoon har'a keessa jirtu boru jabeenyaa fi muxannoo siif ta'aa abdii hin kutin. Namni rakkoon waxalamu akka warqii ibiddaan waddamuuti. Warqiin yommuu lafa keessaa baafamu akka qulqullaa'u fi jabaatu ibidda keessatti gubama. Ibidda keessatti erga gubame booda xuriin irraa bahuun qulqullaa'a, akkasumas ni jabaata. Haaluma kanaan, namni rakkoo adda addaa argus qalbiin isaa ni qulqulloofti, keessi isaa jabaa ta'a. Kanaafi, Nabiyyoonni namoota hunda caalaa rakkoon isaanitti rooba. Kunis isaan qulqulleessuu fi jabeessufi. Yaa jarana osoo rakkoon homaatu nu qunnamu baate, silaa nuuf dhumatte. Rakkoolee ciccimoo keessa darbuun jabeenya akka sibiilaa arganna. Garuu kana yommuu jedhu, rakkoo hawwuu qabna jechuu miti. Eeyyeen, hanga danda'ameen rakkoo irraa dheessun wanta barbaadamudha. Yommuu rakkoon nama qunnamu immoo gadi dhaabbanaa (sabaata), obsaa fi abdiiin barbaachisadha.

#Eid_Al-Adhaa_Mubark 1443.
#Eid_Al-Adhaa_Mubark 1443.

خطبة يوم عرفة ١٤٤٣ ألقاها معالي الدكتور محمد العيسى. #Kuxbaa gudicha Arafaa bara 1443 Masjid Al Namirah Arafaattii, kan kuxbicha gaggeessan Hogganaa #Liigii Muslimoota Addunyaa kan tahan, Sheik Mohammad Bin Abdul-kariim Eisa. 💳MB 4.6 Daqiiqaa 14:09

#Oolmaa ardii Arafaa 1443.
+1
#Oolmaa ardii Arafaa 1443.